\id 2CH - Guji Bible \ide UTF-8 \h 2 Dabarsi'i \toc1 Kitaaba Dabarsi'ii Ka Lammeesso'oo \toc2 2 Dabarsi'i \toc3 2 Dab. \mt1 Kitaaba Dabarsi'ii Ka Lammeesso'oo \imt Seensa \ip Kitaab dabarsi'ii ka Lammeesso'oo addee kitaab dabarsi'ii ka qaraa itti dhaabbachiise irraa jalqaba. Bulchiinsa Solomoonii mootichaatiin jalqabee, haga du'a isaa dhaqa. Sooressummaa Yerobi'aamiitiin gosi gara kaabaa mootii Yihuda'aa Rehobiyaam, ka addee abbaa ifii Solomooniititti mootii te'e irratti finqila akka kaasane odeesseen duuba, dabarsii mootummaa kibbaa ta Yihuda'aa, ta haga diigama Yerusaalemii jirtu, dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaa tartiibaan galmeessa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Bulchiisa Solomoonii\ior 1:1—9:31\ior* \io1 Woggoota gara jalqabaa\ior 1:1-17\ior* \io1 Galmi Waaqaa ijaarame\ior 2:1—7:10\ior* \io1 Woggoota gara duubaa\ior 7:11—9:31\ior* \io1 Finqiliisa gosa kaabaa\ior 10:1-19\ior* \io1 Mootota Yihuda'aa\ior 11:1—36:12\ior* \io1 Jigiisa Yerusaalemii\ior 36:13-23\ior* \c 1 \s1 Solomoon Qarumma'aaf Daadimate \r (1 Mot. 3:1-15) \p \v 1 Ilmi Daawitii Solomoon mootummaa ifii jabeeffate; Mootiin Waan Maraa Waaqi isa eebbisee, mooticha jabaa isa godhe. \v 2 Achiin duuba Solomoon kolbaa Israa'elii mara, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, abbootii mura'aatii fi sooreyyii mootumma'aa mara, sooreyyii maati'ii mara ajajee, \v 3 Dunkaaniin Woldeenna'aa ta Waaqaa, ta tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen goomolee keessatti huje waan achi jirtuuf, Solomoonii fi kolbaan marti gara addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessaa dhaqane. \v 4 Te'uu malee, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ta Kiriiyat-Ya'ariim jiru fidee, dunkaanii Yerusaalem keessatti dhaabe keessa keyeeraayyu. \v 5 Addeen ciinca'aa ta ilmi Urii Baxaali'el, akaakoon Huurii, sageettuu irraa huje achi Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa dura jirtiiyyu; maarre Solomoonii fi kolbaan sun achitti fedhii Mootii Waan Maraa barbaadane. \v 6 Solomoon gara addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujantee, Dunkaanii Woldeenna'aa bira fuula Mootii Waan Maraa dura jirtuu ol bayee, achi irratti kennansa gubamu kuma tokko dhikeesse. \p \v 7 Halkan san Waaqi Solomoonitti mudhatee, «Waan ani sii kennu mara na gaafadhu» jedheen. \p \v 8 Solomoon deebisee Waaqaan, «Ati abbaa kiyya Daawititti jaalala keeti guddaa ka bara baraa mudhittee, akka ani addee isaatitti mootii te'u na gooteerta. \v 9 Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa, ati kolbaa bindillaa biyya lafaa irratti mootii waan na gooteef, waadaan ati abbaa kiyya Daawitiif galte muummowuu ti. \v 10 Qarumma'aa fi beekkumsa ani ittiin kolbaa tana bulchu naaf kenni; yoo tun hin te'in kolbaa teeti hunnaamettii tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe. \p \v 11 Waaqi Solomooniin, «Ati durummaa, qabeenna, ulfinna yookiin diinoti keeti akka dhumatanu, ifiifuu bara dheeraa akka leetuuyyuu hin gaafanne; ammoo kolbaa tiyya ta ani irratti mootii si godhe akka bulchituuf, qarumma'aa fi beekkumsa akka sii kennuuf waan na gaafatteef, \v 12 ani qarumma'aa fi beekkumsa sii hin kenna; kana maleelle qarummaa, qabeennaa fi ulfinna moototi si'iin duraa hin qanne, ka moototi si'iin duuba mootii te'u'uu jiranulle hin qabaanne sii kenna» jedhe. \p \v 13 Achiin duuba Solomoon addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessaa ta Dunkaanii Woldeenna'aa duraatii ka'ee, gara Yerusaalemii deebi'e. Inni achi tee'ee kolbaa Israa'elii bulche. \s1 Solomoon Nama Guddaa Beekkamaa Te'e \p \v 14 Solomooniin mootichi garreettota fardo'oon harkifamanu kuma tokkoo fi dhibba afurii fi abbootii fardo'oo kuma kudhanii lama wolitti qabate; inni garreettota fardo'oon harkifamanu san keessaa garii qachoota garreettoti keessa keyamanu keessa keyee, garii ifi bira qachaa Yerusaalemii keessa keye. \v 15 Mootichi meeti'ii fi worqiin Yerusaalem keessatti akka dhaka'aa akka bacattu, birbirsille akka muka harru'uu ka biyya kooba jalaa akka bacatu godhe. \v 16 Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti mootichaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa bitanee fidane. \v 17 Garreettaa fardaan harkifamu tokko beesee meeti'ii dhibba jaan, farda tokko beesee meeti'ii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitan; dabarsaneelle mootii Heetotaatii fi mootii Sooriya'aatitti gurgurane. \c 2 \s1 Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa \p \v 1 Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiif Galmi akka ijaaramu, manni mootumma'aa ka isaalle akka ijaaramu murteesse. \v 2 Inni namoota ba'aa ba'atanu kuma torbaatama, namoota kooba irraa dhakaa bocanu kuma saddeettama, namooti kum sadii fi dhibbi jaa ammoo hujii akka toowatanu godhe. \p \v 3 Solomoon gara Hiiraamii mootii biyya Xiiroosii ergaa ergee, «Abbaan kiyya Daawiti mana mootumma'aa akka ijaarratuuf muka hindheensaa akkuma ergiteef, analle'eef ergi. \v 4 Ani Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa kiyyaa ka hixaanni foolee dansa'aa keessatti aarfamu, ka daabboon Waaqaaf woyyoontu yennaa mara keessatti isa dura keyantu, galgalaa fi ganama kennansi gubamu itti dhikeeffamu, guyyaa Sanbataatii fi baatii ji'aatitti, yennaa jila Mootii Waan Maraa ta beekkanteetitti waan kana keessatti dhikeessanu, ijaariisaaf murteeffadheera. Kun kolbaa Israa'eliitiif seerata haga bara baraa ti. \v 5 Waaqi keenna waaqota dhibii mara waan caaluuf, Galmi ani isaaf ijaaru gudda'a. \v 6 Te'uu malee ol-gubba'aa fi ol-gubbaan olii eega isa qabatuu hin dandeenneeyyuu, eentu Galma isaaf ijaaruu dande'a ree? Addee kennansa isa duratti dhikeessanuuf qofa isaaf ijaara malee, ka Galma isaaf ijaaruu dande'u ani eennu ree? \v 7 Maarre amma nama ogeessa worqii, meetii, sageettu'uu fi hujii sibiila dhibi'iille, woyaa dhiillee, woyaa bifa cuquliisaa dhowuu beeku naaf ergi. Akkasuma nama Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa tee'ee, namoota ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse woliin meya adda addaa irratti woy qiriixee bifa itti baasee hujuu dande'u naaf ergi. \v 8 Namooti keeti gaara Libaanonii irraa muka muriisa waan qabanuuf, Libaanon irraa muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi muka sandali'ii naaf ergi; namooti kiyyalle namoota keeti woliin hin hujan. \v 9 Galmi Waaqaa ka ani ijaaraaru kun gudda'aa fi miidhagaa te'uu waan qabuuf, falaxaan hedduun naaf qophowuu ti. \v 10 Ani tajaajiltoota teeti ta muka murtuuf, bullaa qamadi'ii kuntaala dhibba afurii fi afurtama, garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, akkasuma daadhii woyni'iille litirii kuma dhibba afur, zayitii ejersaa litirii kuma dhibba afur hin erga» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba mootichi Xiiroosii Hiiraam xalaya'aan Solomooniif deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jaalatuuf, akka ati mootii isaanii teetu si godhe» jedhe. \v 12 Hiiraam itti dabaleelle, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka ol-gubba'aa fi lafa dade leellifamuu ti! Inni ilma qaroo malaamessaa fi hubantii guddoo qabu ka Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifiille ijaaratu mooticha Daawitiif kenneera. \v 13 Ani amma ka hujii harkaatiin dandeettii qabu Huraam si'iif hin erga. \v 14 Haati isaa dubartii sanyii Daanii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii ti. Inni hujii worqi'iitii fi meeti'ii, hujii sageettu'uutii fi sibiilaa, hujii dhaka'aatii fi mukaa, akkasuma woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiille'ee fi diintuu quncee talba'aa irraa hujiisa beeka. Inni waan akka hujuuf gaafatame mara dhaka'aa fi muka irratti qiriixuu hin dande'a. Inni namoota keeti ka hujii harkaa hujuu beekanuu fi namoota goottaa kiyya, abbaa keeti Daawitii woliin hujuu hin dande'a. \p \v 15 «Amma goottaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii ta waadaa galte san ergi. \v 16 Nuutille muka haga ati barbaaddu gaara Libaanonii irraa murree wolitti hiinee, abbaayaa irra haga Yophe'ee siif hin ergina; atille achii gara Yerusaalemii fudhatuu hin dandeetta» jedhe. \p \v 17 Achiin duuba Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti dur laakkossiise, namoota alagaa biyya isaa keessa jiranu mara laakkossiise; namooti sunille kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamii sadii fi dhibba jaa. \v 18 Isaan keessaa namooti kum torbaatam ba'aa akka ba'atanu, namooti kum saddeettami gaara irraa dhakaa akka bocanu, namooti kum sadii fi dhibbi jaa, hujii akka toowatanu godhe. \c 3 \s1 Solomoon Galma Ijaare \p \v 1 Achiin duuba Solomoon Yerusaalem keessatti gaara Moriiyaa irratti, addee dur Mootiin Waan Maraa abbaa isaa Daawititti mudhatetti Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe; Daawiti addee Mootiin Waan Maraa isatti mudhate sanitti eeddummee Ornaanii nama biyya Yibusootaa keessatti Galma Waaqaa ijaariisaaf qophowe. \v 2 Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa lammeesso'ootitti Galma Waaqaa san ijaariisa jalqabe. \v 3 Galmi Waaqaa ka Solomoon ijaariisa jalqabe, mikii\f + \fr 3:3 \fr*\fqa Mikii: \fqa*\ft Meeshaan miki'ii ka bara durii ciqile'e.\ft*\f* bara durii dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama. \v 4 Soroon isaa karaa fuula duraatiin, akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, ol dheerinni isi'iille ciqilee dhibbaa fi diddama; inni keessa isi'iille worqii qulluu itti gonfe. \v 5 Kolloon guddittiin Galma sanii muka hindheensaatiin ijaarantee, worqiin qulluun itti gonfantee, fakkiin muka meexxi'iitii fi haachabaa irratti kaafamane. \v 6 Mootichi Solomoon Galma san dhakaa gatii guddo'ootiin miidhasse; worqiin inni ittiin seese sun worqii biyya Faarwaayimii ti. \v 7 Maarre inni buusaa heellichoo Galmaa, keessa isaa, dhaaba isaa, saanqa'aa fi mikikkila balbalaa isaa mara worqii itti gonfee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu dhaaba isaa irratti kaase. \v 8 Inni Addee Irra Caalaa Woyyittiille ijaarsise. Dheerinni isi'ii akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama. Inni dhaaba isi'ii worqii qulluu kiiloogiraama kuma diddamaa fi dhibba afur geettu itti gonfe. \v 9 Mismaarri worqi'ii gara giraama dhibba shanii fi torbaatamaa ti; inni kolloota mana mana irraalle worqii itti gonfe. \p \v 10 Inni Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu lama muka irraa hujisiisee, worqii itti gonfe. \v 11 Dheerinni koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu sun ta lamaaniituu wolumatti ciqilee diddama; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokkeesso'oo gara tokkoon ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo bira geya. \v 12 Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka lammeesso'oo, koolli tokkochi ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka tokkeesso'oo biralle geya. \v 13 Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii Galma keessa ciqilee diddama diriirsanee, kolloo guddittii Galma saniititti fuula galanee miila ifiitiin dhaabbatan. \v 14 Mootichi Solomoon Addee irra caalaa Woyyittii saniif gollaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, bifa diima'aa quncee talba'aa dansaa irraa hujee fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti huje. \s1 Utuboota Sageettu'uu Lama \p \v 15 Mootichi Solomoon utuboota ciqilee soddomii shan dheeratanu lama Galma Waaqaa duratti hujisiise. Mataa utuboota sanii tokko tokkoo isaanii irratti guutuu ciqilee shan shan dheerattu hujisiise. \v 16 Inni haachaba wolitti xaxee miidhassee, qaccee utuboota sanii irra keyee, midhaan, «Muka rumaan» jedhamuu dhibba hujee haachaba saniin wolitti qassiise. \v 17 Inni utuboota san balbala Galma Waaqaa dura tokkocha gara middaatitti, kaan gara bita'aatitti dhaabe; ka gara middaa jiru, «Yaakiin», ka gara bita'aa jiru, «Bo'az» jedhee moggaase. \c 4 \s1 Meya Galma Waaqaa \r (1 Mot. 7:23-51) \p \v 1 Mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta sageettu'uu ta dheerinni isi'ii ciqilee diddamaa, badhinni isi'ii ciqilee diddamaa, hojjaan isi'ii ciqilee kudhanii huje. \v 2 Akkasuma inni waabaa bisaanii ka badhinni afaan isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, keessi gadhaa isaa ciqilee soddomaa sageettuu irraa huje. \v 3 Xiyyoo afaan waaba'aa jalatti fakkiin korommi'iin naanneffamanee hujamaneeran; waabaa bisaanii san irratti ciqilee tokko tokko irratti fakkiin korommi'ii kudhan kudhaniin tarree lamaan waabaa san woliin wolitti baqisiifamanee hujamaneeran. \v 4 Waabaan bisaanii sun dudda korommii kudhanii lamaa ta sageettuu irraa hujantee san irra dhaabbata; korommiin sun sad gara kaabaa, sad karaa aduun seentu, sad karaa kibbaa, sad karaa aduun baatu fuula galanee dudda wolitti garagalanee dhaabbataneeraniiyyu; waabaan bisaanii sun dudda isaanii irra jiraayyu. \v 5 Furdinni waaba'aa haga badhinna barruu harkaa, xiyyoon afaan isaa akka afaan sini'ii gara duubaa garagalee hujamee daraaraa suufi'ii fakkaata; waabaan sun litirii kuma jaatama qabata. \p \v 6 Achiin duuba inni kennansi gubamu akka itti dhiqamuuf, qorii kudhan hujisiisee, shan gara kaabaatiin, shan gara kibbaatiin keye; waabaa bisaanii san hayyoota qofatti itti dhiqataayyu. \p \v 7 Inni akkuma seeraatitti, waan issaa irra keyanu worqii irraa hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye. \v 8 Akkasuma inni xarapheessaa kudhan hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye; inni ammalle qorii worqi'ii dhibba tokko huje. \v 9 Inni badhinna dalleya keessaa ka Hayyootaa hujee, badhinna dalleya keessaa guddichalle hujee, balbaloota san sageettuu itti gonfe. \v 10 Waabaa bisaanii san Galma Waaqaa irraa gara kibbaa karaa aduun baatuun keye. \p \v 11 Huraamille okkotee, akkaafa'aa fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje. Maarre inni meya Galma Waaqaa, Solomoonii mootichaaf hujee akkuma waadaa galetti fixe; mey inni huje ka asii gad jiru: \v 12 utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utuboota irraa san seesiisaaf caccoo sibiilaa lama, \v 13 guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utubootaa irraa lamaan san seesiisaaf, waan akka midhaan rumaanii dhibba afur, tokko tokkoo isaaniitiif, waan akka midhaan rumaanii san tarree lama lamaan keye. \v 14 Inni waan meya irra keyanulle qorii itti dhiqatanu ta isii irra keyanu woliin, \v 15 waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta waabaa jalaa, \v 16 okkotoota, akkaafota, filaa fooniitii fi meya waan kana woliin hujii gubbaa oolanu mara sageettuu morodante irraa, tajaajila Galma Mootii Waan Maraatiif akka te'anu mooticha Solomooniif huje. \p \v 17 Mootichi Solomoon meya kana mara, dhooqa Yordaanosii keessatti addee faara itti dhowanutti Suukootii fi Zaaretaan wodhakka'atti hujisiise. \v 18 Mey mootichi Solomoon hujisiise kun marti hedduu waan te'eef, kiiloon sageettuu sanii hagana jedhamee hin beekkamuuyyu. \p \v 19 Maarre Solomoon meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu: addee ciinca'aa worqii irraa, xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu, \v 20 akkuma seera isaaniif kennametti waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujamanee fi issaa isaan irra keyamanu ka addee irra caalaa woyyittii duratti ifanu, \v 21 worqii qullittii irraa waan akka daraara'aatitti miidhaffamane, issaa, qaraphaa, \v 22 qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa hixaanaa, bassoo daadhaa ittiin haranuu worqii qulluu irraa hujisiise. Balbalooti keessaa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi balbalooti Galma Waaqaa ta gara kutaa guddo'oo seenanu worqii qulluu irraa hujamaneeran. \c 5 \p \v 1 Mootichi Solomoon hujii Galma Mootii Waan Maraa duudii fixeen duuba, waan abbaan isaa Daawiti hujii tanaaf adda baase mara meetii, worqi'ii fi meya mara mana meyaa ka Galma Waaqaa keessa keye. \s1 Saanduqa Gondooro'oo Gara Galma Waaqaa Fidane \p \v 2 Achiin duuba Solomoon jaarsolee Israa'elii mara, sooreyyii gosa Israa'eliitii fi maatii Israa'eloota mara Yerusaalemitti waansisee, qachaa Daawitii Xiyoon keessaa Saanduqa Gondooro'oo akka fidanuuf ajaje. \v 3 Namooti Israa'elii marti yennaa jila ji'a torbeesso'oo keessa jilifatanu mooticha biratti wolitti qabamane. \v 4 Jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamaneen duuba, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee, \v 5 gara Galma Waaqaa geessane; Lewwooti hayyoota te'ane Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya woyyicha isii keessaa mara ba'atanee ol fidane. \v 6 Mootichi Solomoonii fi wolde'i kolbaa Israa'elii marti Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee hoole'ee fi korommii hedduu ta laakkossi isaanii hagana hin jedhanne ciincaa dhikeessane. \v 7 Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa gara Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta Galma Waaqaa keessaa geessanee, koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu jala keyane. \v 8 Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun addee Saanduqa Gondooro'ootiin gubbaa koola ifii diriirsanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaroota isi'ii gollaneeran. \v 9 Danqarooti sun guddoo dhedheeraa waan te'aneef, qacceen isaanii nama Galma Waaqaa keessa addee irra caalaa woyyittii dura dhaabbatutti hin mudhatti; nama Galma Waaqaatiin ala jirutti hin mudhattu; danqarooti sun haga adhaalle achuma jiran. \v 10 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate, Mootiin Waan Maraa isaan woliin Gondooroo yennaa godhe, gaara Siina'aa irratti, dhakaa baxxicha lamaan ajaji kudhan irra jiru, ka Muuseen achi keessa keye malee, wonni dhibiin Saanduqa Gondooro'oo san keessa hin jirtu. \s1 Ulfinna Mootii Waan Maraa \p \v 11 Hayyooti Galma Waaqaa keessaa gad bayane. Hayyooti worri achi jiranu martinuu, ka badoon hujii isaanii yennaa san hin te'inille ifi woyyoonsane. \v 12 Lewwooti faarfattooti marti, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun, ilmaan isaaniitii fi dhiirti fira isaanii achi jiraniiyyu; isaan woyaa dansaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatanee, addee ciinca'aa irraa karaa aduun baatu dhaabbatanee, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, maseenqo'oo fi kiraaraan faarfatane. Hayyooti dhibbaa fi diddam isaan cinaa dhaabbatanee tultullaa afuufane. \v 13 Worri tultullaa afuufuu fi faarfattooti qoonqoo ifii wolqixxeessanee woliin faarfatanu Mootii Waan Maraa leellifatane; isaan tultulla'aan, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, meya gara garaatiin, qoonqoo guddoolle'een, «Inni dansa'a; jaalalli isaalle haga bara baraa hin jiraata» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatane. Achiin duuba duumensi Galma Mootii Waan Maraa guute. \p \v 14 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa waan guuteef, sababa duumensaatiif, hayyooti tajaajila ifiitiif dhaabbatiisa hin dandeenne. \c 6 \s1 Dubbii Solomoon Eebba Galma Waaqaa Irratti Dubbate \p \v 1 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Ee Mootii Waan Maraa, ati, ‹Duumensa ciggaa dukkanowaa keessa jiraadha› jetteerta. \p \v 2 «Ani galma guddaa miidhagaa ati haga bara baraa keessa leetu si'iif ijaareera» jedhe. \p \v 3 Achiin duuba wolde'i Israa'elii marti adoo achi dhaabbatiisatti jiranuu mootichi gara isaanii garagalee isaan eebbise. \v 4 Inni, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii leellifamuu ti! Inni waan afaan ifiitiin abbaa kiyya Daawitiif waadaa gale muummesseera; inni abbaa kiyya Daawitiin, \v 5 ‹Kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee, qachaa gosa Israa'elii keessaa addee ulfinna maqaa kiyyaatiif Galmi kiyya itti ijaaramu, nama kolbaa tiyya Israa'elii sooressulle namuuyyuu ani hin filanne. \v 6 Amma ammoo ani maqaa kiyyaaf Yerusaalem filadheera; ati Daawiti kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf si filadheera› jedheera. \p \v 7 «Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf gadhaa keessatti yaadateeraayyu. \v 8 Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaariisaaf yaadatiis keeti dansa'a. \v 9 Te'uu malee ilmuma keeti ka ati uumatutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee si'ii moti› jedhe. \v 10 Amma Mootiin Waan Maraa waadaa gale san muummesseera. Ani akkuma inni waadaa gale san addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra tee'ee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma Waaqaa ijaareera. \v 11 Saanduqa Gondooro'oo ta Gondooroon Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii woliin gondoorate keessa jirtu achi keessa keyeera» jedhe. \s1 Daadimata Solomoonii \p \v 12 Achiin duuba Solomoon addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, wolde'a Israa'elii duratti, harka ifii diriirse. \v 13 Inni waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta dheerinni isi'ii ciqilee shanii, badhinni isi'ii ciqilee sadii, hojjaan isi'iille ciqilee sadii sageettuu irraa hujisiisee, odduu badhinna dalleya keessaa ka gara alaa keessa keye. Achiin duuba waan san irra dhaabbatee, wolde'a Israa'elii mara duratti jilbiiffatee, harka ifii gara ol-gubba'aa badhisee, \v 14 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, ol-gubbaa keessa yookiin biyya lafaa irra Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti ta gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa hin eedda. \v 15 Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte muummessiteerta; waan dur afaan keetiin dubbatte adha kunoo harka keetiin muummessiteerta. \v 16 Amma, Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, waan tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiin, ‹Akkuma ati fuula kiyya dura deddeebite, sanyiin teetille waan gootu maraan akka ajaja kiyyaatitti yoo deddeebite, nami isaan keessaa mootii te'ee barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra fuula kiyya dura tee'u hin dhabamu› jettee waadaa galte san naaf eegi. \v 17 Amma, ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, jecha tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte san muummessi. \p \v 18 «Ee Waaqa, ati dhugumaan biyya lafaa irra namoota woliin leetaa ree? Ol-gubba'aa fi ol-gubbaan oliituu si fuudhuu hin dandeettu; Galmi ani ijaare kun fa'a attam attam diqqaatu ree! \v 19 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii mararti'ii ta ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti fuula keeti duratti dhikeeffadhu naa caqasi. \v 20 Ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma akka maqaan keeti keessa jiraatu goote kanaa ilaaltuu ti. Daadimata ani tajaajilaan keeti gara Galma kanaa fuula galee daadimadhu naaf dhage'i. \v 21 Daadimata ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'elii gara addee tanaa fuula gallee daadimannu, ol-gubbaa bultoo teeti irraa nuu dhage'iitii, nuu araaram. \p \v 22 «Nami tokko nama dhibii irratti cubbuu hujee, cubbuu huje saniif gara Galma kanaa dhufee, gara addee ciinca'aa teetii dhikaatee akka kakatuuf yoo gaafatame, \v 23 ol-gubbaa irraa dhage'iitii muraa kenni; tajaajiltoota teetiif muraa yennaa kennitu ka yakkeef akkuma yakkaa isaatitti mataa isaatitti deebis; balchichaalle balchummaa isaa mudhisiisaan akkuma balchummaa isaatitti isaaf kaffali. \p \v 24 «Kolbaan teeti Israa'el waan si yakkiteef, diinota ifiitiin yoo injifatante, gaabbitee, gara keeti deebitee, Galma kana keessatti fuula keeti duratti daadimataa maqaa keeti yoo waammatte, \v 25 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitee isaan deebisi. \p \v 26 «Isaan waan si yakkaneef ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa yennaa dhabu, sababa cubbuu isaaniitiif, ati waan isaan rakkitteef, isaan gara addee tanaa fuula galanee yoo daadimatane, maqaa keeti yoo waammatane, cubbuu ifii irraa yoo deebi'ane, \v 27 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araaram. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif dhaala gootee kennite irralle'etti bokkeya roobisiisi. \p \v 28 «Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti bu'u shantoon, oolaan, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachaa isaanii keessatti isaan marsee badiin yookiin dhukkubi adda addaa dhufu, \v 29 kolbaa teeti Israa'el mara keessaa yookiin isaan keessaa nami tokko rakkinnii fi dhukkubbiin isaa itti dhage'antee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee daadimatee yoo gaafate, \v 30 ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa dhage'iitii isaaniif araarami; gadhaa namaa ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni. \v 31 Achiin duuba isaan lafa ati abbootii teennaaf kennite keessa bara le'anu mara si hin sodaatan; karaa keetille hin deeman. \p \v 32 «Akkasuma ormi tokko ka kolbaa teeti Israa'el keessaa hin te'in, marroo maqaa keeti gudda'aa, marroo irree teeti jaddu'uutii fi harka keeti ka diriiree dhage'ee biyya fago'ootii dhufee, gara Galma kanaa fuula galee yoo daadimate, \v 33 ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti akkuma kolbaa teeti Israa'elii maqaa keeti beekanee akka si sodaatanu, Galmi ani ijaare kun maqaa keetiin akka waamamu akka beekanu waan ormi sun si gaafatu mara isaaf dhage'i. \p \v 34 «Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaqanu, gara qachaa ati filattee kanaa fi gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yennaa daadimatanu, \v 35 ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif. \p \v 36 «Nami hin yakkine waan hin jirreef, kolbaan teeti yoo si yakkitu, ati isaanitti aartee, diinota isaanii ka isaan booji'ee biyya fago'oo yookiin dhiko'oo isaan geessanutti dabarsitee yoo isaan kennitu, \v 37 kolbaan teeti lafa booji'ante san keessatti qalbii ifiitiin gara keeti deebitee, ‹Cubbuu hunyeerra; yakkineerra; waan hantuu tolchineerra› yoo jette, \v 38 Lafa itti booji'amane san keessatti gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaaniitiif kennitee, gara qachaa ati filattee, gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yoo daadimatane, \v 39 ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif; kolbaa teeti ta si yakkiteef araaramiifille'e. \p \v 40 «Amma, ee Waaqa kiyya, ilti teeti gara daadimata addee tanaa ilaaltuu ti; gurri keetille gara daadimata addee tanaa caqasuu ti. \v 41 Amma, ee Mootii Waan Maraa Waaqa ka'i! Saanduqa Gondooro'oo ka hunna teeti mudhisu woliin gara addee foora teeti koyi. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, hayyooti teeti fayyinna uffatanuu ti; woyyooti teeti dansummaa teetiin firinxiixanuu ti. \v 42 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ka muudde san hin lakkisin; jaalala keeti ka bara baraa ka tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte yaadadhu» jedhe. \c 7 \s1 Eebba Galma Waaqaa \r (1 Mot. 8:62-66) \p \v 1 Mootichi Solomoon daadimatiisa ifii fixateen duuba, ibiddi ol-gubbaa irraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaate san nyaatee fixe; ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa san guute. \v 2 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa san waan guuteef, hayyooti achi keessa seenuu hin dandeenne. \v 3 Kolbaan Israa'elii marti ibiddi gad bu'aaruun, ulfinna Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa guutuun yennaa dhaggite, dhakaa afame irratti jilbiiffatanee, fuulaan gad gombifamanee Mootii Waan Maraa waaqonfataa, «Inni dansa'a; jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee isa leellisane. \v 4 Achiin duuba mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane. \v 5 Mootichi Solomoon loon kuma diddamii lama, hoole'ee fi re'ee kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama ciincaa dhikeesse. Maarre innii fi kolbaan marti Galma Waaqaa eebbisane. \v 6 Hayyooti addee isaaniif kennante dhaabbatane; Lewwootille meya ittiin faarsanu, ka Daawiti dur Mootii Waan Maraa akka ittiin leellifatanuuf hujisiise, ka ittiin, «Jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee faarsanu san qabatanee dhaabbatane; hayyooti fuullee Lewwootaatitti dhaabbatanee tultullaa yennaa afuufanu, Israa'elooti achi jiranu martinuu dhaabbatane. \p \v 7 Addeen ciinca'aa ta Solomoon sageettuu irraa hujisiise sun ciincaa duuduma gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi moora ciinceffamuuf waan dhiphatteef, Solomoon badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa dura jiru ka wodhakkaa addee ciincaan itti dhikaattuu eebbisee, achitti ciincaa gubamuu fi moora ciinceffamu dhikeesse. \p \v 8 Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti torbaan tokko achitti jila jilifatane; seensuma Haamaatii irraa kaasee haga laga Gibxi'iititti gumiin hedduun wolitti qabante. \v 9 Jila eebba addee ciinca'aa guyyaa torba jilifatane; itti dabalaneelle guyyaa torba jila jilifatanee, guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhatane. \v 10 Guyyaa itti aanu, Solomoon ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa diddamii sadeesso'ootitti kolbaan gara mana ifii akka galanu godhe. Isaan marroo waan dansaa Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif, Daawitii fi Solomooniif godhee gammadaa galane. \s1 Waaqi Ammalle Solomoonitti Mudhate \r (1 Mot. 9:1-9) \p \v 11 Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree fixe; inni Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa waan hujiisaaf yaade mara fixe. \v 12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa halkaniin isatti mudhatee, «Ani daadimata keeti dhage'eera; Galmi kunille addee ciincaa naaf itti dhikeessanu akka te'uuf filadheera. \v 13 Ani bokkeenni akka hin roonne ol-gubbaa yennaa cufu yookiin awwaannisi midhaan keessan akka fixu yennaa ajaju yookiin kolbaa tiyya irratti balaa yennaa buusu, \v 14 kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage'a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa. \v 15 Ilti tiyya gara daadimata addee tanaa hin ilaalti; gurri kiyyalle isii hin caqasa. \v 16 Maqaan kiyya haga bara baraa achi keessa akka jiraatuuf ani Galma kana filadheera; ilti tiyyaa fi gadhaan kiyya yennaa mara achi hin jiraata. \v 17 Atille akkuma abbaan keeti Daawiti godhe, fuula kiyya dura deddeebitee waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte, \v 18 achiin duuba ani akkuma dur abbaa keeti Daawitiin, ‹Israa'el ka bulchu sanyii teeti keessaa hin dhabamu› jedhee waadaa isaaf gale, ani barcumaa mootumma'aa keeti hin jabeessa. \v 19 Isin ammoo seerataa fi ajaja ani isinii kenne lakkittanee, waaqota dhibii yoo waaqonfattane, \v 20 ani lafa isiniif kenne keessaa isin hin baasa; Galma maqaa kiyyaatiif adda baafadhe kanalle hin lakkisa; odduu kolbaa maraatitti waan mammaassaatii fi murgo'oo godha. \p \v 21 «Galmi kun amma ka baaseffachiisu te'ulle worri karaa san dabaru maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti godhe?› hin jedhan. \v 22 Kolbaan deebittee, ‹Sababa isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase lakkisanee, waaqota dhibi'itti maxxananee, isaan waaqonfatanee, isaan tajaajilaneef, badii tana mara isaanitti fide› hin jetti» jedhe. \c 8 \s1 Hujii Solomoon Huje Ta Dhibii \p \v 1 Mootichi Solomoon Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa ka ifii woggaa diddama ijaareen duuba, \v 2 olloota Hiiraam isaaf kenne haaressee ijaaree, Israa'eloota achi keessa qubachiise. \v 3 Achiin duuba Solomoon gara biyya Haamaat-Zobaatii duulee qabate. \v 4 Inni ammalle goomolee keessatti qachaa Tadmoorii ijaareen duuba, kutaa Haamaatii keessalle'etti qachoota gootaraa midhaaniitii fi mana meya adda addaa ijaarsise. \v 5 Inni Bet-Horoonii Gubba'aatii fi Bet-Horoonii Jalaa ijaarsisee dalleya dhaka'aa itti ijaaree, karraa fi danqaraa itti tolche. \v 6 Akkasuma qachaa Ba'aalaatii, qachoota gootaraa midhaaniitii fi qachoota meya adda addaa mara, qachoota garreettaan fardaan harkifamu keessa tee'anuu fi qachoota abbootiin fardaa keessa le'anu, waan ijaaruu yaade maralle Yerusaalemitti, Libaanonitti, kutaa biyya ifii bulche mara keessalle'etti ijaarsise. \v 7 Sanyii Israa'elii ka hin te'in, worra achitti hafane mara Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota, \v 8 sanyii isaanii ka Israa'elooti balleessuu lakkisanee lafa san keessatti hamburane mara, Solomoon haga adhaatitti isaan garboonfatee, akka isaaf tajaajilanu godhate. \v 9 Israa'eloota ammoo loltoota ifii, ajajjoota loltoota ifii, ajajjoota garreettota fardaan harkifamanuutii fi abbootii fardaa godhate malee, akka garbootaatitti hin hujisiifanne. \v 10 Mootichi Solomoon qondaaltota sooreyyii dhibba lamaa fi shantama qabaayyu. \p \v 11 Solomoon, «Addeen Saanduqi Gondooro'oo jirtu woyyuu waan teeteef, haati manaa tiyya mana mootumma'aa ka Daawitii mootii Israa'elii keessa le'uu isii hin barbaachisu» jedhee, haadha manaa ifii intala mootii Gibxi'ii qachaa Daawitii keessaa gara mana mootumma'aa ka isi'iif ijaaree geesse. \p \v 12 Achiin duuba Solomoon kennansa gubamu addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa, ta soro'oon duratti ijaare irratti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. \v 13 Inni akkuma Muuseen ajajetti guyyaa guyya'atti, guyyaa Sanbataatitti, baatii ji'aatitti, jila wogga'atti yennaa sad jilifantutti, jila daabboo uukoo hin qanneetitti, jila torbaan torbaatii fi jila gose'eetitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. \v 14 Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe. \v 15 Nami tokkolle waan mootichi marroo hayyootaatii fi Lewwootaa, akkasuma marroo mana qabeennaatii fi waan inni ajaje maraayyuu irraa hin gorre. \v 16 Guyyaa hundeen Galma Waaqaa keyantee jalqabee haga guyyaa ijaarsi dhumateetitti, hujiin Solomoonii marti teeteef. Maarre ijaarsi Galma Waaqaa hobba'e. \p \v 17 Achiin duuba Solomooniin mootichi gara qachaa Eziyon-Geberiitii fi qachaa Elootii ka biyya Edoomii keessa irga abbaaya'aa jiranuu dhaqe. \v 18 Hiiraamiin mootichi qondaaltota ifii keessaa harka worra hoboloo guddittii oofuu beekuutitti hoboloota gugurdo'oo fi namoota waan abbaaya'aa beekanu Solomooniif erge; jarri sun qondaaltota Solomoonii woliin lafa Ofiirii dhaqanee, worqii gara kiiloogiraama kuma kudhanii shanii ol Solomoonii mootichaaf fidane. \c 9 \s1 Mootittiin biyya Sheebaa Solomoon Dhaxxee Ilaalte \r (1 Mot. 10:1-13) \p \v 1 Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomoonii dhageettee, gaaffii rakkittuu isa gaafatiisaaf gara Yerusaalemii dhutte. Isiin namoota hedduu qabattee uddowaa adda addaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feesifattee dhuttee, yennaa Solomooniin wol dhaggite, waan gadhaa ifiititti yaadatte mara isa woliin dubbatte. \v 2 Solomoon waan isiin gaafatte maraaf deebii kenne; wonni inni isi'iif deebii kennuu dadhabe takkaalle hin jirtu. \v 3 Mootittiin biyya Sheeba'aa qarummaa Solomooniitii fi mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhageette, \v 4 isiin sagalee qorii isaatitti dhikaattu, akka qondaaltoti isaa itti tee'anu, akka tajaajiltooti isaa tajaajila isaaf kennanuu fi akka isaan uffana ifii itti uffataneeranu, akka Solomoon Galma Waaqaa keessatti ciincaa itti dhikeessu yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte. \p \v 5 Isiin mootichaan, «Marroo hujii teetiitii fi marroo qarummaa teetii wonni ani biyya tiyya keessatti dhage'e dhuga'a. \v 6 Ani haga ifumaafuu dhufee dhaggutti waan natti himane hin dhugeeffanne. Ani qarummaa teeti gamisaayyuu hin dhageenne. Ati ta kolbaan jettuuyyuu hin caalta. \v 7 Namooti keeti worri si tajaajilanu attam attam ka hiree dansaa qabanu! Qondaaltoti teeti worri yennaa mara si dura dhaabbatanee, qarummaa teeti dhage'anu attam attam ka badhaadhane! \v 8 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka si jaalatee, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra si teessisee, akka ati bulchituuf mootii ka si godhe leellifamuu ti. Inni kolbaa ifii Israa'el waan jaalatuuf haga bara baraa akka isaan le'anu waan fedhuuf, ati haqa akka murtuu fi balchummaa akka hujju isaan irratti mootii si godheera» jette. \p \v 9 Achiin duuba isiin worqii kiiloogiraama kuma afurii caaltu, uddowaa adda addaa baca'aa fi dhakaa gatii guddo'oo Solomooniif kennite. Uddowaan akka uddowaa mootittiin biyya Sheeba'aa Solomoonii mootichaaf kennitee, tokkolle dhaggamee hin beeku. \p \v 10 Namooti Hiiraamii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa ka worqii biyya Ofiiriitii fidane, muka sandali'iitii fi dhakaa gatii guddo'oolle fidane. \v 11 Mootichi muka sandali'ii san irraa yaabbannoo Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa, faarsitootaafille kiraaraa fi maseenqoo hujisiise; wonni akkasii haga adhaatitti biyya Yihuda'aa keessatti dhaggantee hin beettu. \p \v 12 Mootichi Solomoon waan mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf fidde caalaa, waan isiin kadhattee fi waan gadhaan isi'ii yaade mara kenneef. Achiin duuba isiin namoota ifii woliin gara biyya Sheeba'aa deebite. \s1 Durummaa Solomoonii \p \v 13 Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti worqii kiiloogiraama kuma diddamii sadii dhaggataayyu. \v 14 Kana biratti daldaltooti gugurdo'oo fi daldaltooti dhibiin gibira isaaf fidane; moototi biyya Arabootaatii fi bulchitooti lafaa marti worqi'ii fi meetii Solomooniif fidane. \v 15 Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa hujisiise; wonteen worqi'ii tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaa ti. \v 16 Inni wontee didiqqoo dhibba sadille worqii irraa hujisiise; wonteen didiqqoon sun tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiloogiraama lamaa ti. Mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa ka, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye. \p \v 17 Mootichi barcumaa mana mootumma'aa guddaa tokko ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe. \v 18 Barcumaan mana mootumma'aa sun yaabbannoo jaa fi faanoo miilaa ka barcumaa mootumma'aatiin wolitti qassiifamee worqii irraa hujame qabaayyu; cinaa isaa middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qabaayyu. Waan harka irra kiyatanu san gama lamaaniinuu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera. \v 19 Qaccee yaabbannoo jaa gubbaa gara lamaaniinuu fakkii neenqaa kudhanii lamaatitti dhaabbateera. Barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa dhibii takkattii keessalle'etti hujamee hin beeku. \p \v 20 Mey mootichi Solomoon ka itti unanu martinuu, mey mana mootumma'aa, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru martinuu worqii qulluu irraa hujameera. Bara Solomoonii meetiin akka waan gatii qabuu waan hin laakkowaneef, wonni tokkolle ittiin hin hujanne. \v 21 Mootichi hoboloo gugurdoo biyya Tarshiishiititti deddeebi'aa daldalanu qabaayyu; hoboloota san ka oofu tajaajiltoota Hiiraamii ti; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, jaldeessaa fi qalamee\f + \fr 9:21 \fr*\fqa Qalamee: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa qamalee\fqa*\ft jedhanti.\ft*\f* biyya Tarshiishiitii fidaniiyyu. \v 22 Mootichi Solomoon qarumma'aa fi durumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu. \v 23 Moototi biyya lafaa martinuu qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, isa dhaggiisa halchane. \v 24 Worri isa bira dhufane martinuu meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, woyaa, meya woraanaa, qumbii, uddowaa, fardoolee, gaangolee, wogguma wogga'aan woggaa bacaa isaaf fidane. \v 25 Solomoon gola fardoole'eetii fi garreettaa fardaan harkifamanuu kuma afurii fi abbootii fardoole'ee kuma kudhanii lama qabaayyu; inni isaan kana keessaa garii qachoota garreettaan fardaan harkifamanu keessa keyamanu keessa keyee, garii ifi bira Yerusaalem keessa keye. \v 26 Inni laga Efraaxiisiitii kaasee haga biyya Filisxeemotaa haga meessaa biyya Gibxi'iititti mootota mara irratti mootii te'e. \v 27 Mootichi Yerusaalem keessatti meetiin akka dhaka'aa akka bacattu, birbirsi akka muka harru'uu ka lafa gaaraa jalaa akka bacatu godhe. \v 28 Fardoolee biyya Gibxi'iitii fi ta lafa mara keessaa Solomooniif fidane. \s1 Solomoon Du'e \r (1 Mot. 11:41-43) \p \v 29 Wonni mootichi Solomoon bara mootummaa ifii keessa huje ta dhibiin, jalqabaa haga dhumaatitti barreeffama Naataanii raagichaa, kitaaba raagaa ka Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitii fi mudhii Iddoon nami mudhii dhaggu marroo Yerobi'aamii ilma Nebaatii dhagge keessatti barreeffanteerti; \v 30 Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama Israa'el mara irratti mootii te'e. \v 31 Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee isaatitti mootii te'e. \c 10 \s1 Gosi Israa'elii Ta Kaabaa Rehobiyaam Finqilte \p \v 1 Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaqaneef, Rehobiyaamille achi dhaqe. \v 2 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe. \v 3 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee, \v 4 «Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane. \p \v 5 Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedheen. Maarre kolbaan sun deebitee galte. \p \v 6 Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, jaarsolee dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate. \p \v 7 Isaan deebisanee, «Ati kolbaa tanaaf gadhaa laattee, isaan gammachiittee deebii dansaa yoo isaaniif deebitte, isaan yennaa mara si hin tajaajilan» jedhane. \v 8 Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate. \v 9 Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate. \p \v 10 Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi kiyya maandhich, hidha abbaa kiyyaa caala furdata. \v 11 Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhiin» jedhane. \p \v 12 Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane. \v 13 Rehobiyaamiin mootichi gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne. \v 14 Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana» jedheen. \v 15 Maarre wonni kun Waaqa irraa waan teeteef, mootichi dubbii kolba'aa hin dhageenne; wonni Waaqi karaa Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dubbate tanaan muummotte. \p \v 16 Mootichi akka isaaniif dhage'uu dide Israa'elooti yennaa dhaggane, \q2 «Nuuti Daawiti woliin \q2 qooda maan qanna? \q2 Maatii abbaa isaa Iseyii biraa \q2 dhaala maan qanna? \q1 Ee Israa'el gara dunkaanii teessanii deebi'a'a! \q2 Ee sanyii Daawitii \q2 mana keetiif yaad» jedhanee, \q2 mootichaaf deebii kennane. \m Maarre isaan marti gara dunkaanii ifii deebi'ane. \v 17 Rehobiyaam ammoo Israa'eloota biyya Yihuda'aa keessa le'anu qofa irratti mootii te'e. \p \v 18 Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu Adoraam gara Israa'elootaa erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Rehobiyaamiin mootichi ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii duraa baqate. \v 19 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa namoota sanyii Daawitii irratti finqila kaasanee hafane. \c 11 \s1 Raaga Shemaa'iyaa \r (1 Mot. 12:21-24) \p \v 1 Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa dhufe, Israa'eloota lolanee gara mootummaa isaa akka deebisanuuf, gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminii keessaa loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate. \v 2 Jechi Mootii Waan Maraa ammoo gara Shemaa'iyaa raagichaa dhufee, \v 3 «Mooticha Yihuda'aa ilma Solomoonii Rehobiyaamii fi kolbaa gosa Yihuda'aatii fi Beniyaaminii maraan, \v 4 ‹Mootiin Waan Maraa: wonni te'e kun fedhii tiyya waan teeteef, obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Tokko tokkoon keessan gara mana keessanii deema'a! jedha› jedhiin» jedhe. Maarre isaan jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, Yerobi'aamitti duuliisa lakkisanee deebia'anee galane. \s1 Rehobiyaam Qachoota Dalleya Dhaka'aa qabanu Ijaare \p \v 5 Rehobiyaam Yerusaalem keessa tee'ee, diinota ifi irraa dhooggatiisaaf biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaarsise. \v 6 Qachooti inni ijaarsise sun Betlihem, Etaam, Teqo'aa, \v 7 Bet-Zuur, Sokoo, Adulaam, \v 8 Gaat, Maareshaa, Ziif, \v 9 Adoraayim, Laakiishi, Aazeqaa, \v 10 Zoraa, Ayalonii fi Kebroon. Qachooti dalleya dhaka'aa qabanu sun marti biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii keessatti ijaaramane. \v 11 Rehobiyaam dalleya dhaka'aa itti ijaarsisee, ajajjoota duulaa itti godhee, sagalee, Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii, achi keessatti tuulchise. \v 12 Inni wonte'ee fi eboo hedduulle qachoota san keessatti tuulchisee, akka isaan guddoo jabaatanu godhe. Maarre inni akkanaan biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii toowannaa ifii jala galfate. \p \v 13 Hayyootii fi Lewwooti kutaa biyya Israa'elii ta kaabaa mara keessa jiranu gara Rehobiyaamii dhufane. \v 14 Lewwooti hayyoota te'anee Mootii Waan Maraa akka hin tajaajille, Yerobi'aamii fi ilmaan isaa waan isaan dhoogganeef, addee horii ifii itti tiffatanuu fi qabeenna ifii lakkisanee gara Yihuda'aatii fi gara Yerusaalemii dhufane. \v 15 Yerobi'aam fakkii waaqota dharaa ta korbeeyyii re'ootaatii fi jiboota jabbile'ee hujee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa irra dhaabee, hayyoota ifii ta achi tajaajilanu filate. \v 16 Gosa Israa'elii mara keessaa worri gadhaa ifii tokkochaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii Israa'elii hordofuu barbaadu marti ciincaa ifii dhikeessiisaaf, Lewwoota hordofanee gara Yerusaalemii dhufane. \v 17 Isaan karaa Daawitii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa hordofanee, woggaa sadiif mootummaa Yihuda'aa jabeessanee, ilma Solomoonii Rehobiyaam qarqaarane. \s1 Maatii Rehobiyaamii \p \v 18 Rehobiyaamiin kun intala Yeremootii ilma Daawitii Mahalaat fuudhe; haati isi'ii Abiihaayil intala Eliiyaabii ilma Iseyii ti. \v 19 Isiin ilmaan sad Ye'ush, Shemaariya'aa fi Zahaam isaaf deette. \v 20 Achiin duuba inni intala Abiishaalomii Ma'akaa fuudhe; isiin ilmaan afur Abiiyaa, Aataayi, Ziizaa fi Shelomiit isaaf deette. \v 21 Rehobiyaam niitolee ifiitii fi gursumeeyyii ifii mara caalaa, intala Abiishaalomii Ma'akaa jaalate; inni wolumatti niitolee kudhanii saddeetii fi gursumeeyyii jaatama, ilmaan diddamii saddeeti, ijoollee durraa jaatama qabaayyu. \v 22 Inni ilma ifii Abiiyaa ka Ma'akaa irraa uumate mootii godhiisa waan fedheef, ijoollee ifii ta dhibii mara irratti sooressa akka te'u isa file. \v 23 Rehobiyaam qarummaa ifiitiin ilmaan ifii garii kutaa biyya Yihuda'aa, taan kutaa biyya Beniyaaminii keessaa fi qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame keessa babadhatanee akka le'anu godhe; inni sagalee bacaa isaaniif kennee, niitolee hedduulle isaan fuusise. \c 12 \s1 Mootiin Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalemitti Duule \r (1 Mot. 14:25-28) \p \v 1 Rehobiyaam mootummaa ifii akkuma jabeeffateen, innii fi kolbaan Israa'elii\f + \fr 12:1 \fr*\fqa Kolbaan Israa'elii tun: \fqa*\ft Kolbaa mootummaa kibbaa ta Yihudaa keessaa ti.\ft*\f* marti seera Mootii Waan Maraa lakkisane. \v 2 Isaan Mootii Waan Maraatiif addatamuu waan dhabaneef, Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalemitti duule. \v 3 Inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatama, loltoota worra Liibiya'aa, loltoota worra Sukiimiitii fi worra Itoophiya'aa\f + \fr 12:3 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* dabalatee, loltoota laakkossi isaanii hagana hin jedhanne fudhatee, biyya Gibxi'ii keessaa ka'ee dhufee, \v 4 qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu qabatee, haga Yerusaalemii dhufe. \p \v 5 Achiin duuba Shemaa'iyaan raagichi gara Rehobiyaamiitii fi gara sooreyyii biyya Yihuda'aa worra Shiishaaq duraa baqatee Yerusaalemitti wolitti qabameeruu dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin waan na lakkittaneef, anille harka Shiishaaqiititti isin lakkiseera› jedha» jedheen. \p \v 6 Mootichii fi Sooreyyiin Israa'elii\f + \fr 12:6 \fr*\fqa Sooreyyiin Israa'elii: \fqa*\ft Sooreyyiin Israa'elii tun ta mootummaa kibbaa ta Yihudaa keessaa ti.\ft*\f* gad ifi qabanee, «Wonni Mootiin Waan Maraa huju marti haqa» jedhane. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa akka isaan gad ifi qabane yennaa dhagge, ammalle jecha ifii gara Shemaa'iya'aa ergee, «Isaan ana Mootii Waan Maraa duratti waan gad ifi qabaneef, ani dafee isaan hin baasa malee isaan hin balleessu. Aariin tiyya karaa Shiishaaqiitiin Yerusaalem irratti hin bobeettu. \v 8 Te'uu malee, isaan ana tajaajiliisii fi mootota biyya lafaa tajaajiliis garaagarummaa akka qabu akka beekanuuf, Shiishaaq isaan hin bulcha» jedhe. \p \v 9 Mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalem yennaa lole, qabeenna Galma Waaqaatii fi qabeenna mana mootumma'aa saame. Inni waan mara, wontee hedduu Solomoon worqi'iin hujisiiselle fudhate. \v 10 Maarre mootichi Rehobiyaam addee wontee fudhataneetitti sageettuu irraa wontee hujisiisee, harka qondaaltota eeddota karra mana mootumma'aatitti kenne. \v 11 Mootichi gara Galma Waaqaa yennaa dhaqu mara, eeddoti karra mana mootumma'aa wontee san qabatanee, isa woliin dhaqan; yennaa deebi'anu ammoo kolloo eeddotaa keessa keyan. \v 12 Rehobiyaam Mootii Waan Maraatiif waan ifi gad qabeef, aariin Mootii Waan Maraa ijjumaa isa hin balleessine. Biyya Yihuda'aa keessatti wonni dansaan teete. \p \v 13 Rehobiyaam Yerusaalem keessa mootii jabaa ifi tolfate. Inni yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessatti woggaa kudhanii torba mootii te'e. Yerusaalem qachoota Mootiin Waan Maraa qachoota lafa gosoota Israa'elii mara keessaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filate. Maqaan haadha Rehobiyaamii Na'aama'a; isiin intala nama biyya Amoonii ti. \v 14 Inni fedhii Mootii Waan Maraa waan hin barbaadiniif, waan hantuu huje. \p \v 15 Wonni Rehobiyaamiin mootichi bara mootummaa ifii keessa huje jalqabaa haga dhumaatitti, kitaaba dabarsii hidda dhalootaa ka Shemaa'iyaa raagichaatii fi kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo mudhii dhagguu keessatti galmeeffamee jiraa motii ree? Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara jiruu ifii mara wol lolane. \v 16 Rehobiyaam du'ee, addee awwaala moototaatitti qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e. \c 13 \s1 Abiiyaan Mootii Yihuda'aa Te'e \r (1 Mot. 15:1-8) \p \v 1 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. \v 2 Inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Urii'elii nama qachaa Giibe'aa ti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wodhakka'atti lolli ka'eeraayyu. \v 3 Abiiyaan loltoota jajjaboo kuma dhibba afur filatee duule. Yerobi'aamille loltoota janna kuma dhibba saddeet filatee duule. \p \v 4 Achiin duuba Abiiyaan biyya koobittii Efreemii keessa gaara Zamaraayimii irra dhaabatee, «Ee Yerobi'aam, isin kolbaan Israa'elii martinuu na dhage'a'a! \v 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, Gondooroo sooddaa ta haga bara baraatiin, Daawitiif, sanyii isaatiifille, Israa'el irratti mootummaa akka kenne hin beettanuu ree? \v 6 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, tajaajilaan Solomoonii ilmi Daawitii, goottaa ifii irratti finqila kaase. \v 7 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam adoo inni daa'imaatuu, yennaa inni womaa godhiisa hin dandeennetti, namooti siyyaayye'ee fi boru-hinbeenneen isa marsanee mormane; ittille jabaatane. \v 8 Isin amma mootummaa Mootii Waan Maraa ta harka sanyii Daawitii keessa jirtuun mormiisaaf baatane; dhuguma isin bindilla'a; fakkii waaqota dharaa jabbilee worqi'ii ta Yerobi'aamiin mootichi isiniif hujisiiselle ifi biraa qaddan. \v 9 Isin tana maleelle ilmaan Aaronii hayyoota Mootii Waan Maraatii fi Lewwoota ariitanee, addee isaaniititti akkuma kolbaa lafa dhibi'ii, hayyoota ifiif godhattaneertanii motii ree? Nami hayyuu te'iisaaf jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee torba fidee dhufu, waaqota dharaatiif hayyuu te'a. \p \v 10 «Nu'uuf ammoo Mootiin Waan Mara Waaqa keenna; nuuti isa hin lakkinne. Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu sanyii Aaronii ti; Lewwooti isaan qarqaaran. \v 11 Isaan ganamaa fi galgala kennansa gubamuu fi hixaana fooleen isaa uddowu Mootii Waan Maraatiif dhikeessan; daabboo Waaqaaf kennantu xarapheessaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e san irra keyan; galgala galgalalle issaa waan issaa irra keyamu ka worqii irraa hujame irra jirulle hin qassiisan. Nuuti ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keennaa hin eeganna; isin ammoo isa lakkittaneertan. \v 12 Kunoo, Mootiin Waan Maraa nu woliin jira; inni nu sooressa; hayyooti isaa tultullaa afuufanee lola isinitti hin kaasan. Ee ilmaan Israa'elii, injifatuu waan hin dandeenneef, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii hin lolina'a» jedhe. \p \v 13 Yennuma san Yerobi'aam loltoota ifii keessaa gariin loltoota worra Yihuda'aatiin duubatti akka riphanuuf erge; loltooti hafane ammoo isa woliin loltoota Yihuda'aatiin wolitti fulla'anee akka lolanu godhe. \v 14 Worri Yihuda'aa garagalee adaala ifii yennaa ilaalanu, duraa fi duubaan akka marfamaneeranu dhaggane. Achiin duuba akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyane. Hayyooti tultullaa afuufane. \v 15 Namooti Yihuda'aalle qoonqoo ol qabatanee iyyane; yennaa isaan iyyane Mootiin Waan Maraa Abiiya'aa fi namoota Yihuda'aa duratti, Yerobi'aamii fi Israa'eloota mara injifate. \v 16 Waaqi harka worra Yihuda'aatitti Israa'eloota dabarsee waan kenneef, isaan Yihudoota duraa baqatane. \v 17 Abiiya'aa fi loltooti isaa lolanee akka malee waan miidhaneef, loltoota Israa'elii keessaa loltoota jajjaba kuma dhibba shan fixane. \v 18 Namooti Israa'elii yennaa san guddoo qaanowane; namooti Yihuda'aa ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan addataneef injifatane. \p \v 19 Abiiyaan Yerobi'aam ari'ee qachoota Bet'el, Yeshaana'aa fi Efron, olloota qachoota san cinaa jiranu woliin isa irraa fudhate. \v 20 Bara Abiiya'aa keessa Yerobi'aam deebi'ee hunna bulchiisaa hin dhagganne. Dhuma irratti Mootiin Waan Maraa balaa itti buusee, inni du'e. \p \v 21 Abiiyaan ammoo irra caala hunna dhaggataa ideeme; inni niitolee kudhanii afur fuudhee, ilmaan diddamii lamaa fi ijoollee durraa kudhanii jaa uumate. \v 22 Wonni dhibiin ta Abiiyaan bara mootummaa ifii hujee fi wonni inni jedhe marti, kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo raagichaa keessatti barreeffanteerti. \c 14 \s1 Mootii Yihuda'aa Aasaa \p \v 1 Abiiyaan mootichi du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan addee isaatitti mootii te'e; bara mootummaa isaa biyyi woggaa kudhan nageya dhaggatte. \v 2 Aasaan waan dansa'aa fi sirrii te'e fuula Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti huje. \v 3 Inni addee ciinca'aatii fi addee waaqonfanna'aa ta waaqota ormaa diigee, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu butuchee, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjisse. \v 4 Namooti Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii akka barbaadanu, seeraa fi ajaja isaalle akka eegatanu ajaje. \v 5 Inni ammalle addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi addee ciinca'aa ta waaqota dharaatiif hixaana irratti aarsanu ta qachoota Yihuda'aa mara keessaa balleesse. Bara bulchiisa isaa mootummaan nageya dhaggatte. \v 6 Biyyi nageya waan qabaatteef, inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaare. Mootiin Waan Maraa foora waan isaa kenneef, bara san keessa woraanni isatti hin kaane. \v 7 Inni namoota Yihuda'aatiin, «Biyyi tun harka keenna jala waan jirtuuf, kowa'a, qachoota kana ijaarree, dalleya xelleephoo qabu itti naannessinee, karra itti baafannee, danqaraa itti goona. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan barbaanneef, inni karaa maraan foora nuu kenneera» jedhe. Maarre isaan ijaarane; isaaniif milkootte. \v 8 Aasaan mootichi, Yihudaa keessaa loltoota kuma dhibba sad ta wontee gugurdo'oo fi eboo qabanu, gosa Beniyaamin keessalle'ee loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ta wontee didiqqo'oo fi daaya qabanu qabaayyu. Loltooti sun marti loltoota jajjaba dandeettii qabanu. \p \v 9 Nami biyya Itoophiya'aa\f + \fr 14:9 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* Zeraan loltoota miliyoona tokkoo fi garreettaa fardaan harkifamu dhibba sadiin isaanitti duuliisaaf bayee haga Maareshaa dhufe. \v 10 Aasaan isa loliisaaf gad baye; isaan dhooqa Zefaata'aa ta Maaresha'atti dhikoo jirtu keessatti wol loliisaaf addee qabatane. \v 11 Achiin duuba Aasaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waammatee, «Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keeti worra dadhabaa qarqaaree, worra hunnaameyyii jalaa baasuu dande'u hin jiru. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, nuuti si addannee maqaa keetiin loltoota bindillaa tana loliisaaf baaneerraa, ati nu qarqaar. Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa keenna; nami tokkolle si hin injifatin» jedhe. \p \v 12 Maarre Mootiin Waan Maraa fuula Aasaa mootichaatii fi worra Yihuda'aa duraa worri Itoophiya'aa\f + \fr 14:12 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* akka injifatamanu godhe; isaanille baqatane. \v 13 Aasa'aa fi loltooti isaa haga Geraariititti isaan ari'ane; gaafas loltoota Itoophiya'aa\f + \fr 14:13 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* keessaa hedduun waan dhumataneef, worri hafe jabaatiisa hin dandeenne; isaan Mootii Waan Maraatii fi loltoota isaa duratti waan bututaneef, loltooti Yihuda'aa boojuu bacaa dhaggatane. \v 14 Mootiin Waan Maraa namoota qachoota adaala Geraarii jiranu mara waan bararasseef, loltooti Yihuda'aa qachoota adaala sanii mara injifatane. Isaan qachoota san mara saamanee, boojuu bacaa guuratane. \v 15 Isaan moonaa hori'ii diiganee hoolee, re'ootaa fi gaala hedduu booji'anee, gara Yerusaalemii deebi'ane. \c 15 \s1 Haareffama Aasaan Godhe \p \v 1 Ayyaanni Waaqaa ilma Odeedii Azaariyaa irratti dhufe. \v 2 Azaariyaan gara Aasaa mootichaa dhaqee, «Aasaa, isinille namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti na dhage'a'a! Yoo isin Mootii Waan Maraa woliin jiraattane, innille isin woliin hin jiraata. Yoo isa barbaaddane, innille isiniif hin dhaggama; yoo isa lakkittane ammoo, innille isin hin lakkisa. \v 3 Israa'elooti bara hedduu Waaqa dhuga'aa malee, hayyuu isaan barsiisu malee, seera malee le'ane. \v 4 Isaan yennaa rakkatane gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebi'anee, isa barbaadane; innille isaaniif dhaggame. \v 5 Bara san worri biyya lafaa irra le'u marti raafama guddaa keessa waan jiruuf, nami nageyaan bayee, nageyaan galulle hin jiruuyyu. \v 6 Waaqi badii gara garaatiin waan isaan rakkiseef, gosi biyya takkaa gosa biyya taanii balleessitee, qachaan tokko qachaa kaan balleesse. \v 7 Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha'a, hin dadhabina'a» jedhe. \p \v 8 Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage'een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda'aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti'ii ta Efreem qabate keessaalle'ee balleesse; addee ciinca'aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse. \p \v 9 Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa'elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda'aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee, ka kutaa biyya Shimi'oon keessaa dhufane mara wolitti qabe. \v 10 Isaan, Aasaan mootii te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, woggaa san ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wolitti qabamane. \v 11 Boojuu guyyaa san fidane keessaa loon dhibba torba, hoolee kuma torba Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane. \v 12 Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti'iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee, \v 13 isaan keessaa nami diqqaan yookiin guddaan, dhiirti yookiin dubartiin ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin waaqonfanne akka ijjeefamu godhane. \v 14 Isaan tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufanee, qoonqoo ifii ol qabatanee ililleetti'iin Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatane. \v 15 Namooti biyya Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan waan kakataneef, marroo kakuu saniitiif gammadaan firinxiixane. Isaan qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaadaneef, inni dhaggameef; karaa maralle'een isaan foorfachiise. \p \v 16 Aasaan mootichi akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedrooniititti gube. \v 17 Aasaan addee waaqonfanna'aa ta Israa'el keessaa duudi'iiyyuu diiguu dhabulle, bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif ifi kenne. \v 18 Inni meya adda addaa, meeti'ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye. \v 19 Aasaan mootii te'ee haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti lolli dhibiin hin kaane. \c 16 \s1 Bulchiinsa Aasaa mootichaa Ka Woggoota Gara Muumme'ee \r (1 Mot. 15:17-22) \p \v 1 Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii jayeesso'ootitti, mootiin Israa'elii Baashaan Yihuda'atti duule; karaa saniin nami gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu jalqabe. \v 2 Achiin duuba Aasaan addee qabeenni Galma Waaqaatii fi qabeenni mana mootumma'aa ka isaa jiru keessaa meeti'ii fi worqii fuudhee, mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaad ka Damaasqoo keessa tee'ee bulchuuf ergee, \v 3 «Akkuma abbaa keetii fi abbaa kiyya wodhakkaa Gondooroon jirtu, anaa fi si wodhakkaalle Gondooroon jiraattuu ti. Kunoo, ani meeti'ii fi worqii sii ergeera. Akka inni na irraa deebi'uuf Gondooroo mooticha Israa'elii Baashaan woliin qaddu san diigi» jedhe. \v 4 Ben-Hadaadille Aasaa mootichaaf tole jedhee, ajajjoota loltoota ifii gara qachoota Israa'elii erge; isaan Iyoon, Daan, Abeel-Maayimii fi qachoota mey itti kuufamu ka biyya Niftaalemii keessaa mara qabatane. \p \v 5 Baashaan tana yennaa dhage'e, dalleya dhaka'aa ka qachaa Raama'atitti ijaaruu jalqabe san lakkisee, hujii ifii dhaabbachiise. \v 6 Achiin duuba Aasaan mootichi namoota Yihuda'aa mara fidee, dhaka'aa fi muka Baashaan ittiin dalleya dhaka'aa ka Raama'atti ijaaruu jalqabe san fudhatee, dalleya dhaka'aa Geba'aa fi Miispha'atti ijaare. \s1 Haanaanii Mudhii Dhaggu \p \v 7 Yennaa Haanaaniin mudhii dhaggu gara Aasaa mooticha Yihuda'aa dhufee, «Ati mootii Sooriya'aatitti ciqilfattee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetitti ciqilfatuu waan dhaddeef, loltooti Israa'elii si jalaa miliqaneeran. \v 8 Loltooti Itoophiya'aatii\f + \fr 16:8 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin \fqa*\ft Kuushi jedha. \ft*\f* fi loltooti Liibiya'aa loltoota bindillaa hunnaameyyii garreettaa fardaan harkifamu heddu'uu fi abbootii fardaa heddu'uun lolanuu motiiyyuu? Te'uu malee, ati Mootii Waan Maraatitti waan ciqilfatteef, inni harka keetitti dabarsee isaan kenne. \v 9 Worra gadhaa tokkochaan isatti ciqilfatuuf, qarqaarsa jabaa kenniisaaf, ilti Mootii Waan Maraa biyya lafaa duudii hin ilaalti. Ati waan kana gowwumma'aan hujje; tanaaf haganaa achi woraanni sitti hin ka'a» jedhe. \v 10 Wonni kun Aasaa waan aarsiteef, inni ka mudhii dhaggu san mana hidha'aatitti galchee, miila isaa jirma lama oddu'utti hiisise; bara san Aasaan akkasuma kolbaa ifii keessalle'ee namoota tokko tokko farrisiise. \s1 Muummee Bulchiinsa Aasa'aa \p \v 11 Wonni Aasaan bara bulchiinsa ifii huje, jalqabaa haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 12 Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti dhukkuba miilaatiin qabame; dhukkubi sun ittuma jabaataa deemulle, inni cidheeyyii qofa barbaadate malee, qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin barbaanne. \v 13 Achiin duuba Aasaan motii te'ee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e. \v 14 Isaan addee awwaalaa ta inni ifiif qachaa Daawitii keessatti qopheeffate keessatti isa awwaalane. Isaan taqee uddowaa adda addaatii fi fiqire'een uddeeffante irra isa irkisane. Isaan ulfinna isaatiif ibidda guddaa goolane. \c 17 \s1 Yoshaafaax Mootii Yihuda'aa Te'e \p \v 1 Ilmi isaa Yoshaafaax addee Aasaa abbaa ifiititti mootii te'ee, Israa'el loliisaaf ifi jabeeffate. \v 2 Inni qachaa biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara keessa loltoota keye. Lafa Yihuda'aa keessa qachaa Efreemii ka abbaan isaa Aasaan qabate mara keessalle waardiyoota ifii keye. \v 3 Yoshaafaax akkuma abbaan abbootii isaa ta durii Daawiti jalqaba mootummaa ifiititti deddeebi'e waan deddeebi'eef, Mootiin Waan Maraa isa woliin jiraate; inni Ba'aal hin barbaanne. \v 4 Inni Waaqa abbaa ifii barbaadatee, ajaja isaa hordofe malee, akka mootota Israa'elii ta isaan qaraa hin deddeebine. \v 5 Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootummaa Yoshaafaaxii ta Yihuda'aa harka isaatitti jabeesse. Namooti Yihuda'aa marti kennansa adda addaa isaaf fidanee, inni durumma'aa fi ulfinna guddaa dhaggate. \v 6 Gadhaan isaa Mootii Waan Maraatiif ajajamiisaaf jajjabaatee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu biyya Yihuda'aa keessaa balleesse. \p \v 7 Yoshaafaax mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti qachoota biyya Yihuda'aa keessatti akka barsiisanuuf qondaaltota ifii keessaa Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakaariyaas, Naataani'elii fi Miikiyaas erge. \v 8 Isaan Woliin Lewwoota keessaa: Shemaa'iyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaa'el, Shemiiraamoot, Yonaataan, Adoniyaa, Tobiiya'aa fi Tob-Adoniyaa, hayyoota keessaalle'ee Elshaama'aa fi Yehoraam erge. \v 9 Isaan Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa fuudhanee dhaqanee, qachoota Yihuda'aa keessatti kolbaa barsiisane. Isaan qachoota Yihuda'aa mara keessa deemanee odduu kolba'aatitti barsiisane. \p \v 10 Gosi biyya adda addaa ta adaala biyya Yihuda'aa jirtu Mootii Waan Maraa waan sodaatteef, Yoshaafaax irratti lola kaasuu hin barbaanne. \v 11 Worri Filisxeemotaa gariin Yoshaafaaxii mootichaaf kennansa hedduu fidanee, meetiille gabbarane; worri Arabaalle korbeeyyii hoole'ee kuma torbaa fi dhibba torba, korbeeyyii re'e'ee kuma torbaa fi dhibba torba fidanee isaaf kennane. \v 12 Yoshaafaax ittuma guddataa, jabaataalle ideeme. Inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanuu fi qachaa gootaraa midhaaniitii fi meya adda addaa itti galchanu ijaare. \v 13 Inni qachaa biyya Yihuda'aa keessatti sagalee bacaa tuulchisiise; loltoota jajjaboolle qachaa Yerusaalemii keessa keye. \v 14 Laakkossi isaanii akka maatii maatii isaaniititti asii gad jiran: Yihudaa keessaa ajajaan kumaa Adina'a; inni loltoota jajjaba kuma dhibba sad ka ajaju. \v 15 Isatti aanee Yohaannaan ajajaan loltootaa, loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ka ajaju. \v 16 Isatti aanee ajajaan loltootaa Amaasiyaan ilmi Ziikrii, ka Mootii Waan Maraatiif tajaajiliisaaf fedha qabu, loltoota jajjaba kuma dhibba lama ka ajaju. \v 17 Gosa Beniyaaminii keessaa Eliyaadaan, loltichi janni loltoota kuma dhibba lama worra guube'ee fi wonte'een lolu ka ajaju. \v 18 Isatti aanee Yehozaabaad loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama lolaaf qophowane ka ajaju. \v 19 Isaan kun worra mootichi biyya Yihuda'aa keessaa qachoota dalleya dhaka'aa qabanu mara akka eeganuuf keessa keye adoo hin dabalatin worra qofitti isa tajaajilane. \c 18 \s1 Miikiyaasiin Raagichi Ahaab Ifi Eeggachiise \r (1 Mot. 22:1-28) \p \v 1 Yoshaafaaxiin mootichi guddoo duroomee, ulfinna guddaalle yennaa dhaggate, fuudhaa fi heerumaan Ahaabii mooticha woliin firoome. \v 2 Inni woggoota diqqo'oon duuba Ahaab dubbisu'uuf gara qachaa Samaariya'aatitti yennaa gad bu'e, Ahaab loon heddu'uu fi hoolee hedduu isaa fi namoota isaatiif qalchiisee, akka inni qachaa Raamoot-Giili'aadii loluuf dhugeeffachiise. \v 3 Mootichi Israa'elii Ahaab, «Ati na woliin Raamoot-Giili'aad loliisaaf hin dhaxxaa?» jedhee, mooticha Yihuda'aa Yoshaafaax gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyyalle akkuma kolbaa teetii ti; nuuti si woliin dhandhee hin lolla» jedheen. \v 4 Yoshaafaaxille mooticha Israa'eliitiin, «Qara, waan Mootiin Waan Maraa jedhu gaafadhu» jedhe. \v 5 Achiin duuba mootichi Israa'elii Ahaab raagota dhibba afur wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aad dhandhee lolla moo yookiin ani hafu woyya?» jedhee gaafate; isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa qachaa san harka keetitti dabarsee waan kennuuf, dhaqii loli» jedhane. \v 6 Yoshaafaax ammoo, «Isaan kana malee ka nuuti gaafannu raagaan Mootii Waan Maraa ka dhibiin as hin jiruu ree?» jedhe. \v 7 Mootichi Israa'eliille Yoshaafaaxiin, «Nami nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafatuu dandeennu ka dhibiin tokkolle hin jira; garuu inni marroo tiyya yennaa mara ijjumaa waan hantuu malee, waan dansaa raaga waan hin dubbanneef, ani isa hin jibba; innille ilma Iimla'aa Miikiyaas» jedhee Yoshaafaaxiif deebise. Yoshaafaaxille, «Ee mooticha! Ati dubbii akkasii hin dubbatin!» jedhe. \v 8 Achiin duuba mootichi Israa'elii qondaaltota keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Iimla'aa Miikiyaas ariiti'iin fidi!» jedhee ajaje. \v 9 Mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ta ifii uffatanee karra qachaa Samaariya'aa dura eeddummee keessa barcumaa mootumma'aa ta ifii irra tee'anee, raagoti martinuu isaan duratti raaga raagane. \v 10 Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan sibiila akka gaafaa hujatee, Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worra Sooriya'aa haga lafa irraa balleessitutti, gaafota kanaan isaan hin woraanta› jedha» jedhe. \v 11 Raagoti worri kuun martinuu raaganee, «Raamoot-Giili'aaditti ol bayiitii loli! Hin injifatta. Mootiin Waan Maraa dabarsee harka keetitti kenna» jedhanee raaga dubbatane. \p \v 12 Namichi akka Miikiyaas waamuuf ergamee dhaqe sun, «Kunoo, raagoti martinuu afaan tokkochaan marroo mootichaa waan dansaa dubbataneeran; maganne'e atille akkuma isaanii waan dansaa itti dubbadhu» jedheen. \v 13 Miikiyaas ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Waanuma Waaqi kiyya natti dubbate qofa hin dubbadha» jedhe. \v 14 Raagichi gara mootichaa yennaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas, Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo yookiin hin lakkinna?» jedhee gaafate; raagichille deebisee, «Qachaan sun dabarfamee harka keetitti waan kennamuuf, hin injifattaatii ol bayii loli» jedheen. \v 15 Mootichi ammoo isaan, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka natti hin dubbanneef, ani yennaa meeqa si kakachiisuu na barbaachisa ree?» jedheen. \v 16 Miikiyaasille deebisee, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolota tissee hin qannee koobota irra bittinnootteertuun dhagge; Mootiin Waan Maraalle, ‹Isaan kun sooressitoota waan hin qanneef, nageyaan gara mana ifii deebi'anuutii gad lakkis› anaan jedheera» jedhe. \v 17 Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Namichi kun marroo tiyya waan hantuu malee, waan dansaa raaga akka hin dubbanne ani sitti hin hinnee ree?» jedhe. \v 18 Miikiyaasille itti dabalee, «Waan Mootiin Waan Maraa dubbatu dhage'i; ani Mootiin Waan Maraa barcumaa mootumma'aa ka ifii irra tee'eeruun, ergantooti isaa middaa fi bitaa isaa dhaabbateertuun dhagge. \v 19 Mootiin Waan Maraa, ‹Mootichi Israa'elii Ahaab dhaqee Raamoot-Giili'aad akka loluuf, achitti akka ijjeefamuufille eentu isa gowwoonsa ree?› jedhe; tokko waan tokko kuun waan dhibii jedhe. \v 20 Achiin duuba Ayyaanni tokko gara duraa dhufee, Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin gowwoonsa› jedhe; Mootiin Waan Maraa isaan, ‹Maaniin isa gowwoonsita?› jedhee gaafate. \v 21 Ayyaanni sun, ‹Ani dhaqee ayyaana dharaan raagota Ahaabii mara raaga dharaa dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraalle, ‹Ee, sii hin milkoottii, dhaqiitii tolchi!› jedheen. \v 22 Tanaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa afaan raagota teeti tanaa keessa ayyaana dharaa keyeera. Marroo teeti balaa dubbateera» jedhe. \p \v 23 Achiin duuba ilmi Kine'aana'aa Zedeqiiyaan gara Miikiyaasii dhaqee boqoo isaa keessa kabalee, «Ayyaanni Mootii Waan Maraa kun karaa kamiin na bira dabaree sitti dubbate?» jedhee isa gaafate. \v 24 Miikiyaasille deebisee, «Kunoo, gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedheen. \v 25 Mootiin Israa'elii Ahaab, «Miikiyaas qaba'aatii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessa'a! \v 26 Isaaniin, ‹Mootichi: Nama kana hidha'a! Haga ani nageyaan deebi'utti sagale'ee fi bisaan malee, waan dhibii itti hin kennina'a jedheera› jedha'aan» jedhe. \v 27 Miikiyaas deebisee, «Yoo ati nageyaan deebite, Mootiin Waan Maraa natti hin dubbanne» jedhe. Inni itti dabalee, «Kolbaan tun marti, dhage'a'a!» jedhe. \s1 Injifatamiisaa Fi Du'iisa Ahaabii \r (1 Mot. 22:29-35) \p \v 28 Achiin duuba mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax Raamoot-Giili'aaditti duulane. \v 29 Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedhe. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule. \v 30 Yennaa san mootiin Sooriya'aa ajajjoota loltootaa worra garreettaa fardaan harkifamuutiin, «Mootii Israa'elii qofa malee, nama tokkolle hin lolina'a!» jedhe. \v 31 Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun, akkuma Yoshaafaax dhaggiteen, «Kun mootii Israa'elii ti» jedhane. Maarre isaan isa loliisaaf itti garagalane. Yoshaafaaxille qoonqoo ol qabatee iyyee, Mootiin Waan Maraalle isa qarqaare; Waaqi jara san irraa deebise. \v 32 Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun akka inni mootii Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisanee biraa deebi'ane. \v 33 Isaan keessaa namichi tokko duuchi-balleessii daaya ifii darbatee, uffana sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru wodhakka'aan woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba deebisiitii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje \v 34 Gaafa san lolli o'ee, Ahaabiin mootichi gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; inni galgaluma san du'e. \c 19 \p \v 1 Mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax nageyaan gara mana mootummaa ifii Yerusaalemitti deebi'e. \v 2 Ilmi Haanaanii Yehuun ka mudhii dhaggu Yoshaafaax fudhatiisaaf gad bayee, Yoshaafaaxii mootichaan, «Ati maaniif nama hamaa qarqaarte? Maaniif nama Mootii Waan Maraa jibbu jaalatte? Sababa kanaaf mufiin Mootii Waan Maraa sitti hin dhutti. \v 3 Te'uu malee, ati utuboota waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu waan balleessiteef, qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaaddeef, wonni dansaan si keessa hin jirti» jedheen. \s1 Yoshaafaax Abbootii Mura'aa File \p \v 4 Yoshaafaax Yerusaalem keessa le'ee, Bersheeba'aa haga biyya koobittii Efreemii odduu kolba'aa bayee dhaqee, yaada kolba'aa gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii isaanii deebise. \v 5 Tana maleelle inni qachoota biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu maraaf abbootii mura'aa filee, \v 6 abbootii mura'aa saniin, «Isin Mootii Waan Maraatiif malee, namaaf waan hin hunyeef, waan hujjanu hubadha'aatii huja'a. Muraa kenniisa irratti inni isin woliin jira. \v 7 Ammalle Mootii Waan Maraa sodaatiis isin bira jiraattuu ti. Haqa balleessuun yookiin nama wol caalchisuun yookiin safuu fudhachuun Mootii Waan Maraa Waaqa keenna bira waan hin jirreef, waan hujjanu maraaf ifi eegadha'a» jedhe. \p \v 8 Yoshaafaax worra Lewwootaatii fi worra hayyootaa keessaa, sooreyyii maatii Israa'elii keessalle'ee nama garii maqaa Mootii Waan Maraatiin haajaa moroma'aa murteessiisaaf muraa akka kennanu Yerusaalem keessalle'etti file. Isaan Yerusaalem keessa le'ane. \v 9 Inni qajeelfama isaanii kennee, «Isin Mootii Waan Maraa sodaatiisaan, addatamumma'aan, gadhaa tokkochaan hujadha'a. \v 10 Obboleeyyan teessan worra qachaa keessa le'u keessaa haajaa marroo dhiiga dhangalaasiisaa, marroo seera yookiin ajaja diigiisaa, marroo seerata yookiin qajeelfama diigiisaa yennaa isinitti dhikeeffatanu mara akka isaan Mootii Waan Maraa duratti hin yakkine, isaan ifi eeggachiisa'a; yoo akkas hin te'in mufiin isinii fi obboleeyyan teessan irratti hin dhutti. Isin yoo tana gootane yakkaameyyii hin teetanu. \v 11 Kunoo, waan Mootii Waan Maraa duudii ilaalchisee Amaariyaan hayyichi sooressi, waan mootichaa mara ilaalchisee ilmi Ishimaa'elii Zabaadiyaan, sooressi gosa Yihuda'aa isin irratti abbootii mura'aa te'aneeran. Worri Lewwootaalle sooreyyii te'anee isin tajaajilan. Mootiin Waan Maraa worra waan dansaa hujatu woliin jiraatii, jajjabaadha'aatii huja'a» jedhe. \c 20 \s1 Yoshaafaax Diinota Ifii Injifate \p \v 1 Tanaan duuba Mo'aabotii fi Amoonoti, isaan woliin worra Me'unootaa keessalle'ee gariin Yoshaafaax loliisaaf dhufane. \v 2 Jarri takka gara Yoshaafaaxii dhufanee, «Loltooti guddoon bindillaan Edoom irraa, abbaaya'aan gamaa si loliisaaf dhufiisatti jiran; kunoo, isaan amma Haazezon-Taamaar ta ‹En-Gedii› jedhantu geyaneeran» jedhane. \v 3 Achiin duuba Yoshaafaaxiin mootichi sodaatee Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf murteeffatee, lafa Yihuda'aa mara keessatti akka laamanu ajaja baase. \v 4 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa qarqaarsa gaafatiisaaf, qachoota lafa Yihuda'aa mara keessaa wolitti qabamane. \p \v 5 Yoshaafaax wol geyii kolbaa Yihuda'aa keessaa namoota Yerusaalemii odduu Galma Mootii Waan Maraa keessa badhinna dalleya keessaa haareya keessa dhaabbatee, \v 6 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa abbootii teennaa, ati Waaqa ol-gubba'aatii motii ree? Ati mootummoota gosa biyya adda addaa mara bulchita. Hunnii fi jabeenni harka keeti keessa jiran. Ka si ifi irraa dhooggatuu dande'u hin jiru. \v 7 Ee Waaqa keenna, ati worra lafa tana keessa le'anu kolbaa teeti Israa'el duraa ariitee baattee, sanyii jaala keeti Abrahaamiitiif haga bara baraa akka keessa le'anuuf hin kenninee ree? \v 8 Isaanille lafa san keessa le'anee achitti ulfinna maqaa keetiitiif Galma ijaaranee, \v 9 ‹Balaan yookiin shallaagaan yookiin muraan yookiin dhukkubi yookiin beelli yoo nutti dhufanu, Galma keeti kana duratti fuula keeti dura dhaabbannee, maqaan keeti Galma kana keessa waan jiruuf, farra teenna iyyinee sitti himanna; atille hi dhageetta; farra san jalalle'ee nu hin baatta› jedhane. \v 10 Amma kunoo, worri Amooniitii fi Mo'aabii, worri gaara Se'iiriille, ka ati kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baatu lafa isaanii akka hin lolle dhoogginaan, loluu lakkisanee irraa goranee dabarane amma dhufiisatti jiran. \v 11 Kunoo, isaan lafa ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu ari'iisaan gatii nuu kenniisaaf dhufaneeran. \v 12 Ee Waaqa keenna, ati isaanitti hin murtuu ree? Nuuti loltoota bacaa nu loliisaaf dhufiisatti jirtu tana loliisaaf hunna hin qannu. Waan goonulle hin beennu; ammoo ilti teenna gara keeti ilaalti» jedhe. \p \v 13 Yennaa san worri Yihuda'aa marti daa'immaan didiqqoo ifii, niitolee ifiitii fi ijoollee ifii woliin fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane. \v 14 Gaafas Ayyaanni Mootii Waan Maraa wolde'a gumi'ii san oddu'utti sanyii Lewwi'ii keessaa ilma Zakaariyaasii Yahaazi'elitti dhufe; Zakaariyaas ilma Benaayaa ti; Benaayaan ilma Yaa'iilii ti; Yaa'iil ilma Mataaniyaa sanyii Asaafii ti. \v 15 Inni, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu martinuu, atille Yoshaafaaxii mooticha caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Lolli kun ka Waaqaa ti malee, keessanii motii, isin loltoota guddoo bindillaa tana dhaggitanee sodaattanee hin rifatina'a. \v 16 Boru gad bu'a'aatii isaan lola'a! Kunoo, isaan goodda Ziizii ol bayanee dhufan; dhuma dhooqa fuullee Yeru'elii lafa goomole'eetitti isaan hin dhaggitan. \v 17 Isin lola kana keessa loluu hin barbaachisu. Addee qabadha'aa, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, baasiisa Mootiin Waan Maraa akka isin baasu ilaala'a! Isin ee worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalemii! Hin sodaatina'a, hin rifatinaalle'e! Mootiin Waan Maraa isin woliin waan jiruuf, boru baya'aa deema'aatii isaan lola'a› jedha» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba Yoshaafaax adda ifiitiin lafatti gad gombifamee, worri Yihuda'aa ka Yerusaalem keessa le'anu marti Mootii Waan Maraa duratti gad jiganee waaqonfatane. \v 19 Lewwooti worri sanyii Qehaatotaatii fi sanyii Qoraahotaalle ka'anee qoonqoo ol qabatanee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii leellifatane. \p \v 20 Barii ganama gara goomolee Teqo'a'aa dhaqiisaaf yennaa isaan ka'ane, Yoshaafaax ka'ee dhaabbatee, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu na dhage'a'a! Isin hin milkoottanii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhugeeffadha'a! Waan raagoti isaa dubbatanulle dhugeeffadha'a!» jedhe. \v 21 Inni kolbaa woliin mari'atee faarfattoota loltoota dura deemaa, «Mootii Waan Maraa galateessa'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhaa faarfataa woyyummaa Mootii Waan Maraa leellisanu filee dhaabe. \p \v 22 Yennaa isaan faarfataa leellisiisa jalqabane, Mootiin Waan Maraa worra Yihudaa loliisa dhufane worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra gaara Se'iiriititti riphee lolu itti fidee akka isaan injifatamanu godhe. \v 23 Worri Amooniitii fi worri Mo'aabii worra gaara Se'iiriitii dhufe lolanee fixane; isaan worra gaara Se'iirii balleessaneen duuba wolittuu garagalanee wol balleessane. \v 24 Worri Yihudootaa addee irra dhaabbatanee lafa goomole'ee gad dhagganu geyanee, loltoota guddoo bindillaa san yennaa ilaalanu reeffa qofa lafatti dhaggane; loltoota san keessaa nami miliqee hafe tokkolle hin jiru. \v 25 Yoshaafaaxii fi kolbaan isaa boojuu guuratiisaaf yennaa dhufane, odduu reeffa isaaniitii meya adda addaa, woya'aa fi meya gatii guddo'oo bacaa dhagganee, haga ba'atuu dadhabanutti guuratane; mey sun bacaa waan te'eef, isaan meya san mara wolitti qabatiisaaf guyyaa sad irraa fudhate. \v 26 Guyyaa arfeesso'oo dhooqa eebbaa, addee Mootii Waan Maraa itti leellifatanetti wolitti qabamane. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Dhooqa eebbaa» jedhama. \v 27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka isaan diinota ifii irratti firinxiixanu waan godheef, worri Yihuda'aatii fi Yerusaalemii martinuu Yoshaafaax ifi dura aanfatanee gammada gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'ane. \v 28 Isaan maseenqo'oo fi kiraaraa guddicha dhowaa, tultullaalle afuufaa gara Galma Mootii Waan Maraa Yerusaalem dhufane. \v 29 Mootiin Waan Maraa diinota Israa'elii akka lole yennaa dhage'ane, mootummooti biyya lafaa marti Waaqa sodaatane. \v 30 Karaa maraan Waaqi nageya waan isaaf kenneef, mootummaan Yoshaafaaxii gabbi jette. \p \v 31 Yoshaafaax mootii biyya Yihuda'aa yennaa te'e nama woggaa soddomii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii shan bulche; maqaan haadha isaa «Azubaa» jedhama; isiin intala Shiilhii ti. \v 32 Inni akkuma abbaa ifii Aasa'aa waan fuula Mootii Waan Maraa duratti sirrii te'e huje malee, karaa abbaa ifii irraa hin gorre. \v 33 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa hin banne; kolbaan sun ammalle gadhaa tokkochaan gara Waaqa abbootii ifii hin deebine. \v 34 Wonni Yoshaafaax bara mootummaa ifii keessa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti huje keessaa gariin, kitaaba Yehuu ilma Haanaanii ka inni marroo dabarsii mootota Israa'elii barreesse keessatti barreeffamaneeran. \p \v 35 Muummee irratti mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaaziyaa ka waan hantuu hedduu huje san woliin wolii galtee godhate. \v 36 Isaan hoboloota gugurdoo ittiin biyya Tarshiishii daldalatanu hujiisaaf wolii galanee, qachaa Eziyo-Geberii keessatti hoboloota san hujane. \v 37 Achiin duuba ilmi Dodaawaa Elii'ezer nami qachaa Maareshaa, «Ati Ahaaziyaa woliin waan wolii galteef, Mootiin Waan Maraa waan ati hujje kana hin balleessa» jedhee Yoshaafaax irratti raaga dubbate. Hobolooti sunille caccabanee, gara biyya Tarshiishii dhaquu dadhabane. \c 21 \s1 Yohoraam Mootii Yihuda'aa Te'e \r (1 Mot. 8:6-24) \p \v 1 Yoshaafaax du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e. \v 2 Obboleeyyan Yohoraamii Azaariyaa, Yehii'el, Zakaariyaas, Azariyaahuu, Mikaa'elii fi Shefaaxiya'a; isaan kun marti ilmaan Yoshaafaaxii mootii Israa'elii\f + \fr 21:2 \fr*\fqa Israa'el: \fqa*\ft Israa'eliin tun Yihuda'a\ft*\f* ti. \v 3 Abbaan isaanii tokko tokkoo isaaniitiif kennansa bacaa worqii, meetii, meya gatii guddo'ootii fi qachoota Yihuda'aa keessaa ka dalleya dhaka'aa qabulle isaaniif kenne; Yohoraam angafa waan te'eef ammoo mootummaa isaaf kenne. \p \v 4 Yohoraam mootummaa abbaa ifii qabatee yennaa jabaate, obboleeyyan ifii mara akkasuma qondaaltota Israa'elii keessaa garii shallaaga'aan ijjeese. \p \v 5 Yohoraam yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche. \v 6 Inni intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma sanyiin Ahaabii goote, karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 7 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin gondooroo gondooratee, isaa fi sanyii isaatiif haga bara baraa ka issu kenniisaaf waadaa waan galeeruuf, Yohoraam balleessuu hin barbaanne. \v 8 Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootummaa ifii dhaabatte. \v 9 Achiin duuba Yohoraam ajajjoota ifiitii fi garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee duulee, adoo worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ta garreettaa fardaan harkifamu marsaneeranuu, inni halkaniin ka'ee lolee isaan injifate. \v 10 Edoom haga adhaatitti bulchiinsa Yihuda'aa finqilteerti; Yohoraam Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkiseef, Yennuma san Liibnaalle bulchiinsa Yihuda'aa finqilte. \v 11 Inni koobota Yihuda'aa irratti addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ijaaree, kolbaan Yerusaalemii Mootii Waan Maraatiif akka hin addatanne godhee, worra Yihuda'aa dokonkorse. \p \v 12 Eliyaasiin raagichi xalayaa gara Yohoraamii mootichaa ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Daawitii abbaa abbootii teeti ta durii, ‹Ati karaa abbaa keeti Yoshaafaaxii yookiin karaa Aasaa mootii Yihuda'aa hordofatiisa lakkittee, \v 13 karaa mootota Israa'elii hordofattee, akkuma maatiin Ahaabii waaqota dharaa waaqonfatte, kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalem keessa leetulle waaqota dharaa akka waaqonfattu goote; obboleeyyan teeti, maatii abbaa keetii, worra si caalanulle ijjeette. \v 14 Kunoo, Mootiin Waan Maraa adabbii jadduu kolbaa teeti, ijoollee teeti, niitota teetii fi waan ati qaddu maratti buusa. \v 15 Atille dhukkuba hamaa ka madhumaan teeti guyyuma guyya'aan dhibuun hin rakkatta; muummee irratti madhumaan teeti gadhaa keeti keessaa gad hin baati› jedha» jedhe. \p \v 16 Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaatii fi worra Arabaa ka biyya Itoophiya'aa\f + \fr 21:16 \fr*\fqa Itoophiyaa: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.\ft*\f* bira le'anu Yehoraam irratti kaase. \v 17 Isaan biyya Yihuda'aatitti duulanee qabatanee, meya mana mootumma'aa keessa jiru mara, ilmaan isaatii fi niitota isaa mara fudhatanee deemane; ilma isaa maandhicha Ahaaziyaa malee ilmi tokkolle ka isaaf hafe hin jiru. \p \v 18 Tana maralle'een duuba, Mootiin Waan Maraa dhukkuba madhumaanii ka hin fayyine Yohoraamitti buuse. \v 19 Yohoraam dhukkuba kanaan rakkataa turee, dhuma woggaa lammeesso'ootitti sababa dhukkuba kanaatiin madhumaan isaa gadhaa isaa keessaa gad baatee guddoo farree du'e; kolbaan isaa ulfinna abbootii isaatiif goola ibiddaa akka dhaabanu, ulfinna isaatiif goola ibiddaa dhaabuu hin barbaanne. \v 20 Yohoraam yennaa mootii te'u nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche; yennaa inni du'e nami tokkolle isaaf hin gaddine; isaan qachaa Daawitii keessatti awwaalane malee, addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle. \c 22 \s1 Ahaaziyaan Mootii Yihuda'aa Te'e \p \v 1 Worri saantotaa ka worra Arabaa woliin dhufane, ilmaan Yohoraamii mootichaa angafoota mara waan fixaneef, kolbaan Yerusaalemii ilma Yohoraamii maandhicha Ahaaziyaa addee abbaa isaatitti mootii godhane; tanaaf Ahaaziyaan ilmi Yohoraamii mootichaa, mootii Yihuda'aa te'e. \v 2 Ahaaziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii ti. \v 3 Haati isaa akka inni waan hantuu huju waan gorsiteef, innille akkuma sanynii Ahaabii waan hantuu huje. \p \v 4 Abbaan isaa du'een duuba, sanyiin Ahaabii karaa badi'ii waan isatti gorsaneef, akkuma sanyii Ahaabii innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 5 Inni gorsa isaanii fudhatee, ilma Ahaabii mootii Israa'elii Yehoraam woliin, mootii Sooriya'aa Hazaa'el loliisaaf gara Raamoot-Giili'aadii yennaa dhaqe, innille isa woliin dhaqe. Worri Sooriya'aalle achitti isa madeessane. \v 6 Inni mootii Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol lolanuu, madaa Raamaatitti isa madeessane san fayyiisaaf, Yizre'elitti deebi'e; achiin duuba ilmi Ahaabii Yehoraam waan madoweef, mootiin Yihuda'aa ilmi Yohoraamii Ahaaziyaan Yehoraam gaafatiisaaf gara Yizre'el gad dhaqe. \p \v 7 Ahaaziyaan Yoraam gaafatiisaaf dhaqiisa isaa, Waaqi du'a isaatiif sababa godhe; Ahaaziyaan yennaa achi geye, Yoraam woliin ilma Niimshii Yehuu ka Mootiin Waan Maraa akka inni sanyii Ahaabii balleessuuf muude bira dhaqe. \v 8 Yehuun maatii Ahaabii irratti muraa kenniisatti jiruun, worra Ahaaziyaa gula jiru qondaaltota Yihuda'aatii fi ilmaan obboleeyyan Ahaaziya'aa dhaggee isaan mara ijjeese. \v 9 Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame. \s1 Ataaliyaan Mootittii Yihuda'aa Teete \p \v 10 Haati Ahaaziya'aa Ataaliyaan ilmi isi'ii akka du'e yennaa dhaggite, kaatee sanyii Yihuda'aa keessaa maatii moototaa mara balleessite. \v 11 Intalti Yehoraamii mootichaa Yoshebaan ammoo ilmaan moototaa ka ijjeefamaaranu keessaa ilma Ahaaziya'aa Yo'aas hattee fudhattee, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti dhossite; intalti Yoraamii Yoshebaan niitiin Yehoyaadaa hayyichaa obboleettii Ahaaziya'aa waan teeteef, Ataaliyaan akka hin ijjeenneef, Yo'aas dhossite. \v 12 Bara Ataaliyaan lafa bulchite san inni Galma Waaqaa keessa woggaa jaa dhokatee isaan woliin le'e. \c 23 \s1 Namooti Ataaliyaa Irratti Ka'ane \r (2 Mot. 11:2-20) \p \v 1 Woggaa torbeesso'ootitti ammoo Yoyaadaan jajjabaatee, worra ajajjoota dhibbaa te'ane ilma Yerohaamii Azaariyaa, ilma Yohaannaanii Ishimaa'el, ilma Obedii Azaariyaa, ilma Adaayaa Maaseyaa, ilma Ziikrii Elshaafaax woliin wol gondoorane. \v 2 Isaan biyya Yihuda'aa keessa deemanee, Lewwootaa fi sooressitoota maatii Israa'elootaa qachaa mara keessaa wolitti qabanee, isaan woliin gara Yerusaalemii dhufane. \p \v 3 Gumiin marti Galma Waaqaa keessatti mooticha woliin wol gondoorane. Achiin duuba Yeyaadaan hayyichi, isaaniin, «Akkuma Mootiin Waan Maraa sanyii Daawitiitiif waadaa gale, kunoo ilmi mootichaa mootii hin te'a. \v 4 Wonni isin gootanu kana: Isin hayyootaa fi Lewwoota keessaa guyyaa sanbataa worri badoo qaddanu, harka sad keessaa harki tokko karra Galmaa Waaqaa eeganuu ti! \v 5 Harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeganuu ti! Harka sad keessaa harki tokko, ‹Karra hunde'ee› ta jedhantu eeganuu ti! Worri hafe marti badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessa tee'anuu ti! \v 6 Hayyootaa fi Lewwoota worra tajaajiliisaaf badoo qabanu malee nami tokkolle Galma Mootii Waan Maraa keessa hin seenin; isaan woyyuu waan te'aneef seenanuu ti! Namooti hafane marti akka ajaja Mootii Waan Maraatitti ala dhaabbatanuu ti. \v 7 Lewwooti marti meya woraanaa harkatti qabatanee mootichatti naannowanuu ti. Nami yennaa san Galma Waaqaa seenu marti ijjeefamuu ti; yennaa mootichi ol seenuu fi gad bawu isa woliin jiraadha'a» jedhe. \p \v 8 Lewwootii fi kolbaan Yihuda'aa marti akkuma hayyichi Yoyaadaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaanii namoota ifii worra guyyaa Sanbataa hujii irra jiranuu fi worra hujii ifii fixatanee galaaranu wolitti qabane. Hayyichi Yoyaadaan worra badoo hujii ifii fixataneeranuuyyuu gad hin lakkinne. \v 9 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan woraana, wontee gugurdo'oo fi didiqqoo dur mootichi Daawiti qabu, ta Galma Waaqaa keessa jirtu, ajajjoota dhibbaatitti kenne. \v 10 Inni kolbaan marti tokko tokkoo isaanii meya woraanaa ka ifii harkatti qabatanee, Galma Waaqaa kaabaa haga kibbaatitti, adaala addee ciinca'aa, marsanee mooticha akka eeganu godhe. \v 11 Achiin duuba Yoyaada'aa fi ilmaan isaa, ilma mootichaa fidanee, kallacha itti keyanee, woraabbii barreeffama Gondooro'oo itti kennanee mootii isa godhane; isaan isa muudanee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jedhane. \p \v 12 Ataaliyaan hogaa kolbaan utaalaa mooticha leellifattu yennaa dhageette, Galma Mootii Waan Maraa keessatti gara kolba'aa dhaxxee, \v 13 mootichi seensuma addee mootiin dhaabbatu dhaabbatuun utubaa biratti dhaggite; qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbataneeran; kolbaan lafa sanii marti firinxiixaa tultullaa afuufan; faarsitootille meya faaru'uutiin faaruu jilaa qajeelchan. Achiin duuba Ataaliyaan aari'iin woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a» jettee iyyite. \p \v 14 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan ajajjoota dhibbaa worra loltoota ajajanu gad baasee, isaaniin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama rogii isi'ii dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe. Inni, «Galma Mootii Waan Maraa keessatti isii hin ijjeesina'a» jedheeraayyu. \p \v 15 Maarre isaan isii qabanee karra mana mootumma'aa, addee, «Seensuma fardaa» jedhantu, achitti isii ijjeesane. \s1 Haareffama Yoyaadaan Fide \r (2 Mot. 11:17-20) \p \v 16 Hayyichi Yoyaadaan inninuu, kolba'aa fi mootichille, kolbaa Mootii Waan Maraa akka te'anu gondooroo godhe. \v 17 Achiin duuba kolbaan marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma Ba'aalii san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa ta achi jirtu caccassitee, hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa san duratti ijjeette. \v 18 Hayyooti sanyii Lewwi'ii akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante gammadaa fi faaru'uun kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, Daawitiin mootichi akkuma ajaje, Yoyaadaalle hujii Galma Waaqaatitti, hayyootaa fi Lewwoota itti gaafatantoota godhe. \v 19 Nami battiin tokkolle Galma Mootii Waan Maraa akka hin seenne, karra Galma Mootii Waan Maraa akka eeganu eeddota karraa ramade. \p \v 20 Ajajjoota dhibbaa, qondaaltota, bulchitoota kolba'aatii fi kolbaa lafa sanii mara woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasanee gara mana mootumma'aa fidaneen duuba, karaa karra gara gubba'aatiin seenanee, mooticha barcumaa mootumma'aa irra teessisane. \v 21 Ataaliyaan shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan marti gammadde; qachaalle gabbi jedhe. \c 24 \s1 Mootii Yihuda'aa Yo'aas \p \v 1 Yo'aas yennaa mootii te'e nama woggaa torbaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; maqaan haadha isaa Ziibiya'a; isiin nama qachaa Bersheeba'aa ti. \v 2 Haga Hayichi Yoyaadaan lubbu'uun jiru, Yo'aas waan Mootii Waan Maraa gammachiisu huje. \v 3 Yoyaadaan dubartii lama isa fuusisee, isaan ilmaanii fi ijoollee durraa hedduu isaaf horane. \p \v 4 Yo'aas mootii te'ee yennaa diqqo'oon duuba Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf murteeffate. \v 5 Inni hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee, isaaniin, «Gara qachaa biyya Yihuda'aa mara dhaqa'aatii, wogguma wogga'aan Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii akka ittiin haareffamuuf, kolbaa Israa'elii mara irraa beesee guura'a! Kana ammuma dafa'aa godha'a» jedhe; Lewwooti ammoo waan inni jedhe kana dafanee hin goone. \v 6 Maarre mootichi Yo'aas sooressa hayyootaa Yoyaadaa waamee, «Ati gibira tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen gumii Israa'elii worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa le'anu irraa qarqaarsa Dunkaanii Woyyitti'iitiif ajaje, Lewwooti akka guuranu maaniif hin ilaalin?» jedhee isa gaafate. \v 7 Ilmaan Ataaliyaa dubartii hantuu sanii Galma Mootii Waan Maraa diiganee, meya woyyicha mara tajaajila waaqa dharaa Ba'aaliitiif itti fayyadamaneeran. \p \v 8 Mootichi akka Lewwooti saanduqa beesee itti guuranu hujanee, gara alaatiin karra Galma Mootii Waan Maraa dura keyanu ajaje. \v 9 Achiin duuba Lewwooti gibira Muuseen tajaajilaan Waaqaa goomolee keessatti ajaje, Mootii Waan Maraatiif akka guuranu kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara keessatti lassane. \v 10 Qondaaltotii fi kolbaan marti gammadanee, haga saanduqa guuttutti beesee guurane. \v 11 Lewwooti saanduqa san gara qondaaltota mootichaa worra itti gaafatantoota beese'ee yennaa geessanu, isaan akka beeseen guutteertu yennaa dhagganu, barreessaan mootichaatii fi sooressi hayyootaa dhufanee beesee keessaa baasanee saanduqa adde'etti deebisan; guyyuma guyya'aan akkana adoo godhanuu beesee bacaa guurane. \p \v 12 Mootichi Yo'aasii fi hayyichi Yoyaadaan beesee san itti gaafatantoota Galma Mootii Waan Maraatitti kennanee, isaanille Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf, worra dhakaa bocuu fi worra hujii mukaa beeku, worra hujii sibiilaa beeku ittiin qaxarane. \v 13 Hojjattooti sun marti jabaatanee hujanee, Galma Waaqaa san akka duri jirutti haaressanee jabeessanee ijaarane. \v 14 Hujii haaressiisaa fixaneen duuba beesee irraa hatte fidanee mootichaa fi Yoyaada'atti kennane; isaan meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu, meya ciincaa itti dhikeessanu, qorii boollittii, meya worqi'ii fi meetii irraa hujamu ka adda addaa hujisiisane; haga Yoyaadaan lubbu'uun jiru mara Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaan yennaa mara dhikeeffamaa ture. \v 15 Yoyaadaan guddoo dulloomee woggaa dhibba tokkoo fi soddomatti du'e. \v 16 Inni kolbaa Israa'eliitiif, Galma Waaqaatii fi Waaqaafille waan dansaa waan hujeef, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala moototaatitti isa awwaalane. \s1 Hammeenna Yo'aasii \p \v 17 Yoyaadaan du'een duuba qondaaltoti Yihuda'aa dhufanee mootichaaf sagadane; innille yaada isaanii fudhate. \v 18 Isaanille Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkisanee, utubaa fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu tajaajilane; yakkaa isaanii tanaaf mufiin Waaqaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii irratti dhutte. \v 19 Mootiin Waan Maraa akka isaan gara isaa deebi'anuuf raagota isaanitti erge; raagoti sun isaan ifi eeggachiisanulle isaan ammoo isaaniif hin dhageenne. \v 20 Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa gara Zakaariyaasii ilma Yoyaadaa hayyichaa dhufee, inni lafa tullittii irra kolbaa dura dhaabbatee, «Waaqi, ‹Isin maaniif ajaja Mootii Waan Maraa irra dabartan? Isiniif hin milkoottu; isin Mootii Waan Maraa waan lakkittaneef innille isin lakkiseera› jedha» jedhe. \v 21 Isaan ammoo mala isatti dhowanee, ajaja mootichaatiin badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaka'aan tumanee ijjeesane. \v 22 Mootichi Yo'aas waan dansaa abbaan Zakaariyaasii Yoyaadaan isaaf godhe dedhee, ilma isaa Zakaariyaas ijjeesise; Zakaariyaas du'iisatti jiruun, «Mootiin Waan Maraa hujii teeti ilaalee, akka hujii teetii sii kennuu ti!» jedhe. \v 23 Dhuma woggaa saniititti loltooti sooriya'aa Yo'aasitti duulane. Isaan Yihuda'aa fi Yerusaalem qabatanee qondaaltota kolbaa oddu'uu ijjeesanee, waan achi keessaa saamane mara gara mootii ifii ka Damaasqoo keessa jiruu ergane. \v 24 Loltooti Sooriya'aa diqqoo te'anulle, Mootiin Waan Maraa loltoota bacaa harka isaaniititti dabarsee kenne. Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, muraan Yo'aas irratti muummotte. \v 25 Worri sooriya'aa yennaa achii bayanu akka malee Yo'aas madeessanee gatanee biraa deemane; inni ilma Yoyaadaa hayyichaa waan ijjeesiseef, qondaaltoti isaatuu mala isatti dhowanee, taqee isaa irratti isa ijjeesane. Maarre inni du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalame; te'uu malee addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle. \v 26 Worri isa irratti mala dhowane, ilma dubartittiin biyya Amoonii Shiimaat deette Zaabaadii fi ilma dubartittiin biyya Mo'aabii Shiimriit deette Yohozaabaad. \v 27 Dabarsiin ilmaan isaa, jechi isa irratti raagaan dubbatame, Galma Waaqaa haaressiis isaa, kitaaba dabarsii moototaa keessatti barreeffameera. Ilmi isaa Amaasiyaas addee isaatitti mootii te'e. \c 25 \s1 Mootii Yihuda'aa Amaasiyaa \p \v 1 Amaasiyaan yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yeho'aadaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. \v 2 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee gadhaa tokkochaanii moti. \v 3 Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota ifii ta abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese. \v 4 Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami martinuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne. \p \v 5 Amaasiyaan kolbaa Yihuda'aa wolitti qabee, akka maatii maatii isaaniititti gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminiitiif ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa file; achiin duuba worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaan ol te'ane wolitti qabee, worra wonte'ee fi woraana qabatanee lola dhaquu dande'anu nama kuma dhibba sad dhaggate. \v 6 Itti dabalee biyya Israa'elii keessaa loltoota kuma dhibba tokko meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afuriitiin qaxare. \v 7 Nami Waaqaa tokko ammoo gara isaa dhufee, isaan, «Ee mooticha, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Efreemii woliin waan hin jirreef, loltooti Israa'elii tun si woliin hin duulin! \v 8 Ati gadhaa jabaattee dhaxxee yoo loltelle, Waaqi si qarqaariisaaf, si jissiisaafille hunna waan qabuuf, inni diinota keeti jalatti si hin jissa» jedhe. \p \v 9 Amaasiyaan, «Loltoota Israa'elii tanaaf meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii ta baase tana attam godha ree?» jedhee nama Waaqaa san gaafate; nami Waaqaa sun deebisee, «Mootiin Waan Maraa tana caalaa sii kennuu hin dande'a» jedhe. \v 10 Maarre Amaasiyaan loltoota biyya Efreemiitii gara isaa dhufane san gara biyya isaaniititti deebise; isaan namoota Yihuda'aatitti guddoo aaranee gara biyya ifii deebi'ane. \p \v 11 Achiin duuba Amaasiyaan jajjabaatee loltoota ifii waammatee gara dhooqa sooddaa fudhatee bayee, achitti loltoota Se'iirii kuma kudhan ijjeese. \v 12 Namooti Yihuda'aa namoota dhibii kuma kudhan booji'anee, qaccee rassaa tokkoo gubbaa baasanee, achii irraa gad isaan darbanee marti isaaniituu caccabanee bututane. \p \v 13 Loltooti Amaasiyaan akka isa woliin hin duulle ifi biraa deebise, qachoota Yihuda'aa Samaariya'aa kaasanee haga Bet-Horooniititti lolanee, namoota kuma sad ijjeesanee meya bacaa booji'ane. \p \v 14 Amaasiyaan worra Edoomii lolee yennaa deebi'e, waaqota dharaa ka worra Se'iirii fudhatee dhufee, ifiif dhaabbachiifatee, isaanitti waaqonfatee ciincaalle dhikeesseef. \v 15 Mootiin Waan Maraa Amaasiya'atti guddoo waan aareef, Waaqi raagicha isatti ergee, «Waaqota dharaa ka kolbaa ifiituu harka keeti jalaa baasuu hin dandeenne, waaqota kolbaa ormaa maaniif qarqaarsa gaafatta?» jedhe. \v 16 Adoo inni dubbatiisatti jiruu, Amaasiyaan mootichi isaan, «Nuuti gorsaa mootichaa si godhanneerraa? Cadhisi! Ati maaf du'a feeta?» jedhe. \p Raagichille cadhise; te'uu malee, «Ati tana hujjee, gorsa kiyya dhage'uu waan diddeef, Waaqi si balleessiisaaf akka murteesse ani hin beeka» jedhe. \s1 Mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan Israa'el Lole \p \v 17 Achiin duuba mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan gorsitoota ifii woliin mari'ateen duuba, gara Yeho'aashii mootii Israa'elii, ilma Yeho'aazii, ka akaakoo Yehu'uutitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate. \v 18 Mootiin Israa'elii Yeho'aash ammoo, mootii Yihuda'aa Amaasiya'aaf deebisee, «Qoreen Libaanon keessaa takka, muka hindheensaa ka Libaanon keessaatitti ergitee, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jetteen. Bineensi Libaanonii ka karaa san dabarulle qoree san irra sirbe. \v 19 Ati, ‹Ani worra Edoomii injifadheera› jettee koortee, ifi jajjeerta. Amma ammoo manuma keeti tee'i. Ati jiddee, Yihudaalle si woliin akka jiddu maaniif rakkinna ifi irratti kakkaasiisaaf barbaadda?» jedhe. \v 20 Amaasiya'aa fi namooti isaa waaqota dharaa ka worra Edoomii waan waaqonfataneef, Waaqi harka diinota isaaniititti dabarsee isaan kenniisa waan barbaadeef, Amaasiyaan gorsa hin caqanne. \v 21 Maarre mootiin Israa'elii Yeho'aash ol bayee, innii fi mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti wol lolane. \v 22 Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, tokko tokkoon isaanii gara mana mana ifii baqatane. \v 23 Mootiin Israa'elii Yeho'aash mootii Yihuda'aa akaakoo Yeho'ahaazii ilma Yo'aasii Amaasiyaa Bet-Shemeshitti booji'ee gara Yerusaalemii geessee, dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii karra Efreemiitii kaasee haga karra roga dalleyaa ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige. \v 24 Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiru ka Obed-Edoom eegu maraa fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e. \v 25 Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e. \v 26 Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje, jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 27 Amaasiyaan Mootii Waan Maraa hordofatiisa haga lakkisee jalqabanee, isa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala waan isatti dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishii duraa baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee, achumatti isa ijjeesisane. \v 28 Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Yerusaalemii keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane. \c 26 \s1 Uziyaan Mootii Yihuda'aa Te'e \r (2 Mot. 14:21-22; 15:14) \p \v 1 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa marti wolii galanee nama dargaggeessa woggaa kudhanii jaa Uziyaa addee abbaa isaa Amaasiya'aatitti mootii isa godhatane. \v 2 Amaasiyaan du'een duuba, Uziyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise. \v 3 Uziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama Yerusaalemii ti. \v 4 Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e mara huje. \v 5 Waaqa sodaatiisa ka isa barsiise, Zakaariyaas bara lubbu'uun jiru keessa, Uziyaan Waaqaaf ajajame. Bara inni Mootii Waan Maraatiif ajajame san Waaqi isa milkeesse. \p \v 6 Uziyaan worra Filisxeemotaatitti duulee dalleya dhaka'aa ka Gaatii, ka Yaabne'eetii fi ka Ashidoodii diige; achiin duuba qachaa dhibii Ashidood keessatti, lafa Filisxeemotaa addee dhibiille'etti ijaare. \v 7 Lola worra Filisxeemotaatii fi lola worra Arabootaa ka Gur-Ba'aal keessa le'anuu irratti, lola worra Me'unootaa irralle'etti Waaqi isa qarqaare. \v 8 Worri Amoonotaa gibira Uziya'aaf gabbarane; inni mootii jabaa waan te'eef, gurri isaa haga meessaa biyya Gibxiititti beekkame. \p \v 9 Uziyaan qachaa Yerusaalemii keessatti karra roga irraa biratti, karra dhooqaatii fi roga dalleenni dhaqee itti dabu biratti xelleephoo jadduu ijaare. \v 10 Inni koobota jalaa fi dirree keessatti horii bacaa waan qabuuf, goomolee keessatti xelleephoo dhaka'aan ijaare; boolla bisaaniille qochisiise; hujii qonnaa waan jaalatuuf, koobotaa fi lafa laattuu maratti namoota fichaa isaaf qotanuu fi muka woyni'ii isaaf dhaabanu qabaayyu. \p \v 11 Ammalle Uziyaan loltoota lola dande'anu, worra kutaa kuta'aan akka Yiye'eliin barreessichii fi Ma'aseyaan qondaaltichi ajaja Hanaaniyaa ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko te'eetiin laakkowanetti, loltoota duulaaf bayanu qabaayyu. \v 12 Laakkossi sooressitootaa worri maatii maatii abbootii isaaniititti ajajjoota te'ane wolumatti kuma lamaa fi dhibba jaa. \v 13 Laakkossi loltoota ajajjoota kana jala jiranuu kuma dhibba sadii fi kuma torbaa fi dhibba shan; isaan diina mooticha irraa ittisiisaaf worra hunnaameyyii lola dande'anu. \v 14 Uziyaan loltoota tana maraaf wontee, woraana, gullee sibiilaa, qomoo sibiilaa, guube'ee fi dhakaa looyya'aan\f + \fr 26:14 \fr*\fqa Looyyaan: \fqa*\ft Yaadannoo 1 Sam. 17:40 irratti kenname ilaali.\ft*\f* darbatanu qoode. \v 15 Inni meya jabaa daayaa fi dhakaa gugurdaa ittiin darbatanu Yerusaalem keessatti worra ogummaa hujii harkaa qabuun hujisiisee xelleepho'oo fi roga dalleya qacha'aa mara irra keye; haga jabaatutti qarqaarsa guddaa Waaqa biraa waan dhaggateef, gurrii isaa biyya fago'ootitti beekkame. \p \v 16 Uziyaan nama jabaa te'een duuba kooree badii ifitti fide; inni ifumaaf gara Galma Mootii Waan Maraa seenee, addee ciinca'aa ta hixaanaa irratti ciincaa hixaanaa dhikeessiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii yakke. \v 17 Hayyichi Azaariya'aa fi hayyooti Mootii Waan Maraa worri jajjabi saddeettami isa gula seenane. \v 18 Isaan Uziyaa mootichaan, «Ee Uziya'a! Hayyoota worra sanyii Aaroniitii fi worra hujii tanaaf adda bayane qofatti hixaana Mootii Waan Maraatiif aarsan malee, ati aarsiisaaf hin malle; ati Mootii Waan Maraa Waaqa waan yakkiteef, isa irraa ulfinna hin dhaggattu; Galma keessaa bayi» jedhane. \p \v 19 Uziyaan girgiraa harkatti qabatee, hixaana aarsiisaaf adoo jedhuu isaanitti aare; adoo inni isaanitti aariisatti jiruu Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee hixaana itti aarsanu biratti ila hayyoota sanii duratti dhukkubi goga'aa farrisiisaan adda isaa irratti baye. \v 20 Azaariyaan sooressi hayyootaatii fi hayyooti dhibiin marti yennaa isa ilaalanu, dhukkuba goga'aa farrisiisaa adda isaa irratti dhagganee ariiti'iin gad isa baasane; Mootiin Waan Maraa waan isa adabeef, innille achi keessaa bayiisaaf ariifate. \p \v 21 Uziyaan mootichi haga gaafa du'uutitti dhukkubi goga'aa farrisiisaan isa irraa hin banne; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, Galma Mootii Waan Maraa irraa dhooggamee mana kophaa jiru keessa tee'e; achiin duuba ilmi isaa Yotaam bulchaa mana mootumma'aa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche. \v 22 Waan Uziyaan bara mootummaa ifii keessa huje keessaa waan hafe, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi barreesseera. \v 23 Uziyaan du'e; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, addee awwaalaa ta moototaa, ta abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e. \c 27 \s1 Yotaam Mootii Yihuda'aa Te'e \p \v 1 Yotaam yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti. \v 2 Inni akkuma abbaa ifii Uziya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee akka abbaa ifii hixaana aarisiisaaf hunnaan gara Galma Mootii Waan Maraa hin seenne. Kolbaan lafa sanii ammoo cubbuu hujiisa hin lakkinne. \p \v 3 Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta ol aantu deebisee ijaare; inni dalleya dhaka'aa qachaa kooba Ofeeliille jabeessee ijaare. \v 4 Koobota Yihuda'aa irratti qachaa, koobota gongomaan bacaan jiru irralle'etti kushe'ee fi xelleephoo ijaare. \v 5 Inni mootii Amoonotaa lolee injifate; bara san worri Amoonotaa, meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii kuntaala kuma tokko, garbuu kuntaala kuma tokko Yotaamiif gibira kennane; woggaa lammeesso'ootii fi sadeesso'oolle'etti, akkasuma gabbarane. \v 6 Yotaam qajeelumma'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dura waan deddeebi'eef hunnaamesa te'e. \v 7 Wonni dhibiin ta mootichi Yotaam hujee fi lolli inni lole martinuu, kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 8 Inni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche. \v 9 Yotaam du'ee qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Ahaaz addee isaatitti mootii te'e. \c 28 \s1 Ahaaz Mootii Yihuda'aa Te'e \p \v 1 Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hin hunye. \v 2 Inni ammoo akkuma moototi Israa'elii hujane hujee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaaf sibiila baqisiisee fakkii hujeef. \v 3 Inni akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, dhooqa ilma Hiinomii keessatti hixaana aarse; ilmaan ifiille ciincaa dhikeesse. \v 4 Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalalle'etti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse. \v 5 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi harka mootii Sooriya'aatitti dabarsee isa kenne; worri Sooriya'aa isa injifatanee kolbaa isaa bacaa booji'anee gara Damaasqo'oo geessane; inni harka mootii Israa'eliille'etti dabarfamee kennamee, innille akka malee lolee isa miidhe. \v 6 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan guyyaa tokkotti loltoota Yihuda'aa keessaa kuma dhibbaa fi kuma diddama ijjeese. \v 7 Nami sanyii Efreemii, loltichi jabaan Ziikri, ilma mootichaa Ma'aseyaa, itti gaafatamaa mana mootumma'aa Azriiqaamii fi itti aanaa mootichaa Elqaanaa ijjeese. \v 8 Israa'elooti gosa ifiituu dubartoota, ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraa wolumatti nama kuma dhibba lama booji'ane; akkasuma meya bacaa boojuu fudhatanee gara Samaariya'aa deebi'ane. \s1 Odeedii Raagicha \p \v 9 Loltooti gara Samaariya'aa yennaa deebite, raagichi Mootii Waan Maraa Odeed isaan dhaggiisaaf dhaqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii ta durii kolbaa Yihuda'aatitti waan aareef, harka keessanitti dabarsee isaan kenne; isin ammoo aarii jaddu'uun isaan ijjeettane; Waaqille aarii teessan ta akka malee hammaatte tana dhaggeera. \v 10 Isin amma dhiiraa fi dubartoota kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii garboonfatiisa barbaaddan; isin tana yennaa gootanu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yakkaa hujuu keessanii motii ree? \v 11 Amma na caqasa'a! Mufiin Mootii Waan Maraa isin irratti waan bobeettuuf, gosa teessan ta boojitane deebisa'aatii galcha'a» jedhe. \p \v 12 Achiin duuba sooressitoota sanyii Efreemii keessaa gariin, ilmi Yohaannaanii Azaariyaan, ilmi Meshiilemootii Berekiiyaan, ilmi Shaalumii Yehiizqiiya'aa fi ilmi Hadlaayii Amaasaan worra duula irraa gale san mormanee, \v 13 «Isin worra booji'ame kana as fiduu hin malle! Nuuti ammaayyuu yakkaa guddoo qanna; mufiin Mootii Waan Maraa Israa'el irratti bobe'iisatti jirti; ammalle yakkaa irratti yakkaa dabalatuu barbaaddanii ree?» jedhane. \v 14 Maarre loltooti sun qondaaltotaa fi gumii san mara duratti worra booji'ame san gad lakkisanee, meya saamanelle deebisane. \v 15 Achiin duuba worri maqaan isaanii dhowame sun worra booji'ame kana fuudhanee, worra qullaa hafe mara woyaa saamane san keessaa itti uffisane. Woyaa, kophee, sagale'ee fi waan unanulle kennaneefii, zayitiille madaa isaanii dibane; worra dadhabaa deemuu hin dandeenne ammoo harree irra keyanee, addee firri isaanii jiru gara qachaa Yeriko'oo ka, «Qachaa Meexxi'ii» jedhamuu geessane. Achiin duuba ifiif gara Samaariya'aa deebi'ane. \s1 Ahaaz Akka Mootiin Asoorii Isa Gargaaru Gaafate \p \v 16 Bara san Ahaaziin mootichi gara mootii Asoorii nama ergee qarqaarsa gaafate. \v 17 Worri Edoomii ammalle dhufanee kolbaa Yihuda'aa lolanee injifatanee boojuu fudhatanee ideemane. \v 18 Worri Filisxeemotaalle qachoota kooba jalaatii fi qachoota biyya Yihuda'aa ka gara kibbaa jiranu lolanee, Bet-Shemeshi, Ayalon, Gederot, Sokoo, Tiimna'aa fi Giimzoo ollaa adaala sanii mara qabatanee achi qubatane. \v 19 Mootiin Yihuda'aa Ahaaz biyya Yihuda'aatitti hammeenna baceessee Mootii Waan Maraatiif guddoo waan hin addataminiif, Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa salphise. \v 20 Mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser gara Ahaazii yennaa dhufe isa rakkise malee isa hin qarqaarre. \v 21 Maarre Ahaaz qooda Galma Mootii Waan Maraa irraa, qooda mana mootumma'aa irraa fi qooda qondaaltotaa irraa meya fuudhee mootii Asooriitiif kenneeraayyu; te'uu malee tunille isa hin qarqaarre. \p \v 22 Ahaaziin mootichi yennaa rakkinna ifii keessalle, ka durii caala'aayyuu Mootii Waan Maraatiif ka hin addatanne te'e. \v 23 Inni, «Waaqoti dharaa ka Sooriya'aa mootota Sooriya'aa waan qarqaaraneef, analle akka qarqaaranu ciincaa isaaniif dhikeessa» jedhee waaqota dharaa ka worra Damaasqo'oo worra isa injifataneef ciincaa dhikeesse; te'uu malee hujiin tun isaa fi kolbaa Israa'elii maraaf sababa jinnanaa teete. \v 24 Itti dabalee Ahaaz meya Galma Mootii Waan Maraa keessaa wolitti qabee caccasse; balbala Galma Mootii Waan Maraa cufee, roga irga karaa Yerusaalem keessaa maratti addee ciinca'aa ta waaqota dharaa ijaare. \v 25 Qachaa biyya Yihuda'aa mara keessatti, waaqota dharaa ka dhibi'iif addee waaqonfanna'aa ijaaree, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii aarse. \p \v 26 Wonni dhibiin ta Ahaaziin mootichi huje, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 27 Ahaaz du'ee qachaa Yerusaalemii keessatti isa awwaalane; te'uu malee addee awwaala moototi Israa'elii itti awwaalamanutti isa hin awwaalle. Ilmi isaa Hisqiyaas addee isaatitti mootii te'e. \c 29 \s1 Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas \p \v 1 Hisqiyaas yennaa moti te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Abiiya'a; isiin intala Zakaariyaasii ti. \v 2 Inni akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. \s1 Galmi Waaqaa Qulqulloome \p \v 3 Inni mootii te'ee woggaa tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa karra Galma Mootii Waan Maraa banee deebisee haaresse. \v 4 Inni hayyootaa fi Lewwoota badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka karaa aduun baatuutitti wolitti qabee, \v 5 isaaniin, «Isin Lewwooti dhage'a'a! Isin amma ifi adda baasa'aatii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii ta duriille woyyoonsa'a! Waan Galma Mootii Waan Maraa batteesse mara isa keessaa balleessa'a! \v 6 Abbootiin teenna ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin addatanne; isaan isa duratti waan sirrii hin te'in hujanee, isa lakkisanee, addee woyyittii isaatitti dudda galane. \v 7 Isaan balbala soroo Galma Mootii Waan Maraa cufanee, issaalle dhaanfane; Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii keessatti hixaana hin aarisine yookiin kennansa gubamulle hin dhikeessine. \v 8 Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiititti aaree, akkuma isin beettanu, waan nama mara sodaachisu, waan murgo'oo isaan godhee, waan nama rifachiisu itti fide. \v 9 Sababa kanaaf abbootiin teenna ta durii shallaaga'aan dhumattee, niitoleen teennaa fi ijoolleen teenna booji'amanee fudhatamane. \p \v 10 «Haganaa achi akka inni nutti hin aarreef, ani Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii woliin gondooroo godhatiisaaf murteeffadheera. \v 11 Ee ijoollee tiyya! Isin akka isa dura dhaabbatanee isa tajaajiltanuuf, tajaajiltoota isaa akka teetanuuf, hixaanalle isa duratti akka isaaf aarsitanuuf Mootii Waan Maraa isin waan filateef hin rincicina'a» jedhe. \p \v 12 Lewwooti worri huji'iif kakka'ane ta asii gad jiranu: \q1 Sanyii Qehaatotaa keessaa, ilma Amaasaayii Mahaat; ilma Azaariya'aa Yo'el. \q1 Sanyii Meraarotaa keessaa, ilma Abdii Qiish; ilma Yihaleli'elii Azaariya'a. \q1 Sanyii Gershoonotaa keessaa, ilma Ziima'aa Yo'aak; ilma Yo'aakii Eden. \q1 \v 13 Sanyii Eliizaafaanii keessaa, Shiimrii fi Yewu'el. \q1 Sanyii Asaaf keessaa, Zakaariyaasii fi Mataaniya'a. \q1 \v 14 Sanynii Hemaanii keessaa, Yehii'elii fi Shime'i; \q2 sanyii Yedutuu keessaa, Shemaa'iya'aa fi Uzii'el. \p \v 15 Isaan kun fira ifii Lewwoota wolitti qabanee ifi woyyoonsaneen duuba, akka seeraatitti ifi qulqulleessaneen duuba, mootichi akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma isaan ajajetti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane. \v 16 Hayyooti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessiisaaf gara keessaa seenane; waan battii Galma Mootii Waan Maraa san keessatti dhaggane mara gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa gad baasane; worri Lewwootaa achii fuudhanee dhooqa Qedrooniititti gatane. \v 17 Isaan ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti qulqulleessuu jalqabanee, guyyaa saddeetesso'oo haga soroo Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane; guyyaa saddeeti itti dabalanee Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessanee, wolumatti ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii jayeesso'ootitti qulqulleessanee fixane. \p \v 18 Achiin duuba gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, «Nuuti, Galma Mootii Waan Maraa addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu meya isi'ii mara woliin, xarapheessaa daabboo Waaqaaf kennante irra keyanu meya isaa mara woliin qulqulleessineerra. \v 19 Ahaaziin mootichi bara mootii te'eerutti Mootii Waan Maraatiif addatamuu dhabee, meya inni achii baase mara adde'etti deebinnee woyyoonsineerra; kunoo mey sun amma addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura jira» jedhanee isatti himane. \p \v 20 Boruyyaa barii ganama mootichi Hisqiyaas qondaaltota qacha'aa wolitti qabee gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqe. \v 21 Isaan marroo cubbuu mootumma'aatiif, marroo cubbuu Galma Mootii Waan Maraatiif, marroo cubbuu kolbaa Yihuda'aatiif, dardaroota torba, korbeeyyii hoole'ee torba, buruusota hoole'ee torbaa fi buruusota re'e'ee torba ciinca'aaf fidane; hayyooti sanyii Aaronii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa irratti kennansa kana ciincaa akka dhikeessanuuf mootichi isaan ajaje. \v 22 Hayyooti dursitee dardaroota san qaltee, itti aansitee, korbeeyyii hoole'ee qaltee, dhuma irratti buruusota hoole'ee qaltee dhiiga addee ciinca'aa irratti fiffixxe. \v 23 Achiin duuba Korbeeyyii re'e'ee ta kennansa marroo sababa cubbu'uutiif dhikaattu fidanee mootichaa fi kolbaa dura dhaabbachiisane; isaanille harka ifii irra keyane. \v 24 Mootichi kennansa gubamuu fi kennansa gumaa cubbu'uutiif dhikaatu kolbaa Israa'elii maraaf akka godhamu duraan dursee waan ajajeeruuf, hayyooti korbeeyyii re'e'ee san qaltee, kolbaa Israa'elii maraaf gumaa cubbu'uutiif, dhiiga korbeeyyi'ii san addee ciinca'aa irratti dhangalaatte. \p \v 25 Akkuma dur Mootiin Waan Maraa karaa raagota ifiitiin, Daawiti, raagicha Gaadii fi raagicha Naataan ajajetti, akkasuma Hisqiyaasiin mootichi Lewwoota Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila qilillisuun, kiraaraa fi maseenqo'oon faarsanu ramade. \v 26 Maarre Lewwooti meya faaru'uu ka Daawitii qabatanee, hayyootille tultullaa ifii qabatanee dhaabbatane. \v 27 Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichi kennansi gubamu addee ciinca'aa irratti akka dhikaatu ajaje. Kennansi gubamu sun gubamiisa yennaa jalqabe, worri faarfatulle meya faaru'uu ka Daawitii mootii Israa'eliitii fi tultulla'aan bookarfamanee faaruu Mootii Waan Maraa faarfatuu jalqabane. \v 28 Haga kennansi gubamu gubamee dhumatutti, gumiin duudiin waaqonfattee, Faarfattootille faaruu faarsitee, tultullaalle afuufame. \v 29 Kennansi gubamu sun gubamee dhumateen duuba mootichii fi kolbaan isa woliin jirtu marti gombifantee waaqonfatte. \v 30 Hisqiyaasiin mootichii fi qondaaltoti isaa, faaruu Daawitiitii fi Asaafii raagichaa qopheessanee Mootii Waan Maraa akka leellifatanu Lewwoota ajajane; isaan gammadaan faarfatanee, gombifamanee waaqonfatane. \p \v 31 Achiin duuba Hisqiyaas kolba'aan, «Kunoo, isin amma Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsitaneertan; as dhikaadha'aatii ciinca'aa fi kennansa galataa gara Galma Mootii Waan Maraa fida'a» jedhe; maarre gumiin ciinca'aa fi kennansa galataa fidde; worri fedha qabanu marti kennansa gubamu fidane. \v 32 Laakkossi horii kennansa gubamuuf gumiin sun fiddee, dardaroota torbaatama, korbeeyyii hoole'ee dhibbaa fi buruusota hoole'ee dhibba lama; horiin kun marti Mootii Waan Maraatiif, kennansa gubamuuf dhikaate. \v 33 Laakkossi horii woyyoomee sun wolumatti, dardaroota dhibba jaa, hoole'ee fi re'e'ee kuma sad. \v 34 Te'uu malee horii kennansa gubamuuf qalame san gogaa irraa baasiisaaf, hayyooti achi jiranu waan diqqaataneef, Lewwooti obboleeyyan isaanii haga hujiin dhumattutti, hayyooti dhibiin haga ifi woyyoonsitutti isaan qarqaarane. Lewwooti ifi woyyoonsiisaaf hayyoota caalaa qalbii sirri'ii qaban. \v 35 Gaafas kennansa gubamu ka laakkossi isaa baca'aa san biratti, coomi kennansa tokkumma'aatiif dhikaate, kennansi daadhii woyni'ii ka kennansa gubamuuf dhikaate jiran. \p Akka kanaan tajaajilli Galma Mootii Waan Maraa akka duriititti deebi'e. \v 36 Wonni martinuu akka kanatti ariiti'iin waan hujanteef, Waaqi kolbaa tanaaf waan qopheesseef, Hisqiyaasii fi kolbaan martinuu guddoo gammadane. \c 30 \s1 Hisqiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilifate \p \v 1 Hisqiyaas kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase'eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanuuf waame. \v 2 Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji'a lammeesso'oo keessa jilifatiisaaf wolii galane. \v 3 Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te'iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna'atti jilifatiisaaf hin dandeenne. \v 4 Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane. \v 5 Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa'elii mara keessaa, Bersheeba'aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanu murteeffatane. \v 6 Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessa deemane. \p Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa'elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii deebi'a'a; innille gara keessan gara worra lubbu'uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi'a. \v 7 Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te'ina'a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe. \v 8 Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama'a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina'a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa'a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila'a! \v 9 Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja'aa fi mararaa waan te'eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji'e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi'anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha. \p \v 10 Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase'ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi'ii fi murgo'oon itti kollane. \v 11 Te'uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase'eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane. \v 12 Biyya Yihuda'aa keessalle'etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare. \s1 Jilti Irra Dabaramaa Jilifante \p \v 13 Ji'a lammeesso'ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante. \v 14 Isaan addee ciinca'aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane. \v 15 Isaan ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane. \v 16 Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe. \v 17 Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu waan hin te'iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane. \v 18 Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram! \v 19 Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe. \v 20 Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage'e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne. \v 21 Lewwootii fi hayyooti meya faaru'uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya'aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda'aan faarfataa, kolbaan Israa'elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane. \v 22 Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte. \v 23 Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane. \v 24 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'e'ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi woyyoonsane. \v 25 Gumiin Yihuda'aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa'el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa'el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane. \v 26 Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa'elii duudii irratti mootii te'ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te'e. \v 27 Hayyootii fi Lewwooti ka'anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba'aa irraa daadimata isaanii dhage'e. \c 31 \s1 Hisqiyaas Jiruu Dhugeeffanna'aa Haaresse \p \v 1 Jilti Irra Dabaramaa hobbaateen duuba kolbaan Israa'elii marti gara qachaa Yihuda'aa mara dhaqanee utuboota dhaka'aa ka itti waaqonfatanu caccassanee, utuboota waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjissanee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ta worra ormaa, biyya Yihuda'aa, biyya Beniyaaminii, biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee mara keessaa balleessane. Isaan waan kana mara balleessaneen duuba gara qe'ee ifii deebi'ane. \p \v 2 Hisqiyaasiin mootichi Hayyootaa fi Lewwoota kutaa kutaa isaaniitiin, akkuma hujii hujii isaaniititti irra deebi'ee ramade; isaan kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Galma Waaqaa keessatti waaqonfataa, karra Galma Mootii Waan Maraa duratti faaru'uun leellifataa galatteessan. \v 3 Mootichi akkuma Seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti hoole'ee fi loon ifii keessaa kennansa gubamu ka galgalaa fi ganamaa, ka guyyaa sanbataa, ka guyyaa baatii ji'aatii fi ka guyyaa jila beekkanteetiifille kenne. \v 4 Akkasuma hayyootii fi Lewwooti guyyaa guutuu tajaajila Seera Mootii Waan Maraatiif akka ifi kennuu dande'anu, kolbaan Yerusaalem keessa leetu qooda isaaniif murame akka isaanii fiddu ajaje. \v 5 Akkuma ajaji kennameen, kolbaan Israa'elii, midhaan mata'aa, daadhii woyni'ii haareya, zayitii ejersaa, damma akkasuma midhaan ficha'aa mara ka mata'aa jaalalaan fidane; waan qabanu mara irralle'ee kudhan keessaa tokko fidane. \v 6 Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii worri qachaa Yihuda'aa keessa le'u marti, loon, hoole'ee fi re'ee ifii keessaa kudhan keessaa tokko fidane; akkasuma waan Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif woyyoonsane irraa kudhan keessaa tokko fidanee tuulane. \v 7 Isaan kennansa kana ji'a sadeesso'oo keessa jalqabanee ji'a torbeesso'ootitti fixane. \v 8 Hisqiyaasii fi qondaaltoti isaa dhufanee tuulaa tana yennaa dhaggane Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaa kolbaa Israa'eliille leellisane. \v 9 Hisqiyaasiin mootichi marroo kennansa kanaa hayyootaa fi Lewwoota gaafate; \v 10 Maatii Zaadoqii keessaa hayyichi sooressi, Azaariyaan, «Kolbaan kennansa ifii gara Galma Mootii Waan Maraa fidiisa haga jalqaddee nyaannee quunnee bacaan nu irraa hafeera; Mootiin Waan Maraa kolbaa waan eebbiseef, wonni bacaan kun hafuu dande'e» jedhe. \p \v 11 Hisqiyaas Galma Mootii Waan Maraa keessatti kolloo kuusaa meyaa akka qopheessanu ajaje; isaanille akkuma inni ajaje godhane. \v 12 Achiin duuba kennansa mara, kudhan keessaa tokko, kennansa woyyoome addatamumma'aan achi keessatti tuulane. Konaaniyaan sanyii Lewwi'ii itti gaafatamaa mana meya mootumma'aa te'ee, obboleessi isaa Shime'i itti aanaa isaa te'e. \v 13 Konaaniya'aa fi Shime'i jala akka hujanuuf: Yehii'el, Azaziiyaan, Naahaat, Asaa'el, Yeremoot, Yozaabaad, Elii'el, Ismaakiyaan, Mahaatii fi Benaaya'aan Hisqiyaasii mootichaa fi Azaariyaa hayyicha gudda'aan filamane. \v 14 Ilmi Imnaa Lewwichaa Qore, ka karra karaa aduun baatuu eegu, kennansa fedhii ifiitiin Waaqaaf nami fidu fuudhee qoodiisaaf itti gaafatamaa te'e. \v 15 Eden, Miniyaamiin, Yeshu'aan, Shemaa'iyaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan qachaa hayyootaa keessatti hayyoota fira isaanii jaarsole'ee fi dargaggootaaf addatamumma'aan qooda isaanii hiriisaan Qore qarqaarane. \v 16 Itti dabalanee dhiira worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamane, ka woggaan isaanii sadii fi sadii ol te'ane, worra akka hujii hujii isaaniititti itti gaafatamummaa isaaniititti hujii ifii hujiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanu maraaf hujii isaan hujanu itti qoqoodane. \v 17 Hayyoota worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamanee fi Lewwoota worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa ol te'aneef akkuma hujii hujii isaaniitii fi itti gaafatamummaa isaaniititti hujii isaan hujanu itti qoqoode. \v 18 Isaan addatamumma'aan huji'iif waan ifi woyyoonsaneef, akka hidda dhaloota isaaniititti haadhotii manaa ta ifii, ijoollee ifii, ta dhiiraatii fi ta durraa mara woliin galmeeffamane. \v 19 Hayyoota qachaa sanyii Aaroniitiif ramadamane keessa yookiin lafa marraa ta qachaa saniif ramadamane keessa le'anu, worra maqaan isaanii sanyii Lewwootaa keessatti galmeeffame worra dhiiraa maraaf, qooda isaan gewu akka isaaniif kennanu, namoota itti gaafatamanu filaneef. \v 20 Hisqiyaasiin mootichi lafa Yihuda'aa mara keessatti waan Mootii Waan Maraa Waaqa isaa duratti sirrii te'ee fi waan addatamumma'aa huje. \v 21 Inni Galma Mootii Waan Maraa tajaajiliisaan, seeraa fi ajaja eegatiisaan waan huje mara gadhaa tokkochaan, Waaqa barbaadatiisaan hujee, wonni marti isaaf teete. \c 32 \s1 Worri Asoorii Yerusaalemitti Duule \r (2 Mot. 18:13-16; Isa. 36:1) \p \v 1 Hisqiyaas waan kana mara addatamumma'aan hujee fixeen duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib Yihuda'atti duulee, injifatee ka ifii godhatiisa hedee qachoota dalleya dhaka'aa qabanu marse. \v 2 Senaaheriib Yerusaalem loliisaaf hedee akka dhufeeru, Hisqiyaas yennaa beeke, \v 3 inni madda bisaanii ka qacha'aan ala jiranu duuchiisiisaaf, qondaaltotaa fi ajajjoota loltoota ifii woliin mari'ate; isaanille isa qarqaarane. \v 4 Kolbaan hedduun wolitti qabantee, «Mootiin Asoorii dhufee maaf bisaan bacaa dhaggata» jedhanee, madda bisaanii maraa fi anguree lafa jala lola'u mara duuchane. \v 5 Hisqiyaasiin mootichi jabaatee hujee, dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressee, xelleephoo irratti ijaare; gara alaatiin dalleya dhaka'aa dhibii itti ijaaree kaabii, «Miiloo» jedhantu ta qachaa Daawitii keessaalle jabeesse; akkasuma meya lolaa ka adda addaatii fi wontee bacaa huje. \v 6 Qondaaltoti loltootaa kolbaa akka bulchanu godhee, isaan mara badhinna karra qacha'aa dura jirutti wolitti qabee, \v 7 «Jabaadha'a! Jajjabaadha'a! Hunna guddoo isa woliin jirtu caalaa, ta nu woliin jirtu waan caaltuuf, mootii Asooriitii fi loltoota isa woliin jirtu bacaa tana sodaattanee hin nayina'a! \v 8 Isa woliin loltoota namaatitti jira; nu woliin ammoo nu qarqaariisaa fi nu'uuf loliisaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti jira» jedhe. Kolbaalle dubbii mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dubbatteen jajjabaatte. \p \v 9 Tanaan duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib loltoota ifii mara woliin qachaa Laakiishii marsee adoo jiruu, Hisqiyaasii fi kolbaa Yihuda'aa ta isa woliin Yerusaalem keessa jirtu maratti akka himanuuf tajaajiltoota ifii ergee, \v 10 isaanille dhaqanee, «Mootiin Asoorii Senaaheriib, ‹Isin eennutti addattanee qachaa Yerusaalemii ka marfame kana keessa teettan? \v 11 Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka mootii Asoorii jalaa nu hin baasa jedhee beelaa fi dheebu'uun isin fixaara. \v 12 Kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin: Addee ciinca'aa takkattii duratti sagada'aatii isii irratti ciincaa dhikeessa'a jedhee ajajee addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ka balleesse Hisqiyaasuma kanaa motii? \v 13 Anii fi abbootiin tiyya ta durii kolbaa lafa dhibi'ii irratti waan goone hin beettanuu ree? Waaqoti gosa biyya adda addaa sun lafa isaanii harka kiyya jalaa baasuu dande'aneeranii ree? \v 14 Waaqota gosa biyya adda addaa ka abbootiin tiyya ta durii balleessite mara keessaa kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu ka dande'e kam ree? Waaqi keessan harka kiyya jalaa attam isin baasuu dande'a ree? \v 15 Tanaaf, amma, akka kanaan Hisqiyaas isin hin sobin yookiin isin hin dokonkorsin; Waaqi gosa biyya adda addaa yookiin ka mootummaa kamiille kolbaa ifii harka kiyya jalaa yookiin harka abbootii tiyyaa jalaa baasuu ka dande'e waan hin jirreef, isa hin addatina'a! Waaqi keessanille akkasuma harka kiyya jalaa isin baasuu hin dande'u› jedha» jedhane. \p \v 16 Tajaajiltooti Senaaheriibii Mootii Waan Maraa Waaqaa fi tajaajilaa isaa Hisqiyaas irratti dubbii badduu tana caalte dubbatane. \v 17 Mootichille akkasuma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii arrassiisaan, «Waaqoti gosa biyya adda addaa ka dhibiin kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu akkuma hin dandeenne, Waaqi Hisqiyaasille kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu hin dande'u» jedhee xalayaa barreesse. \v 18 Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa kolbaa sodaachisanee bararassanee qachaa qabatiisaaf, kolbaa Yerusaalemii worra dalleya dhaka'aa irra dhaabbataneeranu qoonqoo ifii ol qabatanee afaan Ibrootaatiin itti hogisane. \v 19 Waaqota kolbaa lafa irraa ka harki namaa huje irratti akkuma dubbatane, Waaqa Israa'elii irralle'etti akkasuma dubbatane. \p \v 20 Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichii fi ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi marroo dubbii tanaa gara Mootii Waan Maraa daadimatanee, gara ol-gubba'aa iyyane. \v 21 Mootiin Waan Maraa ergamaa ifii ergee, addee quttuma mootii Asoorii keessaa loltoota jajjaba, sooressitootaa fi qondaaltota mara akka fixamanu godhe. Maarre mootichi Senaaheriib qaanowee gara biyya ifii deebi'e. Yennaa inni gara galma waaqa ifii seenelle ilmaan isaatuu achitti shallaaga'aan isa ijjeette. \p \v 22 Maarre Mootiin Waan Maraa Hisqiyaasii fi kolbaa Yerusaalemii harka mootii Asoorii Senaaheriibiitii fi harka diinota isaa mara jalaa isaan baase; worra adaala isaanii jiranu mara woliin nageyaan akka le'anu isaan godhe. \v 23 Kolbaan bacaan Mootii Waan Maraatiif kennansa fidanee gara Yerusaalemii dhufanee, mootii Yihuda'aa Hisqiyaasiifille kennansa gatii guddo'oo fidanee, guyyaa saniin jalqabee inni gosa biyya adda addaa mara duratti ulfinna dhaggate. \s1 Muummee Mootummaa Hisqiyaasii \r (2 Mot. 20:1-3,12-19; Isa. 38:1-3; 39:1-8) \p \v 24 Baruma san Hisqiyaas dhibamee du'iisa geye; inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne; akka isa fayyisulle beessisa isaaf kenne. \v 25 Hisqiyaas ammoo koore malee waan dansaa isaaf godhameef Waaqa hin galateeffanne. Tanaaf, mufiin Mootii Waan Maraa isa irratti, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii irratti dhutte. \v 26 Te'uu malee marroo koora ifiitiif, Hisqiyaas gad ifi qabee, innii fi kolbaan Yerusaalemiille gad ifi qabanee, tanaaf bara mootummaa isaa mufiin Mootii Waan Maraa isaan irratti hin dhunne. \p \v 27 Hisqiyaas qabeennaa fi ulfinna guddaa qabaayyu; inni kolloota meetii, worqii, dhakaa gatii guddo'oo, uddowaa adda addaa, wonte'ee fi meya gatii guddo'oo ka adda addaa itti kuufatu ijaarrate. \v 28 Akkasuma gootaraa midhaan ficha'aa, okkotee daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa qabaayyu; loon ifiitiif moonaa, hoole'ee fi re'ee ifiitiif gooree qabaayyu. \v 29 Waan kana mara irratti ede'ee, Mootiin Waan Maraa qabeenna bacaa waan isaa kenneef, inni karra hoole'ee, re'e'eetii fi loonii bacaalle horatee, qachaa hedduu ijaarrate. \v 30 Madda Giihonii maddu ka gatiitti'ii kiphee, bisaan gara seensa adu'uu gara qachaa Daawitii anguree keessa gad akka lola'u ka godhe Hisqiyaas; hujiin isaa marti isaaf teete. \v 31 Qondaaltoti biyya Baabilonii baasa biyya keessatti te'e gaafatiisaaf namoota yennaa ergane, Waaqi isa haga ilaaliisaa fi waan gadhaa isaa keessa jiru mara beekiisaaf isa lakkise. \p \v 32 Wonni dhibiin ta Hisqiyaasiin mootichi hujee fi hujiin inni addatamumma'aan huje, mudhii raagicha Isaayaasii ilma Amosiitii fi kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 33 Hisqiyaas du'ee addee awwaala sanyii Daawitii ta gatiitti'iititti awwaalame; yennaa inni du'e kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii marti ulfinnaan isa awwaalane; ilmi isaa Minaaseen addee isaatitti mootii te'e. \c 33 \s1 Mootii Yihuda'aa Minaasee \p \v 1 Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche. \v 2 Inni hujii diqachiittuu gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baasee san hordofee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu huje. \v 3 Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; Ba'aaliifille addee ciinca'aa ijaaree, utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabe. Inni urjootalle waaqonfate. \v 4 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Maqaan kiyya haga bara baraa Yerusaalem keessatti hin waaqonfatama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare. \v 5 Badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa lamaanuu keessatti urjoota ol-gubba'aa waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare. \v 6 Inni dhooqa ilma Hiinomii keessatti ilmaan ifii kennansa gubamu godhee dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu morsiifatee, Mootii Waan Maraa duratti cubbuu guddittii hujee aarii isaa kakkaase. \v 7 Inni fakkii waaqa dharaa ka qiriixee huje san fuudhee, Galma Waaqaa ka Waaqi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem lafa gosa Israa'elii mara keessaa addee filadhe tana keessatti, haga bara baraa maqaa kiyya keessa hin keya; \v 8 kolbaan Israa'elii seerata kiyya yoo eegatte, seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne duudiille yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan ari'amanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye. \v 9 Minaaseen ammoo kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii duraa ari'ee baase caalaa cubbuu hujane. \v 10 Mootiin Waan Maraa Minaase'ee fi kolbaa ifiititti dubbatulle, isaan ammoo caqasuu didane. \v 11 Maarre Mootii Waan Maraa ajajjoota loltoota mootii Asoorii isaanitti fidee, isaan Minaasee qabanee, hookkoo sagana'aa funnaan isaa keessa keyanee, harka isaa wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii isa geessane. \v 12 Minaaseen rakkinna kana keessa adoo jiruu, gad ifi qabee, gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deebi'ee, qarqaarsa isa gaafate. \v 13 Mootiin Waan Maraa daadimata isaa dhage'eefii, gara Yerusaalemii mootummaa isaatitti isa deebise; Minaaseelle Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e beeke. \v 14 Tanaan duuba Minaaseen dalleya dhaka'aa ka qachaa Daawitii ka gara alaa dhooqa madda Giihonii ka gara aduun baatuutii kaasee haga seensuma «Karra qurxummi'ii» jedhantuu, kooba Ofeeliititti marsee dalleya dhaka'aa hojjaa itti dabalee ijaare; qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara qondaaltota loltootaa keessa keye. \v 15 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessaa Waaqota ormaa fi fakkii achi keessa jirtu balleessee, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ta kooba irra addee Galmi Mootii Waan Maraa dhaabbate keye, Yerusaalem keessa ta addee dhibiille jirtu diigee qacha'aan alatti gate. \v 16 Achiin duuba addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa haaressee ijaaree, isii irratti kennansa tokkumma'aatii fi kennansa galataa dhikeesse; kolbaan Yihuda'aalle Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka waaqonfattu ajaje. \v 17 Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitulle, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii qofaaf dhikeessite. \p \v 18 Wonni dhibiin ta Minaaseen huje, daadimati inni Waaqa ifii daadimatee fi ergaan raagoti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin dubbatane kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 19 Minaaseen mootichi daadimatee deebiin Waaqi daadimata isaatiif kenne, adoo cubbuu irraa hin deebi'in dura cubbuun inni hujee fi ka hin addatanne te'uun isaa marti, addee waaqonfanna'aa irratti utubaa waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi fakkiin waaqota dharaa ta inni dhaabe marti, kitaaba raagota Israa'elii irratti barreeffanteerti. \v 20 Minaaseen du'ee mana mootumma'aa ka ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Amooni addee isaatitti mootii te'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Amooni \p \v 21 Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. \v 22 Akkuma abbaa ifii Minaase'ee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate innille waaqonfate. \v 23 Amooni akka abbaan isaa Minaaseen Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qabe, gad ifi hin qanne. Inni yakkaa abbaan isaa huje caala'aayyuu huje. \p \v 24 Tajaajiltooti Amoonii mala isatti dhowanee mana mootumma'aa ka isaa keessatti isa ijjeesane. \v 25 Achiin duuba kolbaan lafa sanii worra Amooni irratti mala dhowe mara ijjeesanee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii godhane. \c 34 \s1 Mootii Yihuda'aa Yosiyaas \p \v 1 Yosiyaas yennaa mootii te'e nama woggaa saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii tokko bulche. \v 2 Yosiyaas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; inni karaa abbaa abbootii ifii ta durii ka Daawitii middaa fi bitaa adoo irraa hin gorin mara hordofe. \v 3 Yosiyaas mootii te'ee woggaa saddeetesso'ootitti, adoo ijoollichaatuu Waaqa Daawitii ka abbaa abbootii ifii ta durii barbaadatiisa jalqabe. Woggaa kudhanii lammeesso'ootitti Yihuda'aa fi Yerusaalem qulqulleessiisaaf addee waaqonfanna'aa, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, waaqota dharaa ka dhibiille balleessiisa jalqabe. \v 4 Ajaja isaatiin addee waaqota dharaa Ba'aaliif ciincaa itti dhikeessanu butuchanee, addee ciinca'aa ta hixaanaa ta achi bira jirtulle jissane. Isaan fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi ta waaqota dharaa ka dhibi'iille lafatti gad jissanee, bulleessanee, bukuu san awwaala worra waaqota dharaa saniif ciincaa dhikeessanee irratti bittinneessane. \v 5 Inni lafee hayyoota sanii addee isaan ciincaa itti dhikeessanu irratti gubee Yihuda'aa fi Yerusaalem qulqulleesse. \v 6 Qachaa lafa Minaase'ee, lafa Efreemiitii fi lafa Shimi'ooniitii haga qachaa lafa Niftaalemiititti, haga bututa adaala qachoota kana jiranuutitti, \v 7 addee ciinca'aatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu diige; inni fakkii waaqota dharaa bulleessee, addee ciincaa hixaanaa ta biyya Israa'elii keessa jirtu mara butuchee, achiin duuba gara Yerusaalemii deebi'e. \s1 Kitaab Seeraa Dhaggame \r (2 Mot. 2:3-20) \p \v 8 Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, biyyaa fi Galma qulqulleesseen duuba, Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaa deebisanee akka haaressanu ilma Azaaliya'aa Shaafaan, ilma bulchaa qacha'aa Ma'aseya'aa fi ilma Yo'aahaazii barreessa'aa Yo'aak erge. \v 9 Isaanille gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqanee, beesee Galma Waaqaatiif worri Lewwootaa ka karra eeganu kolbaa Minaase'ee irraa, kolbaa Efreemiitii fi kolbaa Israa'elii worra baraaree hafane mara irraa, kolbaa Yihuda'aa mara irraa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Yerusaalem keessa leetu mara irraa guurane itti kennane. \v 10 Achiin duuba isaan itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennane; isaanille beesee san worra Galma Mootii Waan Maraa haaressee adde'etti deebisuuf kaffalane. \v 11 Akkasuma ijaarsa dhaka'aa gugurdaa ka moototi Yihuda'aa akka diigamu godhane deebisanee haaressanee ijaariisaaf, dhakaa bocamee fi muka isa ittiin wol irra qaxxaamursanee jabeessanuu fi utuboota akka ittiin bitanu worra muka bocuu fi worra dhaka'aan mana ijaarutti kennane. \v 12 Namooti sun addatamumma'aan hujii san hujane; isaan irratti itti gaafatantoota worri te'ane Lewwoota sanyii Meraarii keessaa Yaahaatiitii fi Obaadiya'a; sanyii Qehaatotaa keessaa Zakaariyaasii fi Meshulaam. Lewwoota keessaa worri meya faaru'uu dhowiisaan qarummaa qabanu, \v 13 worra ba'aa ba'atanuu fi worra hujii adda addaatitti ramadamane toowataniiyyu; Lewwooti gariin barreessitoota, gariin qondaaltota, gariin eeddota karraa ti. \p \v 14 Isaan beesee gara Galma Mootii Waan Maraa fidane san baasiisatti adoo jiranuu, Hilqiiyaan hayyichi Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka karaa Muuse'eetiin kenname tokko dhagge. \v 15 Achiin duuba Hilqiiyaan, Shaafaanii barreessa'aan, «Ani kitaaba Seeraa Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhagge» jedhee, kitaaba san Shaafaanitti kenne. \v 16 Shaafaanille kitaaba san gara mootichaa geessee, mootichaan, «Kunoo, tajaajiltooti teeti waan ati ajajje mara hujiisatti jiran. \v 17 Isaan beesee Galma Mootii Waan Maraa keessaa fuudhanee itti gaafatantootaa fi hojjatootatti kennaneeran» jedhe. \v 18 Achiin duuba barreessaan Shaafaan, «Hilqiiyaan hayyichi kitaaba natti kenneera» jedhee, mootichatti himee, kitaaba san keessaa mooticha duratti dubbise. \v 19 Mootichi jechoota seeraa yennaa dhage'e gaddaan woyaa ifii tarsaase. \v 20 Achiin duuba Hilqiiyaa, ilma Shaafaanii Ahiiqaam, ilma Miikiyaasii Abdoon, Shaafaanii barreessa'aa fi tajaajilaa mootichaa Asaayaa ajajee, \v 21 «Dhaqa'aatii, waan kiyya, waan worra Yihuda'aa fi Israa'el keessatti baraaree hafee waan Kitaaba Seeraa ka dhaggame kana keessatti barreeffamee Mootii Waan Maraa gaafadha'a; abbootiin teenna ta durii jecha Mootii Waan Maraa waan hin eegatiniif, waan kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffameefille waan hin ajajaminiif, mufiin Mootii Waan Maraa nu irratti dhangalaateerti» jedhe. \p \v 22 Hilqiiya'aa fi namooti mootichi isa woliin erge sun gara raagittii, «Huldaa» jedhantuu dhaqanee isi'itti himane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Toqihatii, ka akaakoo Hasiraa, ka woyaa mootichaa eegu ti; isiin qachaa Yerusaalemii kutaa lammeesso'oo keessa leetiiyyu. \v 23 Isiin isaaniin, «Namicha gara kiyya isin erge kanaan: Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, \v 24 ‹Kunoo, ani Mootiin Waan Maraa balaa abaarsa kitaaba mootii Yihuda'aa duratti dubbifame keessatti barreeffame mara, addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jiranu irratti hin fida. \v 25 Isaan na lakkisanee waaqota dhibi'iif hixaana waan aarsaneef, waan harki isaanii huje maraan tuttuqanee waan na aarsaneef, mufiin tiyya ta addee tana irratti dhangalaate hin dhaantu› jedha. \v 26 Mooticha Yihuda'aa ka Mootii Waan Maraa gaafatiisaaf gara kiyya isin ergeen: Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii waan jecha dhageetteetiif, \v 27 ‹Addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jirtu irratti jecha dubbatame yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee, ifi gad qaddee, woyaa teetii tarsaattee, ana Mootii Waan Maraa duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera. \v 28 Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii biratti nageyaan akka awwaalantu hin godha; addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jirtu irratti balaa ani fidu mara ilti teeti hin dhaggitu› jedha» jette; worri ergamane sunille deebi'anee deebii isiin kennite mara mootichatti himane. \p \v 29 Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi jaarsolee Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara wolitti qabee, \v 30 kolbaa Yihuda'aa, kolbaa Yerusaalem keessa leetu, hayyootaa fi Lewwoota mara, kolbaa mara diqqa'aa fi guddaa woliin gara Galma Mootii Waan Maraa ol baye. Inni jecha Kitaaba Gondooro'oo ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggamee san mara kolba'aaf dubbise; \v 31 Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin eegatiisaaf, Gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfantelle'eef ajajamiisaaf, utubaa ifii bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondooroo godhe. \v 32 Achiin duuba namooti Yerusaalemii fi lafa Beniyaaminii keessaa dhufane marti Gondooroo tanatti akka wolii galanu godhe; namooti Yerusaalemii akkuma Waaqi abbootii isaanii ta durii isaan ajajetti Gondooroo tana muummessane. \v 33 Mootichi Yosiyaasille waaqota dharaa diqachiisaa mara biyya Israa'elii mara keessaa balleessee, namooti Israa'el keessatti dhaggamanu marti Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka Waaqonfatanu godhe. Haga inni lubbu'uun jiru isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii tajaajiliisa irraa duubatti hin deebine. \c 35 \s1 Yosiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilise \p \v 1 Yosiyaas Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraatiif Jila Irra Dabaramaa jilise. Ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti hoolichi Jila Irra Dabaramaa qalame. \v 2 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessa akka tajaajilanuuf hayyoota jajjabeessee, hujii hujii isaaniititti isaan ramade. \v 3 Lewwoota worra Israa'eloota mara barsiisanuu fi worra Mootii Waan Maraatiif woyyoomeen, «Saanduqa Gondooro'oo woyyittii ta Mootii Waan Maraa, Galma Mootii Waan Maraa ka ilmi Daawitii, mootiin Israa'elii Solomoon ijaare keessa keya'a malee, gurmuu teessan irratti hin ba'atina'a! Ammalle Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi kolbaa isaa Israa'el tajaajila'a! \v 4 Akkuma seera mootiin Israa'elii Daawitii fi ilmi isaa Solomoon barreessiisaan seera isinii dhaabanetti, akka maatii maatii abbootii teessaniititti kutaa kuta'aan tajaajilaaf qophowa'a. \v 5 Akka maatii maatii abbootii kolba'aa, obboleeyyan teessan worra kaaniititti, akka kutaa kutaa maatii abbootii Lewwootaatitti, addee woyyittii dhaabbadha'a. \v 6 Ifi woyyoonsa'aatii hoolee Jila Irra Dabaramaa qala'a; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje, hoolee qalame san fira keessan kolbaa Israa'eliitiif qopheessa'a» jedhe. \p \v 7 Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi Jila Irra Dabaramaatiif, loon ifii irraa, tika hoole'ee fi re'ee ifii irraa buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi supheelee re'e'ee kuma soddoma, dardaroota kuma sad kolbaa achitti wolitti qabante san maraaf kenne. \v 8 Sooressitooti isaalle fedha ifiitiin kolba'aaf, hayyootaa fi Lewwootaaf kennane. Sooreyyiin Galma Waaqaa Hilqiiyaan, Zakaariyaasii fi Yehii'el kennansa Jila Irra Dabaramaatiif dhikaatu hoole'ee fi re'ee'e kuma lamaa fi dhibba jaa, loon dhibba sad kennane. \v 9 Qondaaltoti Lewwootaa Konaaniya'aa fi obboleeyyan isaa Shemaa'iyaa fi Nataani'el, akkasuma Hashabiiyaan, Yeyi'elii fi Yozaabaad kennansa Jila Irra Dabaramaatiif hoole'ee fi re'ee'e kuma shan, loon dhibba shan Lewwootaaf kennane. \p \v 10 Hujiin marti yennaa qophootte akkuma mootichi ajajetti hayyooti addee ifiititti, Lewwootille addee addee ifii qabatanee tajaajilaaf dhaabbatane. \v 11 Hooloti Jila Irra Dabaramaa gorra'amanee, Lewwooti gogaa irraa baasiisatti adoo jiranuu, hayyooti dhiiga hoolotaa ka fuudhane san fiffixxe. \v 12 Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffametti, kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, akka maatii maatii abbootii isaaniititti kolba'aaf kenniisaaf adda baasane; dardaroota looniille akkasuma godhane. \v 13 Lewwooti akkuma ajajamanetti hoolee Jila Irra Dabaramaa san woddane; kennansa woyyicha san okkote'etti, ibido'oo fi disti'itti iffeelanee ariiti'iin kolba'aaf geessane. \v 14 Duubarra ifiif, hayyootaafille qopheessane; hayyooti sanyii Aaronii kennansa gubamuu fi cooma ciinceffamu haga galgalaatitti dhikeessaa waan turanuuf, Lewwooti ifii fi hayyoota sanyii Aaroniitiif kennansa Jila Irra dabaramaa qopheessane. \v 15 Faarsitooti sanyiin Asaafii akkuma Daawiti, Asaafi, Hemaanii fi Yedutuun raagichi mootichaa isaan ajajanetti addee ifii dhaabbatane; firri isaanii Lewwooti waan isaaniif barbaachisu waan isaaniif qopheessaneef, eeddoti karraa ta karra tokko tokko bira jiranu addee addee ifii hin lakkinne. \p \v 16 Maarre Jila Irra Dabaramaa jilifatiisaan, kennansa gubamu addee ciinca'aa irratti Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan, akkuma mootichi Yosiyaas ajajetti hujiin Mootii Waan Maraa marti guyyuma san muummotte. \v 17 Yennaa san Israa'elooti addee sanitti dhaggamane Jila Irra Dabaramaa jilifatane; jila daabboo uukoo hin qanneelle guyyaa torba jilifatane. \v 18 Bara Saamu'elii raagichaatii jalqabanee Israa'el keessatti jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifantee hin beekanu; mootota Israa'elii keessa mootichi Yosiyaas hayyoota, Lewwoota, Yihudootaa fi Israa'eloota mara, kolbaa Yerusaalemii worra addee sanitti dhaggamane woliin Jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifatanee hin beekanu. \v 19 Jilti Irra Dabaramaa tun Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jilifante. \s1 Yosiyaas Ijjeefame \p \v 20 Yosiyaas waan kana mara Galma Waaqaatiif hujeen duuba, mootiin Gibxi'ii Nekoon qachaa Karkemiishii ka laga Efraaxiisii biraatitti isa loliisaaf duule; Yosiyaasille isa loliisaaf baye. \v 21 Nekoon ammoo namoota isatti ergee, «Ee mootii Yihuda'aa! Anii fi ati maaf wol lolla? Ani diinota kiyya loliisaaf dhufe malee si loliisaafii moti; Waaqi akka ani ariifadhu na ajajeera, akka inni si hin balleessine Waaqa na woliin jiru kana hin mormin» jedhe. \v 22 Yosiyaas ammoo nama dhibii fakkaatee isa loliisaaf baye malee duubatti hin deebine; dirree Megidootitti isa loliisaaf dhaqe malee waan ajaja Waaqaatiin Nekoon isatti hime hin caqanne. \p \v 23 Worri guube'een lolu daayaan mooticha Yosiyaas woraane; innille tajaajiltoota ifiitiin, «Ani akka malee madoweera, na fuudha'aa deema'a» jedhe. \v 24 Maarre tajaajiltooti isaa sun garreettaa fardaan harkifamu ka isaa irraa isa buusanee, garreettaa isaa ka fardaan harkifamu ka dhibii keessa keyanee gara Yerusaalemii isa geessane. Inni achumatti du'ee addee awwaala abbootii ifii ta duriititti awwaalame. Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii marti Yosiyaasiif bowane. \p \v 25 Ermiyaasille faaruu gaddaa Yosiyaasiif baase; haga adhaalle faarfattooti dhiiraatii fi dubartootaa marti faaruu gaddaa ta ifii keessatti waan Yosiyaasii dubbatan. Wonni kun Israa'el keessatti akka seerataa teetee kitaabota wolaloo gaddaa keessatti barreeffanteerti. \v 26 Akkuma seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas hujee fi hujiin isaa ta jaalala bara baraa, \v 27 hujiin isaa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreefanteerti. \c 36 \s1 Mootii Yihuda'aa Yeho'ahaaz \r (2 Mot. 23:30-35) \p \v 1 Kolbaan Yihuda'aa ilma Yosiyaasii Yeho'ahaaz fuudhanee addee abbaa isaatitti Yerusaalem keessatti mootii godhane. \v 2 Yeho'ahaaz yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sad bulche. \v 3 Achiin duuba mootiin Gibxi'ii barcumaa mootumma'aa ka Yerusaalem jiru irraa isa buusee, kolbaan Yihuda'aa meetii kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afur gibira itti mure. \v 4 Mootiin Gibxi'ii Nekoon obboleessa Yeho'ahaazii Eliyaaqim Yerusaalemii fi Yihudaa irratti mootii godhee, maqaa isaalle jijjiiree «Yehoyaaqiim» jedhe. Obboleessa Eliyaaqimii Yeho'ahaaz ammoo gara Gibxi'ii geesse. \p \v 5 Yehoyaaqiim yennaa Yihudaa irratti mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii tokko bulche. Inni Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. \v 6 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yihuda'atti duulee Yehoyaaqiim qabee gara Baabilonii isa geessiisaaf haachaba sageettu'uutiin hidhe. \v 7 Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa garii fuudhee mana mootummaa ifii ka Baabilon keessaa keessa keyate. \v 8 Wonni dhibiin ta mootichi Yehoyaaqiim huje, wonni diqachiittuun inni hujee fi wonni hantuun isatti dhufe marti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti; ilmi isaa Yehoyaakiin addee isaatitti mootii te'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin \r (2 Mot. 24:8-17) \p \v 9 Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti\f + \fr 36:9 \fr*\fqa Woggaa kudhanii saddeeti: \fqa*\ft Barreeffam Ibrootaa tokko \ft*\fqa woggaa saddeeti \fqa*\ft jedha.\ft*\f*; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sadii fi guyyaa kudhan bulche; innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 10 Woggaa keessa ji'a furmaataa Nebukadnezaariin mootichi namoota ergee, meya Galma Mootii Waan Maraa ka gatii guddo'oo woliin gara Baabilonii isa geesse. Achiin duuba obboleessa isaa ka abbaa diqqaa Zedeqiiya'aa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem irratti mootii godhe. \s1 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa \r (2 Mot. 24:18-20; Erm. 52:1-3) \p \v 11 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa kudhanii tokko bulche. \v 12 Innille Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. Jecha Mootii Waan Maraa ka dubbate Ermiyaasii raagicha duratti gad hin jenne. \v 13 Nebukadnezaarii mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiise irratti finqila kaase. Inni ajajamuu didee, gadhaa jabaate malee gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin deebine. \v 14 Itti dabalanee qondaaltoti hayyootaatii fi kolba'aa ka hin addatanne te'anee aadaa diqachiittuu gosa biyya adda addaa hordofanee, Galma Mootii Waan Maraa ka inni Yerusaalem keessatti woyyoonfate batteessane. \s1 Jinnana Yerusaalemii \p \v 15 Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii isaanii ta durii, kolbaa ifiitiif, Galma ifiitiifille marartii waan qabuuf, yennaa bacaa raagota ifii gara isaanii ergee, isaan ifi eeggachiiseeraayyu. \v 16 Isaan ammoo haga mufiin Mootii Waan Maraa ta jalaa bayanee hin dandeenne kolbaa isaatitti dhuttetti, ergantoota Mootii Waan Maraa irratti murganee, jecha isaalle tuffatanee raagota isaa salphisane. \v 17 Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootii Baabilonii isaan irratti kakkaasee, inni dargaggoota dhiira isaanii addee woyyittii keessatti shallaaga'aan ijjeese; ijoollee dhiiraatii fi ta durraa, jaarsa dulloome yookiin gergeshe maraafille gadhaa hin laanne. Mootiin Waan Maraa isaan mara harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne. \v 18 Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa gugurda'aa fi didiqqaa mara, qabeenna Galma Waaqaa, qabeenna mana mootumma'aatii fi qondaaltota mootichaa mara fudhatee gara Baabilonii geesse. \v 19 Isaan Galma Waaqaa ibiddaan gubanee, dalleya qachaa Yerusaalemiille diiganee, mana mootumma'aa isaa mara ibiddaan gubanee, meya gatii guddo'oo ka isaa mara balleessane. \v 20 Inni worra shallaagaa jalaa miliqee hafe booji'ee gara Baabilonii geessee, isaan haga mootummaan worra Faaresii dhaabantetti, tajaajiltoota mootichaatii fi ilmaan isaa te'ane. \v 21 Akkasiin jechi Mootii Waan Maraa ka karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatame muummowee, woggaa torbaatama haga isaan biyya itti booji'amane keessa le'anu kana mara latti ontee, foora Sanbataa ka woggaa torbaa ka dur dhadde dhaggatte. \s1 Mootiin Faaresii Qiiros Yihudooti Boojuu Irraa Akka Deebitu Ajaje \p \v 22 Jechi Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummowu, mootiin Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yaadaa isaa kakkaase; tanaaf inni mootummaa ifii mara keessa lassii lassiisee, barreeffamaan baasee, \v 23 mootiin Faaresii Qiiros, «Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, mootummaa biyya lafaa mara naaf kennee, Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaruuf na ajajeera; kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; innille gara Yerusaalemii dhaquu ti» jedhe.