\id 1TI - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Ximootewoos \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Ximootewoosii Erge Ta Qaraa \toc2 1 Ximootewoos \toc3 1 Xim. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Ximootewoosii Erge \mt2 Ta Qaraa \imt Seensa \ip Dargaggeessi Kiristaanichi ka Ximootewoos jedhamu, dhalootaan nama Asiyaa diqqa'aa ti; haati isaa nama gosa Yihudi'ii yoo teetu, abbaan isaa ammoo nama gosa Giriikiiti. Inni hujii ergaa Oduu gammadaatiin waa'elaa fi qarqaaraa Phawuloosii te'eera. Ergaan Phawuloos Ximootewoosiif barreesse ta qaraa, yaada gugurdaa sad irratti xiyyeeffatti. Waan duudi'iin qara ergaan isaa tun barsiisa dharaa ka wolde'a kiristaanaa keessatti ka'e irraa ta ifi eeggachiittu. Barsiisi haarenni kun gamis yaada Yihudootaa, kuun yaada worra Yihudoota hin te'inii yoo te'u, «Biyyi lafaa cubbu'uun ta badde waan teeteef, fayyinni ka dhaggamu beekkumsa dhossa'aa ka adda te'een, sagalee gari'ii fi fuudhaa heeruma irraa ifi eegu'uun» yaada jedhu irratti ka hundayeeru. Ammalle ergaan tun marroo bulchiinsaa fi qajeelcha sirna waaqonfata wolde'a kiristaanaa, akkasuma adaba sooreyyi'ii fi qarqaartoleen wolde'a kiristaanaa qabaatiisaaf maltelle ta qaddu. Muummee irratti Ximootewoos tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii attam akka te'uu dande'uu fi wolde'a adda addaa irratti baallii qabu irratti gorsa isaa kenne dhaggina. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-2\ior* \io1 Qajeelcha wolde'a Kiristaanaatii fi tajaajiltootaaf kenname\ior 1:3—3:16\ior* \io1 Qajeelcha marroo hujii Ximootewoosiitiif kenname\ior 4:1—6:21\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Phawuloosii, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatii fi Yesuus Kiristoosii addii teenna te'eetiin, ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa, \p \v 2 Ximootewoosii dhugeeffanna'aan ilma dhuga'aa kiyya ite'e: \p Badhaadhi, mararti'ii fi nageenni Waaqa Abba'aatii fi Goottaa keenna Kiristoosii siif te'u.\x - \xo 1:2 \xo*\xt HuE. 16:1\xt*\x* \s1 Barsiisa Sobaa Irraa Ifi Eeggachiisuu \p \v 3 Yennaa gara Maqedooniya'aa dhaqu'uuf ka'e akkuma sitti hime kaan, worra garii ka barsiisa sobaa achitti barsiisu, biyya Efesoonii keessa teettee akka isaan dhooggitu fedha. \v 4 Oduu duriitii fi laakkossa sanyii abbooti'ii ka dhuma hin qanne, akka lakkisanu isaanitti himi. Wonni isaan godhanu kun moromaa callaa kaatti malee, hujii Waaqaa ta dhugeeffanna'aan hujantuuf ta teetuu moti. \v 5 Yaadi ajaja kanaa ammoo jaalala gadhaa qulluu irraa, wodanaa dansa'aa fi dhugeeffannaa dhuga'aa irraa ka ka'e. \v 6 Worri gariin kana irraa deebi'anee gara dubbii bu'aa hin qannee deebi'aneeran. \v 7 Isaan barsiisota seera Waaqaa te'iisaaf barbaadan, ammoo waan dubbatanuuyyuu yookiin waan guutannee beenna jedhanuuyyuu hin hubatanu. \p \v 8 Nami akka dansaa ittiin yoo huje seerri dansaa akka te'e hin beenna. \v 9 Akkasuma seerri worra balchootaaf akka hin tumamin hin beenna; seerri worra seera balleessuuf, yakkaameyyi'iif, worra Waaqa malee jiraatanuuf, worra cubbaaleyyi'iif, worra woyyummaa hin qanneef, worra dhugeeffannaa hin qanne, worra abbaa yookiin haadha ijjeesuuf, ijjeettu'uuf, \v 10 sagaagaltootaaf, dhiira wol bukkoonsituuf\f + \fr 1:10\fr*\fqa Bukkoonsituuf: \fqa*\ft Dabeessituuf yookiin gootuuf\ft*\f*, worra nama butee gurguruuf, worra nama sobuuf, worra dharaan kakatuu fi worra waan barsiisa sirrii te'een masaanuu te'u mara godhuuf tumame. \v 11 Barsiisi sirrii te'e ammoo Wongeela ulfaataa Waaqa galateeffama'aa, ka ani lallabuuf inni natti kenne keessatti dhaggama. \s1 Phawuloos Waaqa Galateeffate \p \v 12 Ani Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, ka addatamaa godhee na laakkowee tajaajila ifiitiif muudee na jabeesse hin galateeffadha. \v 13 Ani tanaan qara isa faanshessaa, miidhaa irratti geessisaa nama hunnaan isatti ka'u te'ulle, dhugeeffannaa dhabaa fi wollaalchaan tana waan godheef marartii dhaggadheera.\x - \xo 1:13 \xo*\xt HuE. 8:3; 9:4-5\xt*\x* \v 14 Dhugeeffanna'aa fi jaalaltii Yesuus Kiristoosiin dhaggantu woliin badhaadhi guddaan Goottaa keennaa naaf dhangala'eera. \v 15 Dubbiin, «Kiristoos Yesuus cubbaaleyyii fayyisiisaaf gara biyya lafaa dhufe» jettu dhugitti'ii fi guutuma guutu'utti ta fudhatamuu malte. Cubbaaleyyii san keessaalle'ee, cubbaalessi sara tare ana. \v 16 Teetu malee, Yesuus Kiristoos worra cubbaaleyyii keessaa, na cubbaalessa sara tareef ossa ifii ka haga hin qanne mudhisiisaaf, worra isatti dhugeeffatu'uu jiruu fi worra jiruu bara baraa dhaggatu'uu jiruuf, fakkeenna akka te'uuf marartii isaa dhaggadheera. \v 17 Amma mootii bara baraa, ka hin duunee fi ka ilatti hin mudhanne, Waaqa tokkochuma saniif, baruma baraan guddinnii fi ulfinni isaaf te'u! Ameen. \p \v 18 Ilma kiyya, Ximootewoos, tanaan qara waan keetiif dubbiin raagaa akkuma dubbatte, isii tanaan miidhassitee akka loltuuf ajaja kana magannee sitti kenna. \v 19 Dhugeeffanna'aa fi wodanaa dansaa qabaadhu. Worri gariin wodanaa ifii tuffatiisaan, akkuma hoboloon guddittiin danbali'iin baddu dhugeeffannaa ifii balleessaneeran. \v 20 Himnewoosii fi Iskindir fa'alle, jara san keessa jiran; ani akka isaan Waaqa faanshessuu dhiisuu baratanu adaba hunna Seexanaatitti dabarsee isaan kenneera. \c 2 \s1 Waaqonfannaa Wolde'a Kiristaanaa \p \v 1 Amma waan duudi'iin dura, iyyannoon, daadimannaan, worra dhibi'iif daadimatu'uu fi galata dhikeessuun Waaqa duratti nama duudi'iif akka godhamuuf gorsa. \v 2 Nageyaa fi sarmiisaan\f + \fr 2:2\fr*\fqa Sarmiisaan: \fqa*\ft Sirnyaan\ft*\f*, Waaqa soda'aa fi adaba dansa'aan akka leenu, moototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi'iif daadimadha'a. \v 3 Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa'aa fi ka fudhatama qabu. \v 4 Inni nami duudiin akka fayyuu fi dhugaa akka beeku barbaada. \v 5 Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te'ee ka mudhate Yesuus Kiristoos. \v 6 Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte. \v 7 Maarre anille sababa kanaaf dhugeeffanna'aa fi dhugaa lallabiisaaf ergama'aa fi barsiisaa te'ee, gara worra Yihudoota hin te'inii ergame. Ani dhugaa dubbatiisatti jira malee hin sobu. \p \v 8 Worri dhiiraa addee maratti aari'ii fi moromaa malee, yaada qullu'uun harka isaanii ka woyyoome ol kaasanee akka daadimatanu barbaada. \v 9 Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi'iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisa adoo hin te'in, ifi qabattee woyaa isi'iif malte akka uffattu barbaada.\x - \xo 2:9 \xo*\xt 1 Phex. 3:3\xt*\x* \v 10 Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti. \v 11 Dubartiin cadheessaa fi ajajamaan barattuu ti. \v 12 Isiin akka barsiittu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani hin eeyyamu; isiin cadhisuu qaddi. \v 13 Sababille Addaam matooma dadamee, Heewwan ammoo achiin duuba dadante. \v 14 Ka sobamelle Addaamii moti; sobantee seera Waaqaa ta cassite dubartitti'i. \v 15 Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna'aa fi jaalalaan, woyyumma'aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti. \c 3 \s1 Ulaagaa Sooreyyii Wolde'a Kiristaanaa \p \v 1 Nami tokko sooressaa\f + \fr 3:1\fr*\fqa Sooressa: \fqa*\ft Toowataa\ft*\f* Wolde'a kiristaanaa te'iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga'a. \v 2 Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u, \v 3 nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne, \v 4 nama maatii ifii sirri'itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te'uu qaba. \v 5 Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande'ee wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande'a ree? \v 6 Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexanatti muranteetti akka hin jinne, nama dhikoo dhugeeffate hin te'in. \v 7 Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba.\x - \xo 3:7 \xo*\xt Tit. 1:6-9\xt*\x* \s1 Ulaagaa Qarqaartota Wolde'a Kiristaanaa \p \v 8 Akkasuma qarqaartoti\f + \fr 3:8\fr*\fqa Qarqaartoti: \fqa*\ft Diyaaqonooti\ft*\f* wolde'a kiristaanaalle worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu; \v 9 wodanaa qullu'uun dhossaa dhugeeffannaa dhuga'aa jabeessanee qabatuu qaban. \v 10 Isaan dursanee ilaallatamanuu ti; achiin duuba ka komii hin qanne yoo te'ane qarqaartota wolde'a kiristaanaa te'anee tajaajilanuu ti. \v 11 Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te'uu qaddi. \v 12 Qarqaartichi wolde'a Kiristaanaa tokko ka niitii takkaa qofa qabu te'ee, ijoolle'ee fi maatii ifii akka dansaa ka bulfatu te'uu qaba. \v 13 Qarqaartoti wolde'a kiristaanaa, worri hujii dansaa hujanu ulfinna guddaa dhaggatanee, marroo dhugeeffannaa ifii ta Yesuus Kiristoositti qabanuun jabeenna guddaa dhaggatan. \s1 Dhossaa Guddoo Dhugeeffanna'aa \p \v 14 Ani dafee gara keeti akka dhufu addii qaba, haga sanitti ammoo gorsa kana si'iif barreessaara. \v 15 Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba'aa fi hundee dhugaa wolde'a kiristaanaa ka Waaqa jiraata'aa ti. \v 16 Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf, \q1 «Inni foon uffatee mudhateera; \q2 dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera. \q1 Ergantoota Waaqaatitti mudhateera; \q2 kolbaa biyya lafaatiif lallabameera. \q1 Biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera; \q2 ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera» jedhamee himameera. \c 4 \s1 Barsiisota Dharaa \p \v 1 Bara duubaatitti namooti gariin, ayyaanota wollaalchisa'aa fi barsiisa durriisotaa hordofiisaan dhugeeffannaa irraa akka dacha'anu Ayyaanni Waaqaa qulleessee hima. \v 2 Barsiisi akkasii kijiboota dhara dubbatiisaan wodanaan isaanii akka sibiila o'aan gubamee dillaye irraa dhufa. \v 3 Worri kun «Fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a» jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata. \v 4 Wonni Waaqi dade duudiin dansa'a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu, \v 5 isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti. \s1 Tajaajilaa Dansaa Yesuus Kiristoosii \p \v 6 Barsiisa kana dhugeeffattoota yoo barsiitte, jecha dhugeeffanna'aatii fi barsiisa dhuga'aa ka hordotte saniin guddataa, tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii hin teeta. \v 7 Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjis. \v 8 Nafa jajjabeessu'uuf ifi leenjisuun bu'aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le'iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le'ii ammaatii fi ta dhuttulle'eef addii waan qabuuf karaa maraan bu'aa qaba. \v 9 Jechi kun jecha dhugicha guutuma guutu'utti fudhatamu'uu male. \v 10 Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi'ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te'etti waan addannuuf huji'iin dadhabaa farralle dhaggina. \p \v 11 Tana duudii isaan ajajii barsiisi. \v 12 Dubbii afaan keeti keessaa baatuun, haasowaan, le'iin, jaalalaan, dhugeeffanna'aa fi qulqullumma'aan dhugeeffattootaaf fakkeenna te'i malee, dargaggeessa waan teeteef eennulle si hin tuffatin. \v 13 Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba'aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu. \v 14 Kennansa yennaa raagoti dubbattee fi jaarsoleen wolde'a kiristaanaa harka ifii si irra keette si'iif kenname, kennansa Ayyaanaa ka si keessa jiru san hin dagatin. \v 15 Akka nami duudiin guddinna keeti dhaggu waan kana ifi kennii huji. \v 16 Ati mataa keetii fi barsiisa keeti midhassii ilaalladhu, waan kana itti jabaadhu; akkas godhiisaan mataa keetii fi worra si dhage'u hin fayyitta. \c 5 \s1 Akka Dhugeeffattoota Itti Qabatanu \p \v 1 Jaarsa akka abba'aatitti gorsi malee hin xixin; dargaggageeyyii dhiiraa ammoo akka obboleeyyaniititti qabadhu; \v 2 jaartii akka haadhaatitti, dubartii ka'ima akka obboleettii tiru'uu yaada qullu'uun qabadhu. \p \v 3 Dubartii dhugumaan haadha hiyyeessaa teete kabaji. \v 4 Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba'aaf, akko'oo fi akaakoo ifiitille'eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji'iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti. \v 5 Haati hiyyeessaa takka, ta nama isii qarqaaru hin qanne, addii ifii Waaqatti godhatee halkanii fi guyyaa qarqaarsa isaa gaafataa daadimataa leeti. \v 6 Haati hiyyeessaa takka ta gammada lafaa callaa jaalattu, aduma jirtuu duuteerti. \v 7 Nami tokkolle waan ittiin isaan komatu akka hin qabaanne, gorsa kana isaaniif kenni. \v 8 Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama'a. \p \v 9 Haadha hiyyeessaa ta woggaan isi'ii jaatamaa gadi te'e, galmee haadhotiin hiyyeessaa itti galmeeffantutti hin galmeessin. Isiin sunuu ta dhirsa tokko qofa heerumteertu te'uu qaddi. \v 10 Akkasuma ijoollee guddisiisaan, keessummaa fudhatiisaan, miila kolbaa Waaqaa dhiqiisaan, worra rakkate qarqaariisaan, hujii dansaa mara hujiisaa fi ifi kenniisaan ta gurra dansaa qaddu te'uu qaddi. \p \v 11 Haadhotii hiyyeessaa ta ka'ima teete ammoo, galmee san keessa hin galchin; sababille halchaan foonii yennaa itti hammaatte, Kiristoos irraa deebi'anee heerumuu barbaaddan. \v 12 Maarre isaan waadaa Kiristoosiif matooma galane diiganee muraa ifi irratti fidatan. \v 13 Ammalle isaan hujii malee tee'uu fi mana kanaa kaan labiisa baratan; tana qofa adoo hin te'in, nama hamataa dubbii namaa keessa galaa, waan dubbatu'uu hin malle ka dubbatanu te'an. \v 14 Tanaaf diinni hantuu nu'u irratti dubbatuuf karaa akka hin dhagganne, haati hiyyeessaa ka'intittiin heerumtee ijoollee deettee, mana ifii akka bulfattu gorsa. \v 15 Isaan keessaa gariin tanaan qaraa Seexana hordofiisaaf karaa dhugeeffanna'aa irraa goraneeran. \v 16 Dubartiin dhugeeffatte takka ammoo, haadha hiyyeessaa maatii ifii keessaa yoo qabaatte, akka isaan wolde'a Kiristaanaatitti ba'aa hin teene qarqaartuuti; wolde'i Kiristaanaa ammoo, dubartoota abbaan manaa irraa du'e, ta ijjumaa qarqaarsa hin qanne qarqaaruu ti. \p \v 17 Jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka dansaa sooressitu, keessumattuu ta jabaattee lalladdee barsiittuuf, ulfinna gudda'atti male. \v 18 Barreeffam Woyyichi, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin», akkasuma, «Hojjata'aaf mindaan kennamuu qaba» jedha.\x - \xo 5:18 \xo*\xt Mat. 10:10; Luq. 10:7\xt*\x* \v 19 Dhugaa baatota lama yookiin sad yoo qabaate malee, himata jaarsa tokko irratti dhiyaatu hin fudhatin. \v 20 Worri dhibiin akka sodaatu, worra cubbuu huju addee nami mara jirutti xixi. \p \v 21 Waan gootu mara namuufuu adoo hin golin, yookiin adoo wol hin caalchisin gorsa kiyya akka muummessitu Waaqa duratti, Yesuus Kiristoosii fi ergantoota Waaqaa ta fooyante duratti si ajaja. \v 22 Namoota tajaajila Waaqaatiif muudiisaaf ariifattee harka irra hin keyin. Cubbuu worra dhibi'ii keessa hin galin; mataa keeti qulqullumma'aan eegi. \p \v 23 Gadhaa keetii fi dhibee deddeebitee sitti kaatuuf, daadhii woyni'ii diqqoo uni malee haganaa achi bisaan callaa hin unin. \v 24 Cubbuun worra gari'ii ifa teete waan mudhattuuf, dursitee muraa isaanii akeetti; cubbuun worra gari'ii ammoo duuba irra mudhatti. \v 25 Akkasuma hujiin dansaan ifa teetee mudhatti, ta hin mudhannelle dhokattee hin hattu. \c 6 \p \v 1 Worri waanjoo\f + \fr 6:1\fr*\fqa Waanjoo: \fqa*\ft Qambaraa\ft*\f* garbumma'aa jala jiru maqaan Waaqaatii fi barsiisi keenna akka hin arraffanne, goottoti isaanii ulfinna guutuu akka dhaggatiisaaf malanetti laakkowanuu ti. \v 2 Garbooleen goottoti isaanii dhugeeffattoota te'ane, lamaanuu woliif Gootta'aan obboleeyyan waan te'aneef, goottota ifii tuffatiisa hin qabanu. Addee san, goottoti isaanii dhugeeffattootaa fi jaalota tajaajila isaanii irraa ka bu'aa dhaggatanu waan te'aneef, ta durii caalaa isaan tajaajilanuu ti. Tana barsiisii gorsi. \s1 Barsiisa Sobaatii Fi Durummaa Dhuga'aa \p \v 3 Nami barsiisa sobaa barsiisaa, jecha sirrii te'e ka Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi ka ittiin Waaqa waaqonfatanuun wolii hin galle yoo jiraate, \v 4 nami akkasii nama kooraan ifi bokossee womaa hin beenne. Inni jechoota irratti moroma'aa fi lolaaf fedha hamaa ifi keessaa qaba. Wonni kun ammoo hinaaffaa, wol dhaba, arrabaa fi mama badaa fiddi. \v 5 Wol mormiin worra qalbii hin qanne irraa dhutti, isaan dhugaan waan irraa fudhatanteef dhugeeffannaa karaa karra dhaggatiisaa seyan. \p \v 6 Dhugeeffannaan, nama waan qabuun dande'ee le'u biratti bu'aa guddaa qaddi. \v 7 Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. \v 8 Ammoo woya'aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti. \v 9 Worri durummaa barbaadu ataabe'etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu'uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman. \v 10 Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi'ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera. \s1 Gorsa Phawuloos Ximootewoosiif Kenne \p \v 11 Ati nami Waaqaa ammoo, waan kana duudii irraa fagaadhu; balchummaa, akka nama Waaqaa le'uu, dhugeeffannaa, jaalala, ciniinnatanee ossu'uu fi qajeelummaa hordof. \v 12 Lola dansaa dhugeeffanna'aa loli. Jiruu bara baraa ta yennaa gara isaa waammante dhugaa baatota hedduu duratti dhugaa baate qabadhu. \v 13 Fuula Waaqa waan duudi'iif jiruu kennuutii fi Yesuus Kiristoosii Phonxoos Philaaxoos duratti dhugeeffannaa ifiitiif akka dansaa dhugaa baye duratti si ajaja.\x - \xo 6:13 \xo*\xt Yoh. 18:37\xt*\x* \v 14 Haga guyyaa Goottaan keenna Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatuutitti ajaja kana balleessa'aa fi komii malee eegadhu. \v 15 Waaqi eebbifama'aa fi qofuu Bulchaa te'e, Mootichi moototaa, Goottaan goottotaa guyyaa ifii murteessetti mudhiin Kiristoosii teeti. \v 16 Ka hin duune isa qofa; inni ifa eennulle itti dhiyaatu'uuf hin dandeenne keessa le'a. Nami tokkolle isa hin dhaggine; eennulle isa dhaggu'uuf hin dande'u. Ulfinnii fi hunni bara baraa isaaf te'u! Ameen. \p \v 17 Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te'ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te'in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu'uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji. \v 18 Hujii dansaa akka hujanu, akka hujii dansa'aan dureeyyii te'anu, akka arjoomanuu fi waan qabanu qoodiisaaf ka qophowane akka te'anu ajaji. \v 19 Karaa kanaan jiruu dhuga'aa dhaggatiisaaf karra hundeen isi'ii jadduu teete bara dhufuuf kuufatan. \p \v 20 Ximootewoos! Waan maganne'een sitti kenname jabeessi eegi. Dubbii midhaan hin qanne, ta waan dhuga'aatiin mormituu fi moromaa gowwittii ta worri gariin «Beekkuma» jedhu irraa fagaadhu. \v 21 Worri gariin beekkumsa kana qanna jedhaa, karaa dhugeeffanna'aa irraa badeera. \p Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.