\id 1TH - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Worra Tasalonqe'ee \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Tasalonqe'ee Erge Ta Qaraa \toc2 1 Worra Tasalonqe'ee \toc3 1 Tas. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Worra Tasalonqe'ee Erge \mt2 Ta Qaraa \imt Seensa \ip Tasalonqeen qachaa guddaa lafa biyyi Rooma'aa bulchu, ta maqedooniyaa jedhamuu ti. Phawuloos, Filiphisiiyuus lakkisee deemeen duuba Tasalonqe'etti wolde'a kiristaanaa dhaabe. Teetuu malee, worri Yihudoota hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudootaa fudhatiisaaf dhiyaate, barsiisa dhugeeffanna'aa ka Phawuloos barsiisu waan jaalataneef, worri Yihudootaa gaabbee, Phawuloos irratti moromaa kaase. Tanaaf Phawuloos biyya Tasalonqe'ee lakkisee gara Beeriya'aa deemiisi dirqama itti te'e. Diqqoo turee, qachaa Qorontoosii geyeen duuba, waa'elli isaa Ximootewoos ka isa woliin huju waan wolde'a kiristaana Tasalonqee keessaa tokko tokkoon itti hime. \ip Phawuloos ergaa ifii ta gara worra Tasalonqe'ee qara erge keessatti, dhugeeffattoota achi jiranu jajjabeessiisaa fi mirkaneeffachiisiisaaf barreesse. Inni marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala isaanii, oduu dansaa waan dhage'eef Waaqa galateeffata; wodhakkaa isaaniititti yennaa dhaggame, le'ii attamii akka le'een isaan qaabata; achiin duuba gaaffii marroo dhufa lammoo Kiristoosiitiif, wolde'a kiristaanaa keessatti kaateef deebii kenna. Gaaffii san keessaa gariin: dhugeeffataan Kiristoos adoo deebi'ee hin dhufin dura du'e tokko, jiruu bara baraa ta deebi'ee dhufiis Kiristoosii fidu keessatti qooda hin dhaggataa? Kiristoos yoom deebi'ee dhufa? Ta jettu fa'a. Phawuloos daguu tana keessatti, «Deebi'ee dhufa Kiristoosii addi'iin adoo eegattanuu, cadhisa'aatii hujii teessan hujadha'a» jedhaa isaan gorsa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1\ior* \io1 Eebba galataatii fi leellisa\ior 1:2—3:13\ior* \io1 Gorsa adaba dhugeeffattootaatiif kenname\ior 4:1-12\ior* \io1 Gorsa marroo dhufa Kiristoosiitiif kenname\ior 4:13—5:11\ior* \io1 Gorsa muumme'ee\ior 5:12-22\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 5:23-28\ior* \c 1 \p \v 1 Phawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoos biraa: \p Wolde'a kiristaanaa, ka Waaqa Abba'aatii fi Goottaa Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf:\x - \xo 1:1 \xo*\xt HuE. 17:1\xt*\x* \p Badhaadhaa fi nageenni isiniif te'u. \s1 Jiru'uu Fi Dhugeeffannaa Worra Tasalonqe'ee \p \v 2 Nuuti daadimata keenna keessatti isin qaabataa, yennaa duudii marroo isin maraatiif Waaqa galateeffanna. \v 3 Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabanna. \v 4 Obboleeyyan tiyya, akka Waaqi isin jaalatee isin fooyate hin beenna. \v 5 Oduun Gammadaa ta nuuti isiniif lallanne hunnaan, Ayyaana Woyyichaa fi mirkaneeffata guutu'uun malee, oduu calla'aan gara keessan hin dhunne. Yennaa isin woliin turre, isiniif jennee attam akka leene hin beettan. \v 6 Isin guddoo rakkattanulle, ergaa Ayyaana Woyyicha irraa dhutte gammadaan fudhattanee, nu'uu fi Goottaa keenna fakkaattaneertan.\x - \xo 1:6 \xo*\xt HuE. 17:5-9\xt*\x* \v 7 Maarre isin dhugeeffattoota Maqedooniya'aa fi Akaayyaa keessa jirtu duudi'iif fakkeenna teetaneertan. \v 8 Dubbiin Gootta'aa ta isin biraa kaate, Maqedooniya'aa fi Akaayya'atti dhage'amuu callaa adoo hin te'in, dhugeeffannaan isin Waaqatti qaddanu addee mara dhaqqaddeerti. Tanaaf marroo waan kanaa womaa dubbatiisa nu hin barbaachisu. \v 9 Yennaa nuuti gara keessan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata'aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan. \v 10 Akkasuma isaan Ilma isaa Yesuus, ka ol-gubbaa irraa dhufu, ka inni du'a keessaa kaase, ka mufii Waaqaa ta dhuttu jalaa nu baasu akka eegattanu hin himan. \c 2 \s1 Hujii Phawuloos Tasalonqee Keessatti Huje \p \v 1 Obboleeyyan tiyya, gara keessan dhufiis keenna ka gatii hin qanne akka hin te'in isinuu hin beettan. \v 2 Nuuti gara keessan adoo hin dhufin dura, Filiphisiiyuusitti akka rakkannee fi arraffanne hin beettan. Mormiin guddoon nu dhaqqaddulle, Oduu Gammadaa ta isa irraa dhutte akka isiniif hinnu Waaqi keenna jajjabeenna nu'uuf kenne.\x - \xo 2:2 \xo*\xt HuE. 16:19-24; 17:1-9\xt*\x* \v 3 Nuuti dokonkoraan, yookiin yaada hammeennaatiin, yookiin maltumma'aan isin hin gorsine. \v 4 Waaqi nu addatee, Oduu Gammadaa maganne'een waan nutti kenneef hin dubbanna. Nuuti nama gammachiisiisaaf adoo hin te'in, Waaqa gadhaa keenna qoree ilaalu, gammachiisiisaaf tana goona. \v 5 Dubbii sossobaatiin, yookiin joljolummaa teenna gollannee gara keessan akka hin dhufin miidhassitanee hin beettan! Waan kana Waaqille hin beeka. \v 6 Nuuti isin irraa yookiin worra dhibii irraa, nama tokko irralle'ee galata hin barbaanne. \v 7 Nuuti akka ergantoota Kiristoosiititti waan barbaachisaa te'e isin gaafatuu hin dandeennaayyu. Ammoo akka haadha daa'ima ifii hoosittee guddittuu, qajeelumma'aan odduu teessan leene. \v 8 Nuuti waan guddoo isin jaalannuuf, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte callaa adoo hin te'in, jiruu teennalle isiniif qoodiisaaf qophoonneerraayyu. Sababille isin jaalota teenna! \v 9 Obboleeyyan tiyya, attam akka hunyee fi akka dadhanne hin qaabattan. Nuuti isin keessaa nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa hujataa, Oduu Gammadaa isiniif lallanne. \p \v 10 Isin worra dhugeeffattane oddu'utti adabi keenna qulluu, balcha'aa fi ka komii hin qanne akka te'e isin dhugaa baatota; Waaqille nuuf dhugaa baya. \v 11 Nuuti tokko tokkoo keessan, akka abbaan ijoollee ifii ilaalutti, akka ilaalle hin beettan. \v 12 Le'ii Waaqa gara mootummaa ifiitii fi ulfinna ifiititti isin waame gammachiittu akka leetanu isin gorsaa, jajjabeessaa, magannee isiniin jenneerra. \p \v 13 Nuuti marroo teessaniif yennaa maraa waan Waaqa galateeffannu qanna. Jecha Waaqaa, ka nuuti isiniif lallanne yennaa dhageettane, akka dubbii namaa adoo hin te'in akka jecha Waaqaatitti fudhattaneertan; jechi kun dhugumaan jecha Waaqaa, kama isin worra dhugeeffattane keessatti hujiisatti jiru. \v 14 Obboleeyyan tiyya, isin fakkeenna worra biyya Yihuda'aa, ka Yesuus Kiristoosiin wolde'oota kiristaana Waaqaa te'anee hordottaneertan. Akkuma isaan harka worra Yihudootaatitti rakkatane, isinille harka kolbaa teessaniititti rakkattaneertan.\x - \xo 2:14 \xo*\xt HuE. 17:5\xt*\x* \v 15 Worri Yihudootaa Goottaa Yesuusii fi raagota ijjeesanee, nu'ulle miidhane. Isaan Waaqa hin gammachiisanu, nama tokkolle'een wolii hin galanu.\x - \xo 2:15 \xo*\xt HuE. 9:23,29; 13:5; 14:2; 5; 19; 17:5; 13; 18:12\xt*\x* \v 16 Worra Yihudoota hin te'iniif, jecha isaan fayyisuuyyuu akka hin dubbanne nu dhooggan. Akkasiin yennaa maraa cubbuu ifi irratti fakkanfataa deeman. Amma gara muumme'eetitti mufiin Waaqaa isaan irratti dhutteerti. \s1 Dharraa Phawuloos Deebi'ee Isaan Ilaaliisaaf Qabu \p \v 17 Obboleeyyan tiyya, gadhaan keenna adoo isin bira jiruu, yennaa diqqo'oof ilaan wol dhagguu dhannee gargar baanulle, waan guddoo isin dharraaneef ila teennaan isin dhaggiisaaf guddoo wodhaanneerra. \v 18 Nuuti gara keessan dhufiisaaf barbaanneerraayyu. Keessumattuu ani Phawuloos yennaa hedduu wodhaane; Seexanni ammoo nu kute. \v 19 Addiin teenna, gammadi keenna, kallachi ulfinnaa ka nuuti Yennaa Goottaan keenna Yesuus dhufu dura dhaabbannee, ittiin ifi jajnu isin malee eennu ree? \v 20 Dhugumaan, ulfinnii fi gammadi keenna isin. \c 3 \s1 Ximootewoos Gara Tasalonqe'ee Ergame \p \v 1 Maarre kana caalaa ossuu dadhannaan, qofii teenna ollaa Ateena'aatitti hafiisaaf murteeffanne.\x - \xo 3:1 \xo*\xt HuE. 17:15\xt*\x* \v 2 Dhugeeffanna'atti akka isin jabeessuu fi jajjabeessu, obboleessa keenna ka lallabaa Oduu Gammadaa ta Kiristoosii te'ee, nu woliin Waaqaaf tajaajilu Ximootewoos gara keessan ergineerra. \v 3 Sababa rakkinna kanaatiif nami tokkolle akka hin raafanne tana goone. Rakkinni akkanaa kun ka nu dhaqqabu'uu male akka te'e isinuu hin beettan. \v 4 Isin bira adoo jirruu akka rakkinni nu dhaqqabu dursineetuu hinneerra. Akkuma isin beettanu dhugumaan wonni kun teeteerti. \v 5 Waan kanaaf ani kana caalaa ossuu dadhannaan, Seexanni isin ataabee hujiin teennaalle tola fa'a baddee jiraatti jedhee sodaadhee, dhugeeffannaa teessan beekiisaaf Ximootewoos erge. \p \v 6 Amma ammoo Ximootewoos isin biraa deebi'ee, marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala keessanii oduu nu gammachiittu fidee dhufeera. Akka isin yennaa maraa waan dansa'aan nu yaadattanuu fi akkuma nuuti isin dhaggiisaaf guddoo dharraanu, isinille akka nu dhaggiisaaf dharraatanu inni nutti hime.\x - \xo 3:6 \xo*\xt HuE. 18:5\xt*\x* \v 7 Tanaaf obboleeyyan tiyya, rakkoo fi farra keenna maraa keessatti, sababa dhugeeffannaa teessaniitiif isiniin jajjabaanneerra. \v 8 Sababille Gootta'aan jabaattanee yoo dhaabbattane, jiruun teenna haareffantee leeti. \v 9 Nuuti fuula Waaqa keennaa duratti, gammada marroo teessaniif nutti dhage'ameef Waaqa galateeffanna. \v 10 Nuuti ila teennaan isin dhaggiisaa fi waan dhugeeffannaa teessan irraa dhidhatte guutiisaaf halkanii fi guyyaa jabeessinee daadimanna. \p \v 11 Amma Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus gara keessan akka dhunnu karaa nu'uuf qajeelchu! \v 12 Akkuma nuuti isin akka malee jaalannu, jaalaltiin isin wolii fi worra dhibii maraaf qaddanu ittuma dabalantee akka fakkantu Goottaan godhu. \v 13 Guyyaa Goottaan keenna Yesuus woyyoota ifii duudii woliin deebi'ee dhufutti, komii malee woyyumma'aan fuula Waaqa Abbaa keennaa dura akka jiraattanu inni isin jabeessu. \c 4 \s1 Jiruu Waaqa Gammachiittu \p \v 1 Muummee irratti, obboleeyyan tiyya, Waaqa gammachiisiisaaf attam akka leetanu nu irraa barattaneertan. Ammaa tana dhugumaan akka san le'iisatti jirtan; tana caalaalle akka gootanu, maqaa Goottaa Yesuusiitiin isin gaafataa isin gorsina. \v 2 Nuuti baallii Goottaa Yesuusiitiin ajaja isinii kennine hin beettan. \v 3 Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha. \v 4 Nami duudiin haadha manaa\f + \fr 4:4\fr*\fqa Haadha manaa: \fqa*\ft Nafa ifii\ft*\f* woyyumma'aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. \v 5 Akka worra Yihudoota hin te'inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin. \v 6 Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba. \v 7 Waaqi woyyumma'aan akka leenu malee, akka battumma'aan leenuuf nu hin waanne. \v 8 Tanaaf, nami barsiisa kana tuffatu, nama adoo hin te'in, Waaqa Ayyaana Woyyicha ifii isiniif kennu tuffata. \p \v 9 Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreessiisa hin barbaachisu. \v 10 Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina. \v 11 Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le'iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha'a. \v 12 Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu. \s1 Dhufa Gootta'aa \p \v 13 Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du'ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna. \v 14 Yesuus du'ee, du'a keessaa akka ka'e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du'e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna. \v 15 Akka barsiisa Gootta'aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi'ee dhufu adoo hin du'in jirru, worra du'eeru hin dursinu. \v 16 Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a; \v 17 achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.\x - \xo 4:17 \xo*\xt 1 Qor. 15:51-52\xt*\x* \v 18 Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa'a. \c 5 \s1 Dhufa Gootta'aatiif Qophowa'a \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu. \v 2 Guyyaan Gootta'aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan.\x - \xo 5:2 \xo*\xt Mat. 24:43; Luq. 12:39; 1 Phex. 3:10\xt*\x* \v 3 Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu. \v 4 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu'uu isinitti hin dhufu. \v 5 Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya'aa ti. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti. \v 6 Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi'ii me rannuu ti. \v 7 Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa. \v 8 Nuuti ammoo worra guyya'aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna'aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti.\x - \xo 5:8 \xo*\xt Efe. 6:13-17\xt*\x* \v 9 Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne. \v 10 Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu'uuf du'e. \v 11 Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara'a. \s1 Gorsaa fi Nageya Muumme'ee \p \v 12 Obboleeyyan tiyya! Worra odduu teessanitti jabaatee hujaa, karaa Gootta'aatiin isin sooressuu fi gorsu akka ulfeessitanu isin kadhanna. \v 13 Sababa hujii isaan hujanuutiif jaalalaan guddisa'aa isaan ulfeessa'a. Isinille woliif nageya qabaadha'a. \p \v 14 Obboleeyyan tiyya! Worra hujii jibbu akka xixxanu, worra yaraa akka jajjabeessitanu, worra dadhabaa akka qarqaartanu, nama maraaf akka ossattanu isin gorsina. \v 15 Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi'iif dansaa godhiisaaf yaadadha'a malee, nami tokkolle waan hantu'uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha'a. \p \v 16 Yennaa mara gammada'a; \v 17 yennaa mara daadimadha'a; \v 18 waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha'a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana. \p \v 19 Ayyaana Woyyicha hin ukkaansina'a; \v 20 jecha raagaa hin tuffatina'a; \v 21 ammoo waan maraa qorqora'aa ilaala'a; waan dansaa qabadha'a; \v 22 waan hantuu duudii irraa fagaadha'a. \p \v 23 Waaqi Abbaan nageyaatuu, guutumatti isin woyyoonsu; ayyaanni keessan, lubbuun teessanii fi nafi keessan duudiin komii malee, guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif eegamu. \p \v 24 Ka isin waame addatamaa waan te'eef, inninuu tana hin godha. \p \v 25 Obboleeyyan tiyya! Nu'uufille daadimadha'a. \p \v 26 Sunqata woyyichaan dhugeeffattoota duudii nageya fuudha'a. \p \v 27 Ergaa tana akka dhugeeffattoota duudi'iif dubbittanu maqaa Gootta'aatiin maganne'e isiniin jedha. \p \v 28 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.