\id 2CO - Guji Bible \ide UTF-8 \h 2 Worra Qorontoosii \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ta Lammeesso'oo \toc2 2 Worra Qorontoosii \toc3 2 Qor. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Worra Qorontoosii Erge \mt2 Ta Lammeesso'oo \imt Seensa \ip Ergaan Phawuloosii ta lammeesso'oo, qunnamtiin inni wolde'a kiristaana Qorontoosii woliin qabu yennaa rakkittii teetetti barreeffante. Miseensoti wolde'a kiristaanaa gariin Phawuloos guddoo miidhanulle, inni ammoo halchaa guddoo araaraaf akka qabu mudhisaa, tun yennaa teetutti gammadi guddaan akka itti dhage'amu ifa tolchee hima. \ip Phawuloos kutaa ergaa tanaa ta qaraa keessatti qunnamtii ifii ta wolde'a kiristaana Qorontoosii woliin qabu beessisaa, arrabaa fi mormii wolde'a kiristaanaa keessatti kaateef deebii jajjadduu maaf akka deebise ifa tolchee hima. Yaaduma kana woliin qassiise xixichi isaa, akka isaan cubbuu irraa deebi'anuu fi gara araaraa akka dacha'anu waan godheef, gammada itti dhage'ame isaanitti mudhisa. Itti aanseelle kiristaana lafa Yihuda'aa qarqaariisaaf arjoomaan akka wo kennanu isaan yaadachiisa. Foorota dhumaa keessatti Phawuloos himannaa ergamaa te'iisa isaa irratti dhikaateef waan falmatu kenna. Sababille wolde'a kiristaana Qorontoosii keessatti worri gariin ergantoota dhugaameyyii ifi godhanee, Phawuloosiin ammoo ergamaa dharaamessa jedhaa himatiisatti jiraniiyyu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-11\ior* \io1 Phawuloosii fi wolde'a kiristaana Qorontoosii\ior 1:12—7:16\ior* \io1 Qarqaarsa wolde'a kiristaana lafa Yihuda'aatiif\ior 8:1—9:15\ior* \io1 Falmata Phawuloos ergamaa te'iisa ifiitiif dhikeeffate\ior 10:1—13:10\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 13:11-13\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa:\x - \xo 1:1 \xo*\xt HuE. 18:1\xt*\x* \p Wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka qachaa Qorontoosii keessa jiruu fi kolbaa Waaqaa ta lafa Akaayya'aa duudii keessa jirtu maraaf: \p \v 2 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. \s1 Phawuloos Waaqa Galateeffate \p \v 3 Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti'iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te'u. \v 4 Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa. \v 5 Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna. \v 6 Nuuti yennaa rakkannu isin jajjabeennaa fi fayyinna dhaggattan; yennaa jajjabaannulle rakkoo akka nuuti fudhannee, isinille ossaan fudhattanee hin jajjabaattan. \v 7 Isin rakkoo teenna akkuma qoodantanu, akkasuma jajjabeenna nuuti fudhannu akka qoodantanu waan beennuuf, addiin nuuti isin irratti qannu ijjumaa hin tachootu. \p \v 8 Obboleeyyan tiyya! Rakkoo lafa Asiya'aa keessatti nu dhaqqadde, akka beettanu barbaanna. Rakkoon nu dhaqqadde sun guddoo ulfaattu'uu fi hunna teennaan ol waan teeteef, addii jiru'uun le'iisaa kutanneerraayyu.\x - \xo 1:8 \xo*\xt 1 Qor. 15:3\xt*\x* \v 9 Akka waan muraan du'aa nutti murantee nu'utti dhage'ameeraayyu; ammoo Waaqa worra du'ane kaasu callaa malee, ifii keenna akka hin addanneef tun teete. \v 10 Waaqi balaa du'aa ka akkasii jalaa nu baaseera, hin baasalle'e; ammalle akka nu baasu addii isatti godhanneerra. \v 11 Isinille daadimannaa teessaniin nu qarqaaruu qaddan. Daadimannaa heddu'uun qarqaarsa Waaqaa yennaa dhaggannu, worri hedduun sababa keennaaf Waaqa hin galateeffata. \s1 Phawuloos Karoora Ifii Jijjiire \p \v 12 Amma wonni nuuti ifi jajannuun kana: Le'iin nuuti biyya lafaa tana keessa leene, keessattuu akki nuuti isin woliin leene, woyyumma'aa fi qajeelummaa Waaqa irraa dhagganneen akka te'e wodanaan keenna dhugaa baya. Kunille badhaadha Waaqaatiin malee, qarummaa namaatiinii moti. \v 13 Nuuti waan isin dubbifattanee hubatu'uu dandeettanu malee, waan dhibii womaa isiniif hin barreessinu. \v 14 Isin amma marroo teenna gamisa beettan; duuba irra ammoo guutattanee akka hubattanu hin addadha. Sababa kanaan guyyaa Goottaan Yesuus dhufu akkuma nuuti isiniin ifi jajanu, isinille nu'uun ifi jajjan. \p \v 15 Ani waan kana waan beekeeruuf, yennaa lama akka isin fayyadantanuuf jedhee, matooma gara keessan dhufiisaaf karoora baafadheeraayyu. \v 16 Ani gara Maqedooniya'aa yennaa taruu fi achii yennaa deebi'u isin ilaaliisaaf karoora baafadheera. Isinille yennaa san deensa kiyya ka ani gara lafa Yihuda'aa dhaquuf na hin qarqaartan jedhee yaadadheera.\x - \xo 1:16 \xo*\xt HuE. 19:21\xt*\x* \v 17 Yennaa karoora kana baafadhe, nama yaada lamaa isinitti fakkaadhaa? Yookiin tana karoorfatiisaan yennaa tokkotti «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhaa yaada namaatiin waan godhe seetanii? \v 18 Waaqi addatamaa waan te'eef, wonni nuuti isinitti hinnu jecha yaada lamaa ka «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhuu moti. \v 19 Ilmi Waaqaa Yesuus Kiristoos ka Siilaas, Ximootewoosii fi ani odduu teessanitti lallanne jecha yennaa maraa, «Eeti'i» jedhuun malee, jecha yaada lamaa ka, «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhuunii moti.\x - \xo 1:19 \xo*\xt HuE. 18:5\xt*\x* \v 20 Waadaan Waaqi nu'uuf gale duudiin karaa Kiristoosiitiin, «Eetii» te'a. Tanaaf nuutille ulfinna Waaqaatiif karaa Kiristoosiitiin, «Ameen» jenna. \v 21 Nuuti isin woliin Kiristoositti akka jabaannu ka godhe Waaqa; hujii tanaaf ka nu muudelle isa. \v 22 Ka isaa te'uu keennaaf beessisa ifii nu irratti godhee, karra hegeri nuu kennuuf akka qaddi'iititti Ayyaana Woyyicha ifii gadhaa keenna keessa ka keye isa. \p \v 23 Wonni ani gara lafa Qorontoosii deebi'ee dhufuu dhabeef, akka isin hin gaddisiinne isiniif nayee ti; kanalle'eef Waaqi naaf dhuga'a. \v 24 Isin dhugeeffanna'aan jabaattanee waan dhaabbattaneef, akka gammaddanuuf isin woliin hujaarra malee, dhugeeffannaa teessan irratti ifi goottonsiisaafii moti. \c 2 \p \v 1 Ani deebi'ee isin gaddisiisu'uuf gara keessan akka hin dhunne murteeffadheera. \v 2 Ani yoo isin gaddisiiselle, isinuma worra ani gaddisiise malee, eentu na gammachiisa ree? \v 3 Ani gara keessan yennaa dhufu, worri na gammachiisu'uu male akka na hin gaddisiinneef jedhee, akka san isiniif barreesse. Sababille gammadi kiyya gammada keessan maraa akka te'e hin addadha. \v 4 Gadda gudda'aan, gadhaa laalatee fi imimmaan hedduu buusee wonni isiniif barreesse, akka ani guddoo isin jaaladhu akka beettanuuf malee, isin gaddisiisiisaafii moti. \s1 Nama Yakkeef Araaramuu \p \v 5 Nami nama gaddisiise yoo jiraate inni ka gaddisiise anaa moti; yakkaa itti o'isiisa hin te'in malee, gara tokkoon inni isin duudii gaddisiise. \v 6 Nama akkasii kana, adabbiin isin hedduun adaddane hin geetti. \v 7 Namichi kun guddoo gaddiisa irraa ka ka'e addii akka hin kutanne, isaaf araarantanee jajjabeessuu qaddan. \v 8 Maarre isa jaalatuu keessan akka mirkaneessitanu isin kadhadha. \v 9 Ani haga isin ilaalee, waan maraan ka ajajantanu te'iisa keessan beekiisaaf isiniif barreesse. \v 10 Nama isin araarantanuuf, anille hin araaramaaf. Wonni ani namaaf araaramu'uu male yoo jiraatte, sababa keessaniif jedhee fuula Kiristoosii duratti araarameera. \v 11 Hujii hantuu seexanaa waan beennuuf, akka inni nu hin gowwoonsineef jedhee tana godhaara. \s1 Yaaddoo Phawuloos Qachaa Xiro'aasii Keessatti Yaade \p \v 12 Oduu Gammadaa ta Kiristoosii lallabiisaaf, yennaa ani gara qachaa Xiro'aasii dhaqe, Goottaan balbala tajaajilaa naaf baneeraayyu. \v 13 Ammoo obboleessa kiyya Tiitoos achitti waan dhagguu dhabeef, yaadi kiyya hin foorfanne. Maarre worra achi jirutti nageya dhaamee gara Maqedooniya'aa tare.\x - \xo 2:13 \xo*\xt HuE. 20:1\xt*\x* \p \v 14 Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti. \v 15 Nuuti worra fayyuufille te'e, worra baduuf akka dakkara\f + \fr 2:15\fr*\fqa Dakkara: \fqa*\ft Uddowaa\ft*\f* foolee dansaa qadduu teenee, Kiristoosiin worra Waaqaaf dhikaateeru. \v 16 Nuuti, worra baduuf foolee gara du'aa geessitu; worra fayyuuf ammoo foolee gara jiru'uu geessitu. Yoona hujii akkasii tanaaf ka dandeettii qabu eennu? \v 17 Nuuti akka worra Waaqaan ergameetitti tajaajiltoota Kiristoosii teenee, fuula Waaqaa duratti gadhaa qullu'uun dubbanna malee, akka namoota hedduu Jecha Waaqaa bu'a'aaf daldalanuutii moti. \c 3 \s1 Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa \p \v 1 Nuuti ammalle ifi saaduu jalqabaarraa? Yookiin akkuma worri gariin godhu xalayaa deeggarsaa gara keessan fidatuu yookiin isin irraa fudhatuu nu barbaachisaa ree? \v 2 Xalayaan keenna ka akka nami duudiin beekuu fi dubbisuuf gadhaa keenna keessatti barreeffameeru isinuma. \v 3 Isin tajaajila keennaan xalayaa Kiristoosii te'uun keessan ifa. Xalayaan kun hallu'uun adoo hin te'in, Ayyaana Waaqa jiraata'aatiin, gabatee dhaka'aa irratti adoo hin te'in gadhaa namaa keessatti barreeffameera. \p \v 4 Nuuti karaa Kiristoosiitiin Waaqatti addii waan qannuuf tana jenna. \v 5 Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti. \v 6 Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu'uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube'een barreeffameetii moti. Seerri qube'een barreeffame du'a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna. \p \v 7 Seerri dhakaa baxxicha irratti qube'een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te'ulle, kolbaan Israa'elii fuula muuse'eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Eegasuu seerri du'a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate, \v 8 tajaajilli karaa Ayyaana Woyyichaatiin dhaggamu ulfinna kana caalu attam hin qabaanne ree? \v 9 Tajaajilli yakkaa namatti muru ulfinna haganaa ka qabu yoo te'e, tajaajilli nama balchoonsu attam ulfinna caalu qabaatuu dhaba ree? \v 10 Ulfinni duuba irraa ka akka malee caalu waan te'eef, ulfinni dur tare akka woy hin qanneetitti laakkowama. \v 11 Wonni caararrowaa deentuuyyuu ulfinna haganaa ka qaddu eega teete, wonni haga bara baraa jiraatu ammoo ulfinna akka malee caalu attam hin qabaanne ree? \p \v 12 Addii akkanaa waan qannuuf, sodaa malee dubbanna. \v 13 Nuuti akka muuse'eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Israa'elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate. \v 14 Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba Gondooroo Qaraa yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete. \v 15 Haga adhaalle yennaa isaan kitaaba Seera Muuse'ee dubbisanu mara, qalbiin isaanii golla'aan gollanti. \v 16 Ammoo yennaa nami gara Gootta'aa deebi'u gollaan hin baddi. \v 17 Goottaan Ayyaana; addee Ayyaanni Gootta'aa jirutti bilisummaan hin jirti. \v 18 Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw'iti'iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te'ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna. \c 4 \s1 Tajaajila Dhugaamessa \p \v 1 Waaqi marartii ifiitiin tajaajila kana waan nu'uu kenneef addii hin kutannu. \v 2 Nuuti waan dhossa'aa fi fokkisiisaa te'e lakkinneerra; maltumma'aan hin hunyu; Jecha Waaqaalle hin micciirru; addee akkasii dhugaa ifatti baannee mudhinna; ifille wodanaa nama maraatiif fuula Waaqaa duratti ifa goona. \v 3 Oduun Gammadaa ta nuuti lallannu yoo gollantelle, worra baduuf gollante. \v 4 Bulchaa biyya lafa tanaa ka te'e Seexanni qalbii worra hin dhugeeffannee jaamseera; inni Oduu Gammadaa ta ulfinna Kiristoosii isaanii issitu, ta bifa Waaqaatiin mudhatte akka isaan hin dhaggine godheera. \v 5 Nuuti Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'ee fi nuutille marroo isaatiif tajaajiltoota teessan akka teene lallabaarra malee, marroo teennaa moti. \v 6 Waaqi, «Ifi dukkana keessatti ifuu ti» jedhee dubbate, ifa beekkumsa ulfinna ifii ka fuula Kiristoosii irraa mudhatu, gadhaa keenna keessatti akka ifu godhe. \p \v 7 Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu'u irraa akka hin te'in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra. \v 8 Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu. \v 9 Miidhaan nu'u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu. \v 10 Jiruun Yesuusii nafa keenna irratti akka mudhatu, yennaa duudii du'a isaa nafa keenna irratti ba'annee deddeenna. \v 11 Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du'u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du'aaf dabarfannee hin kennanna. \v 12 Maarre nuuti yennaa maraa afaan du'aa jirra, isin ammoo afaan jiru'u jirtan. \p \v 13 Teetuu malee Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ani dhugeeffadhe; tanaaf dubbadhe» akkuma jedhante, nuutille ayyaanuma dhugeeffanna'aa san waan qannuuf hin dhugeeffanna. Sababa kanaaf hin dubbanna. \v 14 Waaqi ka Goottaa Yesuus du'aa kaase, nu'ulle Yesuus woliin akka kaasuu fi isin wolille'een ifi duratti akka dhikeessu hin beenna. \v 15 Akkuma badhaadhi Waaqaa irra caalaa fakkanaa worra hedduu dhaqqabaa deemuun, worri ulfinna Waaqaatiif galata dhikeessu akka heddatuuf tun duudiin isiniif teete. \s1 Dhugeeffanna'aan Jiraatuu \p \v 16 Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba'aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya'aan hin haareffama. \v 17 Rakkoon teenna diqqo'oo fi ta haga yenna'aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti. \v 18 Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna'aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti. \c 5 \p \v 1 Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaani'ii keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba'atti ijaare akka qannu hin beenna. \v 2 Ammaa tana nuuti nafa ol-gubba'aa uffatiisaaf dharra'iisaan aadiisatti jirra. \v 3 Isa san yennaa uffanne qullaa jiraannee hin dhaggannu. \v 4 Dunkaana lafa tanaa keessa haga jirru, ba'aan nu'utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru'uun jijjiirantee, nafa ol-gubba'aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti. \v 5 Jijjiirama kanaaf ka nu qopheesselle Waaqa; san caalaalle waan nu'uuf kennamu maraaf akka qaddii te'uuf, ayyaana ifii ka nu'uuf kenne isa.\x - \xo 5:5 \xo*\xt Rom. 14:10\xt*\x* \p \v 6 Nafa keenna ka lafa tanaatiin haga jirru, Goottaa irraa ka fagaanne akka teene yoo beennelle, yennaa maraa isatti addanna. \v 7 Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna'aan malee, isa dhaggiisaanii moti. \v 8 Nuuti nafa akka mana keennaa te'e kana irraa adda baanee, Goottaa woliin jiraatiisaaf hin halchina; tanaaf ifi addi'iin leena. \v 9 Nuuti nafa keenna kanaan jiraannulle, jiraatuu dhannulle, yaadi keenna Goottaa gammachiisu'u. \v 10 Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te'e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura'aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna. \s1 Kolbaa Waaqaan Araarsuu \p \v 11 Tanaaf Goottaa sodaatiis maan akka te'e waan beennuuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha. \v 12 Worra keessa ifiitiin adoo hin te'in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu'uun akka ifi jajjanuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti. \v 13 Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti. \v 14 Kiristoos nama duudi'iif akka du'ee fi nami duudiin du'a isaa ka qoodamu akka te'e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqansiisa. \v 15 Worri jiru'uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du'ee du'aa ka'eef akka le'anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du'e. \p \v 16 Maarre nuuti ammaa achi eennulle'etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu. \v 17 Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti. \v 18 Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu'uu kenneen teete. \v 19 Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu'u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu'ulle'eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne. \p \v 20 Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu'oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama'a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. \v 21 Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii\f + \fr 5:21\fr*\fqa Tokkummaa dhugaamettii: \fqa*\ft Balchummaa\ft*\f* Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba'atu godhe. \c 6 \p \v 1 Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna. \v 2 Waaqi, \q1 «Yennaa na biratti fudhatama qaddutti \q2 ani si caqase; \q1 Guyyaa fayyinna keetii, \q2 ani si qarqaare» jedha. \m Kunoo dhage'a'a yennaan fudhatama qaddu amma; guyyaan fayyinnaalle adha. \p \v 3 Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle'eef gufuu hin teenu. \v 4 Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina. \v 5 Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji'iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan; \v 6 akkasuma qulqullumma'aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma'aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga'aatiin, \v 7 jecha dhuga'aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma'a. \v 8 Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra; \v 9 ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du'aneeran yoo jedhanu, jiru'uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne; \v 10 gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna. \p \v 11 Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra. \v 12 Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne. \v 13 Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha. \s1 Worra Hin Dhugeeffanne Woliin Hin Xaxamina'a \p \v 14 Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina'a. Balchumma'aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande'an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande'an? \v 15 Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande'an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba? \v 16 Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu, \q1 «Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha; \q2 odduu isaaniille hin le'a; \q1 Ani Waaqa isaanii hin te'a, \q2 isaanille kolbaa tiyya hin te'an» jedhe, \q2 nuuti Galma Waaqa jiraata'aa ti. \m \v 17 Ammalle Goottaan, \q1 «Isin odduu isaaniitii fowama'atii baya'a; \q2 waan battii te'e hin tuqina'a. \q2 Anille isin hin fudhadha; \q1 \v 18 Ani Abbaa keessan hin te'a, \q2 isinille ilmaan tiyya ta dhiiraatii fi durraa hin teetan \q2 jedha Goottaan waan mara dande'u» jedheera. \c 7 \p \v 1 Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu'uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa'a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa'a goona. \s1 Gammada Phawuloosii \p \v 2 Gadhaa nuu badhadha'a. Nuuti nama tokkolle hin yakkine; nama tokkoolle hin miine; yookiin eennulle itti fayyadama keenna\f + \fr 7:2\fr*\fqa Itti fayyadama keenna: \fqa*\ft Haajaa keenna itti baafata\ft*\f* hin godhanne. \v 3 Ani yakkaa isinitti muru'uuf tana jedhiisatti hin jiru; akkuma ani tanaan qara isinitti hime isin gadhaa keenna keessa jirtan. Tanaaf jiru'uu fi du'alle'een yennaa mara isin irraa gargar hin baanu. \v 4 Addiin ani isin irratti qabu guddo'o; guddoo isiniin ifi jaja; guddoolle jajjabaadheera; rakkoo teenna mara keessatti ani akka malee gammade. \p \v 5 Yennaa lafa Maqedooniya'aa geennelle, rakkoon karaa adda addaatiin nu dhaqqadde malee hin foorfanne; alaan lola, keessa keennaan sodaa qannaayyu.\x - \xo 7:5 \xo*\xt 2 Qor. 2:13\xt*\x* \v 6 Waaqi worra se'a\f + \fr 7:6\fr*\fqa Se'a: \fqa*\ft Hamilee\ft*\f* cabe jajjabeessu ammoo, dhufa Tiitoosiitiin nu jajjabeesseera. \v 7 Nuuti dhufa isaa qofaan adoo hin te'in, akka isin isa jajjabeessitanelle waan dhageenneef jajjabaanneerra. Akkasuma dharraa, gaddaa fi yaaddoo naaf qaddanu yennaa nu'utti hime, ani caalaa gammade. \p \v 8 Ergaan ani tanaan qara isiniif barreesse ta isin gaddisiittu teetulle, ergaa san waan barreesseef hin gaabbu; gaabbee yoo jiraadhelle ergaan tiyya haga diqqo'oof waan isin gaddisiitteef gaabbe. \v 9 Amma ammoo waan isin gaddisiiseef adoo hin te'in, gaddi keessan akka cubbuu irraa deebitanu waan isin godheef ani hin gammada. Gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan te'eef, nuuti waan tokkolle'een isin hin miine. \v 10 Gaddi akka fedha Waaqaa te'e, nama cubbuu irraa deebisee gara fayyinnaa geessa malee, hin gaabbisiisu. Gaddi biyya lafaa ammoo du'a fida. \v 11 Gaddi keessan ka akka fedha Waaqaa te'e kun haajamuu attamii, falmata attamii, mufii attamii, sodaa attamii, dharraa attamii, hinaaffaa attamiitii fi dokonkora adabiisa akka feetanu akka isin godhe ilaala'a. Isin ammoo waan ani tanaan dura isinii barreesse irraa bilisa akka teetane mirkaneessitaneertan. \p \v 12 Maarre ani isiniif barreessulle, hinaaffaan isin fuula Waaqaa duratti nu'uuf qaddanu akka isiniif ifa teetu malee, marroo nama yakkaa hujeetii fi yakkametiifii moti. \v 13 Jajjabeenna keenna caalaa gammada Tiitoos dhaggateen ka caalu gammanneerra; wonni nuuti gammanneefille isin duudiin Tiitoos waan jajjabeessitanee fi yaada isaa foorfachiittaneef. \v 14 Ani ifi jajiisa isiniin qabu Tiitoositti himeeraayyu; isinille na hin qaanessine; nuuti yennaa maraa dhugaa isinitti hinneerra; maarre ifi jajiis marroo teessaniif Tiitoositti hinne, dhugaa akka teete mirkanootteerti. \v 15 Isin duudiin Tiitoosiif ajajamaa, soda'aa fi rorommiisaan akka isa fudhattane yennaa qaabatu, jaalaltiin inni isiniif qabu ittuma ede'ante. \v 16 Ani karaa maraan isinitti addatiisa waan dande'eef guddoo gammadeera. \c 8 \s1 Arjooma Kiristaanaa \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Badhaadha Waaqi wolde'oota kiristaana lafa Maqedooniya'aatiif kenne akka beettanu barbaanna. \v 2 Isaan rakkinna gudda'aan haga ilaallamaneeran; te'uu malee gammadi isaanii gudda'a; isaan akka malee hiyyeeyyii te'anulle, guddoo arjoomaneeran. \v 3 Isaan haga dande'anuu fi haga dande'anuun caalaa, fedhii ifiitiin akka kennane ani isaaniif dhugaa hin baya. \v 4 Carraa qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta biyya Yihuda'aa keessa jirtuuf kenniisa irratti hirmaatiisaaf magannifatanee nu kadhatane;\x - \xo 8:4 \xo*\xt Rom. 15:26\xt*\x* \v 5 haga nuuti isaan irraa eenne caalaa godhane; matooma Gootta'aaf ifi kennane; itti aansaneelle fedha Waaqaatiin ifi nu'uuf kennaneeran. \v 6 Hujii tana matooma ka jalqabe Tiitoos waan te'eef, ammalle hujii arjoomaa tana akka muummessu isuma kadhanneerra. \v 7 Isin dhugeeffanna'aan, haasowaan, beekkumsaan, qarqaariisaaf quxiquxamiisaan\f + \fr 8:7\fr*\fqa Quxiquxamiisaan: \fqa*\ft Ququxamiisaan\ft*\f*, jaalala nu'uuf qaddanulle'een waan maraan hin caaltan; hujii arjoomaa tanalle'een ka caaltanu te'a. \p \v 8 Maarre quxiquxamiisa worri dhibiin kenniisaaf qabu keessaniin wol bira qabee ilaaliisaan, jaalaltiin teessan ta dhuga'aa akka teete mirkaneessiisaaf jedheeti malee, isin ajajiisaafii moti. \v 9 Isin badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin beettan; inni dureessa adoo te'eeruu, hiyyummaa isaatiin akka isin dureeyyii teetanuuf isinii jedhee hiyyeessa ifi godhe. \p \v 10 Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee natti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade. \v 11 Tanaaf quxiquxiin isin kenniisaaf qaddanu hujii irra ooltee akka muummottu, haguma qaddanutti waan yaaddane san godha'a. \v 12 Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti. \p \v 13 Kana jechuun kiyya ifii dhaddanee worra dhibii rakkoo keessaa akka baattanuuf adoo hin te'in, isin lamaanuu akka wol qixxoottanu. \v 14 Isin yennaa rakkattanu karri isaanii rakkoo teessaniif akka ooltu, karri teessan amma rakkoo isaaniitiif ooltuu ti. Akka kanaan isin wodhakka'atti wol qixxummaan hin jiraatti. \v 15 Kunille akkuma Barreeffami Woyyichi, «Ka guddaa wolitti qabate hagaan ol hin qabaanne, ka diqqoo wolitti qabatelle hagaan gad hin qabaanne» jedhu. \s1 Tiitoosii Fi Waa'eloota Isaa \p \v 16 Akkuma ani isiniif quxiquxamu, Tiitoosille akka isiniif quxiquxamu Waaqi godhe galatoomu. \v 17 Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te'in, fedhii ifiitiin ka'ee gammadaan gara keessan dhufe. \v 18 Isa woliin obboleessa Oduu Gammadaa lallabiisaan wolde'oota kiristaanaa duudii keessatti kabajamaa te'e ergaarra. \v 19 Obboleessi kun kana qofa adoo hin te'in, hujii dansaa tana ulfinna Gootta'aatiif yennaa nuuti muummessinuu fi fedhii dansaa tajaajiliisaaf qannulle yennaa mudhinnu, nu woliin deemiisaan qooda huji'ii nu woliin akka fudhatu wolde'oota kiristaanaatiin fowameera. \p \v 20 Kennansa arjoomaa ka wolitti qabame kana qabiisa irratti eennulle akka nu hin komanne ifi eeganna. \v 21 Yaad keenna waan sirrii te'e fuula Gootta'aa duratti callaa adoo hin te'in, fuulaa worra dhibi'ii durale'etti huju'u. \p \v 22 Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama qarqaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera. \v 23 Marroo Tiitoosii beekiisa yoo barbaachise, inni isin qarqaariisaaf waa'ela kiyya ka na woliin huju; isa woliin ka dhufanu marroo obboleeyyan dhibi'ii yoo teete, isaan bakka bu'oota wolde'oota kiristaanaa ka ulfinna Kiristoosiitiif dhaabbataneeranu. \v 24 Tanaaf akka wolde'ooti kiristaanaa jaalalli keessan ka dhuga'aa akka te'ee fi maaf akka nuuti isiniin ifi jajnu akka dhagganu, jaalala keessan isaanii mudhisa'a. \c 9 \s1 Qarqaarsa Kolbaa Waaqaatiif Godhame \p \v 1 Marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta Yihudaa keessa jirtuuf godhamuu, isiniif barreessuun barbaachisa'aa moti. \v 2 Ani quxiquxamuu keessan waan beekuuf, «Worri Akaayya'aa bara engeddaatiin jalqabee qarqaariisaaf qophoweera» jedhee marroo teessaniif worra Meqedooniya'aa biratti ifi jaje; quxiquxamuun keessanille worra hedduu kakkaaseera. \v 3 Marroo teessaniif wonni ani waan kana irratti ifi jaju, soba teetee akka hin hanne amma obboleeyyan tana ergaara; isin ammoo akkuma ani jedhetti qophowa'aa eega'a. \v 4 Worri Maqedooniya'aa na woliin dhufee, adoo isin hin qophowin yoo dhagge, nuuti isinitti addachuu keennaan waan jennu dhannee hin qaanonna; isin fa'a guddoo qaanottan. \v 5 Maarre obboleeyyan tun anaan dura gara keessan dhufanee, qarqaarsa arjoomiisaaf waadaa galtane dura keessa akka qopheessitanu akka isin qaabachiisanuuf, gara keessan erguun barbaachisaa te'ee natti mudhateera. Akka kanaan ani yennaa dhufu kennansi arjoomaa keessan ka qophowe te'a; isinille dirqamaan adoo hin te'in fedhi'iin akka kennitanu beessisa. \p \v 6 «Ka diqqoo facaase diqqoo galfata; ka hedduu facaase hedduu galfata» yaada jedhu qaabadha'a. \v 7 Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin. \v 8 Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa'aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande'a. \v 9 Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi, \q1 «Worra hiyyeeyyi'iif arjoomaan kenne; \q2 balchummaan isaalle haga bara baraa jiraatti» jedhu. \m \v 10 Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa\f + \fr 9:10\fr*\fqa Midhaan arjummaa: \fqa*\ft Balchummaa\ft*\f* teessaniille hin fakkansa. \v 11 Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa. \v 12 Tajaajilli keessan kun dhidhuu kolbaa Waaqaa guutiisa qofa adoo hin te'in, akka galata guddaa Waaqaaf dhikeessanu godha. \v 13 Tajaajilli arjooma keessanii kun, Wongeela Kiristoosii fudhattanee ajajamuu keessan, isaanii fi worra dhibiille'eef arjoomuu keessan waan mirkaneessuuf, nami hedduun Waaqa hin leellisa. \v 14 Isaanille badhaadha guddaa Waaqi waan isinii kenneef, isin dharra'aa isinii daadimatan. \v 15 Kennaa isaa ta hagana hin jedhanneef, Waaqi galatoomu. \c 10 \s1 Phawuloos Tajaajila Ifiitiif Falmate \p \v 1 Ani Phawuloos yennaa isin bira jiru nama, «Nama ila laafu» jedhame; yennaa isin irraa fagaadhe ammoo, «Nama ila jabaatu» jedhame; gadhi laaffinnaa fi arjummaa Kiristoosiitiin, \v 2 ani yennaa isin bira dhufe ila jabeennaan akka na hin dubbachiinne isin kadhadha; worra akka yaada fooniititti deddeebina nu seyanu duratti ammoo, ila jabeennaan dubbatiisaaf barbaada. \v 3 Biyya lafaa keessa leenulle, nuuti akka biyya lafaa hin lollu. \v 4 Mey woraanaa\f + \fr 10:4\fr*\fqa Mey woraanaa: \fqa*\ft Miyyi woraanaa\ft*\f* keennalle ka kushee diigiisaaf dandeessisu, ka hunna Waaqaa qabu malee, meya woraanaa ka biyya lafaatii moti. \v 5 Waaqa beekiisa irratti moroma'aa fi kijiba gufuu te'ee ka'u duudii hin balleessina; yaada namaa duudiille booji'aa Kiristoosiif akka ajajamu goona. \v 6 Eega ajajamuun keessan muummowe, ajajama dhaba duudii adabiisaaf hin qophoonna. \p \v 7 Isin waan ila duratti mudhatu qofa ilaaltan. Nami tokko ani ka Kiristoosii ti jedhee yoo ifi addate, nuutille akkuma isaatuu ka Kiristoosii te'uu kenna hubatuu ti. \v 8 Marroo baallii Goottaan nuu kenneetiif, yoo guddoo ifi jajelle itti hin fokkiffadhu; baalliin tun isin ijaariisaaf malee, isin diigiisaaf hin kennanne. \v 9 Ani xalayaa kiyyaan akka waan isin sodaachisiisatti jiruu akka yaaddanu hin fedhu. \v 10 Worri gariin, «Ergaan Phawuloosii jajjaddu'uu fi ulfaattu'u; inni ammoo yennaa nu biratti dhaggamu dadhaba'a; dubbiin isaalle goofa» jedhan fa'a teeti. \v 11 Worri akkasii waan nuuti fagoo jiraannee barreessinuu fi waan yennaa isin woliin jirru hunyu odduu garaa garummaan akka hin jirre hubatuu ti. \p \v 12 Nuuti worra ifi saadutti ifi laakkowu'uuf yookiin isaaniin wol biratti ifi qannee ilaaliisaaf ila hin jabaannu. Isaan ammoo ifiinuu ifi waan madaalanuu fi ifiinuu ifi wol biratti qabanee ifi waan ilaalanuuf gowwoole'e. \v 13 Nuuti ammoo haga isin bira geennulle'etti, meessaa tajaajila Waaqi nuu kenneen ifi jajaarra malee, haga irra tarree ifi hin jajnu. \v 14 Isinille meessaa tajaajila keennaa keessa waan jirtanuuf, nuuti Oduu Gammadaa ta Kiristoosii gara keessan finnee yennaa dhunne meessaa san hin tarre. \v 15 Tanaaf meessaa Waaqi nuu murteesse irra dabarree, hujii worra dhibi'iitiin haga malee ifi hin jajnu; addee akkasii dhugeeffannaan teessan akka guddattuu fi hujii teennalle haga meessaa Waaqi nuu murteesseetitti, odduu teessanitti irra caalaa akka babadhatu hin addanna. \v 16 Maarre meessaa tajaajila nama dhibi'ii keessa seennee, hujii tanaan qara hujanteen adoo ifi hin jajin, biyyoota isiniin gamaatille'etti Oduu Gammadaa lallabuu hin dandeenna. \p \v 17 Ammoo akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Ka ifi jajuu Gootta'aan ifi jajuu ti». \v 18 Sababille nama Goottaan saadutti fudhatama qaba malee, nami ifi saadu fudhatama hin qabu. \c 11 \s1 Phawuloosii Fi Ergantoota Sobaa \p \v 1 Ani diqqoo gowwoomulle akka naa ossattanu hin addadha; maganne'ee na ossadha'a. \v 2 Ani akka durra duudduu qulqullitti'ii Kiristoosii abbaa manaa tokkochatti, isin heerumsiisiisaaf waan isin kadhadheeruuf, akkuma Waaqi hinaafu anille isin hinaafa. \v 3 Akkuma bofi maltumma'aan Heewwan sobe, yaadi keessanille gara badee qajeelumma'aa fi qulqullummaa Kiristoosiif qaddanu irraa isin milissinaa laati jedhee sodaadha. \v 4 Nami tokko gara keessan dhufee, Yesuusii nuuti isinitti lallanne malee, Yesuusii dhibii yoo isinitti lallabe yookiin ayyaana kanaan dura fudhattane malee, ayyaana dhibii yoo fudhattane yookiin Wongeela tanaan dura fudhattane malee, Wongeela dhibii yoo fudhattane, cadhittanee itti ilaaltan\f + \fr 11:4\fr*\fqa Cadhittanee itti ilaaltan: \fqa*\ft Fudhattan\ft*\f* jechu'u. \p \v 5 Ani ammoo karaa tokkolle'een ergantoota guguurddoo tana irraa waan diqqaadhu hin seyu. \v 6 Ani dandeettii dubbi'ii dhabulle, beekkumsa hin qaba; nuuti yennaa maraa karaa maraan waan kana ifa isiniif gooneerra. \p \v 7 Ani gatii malee Oduu Gammadaa ta Waaqaa waan isinii lallabeef, akka isin ol jettanuuf ifi gad qabuu kiyyaan cubbuu hujee ree? \v 8 Isin tajaajiliisaaf, wolde'oota kiristaanaa dhibii irraa qarqaarsa waan fudhadheef, ani isaan saameera. \v 9 Yennaa isin woliin jiraataa woy dhabee rakkadhe, obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufane waan naa barbaachisu maraan waan na qaraqaaraneef, ani nama tokkolle'etti ba'aa hin teene. Akkuma tanaan dura ba'aa isinitti te'uu dhabe, gara duraalle ba'aa isinitti hin te'u.\x - \xo 11:9 \xo*\xt Filp. 4:14-18\xt*\x* \v 10 Dhugaan Kiristoosii haga na keessa jirtu, eennulle ifi jajuu kiyya kana lafa Akaayya'aa keessatti na hin dhooggu. \v 11 Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? Akka ani isin jaaladhu Waaqinuu hin beeka. \p \v 12 Ergantooti dhibiin sun, «Nuutille akkuma isaanii hujaarra» jedhaa sababa ittiin ifi jajanu isaan dhassiisiisaaf, akkuma amma godhiisatti jiru gara duraalle hin godha. \v 13 Namooti akkasii ergantoota Kiristoosii fakkaatiisaaf worra ifi jijjiiru, ergantoota sobaatii fi hojjattoota maltoole'e. \v 14 Kunille waan nama baaseffachiisuu moti; Seexanninuu ergantoota ifaa fakkaatiisaaf ifi jijjiira. \v 15 Tanaaf tajaajiltooti Seexanaa tajaajiltoota balchumma'aa fakkaatiisaaf yoo ifi jijjiirane hin baaseffachiisu. Muummee irratti gatii hujii ifii hin dhaggatan. \s1 Phawuloos Ergamaa Te'iisaan Rakkate \p \v 16 Ani ammalle isiniin jedha; eennulle gowwaa na hin seyin; yoo seetane ammoo diqqumalle akka ifi jajuuf akka gowwa'aatitti na fudhadha'a. \v 17 Akka kana ifi jajiisaan yennaa dubbadhu akka gowwa'aa te'eeti malee, akka fedha Gootta'aatii moti. \v 18 Worri hedduun akka yaada fooniititti ka ifi jaju eega te'e, anille ifi hin jaja. \v 19 Isin qaroolee waan teetaneef, gowwoolee gammadaan hin ossattan. \v 20 Nami yoo garba isin godhate yookiin yoo isin irra nyaate yookiin bu'aa ifiitiif yoo isin fayyadame yookiin yoo isin tuffate yookiin yoo isin dhabanaase hin ossattan. \v 21 Nuuti ammoo waan saniin dadhaboolee te'uu kennaan fokkifataa dubbadha. \p Eennulle ifi jajiisaaf ila yoo jabaate, anille akkuma isaa ila jabaadhee ifi jaja. Ammalle akka gowwa'aa te'ee tana jedha. \v 22 Isaan worra Ibirootaatii? Anille nama Ibirootaa ti. Isaan worra Israa'eliitii? Anille nama Israa'elii ti. Isaan sanyii Abrahaamiitii? Anille sanyii Abrahaamii ti. \v 23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Ani isaan caalaa tajaajilaa Kiristoosii ti. Ani akka maraata'aa tana dubbadha; ani isaan caalaa yennaa hedduu huji'iin dadhabeera, yennaa hedduu hidhameera, yennaa hedduu dikameera, yennaa hedduulle du'a geyeera. \v 24 Ani lichee soddomii sagal sagal yennaa shan harka Yihudootaatitti dhaanameera. \v 25 Yennaa sad ciira'aan dhaanameera; yennaa tokko dhaka'aan tumameera; yennaa sad caccab hoboloo gudditti'ii na dhaqqabeera; guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra oolee buleera.\x - \xo 11:25 \xo*\xt HuE. 16:22; 14:19\xt*\x* \v 26 Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan saantotaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera. \v 27 Hujii hantuu hujee, akka malee eloweera; yennaa hedduu hirriiba dhabeera; yennaa hedduu beelodhee dheebbodheera; yennaa hedduulle sagalee dhabeeraayyu; boojji'ii fi daara dageera. \v 28 Waan dhibii lakkisii marroo wolde'oota kiristaanaatiif, guyyuma guyya'aan hedaa yaaddowaa ture. \v 29 Eentu dadhabeeruun, ani dadhabuu dhabeera? Eentu cubbu'uun gufatuun, gadhaan na laalatuu dhabeera? \p \v 30 Ifi jajiis yoo barbaachise, ani waan dadhabbii tiyya mudhisuun ifi jaja. \v 31 Waaqi, Abbaan Goottaa kenna Yesuus Kiristoosii, ka haga bara baraa galateeffame, akka ani sobaa hin dubbanne hin beeka. \v 32 Yennaa ani qachaa Damaasqo'oo keessa jiru, bulchaan mooticha Areexaasiin jalatti bulchiisatti jiru, na qassiisiisaaf barbaadee, karroota qacha'aa eeddotaan eessisaa ture. \v 33 Namooti ammoo, qiriccoo keessa na keyanee urata dalleyaatiin na buusaneeranuun isa jalaa miliqe.\x - \xo 11:33 \xo*\xt HuE. 9:23-25\xt*\x* \c 12 \s1 Mudhii Phawuloosii \p \v 1 Ifi jajiisaan bu'aan dhaggamu jiraatuu dhabulle, ifi jajiisa yoo barbaachise yaadaan dhaggu'uu fi mudhii Goottaan naaf kenneen ifi jaja. \v 2 Nama ka Kiristoosii te'e tokko beeka; nami kun woggaa kudha afuriin dura, haga ol gubbaa olii fudhatame; akki inni fudhatamelle nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka. \v 3 Ifii ammoo nami kun gara addee gammadaa akka fudhatame hin beeka; teetuu malee nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka. \v 4 Inni gara addee gammadaa fudhatamee, waan jecha namaatiin himamiisaa fi namille dubbatiisaaf hin dandeenne dhage'e. \v 5 Ani nama akkana jiruun ifi jaja; marroo ifii kiyyaa ammoo, dadhabbii tiyya malee waan ifi jajadhuun hin qabu. \v 6 Ani dhugaa waan dubbataaruuf, ifi jajiisa yoo barbaadelle ani hin gowwoomu; ammoo eennulle waan na irratti dhagguu fi waan na irraa dhage'u caalaa akka hin herrenneef, ifi jajuu irraa ifi qusadha. \p \v 7 Mudhii guddoo tanaan ta kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore'ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa naa kenname. \v 8 Wonni na rakkisu kun, akka na lakkittu yennaa sad gara Gootta'aa daadimadhe. \v 9 Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada. \v 10 Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada. \s1 Yaada Phawuloos Worra Qorontoosiitiif Qabu \p \v 11 Ani akka gowwa'aa dubbadhe; akka ani akkas dubbadhu isinitti na godhe; na deeggaruu ka qaddanu silaa isin; ani woyittuu laakkowamuu dhabulle, worra ergantoota gugurdoo jedhamane karaa tokkolle'een hin hanqadhu. \v 12 Ani yennaa odduu teessan jiru, hujiin ani ossaan huje, akka ani ergamaa dhuga'aa te'e hin mirkaneessiti. Kunille beessisa, baasaa fi bilbaasota. \v 13 Ani ijjumaa isinitti ba'aa te'a dhabuu kiyya malee, ani maaniin wolde'oota Kiristaanaa dhibii isin hanqise? Tunille akka yakka'aatitti ta laakkowantu yoo teete naa araarama'a. \p \v 14 Gara keessan dhufiisaaf qophowuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee teessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu. \v 15 Ani isiniif jedhee waan qabu duudii, ifille dabarsee adoo isiniif kenne guddoo hin gammada. Eega ani akkana guddisee isin jaaladhe, isin diqquma na jaalatanii ree? \p \v 16 Maarre teetuutii, akka ani isin irratti ba'aa hin te'in tana wolii galla; ammoo maltumma'aa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seyaartan. \v 17 Ani namoota gara keessan erge keessaa, karaa nama tokkochaatille'een woy isin irraa nyaadheera ree? \v 18 Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woy isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree? \p \v 19 Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra. \v 20 Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin barbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a. \v 21 Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha. \c 13 \s1 Gorsaa Fi Nageya Muumme'ee \p \v 1 Gara keessan dhufiis kiyya kun yennaa sadeesso'oo ti; akkuma Barreeffam Woyyichi jedhu, «Himannaan marti dhugaa baatota lamaan yookiin sadiin mirkanootti». \v 2 Ani yennaa lammeesso'oo isin ilaaliisaaf dhufee isin woliin jiru, isin ifi eeggachiiseera. Ammalle fagoo jiraadhee, worra tanaan qara cubbuu hujee fi worra dhibiille ifi eeggachiisa; amma yennaa gara keessan deebi'ee dhufu eennulle hin hilu. \v 3 Isin ka ana keessa jiraatee dubbatu Kiristoos akka te'e mirkaneeffatiisaaf barbaaddan; ka isin keessatti mudhatulle hunna isaa ti malee, dadhabbii isaatii moti. \v 4 Inni fannoo gubba'atti fannifamee ka du'e dadhabbi'iin te'ulle, amma hunna Waaqaatiin jiru'uun le'a; nuutille isa woliin dadhaboolee teeneerra; tokkummaa isin woliin qannuun ammoo, isa woliin hunna Waaqaatiin leena. \p \v 5 Dhugeeffanna'aan akka jirtanu beekiisaaf ifi qorqora'a; haga ifi ilaala'a; Yesuus Kiristoos akka isin keessa jiru hin hubannee? Yoo akkas hin te'in haga ilaallatamaan jiddaneertan jechu'u. \v 6 Nuuti haga ilaallatamaan akka hin jigin hin beettan jedhee addadha. \v 7 Waan hantuu akka isin hin hunye, gara Waaqa daadimanna; wonni daadimannuufille nuuti haga ilaalcha taruu dhannee yoo dhagganne, isin yennaa maraa waan dansaa akka gootanuuf malee, haga ilaalcha tariisa keenna mudhisiisaafii moti. \v 8 Nuuti dhuga'aaf hunya malee, waan dhuga'aan mormu tokkolle hujiisaaf hin dandeennu. \v 9 Nuuti dadhaboolee teenee, isin ammoo jajjaba yennaa teetanu hin gammanna; nuuti akka isin mijuu teetanu daadimanna. \v 10 Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan naaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii naaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti. \s1 Nageya Muumme'ee \p \v 11 Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee'a'a; leetoo teessan sirreeffadha'a; gorsa kiyya dhage'a'a; wolii gala'a; nageyaan le'a'a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata. \p \v 12 Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha'a. \p \v 13 Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti. \v 14 Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.