\id 2KI - Guji Bible \ide UTF-8 \h 2 Moototaa \toc1 Kitaaba Moototaa Ka Lammeesso'oo \toc2 2 Moototaa \toc3 2 Mot. \mt1 Kitaaba Moototaa Ka Lammeesso'oo \imt Seensa \ip Kitaab moototaa ka lammeesso'oo addee dabarsii kitaab moototaa ka qaraa itti dhaabbachiise irraa jalqabee marroo mootummoota lama ta Israa'elootaa dubbata. Kitaab kun kutaa lamatti qoodamuu dande'a. \ip 1. Dabarsii mootummoota lamaa ta dhaloota Kiristoosiitiin duraa, wodhakkaa jaarraa sagaleesso'ootii jalqabee, haga jinnana Samaariya'aatii fi haga dhuma mootummaa kaabaa ta dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba torbaa fi diddamii lama keessaa dubbata. \ip 2. Dabarsii mootummaa Yihuda'aa ta jinnana mootummaa Israa'eliitiin jalqaddee, haga mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaa keessatti Yerusaalem qabatee balleessee dubbata. \ip Kitaab kun Gadaaliyaan bulchiisa Baabilonii jalatti bulchaa biyya Yihuda'aa akka te'ee fi mootichi Yihuda'aa Yo'aakin Baabilon keessatti mana hidha'aa keessaa akka baye himiisaan buufata. \ip Moototi, kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa Waaqaaf addatamummaa waan dhabaneef, badiin tun biyyatti dhutte. Badiis Yerusaalemiitii fi booji'amiis kolbaa hedduu Yihuda'aa jijjiirama guddaa dabarsii Israa'elootaa ti. \ip Kitaaba Moototaa ka lammeesso'oo keessatti raagichi beekkame ka addee Eliyaasii bu'e Elsaa'i. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Mootummaa Qoqoodante\ior 1:1—17:41\ior* \io2 Raagicha Elsaa'i\ior 1:1—8:15\ior* \io2 Mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii\ior 8:16—17:4\ior* \io2 Jinnana Samaariya'aa\ior 17:5-41\ior* \io1 Mootummaa Yihuda'aa\ior 18:1—25:30\ior* \io2 Hisqiyaas Irraa Jalqabee Haga Yosiyaasii\ior 18:1—21:26\ior* \io2 Bulchiisa Yosiyaasii\ior 22:1—23:30\ior* \io2 Mootota Yihuda'aa Ta Dhuma Irraa \ior 23:31—24:20\ior* \io2 Jinnana Yerusaalemii\ior 25:1-30\ior* \c 1 \s1 Raagicha Eliyaasii Fi Mooticha Ahaaziyaa \p \v 1 Mootichi Israa'elii Ahaab du'een duuba biyyi Mo'aabii Israa'el mormitee finqilte. \p \v 2 Yennaa san mootichi Israa'elii Ahaaziyaan, Samaariyaa keessatti kolloo mana mootummaa ifii ta gubba'aa irraa bu'ee miidhamee irkateeraayyu; maarre inni, «Ani dhibee tana irraa ka fayyu yoo te'e, Ba'aal Zebub waaqa qachaa Eqroonii Filisxeemotaa dhaqa'aatii naaf gaafadha'a!» jedhee namoota erge. \v 3 Ergamaan Waaqaa ammoo, Eliyaasii Tishbeetichaan, «Ka'iitii namoota mootichi Samaariya'aa erge dhaggiisaaf ol bayiitii, ‹Waaqi Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf dhaxxanii?› jedhii gaafadhu. \v 4 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Ahaaziyaa, ati dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› jedha» jedhe. \p Achiin duuba Eliyaas deeme. \v 5 Namooti ergamane sun gara mootichaa yennaa deebi'ane, mootichi, «Maaf deebitanee dhuttane?» jedhee isaan gaafate. \p \v 6 Isaanille, «Nami tokko karaa irratti nu dhaggee, gara mooticha isin ergee deebi'a'aatii, Mootiin Waan Maraa, ‹Waaqi Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf, namoota ergitaa? Tanaaf dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› jedheera» jedhanee deebisane. \p \v 7 Mootichille, «Nami karaa irratti isin dhaggitanee, tana isinitti dubbate nama attam jiru?» jedhee isaan gaafate. \p \v 8 Isaanille, «Namicha dabbasicha\f + \fr 1:8 \fr*\fqa Namicha dabbasicha: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa namicha woyaa dabbasittii uffateeru \fqa*\ft jedhamuulle hin dande'a.\ft*\f*, hidha ifii teephaan hidhateeru» jedhanee deebisane. Mootichille, «Inniin sun, Eliyaasii Tishbeeticha!» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba mootichi ajajaa shantamaa, loltoota shantama isaa woliin gara Eliyaasii erge; ajajaan shantamaa sun gara Eliyaasii qaccee koobaa irra tee'eeruu dhaqee, «Nama Waaqaa, mootichi, ‹Koy, gad bu'i› si'iin jedha» jedheen. \p \v 10 Eliyaasille, ajajaa shantamaa saniin, «Ani nama Waaqaa yoo te'e, ibiddi ol gubbaa irraa bu'ee, si'ii fi loltoota teeti shantama muxuqi godhuu ti!» jedheen; yoosuma ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee, ajajaa shantamaatii fi loltoota isaa shantama san muxuqi godhe. \p \v 11 Mootichi ammalle ajajaa shantamaa dhibii loltoota isaa shantama woliin erge; ajajaan shantamaa sun gara Eliyaasii dhaqee, «Nama Waaqaa! Mootichi, ‹Ammuma koy, gad bu'i› si'iin jedha» jedheen. \p \v 12 Eliyaasille deebisee, «Ani nama Waaqaa yoo te'e, ibiddi ol gubbaa irraa bu'ee, si'ii fi loltoota teeti shantama muxuqi godhuu ti!» jedheen; yoosuma ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee, ajajaa shantamaatii fi loltoota isaa shantama san muxuqi godhe. \p \v 13 Mootichi ammalle ajajaa shantamaa ka sadeesso'oo loltoota isaa shantama woliin erge; ajajaan shantamaa ka sadeesso'oo kun gara Eliyaasii ol bayee, isa duratti jilbiiffatee, «Nama Waaqaa! Maganne'ee, jiruu tiyyaa fi jiruu tajaajiltoota teeti shantama tanaa marari! \v 14 Kunoo, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee ajajjoota shantamaa lamaa fi loltoota isaanii mara muxuqi godheera; amma ammoo jiruu tiyyaaf marari!» jedhee kadhate. \p \v 15 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa Eliyaasiin, «Isa woliin gad bu'i; isa hin sodaatin» jedhe. Tanaaf, Eliyaas ka'ee ajajaa shantamaa san woliin gara mootichaa gad dhaqee, \v 16 mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waaqi isin gaafattanu Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf, namoota ergitee? Tanaaf dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› si'iin jedha» jedheen. \p \v 17 Maarre akkuma jecha Mootiin Waan Maraa karaa Eliyaasiitiin dubbate, mootichi Ahaaziyaan du'e; Ahaaziyaan ilma waan hin qanneef, obboleessi isaa Yehoraam addee isaatitti mootii te'e. Tunille ilmi Yoshaafaaxii Yehoraam Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti teete. \p \v 18 Wonni dhibiin ta mootichi Ahaaziyaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \c 2 \s1 Eliyaas Gara Ol-gubba'aa Fudhatame \p \v 1 Yennaan Mootiin Waan Maraa Eliyaas hobonbolatti'iin gara ol-gubba'aa fudhatu geette; Eliyaasii fi Elsaa'i Giilgalii ka'anee, \v 2 adoo ideensa irra jiranuu, Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Bet'elii waan na ergeef, ati asuma turi!» jedhe. \p Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu» jedheen. Maarre isaan gara Bet'elii gad dhaqane. \p \v 3 Raagoti Bet'el keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhufanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane. \p Elsaa'i deebisee, «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a» jedhe. \p \v 4 Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Yeriko'oo waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe. \p Elsaa'ille deebisee «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedhe. Maarre isaan gara Yeriko'oo dhaqane. \p \v 5 Raagoti Yerikoo keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane. \p Elsaa'i deebisee «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a!» jedheen. \p \v 6 Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara laga Yordaanosii waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe. \p Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedheen. Maarre isaan lamaanuu itti fufanee woliin ideemane. \v 7 Raagota keessalle'ee namooti shantam dhaqanee, addee Eliyaasii fi Elsaa'i dhaabbataneeranu irraa fagaatanee, fuullee laga Yordaanosii dhaabbatane. \v 8 Achiin duuba Eliyaas geellaa ifii fuudhee, dachaasee ittiin bisaan dhowe; bisaan sun gargar citee, lafa godduu irra ideemanee gamatti bu'ane. \v 9 Isaan yennaa gamatti bu'ane, Eliyaas Elsaa'iin, «Ani adoo si duraa hin fudhatamin, maan akka si'iif godhu natti himadhu» jedhe. \p Elsaa'i deebisee, «Maganne'e, qooda Ayyaana keetii dachaa\f + \fr 2:9 \fr*\fqa Dachaa: \fqa*\ft Israa'el keessatti ilmi angafichi qooda dhaalaa keessaa dachaa fudhata.\ft*\f* akka dhaalu na godhi» jedhe. \p \v 10 Eliyaas deebisee, «Ati waan jadduu gaafatte; te'uu malee yennaa ani si duraa fudhatamu yoo na dhaggite, waan gaafatte kana hin dhaggatta; yoo na dhagguu dhadde ammoo hin dhaggattu» jedheen. \p \v 11 Adoo isaan woliin haasowaa ideemanuu, garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaatii fi fardooleen ibiddaa wodhakkaa isaanii seentee, isaan lamaan gargar baatte. Eliyaasille hobonbolatti'iin gara ol gubba'aa fudhatame. \v 12 Elsaa'i tana dhaggee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete!» jedhee iyye; achiin duuba inni deebi'ee Eliyaas hin dhaggine. \p Elsaa'i guddoo waan gaddeef, woyaa ifii addee lamatti tarsaase. \v 13 Elsaa'i woyaa Eliyaas irraa buute lafaa fuudhee, deebi'ee qarqara laga Yordaanosii dhaabbate. \v 14 Inni woyaa Eliyaas irraa buute fuudhee ittiin bisaan dhowee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Eliyaasii meet?» jedhe. Yennaa inni bisaan dhowe, bisaan gargar citee, Elsaa'ille gamatti bu'e. \v 15 Raagoti Yerikoo keessa jirtu fago'otti yennaa isa dhaggite, «Ayyaanni Eliyaasii Elsaa'i irratti bu'eera!» jette; isaan isa dhaggiisaaf dhaqanee, isa duratti lafatti gad gombifamanee, \v 16 «Kunoo, nuuti tajaajiltooti teeti namoota jajjaba shantama ifii biraa qanna; Ayyaanni Mootii Waan Maraa, goottaa keeti fuudhee gaara irratti yookiin dhooqa keessatti gateera fa'a te'a, dhaqanee isa barbaadanuu ti» jedhane. \p Elsaa'i deebisee, «Waawwo'o! Isaan hin ergina'a» jedhe. \p \v 17 Isaan ammoo haga inni didiisaaf qaaneffatutti ittuma waan gaafataneef, inni «Erga'a» jedheen; maarre isaan namoota shantama san ergane; isaan ammoo guyyaa sad barbaadanee isa dhabane. \v 18 Achiin duuba isaan gara Elsaa'ii qachaa Yeriko'ootitti isaan eegiisatti jiruu deebi'ane; Elsaa'ille, «Ani, ‹Hin deemina'a› jedhee isinitti hin hinnee?» jedhe. \s1 Bilbaasota Qara Elsaa'i Godhe \p \v 19 Namooti gariin Yeriko'oo gara Elsaa'i dhufanee, «Ee goottaa keennaa akkuma ati dhaggitu, latti tun dansa'a; ammoo bisaan bada'a; lattille midhaan hin kennitu» jedhane. \p \v 20 Elsaa'ille, «Qorii haareya keessa soodda buusa'aatii naa fida'a» jedhee ajaje. Isaanille akkuma inni ajaje qorii itti fidane. \v 21 Achiin duuba inni gara madda bisaanii dhaqee, soodda bisaan keessa buusee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani bisaan kana fayyiseera; haganaa achi bisaan kun sababa du'aa yookiin latti midhaan akka hin kennine hin godhu› jedha» jedhe. \v 22 Maarre akkuma Elsaa'i dubbate, bisaan sun haga adhaa fayyaallessa. \p \v 23 Elsaa'i gara Bet'elii ol dhaqe; inni karaa irra deemiisatti jiruun, ijoolleen qachaa keessaa gad yaatee qoonqoo guddo'oon, «Namicha mataa molu'uu asii ol deemi! Namicha mataa molu'uu asii ol deemi!» jedhaa itti murgite. \p \v 24 Elsaa'i garagalee isaan ilaalee, maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan abaare; achiin duuba doobbaan\f + \fr 2:24 \fr*\fqa Doobbaa: \fqa*\ft Gosa bineensa hamaa akka iyya'aa jiru tokkoo ti.\ft*\f* dhalaan lama baddaa keessaa bayee, ijoollee san keessaa nama afurtamii fi lama kukkute. \v 25 Elsaa'i gara gaara Qarmelosii ol baye; achille'een gara qachaa Samaariya'aa deebi'e. \c 3 \s1 Lola Wodhakkaa Israa'eliitii Fi Mo'aabiititti Te'e \p \v 1 Yoshaafaax Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, ilmi Ahaabii Yehoraam Samaariyaa keessa tee'ee, Israa'el irratti woggaa kudhanii lama mootii te'e. \v 2 Inni akka abbaa ifiitii fi haadha ifii hammeenna hujuu dhabaatulle, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujeera; te'uu malee soodduu woyyittii Ba'aalii ta abbaan isaa huje san diige. \v 3 Ammoo inni cubbuu Yerobi'aamii ilma Nebaatii, ka Israa'eloota cubbuu hujisiise hordofe malee irraa hin deebine. \p \v 4 Mootiin Mo'aabii Meshaa'i hoolee horsiisaayyu; inni buruusoo hoole'ee kuma dhibba tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee ta rifeensi irraa hin ciramin\f + \fr 3:4 \fr*\fqa Korbeeyyii hoole'ee ta rifeensi irraa hin ciramin: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Rifeensi korbeeyyii hoole'ee kuma dhibba tokkoo \fqa*\ft jedhamuulle hin dande'a.\ft*\f* kuma dhibba tokko mootii Israa'eliitiif kennaayyu\f + \fr 3:4 \fr*\fqa Hiikkaan Aramayikii: \fqa*\ft Woggaa wogga'aan kenna \ft*\ft Ka jedhu dabalata.\ft*\f*. \v 5 Mootiin Israa'elii Ahaab du'een duuba ammoo, mootiin Mo'aabii Meshaa'i Israa'el irratti ka'e. \v 6 Maarre yennuma san Yehoraam Samaariya'aa bayee, loltoota Israa'elii mara wolitti qabe. \v 7 Mootii Yihuda'aa Yoshaafaaxille'etti ergee, «Mootiin Mo'aabii na irratti waan ka'eef, isa loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate. \p Yoshaafaax deebisee, «Ani si woliin hin dhaqa; ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti; \v 8 ammoo karaa kamiin itti duulla?» jedhee gaafate. \p Mootichi Yehoraamille, «Karaa lafa goomolee Edoomiitiin» jedhee deebise. \p \v 9 Maarre mootiin Israa'elii, mootii Yihuda'aatii fi mootii Edoomii woliin duulaaf bayee ideeme; guyyaa torba deemaneen duuba, loltootaa fi horii itti fe'atanee deemanu duraa bisaan dhumate. \v 10 Mootichi Israa'elii Yehoraam qoonqoo ol qabatee, «Aannee nu'uuf! Mootiin Waan Maraa nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kennu'uufii?» jedhe. \p \v 11 Mootichi Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate. \p Tajaajiltoota mootii Israa'elii keessaa tokko, «Ilmi Shaafaaxii Elsaa'i ka dur Eliyaas tajaajilaa ture as jira» jedhee deebise. \p \v 12 Mootichi Yoshaafaaxille, «Inni dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa ti» jedhe. Maarre mootiin Israa'elii, mootiin Yihuda'aa Yoshaafaaxii fi mootiin Edoomii gara Elsaa'ii dhaqane. \p \v 13 Elsaa'i, mooticha Israa'eliitiin, «Nu maan wol irraa qanna? Gara raagota abbaa keetiitii fi haadha teetii dhaqii gaafadhu» jedhe. \p Mootichi Israa'elii deebisee, «Waawwo'o! Nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kenniisaaf ka waame Mootii Waan Maraa ti» jedhe. \p \v 14 Elsaa'ille, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa, Waaqa Waan Mara Dadee, ka ani tajaajiluu, ulfinna Yoshaafaaxii mooticha Yihuda'aatiif malee, ani ilaanuu si hin ilaaluuyyu yookiin si dhaggu'uuyyuu hin barbaadu. \v 15 Ammoo nama kiraara dhowu naa fida'a» jedhe. \p Adoo namichi kiraara dhowiisatti jiruu, hunni Mootii Waan Maraa Elsaa'i irratti buutee, \v 16 Elsaa'ille, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dhooqi tun boolla bisaaniitiin hin guutanti. \v 17 Qilleensa yookiin bokkeya hin dhaggitanu; te'uu malee dhooqi tun bisaaniin hin guutanti; isinii fi loon keessan, horiin keessan ka dhibiille hin untan› jedha. \v 18 Tun Mootii Waan Maraatiif kaso'o; inni worra Mo'aabiille harka keessanitti dabarsee hin kenna. \v 19 Isin qachaa isaanii ka dalleenni dhaka'aa itti ijaaramee fi qachaa isaanii dadansaa hin qabattan; muka isaanii dadansaa mara hin murtan; madda isaanii mara hin duuchitan; fichaa isaanii dadansaa mara dhaka'aan hin balleessitan» jedhe. \p \v 20 Boruyyaa ganama yennaa ciincaan ciinceffamutti bisaan karaa Edoomiitiin lola'iisa jalqabee latti bisaaniin guutante. \p \v 21 Mo'aaboti marti akka moototi sadiin sun isaan loliisaaf dhufane yennaa dhage'ane, nama meya lolaa hidhatuu dande'u mara dargaggeeyyi'ii fi jaarsolee wolitti waamanee, meessaa biyya sanii irratti eegane. \v 22 Barii ganama yennaa ka'anu, aduun baatee bisaan irratti calalaxxee, worra fagoo jiranutti bisaan akka dhiigaa diimatee itti mudhatte. \v 23 Achiin duuba isaan, «Kun dhiiga! Moototi sadiin sun wol lolanee wol qalaneeran; Mo'aabota, Ka'aa dhandhee boojinaa!» woliin jedhane. \p \v 24 Yennaa Mo'aaboti addee quttuma Israa'elii dhufanu, Israa'elooti ka'anee haga isaan baqatanutti isaan lolane; Israa'elooti lafa san timanee Mo'aabota fixane. \v 25 Qachoota isaanii balleessanee, fichaan dadansaan isaaniille haga dhaka'aan guutamutti nami marti dhakaa itti dadarbate; madda isaanii mara duuchanee, muka dadansaa isaanii mara muranee jijjissane. Qachaa Qir-Heresii qofatti dhakaa ifii woliin hafe; qachuma sanuu loltooti looyya'aan\f + \fr 3:25 \fr*\fqa Looyyaa: \fqa*\ft Yaadannoo 1 Sam. 17:40 irratti kenname ilaali.\ft*\f* marsitee lolte. \p \v 26 Mootichi Mo'aabii lolli akka itti jabaate yennaa dhagge, namoota shallaagaa hidhatane dhibba torba fudhatee, karaa mooticha Edoomiitiin cassee seeniisaaf wodhaane; ammoo isaan hin dandeenne. \v 27 Achiin duuba mootichi Mo'aabii ilma ifii angaficha, ka addee isaatitti mootii te'uuf male, dalleya dhaka'aa ka qacha'aa irratti ciincaa dhikeesse; Israa'elooti tana rifatanee, isa lakkisanee gara lafa ifii deebi'ane. \c 4 \s1 Elsaa'i Haadha Hiyyeessaa Takka Qarqaare \p \v 1 Haati hiyyeessaa ta abbaan manaa isi'ii miseensa raagotaa te'e takka, gara Elsaa'ii dhuttee, «Tajaajilaan keeti, abbaan manaa kiyya du'eera; inni akka Mootii Waan Maraa sodaatu atinuu hin beetta; amma ammoo nami liqaa isa irraa qabu tokko, ilmaan tiyya lamaan fudhatee garbonfatiisaaf dhufeera» jettee itti himatte. \p \v 2 Elsaa'i deebisee isi'iin, «Maan akka sii godhu barbaadda? Waan mana keeti keessaa qaddu natti himi» jedhe. \p Isiin deebittee, «Ani tajaajiltuun teeti zayitii ejersaa meshoo diqqoo takka malee womaa manaa hin qabu» jette. \p \v 3 Elsaa'i, «Gara ollaa keetii mara dhaqiitii okkotee duwwaa bacaa ergifadhu. \v 4 Achiin duuba ilmaan teeti woliin gara manaa ol seeniitii balbala cufadhuu, zayitii ejersaa san okkotee maratti naqi; okkoteen marti yennaa guuttu jalaa fuudhii cinaa keyi» isi'iin jedhe. \p \v 5 Maarre isiin isa biraa deentee, ifii fi ilmaan ifiititti balbala cufattee, ilmaan isi'ii okkotee isi'iif dhikeessanuun, isiin zayitii meshoo keessaa san itti guutte. \v 6 Okkoteen duudiin guutteen duuba, isiin ilma ifiitiin, «Okkotee dhibii naa fidi» jette; inni ammoo deebisee, «Okkoteen dhibiin hin jirtu» jedheen. Achiin duuba Zayitiin ejersaa sun yaa'uu lakkitte. \v 7 Isiin dhaxxee nama Waaqaa Elsaa'itti hinte; innille, «Dhaqiitii, zayitii san gurguriitii liqaa keeti kaffaladhu; waan hafeen atii fi ilmaan teeti ittiin le'uu dandeettan» jedheen. \s1 Ilmi Dubartii Qachaa Shuneemii Du'aa Ka'e \p \v 8 Gaafa tokko Elsaa'i gara qachaa Shuneemii dhaqe; dubartiin dureettiin takka achi jirtiiyyu. Isiin akka inni sagalee nyaatu kadhatte; maarre inni yennaa karaa san dabaru mara sagalee nyaatiisaaf achi goraayyu. \v 9 Isiin abbaa manaa ifiitiin, «Namichi yennaa mara karaa mana keennaa dabaru kun, woyyicha nama Waaqaa akka te'e ani hin beeka. \v 10 Tanaaf heellichoo manaa irratti kolloo diqqoo isaaf ijaarree, achi keessa taqee, xarapheessaa, barcuma'aa fi issaa isaaf keennuu ti; inni yennaa gara keenna dhufu mara achi keessatti foorfatuu dande'a» jette. \p \v 11 Gaafa tokko Elsaa'i gara qachaa Shuneemii yennaa dhufe, gara kolloo ifii ol bayee achi irkate. \v 12 Inni tajaajilaa ifii Gehaaziin, «Shuneemittii san waami» jedhe. Yennaa inni isii waame, isiin dhuttee isa dura dhaabbate. \v 13 Inni tajaajilaa ifiitiin, « ‹Ati haga kana mara nu'uuf rakkatteerta, ani maan si'iif godhu ree? Mootichatti yookiin ajajaa loltootaatitti maan si'iif himu ree?› jedhii isi'itti himi» jedhe. \p Isiille deebittee, «Ani kolbaa tiyya odduu jira» jette. \p \v 14 Elsaa'i, «Maan isi'iif godhu ree?» jedhe. \p Gehaaz deebisee, «Be isiin ilma hin qaddu! Abbaan manaa isi'iille jaarsa» jedhe. \p \v 15 Achiin duuba Elsaa'i, «Isii waami» jedhe. Maarre inni isii waamee, isiille dhuttee balbala dura dhaabbatte. \v 16 Elsaa'ille, «Bara dhufu yennaa akkanaa ilma hin annatta» jedheen. \p Isiin, «Waawwo'o! Goottaa kiyya, nama Waaqaa, ana tajaajiltuu teetitti dhara hin dubbatin» jetteen. \p \v 17 Ammoo akkuma Elsaa'i isi'itti hime, dubartittiin sun ulfoottee, woggaa itti aantu yennuma inni dubbatetti ilma deette. \p \v 18 Mucaan sun yennaa guddate, gaafa tokko bayee gara abbaa ifii ka worra midhaan haamu woliin jiruu dhaqe. \v 19 Mucaan sun abbaa ifiitiin, «Mataa kiyyaa! Mataa kiyyaa!» jedhe. \p Abbaan tajaajilaa ifiitiin, «Mucaa ba'adhuutii gara haadha isaa geessi» jedhe. \v 20 Tajaajilaan sun mucaa ba'atee gara haadha isaa geesseen duuba, haga saatii jaa gudeeda haadha ifii irra tee'ee, achiin duuba du'e. \v 21 Isiin kolloo mana irraatitti ol baatee, taqee nama Waaqaa irra isa irkittee, balbala itti cuttee baatee ideente. \v 22 Isiin abbaa manaa ifii waantee, «Gara nama Waaqaa ariifadhee dhaqee akka deebi'u, tajaajilaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi» jetteen. \p \v 23 Abbaan manaa isi'ii, «Adhi guyyaa baatii ji'aa yookiin guyyaa Sanbataatii motii? Maaf gara isaa dhaxxa?» jedhee gaafate. \p Isiin, «Rakkoon hin jirtu» jette. \v 24 Isiin harree kooraa itti fe'attee, tajaajilaa ifiitiin, «Dura deemi; haga ani sitti himutti naaf jettee laana hin deemin» jette. \v 25 Maarre isiin kaatee, gaara Qarmelosii gara nama Waaqaa Elsaa'i bira dhaxxe. \p Inni yennaa fago'otti isii dhagge, tajaajilaa ifii Gehaaziin, «Ilaa, Shuneemittiin dhufiisatti jirti! \v 26 Rukkisii itti dhaqiitii, ‹Ati nageyaa? Abbaan manaa keeti nageyaa? Mucaan keeti nageyaa?› jedhii isii gaafadhu» jedheen. \p Isiin, «Wonni marti nageya» jette. \v 27 Isiin gaara Qarmelosii nama Waaqaa Elsaa'i bira yennaa geette, miila isaa qadde; Gehaaz isa irraa isii darbiisaaf gara isi'ii dhufe; Elsaa'i ammoo, «Lakkis; isiin gadda hamaa keessa jirti; Mootiin Waan Maraa ammoo maaf akka gaddite na dhossee, natti hin hinne» jedhe. \p \v 28 Isiin, «Goottaa kiyya, akka ati ilma naa kennitu si gaafadheeraa? Ani, ‹Dhara natti hin dubbatin› si'iin jedhee hin jiruu?» jetteen. \p \v 29 Elsaa'i, Gehaaziin, «Hidha keeti hidhadhuutii, ulee tiyya qabadhuu ariifadhuu deemi! Nama yoo dhaggite nageya hin fuudhin; yoo nami nageya si fuudhe, deebii isaaf hin kennin; yennaa achi geette ulee tiyya fuula muca'aa irra keyi» jedhe. \p \v 30 Haati muca'aa ammoo, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si lakkisee hin deemu!» jetteen; maarre inni ka'ee isii gula deeme. \v 31 Gehaaz isaan dursee deemee, ulee Elsaa'i fuula mucaa irra keye; mucaan ammoo hin dubbanne yookiin hin tachoone; tanaaf Gehaaz gara Elsaa'ii deebi'ee, «Mucaan hin kaane» jedheen. \p \v 32 Elsaa'i dhufee yennaa mana seene, mucaan du'ee taqee isaa irra irkateeruun dhagge. \v 33 Inni kolloo san seenee ifii fi mucaa qofatti balbala cufatee gara Mootii Waan Maraa daadimate. \v 34 Achiin duuba taqee yaabee, afaan ifii afaan muca'aa irra, ila ifii ila muca'aa irra, harka ifii harka muca'aa irra keyee reeffa muca'aa irra irkate; akkuma inni mucaa irra irkateen, nafi muca'aa o'uu jalqabe. \v 35 Elsaa'i ol ka'ee kolloo keessa asii fi achi deemeen duuba, deebi'ee taqee yaabee mucaa irra irkate. Mucaalle yennaa torba haxxifatee, ila banate. \v 36 Elsaa'i Gehaaz waamee, «Shuneemittii waami» jedheen. Innille isii waame. Isiin yennaa dhutte, Elsaa'i, «Ilma keeti fudhadhu» jedheen. \v 37 Isiin ol seentee miila Elsaa'iititti jiddee, lafalle'etti gad gombifante. Achiin duuba ilma ifii fudhattee deente. \s1 Elsaa'i Bilbaasota Dhibii Lama Huje \p \v 38 Yennaa Elsaa'i gara Giilgalii deebi'e, lafa san keessa beelti jirtiiyyu; raagoti isa dura tee'aneeranuun, inni tajaajilaa ifiitiin, «Okkotee guddoo ibidda irra dhaabiitii, ittoo isaaniif huji» jedhe. \v 39 Raagota san keessaa tokkochi baala nyaatanu guuratiisaaf diidatti bayee, waan buqqii fardaa fakkaatu dhaggee, midhaan isi'ii woyaa ifiititti guuree yennaa deebi'e, hoocee okkotee itto'oo sanitti naqe. Midhaan maanii akka teete ammoo eennulle hin beenne. \v 40 Raagoti akka nyaatanuuf ittoo isaaniif baasane; akkuma isaan afaaniin qabaneen ammoo, «Ee nama Waaqaa, okkotee tana keessa waan nama ijjeesutti jira!» jedhaa Elsaa'itti iyyane; nyaatiisaafille hin dandeenne. \v 41 Elsaa'i, «Bullaa diqqoo fida'a» jedhee gaafatee, okkote'etti naqee tajaajilaa ifiitiin, «Kolbaan nyaattuutii baasiifi» jedhe. Achiin duuba okkotee san keessatti wonni nama miidhu tokkolle hin dhagganne. \p \v 42 Nami tokko Ba'aal-shaaliishii irraa, midhaan qara bilchaate irraa xaltaa daabboo garbu'uu diddamaa fi shawwee midhaanii qalqallu'utti Elsaa'iif fide. Elsaa'i tajaajilaa ifiitiin, «Kolbaan nyaattuutii kenniif» jedhe. \v 43 Tajaajilaan isaa ammoo, «Ani attamiin kana nama dhibbaaf dhikeessuu dande'aa?» jedhee gaafate. \p Elsaa'i ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaan nyaattee quuttee irraa hin hafa› waan jedheef, nyaatanuu ti kenniif!» jedheen. \v 44 Achiin duuba tajaajilaan isaa sagalee isaaniif dhikeesse; akkuma Mootiin Waan Maraa jedhe, isaan sagalee nyaatanee quufanee irraa hatte. \c 5 \s1 Na'amaan Dhukkuba Goga'aa Farrisiisaa Irraa Fayye \p \v 1 Na'amaan ajajaa loltoota mootii Sooriya'aa ti; Mootiin Waan Maraa karaa isaatiin loltoota Sooriya'aatiif injifachaa waan kenneef, inni goottaa ifii duratti nama gudda'aa fi nama ulfinna qabu. Inni loltuu jaba'a; ammoo dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabaayyu. \v 2 Worri Sooriya'aa biyya Israa'elii lolee, intala diqqoo takka Israa'el keessaa booji'e; isiille haadha manaa Na'amaanii tajaajilaa turte. \v 3 Gaafa tokko isiin giittii ifiitiin, «Goottaan kiyya gara raagicha Samaariyaa jiruu adoo dhaqee, inni dhukkuba kana irraa isa fayyisuu hin dande'a» jette. \v 4 Na'amaan waan kana yennaa dhage'e, gara mootichaa dhaqee waan intalti biyya Israa'eliitii dhutte jette san itti hime. \v 5 Mootichille, «Xalayaa kana fuudhiitii gara mooticha Israa'elii geessi» jedhe. \p Maarre Na'amaan meetii gara kiiloogiraama dhibba sadii fi afurtamaa, worqii gara kiiloogiraama torbaatamaatii\f + \fr 5:5 \fr*\fqa Kiiloogiraam torbaatama: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii kuma jaa \fqa*\ft jedha.\ft*\f* fi woyaa adduu kudhan qabatee deeme. \v 6 Xalayaan inni gara mootii Israa'elii fuudhee deeme sun, «Tajaajilaa kiyya Na'amaan dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa akka fayyittuuf xalayaa kana itti kennee gara keeti ergeera» ka jedhu. \p \v 7 Mootichi Israa'elii xalayaa yennaa dubbise, gaddaan woyaa ifii tarsaasee, «Ani Waaqaa? Ani ijjeesuu, deebisee kaasuu hin dande'aa? Namichi kun maaf akka ani dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa fayyisuuf nama kana gara kiyya erge? Akka inni dubbii na irratti barbaadu dhagga'a» jedhe. \p \v 8 Nami Waaqaa Elsaa'i, akka mootiin Israa'elii gaddee woyaa ifii tarsaase yennaa dhage'e, «Maaf woyaa teeti tarsaatte? Israa'el keessa raagaan akka jiru akka inni beeku, namicha gara kiyya ergi» jedhee itti dhaame. \p \v 9 Maarre Na'amaan fardo'oo fi garreettota ifii ka fardo'oon harkifamu irra te'ee dhaqee, balbala mana Elsaa'ii duratti dhaabbate. \v 10 Elsaa'ille ergaa itti ergee, «‹Dhaqiitii laga Yordaanosiititti yennaa torba dhiqadhu; foon keeti adde'etti hin deebi'a; atille hin qulqulloota› jedhii itti himi» jedheen. \v 11 Na'amaan ammoo aaree, «Dhugumaan inni gara kiyya gad bayee dhaabbatee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waamee, harka ifii dhukkuba goga'aa farrisiisaa kiyya irra wirsee, waan na fayyisu seye. \v 12 Lagi Damaasqo'oo Abaanaa fi Farphar, bisaan laga Israa'elii mara caalaa motii? Ani silaa isaan keessatti dhiqadhee hin qulqulloomuuyyu?» jedhee deebi'ee deeme. \p \v 13 Tajaajiltooti Na'amaanii gara isaa dhikaattee, «Abba'a, raagichi waan guddoo takka akka ati gootuuf adoo sitti himee jiraatee hin gootaayyuu motii? Amma ‹Dhiqadhuutii qulqullowi› yoo si'iin jedhe maanti si rakkise?» jedhane. \v 14 Maarre Na'amaan gara laga Yordaanosii gad bu'ee, akkuma nami Waaqaa isatti hime yennaa torba laga Yordaanosiititti ifi cuuphe; nafi isaalle adde'etti deebi'ee qulqullowee akka nafa ijoollee didiqqo'oo te'e. \p \v 15 Achiin duuba Na'amaan hordofattoota ifii mara woliin, gara Elsaa'ii nama Waaqaa deebi'ee, isa dura dhaabbatee, «Israa'el keessa malee, Waaqi dhibiin biyya lafaa mara keessa akka hin jirre ani beekeera; maganne'e amma ana tajaajilaa keeti irraa kennansa kana fudhadhu» jedhe. \p \v 16 Elsaa'i deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa ani tajaajiluu; ani waan tokkolle hin fudhadhu» jedhe. \p Na'amaan akka inni fudhatuuf kadhatulle, Elsaa'i ammoo fudhatiisa didate. \v 17 Achiin duuba Na'amaan, «Ati Kennansa kiyya yoo fudhatuu didde, ani tajaajilaan keeti deebi'ee ijjumaa Mootii Waan Maraatiif malee, waaqota dhibi'iif ciinca'aa fi woreega waan hin dhikeessineef, biyyee fe'iisa gaange'ee lama fuudhee akka deemu naaf eeyyam. \v 18 Maarre goottaan kiyya waaqonfatiisaaf gara galma Rimoonii waaqa Sooriya'aa yennaa seenu, harka kiyyatti ciqilfatee waan sagaduuf, anille galma Rimoonii san keessatti yoo gad jedhe, Mootiin Waan Maraa marroo waan kanaatiif, ana tajaajilaa keetiif araaramuu ti» jedhe. \p \v 19 Elsaa'i, Na'amaaniin, «Nageyaan deem» jedhe. \p Na'amaan diqqoo irraa fagaatee deemeen duuba, \v 20 tajaajilaan Elsaa'ii nama Waaqaa, Gehaaz, «Goottaan kiyya waan Na'amaaniin nami Sooriya'aa fide fudhatuu didee akkasumaan gad lakkise. Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani isa gula rukkisee woy isa irraa fudhadha» jedhee yaadate. \v 21 Maarre Gehaaz ka'ee Na'amaan gula rukkise; Na'amaan inni gara isaa rukkisuun yennaa dhagge, isa qophatiisaaf garreettaa fardaa ifii irraa bu'ee\f + \fr 5:21 \fr*\fqa Garreettaa irraa bu'e: \fqa*\ft Garreettaa irraa baye jechu'u.\ft*\f*, «Nageyaayyuu?» jedhee gaafate. \p \v 22 Gehaaz deebisee, «Nageyuma, ammoo goottaa kiyyatti, ‹Raagota keessaa dargaggooti lama biyya koobittii Efreemiitii, gara kiyya waan dhufaneef, maganne'e meetii gara kiiloogiraama soddomii afuriitii\f + \fr 5:22 \fr*\fqa Kiiloogiraama soddomii afur: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Taalentii tokko \fqa*\ft jedha.\ft*\f* fi woyaa guutuu ta jijjiirataa lama isaaniif kenni› jedhee na erge» jedheen. \p \v 23 Na'amaan, «Maganne'e, meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii fudhadhu» jedhe. Inni isa uttisee meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii\f + \fr 5:23 \fr*\fqa Kiiloogiraama jaatamii saddeeti: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Taalentii lama \ft*\ft jedha.\ft*\f* subba lama keessa keyee hidhee, woyaa guutuu ta jijjiirataa lama woliin, tajaajiltoota ifii keessaa nama lamatti kenne; isaanille ba'atanee Gehaaziin dura deemane. \v 24 Kooba Elsaa'i le'u yennaa geyane, Gehaaz meya ba'atane tajaajiltoota irraa fuudhee, mana keessa keye. Achiin duuba tajaajiltoota Na'amaanii gad lakkise; isaanille deemane. \v 25 Gehaaz gara manaa seenee, goottaa ifii Elsaa'i dura dhaabbate. Elsaa'ille, «Gehaaz! Haga ammaa eessa jirta?» jedhee isa gaafate. \p Innille deebisee, «Goottaa kiyya, ani tajaajilaan keeti eessalle hin dhandhe» jedhe. \p \v 26 Elsaa'i ammoo, «Namichi si qophatiisaaf garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irraa yennaa baye, ani ayyaanaan si woliin hin jiruuyyuu? Yennaan tun yennaa beesee, woyaa, fichaa muka ejersaatii fi fichaa muka woyni'ii, hoole'ee fi horii, yookiin tajaajiltoota dhiiraatii fi durraa fudhatanuu ree? \v 27 Tanaaf, dhukkubi goga'aa farrisiisaan Na'amaanii haga bara baraa si'ii fi sanyii teetitti hin dabara» jedhe. \p Achiin duuba Gehaaz dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamee adii akka dhakaa bokkeyaa te'ee isa duraa bayee deeme. \c 6 \s1 Agaraan Bisaan Gubba'atti Ol Baye \p \v 1 Korri raagotaa, Elsaa'iin, «Addeen nuuti si woliin le'iisatti jiru guddoo nutti dhipho'o. \v 2 Gara laga Yordaanosii dhandhee, muka murannee, mana keessa leenu akka ijaarannu nuuf eeyyam» jedhane. \p Elsaa'ille, «Dhaqa'a» isaaniin jedhe. \p \v 3 Achiin duuba raagota keessaa tokkochi, «Maganne'e, atille nu tajaajiltoota teeti woliin hin dhaxxuu?» jedhe; \p Elsaa'ille, «Hin dhaqa» jedhee, \v 4 woliin deemane. Isaan yennaa Yordaanos geyane, muka muruu jalqabane. \v 5 Isaan keessaa tokkochi adoo muka muruu, agaraan buqqa'ee bisaan keessa bu'e. Inni iyyee, «Hoola! Goottaa kiyya agaraan ka ergisa'aa ti» jedhe. \p \v 6 Nami Waaqaa Elsaa'i, «Eessaan bu'e?» jedhee gaafate. \p Namichi addee agaraan bu'e Elsaa'itti yennaa mudhise, inni muka tokko muree achi bisaan keessa buusee, akka agaraan bisaan gubba'atti bayu godhe. \v 7 Elsaa'i, namichaan, «Baasiitii fudhadhu» jedhe; namichille hiixatee fudhate. \s1 Elsaa'i Loltoota Sooriya'aa Ila Jaamse \p \v 8 Mootichi Sooriya'aa Israa'el woliin loliisatti adoo jiruu, qondaaltota ifii woliin mari'atee, «Ani quttuma kiyya addee akkasiitii fi akkasiititti godhadha» jedhe. \v 9 Nami Waaqaa Elsaa'i ammoo, «Worri Sooriya'aa achitti gad bu'iisatti waan jiranuuf, karaa san akka hin dabarre» jedhee mooticha Israa'eliititti erge. \v 10 Maarre mootichi Israa'elii addee nami Waaqaa Elsaa'i isa ifi eeggachiise san nama itti ergee qorqore; nami Waaqaa Elsaa'i yennaa hedduu isa ifi eeggachiisee, mootichille achi irraa ifi eeggate. \p \v 11 Mootichi Sooriya'aa waan kana guddoo aaree, qondaaltota ifii waamee, «Nu keessaa mootii Israa'eliitiif ka dooyu, eennu akka te'e natti hin hintanuu?» jedhee gaafate. \p \v 12 Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Ee, goottaa kiyya mooti'i! Waan dhossa'aa ta ati kolloo taqee teetii keessatti dubbattu mara, mootii Israa'eliititti ka himu raagicha Elsaa'i malee, nu keessaa ka himu eennulle hin jiru» jedhee deebise. \p \v 13 Mootichi Sooriya'aa, «Akka ani namoota itti ergee isa qabu, dhaqa'aatii addee inni jiru barbaada'a» isaaniin jedhe. \p Isaan, «Inni qachaa Dootaanii keessa jira» jedhanee mootichatti himane. \v 14 Achiin duuba mootichi loltoota hedduu fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu gara qachaa Dootaanii erge. Isaan halkaniin achi geyanee, qachaa san marsane. \v 15 Boruyyaa barii ganama tajaajilaan nama Waaqaa Elsaa'ii ka'ee yennaa gad baye, loltooti fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu qachaa marsiteertuun dhaggee, nama Waaqaa Elsaa'i'iin, «Hoola! Goottaa kiyya! Maan goonu nuu woyya?» jedhee gaafate. \p \v 16 Elsaa'ille, «Hin sodaatin; worra isaan woliin jiru caalaa worra nu woliin jirutti caala» jedheen. \v 17 Achiin duuba Elsaa'i, «Ee Mootii Waan Maraa! Akka inni dhaggu ila isaa bani!» jedhee daadimate; Mootiin Waan Maraa ila tajaajilaa Elsaa'ii waan baneef, tajaajilaan sun fardoo ibiddaa heddu'uu fi garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaa hedduun kooba guuttee adaala Elsaa'ii mara jirtuun dhagge. \p \v 18 Worri Sooriya'aa gara Elsaa'ii gad yennaa dhufane, inni, «Kolbaa tana ila isaanii jaamsi» jedhee gara Mootii Waan Maraa daadimate. Akkuma Elsaa'i gaafate Mootiin Waan Maraa ila isaanii jaamse. \v 19 Achiin duuba Elsaa'i isaaniin, «Karaalle, qachaalle kanaa moti; na gula kowa'a; ani gara nama isin barbaaddanuu isin hin geessa» jedhee gara qachaa Samaariya'aa isaan geesse. \p \v 20 Akkuma isaan qachaa seenaneen Elsaa'i, «Ee, Mootii Waan Maraa! Akka isaan dhagganu ila isaanii bani» jedhe; maarre Mootiin Waan Maraa ila isaanii banee, isaanille ilaalanee qachaa Samaariya'aa keessa akka jiranu dhaggane. \p \v 21 Mootichi Israa'elii yennaa isaan dhagge, «Abbaa kiyya! Isaan ijjeesuu? Isaan ijjeesuu?» jedhee Elsaa'i gaafate. \p \v 22 Elsaa'ille, «Waawwo'o! Loltoota shallaaga'aa fi guubee teetiin boojite hin ijjeettaa? Akka isaan nyaatanuu fi unanu sagale'ee fi bisaan kenniif; achiin duuba gara mootii ifii deebi'anuu ti» jedheen. \v 23 Maarre mootiin Israa'elii areertii guddoo isaaniif godhee, isaan nyaatanee unaneen duuba gad isaan lakkise; isaanille gara mootii ifii deemane. Yennaa saniin jalqabanee, gareen loltoota sooriya'aa lafa Israa'elii loliisatti hin deebine. \s1 Marfamiisa Qachaa Samaariya'aa \p \v 24 Yennaa diqqo'oon duuba, mootiin Sooriya'aa Ben-hadaad loltoota ifii duudii wolitti qabatee, qachaa Samaariya'aa marse. \v 25 Qachaan sun marfamee waan tureef beelti hantuun seentee, gatiin mataa harree tokkoo meetii gara kiiloogiraama tokkoo\f + \fr 6:25 \fr*\fqa Kiiloogiraama tokko: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii saddeettama \fqa*\ft jedha.\ft*\f*, udaan saphaliisaa ka gara giraama dhibba lamaa, meetii gara giraama jaatamaa\f + \fr 6:25 \fr*\fqa Meetii giraama jaatamaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa meetii sheeqelii shan \fqa*\ft jedha.\ft*\f* baasuu jalqabe. \p \v 26 Gaafa tokko mootiin Israa'elii dalleya dhaka'aa ka qacha'aa san irra ideemaa dabariisatti adoo jiruu, dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Ee, goottaa kiyya mooti'i, maganne'e na qarqaar» jetteen. \p \v 27 Mootichille, «Mootiin Waan Maraa yoo si hin qarqaarin, ani attamiin si qarqaaruu dande'a ree? Eeddummee tiyya irraa moo? Addee cunfaa woyni'ii tiyya irraa?» jedheen. \v 28 Achiin duuba, «Rakkoon teeti maan» jedhee isii gaafate. \p Isiille, «Dubartiin tun, ‹Adha ilma keeti fidi hin nyaanna; boru ilma kiyya hin nyaanna› anaan jetteerti. \v 29 Tanaaf ilma kiyya iffeelannee nyaanne. Boruyyaa, ani, ‹Ilma keeti fidi hin nyaanna› jedhee gaafadhe. Isiin ammoo ilma ifii dhoffatte» jetteen. \p \v 30 Mootichi tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; adoo inni dalleya dhaka'aa irra ideemaa dabariisatti jiruu, inni woyaa gaddaa nafa ifiititti aanfatee uffateeruun kolbaan isa dhaggite. \v 31 Mootichille qoonqoo ol qabatee, «Adha mataan Elsaa'ii ilma Shaafaaxii yoo isa irraa hin muramin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe. \v 32 Inni ifiin dura nama gara Elsaa'ii erge. \p Yennaa kana Elsaa'i, jaarsolee isa ilaaliisaaf dhutte woliin mana ifii keessa jiraayyu; namichi gara Elsaa'ii ergame adoo isa bira hin geyin, Elsaa'i jaarsolee saniin, «Namichi nama ijjeesu sun na ijjeesisiisaaf nama natti ergeera. Yennaa inni as gewu balbala itti cufa'aatii, seensa isa dhoogga'a. Goottaan isaalle duuba isaatiin dhufiisatti jira» jedhe. \v 33 Adoo inni isaan woliin dubbatiisatti jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. Mootichille\f + \fr 6:33 \fr*\fqa Mootichille: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Ergamaalle \fqa*\ft jedha.\ft*\f*, «Balaan kun Mootii Waan Maraa biraa dhufe; haganaa achi ani maan isa irraa eegadha ree?» jedhe. \c 7 \p \v 1 Elsaa'i deebisee, «Jacha Mootii Waan Maraa dhage'i! Mootiin Waan Maraa, ‹Boru yennaa tana karra qachaa Samaariya'aatitti, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman› jedha» jedhe. \p \v 2 Qondaaltichi mootichi itti ciqilfatu, nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» jedhe. \p Elsaa'i deebisee, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhe. \s1 Baqatiisa Loltoota Sooriya'aa \p \v 3 Karra qachaa Samaariya'aa dura, namooti afur ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu jiraniiyyu; isaan, «Maaf haga duunu as teenna? \v 4 Nuuti, ‹Gara qacha'aa seenna› yoo jenne, achi beelti waan jirtuuf, hin duuna; yoo asitti hannelle hin duuna; maarre gara quttuma worra Sooriya'aa dhandhuu ti. Yoo isaan nu hamburane, hin jiraanna; yoo nu ijjeesanelle hin duuna» woliin jedhane. \v 5 Maarre isaan galgala dimimmisa, gara quttuma worra Sooriya'aa dhaqane. Yennaa achi geyanu nami tokkolle achi hin jiru. \v 6 Loltooti Sooriya'aa hididdeettii garreettaa fardaan harkifamuu, hididdeettii fardo'ootii fi loltoota heddu'uu akka dhage'anu, Mootiin Waan Maraa waan godheef, isaan, «Mootiin Israa'elii mootii Heetotaatii fi mootii Gibxi'ii akka nu lolanuuf nutti biteera» woliin jedhane. \v 7 Tanaaf galgala san worri Sooriya'aa dunkaanii ifii, fardoo ifiitii fi harree ifii, addee quttuma ifiille akkuma jirtutti lakkisanee, lubbuu ifii hamburatiisaaf baqatane. \p \v 8 Namooti dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu sun, addee quttuma worra Sooriya'aa yennaa geyane, dunkaanii takka seenanee, waan achi jiru nyaatanee unanee, meetii, worqi'ii fi woyaa fudhatanee, dhaqanee dhoffatane; achiin duuba isaan deebi'anee dunkaanii dhibii seenanee, achi keessalle'ee waan dhibii fudhatanee, dhaqanee dhoffatane. \v 9 Achiin duuba isaan, «Wonni nuuti hujiisatti jirru sirri'ii moti; guyyaan adhaa guyyaa oduu gammadaa himanu; nuuti ammoo cadhi jenne; haga latti bariitutti yoo turre, hin adabanna; tanaaf ammuma gara mana mootumma'aa dhandhee hinnuu ti» woliin jedhane. \v 10 Maarre isaan dhaqanee, eeddota karra qacha'aa waamanee, «Gara addee quttuma worra Sooriya'aa dhandhee, fardo'oo fi harree hidhamane malee, nami tokkolle hin jiru; qoonqoo nama tokkoolle hin dhageenne; dunkaanoti isaaniille akkuma jirtutti jirti» jedhanee himane. \p \v 11 Achiin duuba eeddoti karra qacha'aa oduu san, worra mana mootumma'aa keessa jirutti himane. \v 12 Mootichi halkaniin ka'ee, qondaaltota ifiitiin, «Waan worri Sooriya'aa nu irratti hujiisatti jiru, ani isinitti hima. Isaan akka nuuti beela irra jiru hin beekan; maarre isaan, ‹Isaan qachaa keessaa bayiisa hin dhabanu; nuutille jiru'uun isaan boojinee, gara qachaa sanii hin seenna› jedhanee yaadanee, addee quttuma ifii lakkisanee dhokatiisaaf, qacha'aan alatti bayane» jedhe. \p \v 13 Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Kolbaan as keessatti hattelle, akkuma kolbaa Israa'elii ta tanaan qara dhumattee te'iis isaanii waan hin oolleef, namooti gariin fardoo asitti hatte shan fudhatanee dhaqanee waan te'e akka hubatanuuf, erginee ilaalla» jedhe. \v 14 Maarre isaan garreettaa fardaan harkifamu lama fardoo woliin filane; mootichille namoota san loltoota Sooriya'aa gula ergee, «Dhaqa'aatii, waan te'e ilaala'a» jedhee ajaje. \v 15 Isaanille haga laga Yordaanosii loltoota Sooriya'aa gula deemanee, loltooti Sooriya'aa ariiti'iin yennaa baqatanu woya'aa fi meya karaa mara irratti gatane dhaggane. Maarre worri ergame sun deebi'ee mootichatti hime. \v 16 Achiin duuba Kolbaan Samaariya'aa baatee, addee quttuma worra Sooriya'aa saante; maarre akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti gurguramane. \p \v 17 Yennaa tana mootichi Israa'elii, qondaalticha mootichi itti ciqilfatu, itti gaafatamaa seensuma karra qacha'aa waan godheeruuf, kolbaan isa irra sirbitee, akkuma nami Waaqaa Elsaa'i yennaa mootichi gara mana isaa dhufe raage, innille du'e. \p \v 18 Akkuma nami Waaqaa Elsaa'i mootichaan, «Boru yennaa tana karra Samaariya'aa duratti bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman» jedhe muummotte. \v 19 Qondaaltichi sun nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» waan jedheeruuf, Elsaa'i, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhee deebiseeraayyu. \v 20 Namooti seensuma karra qacha'aa keessatti isa irra sirbanee inni waan du'eef, wonni isa irratti raagame dhugumaan teete. \c 8 \s1 Latti Dubartittii Shuneemitti'ii Deebiteef \p \v 1 Elsaa'i dubartittii qachaa Shuneemii keessa leetu, ta ilma isi'ii du'aa kaaseen, «Mootiin Waan Maraa beelti woggaa torbaa lafa irratti akka buutu waan murteesseef, maatii teeti woliin yenna'aaf addee le'uu dandeettu deemi» jedhe. \v 2 Maarre isiin kaatee akkuma nami Waaqaa Elsaa'i isi'iin jedhe goote; maatii ifii woliin gara biyya Filisxeemotaa dhaxxee woggaa torba achi leete. \p \v 3 Dhuma woggaa torbaa irratti, isiin lafa Filisxeemotaatii deebitee, marroo manaa fi fichaa ifii iyyatiisaaf gara mootichaa dhaxxe. \v 4 Yennaa san Mootichi, «Bilbaasota Elsaa'i huje duudii natti himi» jedhaa tajaajilaa Elsaa'ii nama Waaqaa Gehaaz woliin dubbatiisatti jiraayyu. \v 5 Mucaa du'e Elsaa'i attam akka kaase, Gehaaz mootichatti adoo himiisatti jiruu, dubartittiin Elsaa'i ilma isi'ii du'aa kaase dhuttee, marroo manaa fi fichaa ifii mootichatti iyyatte. Gehaaz, «Goottaa kiyya mooticha! Dubartittiin isii tana; ilmi isi'ii ka Elsaa'i du'aa kaaselle isa kana» jedhee mootichatti hime. \v 6 Mootichi marroo dubbii tanaa isii gaafate; isiille isatti hinte. Achiin duuba mootichi marroo haajaa isi'ii kanaaf qondaalticha tokkoon, «Waan isi'ii mara, haga isiin biyya irraa deenteen jalqabee haga ammaa waan fichaa isi'ii irraa dhaggame mara isi'iif deebisiis» jedhe. \s1 Du'a Ben-hadaadii \p \v 7 Mootichi Sooriya'aa Ben-Hadaad yennaa dhibameeru, Elsaa'i gara Damaasqo'oo dhaqe; «Elsaa'i as dhufeera» jedhanee mootichatti yennaa himane, \v 8 mootichi Hazaa'eliin, «Kennansa kana nama Waaqaa Elsaa'iif geessii dhaqiitii ani dhibee tana irraa yoo fayyu te'e, karaa isaatiin Mootii Waan Maraa naaf gaafadhu» jedhe. \v 9 Maarre Hazaa'el, waan dadansaa qachaa Damaasqo'oo keessaa mara fe'iisa gaala afurtatamaa Elsaa'iif geesse. Inni dhaqee Elsaa'i dura dhaabbatee, «Tajaajilaan\f + \fr 8:9 \fr*\fqa Tajaajilaan keeti: \fqa*\ft Barreeffama Ibrootaa keessatti \ft*\fqa ilmi keeti \fqa*\ft jedha.\ft*\f* keeti mootichi Sooriya'aa Ben-hadaad, ‹Ani dhibee tana irraa hin fayyaa?› jedhee gara keeti na ergeera» jedhe. \p \v 10 Elsaa'i deebisee, «Dhaqiitii, ‹Ati dhugumaan hin fayyita› jedhiin; Mootiin Waan Maraa ammoo akka inni dhugumaan du'u natti mudhiseera» jedhe. \v 11 Nami Waaqaa Elsaa'i haga Hazaa'el fokkifatutti ila irraa adoo hin buqqifatin isa ilaalee, achiin duuba bowe. \v 12 Hazaa'el, «Ee goottaa kiyya! Maaf bootta?» jedhee gaafate. \p Elsaa'ille, «Waan hantuu ati Israa'eloota irratti gootu waan beekuuf bowa; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfame ibiddaan hin gudda; dargaggoota isaanii shallaaga'aan hin ijjeetta; ijoollee isaanii lafatti hin dhootta; dubartoota isaanii ta ulfa qaddu gadhaa hin baqassita» jedhe. \p \v 13 Hazaa'el, «Ani tajaajilaan keeti sareen kun, attamiin waan guddoo akkasii godhuu dande'aa?» jedhee gaafate. \p Elsaa'i deebisee, «Ati mooticha worra Sooriya'aa akka teetu Mootiin Waan Maraa natti mudhiseera» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba Hazaa'el, Elsaa'i biraa deemee gara Ben-hadaadii goottaa ifii deebi'e; yennaa san Ben-hadaad, «Elsaa'i maan si jedhe?» jedhee gaafate. \p Hazaa'el deebisee, «Ati dhugumaan akka fayyitu natti hime» jedhe. \v 15 Boruyyaa ammoo Hazaa'el bullukkoo fuudhee bisaan keessa cuuphee, fuula mootichaa irra buusee buqee ijjeese. \p Achiin duuba Hazaa'el addee Ben-hadaadiititti mootii worra Sooriya'aa te'e. \s1 Yehoraamii Mootii Yihuda'aa \p \v 16 Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, ilmi Yoshaafaaxii Yehoraam biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. \v 17 Inni yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamatti ti; Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche. \v 18 Yehoraam intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma maatiin Ahaabii goote karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 19 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Daawitiif jedhee, isaa fi sanyii isaa keessaa haga bara baraa mootiin akka hin dhabanne waadaa waan galeeruuf, Yihudaa balleessuu hin barbaanne. \p \v 20 Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootii ifii mootonfatte. \v 21 Maarre Yehoraam garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee Saa'iiritti duule. Worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu marsane; innii fi ajajjooti isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu ammoo, halkaniin ka'anee worra Edoomii lolanee dhoosane bayanee, baqatanee gara mana ifii deebi'ane. \v 22 Yennaa sanii jalqaddee biyyi Edoomii bulchiinsa Yihuda'aa irratti kaatee finqilte. Liibnaalle yennuma san finqilte. \p \v 23 Wonni dhibiin ta mootichi Yehoraam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 24 Yehoraam du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame. Ilmi isaa Ahaaziyaan addee isaatitti mootii te'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Ahaaziyaa \p \v 25 Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. \v 26 Ahaaziyaan mootii yennaa te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii mootii Israa'elii ti. \v 27 Ahaaziyaan fuudhaa fi heerumaan maatii Ahaabii woliin waan firoomaneef, karaa maatii Ahaabii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \p \v 28 Ahaaziyaan Yoraamii ilma Ahaabii woliin mooticha Sooriya'aa Hazaa'el Raamoot-Giili'aaditti loliisaaf dhaqe; worri Sooriya'aa Yoraam madeesse. \v 29 Mootichi Yoraam madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu Raamootitti madowe san fayyiisaaf gara Yizre'elii deebi'e; ilmi Ahaabii Yoraam waan madoweeruuf, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa gaafatiisaaf Yisre'el dhaqe. \c 9 \s1 Yehuun Muudamee Mootii Israa'elii Te'e \p \v 1 Yennaa san raagichi Elsaa'i, miseensa raagotaa keessaa tokko waamee, «Hidha keeti hidhadhuutii, okkotee zayitii ejersaa tana fuudhiitii, Raamoot-Giili'aad deemi. \v 2 Yennaa achi geette ilma Yoshaafaaxii akaakoo Niimshii Yehuu barbaadi; worra isa woliin jiru biraa qofitti isa baasiitii gara kollo'oo seensisi. \v 3 Zayitii ejersaa tana mataa isaa irratti naqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: mootii Israa'elii akka teetu ani si muudeera siin jedha› jedhiin. Achiin duuba adoo hin turin, balbala banadhuutii baqadhu» jedhe. \p \v 4 Maarre dargaggeessi raagichi Raamoot-Giili'aad dhaqe. \v 5 Yennaa inni achi geye, ajajjooti loltootaa wolitti qabamanee tee'anuun dhaggee, «Ajaja'a! Ani ergaa sitti himu qaba» jedhe. \p Yehuun, «Nu keessaa eennutti hinta?» jedhee gaafate. \p Raagichi, «Ajaja'a, si'itti hima» jedhee deebise. \p \v 6 Achiin duuba Yehuun ka'ee mana seene. Raagichi dargaggeessi zayitii ejersaa mataa Yehu'uu irratti naqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: ‹Kolbaa Mootii Waan Maraa Israa'elii irratti mootii akka teetuuf ani si muudeera. \v 7 Ani dhiiga tajaajiltoota tiyya raagotaatii fi dhiiga tajaajiltoota tiyya maraa, Iizaabel irratti haluu akka bayu, ati maatii goottaa keeti Ahaabii hin balleessita. \v 8 Maatiin Ahaabii marti hin baddi; maatii isaa dhiira ka te'e, garba yookiin garba ka hin te'in mara Israa'el keessaa hin balleessa. \v 9 Maatii Ahaabii akka maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii, akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiya'aa hin godha. \v 10 Lafa Yizre'eliititti sareeleen Iizaabel hin nyaatti; nami tokkolle isii hin awwaalu› jedha» jedhee, raagichi dargaggeessi balbala banatee baqate. \p \v 11 Yennaa Yehuun gara ajajjoota loltoota goottaa ifii deebi'ee gad baye, isaan keessaa tokkochi, «Wonni marti nageyaa? Namichi maraataan kun maaf gara keeti dhufe?» jedhee gaafate. \p Yehuun deebisee, «Heci, namichalle, waan inni dubbatulle isinuu hin beettan» jedhe. \p \v 12 Isaan deebisanee, «Nutti himi malee, tun dhuga'aa moti» jedhane. \p Yehuulle, «Wonni inni natti hime, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani akka ati mootii Israa'elii teetuuf si muudeera› siin jedha» naan jedhe. \p \v 13 Achiin duuba isaan marti woyaa ifi irraa baafatanee, yaabbannoo Yehuun irra deemu irratti afaneefii, tultullaa afuufaa, qoonqoo ol qabatanee, «Yehuun mooti'i» jedhane. \s1 Yehuun Yoraamii fi Ahaaziyaa Ijjeese \p \v 14 Maarre Yehuun ilmi Yoshaafaaxii akaakoon Niimshii, Yoraam irratti mala dhowe; yennaa san Yoraamii fi namooti Israa'elii marti mootichi Sooriya'aa Hazaa'el Raamoot-Giili'aad akka hin lolle eegiisatti jiraniiyyu. \v 15 Mootichi Yoraam ammoo madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu loltooti Sooriya'aa isa madeessite san fayyiisaaf Yizre'elitti deebi'eeraayyu; Yehuun, «Kun yaada keessan yoo te'e, nami tokkolle qachaa kana keessaa miliqee bayee, Yizre'el keessatti dubbii tana akka hin dubbanne eega'a» jedhe. \v 16 Yennaa san Yoraam dhibamee qachaa Yizre'elii keessa waan irkateeruuf, Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa ilaaliisaaf gad bu'e; tanaaf Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara qachaa Yizre'elii dhaqe. \p \v 17 Eeddichi xelleephoo dalleya Yizre'elii irra jiru, loltooti Yehu'uu dhufaaranuun dhaggee, qoonqoo ol qabatee, «Loltoota dhufiisatti jiranu takka dhagge!» jedhe. \p Yoraam deebisee, «Abbaa fardaa tokko itti ergiitii, ‹Isin nageyaafuu dhufaartanii?› jedhee gaafatuu ti» jedhe. \v 18 Abbaan fardaa sun farda irra tee'ee gara Yehu'uu dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedhee gaafate. \p Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe. \p Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru» jedhee mootichatti hime. \p \v 19 Achiin duuba mootichi abbaa fardaa dhibii itti erge; innille gara isaanii dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedheen. Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe. \p \v 20 Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru; sooressaan loltoota sanii akka nama maraatee garreettaa fardaan harkifamu waan oofuuf, oofiis isaa oofiisa Yehuu ilma Niimshii fakkaata» jedhee mootichatti hime. \p \v 21 Mootichi Yoraam, «Garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu naaf qopheessa'a» jedhee ajaje; isaanille qopheessanee, innii fi mootichi Yihuda'aa Ahaaz qofi qofitti garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'anee, gara Yehuu dhaqanee, fichaa Naabotii Yezire'elichaa keessatti isa dhaggane. \v 22 Yoraam yennaa Yehuu dhagge, «Yehuu! Nageyaafuu dhuttee?» jedhee gaafate. \p Yehuun deebisee, «Waaqonfatiis waaqota dharaatii fi moruun haadha teeti Iizaabelii haga jirtu nageya maanti jiraa?» jedhe. \p \v 23 Yoraam Ahaaziyaa waamee, «Ahaaziya'a! Tun maltumma'a!» jedhee garagalee dheete. \v 24 Yehuun guubee ifii hunnaan harkisee daaya ceekuu Yoraamii lamaan wodhakka'atti gad lakkisee, onnee isaa woraane; Yoraamille garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessatti jige. \v 25 Yehuun qarqaarticha ifii Biidkaariin, «Reeffa isaa fuudhiitii fichaa Naabotii Yizre'elichaa keessatti gati. Anii fi ati garreettaa fardaan harkifamu yaabbannee, abbaa isaa Ahaab duubaan deemiisatti jirruun, Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif raaga dubbate san qaabadhu. \v 26 Mootiin Waan Maraa, ‹Ani kalee dhangala'iisa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa dhaggeera; ani dhugumaan fichuma kana keessatti akka ati haluu baatu hin godha› jedha; tanaaf akka Jecha Mootii Waan Maraatitti, reeffa Yoraamii fuudhiitii fichaa Naabotii keessatti gati» jedhe. \p \v 27 Mootichi Yihuda'aa Ahaaziyaan waan te'e kana duudii yennaa dhagge, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu yaabbatee, karaa gara qachaa Bet-haaganii geessu baqate. Yehuun isa ari'ee, «Isalle ijjeesa'a» jedhee ajaje. Isaanille qachaa Yible'aamii biratti karaa tarba Guuriititti garreettaa isaa ka fardaan harkifamu keessatti isa madeessane. Inni ammoo gara qachaa Megidoo baqatee, achitti du'e. \v 28 Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun gara Yerusaalemii geessitee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii isaatitti isa awwaalte. \p \v 29 Ilmi Ahaabii Yoraam mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, Ahaaziyaan mootii Yihuda'aa te'e. \s1 Giittittiin Iizaabel Ijjeefante \p \v 30 Yehuun gara Yizire'elii akka dhufe Iizaabel yennaa dhageette, ila ifii kuulattee, mataa ifii dhowattee foddaa manaatiin gad ilaalte. \v 31 Akkuma Yehuun karra ol seeneen, isiin qoonqoo ol qabattee, «Ee Ziimrii goottaa keeti ijjeette, nageyaafuu dhuttee?» jette. \p \v 32 Yehuun gara fodda'aa ol ilaalee, «Nami naa golu eennuu? Eennu ree?» jedhe; yoos guneessoti lama yookiin sad gara isaa gad ilaalane. \v 33 Yehuulle isaaniin, «Gad isii darba'a!» jedhe. Yennaa isaan gad isii darbane, dhiigi isi'ii gariin dalleya dhaka'aatii fi fardoo irratti faca'e; Yehuun fardoo isii irra oofee, fardoon irra sirbite. \v 34 Inni gara manaa seenee nyaatee unne; achiin duuba inni, «Dubartittiin abaarantuun tun, intala mootichaa waan teeteef, fuudha'aatii awwaala'a» jedhe. \v 35 Isaan yennaa isii awwaaliisaaf gad bayane ammoo, buqqii mataa isi'ii, miilaa fi ganaa harka isi'ii malee womaa hin dhaggine. \v 36 Yennaa isaan waan kana Yehu'utti himane inni, «Kun jecha Mootii Waan Maraa ka karaa tajaajilaa ifii Eliyaasii Tishibeetichaatiin, ‹Lafa Yizre'elii keessatti sareen foon Iizaabelii hin nyaatti. \v 37 Nami tokkolle: tun Iizaabel jechuu akka hin dandeennetti, reeffi isi'ii akka kosi'ii lafa Yizre'elii keessatti hin gatama› jedhee dubbate» jedhe. \c 10 \s1 Sanyiin Ahaabii Ijjeefante \p \v 1 Ahaab qachaa Samaariya'aa keessatti ilmaan torbaatama qabaayyu; maarre Yehuun xalayaa barreessee gara qachaa Samaariya'aa, bulchitoota Yizre'liitiif, jaarsole'ee fi worra ijoollee Ahaabii guddisu duudi'iif erge; xalayaan sun, \v 2 «Ilmaan goottaa keessanii isin bira eega jiraatte, garreettaa fardaan harkifamu, fardoo, meya woraanaatii fi qachaa dalleya dhaka'aatiin marfame eega qabaattane, akkuma xalayaan kun isin geyeen, \v 3 ilmaan goottaa keessanii keessaa irra caalaa dansaa ka te'ee fi dandeettii ka qabu fila'aatii, addee abbaa isaatitti isa mootii godha'aatii, sanyii goottaa keessaniitiif lola'a!» ka jedhu. \p \v 4 Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Moototi lamaan ka dande'anee Yehuu ifi irraa hin dhooggatin, nuuti attam dandeennee isa ifi irraa dhoogganna ree?» jedhane. \v 5 Maarre itti gaafatamaan mana mootumma'aa, bulchaan qacha'aa, jaarsole'ee fi worri ijoollee guddisu, «Nuuti tajaajiltoota teeti; waan ati nuun jettu mara hin goona; nuuti eennulle mootii hin goonu; waan irra caalaa dansaa sitti fakkaate atinuu godhi» jedhanee ergaa Yehu'utti ergane. \p \v 6 Achiin duuba Yehuun, «Isin yoo golii tiyya teetanee, naaf ajajatane, mataa ilmaan goottaa keessanii mura'aatii boru yennaa tana Yizre'elitti gara kiyya fida'aatii kowa'a» jedhee xalayaa lammeesso'oo isaanii barreesse. \p Yennaa san ilmaan mootichaa torbaatam, sooreyyii qachaa Samaariya'aa worra isaan guddisu bira jirtiiyyu. \v 7 Yennaa xalayaan isaan dhaqqabe, isaan ilmaan mootichaa torbaatama maraayyuu ijjeesanee, mataa isaanii saaxaraa keessa keyanee, Yizre'elitti gara Yehu'uu ergane. \p \v 8 Namichi ergame sun yennaa achi geye, «Isaan mataa ilmaan mootichaa fidaneeran» jedhee Yehu'utti hime. Achiin duuba Yehuun, «Seensuma karra qacha'aatitti addee lamatti tuula'aatii, haga boru ganamaatitti achuma turuu ti» jedhee ajaje. \v 9 Boruyyaa ganama Yehuun gara seensuma karra qachaa sanii gad bayee, kolbaa achi jirtu mara dura dhaabbatee, «Isin balleessaa hin qaddanu. Mooticha Yoraamitti mala dhowee ka ijjeese ana; worra kana mara ammoo ka ijjeese eennuu? \v 10 Mootiin Waan Maraa karaa raagicha ifii Eliyaasiitiin waan dubbate waan muummesseef, waan inni marroo sanyii Ahaabii dubbate keessaa takkaalle lafa akka hin buune beeka'a» jedhe. \v 11 Maarre Yehuun worra sanyii Ahaabii keessaa hafee Yizre'el keessa jiru mara, sooressitoota isaa mara, jaalota isaa maraa fi hayyoota isaa mara, nama tokkolle adoo hin hamburin fixe. \s1 Firri Mooticha Ahaaziya'aa Ijjeefame \p \v 12 Yehuun Yizre'elii ka'ee gara qachaa Samaariya'aa adoo deemuu, addee quttuma tissitootaa\f + \fr 10:12 \fr*\fqa Addee quttuma tissitootaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Bet-Eqed \ft*\ft jedhama.\ft*\f* yennaa geye, \v 13 firoota Ahaaziyaa mooticha Yihuda'aa dhaggee, «Isin eennuu?» jedhee gaafate. \p Isaanille, «Nuuti firoota Ahaaziya'aa ti; maatii mootichaatii fi maatii haadha mootichaa dubbisiisaaf gara Yizre'elii dhaqaarra» jedhane. \v 14 Yehuun, «Worra kana jiru'uunuu booji'a'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan namoota afurtamii lama jiru'uunuu booji'anee boolla Bet-Eqedii biratti fixane; isaan keessaa nama tokkolle hin hamburre. \s1 Worri Mana Mootummaa Ahaabii Keessatti Hafe Marti Ijjeefame \p \v 15 Yehuun achii ka'ee yennaa deeme, ilmi Rekaabii Yonaadaab isa dhaggiisaaf dhufuun, karaa irratti dhaggee, nageya fuudhee, «Akkuma gadhaan kiyya si'iif jiru gadhaan keeti naaf jiraa?» jedhee gaafate. \p Yonaadaab deebisee, «Eeti'i» jedhe. \p Yehuun deebisee, «Yoo akkas teete harka kiyya qabadhu» jedheen. Maarre inni harka isaa qabate; Yehuulle isa qarqaaree, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee, \v 16 «Ana gula koyiitii hinaaffaa ani Mootii Waan Maraatiif qabu ilaal» jedhe. Maarre Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee deemane. \v 17 Yehuun qachaa Samaariya'aa yennaa geye, worra mana mootummaa Ahaabii keessatti hafe mara ijjeese; akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Eliyaasitti dubbate, inni isaan balleesse. \s1 Worri Ba'aal Waaqonfatu Ijjeefame \p \v 18 Achiin duuba Yehuun kolbaa qachaa Samaariya'aa mara wolitti qabee, «Mootichi Ahaab waaqa Ba'aalii diqquma tajaajile; ani Yehuun ammoo isa caalaa hin tajaajila. \v 19 Tanaaf amma, raagota Ba'aalii mara, tajaajiltoota isaatii fi hayyoota isaa mara naaf waama'a. Ani ciincaa guddaa Ba'aaliif waan dhikeessuuf, nami tokkolle hin hafin! Nami hafe hin ijjeefama» jedhe. Yehuun ammoo tajaajiltoota Ba'aalii balleessiisaaf mala kana dhowe. \v 20 Tanaan duuba Yehuun, «Ulfinna Ba'aaliitiif yaa'ii lassa'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan lassane. \v 21 Yehuulle lafa Israa'elii duudi'itti ergaa dabarse; tajaajiltooti Ba'aalii marti tokkolle adoo hin hafin wolitti qabamane; isaan gara galma Ba'aalii seenanee, qacce'ee haga qacce'eetitti guutane. \v 22 Achiin duuba Yehuun namicha mana woya'aa eeguun, «Tajaajiltoota Ba'aaliitiif woyaa gad baasiif» jedhe. Maarre inni woyaa isaaniif gad baase. \v 23 Achiin duuba Yehuun, ilma Yonaadaabii Rekaab woliin gara galma Ba'aalii seenee, tajaajiltoota Ba'aaliitiin, «Tajaajiltoota Ba'aalii malee, tajaajiltooti Mootii Waan Maraa isin woliin as akka hin jirre hubadha'aatii ilaala'a» jedhe. \v 24 Maarre Yehu'uu fi Yonaadaab ciinca'aa fi kennansa gubamu dhibiille Ba'aaliif dhikeessiisaaf gara keessaa seenane; yennaa san Yehuun namoota saddeettama galmaan alatti dhaabbachiisee, «Isin keessaa, namoota ani isinitti kennu keessaa nami tokkolle akka miliqu ka godhe, inni addee nama miliqe sanii hin ijjeefama!» jedhee isaan ifi eeggachiise. \p \v 25 Yehuun akkuma kennansa gubamu dhikeessee hobbaaseen, eeddotaa fi qondaaltota loltootaatiin, «Seena'aatii isaan ijjeesa'a! Nami tokkolle hin miliqin!» jedhee ajaje. Maarre isaan shallaaga'aan isaan ijjeesane; eeddotii fi qondaaltoti loltootaa reeffa isaanii mara alatti baasanee gatane. Achiin duuba isaan gara kolloo galma Ba'aalii ta gara keessaa dhaqanee, \v 26 soodduu woyyittii galma Ba'aalii keessaa gad baasanee gubane. \v 27 Maarre isaan soodduu woyyittii Ba'aalii caccassanee, galma Ba'aaliille diiganee, haga adhaa mana faalowaa godhatane. \p \v 28 Akka kanaan Yehuun waaqonfatiisa Ba'aalii Israa'el keessaa balleesse. \v 29 Te'uu malee, inni cubbuu Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante, ta Israa'elooti Bet'elii fi Daan keessatti akka waaqonfattu godhe san irraa hin deebine. \v 30 Mootiin Waan Maraa, Yehu'uun, «Ati na duratti waan dansaa gootee, waan ani yaade mara, sanyii Ahaabii irratti waan gooteef, sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhe. \v 31 Yehuun ammoo seera Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gadhaa tokkochaan hin eeganne; inni cubbuu Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. \s1 Du'a Yehu'uu \p \v 32 Bara san Mootiin Waan Maraa lafa Israa'elii dhiphisuu jalqabe. Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el lafa Israa'elii, \v 33 laga Yordaanosii irraa gara baya adu'uu lafa Giil'aadii mara, Baashaan lafa gosi Gaadii, gosi Ruubeniitii fi gosi Minaase'ee keessa le'anu, haga qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii qabate. \p \v 34 Wonni dhibiin ta Yehuun huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 35 Yehuun du'ee, qachaa Samaariya'a keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'ahaaz addee isaatitti mootii te'e. \v 36 Yehuun Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii saddeeti Israa'el irratti mootii te'e. \c 11 \s1 Mootittii Yihuda'aa Ataaliyaa \r (2 Dab. 22:10—23:15) \p \v 1 Ilmi isi'ii Ahaaziyaan akka du'e Ataaliyaan yennaa dhageette, kaatee maatii moototaa mara balleessite. \v 2 Intalti Yoraamii mootichaa, obboleettiin Ahaaziya'aa Yoshebaan ammoo, ilma Ahaaziya'aa Yo'aas, ilmaan moototaa ta ijjeefamu'uuf jiranu keessaa dhossitee baattee, akka inni hin ijjeefanneef, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti Ataaliyaa jalaa dhossite. \v 3 Woggaa jaaf haga Ataaliyaan mootittii teete, inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti ta isa guddittu woliin dhokatee hafe. \p \v 4 Woggaa torbeesso'ootitti ammoo hayyichi Yoyaadaan, ajajjoota dhibbaa ta eeddota mooti'iitii fi ta eeddota mana mootumma'aa maratti ergee, gara Galma Mootii Waan Maraa isaan waansise; achitti isaan woliin gondooroo gondooratee, isaan kakachiiseen duuba, ilma mootichaa isaanitti mudhise. \v 5 Inni, isaan ajajee, «Wonni isin gootanu: isin worri guyyaa Sanbataa eeddo'oof baatanu, harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeguu ti. \v 6 Harka sad keessaa harki tokko karra Suurii eeguu ti; harka sad keessaa harki tokko karra eeddoti tuun eedduun duuba jirtu eeguu ti. \v 7 Isin worri guyyaa Sanbataa badoo eeddoo teessanii fixatane, Galma Mootii Waan Maraa ka mootichi keessa jiru eega'a. \v 8 Tokko tokkoon keessan meya lolaa keessan qabadha'aatii, adaala mootichaa dhaabbadha'a; eennulle yoo isinitti dhikaate ijjeesa'a; gara mootichi deemu mara isa woliin deema'a» jedhe. \p \v 9 Ajajjooti dhibbaa akkuma hayyichi Yoyaadaan isaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaaniille worra guyyaa Sanbataatiin eegiisaaf dhaquu fi worra eeddoo fixatee galu fudhatanee, gara hayyichaa dhufane. \v 10 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan, ebo'oo fi wontee mooticha Daawitii ka Galma Mootii Waan Maraa keessaa san ajajjoota dhibbaatiif kenne. \v 11 Eeddoti tokko tokkoon isaanii meya lolaa qabatanee, Galma Mootii Waan Maraa irraa gara kibbaatii haga kaabaa, addee ciinca'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa marsanee, mooticha eegiisaaf dhaabbatane. \v 12 Achiin duuba Yoyaadaan, ilma mootichaa gad baasee kallacha mataa isaa irra keyee, barreeffama Mootiin Waan Maraa marroo moototaatiif waadaa gale dhugaa bayu isaaf kennee, isa muudee mootii te'iisa isaa beessise. Kolbaan harka dhoottee qoonqoo ol qabattee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jette. \p \v 13 Mootittiin Ataaliyaan hogaa eeddotaatii fi kolba'aa yennaa dhageette, gara Galma Mootii Waan Maraa addee kolbaan wolitti qabanteertu dhaxxe. \v 14 Akkuma baratame mootichi utubaa bira dhaabbatee, qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbateeruun dhaggite; kolbaan lafa sanii marti gammadee tultullaa afuufiisatti jirtiiyyu. Achiin duuba Ataaliyaan gadditee woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a!» jettee iyyite. \p \v 15 Hayyichi Yoyaadaan, Ataaliyaan Galma Mootii Waan Maraa keessatti akka ijjeefantu waan hin barbaanneef, ajajjoota dhibbaatiin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama isii gula dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe. \v 16 Maarre isaan isii qabanee addee fardooleen gara mana mootumma'aa seentu geessanee, achitti isii ijjeesane. \s1 Jijjiirama Yoyaadaan Godhe \r (2 Dab. 23:16-21) \p \v 17 Hayyichi Yoyaadaan akka isaan kolbaa Mootii Waan Maraa te'anu, Mootii Waan Maraatii fi mooticha wodhakka'atti, mootichaa fi kolbaa wodhakkaalle'etti gondooroo gondoore. \v 18 Achiin duuba kolbaan lafa Yihuda'aa marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa caccassite; hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa duratti ijjeette. \p Hayyichi Yoyaadaan Galma Mootii Waan Maraa akka eeganuuf eeddota itti godhe. \v 19 Inni ajajjoota dhibbaa, eeddota mooti'ii, eeddotaa fi kolbaa biyya sanii mara fuudhee, isaan woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasee, karaa karra eeddotaatiin gara mana mootumma'aa seensisane. Achiin duuba mootichille barcumaa mootumma'aa irra tee'e. \v 20 Maarre Ataaliyaan mana mootumma'aa keessatti shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan duudiin gammadde; qachaan sunille nageya dhaggate. \p \v 21 Yo'aas yennaa mootii te'e mucaa woggaa torba ti. \c 12 \s1 Mootii Yihuda'aa Yo'aas \r (2 Dab. 24:1-16) \p \v 1 Yehuun Israa'el irratti mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, Yo'aas mootii Yihuda'aa te'ee, Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; haati isaa Ziibiyaan nama qachaa Bersheeba'aa ti. \v 2 Bara hayyichi Yoyaadaan isa gorsaa ture maratti, Yo'aas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. \v 3 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. \p \v 4 Yo'aas hayyootaan, «Beesee kennaa addaa ta namooti gara Galma Mootii Waan Maraa fidanu: beesee laakkossa namaa irraa dhaggante, beesee waada'aatii fi beesee nami fedha ifiitiin kennu mara wolitti qaba'a. \v 5 Hayyooti tokko tokkonuu, beesee namoota beesee qabatanu irraa fuudhane, addee Galmi Waaqaa caccabee dhaggame deebisanee ittiin haaressanuu ti» jedhe. \p \v 6 Hayyooti ammoo Yo'aas mootii te'ee, haga woggaa diddamii sadeesso'ootitti Galma Waaqaa hin haaressine. \v 7 Tanaaf mootichi Yo'aas hayyicha Yoyaada'aa fi hayyoota dhibii waamee, «Galma Waaqaa ka caccabe maaf haaressuu dhaddane? Addee Galmi Waaqaa caccabe ittiin haaressiisaaf dabarsa'aa kenna'a malee, haganaa achi namoota beesee qabatanu irraa beesee hin fuudhina'a» jedhe. \v 8 Hayyooti beesee namoota irraa akka hin fuune, Galma Waaqaalle ifiif akka hin haaressine wolii galane. \p \v 9 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan saanduqa tokko fuudhee qadaaddaa isi'ii irratti urata baasee, karaa nami Galma Mootii Waan Maraa seenu gara middaatiin addee ciinca'aa bira keye. Hayyooti seensuma eeddu, beesee namooti gara Galma Mootii Waan fidane mara fuutee, saanduqa keessa keettiiyyu. \v 10 Beeseen saanduqa keessa akka guutte yennaa dhagganne mara, barreessaan mootichaatii fi hayyichi guddaan dhufanee, beesee Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggante san laakkowanee subbatti naqanee hidhaniiyyu. \v 11 Beesee san laakkowaneen duuba, namoota itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennan; beesee san Galma Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, worra muka bocuuf, worra dhaka'aan mana ijaaruuf, \v 12 worra dhakaa bocuuf, worra dhakaa muruuf kaffalan. Akkasuma Galma Mootii Waan Maraa ka caccabe deebisanee haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame bitiisaaf, Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressiisaaf waan barbaachisu maraaf kaffalaniiyyu. \v 13 Te'uu malee, beesee Galma Mootii Waan Maraatiif kennante tana, gabataa meeti'ii, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii, tultullaa yookiin meya meetii irraa yookiin worqii irraa hujamu hujiisaaf hin balleessine. \v 14 Beeseen sun hojjatoota Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressanuuf kennante. \v 15 Namooti itti gaafatantoota huji'ii addatamumma'aan waan hujaneef, beeseen hojjattootaaf akka kaffalanu isaanitti kennante sun harka isaaniititti hin toowatanne. \v 16 Beeseen woreega yakka'aatii fi sababa cubbu'uutiif kennantu, ta hayyootaa waan teeteef gara Galma Mootii Waan Maraa hin fidanu. \p \v 17 Yennaa san mootichi Sooriya'aa Hazaa'el qachaa Gaatii lolee qabate; achiin duuba qachaa Yerusaalemii loliisaaf murteeffate. \v 18 Mootichi Yihuda'aa Yo'aas ammoo, meya abbootiin isaa ta durii moototi Yihuda'aa Yoshaafaax, Yehoraamii fi Ahaaziyaan Galma Mootii Waan Maraatiif adda baasanee woyyoonsane mara, kennansa inni ifumaafuu adda baase, worqii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggante mara mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliif erge; achiin duuba Hazaa'el Yerusaalem irraa deebi'ee deeme. \p \v 19 Wonni dhibiin ta mootichi Yo'aas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \p \v 20 Qondaaltoti isaa isa irratti kaatee, karaa gara Siilaa gad bu'u irratti Bet-miilo'otti isa ijjeette. \v 21 Qondaaltoti isaa worri isa ijjeese ilma Shime'aatii Yozaabaadii fi ilma Shomerii Yehozaabaad. Yo'aas du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Amaasiyaan addee isaatitti mootii te'e. \c 13 \s1 Mootii Israa'elii Yeho'ahaaz \p \v 1 Ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa diddamii sadeesso'ootitti, ilmi Yehu'uu Yeho'ahaaz Israa'el irratti mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa kudhanii torba bulche. \v 2 Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san hordofiisaan, Mootii Waan Maraa duratti hujii hantuu huje; inni hujii hantuu san irraa hin deebine. \v 3 Maarre Mootii Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, bara heddu'uuf harka mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliitii fi ilma isaa Ben-Hadaadiititti dabarsee isaan kenne. \v 4 Achiin duuba Yeho'ahaaz gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle mootichi Sooriya'aa Israa'eloota akka cunqursiisatti\f + \fr 13:4 \fr*\fqa Cunqursiisatti; \fqa*\fqa Yookiin hacuuciisatt.\fqa*\f* jiru dhaggee, daadimata Yeho'ahaazii dhage'e. \v 5 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, nama Israa'eloota worra Sooriya'aa jalaa baasu ergeef; Israa'elootille harka worra Sooriya'aa jalaa bayanee akkuma durii nageyaan le'ane. \v 6 Te'uu malee, isaan cubbuu sanyii Yerobi'aamii ta inni akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine; fakkiin waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, qachaa Samaariya'aa keessaa adoo hin diigamin hatte. \p \v 7 Mootichi Sooriya'aa, loltoota Yeho'ahaazii balleessee, akka bukuu yennaa midhaan dhowanu kaatuu waan godheef, abbootii fardaa shantama, garreettaa fardaan harkifamu kudhanii fi loltoota miilaa kuma kudhan malee tokkolle hin hanne. \v 8 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'ahaaz huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 9 Yeho'ahaaz du'ee, Samaariyaa keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'aash addee isaatitti mootii te'e. \s1 Yeho'aashii Mootii Israa'el \p \v 10 Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee woggaa soddomii torbeesso'ootitti, ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa Israa'el bulche. \v 11 Innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine. \v 12 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudi'ii fi jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 13 Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; ilmi isaa Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e. \s1 Du'a Elsaa'ii \p \v 14 Raagichi Elsaa'i dhibee isa ijjeette saniin worwaanatuun, mootichi Israa'elii Yeho'aash isa ilaaliisaaf dhaqee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete» jedhee isaaf bowe. \p \v 15 Elsaa'i mootichaan, «Guube'ee\f + \fr 13:15 \fr*\fqa Guubee: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa Buubee \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* fi daaya fudhadhu» jedhe; Yeho'aashille guube'ee fi daaya fudhate. \v 16 Achiin duuba Elsaa'i, «Guubee harkatti qabadhu» jedhe. Yennaa inni harkatti qabate, Elsaa'ille harka ifii harka mootichaa irra keye. \v 17 Achiin duuba Elsaa'i, «Foddaa ka gara aduun baatuu bani» jedhe; innille bane; Elsaa'i, «Daaya darbadhu!» jedhe; mootichi akkuma daaya darbateen, Elsaa'i, «Tun daaya Mootii Waan Maraa ka injifacha'aa ti; inni ka worri Sooriya'aa ittiin injifatamu; ati worra Sooriya'aa qachaa Afeqi'ii keessatti ijjumaa hin balleessita» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba Elsaa'i mootichaan, «Daayota dhibii fuudhiitii lafa tuttumadhu!» jedhe; innille daayota fuudhee yennaa sad lafa tuttumatee lakkise. \v 19 Elsaa'i isatti aaree, «Yennaa shan yookiin yennaa jaa adoo lafa tuttumattee jiraatte, worra Sooriya'aa injifattee ijjumaa hin balleessitaayyu; amma ammoo yennaa sad qofa isaan hin injifatta» jedhe. \p \v 20 Elsaa'i du'ee awwaalame. \p Ji'oota birra'aa mara gareen loltoota Mo'aabii lafa Israa'elii seenan. \v 21 Gaafa tokko Israa'elooti nama du'e awwaaliisatti adoo jiranuu, saamtota worra Mo'aabii dhagganee, reeffa namichaa addee awwaala Elsaa'ii keessatti qolaansane. Reeffi namichaa akkuma lafee Elsaa'ii tuqeen, namichi du'aa ka'ee dhaabbate. \s1 Israa'elooti Qachoota Sooriya'aa Deebitee Qabate \p \v 22 Bara mootummaa Yeho'ahaazii mara mootichi Sooriya'aa Hazaa'el Israa'eloota mara cunqurse\f + \fr 13:22 \fr*\fqa Cunqurse: \fqa*\ft Yookiin hacuuce.\ft*\f*. \v 23 Mootiin Waan Maraa ammoo sababa gondooroo Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin godheetiif, isaaniif nayee, mararee isaan qarqaare. Inni haga adhaa isaan hin balleessine yookiin fuula ifii duraa isaan hin fageessine. \p \v 24 Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el du'ee, ilmi isaa Ben-hadaad addee isaatitti mootii te'e. \v 25 Achiin duuba ilmi Yeho'aazii Yeho'aash, qachoota Hazaa'el abbaa isaa Yeho'aaz lolee irraa fudhate, ilma Hazaa'elii Ben-hadaad irraa deebifate. Yeho'aash yennaa sad isa injifatee qachoota Israa'elii deebifate. \c 14 \s1 Mootii Yihuda'aa Amaasiyaa \r (2 Dab. 25:1-24) \p \v 1 Ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Israa'el irratti mootii te'ee woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'e. \v 2 Inni mootii yennaa te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yo'adaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. \v 3 Amaasiyaan Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee akka Daawitii abbaa ifii ka durii hin hunye; inni waan mara akka abbaa ifii Yo'aasii huje. \v 4 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. \p \v 5 Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese. \v 6 Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko tokkooyyuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne; \p \v 7 Amaasiyaan worra Edoomii kuma kudhan dhooqa sooddaa keessatti fixe; inni qachaa «Selaa» jedhamu lolee qabatee, «Yaqti'el» jedhee moggaase; qachaan sun haga adhaalle maquma kanaan waamama. \p \v 8 Achiin duuba Amaasiyaan akaakoo Yehu'uu ilma Yeho'aazii gara mooticha Israa'elii, Yeho'aashitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate. \v 9 Yeho'aash mootichi Israa'elii ammoo, Amaasiyaa mooticha Yihuda'aatiif deebisee, «Yennaa tokko qoreen Libaanos keessaa, muka hindheensaatiin, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jette nama itti ergite; bineensi Libaanosii tokko ammoo karaa san dhufee, qoree san irra sirbe. \v 10 Ati dhugumaan worra Edoomii injifatteerta; gadhaa keeti keessatti ifi jajjeerta. Injifachaa dhaggatteen gammadii, mana keeti tee'i; maaniif ifiif jiddee Yihudaalle akka jidduuf tuttuxxee rakkinna ifi irratti fida» jedhe. \p \v 11 Amaasiyaan ammoo isa dhage'uu waan dideef, mootichi Israa'elii Yeho'aash loltoota ifii fudhatee, mooticha Yihuda'aa Amaasiya'atti duulee, biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti isa lole. \v 12 Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, marti isaanii gara mana ifii baqatane. \v 13 Mootiin Israa'elii Yeho'aash Bet-Shemeshitti, Amaasiyaa ilma Yo'aasii mootii Yihuda'aa akaakoo Ahaaziya'aa booji'e; achiin duuba inni gara Yerusaalemii dhaqee, dalleya Yerusaalemii ka dhaka'aa karra Efreemiitii haga karra roga dalleyaatitti ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige. \v 14 Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiruu fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu mara, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e. \p \v 15 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudiin, jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 16 Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e. \s1 Du'a Amaasiyaa Mooticha Yihuda'aa \r (2 Dab. 25:25-28) \p \v 17 Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e. \v 18 Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \p \v 19 Amaasiyaa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala itti waan dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishiititti baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee achitti isa ijjeesisane. \v 20 Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Daawitii Yerusaalem keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane. \v 21 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa ilma Amaasiya'aa Azaariyaa ka woggaan isaa kudha jaa, addee Amaasiyaa abbaa isaatitti isa mootii godhane. \v 22 Amaasiyaan du'een duuba, Azaariyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise. \p \v 23 Ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam mootii Israa'elii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche. \v 24 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine. \v 25 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, karaa tajaajilaa ifii Yoonaasii ilma Amiitaayii raagicha Gaat-Hefertiin akkuma dubbatetti, Yerobi'aam meessaa Israa'elii, seensuma gara Haamaatii irraa kaasee, haga Abbaayaa Arabaayii\f + \fr 14:25 \fr*\fqa Abbaayaa Arabaayii: \fqa*\ft Abbaayaa sooddaalle hin jedhanti.\ft*\f* addee duriititti deebise. \p \v 26 Nami Israa'el keessaa marti, garbi yookiin nami bilisa te'e akka farriisatti jiranu, nami isaan qarqaarulle akka hin jirre Mootiin Waan Maraa dhagge. \v 27 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Maqaa Israa'elootaa biyya lafaa irraa ijjumaa hin balleessa» waan hin jedhiniif, inni karaa Yerobi'aamii ilma Yeho'aashiitiin isaan hambure. \p \v 28 Wonni dhibiin ta Yerobi'aam huje duudiin, jannummaan isaa ta inni ittiin lole, Damaasqo'oo fi Haamaat ka kutaa biyya Yihuda'aa te'ane Israa'elootaaf attam akka deebise, kitaabaa dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 29 Yerobi'aam du'e; addee isaatitti ilmi isaa Zakaariyaas mootii te'e. \c 15 \s1 Mootii Yihuda'aa Azaariyaa \r (2 Dab. 26:1-23) \p \v 1 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, ilmi Amaasiya'aa Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'e. \v 2 Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. \v 3 Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. \v 4 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. \v 5 Mootiin Waan Maraa dhukkuba goga'aa farrisiisaa mooticha Azaariya'atti buuse; inni haga guyyaa du'a ifii dhukkuba san irraa hin fayyine; qofii ifii mana adda te'e keessa le'e; ilmi mootichaa Yotaam mana mootumma'aa irratti itti gaafatamaa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche. \p \v 6 Wonni dhibiin ta mootichi Azaariyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 7 Azaariyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e. \s1 Mooticha Israa'elii Zakaariyaas \p \v 8 Mootichi Azaariyaas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Zakaariyaas mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, ji'a jaa Israa'el bulche. \v 9 Inni akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. \v 10 Ilmi Yaabeshii Shaalum, Zakaariyaas irratti mala dhowee, kolbaa duratti dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. \p \v 11 Wonni dhibiin ta mootichi Zakaariyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \p \v 12 Maarre jechi Mootiin Waan Maraa, «Sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhee Yehu'utti dubbatte muummowe. \s1 Mootii Israa'elii Shaalum \p \v 13 Mootichi Azaariyaan\f + \fr 15:13 \fr*\fqa Mootichi Azaariyaan: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Uziyaan \ft*\ft jedha; inni namuma tokko.\ft*\f* Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Yaabeshii Shaalum mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee ji'a tokko bulche. \p \v 14 Ilmi Gaadii Menaahem, Tiizaa irraa Samaariyaa dhaqee, ilma Yaabeshii Shaalum ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. \v 15 Wonni dhibiin ta Shaalum huje duudiin, malli inni dhowelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 16 Yennaa san worri qachaa Tiifsaa karra qacha'aa banuu waan dideef, Menaahem qachaa Tiirza'aatii ka'ee, qachaa Tiifsaa, namoota achi keessa jiranuu fi lafa adaala sanii mara lole; inni isaan injifatee, dubartoota ulfa qaddu duudiille gadhaa isi'ii baqasse. \s1 Mooticha Israa'elii Menaahem \p \v 17 Mootichi Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Gaadii Menaahem mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhan Israa'el bulche. \v 18 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; inni bara mootummaa ifii cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. \v 19 Achiin duuba mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser ka, «Phul» jedhamu biyya Israa'elii lole; Menaahem qarqaarsa isa irraa dhaggatiisaa fi mootummaa ifii jabeeffatiisaaf, meetii kiiloogiraama kuma soddomii afur\f + \fr 15:19 \fr*\fqa Kiiloogiraamii kuma soddomii afur: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Taalentii kuma \fqa*\ft jedha.\ft*\f* Tiiglaat-Phileeseriif kenne. \v 20 Menaahem meetii mooticha Asooriitiif kennu san, dureeyyii Israa'elii tokko tokkoo isaanii irraa meetii gara giraama dhibba shanii\f + \fr 15:20 \fr*\fqa Giraama dhibba shanii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa sheeqelii shantama \fqa*\ft jedha.\ft*\f* guure. Maarre Tiiglaat-Phileeser biyya san keessa turiisa lakkisee, gara biyya ifii deebi'ee deeme. \p \v 21 Wonni dhibiin ta Menaahem huje kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 22 Menaahem du'e; addee isaatitti ilmi isaa Pheqaayaan mootii te'e. \s1 Mooticha Israa'elii Pheqaayaa \p \v 23 Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa shantameesso'ootti, ilmi Menaahemii Pheqaayaan mootii te'ee, qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa lama Israa'el bulche. \v 24 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. \v 25 Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mala isa irratti dhowee, namoota biyya Giil'aadii shantama woliin, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aatiin marfame, qachaa Samaariya'aa keessatti, Pheqaayaa, Argoobii fi Ariyee ijjeesee; addee Pheqaaya'aatitti mootii te'e. \p \v 26 Wonni dhibiin ta Pheqaayaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \s1 Mooticha Israa'elii Pheqaa \p \v 27 Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shantamii lammeesso'ootitti, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii te'ee qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa diddama Israa'el bulche. \v 28 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aamii, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine. \p \v 29 Bara Pheqaan Israa'el bulchaa ture, mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhufee qachoota Iiyonii, Abeel Bet-Ma'aka'aa, Yaano'aa, Qedeeshii, Hazoorii, lafa Giil'aadii, Galiila'aatii fi Niftaalemii mara fudhatee, namoota booji'e gara Asoorii geesse. \p \v 30 Achiin duuba ilmi Uziya'aa Yotaam mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddameesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'aan, ilma Remaaliya'aa Pheqaa irratti mala dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. \v 31 Wonni dhibiin ta Pheqaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \s1 Mooticha Yihuda'aa Yotaam \r (2 Dab. 27:1-9) \p \v 32 Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii Israa'elii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Azaariya'aa Yotaam mootii Yihudaa te'e. \v 33 Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti. \v 34 Yotaam akkuma abbaa ifii Azaariya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. \v 35 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara olii ijaare. \p \v 36 Wonni dhibiin ta Yotaam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 37 Mootiin Waan Maraa bara san biyya Yihuda'aa irratti, mootii Sooriya'aa Resiinii fi ilma Remaaliya'aa Pheqaan kaasee itti erguu jalqabe. \v 38 Yotaam du'ee qachaa Daawitii abbaa ifii ka durii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Ahaaz mootii te'e. \c 16 \s1 Mootii Yihuda'aa Ahaaz \r (2 Dab. 28:1-27) \p \v 1 Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii torbeesso'ootitti, ilmi Yotaamii Ahaaz mootii Yihuda'aa te'e. \v 2 Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa ifii ka durii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii te'e hin hunye. \v 3 Inni akkuma moototi Israa'elii hujane huje. Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii hujee, ilma ifiituu ibiddaan gubee\f + \fr 16:3 \fr*\fqa Ibiddaan gubee: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa ibidda keessa qaxxaamursee \fqa*\ft jedha.\ft*\f* ciincaa dhikeesse. \v 4 Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalatti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse. \p \v 5 Mootichi Sooriya'aa Resiinii fi mootichi Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Yerusaalem loliisaaf duulanee, qachaa san woliin Ahaaz marsane; ammoo isa injifatuu hin dandeenne. \v 6 Yennaa san mootichi Sooriya'aa Resiin, Yihudoota ari'ee baasee qachaa Elootii Sooriya'aaf deebise. Namooti Edoomii ka Elootitti galane haga adhaalle achi keessa le'an. \v 7 Mootichi Ahaaz, gara mooticha Asoorii Tiiglaat-Phileeseritti namoota ergee, «Ani tajaajilaa keeti; ilma keetille'e. Koyiitii worra na loliisatti jiranu harka mooticha Sooriya'aatii fi Israa'elii jalaa na baasi» jedhe. \v 8 Ahaaz meeti'ii fi worqii Galma Mootii Waan Maraa keessaatii fi ta mana mootumma'aa keessaa fuudhee mooticha Asooriitiif erge. \v 9 Mootichi Asoorii isaaf dhage'ee, Damaasqo'otti duulee qachaa san qabate. Inni mooticha Resiin ijjeesee, namoota qachaa sanii booji'ee gara addee, «Qiir» jedhantuu geesse. \p \v 10 Achiin duuba mootichi Ahaaz, mootii Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhaggiisaaf gara Damaasqo'oo dhaqe; inni addee ciinca'aa takka Damaasqoo keessatti dhaggee, fakkii addee ciinca'aa san harkaan hujee, karoora ijaarsa isi'ii mara woliin, hayyicha Uriiya'atti erge. \v 11 Maarre adoo mootichi Ahaaz hin deebi'in, hayyichi Uriiyaan akka fakkii mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa erge saniititti addee ciinca'aa ijaaree fixe. \v 12 Mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa deebi'ee addee ciinca'aa yennaa dhagge, achi irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe. \v 13 Inni addee ciinca'aa san irratti kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii dhikeessee, kennansa daadhii woyni'ii irratti dhangalaasee, kennansa dhiigaa ka tokkumma'aa irratti fiffixe. \v 14 Ahaaz addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante, ta addee ciinca'aa haareyaa fi Galma Mootii Waan Maraa wodhakkaa, Mootii Waan Maraa dura jirtu fuudhee, addee ciinca'aa haareya irraa gara kaabaatitti keye. \v 15 Achiin duuba mootichi Ahaaz, «Kennansa gubamu ka ganamaa, kennansa midhaanii ka galgalaa, kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii ka mootichi fidu, kennansa gubamu, kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka kolbaan lafa sanii marti fiddu, addee ciinca'aa guddittii haareya irratti ciincessi; dhiiga horii ciinca'aaf dhikaatuu, dhiiga ciincaa dhibi'ii maralle addee ciinca'aa san irratti fiffixi. Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante ammoo, akka qajeelcha ittiin gaafadhu naa lakkisi» jedhee Uriiyaa hayyicha ajaje. \v 16 Hayyichi Uriiyaan waan mootichi Ahaaz isa ajaje mara godhe. \p \v 17 Mootichi Ahaaz waan meya irra keyanu ka korboo qabu san irraa waan baxxittii roga afurii buqqisee, gabataa itti dhiqatanulle irraa fuudhe; Waabaa\f + \fr 16:17 \fr*\fqa Waabaa: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa Ibidoo \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* bisaanii ka fakkii korommii sageettuu irraa hujamane irra jiru san irraa gad buusee, hundee dhaka'aa irra keye. \v 18 Ahaaz mooticha Asoorii gammachiisiisaaf jedhee, waan akka gaaddisaa ka mootichi guyyaa Sanbataa akka jala tee'uuf, Galma Mootiin Waan Maraa keessatti hujame fuudhee baasee, karra seensuma mootichi gara Galma Mootii Waan Maraa ittiin seenulle cufe. \p \v 19 Wonni dhibiin ta mootichi Ahaaz huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 20 Ahaaz du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Hisqiyaas mootii te'e. \c 17 \s1 Mootii Israa'elii Hose'a \p \v 1 Ahaaz mootii Yihuda'aa te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ilmi Ele'aa Hose'a mootii te'ee Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa sagal Israa'el bulche. \v 2 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; te'uu malee haga moototi Israa'elii ta isaan duraa hujane hin hunye. \v 3 Mootiin Asoorii Shalmaaneser Hose'a loliisaaf dhufe; Hose'alle Shalmaaneseritti harka kennatee, isa gabbare. \v 4 Hose'a mootii Gibxi'ii ka «Soo» jedhamutti, namoota waan ergatee fi akkuma durii wogguma wogga'aan, mootii Asooriitiif gibira waan hin gabbariniif, mootiin Asoorii akka Hose'a isa didate hubate. Tanaaf Shalmaaneser isa qabee mana hidha'aatitti galche. \s1 Jinnana Samaariya'aa \p \v 5 Achiin duuba Shalmaaneser lafa Israa'elii mara lolee, woggaa sad qachaa Samaariya'aa marse. \v 6 Hose'a mootii te'ee woggaa sagaleesso'ootitti, mootiin Asoorii qachaa Samaariya'aa qabate. Inni Israa'eloota gara Asoorii godaansisee Haalaa keessa, Gozaan keessatti laga Haaborii biraa fi qachoota Miidiyaanii keessa qubachiise. \p \v 7 Kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa, harka mootii Gibxi'ii jalaa isaan baase waan yakkiteef, tun duudiin teete; isaan waaqota dhibiille waaqonfatanee, \v 8 aadaa kolbaa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase hordofanee, aadaa moototi Israa'elii hamooleen hujjelle hordofane. \v 9 Israa'elooti dhossa'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii hin te'in hujje. Isaan olloota didiqqaa ka xelleephoo fichaa eegatanu qabuutii kaasanee, haga qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabuutitti qachoota ifii mara keessatti, addee waaqonfanna'aa ijaarratane. \v 10 Isaan koobota maraa fi muka banqaaqaa mara jalatti, soodduu woyyitti'ii fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabane. \v 11 Isaan achitti akkuma kolbaan biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase goote, addee waaqonfanna'aa mara irratti hixaana aarsane; isaan waan hantuu hujanee Mootii Waan Maraa aarsane. \v 12 Mootiin Waan Maraa, «Waaqota dharaa hin waaqonfatina'a» jedhulle, isaan waaqota dharaa waaqonfatane. \p \v 13 Mootiin Waan Maraa karaa raagotaatii fi worra mudhii dhagguutiin kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa, «Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a; ajajaa fi seerata kiyya ka ani abbootii teessan ta duriitiif kennee, karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin isaanitti erge san eegadha'a» jedhee ifi eeggachiiseeraayyu. \v 14 Isaan ammoo, akkuma abbootii ifii ta durii mataa jabaatanee, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addatiisa didane malee, isa hin dhageenne. \v 15 Isaan seerata isaa, gondooroo isaa ta inni abbootii isaanii ta durii woliin gondooree fi waan inni isaan ifi eeggachiise tuffatane; waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofanee, isaanille ka gatii hin qanne te'ane; kolbaa biyya adda addaa ta adaala isaanii hordofanee, Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan godhanu hin godhina'a» jedhee isaan ajajulle, isaan waan Mootiin Waan Maraa isaan dhoogge san godhane. \v 16 Isaan ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii mara didanee, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante lamaa fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujatane; urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatanee, waaqa Ba'aaliille tajaajilane. \v 17 Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa ibiddaan gubanee ciincaa dhikeessanee, moruu morsiifatane; Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujiisaaf dabarsane ifi kennanee, Mootii Waan Maraa aarsane. \v 18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, isaan ifi duraa fageessee, gosa Yihuda'aa qofa lakkise. \p \v 19 Kolbaan Yihuda'aalle aadaa kolbaa Israa'elii hordotte malee, ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii hin eeganne. \v 20 Tanaaf Mootiin Waan Maraa sanyii Israa'elii mara jibbee, haga isaan isa duraa badanutti, harka worra isaan saamuutitti dabarsee kennee isaan adabe. \p \v 21 Mootiin Waan Maraa Israa'eloota maatii Daawitii irraa gargar yennaa baase, Israa'elooti ilma Nebaatii Yerobi'aam mootii godhatane. Yerobi'aam Israa'elooti akka Mootii Waan Maraa hin hordofanne dokonkorsee, cubbuu guddoo akka isaan hujanu godhe. \p \v 22-23 Mootiin Waan Maraa akkuma karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin dubbate haga isaan ifi duraa fageessetti, Kolbaan Israa'elii cubbuu Yerobi'aam huje san ittuma hujane malee irraa hin deebine. Maarre kolbaan Israa'elii lafa ifii irraa gara Asoorii booji'antee, haga adhaa achi jirti. \s1 Worri Ormaa Israa'el Keessa Qubate \p \v 24 Mootiin Asoorii qachaa Baabilonii, qachaa Kutaa, qachaa Awaa, qachaa Haamaatii fi qachaa Sefarwaayim keessaa kolbaa fidee, addee kolbaa Israa'elii buusiisaaf, qachoota Samaariya'aa keessa qubachiise. Isaan Samaariyaa fudhatanee qachoota isi'ii keessa le'ane. \v 25 Isaan yennaa matooma achi qubatane, Mootii Waan Maraa hin waaqonfanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa neenqa itti erge; neenqi sun isaan keessaa garii ijjeese. \v 26 «Kolbaan ati qachaa Samaariya'aa keessa qussiitte, seera waaqa lafa sanii hin beenne; tanaaf inni neenqa isaan ijjeesu itti erge» jedhanee mootii Asooriititti himane. \v 27 Achiin duuba mootiin Asoorii, «Hayyoota Samaariyaa keessaa boojitane keessaa tokko achii deebisa'aatii, seera waaqa lafa sanii kolbaa barsiisuu ti» jedhee ajaje. \v 28 Tanaaf hayyoota isaan Samaariyaa keessaa booji'ane keessaa tokko dhufee Bet'el keessa le'ee, kolbaan attam akka Mootii Waan Maraa waaqonfattu barsiise. \p \v 29 Gosi biyya adda addaa, qachoota keessa qubatane keessatti waaqota ifii hujatanee, galma addee waaqonfanna'aa jiru, ka worri Samaariya'aa ijaare keessa keyane. \v 30 Namooti Baabilonii waaqa dharaa ka «Suukoot-Benot» jedhamu, namooti Kutaa waaqa dharaa ka «Nergaal» jedhamu, namooti Haamaatii waaqa dharaa ka «Ashiimaa» jedhamu hujatane. \v 31 Namooti Awaa waaqota dharaa ka «Niibhaazii fi Tartak» jedhamanu hujatane; namooti Sefarwaayimii waaqota dharaa ka «Adraamelekii fi Anaamelek» jedhamanuuf ijoollee ifii gubanee ciincaa dhikeessane. \v 32 Isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; te'uu malee hayyoota ciincaa addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa tajaajiltulle filatane. \v 33 Maarre isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; ammoo akkuma aadaa gosa biyya adda addaa ta hunnaan keessaa isaan fidanee, waaqota ifiille waaqonfatane. \p \v 34 Isaan haga adhalle aadaa durii ittuma jiran. Isaan Mootii Waan Maraa hin waaqonfanne yookiin seerata, sirna, seeraa fi ajaja inni sanyii Yaaqoobii ta «Israa'el» jedhee moggaaseef kennelle hin eeganne. \v 35 Mootiin Waan Maraa yennaa Israa'eloota woliin gondooroo gondoore, «Waaqota dhibii hin waaqonfatina'a; isaaniif hin sagadina'a; isaan hin tajaajilina'a yookiin ciincaa isaaniif hin dhikeessina'a. \v 36 Ammoo ana Mootii Waan Maraa ka hunna guddo'oo fi irree jaddu'uun biyya Gibxi'ii keessaa isin baase waaqonfadha'a; naaf sagada'a; ciincaalle naaf dhikeessa'a. \v 37 Seerata, sirna, seeraa fi ajaja ani barreessee isiniif kenne, yennaa mara eegadha'a; waaqota dhibii hin hordofina'a; \v 38 gondooroo ani isin woliin gondoore hin dedhina'a; waaqota dhibii hin waaqonfatina'a; \v 39 Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha'a; harka diinota keessan maraa jalaa ka isin baasu ana» jedheera. \v 40 Te'uu malee isaan aadaa ifii ta durii san ittuma hujane malee, isa hin dhageenne. \p \v 41 Maarre gosi biyya adda addaa tun Mootii Waan Maraa waaqonfatte; waaqota dharaa ka ifiille tajaajilane; haga adhaalle ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abbootii isaanii ta durii goote godhane. \c 18 \s1 Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas \r (2 Dab. 29:1-2; 31:1) \p \v 1 Ilmi Ela'aa Hose'a Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, ilmi Ahaazii Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'e. \v 2 Hisqiyaas mootii yennaa te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Abiiya'a; isiin intala Zakaariyaasii ti. \v 3 Inni akkuma abbaan isaa Daawiti huje, Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. \v 4 Inni addee waaqonfanna'aa diigee, soodduu woyyittii caccassee, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu muree jisse; Israa'elooti haga bara saniititti fakkii bofaa ta Muuseen sageettuu irraa huje saniif hixaana waan aarsaneef, Hisqiyaas fakkii bofaa ta «Nehushtaan» jedhantu sanille caccasse. \v 5 Hisqiyaas Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliititti addate; mootota Yihuda'aa keessaa, isaan dura yookiin isaan duuballe ta akka isaa hin jirtu. \v 6 Inni Mootii Waan Maraatiif addatamaa waan te'eef, isa hordofiisa irraa hin deebinne; ajaja Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kennelle eegate. \v 7 Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni huju marti isaaf teete; inni mootii Asoorii irratti finqila kaasee, isa tajaajiluu lakkise. \v 8 Hisqiyaas haga Gaaza'aatii fi lafa adaala isi'iititti, olloota didiqqaa ka xelleephoo fichaa eegatanu qabuutii kaasee, haga qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabuutitti Filisxeemota injifate. \p \v 9 Hisqiyaas mootii te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'a mootii Israa'elii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, mootiin Asoorii Shalmaaneser qachaa Samaariya'aatitti duulee marsee, \v 10 dhuma woggaa sadeesso'ootitti qabate; Hisqiyaas mootii te'ee woggaa jayeesso'ootitti, Hose'a mootii Israa'elii te'ee woggaa Sagaleesso'ootitti, Samaariyaan qabante. \v 11 Mootiin Asoorii Israa'eloota booji'ee gara Asoorii geessee Haalaa keessa, Gozaan keessatti laga Haaborii biraa fi qachoota Miidiyaanii keessa qubachiise. \p \v 12 Israa'elooti Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif ajajamiisa didanee, gondooroo inni isaan woliin gondooree fi seera tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen isaan ajaje mara waan diiganeef tun teete; isaan ajaja hin dhageenne yookiin hin ajajanne. \s1 Mootii Asoorii Senaaheriib \p \v 13 Hisqiyaasii mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib biyya Yihuda'aatitti duulee, qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate. \v 14 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas gara mootii Asoorii ka qachaa Laakiishii keessa jirutti namoota ergee, «Ani yakkaa hujeera; waan ati na gaafattu mara ani si'iif hin kaffala, maganne'e lola ana irraa dhaabi» jedhe. Mootiin Asoorii meetii kiiloogiraamii kuma kudhanii\f + \fr 18:14 \fr*\fqa Meetii kiiloogiraamii kuma kudhanii: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin meetii Taalentii dhibba sadii \fqa*\ft Jedha.\ft*\f* fi worqii kiiloogiraamii kuma tokko\f + \fr 18:14 \fr*\fqa Worqii kiiloogiraamii kuma tokko: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin worqii Taalentii soddoma \fqa*\ft Jedha. \ft*\f* gaafate. \v 15 Maarre Hisqiyaas meetii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggantu mara isaaf kenne. \v 16 Yennaa san Hisqiyaas worqii balbalaa fi mikikkila Galma Mootii Waan Maraatitti gonfeeru san, mootii Asooriitiif kenne. \v 17 Mootiin Asoorii ajajaa ajajjoota loltootaa, ajajaa hojjatoota mana mootumma'aatii fi ajajaa loltootaa, loltoota hedduu woliin qachaa Laakiishii irraa, gara Hisqiyaasii mooticha Yerusaalem keessa jirutti erge. Isaan Yerusaalem yennaa dhufane, bowii bisaan keessa yaa'u ka baleessa gatiitti'ii, ka karaa gara diida namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbatane. \v 18 Isaan yennaa Hisqiyaas mootichatti erganee isa waansisane, itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan gara isaanii gad bayane. \v 19 Ajajaan loltootaa Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddaan: Ati maan addattee bidhaa malee teetta? \v 20 Ati ‹Mala lolaatii fi hunna loltootaa qaba› jetta; ammoo afaan qofa. Ati eennu addattee na irratti kaate? \v 21 Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma» jedhe. \p \v 22 Itti dabalee, «Isin, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jettane, Hisqiyaas, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Yerusaalem keessatti addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› yennaa jedhee, addee waaqonfanna'aatii fi addeen ciinca'aa ta inni balleesse, ta Mootii Waan Maraatii motii ree? \v 23 Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna. \v 24 Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu. \v 25 Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe. \p \v 26 Achiin duuba ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Aaramiitiin nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane. \p \v 27 Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu, worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uu fi fincaan ifii unu'uu jiruuf, akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe. \p \v 28 Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a! \v 29 Mootichi, ‹Hisqiyaas harka kiyyaa isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha. \v 30 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin. \v 31 Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii: Na woliin araarama'aatii, gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaan keessanii keessaa bisaan hin untan. \v 32 Tun haga ani dhufee lafa ta akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii, lafa zayitii ejersaatii fi lafa dammaatitti isin geessutti teeti. Maarre isin du'a adoo hin te'in jiruu filadha'a; Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa nu hin baasa jedhiisaan yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a. \v 33 Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mootii Asoorii jalaa ka baase jiraa ree? \v 34 Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimii, waaqoti Hena'aatii fi Iiwaa eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree? \v 35 Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa, lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Eegasuu Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe. \p \v 36 Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne. \v 37 Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi itti gaafatamaan galmee mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane. \c 19 \s1 Hisqiyaas Akka Isaayaas Isa Gorsu Gaafate \r (Isa. 37:1-7) \p \v 1 Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddaalle uffatee gara Galma seene. \v 2 Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worri jaarsolee te'ane, woyaa gaddaa uffatanee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii akka dhaqanu erge. \v 3 Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti. \v 4 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti dubbii ajajaan loltootaa Rabshaaqeen goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana mara dhage'ee, isa hin adaba fa te'aa, nu worra diqqaa lubbu'uun hanneef daadimadhu› jedha» jedhane. \p \v 5 Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane, \v 6 inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii, na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin. \v 7 Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee, gara biyya ifii deebi'u isa godhu, isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii goottaa keessanitti hima'a» jedhe. \s1 Roorroo Senaaheriibii \r (Isa. 37:8-20) \p \v 8 Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge. \v 9 Mootiin Gibxi'ii Tiirhaaqaan nami biyya Itoophiya'aa\f + \fr 19:9 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* akka isa loliisaaf dhufaaru, Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasii mooticha Yihuda'aatitti namoota ergee, \v 10 «Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti, dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin. \v 11 Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa? \v 12 Waaqoti gosa biyya adda addaa, ka abbootiin tiyya ta durii balleessite, waaqoti qachoota Gozaanii, Kaaraaniitii fi Rezeefii, waaqoti kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu, isaan baasaneeranii ree? \v 13 Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe. \p \v 14 Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirse. \v 15 Inni daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduun\f + \fr 19:15 \fr*\fqa Dada ol-gubba'aa ta koola qadduun gubbaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Kiruubeliin gubbaa \fqa*\ft jedha.\ft*\f* gubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; lafaa fi ol-gubbaa daddeerta. \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i. \v 17 Ee Mootii Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii dhugumaan balleessaneeran; \v 18 waaqoti isaaniille, dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane malee, waaqota waan hin te'iniif gubanee balleessane. \v 19 Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe. \s1 Waaqi Hisqiyaasiif Deebii Kenne \r (Isa. 37:21-38) \p \v 20 Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif gara kiyya daadimatte dhage'eera jedha. \v 21 Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif: \q1 «‹Ee Senaaheriib, kolbaan Xiyoonii \q2 si tuffattee sitti murgiti. \q1 Si'ii baqatiisatti jirtuun kolbaan Yerusaalemii \q2 si duubaan sitti kolliti. \q1 \v 22 Ka ati arrassitee fi \q2 ka ati faanshessite eennu? \q2 Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache? \q2 Ana Waaqa woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha. \q1 \v 23 Ati karaa ergantoota teetiitiin, \q2 Mootii Waan Maraa irratti murgitee, \q2 ‹Ani garreettaa kiyya \q2 ka fardaan harkifamu heddu'uun \q2 gara qaccee gaarotaatitti, \q2 qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; \q2 qaccee gaarota sanii irraa \q2 hindheensa dhedheera'aa fi \q2 birbirsa dadansaa jijjisseera; \q2 gongomaa keessa fagaadhee \q2 ciggaa seeneera. \q1 \v 24 Biyya ormaa keessatti \q2 boolla bisaanii qotee, \q2 bisaan achii uneera; \q2 faana miila kiyyaatiin \q2 lagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette. \b \q1 \v 25 «Mootiin Waan Maraa, \q2 Waan amma te'e kana akka ani qopheesse, \q2 bara heddu'uun dura karoora akka baase, \q2 qachoota dalleya dhaka'aa qabanu \q2 akka ati butuchitu, \q2 tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu, \q2 akka ani godhe ati hin dhageennee? \q1 \v 26 Kolbaan qachoota san keessa leetu \q2 hunna dhaddee, \q2 sodaattee qaanotteerti; \q2 akka lattuu diida keessaa \q2 yookiin akka marra bisile'ee, \q2 akka marra mana irratti latee \q2 adoo hin guddatin \q2 qilleensaan qooree te'aneeran. \b \q1 \v 27 «Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti, \q2 bayaa fi gala keeti, \q2 aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera. \q1 \v 28 Ati aari'iin na irratti waan kaateef, \q2 kooriisa keetille waan dhage'eeruuf, \q2 ani saganaa kiyya funnaan keetitti, \q2 bixaala kiyya afaan keetitti keyee, \q2 karuma dhutte si deebisa» jedhe. \p \v 29 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, \q2 ee, Mooticha Hisqiyaas, \q1 «Tun beessisa si'iif hin teeti: \q2 baranaa fi bara dhufu \q2 midhaan ifumaan latee guddatu hin nyaatta; \q2 woggaa sadeesso'oo ammoo \q2 midhaan facaattee hin haammatta \q2 yookiin muka woyni'ii dhaabbattee \q2 midhaan isi'ii hin nyaatta. \q1 \v 30 Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe, \q2 akka muka hidda gad yaafatee midhaan buusuu, \q2 ijoollee hedduu hin horan. \q1 \v 31 Worri Yerusaalem keessaa fi \q2 gaara Xiyoonii irratti hafane hin dhufan; \q2 hinaaffaan Mootii Waan Maraa \q2 ka waan mara dande'uu tana hin gooti. \b \p \v 32 «Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asooriitiif: \q1 «Inni qachaa kana hin seenu \q2 yookiin daaya as itti hin darbatu. \q1 Wontee qabatee itti hin dhikaatu \q2 yookiin yaabbannoo midhaaffatee hin seenu. \q1 \v 33 Inni karuma dhufe deebi'a malee, \q2 qachaa kana hin seenu. \b \q1 \v 34 « ‹Ani ulfinna kiyyaa fi \q2 waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, \q2 qachaa kana hin eega; \q2 hin hamburalle'e› jedheera» jedhe. \p \v 35 Halkanuma san ergamaan Mootii Waan Maraa gara addee quttuma worra Asoorii dhaqee, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane. \v 36 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee, gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e. \v 37 Gaafa tokko inni galma waaqa ifii keessa seenee, waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e. \c 20 \s1 Hisqiyaas Dhibamee Fayye \r (Isa. 38:1-8,21-22; 2 Dab. 32:24-26) \p \v 1 Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen. \p \v 2 Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa\f + \fr 20:2 \fr*\fqa Dhaaba manaa: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa gimoo manaa \fqa*\ft jedhama.\ft*\f* garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee, \v 3 «Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe. \p \v 4 Isaayaas achii gad bayee, badhinna mana mootumma'aa ka wodhakka'aa adoo hin dabarin jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, \v 5 «Deebi'iitii Hisqiyaasii kolbaa tiyya sooressuun, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera. Ani si hin fayyisa; guyyaa sadeesso'oo gara Galma Mootii Waan Maraa ol hin baata; \v 6 bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a; si'ii fi qachaa kanalle harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega› jedhiin» jedhe. \p \v 7 Achiin duuba Isaayaas tajaajiltoota mootichaatiin, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii fida'aa iita isaa irra keya'aaf» jedhe; isaanille akkuma ajajamane godhane; Hisqiyaasille fayye. \v 8 Mootichi Hisqiyaas, «Mootiin Waan Maraa akka na fayyisuu fi guyyaa sadeesso'oo akka gara galma Mootii Waan Maraa ol bayu beessisi maan?» jedhee, Isaayaas gaafate. \p \v 9 Isaayaas deebisee, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemuu ti moo yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti? Mootiin Waan Maraa waadaa gale ka muummessu akka te'e, beessisi inni si'iif kennu kana» jedhe. \p \v 10 Hisqiyaasille, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemiisi kasoo waan te'eef, yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba Isaayaasiin raagichi gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle yaabbannoo Akaaz huje irra, yaabbannoo kudhan gaaddis gara duubaa akka deebi'u godhe. \s1 Ergantoota Baabilon Irraa Dhufane \r (Isa. 39:1-8) \p \v 12 Yennaa san mootiin Baabilonii ilmi Baladaanii Merodaak-Baladaan, Hisqiyaas dhibamee akka fayye dhage'ee, xalaya'aa fi kennansa isaaf erge. \v 13 Hisqiyaas ergantoota san gammadaan fudhatee, karra mana karri mootumma'aa keessatti kuufame keessa jirtu mara meetii, worqii, uddowaa adda addaa, fiqiree gatii guddo'oo, mana meya woraanaa ka karra mana mootumma'aatii fi karra mootummaa isaa keessatti dhaggantu mara tokkolle adoo hin hamburin isaanitti mudhise. \v 14 Achiin duuba raagichi Isaayaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee, «Worri kun maan si'iin jedhane? Isaan eessaa dhufane?» jedhee gaafate. \p Hisqiyaas deebisee, «Isaan biyya fago'oo Baabilon irraa dhufane» jedhe. \p \v 15 Maarre Isaayaas, «Isaan mana mootumma'aa keeti keessatti maan dhaggane?» jedheen. \p Hisqiyaas deebisee, «Isaan waan mana mootumma'aa kiyya keessaa mara dhagganeeran; karra tiyya keessaa wonni ani isaanitti hin mudhisin tokkolle hin jiru» jedhe. \p \v 16 Achiin duuba Isaayaas mootichaan, «Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i! \v 17 Mootiin Waan Maraa, ‹Karri mana mootummaa teeti keessaatii fi karri abbootiin teeti ta durii haga adhaa wolitti qabatte marti gara biyya Baabilonii guyyaan fudhatamanu hin dhufa; wonni tokkolle si'iif hin hafu. \v 18 Ilmaan teeti ta uumattu keessaa gariin fudhatamanee, mana mootummaa mootii Baabilonii keessatti guneessota te'anee hin tajaajilan› jedha» jedhe. \p \v 19 Achiin duuba Mootichi Hisqiyaas, «Haga ani jiru nageennii fi gabbiin hin te'a» jedhee waan yaadateef, Isaayaasiin «Jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dansa'a» jedhe. \s1 Du'a Hisqiyaasii \r (2 Dab. 32:32-33) \p \v 20 Wonni dhibiin ta mootichi Hisqiyaas huje marti, hujiin jannummaa isaa, baleessa bisaanii attam akka baasee fi karaa bisaan lola'u baqassee gara qacha'aa attam akka fide, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 21 Hisqiyaas du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Minaaseen mootii te'e. \c 21 \s1 Mootii Yihuda'aa Minaasee \r (2 Dab. 33:1-20) \p \v 1 Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziiba'a. \v 2 Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjeen Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, aadaa battittii hordofee Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 3 Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Ahaab godhe, innille Ba'aaliif addee ciinca'aa ijaaree, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu huje. Inni urjoota ol-gubba'aatiif sagadee, isaanille waaqonfate. \v 4 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Ani Yerusaalem keessatti hin waaqonfama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare. \v 5 Badhinna Galma Waaqaa lamaanuu keessatti, urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare. \v 6 Inni ilma ifiituu ciincaa dhikeessee,\f + \fr 21:6 \fr*\fqa Ciincaa dhikeessee: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa ibidda keessa qaxxaamursee \fqa*\ft jedha.\ft*\f* worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu irraa gorsa gaafatee, Mootii Waan Maraa duratti waan akka malee hantu'uu hujee akka Mootiin Waan Maraa aaru godhe. \v 7-8 Inni fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu ka huje san Galma Mootii Waan Maraa, ka Mootiin Waan Maraa Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem addee gosa Israa'elii mara keessaa filadhe keessa, maqaan kiyya haga bara baraa hin jiraata. Kolbaan Israa'elii ajaja kiyyaa fi Seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne mara yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan joonjanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye. \v 9 Minaaseen isaan dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase caalaa, waan hantuu hujane malee Mootii Waan Maraa hin caqanne. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin, \v 11 «Mootiin Yihuda'aa Minaaseen cubbuu battittii tana hujeera; inni worra Amoorotaa ka isa dursanu caalaa waan hamaa hujee, waaqota dharaa ifiitiin kolbaan Yihuda'aa akka cubbuu hujju godheera. \v 12 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani balaa hamaa ka nami dhage'u marti rifatu, Yerusaalemii fi Yihudaa irratti hin fida. \v 13 Akkuma qachaa Samaariya'aatii fi mootii Israa'elii Ahaab sanyii isaa woliin adabe, Yerusaalemille hin adaba. Akkuma nami qorii haxowee gad gombisu, anille Yerusaalem haxowee gad hin gombisa. \v 14 Kolbaa tiyya ta badii irraa hatte, harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaan diinota ifii maraan booji'amanee hin saamaman. \v 15 Isaan bara abbootiin isaanii ta durii biyya Gibxi'iitii baateen jalqabanee, haga adhaatitti ila tiyya duratti cubbuu hujanee, akka ani aaru waan godhaneef, ani tana isaan irratti hin godha› jedha» jedhe. \p \v 16 Minaaseen kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti cubbuu akka hujju ta godhe caalaa, Yerusaalem qacce'ee haga qacce'eetitti dhiiga worra yakkaa hin qanne heddu'uu dhangalaase. \p \v 17 Wonni Minaaseen huje ta dhibi'ii fi cubbuun inni huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 18 Minaaseen du'ee, oorruu mana mootummaa ifii keessatti, addee oorruu Uza'aatitti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Amooni mootii te'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Amooni \r (2 Dab. 33:21-25) \p \v 19 Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemeeti; isiin intala Haaruzii nama qachaa Yoxbaa ti. \v 20 Innille akkuma Minaasee abbaa ifii, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 21 Inni karaa abbaa ifii mara hordofee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate waaqonfatee, isaaniifille sagade. \v 22 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkise; karaa Mootii Waan Maraalle hin hordonne. \p \v 23 Tajaajiltooti Amoonii mala isa irratti dhoottee, mana mootumma'aa keessatti isa ijjeette. \v 24 Achiin duuba Kolbaan lafa sanii worra Amoonii mooticha irratti mala dhowe mara ijjeettee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii goote. \p \v 25 Wonni dhibiin ta Amooni huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 26 Amooni addee awwaala ifii oorruu Uza'aa keessatti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yosiyaas mootii te'e. \c 22 \s1 Mootii Yihuda'aa Yosiyaas \r (2 Dab. 34:1-2) \p \v 1 Yosiyaas yennaa mootii te'e nama woggaa saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa soddomii tokko bulche. Maqaan Haadha isaa Yidiida'a; isiin intala Adaayaa nama qachaa Bozqaa ti. \v 2 Yosiyaas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; inni karaa abbaa ifii Daawitii mara hordofee, middaa fi bitaa irraa hin gorre. \s1 Kitaab Seeraa Dhaggame \r (2 Dab. 34:8-25) \p \v 3 Yosiyaas mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, barreessaa mana mootumma'aa akaakoo Meshulaamii ilma Azaaliya'aa Shaafaan gara Galma Mootii Waan Maraa ergee, \v 4 «Gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqiitii, ‹Beesee eeddoti karra Galma Mootii Waan Maraa, kolbaa irraa guurtee, gara Galma Mootii Waan Maraa fidde akka inni laakkowu godhi. \v 5 Eeddoti sun beesee san itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennanuu ti; isaanille worra Galma Mootii Waan Maraa haaressuuf, \v 6 worra muka bocuuf, worra dhaka'aan ijaaruu fi worra dhakaa bocuuf kaffalanuu ti; akkasuma Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame ittiin bitanuu ti. \v 7 Isaan ka addatamane waan te'aneef, beesee isaanitti kennante hin qorqorina'a› jedhiitii itti himi» jedhe. \p \v 8 Hayyichi guddaan Hilqiiyaan, barreessaa mana mootumma'aa Shaafaaniin, «Kitaaba Seeraa Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggeera» jedhee, kitaaba san Shaafaanitti kenne; Shaafaanille irraa fuudhee dubbise. \v 9 Achiin duuba barreessaan Shaafaan gara mootichaa dhaqee, «Tajaajiltooti teeti beesee Galma Mootii Waan Maraa keessa jirtu fuutee, itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kenniteerti» jedhee itti hime. \v 10 Achiin duuba barreessaan Shaafaan mootichaan, «Hayyichi Hilqiiyaan kitaaba tokko natti kenneera» jedhee, qoonqoo ifii ol qabatee kitaaba san mootichaaf dubbise. \p \v 11 Mootichi dubbii kitaaba seeraa keessaa dubbifante yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase. \v 12 Achiin duuba mootichi hayyicha Hilqiiyaa, ilma Shaafaanii Ahiiqaam, ilma Miikaaya'aa Akbor, barreessaa Shaafaanii fi tajaajilaa mootichaa Asaayaa ajajee, \v 13 «Abbootiin teenna ta durii jecha kitaaba kana keessaatiif waan hin ajajaminiif, waan achi keessatti nu'uuf barreeffame mara waan hin hujiniif, Mootiin Waan Maraa guddoo nutti aareera; marroo jecha kitaaba dhaggame kanaa anaaf, kolba'aaf, kolbaa Yihuda'aa maraafille jedha'aatii Mootii Waan Maraa gaafadha'a» jedhe. \p \v 14 Maarre Hayyichi Hilqiiyaan, Ahiiqaam, Akbor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raagitti'ii gaafatiisa dhaqane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Tiiqiwa'aa akaakoo Harhaasii ka uffana eeguu ti; isiin kutaa qachaa Yerusaalemii haareya keessa leeti. \v 15 Isiin isaaniin, «Dhaqa'aatii waan Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii jedhu namicha isin gara kiyya ergetti hima'a. \v 16 Mootiin Waan Maraa, ‹Ani balaa kitaaba mootiin Yihuda'aa dubbise keessatti barreeffame mara addee tanaa\f + \fr 22:16 \fr*\fqa Addee tana: \fqa*\ft Addeen tun qachaa Yerusaalemii ti.\ft*\f* fi kolbaa addee tanaa irratti hin fida. \v 17 Isaan na lakkisanee waaqota dhibi'iif hixaana aarsanee, waaqota dharaa ka harki isaanii hujeen akka ani aaru waan godhaneef, aariin tiyya addee tana irratti hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedhe. \v 18 Mootii Yihuda'aa akka isin Mootii Waan Maraa gaafattanuuf ka isin ergeen ammoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ‹Dubbii dhageette saniif, \v 19 biyyi tunii fi kolbaan biyya tanaa akka badduu fi akka abaarantu ta ani dubbadhe yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaddee, gadditee woyaa teeti tarsaattee, na duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera. \v 20 Tanaaf balaa ani addee tana irratti fidu mara adoo hin dhaggin, akka addee dhuga'aatitti galtu si hin godha; nageyaan hin awwaalanta› jedheera» jette. \p Maarre isaan deebi'anee ergaa tana mooticha Yosiyaasitti himane. \c 23 \s1 Yosiyaas Gondooroo Haaresse \r (2 Dab. 34:3-7,29-33) \p \v 1 Mootichi Yosiyaas jaarsolee Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara wolitti waame. \v 2 Inni kolbaa Yihuda'aa mara, worra qachaa Yerusaalemii keessaa mara, hayyootaa fi raagota mara, kolbaa mara diqqa'aa fi guddaa woliin gara Galma Mootii Waan Maraa ol baye. Jecha kitaaba Gondooro'oo ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggame keessa jiru mara akka isaan dhage'anu dubbise. \v 3 Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin eegatiisaaf, gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfante jabeessiisaaf, utubaa bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondoore. Achiin duuba kolbaan marti gondooroo sanitti wolii galane. \p \v 4 Mootichi Yosiyaas meya Ba'aaliif, waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hujame mara Galma Mootii Waan Maraa keessaa akka baasanu, hayyicha guddaa Hilqiiyaa, hayyoota hayyicha gudda'atti aananuu fi eeddota karra Galma Mootii Waan Maraa ajaje. Inni meya san duudii qachaa Yerusaalemiitiin alatti diida dhooqa Qedroonii keessatti gubee, daadhaa gara qachaa Bet'elii geesse. \v 5 Inni hayyoota waaqota dharaatiif addee Waaqonfanna'aa ta qachoota Yihuda'aatii fi adaala Yerusaalemii irratti hixaana akka aarsanuuf, akkasuma Ba'aaliif, adu'uuf, ji'aaf, tuuta urjootaatii fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hixaana akka aarsanuuf worra moototi Yihuda'aa filatane duudii ari'e. \v 6 Fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu Galma Mootii Waan Maraa keessaa baasee, qachaa Yerusaalemiitiin alatti gara diida dhooqa Qedroonii geessee achitti gube; achiin duuba daakee bulleessee, daadhaa san awwaala namootaa irratti bittinneesse. \v 7 Inni kolloo dhiira wol bukkoonsituuf Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujantee fi ta dubartooti gollaa waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuuf keessatti suqaa suxxu diigee balleesse. \v 8 Yosiyaas hayyoota mara qachoota Yihuda'aa keessaa fidee, biyya Geba'iitii haga Bersheeba'aatitti, addee waaqonfanna'aa ta hayyooti hixaana irratti aarsitu mara batteesse. Inni addee waaqonfanna'aa, ta seensuma gara karra Iyaasuu bulchaa qacha'aa biraa, ta seensuma karra qacha'aa irraa gara bita'aa jiranulle diige. \v 9 Hayyooti addee waaqonfanna'aa tajaajilanu sun addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa ta Yerusaalem keessaa irratti ciincaa dhikeessuu dhabanulle hayyoota firoottan ifii woliin daabboo uukoo hin qanne nyaatane. \p \v 10 Mootichi Yosiyaas nami tokkolle ilma ifii yookiin intala ifii ciincaa godhee, waaqa Moleekiitiif akka hin dhikeessineef, addee ciinca'aa ta «Toofet» jedhantu ta dhooqa Hiinomii keessa jirtu batteesse. \v 11 Inni fakkii fardo'oo ta moototi Yihuda'aa seensuma Galma Mootii Waan Maraa dura, waaqonfannaa adu'uutiif adda baasane mara balleesse; fardoon sun badhinna mana qondaalticha, «Naataan-Melek» jedhamu bira jirtiiyyu; Yosiyaas garreettaa tajaajila adu'uutiif adda baafamane gube. \v 12 Addee ciinca'aa ta moototi Yihuda'aa kolloo mana irraa ta mooticha Ahaazii irratti ijaaranee fi addee ciinca'aa ta mootichi Minaaseen badhinna Galma Mootii Waan Maraa san lamaanuu keessatti ijaare, mootichi Yosiyaas diige; inni addee ciinca'aa san butuchee, bututaa san dhooqa Qedrooniititti gate. \v 13 Mootichi Yosiyaas addee waaqonfanna'aa ta mootiin Israa'elii Solomoon, qachaa Yerusaalemii irraa gara aduun baatutti, kooba badi'ii irraa gara kibbaatitti, waaqa dharaa Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuuf, waaqa dharaa Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf ijaarelle batteesse. \v 14 Mootichi Yosiyaas soodduu woyyittii caccassee, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu muree jissee, addee san lafee namootaatiin guute. \p \v 15 Inni addee ciinca'aa ta Bet'el keessaa, addee waaqonfanna'aa ta ilmi Nebaatii Yerobi'aam ijaaree Israa'eloota cubbuu hujisiise diigee butuchee gube; fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuulle gube. \v 16 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa nama Waaqaatiin dursee dubbatetti, Yosiyaas garagalee yennaa ilaale, addee awwaalaa koobota irra jirtu dhaggee namoota ergee, lafee addee awwaalaa san keessa jirtu baasisiisee, addee ciinca'aa irratti gubee, addee ciinca'aa san batteesse. \v 17 Achiin duuba inni, «Addeen awwaalaa sun ta eennuu ti?» jedhe. \p Kolbaan qachaa Bet'elii deebittee, «Addeen awwaalaa sun ka nama Waaqaa lafa Yihuda'aatii dhufee ti; inni waan ati amma addee ciinca'aa tana irratti goote ka dursee dubbate» jette. \p \v 18 Yosiyaasille, «Eennulle lafee isaa hin tachoosin» jedhe. \p Maarre isaan lafee isaatii fi lafee raagicha lafa Samaariya'aatii dhufee lakkisane. \p \v 19 Mootichi Yosiyaas akkuma Bet'elitti godhe, galma addee waaqonfanna'aa, ta moototi Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti ijaaranee, akka Mootiin Waan Maraa aaru godhane mara diige. \v 20 Inni hayyoota addee waaqonfanna'aa tajaajiltu mara addee ciinca'aa irratti qalee, addee ciinca'aa san irratti lafee namaa gube. Achiin duuba gara Yerusaalemii deebi'e. \s1 Yosiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilise \p \v 21 Mootichi Yosiyaas, «Akkuma kitaaba Gondooro'oo keessatti barreeffante, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif Jila Irra Dabaramaa jilisa'a» jedhee kolbaa mara ajaje. \v 22 Bara abbootiin mura'aa Israa'el sooressitee jalqabee, haga bara mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessatti Jilti Irra Dabaramaa ta akkasii jilifantee hin beettu. \p \v 23 Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti ammoo Jilti Irra Dabaramaa tun Mootii Waan Maraatiif Yerusaalem keessatti jilifante. \v 24 Seerri Hilqiiyaan hayyichi guddaan, kitaaba Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhagge keessatti barreeffame akka muummowuuf, Yosiyaas worra ekeraa dubbisu, waaqota maati'ii, waaqota dharaatii fi waan battii dhibii maralle, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessaa balleesse. \v 25 Akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante, gadhaa tokkochaan, lubbuu takkatti'iin, hunna takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa ka deebi'e, mootiin akka Yosiyaasii, isaan dura yookiin isaan duubaa hin dhagganne. \p \v 26 Te'uu malee Minaaseen waan godhe maraan, Mootiin Waan Maraa akka aaru waan godheef, aariin isaa guddoon ta Yihudaa irratti bobeette haga ammaa hin qabbanoonne. \v 27 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Akkuma Israa'el fuula kiyya duraa balleesse, Yihudaalle fuula kiyya duraa hin balleessa; qachaa filadhe Yerusaalem, Galma ani, ‹Maqaan kiyya keessa hin jiraata› jedhe san hin lakkisa» jedhe. \s1 Du'a Yosiyaasii \r (2 Dab. 35:20—36:1) \p \v 28 Wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreenfanteerti. \v 29 Bara mootummaa Yosiyaasii, mootiin Gibxi'ii Nekoon, mootii Asoorii qarqaariisaaf gara laga Efraaxiisii ol baye. Mootiin Yihuda'aa Yosiyaas isa loliisaaf itti duule; Nekoon ammoo yennaa isa dhagge Megidotti isa ijjeese. \v 30 Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun Megidoo irraa gara Yerusaalemii geessanee addee awwaala inni ifiif qopheeffatetti awwaalane. \p Kolbaan Yihuda'aa ilma isaa Yeho'aaz muuddee addee isaatitti mootii goote. \s1 Mootii Yihuda'aa Yeho'ahaaz \r (2 Dab. 36:2-4) \p \v 31 Yeho'ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche; maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibna'aa ti. \v 32 Yeho'ahaaz akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 33 Mootichi Yeho'ahaaz Yerusaalem akka hin bulchine, mootiin Gibxi'ii Nekoon lafa Haamaatii keessa addee «Riiblaa» jedhantutti isa hiisisee, kolbaan biyya Yihuda'aa meetii kiiloogiraamii kuma sadii fi dhibba afur\f + \fr 23:33 \fr*\fqa Meetii kiiloogiraamii kuma sadii fi dhibba afur: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa meetii Taalentii dhibba tokkoo \fqa*\ft jedha.\ft*\f*, worqii kiiloogiraamii soddomii afur\f + \fr 23:33 \fr*\fqa Worqii kiiloogiraamii soddomii afur: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa worqii Taalentii tokko \fqa*\ft jedha.\ft*\f* gibira akka kaffalanu godhe. \v 34 Mootiin Gibxi'ii Nekoon, ilma Yosiyaasii Elyaaqiim addee Yosiyaasii abbaa isaatitti mootii godhee, maqaa isaa, «Yehoyaaqiim» jedhee jijjiire. Mooticha Yeho'ahaaz ammoo booji'ee gara biyya Gibxi'ii geessee, Yeho'ahaaz achumatti du'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiim \r (2 Dab. 36:5-8) \p \v 35 Mootichi Yehoyaaqiim meeti'ii fi worqii mootichi Gibxi'ii Nekoon isa gaafate kaffaliisaaf, kolbaan lafa sanii akka dandeettii ifiititti gibira akka kaffaltu godhe. \p \v 36 Yehoyaaqiim yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche; maqaan haadha isaa Zabudaan; isiin intala Phedaayaa nama qachaa Ruma'aa ti. \v 37 Yehoyaaqiimille akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \c 24 \p \v 1 Bara Yehoyaaqiim bulche keessa, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar biyya Yihuda'aatitti duulee qabate; mootichi Yehoyaaqiim woggaa sad isa jalatti bule. Achiin duuba yaada ifii jijjiiratee isa irratti ka'e. \v 2 Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin akkuma dubbate garee loltoota Baabilonii\f + \fr 24:2 \fr*\fqa Garee loltoota Baabilonii: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\ft Garee loltoota Kaldootaa \ft*\ft jedha; garuu isaan worruma tokko.\ft*\f*, garee loltoota Sooriya'aa, garee loltoota Mo'aabiitii fi garee loltoota Amoonotaa mooticha Yehoyaaqiim irratti kaasee, biyya Yihuda'aa akka balleessanuuf erge. \v 3 Sababa cubbuu mootichi Minaaseen huje maraatiif, Mootiin Waan Maraa fuula ifii duraa isaan balleessiisaaf, ajaja isaatiin kolbaa Yihuda'aa irratti tun teete. \v 4 Sababa Minaaseen dhiiga namoota balleessaa hin qanneelle dhangalaasee, Yerusaalem dhiigaan guuteef, Mootiin Waan Maraa araaramuu hin barbaanne. \p \v 5 Wonni dhibiin ta Yehoyaaqiim huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 6 Yehoyaaqiim du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Yehoyaakiin mootii te'e. \p \v 7 Mootiin Baabilonii lafa Gibxi qabattee turte mara, laga Gibxi'iitii kaasee haga laga Efraaxiisii waan qabateef, mootiin Gibxi'ii biyya ifiitii bayee deebi'ee hin duulle. \s1 Mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin \r (2 Dab. 36:9-10) \p \v 8 Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii\f + \fr 24:8 \fr*\fqa Woggaa kudhanii saddeeti: \fqa*\ft Barreeffam Ibrootaa tokko \ft*\fqa woggaa saddeeti \fqa*\ft jedha.\ft*\f* ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche. Maqaan haadha isaa Nehushta'a; isiin intala Elnaataanii nama qachaa Yerusaalemii ti. \v 9 Yehoyaakiin akkuma abbaa ifii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \p \v 10 Bara Yehoyaakiin bulche keessa, loltooti Nebukadnezaarii mootii Baabilonii, dhaqanee Yerusaalem marsane. \v 11 Adoo loltooti isaa qachaa san marsanee jiranuu, Nebukadnezaar ifiifuu gara Yerusaalemii dhufe. \v 12 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin, haati isaa, tajaajiltooti isaa, qondaaltoti isaatii fi qondaaltoti mana mootumma'aa keessaa mootii Baabiloniititti harka kennatane; mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee, woggaa saddeetesso'ootitti Yehoyaakiin booji'ee, \v 13 akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Nebukadnezaar qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi qabeenna mana mootumma'aa mara fudhate; meya worqi'ii ka mootiin Israa'elii Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif huje mara caccassee, worqii fudhate. \v 14 Inni hiyyeeyyota qofa biyya Yihuda'aa keessatti lakkisee, kolbaa Yerusaalemii mara, qondaaltota mara, loltoota mara, namoota hujii harkaa hujanuu fi sibiila tumanu mara wolumatti namoota kuma kudhan booji'e. \p \v 15 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yehoyaakiinii mooticha, haadha isaa, niitota isaa, qondaaltota mana mootummaa isaatii fi sooressitoota Yihuda'aa Yerusaalem irraa gara Baabilonii booji'e. \v 16 Mootiin Baabilonii loltoota jajjaba kuma torba ka lola dande'anu mara, worra hujii harkaa hujanuu fi namoota sibiila tumanu kuma tokko booji'ee, gara biyya Baabilonii geesse. \p \v 17 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar abbaa diqqaa Yehoyaakiinii Mataaniyaa addee Yehoyaakiiniititti mootii godhee, maqaa isaa jijjiiree, «Zedeqiiyaa» jedhe. \s1 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa \r (2 Dab. 36:11-12; Erm. 52:1-3) \p \v 18 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokko ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibana'aa ti. \v 19 Zedeqiiyaan akkuma Yehoyaaqiimii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 20 Mootiin Waan Maraa waan isaanitti aareef, kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa irratti tun marti teete; muummee irratti inni fuula ifii duraa isaan balleesse. \c 25 \s1 Jinnana Yerusaalemii \r (2 Dab. 36:13-21; Erm. 52:3-11) \p \v 1 Zedeqiiyaan mootii Baabilonii irratti ka'e; tanaaf, bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan duuba dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane. \v 2 Zedeqiiyaan mootii te'ee, haga woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, qachaan sun akkuma marfametti ture. \v 3 Wogguma san keessa ji'a arfeesso'oo, guyyaa sagaleesso'ootitti, beelti waan hammaatteef kolbaan sagalee nyaattu dhadde. \v 4 Achiin duuba dalleenni qacha'aa cabe; loltooti Baabilonii qachaa marsanulle, loltooti mootii biyya Yihuda'aa halkaniin karra dalleya dhaka'aa lama odduu jirtu, ta oorruu mootichaa biraatiin miliqanee bayane. Isaan gara dhooqa Yordaanosii baqatane. \v 5 Loltooti Baabilonii ammoo, Zedeqiiyaa mooticha ariitee, diida Yeriko'oo keessatti isa dhaqqadde; loltooti isaa marti isa lakkittee baqatte. \v 6 Loltooti Baabilonii Zedeqiiyaa qaddee, gara Nebukadnezaarii qachaa Riiblaa keessa jiruutitti geessite; inni achitti isatti mure. \v 7 Isaan ilmaan Zedeqiiya'aa, isuma duratti ijjeesane; achiin duuba ila isaa lamaanuu keessaa baasanee, wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii geessane. \s1 Jinnana Galma Mootii Waan Maraa \r (Erm. 52:12-23) \p \v 8 Nebukadnezaar mootii Baabilonii te'ee woggaa kudhanii sagaleesso'ootitti, ji'a shaneesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, ajajaan loltoota mooticha eeganuu tajaajilaan mootii Baabilonii Nebuzaraadaan, gara qachaa Yerusaalemii dhufe. \v 9 Inni Galma Mootii Waan Maraa, mana mootumma'aa, mana Yerusaalem keessaa mara gube; mana gugurdaa mara gubee balleesse. \v 10 Loltooti Baabilonii ta ajajaa loltoota mooticha eeganuun sooreffamanu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Yerusaalemiititti marfameeru diigane. \v 11 Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, namoota qachaa keessatti hafane, worra mootii Baabiloniititti harka kennatanee fi kolbaa taan woliin booji'ee, gara Baabilonii geesse. \v 12 Worra hiyyeeyyii ijjumaa wo hin qanne garii ammoo, muka woyni'ii akka dhaabanuu fi fichaa akka qotanu lafa Yihuda'aa keessatti lakkisee deeme. \p \v 13 Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara biyya Baabilonii geessane. \v 14 Akkasuma isaan okkotee sageettu'uu, akkaafaa sageettu'uu, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu ka sageettu'uu, girgiraa sageettu'uu, meya sageettuu irraa hujame ka Galma Waaqaa keessatti ittiin tajaajilanu mara, fudhatanee deemane. \v 15 Ajajaan loltoota mooticha eedduu, waan ibidda irratti bobeessanuu fi qorii, waan worqi'ii fi meetii irraa hujame mara fudhatee deeme. \v 16 Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uu, waan meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu. \v 17 Hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudhanii saddeeti; hojjaan guutuu utuba'aa ciqilee sad; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera. \s1 Kolbaan Yihuda'aa Gara Baabilonii Booji'ante \r (Erm. 52:24-27) \p \v 18 Ajajaan loltoota mooticha eedduu Nebuzaraadaan, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'e. \v 19 Qachaa keessatti worra hafane keessaa ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa shanan, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme. \v 20 Ajajaan loltootaa Nebuzaraadaan, isaan mara gara mootii Baabilonii ka qachaa Riiblaa keessa jiruu geesse. \v 21 Mootiin Baabilonii lafa Haamaatii Riiblaa keessatti isaan ijjeesise. \p Maarre kolbaan Yihuda'aa lafa ifii irraa booji'amane deemane. \s1 Gedaaliyaan Bulchaa Yihuda'aa Te'e \r (Erm. 40:7-9; 41:1-3) \p \v 22 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, kolbaa biyya Yihuda'aa keessatti lakkise irratti akaakoo Shaafaanii, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa godhe. \v 23 Ajajjooti loltoota biyya Yihuda'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmi Qaareha'aa Yohaanaan, ilmi Tanhumetii nama qachaa Netofa'aa Seraayaan, ilmi namicha Ma'akichaa Ya'azaaniyaanii fi loltooti isaanii martinuu, mootiin Baabilonii akka Gedaaliyaa bulchaa godhe yennaa dhage'ane, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufane. \v 24 Gedaaliyaan isaaniin, «Qondaaltota Baabilonii hin sodaatina'a; lafuma tana keessa le'a'a; mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni marti isiniif hin teeti» jedhee isaaniif kakate. \p \v 25 Wogguma san keessa ji'a torbeesso'ootitti ammoo, sanyii moototaa ka te'e akaakoon Eliishaama'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin Miisphaa dhaqee, Gedaaliyaa, namootaa Yihuda'aatii fi worra Baabilonii ka isa woliin jiranu lolanee ijjeesane. \v 26 Achiin duuba kolbaan marti worra Baabilonii waan sodaatteef, diqqa'aa haga gudda'aatitti, ajajjoota loltootaa woliin ka'anee, gara biyya Gibxi'ii baqatane. \s1 Yehoyaakiin Hidha'aa Hiikame \p \v 27 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo, ji'a kudhanii lammeesso'oo, guyyaa diddamii torbeesso'ootitti, Ewiil-Marodaak Baabilonitti mootii te'ee, woggaa tokkeesso'ootitti Yehoyaakiin hidha'aa hiike. \v 28 Ewiil-Marodaak gadhi-laafinnaan Yehoyaakiin dubbisee, mootota dhibii ta isa woliin Baabilonii keessa jirtu caalaa ulfinna guddaa kenneef. \v 29 Maarre yennaa sanii jalqabee Yehoyaakiin woyaa ifii ta mana hidha'aa jijjiiratee, haga jiruu ifii qorii mootichaa keessaa nyaate. \v 30 Haga jiruu isaa, guyyuma guyya'aan waan isaaf kennamu'uuf barbaachisu mootichi qooda isaaf baase.