\id 1SA - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Saamu'elii \toc1 Kitaaba Saamu'elii Ka Qaraa \toc2 1 Saamu'elii \toc3 1 Sam. \mt Kitaaba Saamu'elii Ka qaraa \imt Seensa \ip Kitaab Saamu'elii ka qaraa Israa'elooti bulchiinsa abbootii mura'aa irraa gara bulchiinsa mootummaa mooti'iititti akka dabarane mudhisa. Jijjiiram kun irra caalaa jiruu namoota sad keessatti Israa'el keessatti te'e; isaan keessaa abbootii mura'aa gugurdoo ta dhuma irraa keessaa ka tokkeesso'oo Saamu'el; ka lammeesso'oo mootii Israa'elii ka jalqabaa Saa'ol; ka sadeesso'oo ammoo Daawiti ka aangoo adoo hin qabatiniin dura jiru, ka dabarsiin isaa dabarsii Saamu'eliitii fi Saa'olii woliin wol qabatteertu. \ip Ergaan guddoon kitaaba kanaa akkuma kitaabota dabarsi'ii ka kitaabota Gondooroo Qaraa keessatti dhaggamanuu, Waaqaaf addatamiis milkii akka fiddu, addatamiisa dhabiis badii akka fiddu mudhisa. Kunille Mootiin Waan Maraa hayyicha Eli'iin, «Ani worra ulfinna naaf kennu, ulfinna isaaniif hin kenna; worra na tuffatu hin salphisa» jedhee jecha dubbateen ifa te'ee mudhata (2:30). Kitaab kun yaada garagaraa ka marroo hundeefamiisa mootummaa mooti'ii mudhisa; dur mootii Israa'elii dhugicha te'ee ka beekkame isuma Mootii Waan Maraa ti. Ammoo gaaffii duuba irra kolbaan gaafateen, Mootiin Waan Maraa isaaniif mootii file. Wonni barbaachisaan garuu mooti'ii fi kolbaan Israa'elii ol-aantumma'aa fi muraa Waaqaa jala jiraatiisa. Kunille seera Waaqaa jalatti haqi namootaa ka worra dureeyyi'iitii fi ka worra hiyyeeyyi'ii sirri'itti kabajamuu akka qabu ka mudhisu. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Saamu'el Abbaa Mura'aa Ka Israa'elii te'e\ior 1:1—7:17\ior* \io1 Saa'ol Mootii Te'e\ior 8:1—10:27\ior* \io1 Woggoota Qaraa Ka Bulchiisa Saa'olii\ior 11:1—15:25\ior* \io1 Saa'olii Fi Daawiti\ior 16:1—30:31\ior* \io1 Du'a Saa'oliitii Fi Du'a Ilmaan Isaa\ior 31:1-13\ior* \c 1 \s1 Elqaana'aa Fi Maatiin Isaa Gara Shiilo'oo Ol Bayane \p \v 1 Biyya koobittii Efreemii, qachaa «Raamataayim-Zofiim» jedhamu keessa namichi, «Elqaanaa» jedhamu tokko jiraayyu; inni abutturoo Zuufii, abuuboo Tohuu, akaakoo Eliihu'uu, ilma Yerohaamii ti. \v 2 Inni haadha manaa lama qaba; maqaan takkatti'ii Haannaa, ta taanii ammoo Phiniina'a. Phiniinaan ijoollee qaddi; Haannaan ammoo hin qaddu. \v 3 Elqaanaan wogguma wogga'atti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi ciincaa dhikeessiisaaf qachaa ifiitii gara Shiilo'oo deemaayyu; achitti ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas hayyoota Mootii Waan Maraa te'anee tajaajilaniiyyu. \v 4 Elqaanaan yennaa ciincaa dhikeessu mara foon ciinca'aaf dhikaate san irraa haadha manaa ifii Phiniina'aaf, ilmaan isi'iitii fi ijoollee isi'ii ta durraa maraaf qooda hin kennaayyu; \v 5 inni Haannaa waan jaalatuuf qooda dachaa lama isi'iif kenna; te'uu malee Mootiin Waan Maraa isii deya dhooggeeraayyu. \v 6 Mootiin Waan Maraa deya isii waan dhooggeef masaanuun isi'ii isii aarsitee bilinjeessite. \v 7 Tunille wogguma wogga'atti waan teetuuf, Haannaan yennaa gara Galma Mootii Waan Maraa dhaxxu mara, boottee nyaata haga dadhaddutti, masaanuun isi'ii isii bilinjeessiti. \v 8 Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan isi'iin, «Haanna'a! Ati maaf bootta? Maaf sagalee hin nyaatin? Maaf gadhaan keeti gadda? Ani ilmaan kudhan si'iif hin caaluu?» jedhee isii gaafate. \s1 Haanna'aa Fi Elii \p \v 9 Gaafa tokko isaan Shiilo'otti nyaatanee unaneen duuba Haannaan kaatee dhaabbate; Eliin hayyichi garuu mikikkila Galma Mootii Waan Maraa bira barcumaa irra tee'eeraayyu. \v 10 Haannaan guddoo gadditee laaleffattee bowaa gara Mootii Waan Maraa daadimatte. \v 11 Isiin, «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, salphinna na garbittii teetii ilaaltee naa yaadattee, na dedhuu dhaddee, ilma yoo naaf kennite, ani bara jiruu isaa mara isa si'iif hin kenna; rifeensi mataa isaalle ijjumaa hin haadamu» jettee waadaa galte. \p \v 12 Haannaan gara Mootii Waan Maraa yennaa daadimataa turte, Eliin afaan isi'ii ilaale. \v 13 Isiille gadhaa ifii keessatti waan daadimattuuf, hidhiin isi'ii hin tachooti malee qoonqoon isi'ii hin dhage'anne; tanaaf Eliin waan isiin machootte seye. \v 14 Inni isi'iin, «Ati haga yoomii machootta? Daadhii woyni'ii tana ifi irraa fageessi» jedhe. \p \v 15 Haannaan ammoo deebittee, «Waawwo'o, goottaa kiyya! Ani daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unne; ani dubartii gadda guddaa irra jirtu; tanaaf rakkinna kiyya gara Mootii Waan Maraa dhikeeffatiisatti jira. \v 16 Ani gaddii fi aariin natti bacatanee haga kana mara daadimatiisatti waan jiruuf ana garbittii teeti akka waan woy hin baaneetitti hin laakkowin» jetteen. \p \v 17 Achiin duuba Eliin deebisee, «Nageyaan deemi! Waaqi Israa'elii waan ati isa gaafatte si'iif kennuu ti» jedheen. \p \v 18 Isiille, «Ani garbittiin teeti si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jette. Achiin duuba kaatee ideente; sagalee nyaattee gaddiisalle lakkitte. \s1 Dhalatiisa Saamu'eliitii Fi Waaqaaf Kennamiisa Isaa \p \v 19 Isaan barii ganama ka'anee Mootii Waan Maraa duratti sagadane; achiin duuba gara mana ifii Raama'atti deebi'ane. Elqaanaan haadha manaa ifii Haannaa woliin rafee Mootiin Waan Maraa isii qaabate. \v 20 Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu'el baafatte. \s1 Saamu'el Mootii Waan Maraatiif Kenname \p \v 21 Elqaanaan ciincaa wogga'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaa fi waadaa gale muummessiisaaf maatii ifii mara woliin gara Sheelo'oo ol baye. \v 22 Haannaan ammoo isa woliin ol hin baane; isiin abbaa manaa ifiitiin, «Annuun akkuma harma irraa gu'een, ani Mootii Waan Maraa dura isa hin dhikeessa; innille haga bara baraa achi hin le'a» jette. \p \v 23 Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan deebisee isi'iin, «Waan sitti tole godhi; inni haga harma irraa gu'u mana turuu ti; Mootiin Waan Maraa callaan waadaa ifii gale muummessuu ti» jedhe; maarre Haannaan haga ilmi isi'ii harma irraa gu'utti, hoosifataa mana turte. \p \v 24 Inni yennaa harma irraa gu'e, isiin dardara woggaa sadii, bullaa kiiloogiraama kudhanii fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko qabattee, mucaa san gara Galma Mootii Waan Maraa Shiiloo geessite. Inni yennaa san daa'ima diqqa'a. \v 25 Isaan dardara san yennaa qalane mucaa gara Eli'ii geessane. \v 26 Haannaan Eli'iin, «Ee goottaa kiyya, ka jiraataa teete; dubartiin as si dura dhaabbattee gara Mootii Waan Maraa daadimataa turte sun ana. \v 27 Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne. \v 28 Tanaaf, anille isa Mootii Waan Maraatiif hin kenna; innille bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif hin kennama» jette. Inni achitti Mootii Waan Maraa waaqonfate. \c 2 \s1 Daadimata Haanna'aa \p \v 1 Haannaan daadimattee, \q1 «Gadhaan kiyya \q2 Mootii Waan Maraatitti hin gammada; \q2 jabeenni kiyya \q2 Mootii Waan Maraatiin ol ol jedheera. \q1 Inni waan na qarqaareef \q2 ani diinota kiyya irratti hin kolla. \b \q1 \v 2 «Ka akka Mootii Waan Maraa \q2 Woyyichi tokkolle hin jiru; \q2 ka akka isaa tokkolle hin jiru; \q2 rassaan akka Waaqa keennaa \q2 tokkolle hin jiru. \q1 \v 3 Mootiin Waan Maraa Waaqa beekaa \q2 nama mara madaalu waan te'eef \q2 hin koorina'a! \q2 Ifi jajiisaan hin dubbatina'a! \q1 \v 4 Guubeen\f + \fr 2:4 \fr*\fqa Guubeen: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa Buubee\fqa*\ft jedhama.\ft*\f* worra jajjabaa caccabeera; \q2 worri dadhabaan ammoo jabaateera. \q1 \v 5 Worri qara quufee le'u \q2 sagalee diqqo'oof qaxarame. \q1 Worri qara beelaan le'u ammoo \q2 amma quufeera. \q1 Maseentittiin torba deetteerti; \q2 ta ijoollee bacaa qaddu ammoo dadhaddeerti. \q1 \v 6 Mootiin Waan Maraa ijjeesee hin kaasa; \q2 addee worri du'e jiru gad buusee hin baasa. \q1 \v 7 Mootiin Waan Maraa hin hiyyoonsa; \q2 hin duroonsalle'e. \q2 Inni gad hin qaba; olille hin qaba. \q1 \v 8 Inni hiyyeessa bukuu irraa ol hin kaasa; \q2 rakkataalle tuulaa daadha'aa irraa ol hin kaasa. \q1 Worra jajjabaa woliin isaan hin teessisa; \q2 barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaalle \q2 isaaniif hin kenna. \q2 Sababille utubooti biyya lafaa \q2 ka Mootii Waan Maraa ti; \q2 inni biyya lafaa isaan irratti dade. \q1 \v 9 Nami jabeenna ifiitiin waan hin injifanneef, \q2 Mootiin Waan Maraa \q2 ideensa worra isaaf addatamee hin eega; \q2 hamaaleyyiin ammoo \q2 dukkana keessatti hin badan. \q1 \v 10 Worri Mootii Waan Maraa mormu \q2 hin caccaban; \q2 inni isaan loliisaaf \q2 ol gubbaa irraa hin balaqqisa. \q1 Mootiin Waan Maraa \q2 biyya lafaa mara irratti \q2 muraa hin kenna; \q2 inni nama ifii mootii godheef \q2 jabeenna hin kenna; \q2 nama ifii muudelle'eef \q2 ulfinna hin kenna» jette. \p \v 11 Achiin duuba Elqaanaan gara mana ifii Raama'atti dhaggamuu deeme; mucaan ammoo Elii hayyicha duratti Mootii Waan maraa tajaajile. \s1 Ilmaan Eli'ii Ta Bu'aa Hin qanne \p \v 12 Ilmaan Eli'ii ilmaan bu'aa hin qanne; isaan Mootii Waan Maraa hin beenne. \v 13 Yennaa nami tokko ciincaa dhikeessu aadaa hayyooti kolbaa woliin qaddutti jira; foon ciinca'aaf dhikaate yennaa iffeelamu tajaajilaan hayyichaa filaa foonii ka quba sad qabu qabatee dhufa; \v 14 inni filaa foonii san okkotee foon itti iffeelamu san keessa keyee waan filaan sun baase mara hayyichi ifiif fudhata; isaan Israa'eloota gara Shiilo'oo dhufane mara irratti tanuma godhan. \v 15 Moorri adoo hin gubaminiin dura, tajaajilaan hayyichaa gara nama ciincaa dhikeessuu dhufee, «Hayyichi foon dheedhii malee ka iffeelame waan si irraa hin fudhanneef, foon isaaf woddu natti kenni» jedha. \p \v 16 Nami sun isaan, «Qara isaan moora gubanuu ti; achiin duuba haga barbaadde fudhadhu» yoo isaan jedhe, tajaajilaan hayyichaa, «Waawwo'o, ammuma kenni! Yoo didde hunnaan fuudha» jedhaayyu. \p \v 17 Ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikaatu waan tuffataneef, cubbuu ilmaan Eli'ii tun Mootii Waan Maraa duratti guddoo teete. \p \v 18 Saamu'el adoo daa'imaatuu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, Mootii Waan maraa tajaajile. \v 19 Haati isaa abbaa manaa ifii woliin wogguma wogga'aan ciincaa dhikeessiisaaf yennaa dhaxxu mara qoloo diqqoo takka hujjee wogguma wogga'aan isaaf geessitiiyyu. \v 20 Achiin duuba Eliin, «Addee mucaa isiin daadimattee Mootii Waan Maraa irraa dhaggattee isaaf kennite sanii, Mootiin Waan Maraa dubartii tana irraa sanyii dhibii si'iif kennuu ti» jedhee Elqaana'aaf haadha manaa isaa eebbise. \p Achiin duuba isaan gara mana ifii deebi'anee deemane. \v 21 Mootiin Waan Maraa Haannaa yaadatee, isiin ulfoottee ilmaan sadii fi ijoollee durraa lama deette. Saamue'eliin dargaggeessichille Mootii Waan Maraa duratti guddate. \s1 Eli'ii Fi Ilmaan Isaa \p \v 22 Eliin guddoo dulloome; ilmaan isaa Israa'eloota mara keessatti waan godhiisatti jiranuu fi dubartoota seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tajaajilanu woliin attam akka isaan sagaagalane dhage'e. \v 23 Inni isaaniin, «Ani hammeenna hujii teessanii kolbaa mara irraa waan dhage'uuf, isin maaf tana hujjan? \v 24 Waawwo'o, ilmaan tiyya! Oduun kolbaa Mootii Waan Maraa keessa facaatuun ani dhage'u tun dansa'aa moti. \v 25 Nami tokko yoo nama yakke Mootiin Waan Maraa wodhakkaa galee muraa hin kenna; nami tokko yoo Mootii Waan Maraa yakke ammoo eentu wodhakkaa galee muraa kenna ree?» jedheen. \p Te'uu malee Mootiin Waan Maraa akka isaan du'anu waan barbaadeef, isaan gorsa abbaa ifii hin dhageenne. \p \v 26 Saamu'eliin dargaggeessichi hojja'aa fi fudhatama dhaggatiisaan Mootii Waan Maraatii fi nama duralle'etti guddate. \s1 Raaga Maatii Eli'ii irratti Dubbatame \p \v 27 Raagaan tokko gara Eli'ii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Abbootiin teeti ta durii biyya Gibxi'ii keessatti Fara'ooniif garboota yennaa te'ane, ani isaanitti hin mudhannee ree? \v 28 Akka inni hayyuu naaf te'u, akka inni ciincaa naaf dhikeessu, akka inni hixaana naaf aarsu, akka inni na duratti woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffatu, gosa Israa'elii mara keessaa ani abbaa abbootii teetii ta durii filadheera; ciincaa gubamu ka Israa'elooti duri naaf dhikeessitu mara ani sanyii abbaa keeti ka duriitiif kenne. \v 29 Isin ciinca'aa fi kennansa addee bultuma tiyyaatitti akka naaf dhikaatu ani ajaje maaf tuffatane? Ilmaan teeti kennansa kolbaan tiyya Israa'el naaf dhikeessitu irraa dadansaa nyaatanee akka fufurdatanu, ati maaf na caalaa isaaniif ulfinna kennite? \v 30 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani maatii teetii fi maatiin abbaa keetii haga bara baraa akka ana tajaajilanu waadaa galeeraayyu; amma ammoo tun ijjumaa hin teetu; worra ulfinna naa kennuuf, anille ulfinna isaaniif hin kenna; worri na tuffatulle ijjumaa hin tuffatama. \v 31 Kunoo, sanyii teeti keessatti jaarsi akka hin dhaggane, guyyaan ani si'ii fi maatii abbaa keetii balleessu dhikaateera. \v 32 Achiin duuba ati addee bultuma tiyyaatitti rakkinna hin dhaggita; wonni dansaan Israa'eliif teetulle, maatii teeti keessatti jaarsi hin dhaggamu. \v 33 Nama keeti keessaa akka inni addee ciinca'aa tiyya tajaajiluuf, ka ani jiru'uun lakkisu, ilti teeti akka jaamtuu fi gadhaan keeti akka gadduuf, sababa hin te'a; garuu sanyiin teeti marti shallaaga'aan hin dhumatti. \v 34 Ilmaan teeti lama Hofnii fi Fiinehaas irratti wonni te'u beessisa si'iif hin te'a; isaan lamaanuu guyyuma tokko hin du'an. \v 35 Ani hayyicha addatamaa ka akka gadhaa kiyyaatii fi akka yaada kiyyaa na tajaajilu hin kaafadha; ani mana isaa jabeessee hin dhaaba; innille haga bara baraa nama ani muudadhe hin tajaajila. \v 36 Sanyii teeti keessaa nami lubbu'uun hafe marti gara hayyicha sanii dhaqee, beesee diqqo'oon yookiin daabboo xaltaa tokko dhaggatiisaaf isa duratti sagadaa: Maganne'e, sagaluma guyyaa guyya'aan afaaniin qabu callaa akka dhaggadhu hujii hayyumma'aa ta feetelle teetu naaf kenni jedhaa isa hin kadhata› jedha» jedhe. \c 3 \s1 Mootiin Waan Maraa Saamu'el Waame \p \v 1 Saamu'eliin dargaggeessichi Elii duratti Mootii Waan Maraa tajaajilaayyu; bara san Mootiin Waan Maraa yennaa tokko tokko malee, namatti hin dubbatu; mudhiin bacaalle hin jirtu. \v 2 Eliin dulloomee, ilti isaa waan caararrootteef, gaafa tokko taqee ifii irra irkateeraayyu. \v 3 Saamu'elille addee Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa jiru, Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa keessa irkateeraayyu. Issaan Waaqaalle adoo hin dhaamin jiraayyu. \v 4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille, «Kunoo, ani as jira!» jedhee, \v 5 gara Eli'ii fiigee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedhe. \p Eliin ammoo, «Ani si hin waanne deebi'ii rafi» jedheen; maarre innille deebi'ee rafe. \p \v 6 Ammalle Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille ka'ee gara Elii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen. \p Eliin ammoo, «Ilma kiyya, ani si hin waanne; deebi'ii rafi» jedheen. \v 7 Tanaan qara Saamu'el Mootii Waan Maraa hin beeku; jechi Mootii Waan Maraalle isatti mudhatee hin beeku. \p \v 8 Ammalle Mootiin Waan Maraa yennaa sadeesso'oo Saamu'el waame; innille ka'ee gara Eli'ii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen. \p Achiin duuba Eliin akka Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamiisatti jiru hubate. \v 9 Tanaaf, Eliin Saamu'eliin, «Dhaqii rafi; inni ammalle yoo si waame, ‹Kunoo, ani garbichi keeti waan as jiruuf dubbadhu› jedhiin» jedhe. Maarre Saamu'elille deebi'ee taqee ifii irra rafe. \p \v 10 Mootiin Waan Maraa dhufee achi dhaabbate; akkuma qaraa, «Saamu'el! Saamu'el!» jedhee waame; \p Saamu'elille, «Kunoo, ani garbichi keeti dhage'aara dubbadhu» jedheen. \p \v 11 Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Kunoo, ani Israa'el keessatti waan dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle hin godha. \v 12 Guyyaa san ani jalqabaa kaasee haga dhumaatitti waan Eli'ii fi maatii isaa irratti dubbadhe mara hin muummessa. \v 13 Ilmaan isaa ana Waaqa akka faanshessite adoo beekuu, isaan waan hin xixiniif, yakkaa inni beeku saniif ani maatii isaa haga bara baraa akka adabu isatti himeeraayyu. \v 14 Tanaaf, ani ‹Yakkaan maatii Eli'ii ciinca'aan yookiin kennansaan haga bara baraa gumaan hin kennamu› jedhee maatii Eli'iitiif kakadheera» jedhe. \p \v 15 Saamu'el haga ganamaa rafe; achiin duuba ka'ee balbala Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa bane; mudhii dhagge sanille Elii'itti himiisa sodaate. \v 16 Eliin ammoo Saamu'el waamee, «Ilma kiyya Saamu'el» jedhe. \p Saamu'elille, «Kunoo, ani as jira» jedhe. \p \v 17 Eliin, «Mootiin Waan Maraa maan sitti dubbate? Ana hin dhossin! Waan inni sitti hime keessaa waan tokkolle yoo na dhossite, Waaqi waan hantuu sitti fiduu ti; waan hantuu irratti hantuu sitti dabaluu ti» jedhe. \v 18 Maarre Saamu'el waan tokkolle adoo hin dhossin waan mara isatti hime. Achiin duuba Eliin, «Inni Mootii Waan Maraa ti; waan fedhe godhuu ti» jedhe. \p \v 19 Saamu'el guddate; Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni inni dubbate marti lafa hin buutu. \v 20 Kolbaan Israa'elii ta Daan irraa haga Bersheeba'aa jirtu marti Saamu'el dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane. \v 21 Mootiin Waan Maraa ammalle Shiilo'otti mudhatee, achitti karaa jecha ifiitiin Saamu'elitti mudhate. \c 4 \s1 Booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo \p \v 1 Dubbiin Saamu'elii Israa'eloota mara dhaqqadde. Israa'elooti Filisxeemota loliisaaf bayanee addee, «Ebeen-Ezer» jedhantu qubatane; Filisxeemoti ammoo addee, «Afeq» jedhantu qubatane. \v 2 Filisxeemoti Israa'eloota loliisaaf tarree galane; lolli akkuma jabaateen, Filisxeemoti Israa'eloota injifatanee, lola san keessa Israa'elooti kum afur ijjeefamane. \v 3 Loltooti addee qubatanetti yennaa deebi'ane, jaarsoleen Israa'elii, «Mootiin Waan Maraa adha Filisxeemoti akka nu injifatanu maaf godhe? Akka inni nu woliin duulee harka diinota keennaa jalaa nu baasu, kowa'a dhandhee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Shiiloo keessaa as fidanna!» jedhane. \v 4 Maarre kolbaan namoota gara Shiilo'oo ergitee, Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka barcumaa mootumma'aa irra odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanii tee'eeruu, achii akka fidanu goote; ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san woliin achi jiraniiyyu. \p \v 5 Saanduqi Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa akkuma addee quttumaa dhufeen, Israa'elooti marti haga latti tachootutti guddoo ilillisane. \v 6 Filisxeemotille ililleettii san yennaa dhage'ane, «Ililleettiin guddoon ta addee quttuma Ibrootaatitti dhage'antu tun maan?» jedhanee gaafatane. Isaan Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara addee quttumaa akka dhufeeru yennaa beekane, \v 7 Filisxeemoti sodaatanee, «Waaqi dharaa tokko addee quttumaa dhufeera; tanaan qara wonni akkasii teetee waan hin beenneef, aanne'e nu'uuf! \v 8 Aanne'e nu'uuf! Harka waaqota dharaa jajjaba kana jalaa eentu nu baasuu dande'a ree? Isaan kun waaqota dharaa ka balaa adda addaatiin worra Gibxi'ii goomolee keessatti dhowane. \v 9 Ee Filisxeemota! Jabaadha'a! Dhiira te'a'a! Akkuma qara worri Ibrootaa isiniif garba te'e, isinille isaaniif garba akka hin teene, dhiira te'a'aatii lola'a!» woliin jedhane. \p \v 10 Maarre Filisxeemoti lolane; Israa'elootille injifatamanee marti isaanii gara mana ifii baqatane; nami bacaan dhumate; Israa'eloota keessaa loltooti kum soddom ijjeefamane. \v 11 Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa booji'amee, ilmaan Eli'ii lamaanuu Hofnii fi Fiinehaas ijjeefamane. \s1 Du'iisa Eli'ii \p \v 12 Guyyaa san nami gosa Beniyaaminii tokko gaddiisaan woyaa ifii tarsaasee, bukuu mata'atti naqatee, addee lolaa irraa gara Sheelo'oo fiigaa dhufe. \v 13 Yennaa inni achi geye, Eliin marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif gadhaan isa raafamee karaa qarqara barcumaa irra tee'ee eegatiisatti jiraayyu; nami sun gara qacha'aa dhufee waan te'e kana yennaa hime worri qachaa keessa jiru marti iyyane. \v 14 Eliin iyya tana yennaa dhage'e, «Hogaan kun maan?» jedhee gaafate; achiin duuba nami sun ariiti'iin dhufee oduu tana Elii'itti hime. \v 15 Eliin jaarsa woggaa sagaltamii saddeetii waan te'eef ilti isaa jaamtee woy dhagguu hin dande'u. \v 16 Nami sun Eli'iin, «Ani nama lola irraa dhufe; ani adha lola keessaa miliqee dhufe» jedhe. \p Eliin, «Ilma kiyya, maanti te'e ree?» jedhee gaafate. \p \v 17 Namichi oduu fidee dhufe sun deebisee, «Israa'elooti Filisxeemota duraa baqatane; loltooti hedduun dhumatanee, ilmaan teeti Hofnii fi Fiinehaasille lamaanuu du'aneeran; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaalle booji'ameera» jedhe. \v 18 Nami sun marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa yennaa hime, Eliin karra bira barcumaa irra tee'eeru irraa gara duubaa jige; inni jaarsa dulloome furdaa waan te'eef mormi isaa cabee achumatti du'e; inni woggaa afurtama Israa'el irratti abbaa mura'aa te'eeraayyu. \p \v 19 Yennaa san niitiin ilma isaa ta Fiinehaasii ulfoottee deyiisa geetteertiiyyu. Isiin oduu booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii akka du'ane yennaa dhageette ciniinsuun itti bira tartee jilbiiffattee deette. \v 20 Isiin du'iisaaf yennaa worwaatattu, dubartooti isii bira jiranu, «Ilma deetteerta, jabaadhu!» jedhane. Isiin ammoo deebii hin kennine yookiin waan isaan jedhane miidhassitee hin dhageenne. \v 21 Isiin Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii waan du'aneef, «Ulfinni Israa'el irraa ka'eera» jettee, maqaa ilma ifii Ikaaboodi baatte. \v 22 Isiin ammalle, «Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, ulfinni Israa'el irraa fudhatameera» jette. \c 5 \s1 Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo Booji'ane \p \v 1 Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa booji'aneen duuba Ebeen-Ezer irraa gara qachaa Ashidoodii geessane. \v 2 Achiin duuba Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san fuudhanee gara galma waaqa dharaa ka, «Daagon» jedhamuu geessanee, Daagon bira keyane. \v 3 Kolbaan qachaa Ashidoodii boruyyaa ganama yennaa kaate, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; maarre isaan waaqa dharaa Daagon achii fuudhanee addee isaatitti deebisanee dhaabane. \v 4 Boruyyaa ganama ammoo yennaa ka'ane kunoo, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; mata'aa fi harki isaa lamaanuu irraa caccabee badhinna keessa bu'ee nafi isaa callaan hafeeraayyu. \v 5 Waan kanaaf, haga adhaa hayyooti Daagoniitii fi namooti galma Daagoonii seenanu marti gulantaa balbala galma waaqa dharaa ka Daagonii ka qachaa Ashidoodii keessaa irra hin ijjatanu. \p \v 6 Mootiin Waan Maraa kolbaa Ashidoodiitii fi kolbaa adaala isaanii jiranu mara guddoo rakkisee, balaa iitaa isaanitti buuse. \v 7 Worri Ashidoodii waan te'e kana yennaa dhaggane, «Waaqi nu'uu fi waaqa keenna Daagon waan adabeef, Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii as nu bira hin turin» jedhane. \v 8 Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessa'a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessane. \v 9 Saanduqa Gondooro'oo san qachaa Gaatii geessaneen duuba, raafami guddaan te'e; Mootiin Waan Maraa namoota qachaa sanii adabee, diqqa'aa haga gudda'aatitti iita itti buuse. \v 10 Maarre isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro'oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu'uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane. \v 11 Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du'aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii nu irraa fageessa'aatii addee isaatitti deebisa'a» jedhane \v 12 Worra du'a irraa hafe dhukkubi iitaa waan isaan rakkiseef, guddoo iyyane. \c 6 \s1 Saanduqi Gondooro'oo Gara Israa'elii Deebi'e \p \v 1 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa ji'a torba biyya Filisxeemotaa ture. \v 2 Achiin duuba Filisxeemoti hayyoota ifiitii fi worra moru waamanee, «Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan maraa maan goona? Addee isaatitti attam akka deebinnu mala nutti hima'a!» jedhane. \v 3 Isaanille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii yoo deebittane, kennansa sababa yakka'aatiif kennamu woliin deebisa'a malee duwwaa hin ergina'a. Achiin duuba isin hin fayyitan; innille maaf akka isin adabe hin beettan» jedhane. \p \v 4 Filisxeemotille, «Kennansi sababa yakka'aatiif isaaf erginu maan?» jedhanee gaafatane. \p Isaanille deebisanee, «Balaan isinii fi bulchitoota teessan mara irratti bu'e gosa tokko waan te'eef, akka laakkossa goottolee teessaniititti, fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane shanii fi fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamane shan erga'a. \v 5 Fakkii iitaa, fakkii hantuuta biyya teessan balleessiisatti jiruulle huja'aatii, ulfinna Waaqa Israa'eliitiif kenna'a; inni adabbii san isin irraa, waaqa keessanii fi biyya teessan irraa hin kaasa fa te'a. \v 6 Isin akka worra Gibxootaatii fi akka mootii Gibxi'ii maaf mataa jabaattan ree? Isaan Waaqi isaan adabeen duuba Israa'eloota gad lakkisanee, isaanille deemanee motii ree? \p \v 7 «Tanaaf garreettaa haareyaa fi sa'oolee hoosifatanu lama ta waanjoon irra hin keyamin qopheessa'aatii garreettaa san itti hidha'a; jabbii isaanii ammoo gara manaa deebisa'a. \v 8 Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fuudha'aatii garreettaa irra keya'a; fakkii worqi'ii ta sababa yakka'aatiif kennansa ergitanu san saanduqa keessa keya'aatii Saanduqa Gondooro'oo bira keya'a; achiin duuba garreettaan sun akka ideemuuf gad lakkisa'aatii \v 9 gara inni itti ideemu ilaala'a. Inni karaa biyya ifii gara qachaa Bet-Shemeshii yoo deeme, badii guddoo tana ka nutti fide Mootii Waan Maraa ti; karaa san yoo hin deemin ammoo badiin tun fedhuma nu irratti teete malee, ka nutti fide isaa moti» jedhane. \p \v 10 Isaanille akkuma isaanitti himame godhane; sa'oolee lama fuudhanee garreettaa itti hidhane; jabbii isaanii ammoo biraa deebisanee mana itti cufane. \v 11 Isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa, fakkii hantuutaatii fi fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane san garreettaa san irra keyane. \v 12 Sa'ooleen sunille karaa irraa bita'aa fi midda adoo hin gorin madhataa gara Bet-Shemeshii deemane; bulchitooti Filisxeemotaalle haga meessaa Bet-Shemeshii isaan gula deemane. \p \v 13 Yennaa san worri Bet-Shemeshii dhooqa keessatti qamadii haammatiisatti jiraniiyyu; isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa dhagganee guddoo gammadane. \v 14 Garreettaan sun gara fichaa Iyaasu'uu ka nama Bet-Shemeshi keessa le'uu dhufee, dhakaa guddaa tokko bira dhaabbate; kolbaan muka garreettaa sanii falaxxee, sa'oolee qaltee kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. \v 15 Worri Lewwootaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi saanduqa meya worqi'ii qabu ka isii bira jiru san dhakaa guddaa sanirra keyane; guyyaa san worri Bet-Shemeshii kennansa gubamu dhikeessanee ciincaalle Mootii Waan Maraatiif ciincessane. \v 16 Bulchitooti Filisxeemotaa shan waan kana yennaa dhaggane guyyuma san gara Eqroonii deebi'ane. \p \v 17 Filisxeemoti fakkii iitaa shan ta worqii irraa hujamane, maqaa qachaa ifiitiin, takkaa marroo Ashidoodiitiif, takkaa marroo Gaaza'aatiif, takkaa marroo Ashiqaloniitiif, takkaa marroo Gaatiitiif, takkaa marroo Eqrooniitiif kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu Mootii Waan Maraatiif ergane. \v 18 Laakkossa fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamanelle marroo laakkossa qachoota dalleya dhaka'aa ka bulchitooti Filisxeemotaa shan bulchanu maraatii fi ollaa adaala san jiranuutiif ergane. Dhakaan guddaan ka Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa irra keyane, ka fichaa Iyaasuu nama Bet-Shemeshi keessa le'uu bira jiru sun haga adhaa dhugaa bayaa te'ee achi jira. \p \v 19 Worri Bet-shemeshii Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa keessa waan ilaalaneef, inni namoota Bet-shemeshii keessaa nama torbaatama ijjeese; Mootiin Waan Maraa akka malee kolbaa waan fixeef, kolbaan bootte. \v 20 Achiin duuba kolbaan Bet-Shemeshii, «Mootii Waan Maraa, Waaqa Woyyicha kana dura eentu dhaabbatuu dande'a ree? Saanduqi Gondooro'oo kun asii ka'ee gara eennuu dhaqa ree?» jedhane. \v 21 Maarre isaan gara worra Kiriiyat-Ya'ariimii namoota erganee, «Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa gara keenna deebisaneeran. Kowa'aa fudhadha'a» jedhane. \c 7 \p \v 1 Namooti qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii dhufanee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fudhatanee, gara mana Abinaadaabii ka kooba irra jiruu geessane. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san akka eeguuf ilma isaa Ele'azaar woyyoonsane. \s1 Saamu'el Israa'el Irratti Abbaa Mura'aa te'e \p \v 2 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Kiriiyat-Ya'ariim keessa yennaa dheertuu, gara woggaa diddamaa ture. Kolbaan Israa'elii marti yennaa tana gara Mootii Waan Maraa iyyite. \p \v 3 Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, waaqota ormaa fi waaqa dharaa Ashitaaroti odduu teessanii balleessa'a; gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii waan Maraa deebi'a'aatii isa qofa tajaajila'a; innille harka Filisxeemotaa jalaa isin hin baasa» jedhe. \v 4 Maarre Israa'elooti waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti balleessanee Mootii Waan Maraa qofa tajaajilane. \p \v 5 Achiin duuba Saamu'el, «Israa'eloota mara Miispha'atti wolitti qaba'a; ani achitti marroo teessaniif gara Mootii Waan Maraa hin daadimadha» jedhe. \v 6 Maarre isaan Miispha'atti wolitti qabamanee, bisaan woraabanee Mootii Waan Maraa duratti dhangalaasane; guyyuma san laamanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra» jedhanee cubbuu ifii faaci'atane. Saamu'elille Miispha'atti Israa'elootatti mure. \p \v 7 Worri Filisxeemotaa akka Israa'elooti Miispha'atti wolitti qabamane yennaa dhage'ane, mootoleen Filisxeemotaa isaan loliisaaf dhaqane; Israa'elootille tana dhage'anee worra Filisxeemotaa sodaatanee, \v 8 Saamu'eliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka worra Filisxeemotaa jalaa akka nu baasuuf, marroo teennaaf gara isaa daadimatiisa hin lakkisin» jedhane. \v 9 Maarre Saamu'el buruusoo korbeessa hoole'ee ka hin gu'in fuudhee kennansa duuduma gubamu godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. Saamu'el marroo Israa'elootaatiif gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne. \v 10 Saamu'el kennansa gubamu dhikeessiisatti adoo jiruu, worri Filisxeemotaa Israa'eloota loliisaaf dhufanee itti dhikaatane; te'uu malee guyyaa san Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa worra Filisxeemotaa irratti mandi'ee isaan joonjessee, isaanille raafamanee Israa'eloota duraa baqatane. \v 11 Israa'elootille Miispha'aa bayanee worra Filisxeemotaa ijjeesaa haga addee Bet-kaar jalaatitti isaan ari'ane. \p \v 12 Achiin duuba Saamu'el dhakaa tokko fuudhee Miispha'aa fi Sheen wodhakka'atti dhaabee, «Mootiin Waan Maraa haga ammaa nu qarqaareera» jedhee, maqaa isaa, «Ebeen-Ezer» jedhee moggaase. «Ebeen-Ezer» jechuun, «Dhakaa qarqaarsaa» jechu'u. \v 13 Maarre worri Filisxeemotaa waan injifatamaneef, bara Saamu'el jiru mara worri Filisxeemotaa deebi'anee lafa Israa'elii akka hin lolle, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa dhoogge. \v 14 Qachooti worri Filisxeemotaa Israa'eloota irraa fudhatane, Eqroonii haga Gaatiititti gara Israa'elii deebi'ane; Israa'el lafa ifii mara harka worra Filisxeemotaa jalaa baafatte; Israa'elootaa fi Amoorota wodhakkaalle'etti nageenni bu'e. \p \v 15 Saamu'el bara jiruu ifii mara Israa'elitti mure. \v 16 Inni wogguma wogga'atti Bet'el, Giilgalii fi Miisphaa keessa deddeemee, namoota addee tanaa maraaf muraa kenne. \v 17 Achiin duuba inni gara mana ifii ka Raamaa keessa jiruu deebi'ee, achille'etti Israa'elootaaf muraa kenne. Addee ciinca'aalle Mootii Waan Maraatiif achitti ijaare. \c 8 \s1 Kolbaan Israa'elii Mootii Filatiisaaf Gaafatte \p \v 1 Saamu'el yennaa dulloome ilmaan ifii Israa'el irratti abbootii mura'aa godhe. \v 2 Maqaan ilma isaa angafichaa, Yo'el; ka maandhichaa, Abiiya'a. Isaan abbootii mura'aa ta qachaa Bersheeba'aa ti. \v 3 Garuu isaan fakkeenna abbaa ifii gula hin deenne; bu'aa woy hin baane dhaggatiisaaf karaa isaa irraa gorane; beesee safu'uu fudhatanee, haqa dassane. \p \v 4 Achiin duuba jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamanee, Raamat keessatti gara Saamu'elii dhaqanee, \v 5 Saamu'eliin, «Kunoo, ati dulloonteerta; ilmaan teetille fakkeenna keeti gula hin ideenne; tanaaf akkuma gosa biyya adda addaa mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane. \v 6 Garuu jechi isaan, «Mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane sun Saamu'el hin gammachiinne; tanaaf inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, \v 7 Mootiin Waan Maraalle Saamu'eliin, «Isaan akka ani mootii isaanii hin teeneef na tuffatane malee si waan hin te'iniif, waan isaan si'iin jedhanu mara dhage'i! \v 8 Isaan guyyaa ani biyya Gibxi'iitii isaan baaseen jalqabanee haga adhaa na lakkisanee waaqota dhibii tajaajiliisaan waan na irratti godhane si irralle'etti godhiisatti jiran. \v 9 Maarre amma, ati waan isaan si'iin jedhanu dhage'i; mootiin isaan irratti mootomu maan isaan akka godhu itti himiitii, midhassii isaan ifi eeggachiisi» jedhe. \p \v 10 Maarre Saamu'el dubbii Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara kolbaa akka inni mootii isaaniif filu isa gaafattetti hime. \v 11 Inni isaaniin, «Mootiin isin irratti mootomu, ilmaan teessan fuudhee, isaan keessaa garii loltoota garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu, garii abbootii fardaa ta ifii hin godhata; gariin garreettaa isaa ka fardaan harkifamuun dura hin fiigan. \v 12 Isaan keessaa garii ajajjoota loltoota kumaatii fi ajajjoota loltoota shantamaa, garii fichaa isaa akka qotanuu fi midhaan isaa akka haamanu, garii meya lolaatii fi meya garreettaa fardaan harkifamuu akka isaaf hujanu hin godhata. \v 13 Ijoollee teessan ta durraa fudhatee, worra fiqiree huju, worra ittoo hujuu fi worra daabboo bilcheessu hin godhata. \v 14 Inni fichaa keessan dansaa, fichaa muka woyni'iitii fi muka ejersaa keessan fudhatee tajaajiltoota ifiitiif hin kenna. \v 15 Midhaanii fi woynii teessan irraa harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltotaa fi tajaajiltoota ifiitiif hin kenna. \v 16 Inni tajaajiltoota teessan ta dhiiraatii fi ta durraa, loonii\f + \fr 8:16 \fr*\fqa Loonii fi harreelee: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Dargaggoota teessan dadansaa \fqa*\ft jedha.\ft*\f* fi harreelee teessan dadansaa fudhatee hujii ifii hin hujisiifata. \v 17 Inni hoole'ee fi re'ee teessan kudhan keessaa tokko hin fudhata; isinuuyyuu garboolee isaa hin teetan. \v 18 Guyyaa san isin sababa mootii ifiif filattaneetiif akka malee hin gunguntan; Mootiin Waan Maraa ammoo guyyaa san gungunsuu teessan san hin caqasu» jedhe. \p \v 19 Kolbaan ammoo dubbii Saamu'elii caqasuu diddee, «Waawwo'o! Nuuti akka mootiin nu'uuf filamu barbaanna; \v 20 nuutille akkuma gosi biyya adda addaa teete hin teena; mootiin keenna muraa nuu kennuu ti; nu'uun dura deemaa diina keenna nu'uuf loluu ti» jedhane. \v 21 Saamu'el waan kolbaan jette mara yennaa dhage'e, waanuma isaan jedhane Mootii Waan Maraatitti hime. \v 22 Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Waan isaan jedhane isaaniif godhi! Mootii isaaniif fili!» jedhe. Achiin duuba Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin martinuu gara qachaa keessaniititti deebi'a'a!» jedhe. \c 9 \s1 Saa'ol Mootii Te'iisaaf Filame \p \v 1 Gosa Beniyaaminii keessaa nami beekkamaan ka maqaan isaa, «Qiish» jedhamu tokko jiraayyu; inni ilma Abii'elii, akaakoo Xiroorii, abuuboo Bikoraatii, abutturoo Afiiya'aa ti. \v 2 Qiish ilma miidhagaa, ka maqaan isaa «Saa'ol» jedhamu tokko qabaayyu; Israa'el keessa nami isa caalaa miidhagu hin jiru. Inni gurmuu ifiitii ol kolbaa mara caalaa dheerata. \p \v 3 Abbaa Saa'olii Qiish duraa harreeleen baddeertuun, inni ilma ifii Saa'oliin, «Tajaajiltoota keessaa tokko fudhadhuutii, dhaqii harreelee badde san barbaadi» jedhe. \v 4 Saa'olii fi tajaajilaan sun ka'anee lafa koobittii Efreemiitii fi lafa Shaaliishaa keessa deddeebi'anee barbaadane; garuu hin dhaggine; karaa lafa Sha'aliimii keessa dabaranee barbaadane; garuu hin dhaggine. Achiin duuba karaa lafa Beniyaaminii keessa dabaranee barbaadane; garuu achille'etti hin dhaggine. \v 5 Isaan lafa Zuufii yennaa geyane, Saa'ol tajaajilaa isa woliin jiruun, «Abbaan kiyya marroo harreele'ee yaaduu lakkisee, marroo teennaaf waan yaaddowuuf, koy deebinaa!» jedhe. \p \v 6 Tajaajilaan sun deebisee, «Kunoo, nami Waaqaa tokko qachaa kana keessa jira; wonni inni dubbate marti waan teetuuf, inni nama ulfinna qabu; inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf hin hima fa te'a, koy gara isaa dhandhaa!» jedheen. \p \v 7 Achiin duuba Saa'ol tajaajilaa ifiitiin, «Gara isaa yoo dhandhe, namichaaf maan kennina ree? Qalqalluu keessa sagaleen hin jirtu; waan nama Waaqaatiif kenninu tokkolle hin qannu; waan dhibii maan qanna ree?» jedhe. \p \v 8 Tajaajilaan sun deebisee Saa'oliin, «Kunoo, ani meetii gara giraama sadii qaba; akka inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf himu, ani meetii tana nama Waaqaatiif hin kenna» jedhe. \p \v 9 Bara durii Israa'el keessatti nami tokko woy Waaqa gaafatiisaaf yoo dhaqu, «Kowa'a gara nama mudhii dhagguu dhandha» jedhaayyu; ka adha, «Raagicha» jedhamu, dur «Abbaa mudhi'ii» jedhamaayyu. \v 10 Saa'olille tajaajilaa ifiitiin, «Dansaa jette; koy, hin dhandhaa» jedhe; maarre isaan gara qachaa nami Waaqaa keessa jiru sanii dhaqane. \p \v 11 Isaan gara qacha'aa koobatti adoo ol bayiisatti jiranuu, ijoollee durraa ta bisaan woraabbatiisa dhaxxu takka dhagganee, «Nami mudhii dhaggu as jiraa?» jedhanee isaan gaafatane. \p \v 12 Isaan deebisanee, «Ee, hin jira; kunoo, inni isinumaan dura jira, ariifadha'aa dhaqqaba'a. Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa waan dhikeessituuf, inni amma as gara qachaa kanaa dhufe. \v 13 Isin yennuma qachaa seentane, inni nyaatiisaaf gara addee Waaqonfanna'aa ol adoo hin bayin isa hin dhaggitan. Ciincaa dhikaate inni waan eebbisuuf, adoo inni hin dhufin kolbaan hin nyaattu; achiin duuba worri affeerame hin nyaata. Yennuma tana waan isa dhaggitanuuf, ol baya'a» jedhanee deebisane. \v 14 Maarre Saa'olii fi tajaajilaan isaa gara qacha'aa ol bayane. Isaan gara qacha'aa adoo seeniisatti jiranuu, Saamu'el gara addee waaqonfanna'aa ol bayiisaaf karaa isaan jiranu dhufe. \p \v 15 Saa'ol adoo hin dhufin guyyaa tokkoon dura Mootiin Waan Maraa, waan kana Saamu'elitti mudhisee, \v 16 «Boru yennaa tana biyya Beniyaaminiitii nama tokko gara keeti hin erga; kolbaa tiyya Israa'el irratti akka inni bulchaa te'u isa muudi; inni kolbaa tiyya harka worra Filisxeemotaa jalaa hin baasa; iyyi isaanii gara kiyya waan dhaqqaddeef, kunoo, ani kolbaa tiyya ilaaleera» jedhe. \p \v 17 Saamu'el yennaa Saa'ol dhagge, Mootiin Waan Maraa isaan, «Nami ani waan isaa sitti hime sun kunoo isa kana; inni kolbaa tiyya hin bulcha» jedhe. \v 18 Achiin duuba Saa'ol karaa seensuma karraatiin gara Saamu'elii dhikaatee, «Manni nama mudhii dhagguu eessa? Maganne'e natti himi» jedhee gaafate. \p \v 19 Saamu'el deebisee, Saa'oliin, «Nami mudhii dhagguu ana; isin adha na woliin waan nyaattanuuf, gara addee waaqonfanna'aa naan dura ol baya'a; waan gadhaa keeti keessa jiru mara sitti himee, ganama si geegessa. \v 20 Harreeleen teeti ta guyyaa sadiin dura badde waan mudhatteertuuf hin yaadin; halchaan kolbaa Israa'elii marti eennuuf ree? Si'ii fi maatii abbaa keetii maraafii motii ree?» jedheen. \p \v 21 Saa'ol deebisee, «Ani gosa Israa'elii keessaa gosa diqqoo sanyii Beniyaaminiitii motii ree? Sanyiin tiyya sanyii Beniyaaminii mara keessaa diqqo'oo motii ree? Ati maaf waan akkasii natti dubbatta ree?» jedhe. \p \v 22 Achiin duuba Saamu'el, Saa'olii fi dargaggeessa tajaajilaa isaa san gara kolloo jilaa geessee, keessumoota soddoma waamamane caalaa addee ulfinnaa isaan teessise. \v 23 Saamu'el tajaajilaa ittoo qopheessu waamee, «Foon ani si'iin, ‹Adda baasii keyi› jedhee sitti kenne san fidi» jedheen. \v 24 Maarre tajaajilaan ittoo qopheessu sun foon lukaa akkuma jiruun fidee Saa'ol dura keye; Saamu'el, «Kunoo, ani haga keessumoota waameen jalqabee qooda si'iif maffameeru waan te'eef nyaadhu» jedheen. Maarre Saa'ol guyyaa san Saamu'el woliin nyaate. \v 25 Addee waaqonfanna'aatii gara qacha'aa gad yennaa bu'ane, Saamu'el heellichoo manaa irratti Saa'ol woliin dubbate. \v 26 Achiin duuba Saamu'el ganama ka'ee, heellichoo manaa gubba'aa Saa'ol waamee, «Waan si geegessuuf ka'i!» jedheen. Saa'olille ka'ee Saamu'el woliin kara'atti gad bayane. \v 27 Isaan gara qacha'aa gad bu'iisatti adoo jiranuu, Saamu'el Saa'oliin, «Tajaajilaan kun nu'uun dura dabaree akka deemu itti himi; yennaa inni dabaree deeme, ani waan Waaqi jedhe waan sitti himuuf, ati diqqoo asuma turi» jedhe. \c 10 \s1 Saa'ol Mootii Te'iisaaf Muudame \p \v 1 Achiin duuba Saamu'el buttullee zayitii ejersaa fuudhee, zayitii mataa Saa'olii irratti dhangalaasee, isa sunqatee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa isaa Israa'el akka bulchitu si muudee motii ree? \v 2 Ati adha yennaa na biraa kaatee deentu, lafa Beniyaaminii Zelzaa keessatti addee awwaala Raahelii biratti namoota lama hin dhaggita; isaan, ‹Harreeleen ati barbaaddu mudhatteerti; abbaan keetille marroo harreele'eetiif yaaduu lakkisee, marroo teetiif: Marroo ilma kiyyaa maan godhu laati? jedhee si'iif yaaddowiisatti jira› jedhanee sitti hin himan. \v 3 Achiin duuba ati isaan biraa kaatee haga qilxaa Taaborii bira yennaa geettu, achitti namooti sad, isaan keessaa tokkochi ilmoolee re'e'ee sad ba'atee, tokkochi dhibiin daabboo xaltaa sad ba'atee, kuunille qalqalluu daadhii woyni'ii ba'atee gara Waaqa Bet'el jiruu dhaqanuun wol hin dhaggitan. \v 4 Isaan nageya si fuudhanee, daabboo xaltaa lama si'iif hin kennan; atille harka isaanii irraa fudhatuu qadda. \v 5 Achiin duuba addee loltooti Filisxeemotaa jiranu gara kooba Waaqaa Giibe'aa hin dhaxxa; gara qacha'aa akkuma seenteen, gumiin raagotaa maseenqoo dhowaa, dibbee dhowaa, suusullee afuufaa, kiraara guddicha dhowaa, raaga dubbataa addee waaqonfanna'aa irraa gad bu'anuun hin dhaggita. \v 6 Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa si irratti hin bu'a; atille isaan woliin raaga hin dubbata; jijjiirantee nama dhibii hin teeta. \v 7 Beessisi kun yennaa muummowe, Waaqi si woliin waan jiruuf waan dandeette mara huji. \v 8 Ati naan dura gara Giilgalii gad bu'i! Kunoo, ani kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessiisaaf gara keeti hin dhufa. Ati ammoo haga ani si bira dhufee, waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba hin turta» jedhe. \s1 Saa'ol Mootii Te'e \p \v 9 Saa'ol yennaa Saamu'el biraa deemiisaaf ka'e, Waaqi qalbii Saa'olii jijjiire; beessisi marti guyyuma san muummowe. \v 10 Saa'ol tajaajilaa ifii woliin Giibe'aa yennaa geye, kunoo, gumiin raagotaa isa dhaggitee, Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'e; innille isaan woliin raaga dubbate. \v 11 Worri qara isa beeku marti yennaa inni raagota woliin raaga dubbatuun isa dhaggane, «Ilma Qiishiititti maanti dhufe? Saa'olille raaga'aa?» jedhanee wol gagaafatane. \v 12 Nami achi le'u tokko, deebisee, «Abbaan isaanii eennu?» jedhe; maarre, «Saa'olille raaga'aa?» jechuun mammaassa teete. \v 13 Saa'ol raaga dubbatee fixateen duuba gara addee waaqonfanna'aa dhaqe. \p \v 14 Obboleessi abbaa Saa'olii, «Eessa dhaxxane?» jedhee isaa fi tajaajilaa isaa gaafate; Saa'olille, «Harreelee barbaadiisa deenne; harreeleen dhabannaan gara Saamu'elii dhandhe» jedheen. \p \v 15 Obboleessi abbaa Saa'oliille, «Maganne'e waan Saamu'el si'iin jedhe natti himi» jedheen. \p \v 16 Saa'olille obboleessa abbaa ifiitiin, «Harreeleen akka mudhatteertu nutti himeera» jedheen; te'uu malee marroo mootii te'iisa ifii ta Saamu'el isatti dubbate, isatti hin hinne. \s1 Saa'ol Mootii Akka Te'e Beekkame \p \v 17 Saamu'el kolbaa Israa'elii gara Miispha'aa Mootii Waan Maraa duratti wolitti waamee, \v 18 kolbaa Israa'eliitiin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani isin Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasee, harka Gibxootaatii fi harka mootummoota isin cunqursanu mara jalaa isin baase› jedha. \v 19 Isin ammoo adha Waaqa keessan ka rakkinnaa fi farra jalaa isin baase tuffattanee, ‹Mootii nu'uuf moosisi› jettane. Maarre amma gosuma gosa gosa keessaniitii fi fira fira keessaniitiin Mootii Waan Maraa dura dhikaadha'a» jedheen. \p \v 20 Achiin duuba Saamu'el gosa Israa'elii mara dhikeessee, gosi Beniyaaminii hixa'aan filamane. \v 21 Inni gosa Beniyaaminii maatii maatii isaaniitiin dhikeesse, maatiin Maxirii hixa'aan filamane; dhuma irratti ilmi Qiishii Saa'ol hixa'aan filame; garuu isaan yennaa isa barbaadane inni hin dhagganne. \v 22 Maarre isaan, «Saa'ol dhufeeraa?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane; Mootiin Waan Maraa deebisee, «Kunoo, Saa'ol meya odduu dhokateera» jedhe. \p \v 23 Maarre isaan fiiganee dhaqanee, addee inni dhokateeruu isa fidane; inni dhufee kolbaa odduu yennaa dhaabbate gurmuu ifiitii ol kolbaa mara caalaa dheerata. \v 24 Saamu'el kolbaa maraan, «Nama Mootiin Waan maraa filate kana dhaggitanee? Kolbaa mara keessaa ka akka isaa tokkolle hin jiru» jedhe. \p Achiin duuba kolbaan marti qoonqoo ifii ol qabattee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti» jette. \p \v 25 Achiin duuba Saamu'el mirgaa fi hujii mootichaa kolba'atti beessiseen duuba, kitaaba irratti barreessee Mootii Waan Maraa dura keye; achiin duuba Saamu'el nami marti gara mana ifii akka galu geegesse. \v 26 Saa'olille gara mana ifii ka Giibe'aa jiruu deemee, loltooti jajjabi ta Waaqi qalbii isaanii tuqelle isa woliin deemane. \v 27 Worri gariin ka woy hin baane ammoo, «Nami kun attam nu baasuu dande'a» jedhane. Isaan isa tuffatanee, kennansa isaaf hin finne. Saa'ol ammoo cadhiseetuma isaan lakkise. \c 11 \s1 Saa'ol Amoonota Injifate \p \v 1 Achiin duuba mootiin Amoonotaa Nahaashi qachaa Yaabesh-Giil'aadiititti duulee marse; namooti Yaabeshii marti Nahaashiin, «Nuuti si hin tajaajilla, ati nu woliin wolii galtee godhadhu» jedhane. \v 2 Nahaashi ammoo deebisee, «Ani tokko tokkoo keessan ila teessan ta gara middaa hoqonqolee isin keessaa baasiisaan isiniin wolii gala; akka kanaan Israa'eloota mara irratti salphinna fida» jedhe \v 3 Jaarsoleen Yaabeshii isaan, «Gara lafa Israa'elii maratti nama akka ergannuuf guyyaa torba nu'uuf kenni; achiin duuba nami nu baasu yoo hin jirre te'e harka sitti hin kennanna» jedhane. \p \v 4 Worri ergame gara qachaa Giibe'aa addee Saa'ol jiru dhufee, oduu tana kolba'atti yennaa hime, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee bootte. \v 5 Yennaa tana, Saa'ol qotiyyoota ifii oofataa ficha'aa dhufiisatti jiraayyu; inni, «Kolbaan tun maan teetee bootti» jedhee gaafate. Isaanille waan worri Yaabeshii jedhe isatti himane. \v 6 Saa'ol dubbii tana yennaa dhage'e Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee, inni guddoo aaree bobe'e. \v 7 Qotiyyoota ximmaadii tokko fuudhee qalee kukkutee foon san lafa Israa'elii maratti ergantootaan ergee, «Worra Saa'olii fi Saamu'el gula hin baane, qotiyyooti isaanii akkana hin kukkutanti» jedhe. Kolbaan marti Mootii Waan Maraa sodaattee nami tokkolle adoo hin hafin tokkumma'aan baate. \v 8 Saa'ol addee, «Bazeqi» jedhantutti yennaa isaan wolitti qabe, laakkossi isaanii, Israa'elooti nama kuma dhibba sad, Yihudooti nama kuma soddoma te'ane. \v 9 Isaan namoota ergamanee dhufane saniin, «Dhaqa'aatii, worra Yaabesh-Giil'aadiitiin, ‹Boru yennaa aduun o'itu bilisa hin baatan› jedha'aan» jedhane. Worri ergame sunille dhaqanee, worra Yaabeshiititti tana yennaa himane isaan gammadane. \v 10 Tanaaf, worri Yaabeshii, worra Amoonotaatiin, «Nuuti boru harka keenna isinitti hin kennanna; isinille waanuma feetane nu godha'a» jedhane. \p \v 11 Boruyyaa Saa'ol namoota addee saditti qoode; yennaa latti bariite addee quttuma Amoonotaa cassanee seenanee, haga aduun o'itu isaan ijjeesane; worri lubbu'uun hafanelle karaa karaa waan bittinnowaneef, isaan keessaa nami lamalle wol biratti hafuu hin dandeenne. \p \v 12 Achiin duuba kolbaan Saamu'eliin, «Worri, ‹Saa'ol nu bulchaa?› jedhe eennu fa'a? Namoota san akka ijjeennuuf gara keenna fidi» jedhane. \p \v 13 Saa'ol ammoo, «Guyyaan adhaa guyyaa Mootiin Waan Maraa Israa'eloota bilisa baase waan te'eef, adha nami tokkolle hin ijjeefamu» jedhe. \v 14 Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Kowa'a, nu martinuu Giilgal dhandhee Saa'ol mootii keenna akka te'e itti deebinee mirkaneessina» jedhe. \v 15 Maarre kolbaan marti Giilgal dhaqanee Saa'ol mootii akka te'e Mootii Waan Maraa duratti mirkaneessane; isaan achitti kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraa duratti dhikeessane; Saa'olii fi Israa'elooti marti gammadaan firinxiixane. \c 12 \s1 Saamu'el Nageya Dhaame \p \v 1 Saamu'el Israa'eloota maraan, «Kunoo, ani waan isin jettane mara isiniif dhage'ee mootii isiniif mootonseera; \v 2 kunoo, nama mootii te'ee isin sooressu dhaggattaneertan; ani dulloomee arrii baaseera; kunoo, ijoolleen tiyyalle isin woliin jirti. Ani bara dargaggummaa tiyyaatiin jalqabee haga adhaa isin sooresseera. \v 3 Kunoo, isin dura dhaabbadheera; Mootii Waan Maraatii fi mootii inni muude duratti dhugaa na irratti baya'a. Ani qotiyyoo eennuu fudhadheera? Harree eennuu fudhadheera? Eennu sobeera? Eennu cunqurseera? Dhaggee akka hin dhagginee isi'iin te'iisaaf, eennu irraa beesee safu'uu fudhadheera? Na irratti dhugaa baya'aatii, anille adde'etti isiniif hin deebisa» jedhe. \p \v 4 Isaanille, «Ati nu hin sonne yookiin nu hin cunqursine yookiin nama tokko irralle'ee waan tokkolle hin fudhanne» jedhanee deebisane. \v 5 Saamu'el isaaniin, «Harka kiyya keessatti waan tokkolle akka isin hin dhaggin, Mootiin Waan Maraatii fi mootiin inni muude adha isin irratti dhugaa hin bayan» jedhe. Isaanille, «Ee, Mootiin Waan Maraa dhugaa-baya'a» jedhane. \p \v 6 Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa ka Muuse'ee fi Aaron muudee, abbootii teessan ta duriille biyya Gibxi'ii keessaa baase. \v 7 Tanaaf ani hujii balchumma'aa ta Mootiin Waan Maraa isinii fi abbootii teessaniifille huje maraaf, Mootii Waan Maraa duratti waan isin ifi eeggachiisuuf, isin as dhaabbadha'a! \v 8 Yaaqoob maatii ifii woliin biyya Gibxi'iititti yennaa gale, worri Gibxi'ii isaan cunqursee, isaan Mootiin Waan Maraa akka isaan qarqaaruuf gara isaa iyyane; Mootiin Waan Maraalle Muuse'ee fi Aaron worra abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'iitii baasanee addee tana akka qubatanu godhane isaaniif erge. \v 9 Isaan ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dedhane; tanaaf, inni harka ajajaa loltoota Hazoorii Siisera'aatitti, harka Filisxeemotaatii fi harka mootii Mo'aabiititti dabarsee isaan kenne; isaanille abbootii teessan ta durii injifatane. \v 10 Abbootiin teessan ta duriille, ‹Nuuti cubbuu hunyeera; Mootii Waan Maraa lakkinnee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti tajaajilleerra; akka nuuti si tajaajilluuf, amma ammoo harka diinota keennaa jalaa nu baasi› jedhanee gara Mootii Waan Maraa iyyane. \v 11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Yiruub-Ba'aal, Bedaan, Yifta'aa fi ana Saamu'el isiniif ergee, harka diinota adaala keessan jiranuu jalaa isin baase; isinille nageyaan leetane. \v 12 Mootiin Amoonii Nahaashi isin loliisaaf akka dhufiisatti jiru yennaa dhaggitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootii keessan adoo te'eeruu, isin anaan, ‹Waawwo'o, mootii nu bulchu barbaanna› jettane. \p \v 13 «Mootii isin filattane, ka isin gaafattane kunoo ti! Mootiin Waan Maraa isiniif mootonseera. \v 14 Isin Mootii Waan Maraa sodaattanee, isa tajaajiltanee, isaaf ajajantanee, ajaja isaa irratti yoo ka'uu dhaddane, isinii fi mootiin keessan ka isin bulchu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo hordottane, wonni dansaan isiniif hin teeti. \v 15 Ammoo Mootii Waan Maraatiif ajajamiisa dhaddanee, ajajaa isaa irralle'etti yoo kaatane, inni akkuma abbootii teessan ta durii adabe isinille hin adaba. \v 16 Tanaaf, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, waan guddoo Mootiin Waan Maraa ila teessan duratti godhu ilaala'a. \v 17 Amma yennaan ta qamadii haammattanuu motii? Mootiin Waan maraa mandiisu'uu fi bokkeya akka fidu ani gara isaa hin daadimadha; isin mootiin akka isiniif mootomu gaafatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu akka hujane, yennaa san hin hubattan» jedhe. \p \v 18 Maarre Saamu'el gara Mootii Waan Maraa daadimate; guyyuma san Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya fide; kolbaan marti Mootii Waan maraatii fi Saamu'el guddoo sodaatane. \v 19 Kolbaan marti Saamu'eliin, «Cubbuu teenna mara irratti, mootiin akka nu'uuf mootomu gaafatiisaan cubbuu teenna mara irratti hammeenna kana waan hunyeef, akka hin duuneef nu tajaajiltoota teetiif gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu!» jedhane. \p \v 20 Saamu'elille deebisee kolba'aan, «Hin sodaatina'a! Isin hujii hantuu tana mara hujjaneertan. Te'ulle Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaan waaqonfadha'a malee, isa irraa gara dhibii hin deebi'ina'a. \v 21 Isaan waan woy hin baane waan te'aneef, waan duwwaa bu'aa hin qanne yookiin ka isin baasuu hin dandeenne hin waaqonfatina'a. \v 22 Mootiin Waan Maraa isin kolbaa ifii tolfatiisaaf waan jaalateef, marroo maqaa guddaa ifiitiif jedhee isin hin lakkisu. \v 23 Ani karaa dansa'aa fi waan qajeelaa isin barsiisa malee, marroo teessaniif daadimatiisa lakkisiisaan Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiis kiyya na irraa fagaatuu ti. \v 24 Isin Mootii Waan Maraa qofa sodaadha'aatii gadhaa tokkochaa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a. Waan guddoo inni isiniif godhelle hin dedhina'a! \v 25 Hujii hantuu hujiisa yoo hin lakkisin ammoo, isinii fi mootiin keessanille ijjumaa hin baddan» jedhe. \c 13 \s1 Saamu'el Saa'ol Xixe \p \v 1 Saa'ol yennaa mootii te'e nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtamii lama Israa'eloota bulche\f + \fr 13:1 \fr*\fqa Bulche: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin laakkossi woggaa inni bulchee tun ifaa moti.\ft*\f*. \v 2 Saa'ol Israa'eloota keessaa nama kuma sad file. Namooti kum lama qachaa, «Miikmaashi» jedhamu ka biyya koobittii Bet'el keessa Saa'ol woliin akka jiraatanu, kum tokko ammoo biyya Beniyaaminii qachaa Giibe'aa keessa Yonaataan woliin akka jiraatanu, worra hafe ammoo gara mana ifiititti akka deebi'anu geegesse. \p \v 3 Yonaataan garee loltoota Filisxeemotaa ta qachaa Gebaa keessa jiranu lole. Worri Filisxeemotaalle tana dhage'ane. Saa'olille, «Ibrooti dhageettuutii» jedhee lafa mara keessatti tultullaa afuussise. \v 4 Israa'elooti marti, «Saa'ol garee loltoota Filisxeemotaa lole; worri Filisxeemotaa Israa'eloota jibbe» oduu jettu dhage'ane; maarre kolbaan marti Saa'ol woliin duuliisaaf Giilgalitti wolitti qabante. \p \v 5 Worri Filisxeemotaa garreettaa fardaan harkifamu kuma soddoma, abbootii fardaa kuma jaa fi loltoota bindillaa ta laakkossi isaanii akka maansa abbaayaa qarqaraa woliin, Israa'eloota loliisaaf wolitti qabamane. Isaan dhaqanee qachaa «Miikmaashi» jedhamu ka Bet-Aween irraa gara aduun baatu jiruu qubatane. \v 6 Israa'elooti haalli keessa jiranu sodaachisaa akka te'ee fi loltooti isaaniille muddama guddaa keessa akka jiranu yennaa dhaggane, godaa fi ciggaa qore'ee keessa, odduu rassa'aa keessa, bowwa'aa fi boolla keessa seenanee dhokatane. \v 7 Worra Ibrootaa keessaa gariin laga Yordaanosii gamatti bu'anee gara lafa Gaadiitii fi lafa Giil'aadii deemane. \p Saa'ol ammoo Giilgalitti hafe; namooti isa woliin jiranu marti guddoo sodaatanee hollatane. \v 8 Innille akkuma Saamu'el isatti hime guyyaa torba isa eege; Saamu'el ammoo gara Giilgalii hin dhunne; loltooti Saa'oliille gara gara bittinnowiisa jalqabane. \v 9 Maarre Saa'ol, «Kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa as gara kiyya fida'a!» jedhee, kennansa gubamu dhikeesse. \v 10 Akkuma inni kennansa gubamu dhikeessee fixeen, yoosuma Saamu'el dhufe. Saa'olille isa qophatiisaaf gad baye. \v 11 Saamu'el ammoo, «Wonni ati hujje maan?» jedhee isa gaafate. Saa'olille deebisee, «Kolbaan akka na biraa bittinnowiisatti jirtu, atille guyyaa hin dhufa jettetti akka dhufaa hin jirre, worri Filisxeemotaalle Miikmaashitti akka wolitti qabamane yennaa dhagge, \v 12 ani, ‹Worri Filisxeemotaa na loliisaaf gara Giilgalii gad hin dhufan, anille haga ammaa qarqaarsaaf, Mootii Waan Maraa hin gaafanne!› jedhee herrege. Tanaaf, kennansa gubamu dhikeesse» jedhe. \v 13 Saamu'elille Saa'oliin, «Ati waan gowwumma'aa hujje. Ajaja Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje hin eeganne. Silaa Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti Israa'eloota irratti haga bara baraa si'iif hin jabeessaayyu. \v 14 Amma ammoo mootummaan teeti hin jabaattu. Mootiin Waan Maraa nama akka gadhaa isaa isaaf te'u dhaggateera. Ati ajaja Mootii Waan Maraa waan hin eegatiniif, Mootiin Waan Maraa bulchaa kolbaa isaa akka te'u isa filateera» jedhe. \p \v 15 Achiin duuba Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa lafa Beniyaamin keessaa dhaqe. Saa'olille worra isa woliin hafe laakkowe; isaanille gara nama dhibba jaa ti. \v 16 Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan worra isaan woliin hafane woliin lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa turane; worri Filisxeemotaa ammoo qachaa Miikmaashii keessa qubatane. \v 17 Gareen loltoota worra Filisxeemotaa kutaa saditti qoodamanee bayane. Gareen tokko karaa Ofraatiin gara lafa Shuwaalii deebi'ane; \v 18 gareen lammeesso'oo karaa Bet-Horoonii, gareen sadeesso'oo karaa meessaa dhooqa Zebo'iimii karaa fuullee goomole'ee gorane. \p \v 19 Worri Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa shallaagaa yookiin eboo hin tumatin» waan jedhaneeranuuf, lafa Israa'elii mara keessa worri sibiila tumu hin jiruuyyu. \v 20 Maarre Israa'elooti marti maarasha'aa fi qottoo, agara'aa fi haantuu qorqorsiifatiisaaf gara worra Filisxeemotaa dhaqan. \v 21 Maarasha'aa fi qottoo qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama saddeetii, agaraa, horooro'oo\f + \fr 13:21 \fr*\fqa Horooroo: \fqa*\ft Horooroon tun ta woy ittiin filanu.\ft*\f* fi sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuu qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama afurii kaffalan. \v 22 Maarre guyyaa lolaa, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataan malee loltoota isaan woliin jiranu keessaa shallaagaa yookiin eboo nami qabu tokkolle hin jiru. \p \v 23 Yennaa san loltooti Filisxeemotaa takka karaa gara Miikmaashii qaxxaamursu dooyiisaaf deemane. \c 14 \s1 Yonaataan Filisxeemota Injifate \p \v 1 Guyyaa tokko ilmi Saa'olii Yonaataan dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Koy karaa dhibi'iin gara quttuma Filisxeemotaa deenna» jedhe; garuu inni abbaa ifiititti tana hin hinne. \v 2 Saa'ol qarqara Giibe'aa addee, «Miigron» jedhantu muka rumaanii tokko jala tee'eeraayyu; loltooti gara dhibba jaa isa woliin jiran. \v 3 Abbutturoon Elii, akaakoon Fiinehaasii, ilmi Ahiixubii obboleessa Ikaaboodii Ahiiyaan, ka Shiilo'otti hayyicha Mootii Waan Maraa te'eeru, ka woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffateeru isaan woliin jiraayyu; Yonaataan akka deemeeru nami tokkolle hin beenne. \p \v 4 Karaa Yonaataan gara quttuma Filisxeemotaa gamatti bu'ee bayuun, gara bita'aa fi middaatiin rassooti lama, tokko, ka «Bozez» jedhamu, kuun, ka, «Seenee» jedhamu jiraniiyyu. \v 5 Rassaan tokko karaa kaabaatiin Miikmaashi fuula dura, kuun ammoo karaa kibbaatiin Gebaa fuula dura jira. \p \v 6 Yonaataan dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Mootiin Waan Maraa nu'uuf hin lola fa te'a, koy gara garee loltoota Filisxeemotaa ta worra haqanqabaa hin qabatinii san gara gamaa buuna. Mootiin Waan Maraa namoota baca'aan yookiin diqqa'aan nu qarqaariisa hin dande'a» jedhe. \v 7 Dargaggeessi meya isaa ka woraanaa ba'atu sun isaan, «Waan gadhaa keeti keessatti yaadde maraa godhi. Duubatti hin deebi'in. Kunoo, anille akkuma keeti gadhaa tokkochaan si woliin jira» jedhe. \v 8 Achiin duuba Yonaataan isaan, «Kunoo, koy gara isaanii gamatti buunee, itti mudhanna. \v 9 Isaan nu'uun, ‹Haga nuuti gara keessan dhunnu achumatti nu eega'a› yoo jedhane, adduma jirutti isaan hin eeganna; gara isaaniille hin dhandhu. \v 10 Garuu isaan, ‹Gara keenna kowa'a› yoo jedhane, Mootiin Waan Maraa isaan harka keennatti dabarsee akka kenne beessisa nu'uuf waan te'uuf, gara isaanii hin dhandha» jedhe. \p \v 11 Maarre isaan lamaanuu garee loltoota Filisxeemotaatitti mudhatane. Filisxeemotille, «Kunoo, Ibrooti boolla itti dhokatane keessaa bayiissatti jiran» jedhane. \v 12 Loltoota Filisxeemotaa keessaa jarri takka, Yonaataanii fi dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Waan tokko isinitti mudhinna, gara keenna kowa'a» jedhane. \p Maarre Yonaataanille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'atuun, «Mootiin Waan Maraa harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan waan kenneef, na gula koy!» jedhe. \v 13 Achiin duuba Yonaataan harkaa fi miilaan ol baye; dargaggeessi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atulle isa gula baye; worri Filisxeemotaa harka Yonaataanii bu'ane; dargaggeessi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atulle isa gula deemaa isaan ijjeese. \v 14 Yonaataanii fi dargaggeessi meya isaa ka woraanaa ba'atu lola guyyaa jalqabaatiin, lafa gamisa ximmaadii tokkoo keessatti namoota gara diddamaa ijjeesane. \v 15 Addee quttumaatitti, ficha'aa fi kolbaa mara oddu'utti raafam te'e; loltootii fi gareen loltootaa hollatane; lattille tachootee raafam guddaan te'e. \p \v 16 Eeddoti Saa'olii ta lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa jiranu, loltooti Filisxeemotaa asii fi achi akka bittinnowane dhaggane. \v 17 Saa'ol worra isa woliin jiruun, «Loltoota keenna laakkowa'aatii nu keessaa eentu akka deemee ilaala'a» jedhe; isaan yennaa loltoota laakkowane, Yonaataanii fi dargaggeessi isaa ka meya woraanaa isaaf ba'atu achi hin jiranu. \v 18 Yennaa san Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa kolbaa Israa'elii bira waan jiruuf, Saa'ol mooticha Ahiiya'aan, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa as fidi!» jedhe. \v 19 Saa'ol hayyicha woliin dubbatiisatti adoo jiruu quttuma Filisxeemotaa keessa hogaan ittuma bira dabare; maarre Saa'ol hayyichaan, «Daadimatiisa lakkis!» jedhe. \v 20 Achiin duuba Saa'olii fi kolbaan isa woliin jirtu wolitti qabamanee lolaaf duulane; achitti Filisxeemoti joonjitee, shallaaguma ifiitiin wol fixanuun dhaggane. \v 21 Ibrooti dur Filisxeemota woliin jiranuu fi ta isaan woliin gara addee quttumaa deemane, gara Israa'eloota Saa'olii fi Yonaataan woliin jiranuu deebi'ane. \v 22 Israa'elooti lafa koobittii Efreemii keessa dhokataneeranu marti, Filisxeemoti baqatiisatti akka jiranu dhage'anee, isaan loliisaaf gula deemaa ari'ane. \v 23 Maarre Mootiin Waan Maraa guyyaa san Israa'eloota qarqaaree, haga qachaa Bet-Aweenii dabaranee lolane. \p \v 24 Saa'ol guyyaa san, «Ani diinota kiyya adoo haluu hin bayin haga galgalaatitti, nami sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti» jedhee kolbaa waan kakachiiseef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte; maarre kolbaa keessaa nami tokkolle sagalee afaaniin hin qanne. \v 25 Loltooti marti gongomaa yennaa seenane, lafa irratti damma dhaggane. \v 26 Isaan gongomaa keessa yennaa seenane dammi sun coccophuun dhaggane; te'uu malee isaan kakuu waan sodaataneef, nami tokkolle damma san afaan ifiitiin hin qanne. \v 27 Yonaataan ammoo abbaan isaa kolbaa akka kakachiise waan hin dhage'iniif, qaccee ulee qabateeruu nadhii damma saniititti cuuphee muxate; ilti isaalle banante. \v 28 Achiin duuba loltoota keessaa nami tokko, «Abbaan keeti, ‹Nami guyyaa adhaa sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti› jedhee kolbaa kakachiiseera; tanaaf kolbaan marti dadhaddeerti» jedhe. \p \v 29 Yonaataan deebisee, «Abbaan kiyya kolbaa teenna rakkiseera. Ani damma kana irraa diqquma waan muxadheef, ilti tiyya attam akka banante ilaala'a! \v 30 Kolbaan waan diinota ifii irraa saante adha adoo nyaattee jiraatte silaa attam irra caalaa dansa'a ree? Filisxeemota keessalle'ee silaa tana caalaa ijjeefamaniiyyu» jedhe. \p \v 31 Guyyaa san Israa'elooti worra Filisxeemotaa qachaa Miikmaashii irraa haga qachaa Ayalonii lolaneen duuba guddoo dadhabane. \v 32 Isaan waan saamane san hoolee, loonii fi jabbilee ariiti'iin qalatanee foon dhiiguma woliin nyaatane. \v 33 Achiin duuba jarri takka, «Kunoo, kolbaan foon dhiiguma woliin nyaattee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiisatti jirti» jedhanee Saa'olitti himane. Innille, «Isin seera cassitaneertan; amma dhakaa guddaa gangalcha'aatii as gara kiyya fida'a!» jedhe. \v 34 Achiin duuba inni, «Kolbaa keessa deddeema'aatii, isaaniin, ‹Tokko tokkoon keessan loonii fi hoolee teessan as gara kiyya fida'aatii, asumatti qaladha'aa nyaadha'a! Garuu foon dhiiguma woliin nyaatiisaan Mootii waan Maraa duratti cubbuu hin hujina'a› jedha'aa itti hima'a» jedhe. Maarre tokko tokkoon isaanii loon ifii fidanee galgaluma san achitti qalatane. \v 35 Achiin duuba Saa'ol addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare; tun addee ciinca'aa ta inni jalqaba irratti Mootii Waan maraatiif ijaare. \p \v 36 Saa'ol, «Kowa'a, halkaniin worra Filisxeemotaa gula deennee haga latti bariitutti isaan saanna! Isaan keessalle'ee nama tokkolle lubbu'uun hin hamburru» jedhe. \p Isaanille, «Waanuma sitti tole mara godhi» jedhanee deebisane. \p Hayyichi ammoo, «Me, qara asumatti Waaqa gaafannuu ti» jedhe. \p \v 37 Maarre Saa'ol, «Worra Filisxeemotaa gula deemuu? Harka Israa'elootaatitti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate; Waaqi ammoo guyyaa san deebii isaaf hin kennine. \v 38 Tanaaf, Saa'ol, «Isin sooressitooti loltootaa marti as kowa'a! Cubbuu adha hujante qorqorree dhaggina! \v 39 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee Israa'eloota hamburee! Nami cubbuu tana huje ilma kiyya Yonaataan te'ulle ijjeefamuu ti!» jedhe. Garuu kolbaa keessaa nami tokkolle deebii hin kennine. \v 40 Achiin duuba Saa'ol Israa'eloota maraan, «Isin gara san dhaabbadha'a! Ani fi ilmi kiyya Yonaataan ammoo gara kana hin dhaabbanna!» jedhe. \p Kolbaalle isaan, «Ati waanuma sitti tole mara godhi!» jette. \v 41 Tanaaf, Saa'ol gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii daadimatee, «Ati deebii sirrii teete naaf deebisi» jedhee hixaa buuse; hixaan Saa'olii fi Yonaataan irra bu'e; kolbaalle bilisa baate. \v 42 Saa'ol, «Anaa fi ilma kiyya Yonaataaniif hixaa buusa'a» jedhe; hixaan Yonaataan irra bu'e. \v 43 Achiin duuba Saa'ol Yonaataaniin, «Waan hujje natti himi!» jedhe; Yonaataanille, «Qaccee ulee tiyyaatiin damma diqqaa isaa muxadheera; kunoo, ani amma du'uu qaba!» jedhe. \p \v 44 Saa'ol, «Yonaataan, ati yoo hin ijjeefamin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe. \v 45 Kolbaan ammoo Saa'oliin, «Nami baafama guddaa akkanaa Israa'el keessatti fide, Yonaataan ijjeefamuu qabaa ree? Tun hin teetu; inni adha qarqaarsa Waaqaatiin tana waan hujeef, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Rifeensa mataa isaa keessaa tokkolle lafa hin bu'u» jedhane. Maarre kolbaan Yonaataan du'a irraa hamburte. \v 46 Achiin duuba Saa'ol Filisxeemota ari'iisa lakkisee, isaan gara biyya ifii deebi'ane. \s1 Mootummaa Saa'oliitii Fi Maatii Isaa \p \v 47 Saa'ol Israa'el irratti mootii te'een duuba diinota adaala ifii: Mo'aabota, Amoonota, Edoomota, mootota Zoba'aatii fi Filisxeemota lole; inni addee dhaqe maratti diinota ifii injifate. \v 48 Inni jannuma'aan lolee Amaaleqoota injifatee, Israa'eloota worra isaan saamu jalaa baase. \p \v 49 Maqaan ilmaan Saa'olii, Yonaataan, Yishwii fi Malkiishuwa'a. Maqaan durra isaa angafittiin, Meraab, maandhittiin Mikaal. \v 50 Maqaan haadha manaa isaa Ahino'aam; isiin intala Ahimaazii ti; maqaan ajajaa loltoota isaa Abneer; inni ilma Neerii obboleessa abbaa Saa'olii ti. \v 51 Abbaan Saa'olii Qiishii fi abbaan Abneerii Neer, isaan lamaanuu ilmaan Abii'elii ti. \p \v 52 Bara Saa'olii mara Filisxeemota woliin lolli jabaan jiraayyu; Saa'olille nama hunnaamessa yookiin janna yennaa dhagge, fudhatee tajaajilaa ifii godhata. \c 15 \s1 Saa'ol Amaaleqoota Lole \p \v 1 Saamu'el Saa'oliin, «Kolbaa isaa Israa'el irratti mootii akka teetu ani akka si muuduuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera; tanaaf ati ergaa Mootii Waan Maraa biraa dhutte caqasi! \v 2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Israa'elooti biyya Gibxi'iitii yennaa bayane Amaaleqooti karaa irratti isaan waan mormaneef ani isaan hin adaba. \v 3 Ati amma dhaqiitii Amaaleqoota loli; dhiiraa fi dubartii, ijoolle'ee fi annoolee, loon, hoolee, gaalaa fi harree waan tokkolle adoo hin hamburin waan isaan qabanu mara ijjumaa balleessi› jedha» jedhe. \p \v 4 Maarre Saa'ol addee, «Xilaa'iim» jedhantutti namoota wolitti qabee, isaan keessaa loltoota miilaa kuma dhibba lama, Yihudaa keessalle'ee namoota kuma kudhan laakkowe. \v 5 Saa'ol gara qachaa Amaaleqootaa dhaqee dhooqa takka keessatti riphee gaade. \v 6 Inni worra Qenootaatiin, «Isin yennaa Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa baatu waan dansaa isaaniif waan gootaneef, ani worra Amaaleqootaa woliin akka isin hin balleessine isaan irraa adda baya'a» jedhe; maarre worri Qenootaa Amaaleqoota irraa adda bayane. \v 7 Achiin duuba Saa'ol worra Amaaleqootaa Hawiilaa irraa jalqabee haga Shuurii ta Gibxii irraa karaa aduun baatu jirtuutitti lole. \v 8 Inni mootii Amaaleqootaa Agaag lubbu'uun adoo jiruu booji'ee, kolbaa isaa mara shallaaga'aan ijjumaa balleesse. \v 9 Saa'olii fi loltooti isaa ammoo Agaag, loonii fi hoolee dadansaa, jabbi'ii fi buruusota cocooma adoo hin ijjeesin lakkisane. Isaan kana ijjumaa balleessuu hin barbaanne; garuu isaan waan woy hin baane ka tuffatane qofa balleessane. \s1 Saa'ol Mootii Waan Te'eef Tuffatame \p \v 10 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Saamu'elii dhufee, \v 11 «Saa'ol na hordofatiisa lakkisee, seera kiyyalle waan hin eegatiniif, ani waan isa mootonseef gaabbeera» jedhe. Saamu'elille guddoo aaree halkan guutuu gara Mootii Waan Maraa iyye. \v 12 Saamu'el barii ganamaan ka'ee Saa'ol dhaggiisaaf dhaqe; garuu, «Saa'ol gara Qarmelosii deemeera; achitti ulfinna ifiitiif soodduu dhaabbateen duuba, deebi'ee gara Giilgalii deemeera» jedhanee isatti himane. \v 13 Saamu'el gara Saa'olii yennaa dhufe, Saa'ol isaan, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu! Ani ajaja Mootii Waan Maraa muummesseera» jedhe. \p \v 14 Saamu'elille, «Madhi hoole'eetii fi baroodiis korommi'ii ka ani gurra kiyyaan dhage'u kun maan?» jedheen. \p \v 15 Saa'ol deebisee, «Kun waan Loltooti worra Amaaleqootaa irraa boojitee fidde, isaan hoolotaa fi korommii dadansaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincaa dhikeessiisaaf fidaneeran; waan hafe ijjumaa balleessineerra» jedhe. \p \v 16 Saamu'elille Saa'oliin, «Diqqoo eegi! Halkan kale'ee waan Mootiin Waan Maraa natti hime sitti hima!» jedhe; Saa'olille, «Natti himi me!» jedhee deebise. \p \v 17 Saamu'elille, «Ati akka nama diqqaa tokkootitti ifi ilaaltulle, sooressa gosa Israa'elii teetee hin jirtuu ree? Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti mootii si godhee muudeera; \v 18 Mootiin Waan Maraa, ‹Dhaqiitii, Amaaleqoota cubbaaleyyii san ijjumaa balleessi! Haga isaan ijjumaa badanutti loli› jedhee si ergeeraayyu; \v 19 ati Mootii Waan Maraatiif maaf hin ajajamin ree? Boojuu fudhatiisaaf joljoltee Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu maaf hujje ree?» jedhe. \p \v 20 Saa'olille deebisee Saamu'eliin, «Ani Mootii Waan Maraatiif ajajameera; gara inni itti na ergelle dhaqeera; Amaaleqoota mara balleessee, mootii isaanii Agaagille booji'ee fideera. \v 21 Loltooti ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif Giilgalitti ciincaa dhikeessiisaaf, boojuu keessaa hoolotaa fi korommii dadansaa fuudhanee dhufaneeran» jedhe. \p \v 22 Saamu'el deebisee, «Mootiin Waan Maraa nama jecha isaatiif ajajamutti haga gammadu, kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaatutti hin gammadaa ree? Kunoo, ajajamiis ciincaa dhikeessanu caala; dhage'iisille korbeessa hoole'ee coomaleessa ciincaa dhikeessanu caala. \v 23 Finqilli akka cubbuu nama moruu ti; koorrille waaqa dharaa akka waaqonfatiisaa ti; ati jecha Mootii Waan Maraa waan tuffatteef, innille akka ati mootii hin teene si tuffateera» jedheen. \p \v 24 Achiin duuba Saa'ol Saamu'eliin, «Ani cubbuu hujeera; ajaja Mootii Waan Maraatii fi seera keeti irra dabareera; kolbaa waan sodaadheef waan isaan na gaafatane mara godheera. \v 25 Tanaaf, amma maganne'e cubbuu tiyya naa araaramiitii, Mootii Waan Maraa akka waaqonfadhu na woliin deebi'i» jedhe. \p \v 26 Saamu'el ammoo isaan, «Ani si woliin hin deebi'u! Ati jecha Mootii Waan Maraa waan tuffateef, innille akka ati Israa'el irratti mootii hin teene si tuffateera» jedhe. \p \v 27 Saamu'el deemiisaaf yennaa garagale, Saa'ol qaccee handaara woyaa isaa qabatee, woyaalle tarsaate. \v 28 Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa mootummaa Israa'elii adha si irraa tarsaasee, nama dhibii si caaluuf dabarsee kenneera. \v 29 Mootiin Waan Maraa ka ulfinna Israa'elii te'e, hin hollu yookiin hin gaabbu; inni nama waan hin te'iniif akka namaa hin gaabbu» jedheen. \p \v 30 Achiin duuba Saa'ol deebisee, «Ani cubbuu hujeera, maganne'e jaarsolee kolbaa tiyyaatii fi Israa'eloota duratti ulfinna naaf kenni; Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka waaqonfadhu maganne'e na woliin deebi'i» jedheen. \v 31 Maarre Saamu'el isa woliin deebi'ee, Saa'olille Mootii Waan Maraa waaqonfate. \p \v 32 Achiin duuba Saamu'el, «Mootii Amaaleqootaa Agaag naa fida'a!» jedhe; Agaagille, «Dhugumaan duuti hadhoottuun dabarteerti» jedhaa gammadaa gara isaa dhufe. \v 33 Saamu'el ammoo, «Akkuma shallaagaan keeti dubartoota ta ijoollee hin qanne goote, haati teetille dubartoota keessaa ta ijoollee hin qanne teeti» jedhee, Giilgalitti Mootii Waan Maraa duratti Agaag kukkute. \p \v 34 Achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deeme; Saa'olille gara mana ifii ka Giibe'aa keessa jiruu deeme. \v 35 Saamu'el Saa'oliif bowulle haga du'a ifiititti isa dhaggiisaaf gara isaa hin deenne; Mootiin Waan Maraa Saa'ol Israa'el irratti waan mootii godheef gaabbe. \c 16 \s1 Daawiti Mootii Te'iisaaf Muudame \p \v 1 Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Akka inni Israa'el irratti mootii hin teene, nama ani tuffadhe Saa'oliif haga yoomii bootta? Ani ilmaan Iseyii keessaa nama mootii te'u waan dhaggadheef, gara Iseyii nama biyya Betlihemii waan si erguuf, meya gaafaa keetitti zayitii ejersaa guutii fudhadhuu deemi» jedhe. \p \v 2 Saamu'el ammoo, «Saa'ol tana yoo dhage'e na waan ijjeesuuf, ani attam dhaquu dande'a ree?» jedhe; \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Goronsa tokko geessiitii, ‹Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhufeera› jedhi! \v 3 Iseyille gara addee ciincaa itti dhikeessituu waami; ani waan ati gootu sitti himee, nama ani sitti himu naaf hin muudda» jedhe. \p \v 4 Saamu'el waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe; yennaa inni Betlihem geye jaarsoleen qachaa sanii hollataa isa qophatiisaaf dhuttee, «Ati nageyaafuu dhuttee?» jettee isa gaafatte. \p \v 5 Saamu'el deebisee, «Ee nagewuma; ani Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf dhufe; isinille ifi woyyoonsa'aatii na woliin gara ciinca'aa kowa'a» jedhe; achiin duuba inni Iseyii fi ilmaan isaa woyyoonsee gara ciinca'aa san akka dhufanu isaan waame. \p \v 6 Isaan yennaa achi geyane, Saamu'el isaan keessaa Eliiyaab dhaggee, «Dhugumaan nami Mootiin Waan Maraa muude, Mootii Waan Maraa dura kunoo, dhaabbateera» jedhee herrege. \p \v 7 Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu'eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe. \p \v 8 Achiin duuba Isey Abinaadaab waamee fuula Saamu'elii dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isa kanalle hin filanne» jedheen. \v 9 Iseyille Shamaa fuula isaa dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isalle hin filanne» jedhe. \v 10 Isey ilmaan ifii torba fuula Saamu'elii dura akka dabaranu godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isaan kana hin filanne» jedhe \v 11 Maarre inni Iseyiin, «Ilmaan teeti tanuma calla'aa?» jedhee gaafate. \p Iseyille, «Maandhich isaan maraa hin dhunne; inni hoolee tissiisatti jira» jedhee deebise; \p Saamu'elille, «Haga inni dhufutti nuuti waan gad hin teenneef, itti ergiitii isa fichisiisi!» jedhe. \v 12 Tanaaf inni nama itti ergee isa fichisiise; innille diimaa, nama miidhagaa ila kuulle'ee ti. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saa'oliin, «Nami ani filadhe isa kana; ka'iitii isa muudi!» jedhe. \v 13 Saamu'elille gaafa Zayiti'iin guutame fuudhee obboleeyyan isaa duratti isa muude; guyyaa sanii jalqabee Ayyaanni Mootii Waan Maraa Daawiti irratti bu'e; achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deebi'e. \s1 Daawiti Saa'ol Tajaajile \p \v 14 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Saa'ol irraa fagaatee, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergame isa rakkise. \v 15 Tajaajiltooti Saa'olii isaan, «Kunoo, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergamee si rakkisiisatti jira. \v 16 Tanaaf ayyaanni hamaan ka Mootiin Waan Maraa sitti erge sun yennaa sitti dhufu, nama kiraara gudicha akka dansaa taphatee akka ati fayyitu si godhu akka si'iif barbaannu nu tajaajiltoota teeti ajaji!» jedhane. \p \v 17 Maarre Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Nama akka dansaa kiraara guddicha taphatu barbaada'aatii naa fida'a!» jedhe. \p \v 18 Tajaajiltoota keessaa tokko, «Nama kiraara guddicha akka dansaa taphatu ilma Iseyii nama biyya Betlihemii dhaggeera; inni janna, ka lola dande'u, nama dubbii beekuu fi nama dhaaba tolu; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jira» jedhee deebise. \p \v 19 Tanaaf Saa'ol gara Iseyii nama erge, «Ilma keeti ka tissee hoole'ee Daawiti naaf ergi» jedhe. \v 20 Maarre Isey daabbo'oo fi qalqalluu daadhii woyni'ii harre'etti fe'ee, buruusoo korbeessa re'e'ee ilma ifii Daawititti kennee gara Saa'olii erge. \v 21 Daawiti gara Saa'olii dhufee isa tajaajiliisa jalqabe; Saa'olille guddoo isa jaalatee, innille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu te'e \v 22 Achiin duuba Saa'ol gara Iseyii nama ergee, «Daawiti na duratti fudhatama waan dhaggateef, na bira tee'ee na tajaajiluu ti» jedhe. \v 23 Ayyaanni hamaan Waaqa biraa gara Saa'olii yennaa dhufu, Daawiti kiraara guddicha taphataayyu; Saa'olille fayyee ayyaanni hamaan sun isa irraa fagaataayyu. \c 17 \s1 Daawitii Fi Goliyaad \p \v 1 Filisxeemoti loltoota ifii qachaa Yihuda'aa Sokooti keessatti lolaaf wolitti qabatane; isaanille Sokootii fi Aazeqaa wodhakkaa Efes-Damiim keessa qubatane. \v 2 Saa'olii fi Israa'elooti wolitti qabamanee dhooqa Elaa keessa qubatanee, Filisxeemota loliisaaf tarree galane. \v 3 Wodhakkaa isaanii dhooqi takka jirtuun, Filisxeemoti kooba takka, Israa'elootille kooba dhibii qabatane. \p \v 4 Nami qachaa Gaatiitii dhufe tokko ka hojjaan isaa ciqilee jaa fi taakku'uu, ka jannuma'aan beekkame Goliyaad quttuma Filisxeemotaa keessaa bayee dhufe. \v 5 Inni gullee sageettuu irraa hujante mata'atti keyatee, qomoo sageettuu irraa hujante meya lolaa ta kiiloogiraama shantamii torbaa uffateeraayyu. \v 6 Inni waan akka quncee mukaa ta sageettuu irraa hujante miila ifiititti hidhatee, urdee sageettuu irraa hujante gurmuu ifii irraa qabaayyu. \v 7 Somey eboo isaa muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowe san itti maru geettiiyyu; sibiilli eboo isaalle gara kiiloogiraama torbaa ti; tajaajilaan wontee isaa ba'atu isa dura deemaayyu. \v 8 Goliyaad dhaabbatee loltoota Israa'elii tarree galtee jirtuun, «Isin maaniif tarree galtanee lolaaf baatane? Ani nama biyya Filisxeemotaa ti; isinille tajaajiltoota Saa'oliitii motii? Nama tokko filadha'a; inni gara kiyya dhufuu ti! \v 9 Inni na lolee yoo na ijjeesuu dande'e, nuuti tajaajiltoota teessan hin teena. Ani ammoo isa injifadhee yoo isa ijjeese, isin tajaajiltoota teenna teetanee nu hin tajaajiltan» jedhe. \v 10 Achiin duuba nami biyya Filisxeemotaa sun, «Ani adha loltoota Israa'elii haga ilaala, nama na lolu tokko naaf kenna'a!» jedhe \v 11 Saa'olii fi Israa'elooti marti dubbii nami biyya Filisxeemotaa dubbate tana dhage'anee, nayanee guddoo sodaatane. \s1 Daawiti Addee Quttuma Loltoota Israa'elii Dhaqe \p \v 12 Daawiti ilma Iseyii nama biyya Efraata'aa, ka biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessa le'uu ti. Isey ilmaan dhiiraa saddeeti qabaayyu; bara Saa'olii keessa inni guddatee dulloomeeraayyu. \v 13 Ilmaan Iseyii gugurdoon sad lolaaf Saa'ol woliin duulaneeraniiyyu; maqaan ilmaan isaa ka lolaaf duulanee, angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shama'a. \v 14 Daawiti isaan maraaf maandhicha; obboleeyyan isaa gugurdoon sad Saa'ol woliin duulane; \v 15 Daawiti ammoo hoolee abbaa ifii tissiisaaf Saa'ol biraa gara Betlihemii deebi'e. \p \v 16 Nami biyya Filisxeemotaa sun guyyaa afurtama ganamaa fi galgala loltoota Israa'elootaa dura dhufee dhaabbataayyu. \p \v 17 Isey ilma ifii Daawitiin, «Akum'ee garbu'uu kiiloogiraama diddamaa fi xaltaa daabbo'oo kudhan kana qabadhuutii obboleeyyan teetiif ariifadhuu addee quttumaa geessi! \v 18 Itittuu goge kudhan kanalle ajajaa loltootaatiif geessi; obboleeyyan teeti nageyaan akka jiranu ilaaliitii, nageyaan jiraatiisa isaanii beessisa isaan biraa fidii koy. \v 19 Isaan Saa'olii fi Israa'eloota mara woliin dhooqa Elaa keessatti Filisxeemota loliisatti jiran» jedhe. \p \v 20 Daawiti boruyyaa ganama ka'ee hoolota tissitootatti lakkisee, waan Isey isa ajaje ba'atee deeme; loltooti addee qabataneeranu, lolaaf dhaadataa bayiisatti jiranuun addee quttumaa san geye. \v 21 Israa'elootii fi Filisxeemoti tarree galanee fuula wolitti galaneeraniiyyu. \v 22 Daawiti meya ifii namicha galaa eegu biratti lakkisee, gara lolaa fiigee obboleeyyan ifii dhaggee nageya fuudhe. \v 23 Inni obboleeyyan ifii woliin adoo haasowiisatti jiruu, Goliyaad nami janni worra Filisxeemotaa ka biyya Gaatiitii dhufe, tarree loltootaa keessaa bayee akkuma qaraa dhaadatuun, Daawiti isa dhage'e. \v 24 Israa'elooti Goliyaad yennaa dhaggane, marti isaaniituu guddoo sodaatanee isa duraa baqatane. \v 25 Isaan, wol wolille'een, «Nama guyyuma guyya'aan dhufee Israa'eloota arrassu kana hin dhaggitan. Nama isa ijjeeseef mootichi karra bacaa hin kenna. Intala ifiille isa fuusisee, maatii abbaa isaalle biyya Israa'elii keessatti gibira akka hin kaffalle hin godha» jedhane. \p \v 26 Daawiti worra isa bira dhaabbateen, «Nama biyya Filisxeemotaa kana ka ijjeesee, salphinna akkanaa kana Israa'eloota irraa nama balleessuuf maan isaaf godhan? Nami biyya Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabatin kun, loltoota Waaqa jiraata'aatitti dhaadatiisaaf inni eennu?» jedhee gaafate. \v 27 Isaanille, «Nama isa ijjeeseef wonni godhamu'uu male kana» jedhanee waanuma qara dubbatane san deebisanee isatti himane. \p \v 28 Obboleessi isaa angafichi Eliiyaab, Daawiti namoota woliin dubbatuun isa dhage'ee, aaree bobe'ee, «Maaf as dhutte? Hoolota diqqoo san goomolee keessatti eennu biratti lakkitte? Ati sababa koora keetiitii fi hammeenna gadhaa keetiitiif, lola ilaaliisaaf akka ati dhutte ani hin beeka» jedhe. \p \v 29 Daawitille, «Ani amma maan godhe ree? Ani woyiiyyuu gaafatiisumalle hin dande'uu?» jedhe. \v 30 Achiin duuba inni gara nama dhibi'ii deebi'ee, gaaffuma san deebisee gaafate; namootille deebuma qaraa taan isaaf deebisane. \p \v 31 Saa'ol waan Daawiti dubbate dhage'ee, nama ergee Daawiti gara ifii waansise. \v 32 Daawitille Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti dhaqee isa waan loluuf sababa Filisxeemicha kanaatiin gadhaan nama tokkolle hin raafamin» jedhe. \p \v 33 Saa'olille deebisee Daawitiin, «Ati ijoolle'e; inni garuu dargaggummaa ifiitiin jalqabee lola waan barateeruuf, Filisxeemicha kana woliin wol loliisaaf hin dandeettu» jedheen. \p \v 34 Daawiti ammoo Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti hoolota abbaa kiyyaa yennaa tissu, neenqi yookiin doobbaan dhufee tika keessaa hoolee yookiin re'ee takka yoo qabu, \v 35 reebee dhowee irraa buusa. Yennaa inni natti garagalu laagadaa isaa hudhee dhowee isa ijjeesaayyu. \v 36 Ani tajaajilaan keeti neenqaa fi doobbaalle ijjeeseera; Filisxeemichi kun ka haqanqabaa hin qabatin, loltoota Waaqa jiraata'aa waan arrasseef, innille akkuma bineensota san keessaa tokkochaa hin te'a. \v 37 Mootiin Waan Maraa ka kottee neenqaatii fi kottee doobba'aa jalaa na baase sun harka Filisxeemichaa jalalle'ee na hin baasa» jedhe. \p Saa'olille Daawitiin, «Dhaqi, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti,» jedhe. \v 38 Achiin duuba Saa'ol woyaa ifii ta lolaa Daawititti uffisee, gullee sageettuu irraa hujante mataa isaatitti keyee, qomoo itti uffise. \v 39 Daawiti woyaa akkanaa uffatee waan hin beenneef, woyaa lolaa irratti shallaagaa hidhatee ideemiisaaf wodhaane. Inni Saa'oliin, «Tanaan qara uffadhee waan hin baratiniif akkas uffadhee loliisa hin dande'u» jedhe. Maarre inni woyaa san ifi irraa baafate. \v 40 Achiin duuba ulee ifii fudhatee, dhakaa qunqumhicha shan laga keessaa filee korojoo ifiititti naqateen duuba, looyyaa\f + \fr 17:40 \fr*\fqa Looyyaa: \fqa*\ft Lafa tokko tokkotti \ft*\fqa yanbarsa\fqa*\ft jedhama.\ft*\f* harkatti qabatee Filisxeemichatti dhikaate. \p \v 41 Filisxeemichille tajaajilaa meya lolaa isaa ba'atu ifiin dura ideensisaa gara Daawitii dhikaataa dhufe. \v 42 Filisxeemichi Daawiti ilaalee yennaa dhagge, Daawiti diimaa miidhagaa dhaaba tolu, ijoollicha waan te'eef isa tuffate. \v 43 Inni Daawitiin, «Ani saree teenaan ulee qabattee natti dhuttee?» jedhee, maqaa waaqota ifiitiin isa abaare. \v 44 Inni, «Me, gara kiyya as koy! Ani foon keeti allaatti'ii fi bineensaafille hin kenna» jedhe. \p \v 45 Achiin duuba Daawiti Filisxeemichaan, «Ati shallaagaa, ebo'oo fi urdee teeti qabattee natti dhutta; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa loltoota Israa'elii ka ati arrassituun sitti dhufa. \v 46 Biyyi lafaa marti Israa'el keessa Waaqi akka jiru akka beettuuf, adha Mootiin Waan Maraa harka kiyyatti dabarsee si hin kenna. Ani dhowee si jissee mataa keeti si irraa hin kuta; guyyaa adhaa reeffa loltoota Filisxeemotaa allaatotaa fi bineensotaafille hin kenna. \v 47 Worri asitti wolitti qabame marti Mootiin Waan Maraa shallaaga'aan yookiin ebo'oon akka nama hin baanne hin beekan; lolli ka Mootii Waan Maraa waan te'eef, isin mara harka keennatti dabarsee hin kenna» jedhe. \p \v 48 Yennaa Filisxeemichi ka'ee Daawiti loliisaaf gara isaa dhikaate, Daawitille isa loliisaaf ariiti'iin gara addee lolaa fiige. \v 49 Daawiti subba ifii keessa harka keyee, dhakaa fuudhee, looyya'aan qolaansee, adda Filisxeemichaa dhowe; dhakaan sun adda isaa keessa lixee seenee, innille gad gombifamee addaan lafa dhowe. \v 50 Maarre Daawiti looyya'aa fi dhakaa qofaan Filisxeemicha injifate; inni shallaagaalle harkatti adoo hin qabaatin Filisxeemicha dhowee ijjeese. \v 51 Achiin duuba Daawiti gara isaa fiigee isa gubbaa dhaabbate. Inni shallaagaa isaatuu gonofaa isaa keessaa buqqifatee, ittiin mataa isaa irraa mure. \p Worri Filisxeemotaa gooti isaanii akka du'e yennaa dhaggane deebi'anee baqatane. \v 52 Achiin duuba worri Israa'eliitii fi Yihuda'aa ka'anee qeexalaa, worra Filisxeemotaa haga seensuma Gaatiitii fi haga karra Eqroonii ari'ane. Maarre reeffi Filisxeemotaa karaa Sha'araayimii irraa haga Gaatiitii fi haga Eqrooniititti jijjige. \v 53 Worri Israa'elootaa yennaa Filisxeemota ari'anee deebi'ane addee quttuma isaanii saamane. \v 54 Daawitille mataa Filisxeemichaa fuudhee gara Yerusaalemii geesse; meya lolaa ka isaa ammoo dunkaanii ifii keessa keyate. \p \v 55 Daawiti Filisxeemicha loliisaaf deemuun Saa'ol yennaa dhagge, ajajaa loltootaa Abneeriin, «Abneer, dargaggeessi kun ilma eennuu ti?» jedhee gaafate. \p Abneerille, «Ee mooticha, du'a lubbuu teetiitiin kakadha, ilma eennuu akka inni te'e, ani hin beeku» jedhee deebise. \p \v 56 Mootichille, «Dargaggeessi kun ilma eennu akka te'e beeki» jedheen. \p \v 57 Daawiti Filisxeemicha ijjeesee akkuma deebi'een, mataan Filisxeemichaa harka Daawitii keessa adoo jiruu, Abneer Saa'ol dura isa dhikeesse. \v 58 Saa'ol isaan, «Dargaggeessa kana, ati ilma eennuu ti?» jedhee gaafate. \p Daawitille isaan, «Ani ilma tajaajilaa keeti ka Iseyii nama qachaa Betlihemii ti» jedhe. \c 18 \s1 Yonaataanii Fi Daawiti jaala Wolii Te'ane \p \v 1 Daawiti akkuma Saa'ol woliin dubbatee fixateen, Yonaataan Daawiti woliin jaalomee, akka lubbuu ifii isa jaalate. \v 2 Guyyaa saniin jalqabee, Saa'ol isa fudhate; akka Daawiti gara mana abbaa ifii deebi'u isa hin lakkinne. \v 3 Yonaataan akka lubbuu ifii isa waan jaalateef, isa woliin gondooroo godhate. \v 4 Yonaataan geellaa ifii uffate ifi irraa baafatee meya woraanaa, shallaagaa ifiille, guube'ee fi hiituu hidhaa ta ifii woliin Daawitiif kenne. \v 5 Daawiti addee Saa'ol isa erge mara dhaqee haajaa ergameef akka dansaa waan muummessuuf, Saa'ol loltoota irratti baallii isaaf kenne; tunille kolbaa maraa fi tajaajiltoota Saa'olii gammachiitte. \p \v 6 Daawiti Filisxeemicha ijjeeseen duuba, namooti gara mana ifii yennaa deebi'anu, dubartooti dibbe'ee fi maseenqoo qabatanee, sirbaa, qeexalaa, ilillisaa mooticha Saa'ol fudhatiisaaf qachaa Israa'elii mara keessaa gad bayane. \v 7 Dubartooti sun wol woliin, «Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese» jedhaa sirbite. \v 8 Dubbiin tun Saa'ol waan hin gammachiisiniif guddoo aare; inni, «Daawitiif kuma kudhan hedduu, naaf ammoo kuma hedduu qofa laakkowane; mootummaa fudhatiisa malee maanti isaaf hafe ree?» jedhe. \v 9 Guyyaa saniin jalqabee Saa'ol Daawiti hinaafe. \v 10 Boruyyaa, ayyaanni hamaan Waaqa biraa Saa'ol irratti bu'e; Daawiti akkuma qaraa kiraara guddicha yennaa taphatu, Saa'ol mana ifii keessatti akka nama maraata'aa dubbatiisatti jiraayyu; Saa'ol eboo ifiille harkatti qabateeraayyu. \v 11 Inni, «Daawiti dhaaba manaa woliin wolitti qassiisa» jedhee herregee eboo darbate; Daawiti garuu yennaa lama isa duraa miliqe. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa isa lakkisee Daawiti woliin waan jiraateef, Saa'ol Daawiti sodaate. \v 13 Maarre inni Daawiti ifi biraa fageessee ajajaa loltoota kumaa isa godhe; Daawitille yennaa duulaa isaan sooresse. \v 14 Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiraateef, wonni Daawiti huju marti isaaf hin milkootti. \v 15 Daawiti milkii guddoo akka qabu yennaa dhagge, Saa'ol isa sodaate. \v 16 Ka isaan sooressu isa waan te'eef, namooti Israa'eliitii fi Yihuda'aa marti ammoo Daawiti jaalatane. \s1 Daawiti Intala Saa'olii Fuudhe \p \v 17 Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ani intala tiyya angafittii Meraab si'iif hin kenna. Atummaan ilma goota naaf te'iitii lola Mootii Waan Maraa loli» jedhe; Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Filisxeemoti isa ijjeettuu ti malee, ani isa hin ijjeesu» jedhee herregeeraayyu. \p \v 18 Daawiti ammoo Saa'oliin, «Soddaa mootichaa te'iisaaf ani eennu? Israa'el keessatti maatiin tiyya yookiin sanyiin abbaa kiyyaa tam?» jedhe. \v 19 Te'uu malee intalti Saa'olii Meraab Daawiti heerumiisaaf yennaa maltetti, nama biyya Meholaatii Adrii'el heerumte. \p \v 20 Intalti Saa'olii Milkaal garuu Daawiti jaalatte; Saa'olille tana dhage'e gammade. \v 21 Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Akka isiin tiyyoo isaaf teetee, innille harka Filisxeemotaatitti du'u, ani isii isaaf hin kenna» jedhee herrege. Tanaaf Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ati yennaa lammeesso'oo soddaa naaf hin teeta» jedhe \v 22 Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifii ajajee, «Daawitiin, ‹Kunoo, mootichi sitti gammadeera; tajaajiltooti isaalle martinuu waan si jaalatanuuf soddaa isaa te'i› jedha'aatii dhossa'aan itti hima'a» jedhe. \p \v 23 Maarre tajaajiltooti Saa'olii dubbii tana Daawititti himane; Daawitille, «Ani nami hiyyeessi, ka gurra dansaa hin qanne, Soddaa mootichaa te'iisi waan kasoo isinitti fakkaattee?» jedheen. \p \v 24 Tajaajiltooti Saa'oliille waan Daawiti jedhe yennaa isatti himane, \v 25 Saa'ol deebisee, « ‹Mootichi diinota ifii haluu bayiisaaf akka ati Filisxeemota dhibba tokko yakkattee shoggoraa isaanii fiddu malee, maraa intalaa waan dhibii si irraa hin barbaadu› jedha'aatii Daawititti hima'a» jedhe. Saa'ol akka Daawiti harka Filisxeemotaatitti du'uuf tana herrege. \v 26 Tajaajiltooti Saa'olii tana Daawititti yennaa himane, soddaa mootichaa te'iisi isa gammachiise. Guyyaan murteeffame adoo hin dabarin, \v 27 Daawitii fi namooti isa woliin jiranu dhaqanee Filisxeemota dhibba lama ijjeesane; Daawiti soddaa mootichaa te'iisaaf gogaa haqanqabaa qabee san akka laakkossa isaaniititti mootichaaf dhikeesse; achiin duuba Saa'ol intala ifii Mikaal Daawitiif kenne. \v 28 Garuu Saa'ol akka Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin jiru dhaggee yennaa beeke, intalti isaa Mikaalille akka isa jaalatte yennaa hubate, \v 29 Saa'ol ka qaraa caalaa Daawiti sodaatee, bara jireenna ifii mara diina isaa te'e. \v 30 Achiin duuba ajajjooti loltoota Filisxeemotaa akkuma qaraa lolaaf bayanee dhufane; Daawitille tajaajiltoota Saa'olii mara caalaa milkii dhaggatee maqaan isaa beekkame. \c 19 \s1 Saa'ol Daawiti Ijjeesiisaaf Wodhaane \p \v 1 Daawiti akka ijjeesanuuf Saa'ol ilma ifii Yonaataanii fi tajaajiltoota ifii maratti hime; ilmi Saa'olii Yonaataan garuu guddoo Daawiti jaalataayyu. \v 2 Yonaataan, «Abbaan kiyya Saa'ol si ijjeesiisaaf barbaada. Tanaaf, boru ganama ifi eegadhu. Addee dhokaataa keessatti dhokadhuutii achuma turi! \v 3 Ani fichaa ati keessa jirtu abbaa kiyya bira dhaabbadhee marroo teeti isatti hin dubbadha. Waan te'u ilaalee sitti hin hima» jedhee Daawititti hime. \p \v 4 Yonaataan marroo Daawitii waan dansaa dubbatee abbaa ifii Saa'oliin, «Ee, mooti'i! Tajaajilaan keeti waan guddoo dansaa te'e si'iif huje malee, si hin yakkine; tanaaf isa hin yakkin. \v 5 Inni lubbuu ifiitiif adoo hin mararfatin Filisxeemicha san ijjeese; Mootiin Waan Maraalle injifachaa guddaa kolbaa Israa'elii maraaf kennee, atille dhaggitee gammadeerta. Maaf sababa malee nama yakkaa hin qanne Daawiti ijjeettee cubbuu hujja ree?» jedhe. \p \v 6 Saa'ol dubbii Yonaataanii caqasee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Daawiti hin ijjeefamu!» jedhee kakate. \v 7 Maarre Yonaataan Daawiti waamee dubbii tana mara isatti himee gara Saa'olii isa geesse; Daawitille akkuma qaraa Saa'ol tajaajile. \p \v 8 Ammalle lolli dhibiin ka'e. Daawitille dhaqee Filisxeemota lolee, guddoo isaan fixee, isaanille isa duraa baqatane. \v 9 Achiin duuba Saa'ol eboo qabatee mana ifii adoo te'eeruu, Mootii Waan Maraa biraa ayyaanni hamaan isa irratti bu'e. Daawitille kiraara guddicha taphatiisatti jiraayyu. \v 10 Saa'ol dhaaba manaa woliin Daawiti qassiisiisaaf eboo ifii darbate; Daawiti garuu duraa waan miliqeef eboon dhaaba manaatitti sikkante. Daawitille galgala san baqatee miliqe. \p \v 11 Saa'ol mana Daawitii marsanee ganama akka isa ijjeesanuuf namoota erge; haati manaa ta Daawitii Mikaal ammoo, «Lubbuu teeti hamburatiisaaf edana yoo hin baqatin, boru hin ijjeefanta» jettee itti hinte. \v 12 Maarre Mikaal karaa fodda'aatiin Daawiti gad buuttee, innille baqatee miliqe. \v 13 Achiin duuba Mikaal fakkii waaqa dharaa fuutee taqee irra irkittee, mataa duraan boraatii rifeensa re'e'ee boraafachiittee woyaa itti uffitte. \v 14 Daawiti akka qabanuuf Saa'ol namoota yennaa erge, Mikaal, «Inni dhibameera» jette. \v 15 Achiin duuba Saa'ol namooti dhaqanee akka Daawiti ilaalanuuf ergeen, «Ani isa akka ijjeesuuf taqee isaa woliin isa gara kiyya fida'a» jedhe. \v 16 Namooti ergamane sun mana yennaa seenane, fakkiin waaqa dharaa taqee irra irkattee, boraatii rifeensa re'e'ee boraafatteertiiyyu. \v 17 Saa'ol Mikaaliin, «Ati maaf na soddee diinni kiyya miliqee akka deemu goote?» jedhe. \p Mikaalille, «Isattuu, ‹Yoo ati akka ani miliqu na hin qarqaarin ani si ijjeesa› naan jedhe» jettee deebitte. \p \v 18 Daawiti baqatee bayee Saamu'el bira gara Raama'aa dhaqee waan Saa'ol isa irratti huje mara isatti hime. Achiin duuba Saamu'elii fi Daawiti Naayot dhaqanee achi le'ane. \v 19 «Kunoo, Daawiti biyya Raama'aa, Naayot keessa jira» jedhanee Saa'olitti himane. \v 20 Maarre inni Daawiti akka qabanuuf namoota erge; te'uu malee isaan korri raagotaa tokko raaga dubbatanuun, Saamu'el isaan qajeelchuun yennaa dhaggane, Ayyaanni Waaqaa namoota Saa'ol erge san irratti bu'ee, isaanille raaga dubbatane. \v 21 Waan kana Saa'olitti yennaa himane, inni namoota dhibii erge; isaanille raaga dubbatane. Saa'ol ammalle yennaa sadeesso'oo namoota erge; isaanille raaga dubbatane. \v 22 Achiin duuba inni ifumaaf gara biyya Raama'aa dhaqee, baleessa bisaanii guddicha Seeku keessa jiru bira yennaa geye, «Saamu'elii fi Daawiti eessa jiran?» jedhee gaafate. Nami tokko, «Isaan biyya Raama'aa Naayot keessa jiran» jedhe. \v 23 Maarre Saa'ol achii gara biyya Raama'aa Naayot dhaqe. Ayyaanni Waaqaa isa irralle'etti bu'ee haga biyya Raama'aa Naayot gewutti raaga dubbataa deeme. \v 24 Inni woyaa ifii ifi irraa baafatee Saamu'el duratti raaga dubbatee, halkan sanii fi guyyaa san mara qullaa irkate. Tanaaf kolbaan, «Saa'olille raagota keessaa tokko te'ee ree?» jette. \c 20 \s1 Yonaataan Daawiti Qarqaare \p \v 1 Achiin duuba Daawiti Naayotii biyya Raama'aa keessaatii baqatee gara Yonaataanii dhaqee, «Ani maan si godhe? Yakkaan tiyya maan? Ani maan isa yakkinaan abbaan keeti na ijjeesiisaaf barbaada?» jedhee gaafate. \p \v 2 Yonaataan deebisee, «Tun hin teetu! Ati hin duutu. Kunoo abbaan kiyya waan guddoo yookiin waan diqqoolle teetu qara adoo natti hin himin waan tokkolle hin huju; abbaan kiyya tana maaf na dhossa ree? Dubbiin akkasii moti!» jedhe. \p \v 3 Daawiti ammoo, «Akka ani si duratti fudhatama dhaggadhe abbaan keeti hin beeka; inni gadhaa ifii keessatti, ‹Yonaataan akka hin gaddine dubbii tana hin beekin› jedheera; dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'eetii fi lubbuu teeti jiraattu'uun kakadhaa, ani du'iisaaf dhikaadheera» jedhee kakate. \p \v 4 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Waan ati jettu mara ani si'iif hin godha» jedhe. \p \v 5 Maarre Daawiti Yonaataaniin, «Kunoo, boru jila baatii ji'aa waan teeteef, ani silaa mooticha woliin irbaata nyaatiisa qabaayyu; ammoo haga ittaan galgalaatitti diida keessatti akka dhokadhu naaf eeyyami. \v 6 Abbaan keeti yoo na barbaade, ‹Fira isaa maraaf ciincaan wogga'aa waan dhikaatuuf, Daawiti gara qachaa ifii Betlihem dhaqiisaaf guddoo na gaafateera› jedhii itti himi. \v 7 Innille, ‹Dansa'a!› yoo jedhe, ana tajaajilaa keetiif nageenni hin te'a; inni yoo aare ammoo akka inni hantuu na irratti yaadate beeki. \v 8 Tanaaf ati Mootii Waan Maraa duratti ana tajaajilaa keeti woliin gondooroo waan gondooratteef, waan dansaa naaf godhi. Ani yakkaa yoo qabaadhe ammoo atinuu na ijjeesi malee maaf gara abbaa keetii na geessita ree?» jedhe. \p \v 9 Yonaataanille, «Tun hin teetu! Abbaan kiyya hantuu akka si irratti yaadate adoo beekee jiraadhee, ani sitti hin himuuyyuu ree?» jedhe. \p \v 10 Achiin duuba Daawiti Yonaataaniin, «Abbaan keeti aari'iin yoo deebii sii kenne, eentu natti hima?» jedhe. \p \v 11 Yonaataanille Daawitiin, «Koy, gara diidaa gad baanaa» jedhee, isaan lamaanuu gara diidaa gad bayane. \p \v 12 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii dhugaa bayaa te'uu ti; boru haga yennaa tanaa abbaa kiyya qorqoree ittaan sitti ergee, yoo inni yaada dansaa si'iif qabaate sitti hin beessisa. \v 13 Garuu abbaan kiyya hantuu si irratti yaadateeruun, ani tana sitti himee akka ati nageyaan deentu yoo hin godhin Mootiin Waan Maraa na ijjeesuu ti! Mootiin Waan Maraa akkuma abbaa kiyya woliin jiraate si wolille'een jiraatuu ti. \v 14 Atille haga ani lubbu'uun jiru akka ani hin duuneef jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa naaf mudhisi. \v 15 Mootiin Waan Maraa diinota Daawitii mara lafa irraa yennaa balleesselle jaalala bara baraa ka maatii tiyyaaf qaddu hin lakkisin» jedhe. \v 16 Maarre Yonaataan, «Diinota Daawitii irratti Mootiin Waan Maraa muraa kennuu ti» jedhee sanyii Daawitii woliin gondooroo godhate. \p \v 17 Yonaataan akka ifi jaalatu Daawiti waan jaalatuuf, Daawiti ammalle akka isaaf kakatu godhe. \v 18 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Boru jila baatii ji'aa ti; barcumaan keeti duwwaa waan te'uuf ati akka hin jirre hin beekkanta. \v 19 Ati ittaan galgala guyyaa rakkoon tun teete addee itti dhokatte ariifadhuu dhaqqiitii dhakaa, ‹Ezel› jedhamu bira turi. \v 20 Ani akka nama daaya woyyittii darbatuu, daaya sad gara cinaa dhaka'aa hin darbadha. \v 21 Achiin duuba ani, ‹Dhaqiitii daaya san fidi!› jedhee mucaa dargaggeessa tokko hin erga; ani mucaa dargageessa saniin, ‹Kunoo, daayi si'iin garana jira, fuudhii fidi› yoo jedhe, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, nageya malee rakkoon takkaalle waan hin jirreef koy. \v 22 Garuu ani mucaa dargageessa saniin, ‹Kunoo arfiin daayaa si irraa fagoo jirti› yoo jedhe, akka ati deentu fedhii Mootii Waan Maraa waan te'eef, ati deemi. \v 23 Waan anii fi ati woliin dubbanneefille Mootiin Waan Maraa wodhakkaa tiyyaa fi teetitti haga bara baraa dhugaa bayaa keenna» jedhe. \p \v 24 Maarre Daawiti diida keessa dhokate; jilti baatii ji'aa yennaa geette mootichi sagalee qophootte nyaatiisaaf tee'e. \v 25 Mootichi akkuma qaraa cinaa dhaaba manaa tee'e; Yonaataan fuullee isaa, Abneerille cinaa Saa'ol tee'ane; barcumaan Daawitii ammoo duwwaa hafe. \v 26 Saa'ol, «Daawiti woy te'eera. Inni qulqullu'uu moti; dhugumaan inni qulqullu'uu moti» jedhee waan herregeeruuf, guyyaa san waan tokkolle hin dubbanne. \v 27 Jila baatii ji'aatiin duuba, guyyaa itti aanu, guyyaa lammeesso'oolle, barcumaan Daawitii duwwaa waan te'eef, Saa'ol ilma ifii Yonaataaniin, «Ilmi Iseyii kaleelle, adhalle maaf nyaata irratti hin dhaggamin?» jedhe. \p \v 28 Yonaataanille deebisee, «Daawiti gara Betlihemii dhaqiisaaf guddoo na gaafateera. \v 29 Inni, ‹Firri keenna qachaa keessatti ciincaa waan dhikeessanuuf, akka ani achitti dhaggamu obboleessi kiyya na ajajeera; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, obboleeyyan tiyya dhaggiisaaf deema› jedhee guddoo na gaafateeraayyu; sababa kanaaf inni jila tana irratti adoo hin dhaggamin hafe» jedhe. \p \v 30 Achiin duuba Saa'ol Yonaataanitti aaree bobe'ee, «Ati ilma dubartii dabaalettii finqiltu'uu, ati ifii fi hadhaa si deette salphisiisaaf, ilma Iseyii akka ati filatte ani hin beeku seetaa? \v 31 Ilmi Iseyii lafa irra haga lubbu'uun jiru, atii fi mootummaan teetille jabaattanee hin dhaabbatanu. Inni dhugumaan du'iisa waan qabuuf, nama itti ergiitii gara kiyya akka fidanu godhi!» jedhe. \p \v 32 Achiin duuba Yonaataan deebisee, abbaa ifii Saa'oliin, «Inni maaf ijjeefama? Inni maan godheera?» jedhee, abbaa ifii gaafate. \p \v 33 Saa'ol ammoo Yonaataan ijjeesiisaaf eboo ifii itti darbate. Maarre Yonaataan abbaan isaa Daawiti ijjeesiisaaf akka murteeffate beeke. \v 34 Yonaataan aarii guddo'oon nyaata irraa ka'e. Abbaan isaa Daawiti waan salphiseef, inni Daawitiif gaddee, sagalee jila baatii ji'aa ta guyyaa lammeesso'oo san hin nyaanne. \v 35 Boruyyaa ganama Yonaataan mucaa dargaggeessa tokko fudhatee, Daawiti dhaggiisaaf gara addee Daawiti woliin woldeennaa qabate san dhaqee, \v 36 mucaa dargaggeessa saniin, «Me, fiigiitii daaya ani darbadhu kana barbaadi» jedhe; akkuma mucaan fiigeen, daaya tokkocha isa irra dabarsee darbate. \v 37 Yennaa mucaan addee daayi Yonaataan darbate bu'e san geye, Yonaataan isa waamee, «Daayi si irraa achi fagoo jiraa motii?» jedheen. \v 38 Yonaataan, «Achi hin dhaabbatin! Ariifadhu!» jedhee itti iyye; mucaalle daaya san fuudhee gara goottaa ifii deebi'e. \v 39 Yonaataanii fi Daawiti malee, marroo waan kanaa mucaan sun waan tokkolle hin beeku. \v 40 Achiin duuba Yonaataan meya woraanaa muca'atti kennee, «Qabadhuu gara qacha'aa deebi'i» jedhe. \p \v 41 Mucaan deemeen duuba, Daawiti dhakaa biratti dhokateeru san gara kibbaatii ol ka'ee, yennaa sad fuulaan lafatti gad gombifamee sagade; achiin duuba wol sunqatanee bowane; Daawiti garuu Yonaataan caalaa bowe. \v 42 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Nuuti, ‹Si'ii fi ana, sanyii teetii fi sanyii tiyya wodhakka'atti Mootiin Waan Maraa haga bara baraa dhugaa bayaa keenna› jennee maqaa isaatiin waan kakanneef, nageyaan deemi» jedhe. Achiin duuba Daawiti ka'ee deemee, Yonaataanille gara qacha'aa deebi'e. \c 21 \s1 Daawiti Saa'ol duraa Baqate \p \v 1 Daawiti gara qachaa Nobii addee hayyichi Ahiimelek jiru deeme. Hayyichi Ahiimelekille hollataa Daawiti qophatiisaaf gad itti bayee, «Nami tokkolle si gula hin jiruu? Ati maaf qofuu deenta?» jedheen. \v 2 Daawiti deebisee Ahiimelekii hayyichaan, «Mootichi, ‹Marroo waan ani si ergeetii fi si ajajee kana nami tokkolle hin beekin› jedhee na ajajeera; namoota kiyya woliin eessatti akka wol woldeennu isaanitti himeera. \v 3 Ati amma sagalee maan ifi biraa qadda? Xaltaa daabbo'oo shan yookiin waanuma dhaggame naaf kenni» jedhe. \v 4 Hayyichi ammoo deebisee Daawitiin, «Ani daabboo nami marti nyaatu hin qabu; namooti keeti dubartii bira geyiisa irraa yoo ifi eegatanee jiraatane ammoo daabboon woyyittiin hin jirti» jedhe. \p \v 5 Daawitille deebisee, «Akkuma qara baratame haga baaneen jalqannee nuuti dubartoota bira geyiisa irraa ifi eeganneerra; yennaa ergaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti woyyuu hin te'in ergannuuyyuu dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eegannaayyu; adha fa'a irra caalaa attam dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eeganne ree?» jedhe. \p \v 6 Maarre daabboo Waaqa dura dhikaattu ta Mootii Waan Maraa duraa fuudhanee daabboo o'itu'uun bakka buusane san malee ta dhibiin waan hin jirreef, hayyichi xaltaa daabboo woyyitti'ii san fuudhee Daawitiif kenne. \p \v 7 Gaafa san tajaajiltoota Saa'olii keessaa ajajaan tissitootaa, nami biyya Edoomii Do'eeg fuula Mootii Waan Maraa dura akka turu godhamee achi jiraayyu. \p \v 8 Daawiti, «Haajaan mootichaa ariifachiisaa waan te'eef, ani shallaagaa yookiin meya lolaa kiyya hin fidanne; ati shallaagaa yookiin eboo ifi biraa hin qadduu?» jedhee Ahiimelek gaafate. \p \v 9 Hayyichille deebisee, «Shallaagaan Goliyaadii filisxeemichaa, ka ati dhooqa Elaa keessatti ijjeettee, kunoo woya'aan maramee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin duuba jira; isa san malee ka dhibiin as waan hin jirreef, yoo barbaadde isuma fudhadhu» jedhe. \p Daawitille, «Shallaagaan akkasii waan hin jirreef, isuma san naaf kenni» jedhe. \s1 Daawiti Gara Gaatii Baqate \p \v 10 Daawiti gaafuma san Saa'ol duraa baqatee, gara mootii Gaatii gara Akiishii dhaqe. \v 11 Tajaajiltooti Akiishii ammoo isaan, «Mootiin biyyaa Daawiti isa kanaa motii? Ka worri sirbu, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawiti ammoo kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhanee sirbaneef isa kanaa motii?» jedhane. \p \v 12 Daawitille dubbii tana gadha'atti qabatee, mootii Gaatii Akiishi guddoo sodaate. \v 13 Maarre inni isaan duratti akka nama qalbii tuqamee te'e; yennaa isa qabanelle balbala karraa irratti tattaraaraa, gorora ifii areeda irra yaasaa akka nama maraatee te'e. \v 14 Achiin duuba Akiishi tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, nami kun maraata'a; maaf gara kiyya fiddanne? \v 15 Ani maraataa dhabee jennaan, akka inni na duratti maraatuuf, nama kana gara kiyya fiddanee? Nami akkanaa mana kiyya dhufuu qabaa?» jedhe. \c 22 \s1 Daawiti Gara Goda Qachaa Adulaamii Biraatitti Baqate \p \v 1 Daawiti qachaa Gaatiitii bayee gara goda qachaa «Adulaam» jedhamu bira jiruutitti baqate; obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa marti tana dhage'anee achi gara isaa dhaqane. \v 2 Worri rakkate marti, worri liqaan irra jiruu fi worri jireenni itti hammaateeru marti namooti gara dhibba afurii isa biratti wolitti qabamane; inni ajajaa isaanii te'e. \p \v 3 Daawiti achii ka'ee gara qachaa Miispha'aa ka biyya Mo'aabii keessaa dhaqee, mootii Mo'aabiitiin, «Maganne'e, waan Waaqi naaf godhu haga beekutti, abbaan kiyyaa fi haati tiyya si bira turanuu ti» jedhe. \v 4 Maarre inni mootii Mo'aabii biratti isaan lakkisee, isaanille haga Daawiti kushee jadduu keessa dhokatee ture san mara mooticha san bira turane. \p \v 5 Achiin duuba Gaadiin raagichi Daawitiin, «Kushee jadduu tana keessa hin turin; ka'iitii gara biyya Yihuda'aa deemi!» jedhe. Maarre Daawiti achii ka'ee gara gongomaa Kaaretii dhaqe. \s1 Saa'ol Nob Keessatti Hayyoota Ijjeese \p \v 6 Saa'ol gaafa tokko Daawitii fi namooti isa woliin jiranu akka mudhatane dhage'e. Saa'ol eboo ifii qabatee qachaa Giibe'aa keessa kooba irra muka «Tamariiski» jedhamu tokko jala tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa marti adaala isaa dhaabbataneeraniiyyu. \v 7 Saa'ol tajaajiltoota ifii worra isa bira dhaabbateeruun, «Isin worri Beniyaaminii Dhage'a'a; ilmi Iseyii ficha'aa fi addee muka woyni'ii itti dhaabbatanu isin maraaf hin kennaa ree? Inni ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa isin mara hin godhataa ree? \v 8 Isin marti tanaaf na irratti mala dhoottanii ree? Ilmi kiyya ilma Iseyii woliin yennaa gondooratu nami tokkolle natti hin hinne. Akkuma adhaa ilmi kiyya yennaa tajaajilaa kiyya na irratti kaasee akka inni riphee na eeggatu yennaa godhe, isin keessaa nami tokkolle marroo tiyyaaf quuqamee natti hin hinne» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba nami qachaa Edoomii Do'eeg, ka tajaajiltoota Saa'olii woliin dhaabbateeru deebisee, «Ilmi Iseyii gara qachaa Nobii, ilma Ahiixubii Ahiimelek bira dhufuun dhaggeera; \v 10 Ahiimelekille marroo isaa Mootii Waan Maraa gaafatee, gala'aa fi shallaagaa Goliyaadii Filisxeemichaalle isaaf kenne» jedhe. \v 11 Achiin duuba mootichi nama ergee, Ahiimelekii hayyicha ilma Ahiixubii, maatii abbaa ifii maraa fi worra Nob keessatti hayyoota te'ane mara waansisee, isaan marti gara mootichaa dhufane. \v 12 Yennaa san Saa'ol, «Ee, ilma Ahiixubii amma dhage'i!» jedhe. \p Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira, goottaa kiyya!» jedheen. \p \v 13 Saa'olille isaan, «Akkuma adha godhu kana, ilmi Iseyii na irratti ka'ee akka na gaadu, daabbo'oo fi shallaagaa isaaf kennitee, marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisaan, isa woliin maaf na irratti mala dhoottane?» jedhe. \v 14 Ahiimelek deebisee mootichaan, «Soddaan mootichaa, ajajaa eeddota teetii te'ee mana keeti keessatti ka ulfinna qabu, tajaajiltoota teeti mara keessaa akka Daawitii ka addatame eennu? \v 15 Ani marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisa adha jalqabee ree? Waawwo'o! Ani tajaajilaan keeti marroo waan kanaa guddisee yookiin diqqeesseelle waan tokkolle waan hin beenneef, tajaajilaa keetii yookiin maatii abbaa kiyyaa mara hin komatin» jedhe. \p \v 16 Mootichi ammoo, «Ahiimelek! Atii fi maatiin abbaa keetii martinuu dhugumaan hin duutan» jedhe. \v 17 Achiin duuba mootichi eeddota adaala isaa dhaabbataneeranuun, «Hayyooti Mootii Waan Maraa tun marti Daawitiif golanee, baqatiisa isaa adoo beekanuu natti himuu waan didaneef, itti garagala'aatii isaan ijjeesa'a» jedhe. Tajaajiltooti mootichaa ammoo harka ifiitiin hayyoota Mootii Waan Maraa ijjeesiisaaf hin barbaanne. \v 18 Achiin duuba mootichi Do'eegiin, «Ati hayyoota tana ijjeesi» jedhe. Maarre Do'eeg nami qachaa Edoomii, itti garagalee, guyyaa san hayyoota saddeettamii shan ta woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffataneeranu ijjeese. \v 19 Qachaa hayyootaa Nobitti duulchisee, dhiiraa fi dubartii, ijoolle'ee fi annoolee, qotiyyoo, harre'ee fi hoolee mara shallaaga'aan ijjeese. \p \v 20 Akaakoon Ahiixubii ilmi Ahiimelekii Abiyaataar ammoo miliqee bayee gara Daawitii baqatee, \v 21 Saa'ol hayyoota Mootii Waan Maraa akka ijjeese Daawititti hime. \v 22 Daawitille Abiyaataariin, «Ani nama qachaa Edoomii Do'eeg yennaa achitti dhagge, akka inni dhugumaan waan mara Saa'olitti himu gaafasuma beeke. Maarre ijjeefamiisa maatii abbaa keetii maraaf ka itti gaafatamu ana. \v 23 Nami si ijjeesiisaaf barbaade, nama na ijjeesiisaaf barbaade waan te'eef, ati na woliin turi; hin sodaatin. Ati na woliin nageyaan leeta» jedhe. \c 23 \s1 Daawiti Qachaa Qeyilaa Badii Irraa Hambure \p \v 1 «Kunoo, Filisxeemoti qachaa Qeyilaa lolanee, midhaan eeddummee keessaa saamiisatti jiran» jedhanee Daawititti himane. \v 2 Tanaaf Daawiti, «Dhaqee Filisxeemota tana loluu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. \p Mootii Waan Maraalle deebisee isaan, «Dhaqii Filisxeemota loliitii qachaa Qeyilaa isaan harkaa baasi» jedhe \v 3 Namooti Daawitii ammoo, «Kunoo, as Yihudaa keessattuu nuuti hin sodaanna; qachaa Qeyilaa dhandhee attam isaan loliisaaf dandeenna ree?» isaan jedhane. \v 4 Achiin duuba Daawiti ammalle Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ani Filisxeemota harka keetitti dabarsee waan kennuuf ka'iitii gara qachaa Qeyilaa dhaqi!» isaan jedhe. \v 5 Maarre Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Qeyilaa dhaqanee, Filisxeemota lolanee horii isaanii booji'anee, isaan keessaa nama bacaa ijjeesane. Maarre Daawiti kolbaa qachaa Qeyilaa badii irraa hambure. \v 6 Ilmi Ahiimelekii Abiyaataar qachaa Qeyilaatitti gara Daawitii yennaa baqate, woyaa hayyumma'aa ta qomaa fudhatee dhaqe. \p \v 7 Daawiti gara qachaa Qeyilaa akka dhufe Saa'olitti himane. Saa'olille, «Daawiti qachaa karraa fi danqaraa karraa qabu seenee waan ifitti cufateef, Waaqi isa harka kiyyatti dabarsee kenneera» jedhe. \v 8 Maarre Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhaqee Daawitii fi namoota isaa marsee qabiisaaf loltoota ifii mara waame. \p \v 9 Daawitille akka Saa'ol isa irratti hantuu yaadate beekee, Abiyaataarii hayyichaan, «Woyaa hayyumma'aa ta qomaa as naa fidi!» jedhe. \v 10 Achiin duuba Daawiti, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhufee sababa kiyyaaf qachaa balleessiisaaf akka barbaadu dhugumaan ani tajaajilaan keeti dhage'eera. \v 11 Namooti qachaa Qeyilaa harka isaatitti dabarsanee na hin kennanii? Akkuma ani dhage'e Saa'ol dhugumaan as hin dhufaa? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ana tajaajilaa keetitti himi!» jedhe. \p Mootii Waan Maraalle deebisee, «Inni hin dhufa» jedhe. \v 12 Daawiti ammalle, «Namooti qachaa Qeyilaa anaa fi namoota kiyya Saa'olitti dabarsanee hin kennanii ree?» jedhee gaafate. \p Mootii Waan Maraalle deebisee, «Eeti'i, isaan dabarsanee isin hin kennan» jedheen. \p \v 13 Maarre Daawitii fi namooti isaa ka gara dhibba jaa qachaa Qeyilaatii ka'anee addee dhaqiisaaf barbaadane mara dhaqane. Daawiti qachaa Qeyilaatii akka miliqe Saa'olitti yennaa himane, inni achi dhaqiisa lakkise. \p \v 14 Daawiti kushee hedduu jadduu goomolee keessaa ta koobota goomolee Ziifii keessa ture. Saa'ol guyyaa mara Daawiti barbaadaayyu; Waaqi ammoo Daawiti harka isaatitti dabarsee hin kennine. \v 15 Daawiti goomolee Ziifii, Horesh keessa adoo jiruu Saa'ol isa ijjeesiisaaf akka dhufe dhagge. \v 16 Ilmi Saa'olii Yonaataan addee Daawiti jiru gara Horeshii dhaqee, maqaa Waaqaatiin isa jajjabeesse. \v 17 Yonaataan Daawitiin, «Hin sodaatin! Abbaan kiyya Saa'ol ijjumaa si hin dhaggu. Ati Israa'el irratti mootii hin teeta, anille sitti hin aana. Abbaan kiyya Saa'olinuu tana hin beeka» jedhe. \v 18 Isaan lamaanuu Mootii Waan Maraa duratti gondooroo godhatane. Achiin duuba Yonaataan gara manaa ifii deemee, Daawiti ammoo Horesh keessatti hafe. \p \v 19 Namooti Ziifii gara Giibe'aa Saa'ol bira dhaqanee, «Kunoo, Daawiti kushee hedduu jadduu Horesh keessaa, kooba Haqiilaa ta lafa goomolee irraa gara kibbaa jiranu, odduu teennatti dhokateeraa motii? \v 20 Ee mooti'i, ati yennaa feete koy! Nuuti isa qannee dabarsinee sitti hin kennina» jedhaneen. \p \v 21 Saa'ol deebisee, «Isin marroo naaf yaadattaneef Mootiin Waan Maraa isin eebbisu. \v 22 Inni nama maltee akka te'e ani waan dhage'eeruuf, isin dhaqa'aa qorqora'aatii inni yennaa hedduu eessa akka turuu fi nama isa achitti isa dhaggelle adda baasa'aa beeka'a. \v 23 Addee inni itti dhokatu mara hubadha'aatii oduu mirkana teete fida'aatii gara kiyya deebi'a'a. Achiin duuba ani isin woliin dhaqee, inni biyya keessa yoo jiraate, ani lafa Yihuda'aa mara keessa isa hin barbaada» jedhe. \p \v 24 Maarre namooti ka'anee adoo Saa'ol hin deemin dursanee Ziif dhaqane. Yennaa tana Daawitii fi namooti isaa biyya Arabaayii ta lafa goomole'ee irraa gara kibbaa jirtu goomolee Mo'aa keessa jiraniiyyu. \v 25 Saa'oliif fi namooti isaa Daawiti barbaadiisaaf dhaqane. Daawitille tana yennaa dhage'e gara rassa'aa dhaqee goomolee keessa Maa'on le'e. Saa'ol tana yennaa dhage'e, goomolee maa'onii keessa Daawiti ari'e. \v 26 Saa'ol cinaa gaaraa gara tokkoon yennaa ari'u, Daawitii fi namooti isaalle gara kaaniin Saa'ol duraa baqatiisaaf ariifatan. Saa'olii fi loltooti isaa Daawitii fi namoota isaa marsanee qabiisaaf itti dhikaatanee adoo jiranuu, \v 27 nami tokko gara Saa'olii ergamee dhufee, «Filisxeemoti lafa qabatiisatti waan jirtuuf, ariifadhuu koy!» jedhe. \v 28 Achiin duuba Saa'ol Daawiti ari'iisa lakkisee Filisxeemota loliisaaf deeme. Tanaaf addeen sun, «Rassaa itti gargar deebi'ane» jedhanee moggaasane. \v 29 Daawitille addee sanii ol bayee kushee jadduu, «En-Gedi» jedhantu keessa le'e. \c 24 \s1 Daawiti Lubbuu Saa'olii Hambure \p \v 1 Saa'ol Filisxeemota ari'iisa irraa yennaa deebi'e, «Kunoo, Daawiti goomolee En-Gedii keessa jira» jedhanee itti himane. \v 2 Maarre Saa'ol Israa'eloota mara keessaa namoota filamane kuma sad fudhatee, Daawitii fi namoota isaa barbaadiisaaf gara addee, «Rassaa re'ee diidaa» jedhamuu dhaqe. \v 3 Saa'ol gara gooree hoole'ee ta karaa qarqara jirtuu takka dhufee, achitti goda takka dhaggee faalowiisaaf keessa seene. Daawitii fi namooti isaalle goda san gara keessaatiin keessa tee'aneeraniiyyu. \v 4 Namooti Daawitiille, «Guyyaan Mootiin Waan Maraa, ‹Diinota keeti waan feete akka gootuuf harka keetitti dabarsee hin kenna› jedhee dubbate kunoo adha!» isaan jedhane. Achiin duuba Daawiti dhokatee dhaqee handaara woyaa Saa'olii irraa mure. \v 5 Daawiti handaara woyaa Saa'olii waan mureef gadde. \v 6 Inni namoota ifiitiin, «Nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, goottaa kiyya nama Mootiin Waan Maraa muude irratti waan akkanaa godhiisaaf, harka kiyyaan waan hantuu isa irratti hujiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eegu» jedhe. \v 7 Maarre Daawiti jecha kanaan namoota ifii xixee, akka isaan Saa'ol hin lolle dhoogge. \p Saa'olille goda keessaa bayee deeme. \v 8 Isa duubaan Daawiti goda keessaa bayee, «Goottaa kiyya Mooticha!» jedhee Saa'ol waame. Yennaa Saa'ol ifi duuba ilaalu, Daawiti fuulaan lafatti gad gombifamee isaaf sagade. \v 9 Daawiti Saa'oliin, «Jecha namooti, ‹Daawiti si miidhiisaaf barbaada› jedhanu maaf caqatta? \v 10 Guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa goda keessatti harka kiyyatti dabarsee akka si kenne atinuu ila teetiin dhaggiteerta. Namooti gariin akka ani si ijjeesuuf na tirtirsanee, ani ammoo, ‹Inni nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, ani harka kiyyaan goottaa kiyya irratti waan hantuu hin huju› jedhee si'iif marare. \v 11 Kunoo, Abbaa kiyya, handaara woyaa teetii harka kiyya irratti ilaali! Ani handaara woyaa teetii irraa mure malee si hin ijjeenne. Ani hammeenna yookiin yakkaa akka hin qanne beeki. Ati lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaaddulle, ani si irratti cubbuu hin hunye. \v 12 Mootiin Waan Maraa anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Ati na irratti hammeenna waan hujjeef, Mootiin Waan Maraa haluu si naaf bayuu malee, harki kiyya waan hantuu si irratti hin huju. \v 13 Worri durii, ‹Hammeenni worra hamaa irraa dhufa› jedhan. Harki kiyya ammoo waan hantuu si irratti hin huju. \v 14 Mootiin Israa'elii eennu loliisaaf dhufe? Ati eennu ariita? Saree duute moo taffii ariita? \v 15 Mootiin Waan Maraa abbaa mura'aa te'ee anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Inni haajaa kiyya ilaalee naaf falmatee, harka keeti jalaa na baasee, dhugaa tiyya naaf mudhisuu ti» jedhe. \p \v 16 Daawiti akkuma tana dubbatee fixateen, Saa'ol, «Ilma kiyya Daawiti, tun qoonquma teetii?» jedhee gaafatee qoonqoo ifii ol-qabatee bowe. \v 17 Inni Daawitiin, «Ani waan hantuu si irratti hunyaan ati ammoo waan dansaa naaf waan gooteef, ati na caalaa balcha'a! \v 18 Ati attam waan dansaa akka naaf goote adha natti mudhitteerta; Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee na kenneeruun, ati ammoo na hin ijjeenne. \v 19 Nami diina ifii yennaa dhagge, akka inni nageyaan deemu hin lakkisaa ree? Maarre waan dansaa adha ati naaf gooteef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa si'iif godhu. \v 20 Kunoo, ati dhugumaan mootii akka teetuu fi mootummaan Israa'elii harka keetitti jabaattee akka dhaabbattu ani hin beeka. \v 21 Ati naan duuba sanyii tiyya akka hin balleessine, maqaa kiyyalle maatii abbaa kiyyaa keessaa haxoottee akka hin balleessine amma maqaa Mootii Waan Maraatiin naaf kakadhu» jedhe. \v 22 Maarre Daawiti tana Saa'oliif kakate. Achiin duuba Saa'ol gara mana ifii deeme; Daawitii fi namooti isaa ammoo gara kushee jadduu ifii deemane. \c 25 \s1 Du'a Saamu'elii \p \v 1 Saamu'el du'e. Israa'elooti marti wolitti qabamanee bowanee, mana isaa ka Raamaa keessa jiru keessatti isa awwaalane. \p Achiin duuba Daawiti ka'ee gara goomolee Phaaraanii gad dhaqe. \v 2 Biyya Maa'onii qachaa Qarmelosii keessa namichi dureessi karra guddoo qabu tokko jiraayyu. Inni hoolota kuma sadii fi re'oota kuma tokko qabaayyu. Inni Qarmelos keessatti rifeensa hoolota irraa quxataayyu. \v 3 Maqaan isaa Naabaal; maqaan haadha manaa isaalle Abigaayil. Isiin dubartii qalbittii shaggitti'i; abbaan manaa isi'ii ammoo nama gadhi-laafummaa hin qanne ka waan hantuu huju; inni sanyii Kaalebii ti. \v 4 Daawiti goomolee keessa adoo jiruu, Naabaal hoolee ifii irraa rifeensa quxatiisatti akka jiru dhage'e. \v 5 Maarre Daawiti dargaggoota kudhan ergee, «Gara Qarmelosii Naabaal bira dhaqa'aatii maqaa kiyyaan nageya isa fuudha'a. \v 6 ‹Bara dheeraa le'i! Nageenni si'iif te'u! Nageenni mana keetii fi waan ati qaddu maraaf te'u! \v 7 Ati rifeensa hoolota teetii akka quxiisatti jirtu dhage'eera; tissitooti teeti yennaa nu woliin jiranu, nuuti isaan hin miine; isaan bara Qarmelos keessa jiranu mara wonni tokkolle isaan duraan hin banne. \v 8 Tajaajiltoota teeti gaafadhu, isaan sitti hin himan. Tanaaf nuuti guyyaa jilaa waan dhunneef, dargaggooti tiyya tun si duratti fudhatama dhaggatuu ti. Maganne'e tajaajiltoota teetii fi ilma keeti Daawitiif waanuma qaddu kenni› jedha'aan» jedhe. \p \v 9 Dargaggooti Daawitii yennaa achi geyane, maqaa Daawitiitiin ergaa tana Naabaalitti himanee, deebii eeggatane \v 10 Naabaalille deebisee tajaajiltoota Daawitiitiin, «Daawitiin kun eennu inni? Ilmi Iseyii kun eennu inni? Bara kana tajaajiltooti bacaan goottota ifii jalaa badiisatti jiran. \v 11 Ani daabbo'oo fi bisaan, foon worra rifeensa hoolee tiyya irraa quxanuuf qopheesse, namoota addee isaan dhufaneen hin beenneef maaf kenna ree?» jedhe. \v 12 Maarre dargaggooti Daawitii duubatti deebi'anee waan Naabaal jedhe mara Daawititti himane. \v 13 Daawiti dargaggoota ifiitiin, «Isin martinuu shallaagaa keessan hidhadha'a» jedhe. Maarre isaan martinuu shallaagaa ifii hidhatane. Daawitille shallaagaa ifii hidhate. Namooti gara dhibba afurii Daawiti woliin ol bayanee, namooti gara dhibba lamaa meya eegiisaaf hafane. \p \v 14 Dargaggoota san keessaa tokkochi Abigaayil, haadha manaa Naabaaliitiin, «Daawiti goomolee keessaa namoota ergee, goottaa keenna nageya gaafateeraayyu; goottaan keenna ammoo isaan arrasse. \v 15 Silaa namooti kun nu'uuf worra dansa'a; isaan nu hin miine; bara isaan woliin diida keessa jirru mara wonni tokkolle nu duraa hin banne. \v 16 Bara nuuti hoolota teenna tiffataa isaan woliin turre mara halkanii fi guyyaa isaan adaala keennatti akka dalleyaa nu'uuf te'ane. \v 17 Tanaaf amma goottaa keennaa fi maatii isaa mara irratti miidhaan dhufiisatti waan jirtuuf, ati tana beekiitii waan godhiisaaf malte godhi. Inni nama yabaabulaa waan te'eef, nami tokkolle isatti dubbatiisa hin dande'u» jedhe. \p \v 18 Abigaayil ariiti'iin daabboo xaltaa dhibba lama, daadhii woyni'ii qalqalluu lama, hoolota qalantee qopheeffante shan, akum'ee midhaanii gara kiiloogiraama kudhanii torbaa, midhaan woyni'ii gogaa cum'aa dhibba tokkoo fi midhaan harru'uu gogaa xaltaa dhibba lama wolitti qaddee harreele'etti feete. \v 19 Achiin duuba tajaajiltoota ifiitiin, «Ani isin gula hin dhufa; isin naan dura deema'a!» jette. Garuu abbaa manaa ifii Naabaalitti hin hinne. \p \v 20 Isiin harree irra teettee gaaratti gollattee gad bu'iisatti adoo jirtuu, Daawitii fi namooti isaa gara isi'ii gad itti dhufane; isiille isaan dhaggite. \v 21 Daawitille, «Ani goomolee keessatti qabeenni namicha kanaa akka hin banne toluma isaaf eegee? Ani isa irraa waan tokkolle hin fudhanne. Inni ammoo waan dansaa ani isaaf huje waan hantuu naaf deebise. \v 22 Boru ganama waan isaa mara keessaa dhiira tokkolle yoo ani hambure, Waaqi na ijjeesuu ti» jedhe. \p \v 23 Abigaayil yennaa Daawiti dhaggite ariiti'iin harree irraa gad baatee, Daawiti duratti fuulaan lafatti gad gombifante. \v 24 Miila isaatitti jiddee, «Ee, goottaa kiyya, yakkaan tun na irratti teetuu ti; maganne'e, ani tajaajiltuun teeti sitti himadha, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himadhu naaf dhage'i! \v 25 Ee goottaa kiyya, Naabaalii yabaabulaa san woyitti hin laakkowin; maqaan isaatuu, ‹Gowwaa› jechu'u; inni akkuma maqaa ifiituu jira. Gowwumaan isuma woliin turte. Ani tajaajiltuun teeti ammoo dargaggoota goottaan kiyya erge san hin dhaggine. \v 26 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'eetii fi lubbuu teeti jiraattu'uun kakadha, ati dhiiga dhangalaattee haluu akka hin baaneef Mootiin Waan Maraa si eegeera; diinoti keetii fi worri si goottaa kiyya miidhuu barbaadu marti akka Naabaal te'e te'anuu ti. \v 27 Kennansi ani tajaajiltuun teeti si goottaa kiyyaaf fide kun dargaggoota si goottaa kiyya hordofatiisatti jiranuuf kennamuu ti. \v 28 Sababa ati goottaan kiyya lola Mootii Waan Maraa loliisatti jirtuuf, Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teeti hin jabeessa; ati maganne'e yakkaa ana tajaajiltuu teetii naaf araarami; bara jiruu teetii mara hammeenni si irratti hin dhaggamin. \v 29 Eennulle si ijjeesiisaaf yennaa si ari'elle, lubbuun goottaa kiyyaa subba Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii keessatti nageyaan hin eeganti; lubbuu diinota keetii ammoo akka dhakaa looyyaa keessaa hin qolaansan. \v 30 Mootiin Waan Maraa waadaa si goottaa kiyyaaf gale, waan dansaa mara si'iif godhee Israa'el irralle'etti yennaa si mootii godhe, \v 31 dhiigi ati sababa malee dhangalaatte yookiin harka keetiin wonni ati haluu baate waan hin jirreef, si goottaa kiyya wonni ati itti gadditu yookiin wonni ati ifi gaabbitu tokkolle hin jiraattu. Mootiin Waan Maraa waan dansaa si'iif yennaa godhe, maganne'e, ana tajaajiltuu teeti qaabadhu» jette. \p \v 32 Daawitille Abigaayiliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka adha gara kiyya si erge leellifamuu ti! \v 33 Akka ani dhiiga hin dhangalaannee fi harka kiyyaan akka ani haluu hin baane ka na eege yaad keeti dansaan sun eebbifamuu ti; atille eebbifami. \v 34 Adoo ati ariifattee na bira dhufuu dhabaattee, dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ka jiraataa te'ee, ka akka ani si hin miine godhee, haga ganamatti namoota Naabaalii keessaa dhiira ka te'e tokkolle hin hafuuyyu» jedhe. \v 35 Achiin duuba Daawiti waan isiin isaaf fidde harka isi'ii irraa fudhatee, «Kunoo, ani dubbii teeti dhage'eera; waan ati na kadhattelle si'iif hin kenna. Nageyaan gara mana keetii deemi!» jedheen. \p \v 36 Abigaayil gara Naabaalii yennaa deebite, inni jila akka jila mana mootichaa mana ifii keessatti jilifatee guddoo machowee gammadiisatti jiraayyu. Maarre isiin haga latti bariitutti waan tokkolle isatti hin hinne. \v 37 Achiin duuba ganama Naabaal machii yennaa balleeffate, Abigaayil haati manaa isaa waan kana mara isatti hintee jennaan, onneen isaa naasu'uun dhowantee inni akka dhaka'aa te'e. \v 38 Gara guyyaa kudhaniitiin duuba, Mootiin Waan Maraa Naabaal irratti balaa buusee, innille du'e. \p \v 39 Daawiti akka Naabaal du'e yennaa dhage'e, «Naabaalii na arrasse ka haluu naaf baye, ana tajaajilaa ifiille waan hantuu godhiisa irraa ka na eege, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. Inni waan hantuu Naabaal huje san mataa isaatitti deebiseera» jedhe. \p Achiin duuba Daawiti Abigaayil fuudhiisaaf itti ergate. \v 40 Tajaajiltooti isaa gara Qarmelosii dhaxxee Abigaayiliin, «Daawiti si fuudhiisaaf barbaadee gara keeti nu ergeera» jette. \p \v 41 Abigaayil kaatee fuulaan lafatti gad gombifantee, «Kunoo, ani garbittiin teeti si tajaajiliisaaf, tajaajiltoota goottaa kiyyaalle miila dhiqisaaf qophoweera» jette. \v 42 Abigaayil ariiti'iin kaatee harree irra teettee, dubartoota dargaggeeyyii tajaajiltoota ifii shan fudhattee, namoota Daawiti ergate woliin deentee isa heerumte. \p \v 43 Daawiti dubartittii biyya Yizre'elii Ahiino'aamille fuudhee isaan lamaanuu haadha manaa isaa te'ane. \v 44 Saa'ol ammoo haadha manaa ta Daawitii intala ifii Mikaal isa jalaa baasee, nama qachaa Galiimii, ilma Laa'iishii Phalaati'el heerumsiise. \c 26 \s1 Daawiti Ammalle Lubbuu Saa'ol Hambure \p \v 1 Namooti biyya Ziifii gara Saa'olii Giibe'aa dhaqanee, «Daawiti kooba Hakiila'aa irraa, fuullee lafa goomole'eetitti dhokateera motii?» jedhaneen. \v 2 Maarre Saa'ol ka'ee namoota Israa'elii ka filamane kuma sad woliin Daawiti barbaadiisaaf gara goomolee Ziifii deeme. \v 3 Saa'ol kooba Hakiila'aa ta fuullee lafa goomole'ee cinaa kara'aa qubate. Daawiti ammoo goomolee keessa ture; inni akka Saa'ol haga achii isa hordofee dhufe yennaa dhagge, \v 4 worra dooyu ergee Saa'ol dhugumaan akka achi dhufeeru hubate. \v 5 Achiin duuba Daawiti ka'ee addee Saa'ol Qubateeru dhaqee, Saa'olii fi ajajaan loltoota isaa ilmi Neerii Abneer addee rafaneeranu dhagge. Saa'ol odduu quttumaa rafee loltooti isaa adaala isaa qubataneeraniiyyu. \p \v 6 Achiin duuba Daawiti Ahiimelekii nama biyya Heetotaatii fi ilma Zeruyaa obboleessa Yo'aabii Abiishaayiin, «Eentu na woliin gara addee quttuma Saa'olii gad dhaqa?» jedhee gaafate. \p Abiishaayille, «Ani si woliin hin dhaqa» jedhe. \p \v 7 Maarre Daawitii fi Abiishaayi halkaniin addee loltooti jirtu dhaqane. Saa'ol eboo ifii mataa ifii duratti lafatti dongoratee odduu quttumaa rafee, Abneerii fi loltootille adaala isaa rafaneeraniiyyu. \v 8 Achiin duuba Abiishaayi Daawitiin, «Waaqi adha diina keeti harka keetitti dabarsee kenneera; amma ani yennuma tokko eboo tiyyaan Saa'ol woraanee lafa woliin wolitti hodha; ittille dabaluu hin barbaachisu» jedhe. \p \v 9 Daawiti ammoo Abiishaayiin, «Isa hin ijjeesin! Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesee ka yakkaamessa hin te'in eennu? \v 10 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Mootiin Waan Maraatuu Saa'ol hin ijjeesa yookiin guyyaa ifii hin du'a yookiin duula dhaqee achitti hin du'a. \v 11 Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eeguu ti! Ammoo eboo isaatii fi duloo isaa ta bisaanii ka mataa isaa dura jiranu san fuudhi hin ideennaa!» jedhe. \v 12 Maarre Daawiti ebo'oo fi meya bisaanii ka mataa Saa'olii dura jiranu san fuudhee, isaan lamaanuu achii deemane. Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isaanitti waan buuseef, isaan marti rafanee, nami tokkolle dammaqee isaan hin dhaggine yookiin tana hin beenne. \p \v 13 Achiin duuba Daawiti gara gamaa achi bu'ee isaan irraa fagaatee qaccee koobaa irra dhaabbate; wodhakkaa isaanii fageenna gudda'atti jiraayyu. \v 14 Daawiti loltootaa fi ilma Neerii Abneer waamee, «Ee Abneer! Na jalaa hin owwaattuu?» jedheen; \p Abneerille deebisee, «Ati ka mootii waantu kun eennu inni?» jedheen. \p \v 15 Daawitille, «Ati namaa motii ree? Israa'el keessa ka akka keetii eennu? Nami tokko goottaa keeti mooticha ijjeesiisaaf waan dhufeef, ati goottaa keeti mooticha maaf hin eenne ree? \v 16 Wonni ati hujje kun dansa'aa moti. Goottaa keessan ka Mootiin Waan Maraa muude waan hin eeginiif, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, atii fi namooti keeti du'uu qaddan. Eboon mootichaatii fi meyi bisaanii ka isaa ka mataa isaa dura jiranu meet ree? Me adaala keeti ilaali!» jedheen. \p \v 17 Saa'ol qoonqoo Daawitii beekee, «Ilma kiyya Daawiti, kun qoonqoo teetii?» jedheen. \p Daawitille deebisee, «Ee mooticha, goottaa kiyya, eeti'i qoonqoo tiyya» jedheen. \v 18 Itti dabalee, «Ee goottaa kiyya, maaf ana tajaajilaa keeti ariita? Ani maan godhe? Ani maan yakke? \v 19 Amma goottaan kiyya qoonqoo tajaajilaa ifii caqasuu ti. Mootiin Waan Maraa na irratti si kaasee yoo jiraate, inni kennansa fudhatuu ti. Namooti tana godhanee yoo jiraatane, akka ani qooda hin qabaanne, ‹Dhaqiitii waaqota dhibii waaqonfadhu› jedhanee waan na ari'aneef, isaan Mootii Waan Maraa duratti abaaramanuu ti! \v 20 Akka nama gaara irratti gogorrii adansuu, Mootiin Israa'elii ana nama taffii tokko barbaadiisaaf waan bayeef dhiigi kiyya Mootii Waan Maraa duraa fagaatee akka dhangala'u hin godhin!» jedhe. \p \v 21 Achiin duuba Saa'ol, «Ani cubbuu hujeera. Lubbuun tiyya adha si duratti ulfinna waan dhaggatteef, ani deebi'ee si hin miidhuutii, ilma kiyya Daawiti, deebi'i. Ani dhugumaan gowwumma'aan dokonkora guddaa hujeera» jedhe. \p \v 22 Daawitille deebisee, «Ee mooticha, kunoo, eboon teeti as jirti, dargaggoota teeti keessaa tokko dhufee fuudhuu ti! \p \v 23 «Mootiin Waan Maraa nama tokko tokkoofuu akka balchummaa isaatii fi addatamummaa isaatitti gatii isaaf kennuu ti. Mootiin Waan Maraa adha harka kiyyatti si dabarsee waan kenneef, ani ammoo nama Mootiin Waan Maraa muude hin miidhu. \v 24 Akkuma adha lubbuun teeti na duratti ulfinna dhaggatte, lubbuun tiyyalle Mootii Waan Maraa duratti ulfinna dhaggatuu ti! Inni rakkinna mara keessalle'ee na baasuu ti» jedhe. \p \v 25 Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Ee ilma kiyya Daawiti, ati eebbifam! Ati waan hedduu hin goota; dhugumaan si'iif hin milkootti» jedhe. \p Maarre Daawiti karaa ifii deemee, Saa'olille gara mana ifii deebi'e. \c 27 \s1 Daawiti Gara Filisxeemota Baqate \p \v 1 Daawiti gadhaa ifii keessatti, «Guyyaa tokko harka Saa'oliititti du'iis kiyya waan hin oolleef, gara biyya Filisxeemotaa baqatiisa naa woyya. Achiin duuba Saa'ol biyya Israa'elii keessa na barbaadiisa hin lakkisa; anille harka isaa jalaa hin baya» jedhee herrege. \v 2 Maarre Daawitii fi namooti dhibbi jaa ka isa woliin jiranu gara mootii Gaatii, ilma Maa'okii Akiishi bira dhaqane. \v 3 Daawitii fi namooti isaa tokko tokkoon isaanii maatii ifii woliin Gaati keessa Akiishi bira le'ane. Daawitille haadhotii manaa ifii lama Ahiino'aamii nama biyya Yizre'eliitii fi Abigaayil ta Naabaal irraa du'e nama biyya Qarmelosii woliin jiraayyu. \v 4 Daawiti gara Gaatii akka baqate Saa'olitti yennaa himane, inni deebi'ee isa hin barbaanne. \p \v 5 Achiin duuba Daawiti Akiishiin, «Ani tajaajilaan keeti maaf si woliin qachaa mooti'ii keessa le'a? Ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachoota biyya kanaa keessaa tokko keessatti addeen ani le'u naaf kennantuu ti» jedhe. \v 6 Maarre gaafuma san Akiishi qachaa Siiqlaagii isaaf kenne. Qachaan Siiqlaagii guyyaa sanii jalqabee ka mootota Yihuda'aa te'e. \v 7 Daawiti biyya Filisxeemotaa keessa woggaa tokkoo fi ji'a afur le'e. \p \v 8 Daawitii fi namooti isaa dhaqanee, Geshuurota, Giirzotaa fi Amaaleqootatti duulane. Worri kun dur lafa Shuuriitii haga lafa Gibxi'ii keessa le'ane. \v 9 Daawiti yennaa isaan lole, dhiira yookiin dubartii tokkolle hin hamburre; hoolota, loon, harree, gaalotaa fi woyaa ammoo fudhatee gara Akiishii deebi'e. \v 10 Akiishi, «Adha eessa duultane?» jedhee yennaa gaafate, Daawiti, «Biyya Yihuda'aa ta gara kibbaa, biyya Yiraahimii'elii ta gara kibbaatii fi biyya Qenootaa ta gara kibbaatitti duulle» jedheen. \v 11 Daawiti, «Namooti gara Gaatii dhufanee, ‹Daawiti waan akkasii hujeera› jedhanee hin odeessan» jedhee waan herregeef, dhiira yookiin dubartii tokkolle hamburee gara Gaatii hin finne. Inni biyya Filisxeemotaa keessa haga le'e mara akkasuma godhaa ture. \v 12 Akiishille gadhaa ifii keessatti, «Inni kolbaa ifiituu kolbaan Israa'elii akka isa jibbitu waan godheef, haga bara baraa tajaajilaa kiyya hin te'a» jedhee waan herregeef, Daawiti addate. \c 28 \s1 Filisxeemoti Lolaaf Qophowane \p \v 1 Bara san Filisxeemoti Israa'el loliisaaf loltoota ifii wolitti qabatane. Akiishi Daawitiin, «Atii fi namooti keetille na woliin akka duultanu beeki» jedhe. \p \v 2 Daawitille, «Ani tajaajilaan keeti waan godhuu dande'u, atinuu dhaggu'uu jirta» jedheen. \p Akiishi deebisee, «Guddoo dansa'a! Ani haga jiruu tiyyaa eeddicha kiyya si tolfadha» jedheen. \s1 Saa'ol Worra Ekeraa Dubbisu Dubbisiifate \p \v 3 Saamu'el du'ee Israa'elooti marti isaaf boottee qachaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalane. Bara san Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa balleesseeraayyu. \p \v 4 Filisxeemoti wolitti qabamanee dhufanee adaala qachaa «Shuneem» jedhamutti qubatane. Saa'olille Israa'eloota mara wolitti qabatee gaara Giilbo'aa irra qubate. \v 5 Saa'ol loltoota Filisxeemotaa yennaa dhagge, guddoo sodaatee, gadhaan isaa sheephise. \v 6 Inni Mootii Waan Maraa yennaa gaafate, Mootiin Waan Maraa ammoo oojju'uun yookiin Uriimiin yookiin karaa raagotaalle'een deebii isaaf hin kennine. \v 7 Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Dhaqee isii akka gaafadhu, dubartii ekeraa dubbittu naa barbaada'a» jedhe. \p Isaanille deebisanee, «Kunoo, dubartiin ekeraa dubbittu takka Endoor keessa jirti» jedhaneen. \p \v 8 Maarre Saa'ol woyaa dhibii uffatee, ifi wollaalchisee, nama lama woliin halkan gara dubartittii sanii dhaqee, «Maganne'e, ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu naaf kaasi!» jedheen. \p \v 9 Dubartittiin ammoo deebittee, «Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta. Na ijjeesiisaaf, tiyyoo na dura maaf keetta ree?» jetteen. \p \v 10 Saa'ol, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, waan kanaan ati hin adabantu» jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin kakate. \p \v 11 Achiin duuba dubartittiin, «Eennu si'iif kaasa?» jettee isa gaafatte. \p Innille deebisee, «Saamu'el naaf kaasi!» jedheen. \v 12 Dubartittiin yennaa Saamu'el dhaggite, qoonqoo guddo'oon iyyitee Saa'oliin, «Ati Saa'olii motii? Maaf na sodde?» jetteen. \p \v 13 Mootichi isi'iin, «Hin sodaatin! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhe. \p Dubartittiin deebittee Saa'oliin, «Ayyaanni tokko tokko lafa keessaa ol bayuun dhagga» jette. \p \v 14 Innille, «Inni maan fakkaata?» jedhee isii gaafate. \p Isiin deebittee, «Jaarsi tokko geellaa uffatee ol bayiisatti jira» jetteen. \p Achiin duuba Saa'ol akka inni Saamu'el te'e beekee ulfinna isaatiif fuulaan lafatti gad gombifame. \p \v 15 Achiin duuba Saamu'el, Saa'oliin, «Ati maaf du'a keessaa kaasiisaan na rakkitta?» jedhe; \p Saa'ol deebisee, «Ani rakkinna guddaa keessa jira; Filisxeemoti na loliisatti jirti; Mootiin Waan Maraalle na lakkisee, raagotaan yookiin oojju'uun deebii naaf kennuu dideera. Tanaaf maan akka godhu akka natti hintuuf, si waammadhe» jedheen. \p \v 16 Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa si irraa fagaatee eega diina keeti sitti te'e, maaf na gaafattaa ree? \v 17 Mootiin Waan Maraa waan natti dubbate muummessiisatti jira. Inni mootummaa teeti si harkaa fuudhee, jaala keeti Daawitiif kenneera. \v 18 Ati Mootii Waan Maraatiif waan hin ajajaminiif, aarii isaa ta akka ibiddaa bobeettu sanille Amaaleqoota irratti ati waan hin muummessiniif, Mootiin Waan Maraa adha tana si irratti godheera. \v 19 Ammalle, Mootiin Waan Maraa si'ii fi Israa'elootalle harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna; boru atii fi ilmaan teeti na bira hin dhuttan; Mootiin Waan Maraa loltoota Israa'eliille harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna» jedhe. \p \v 20 Dubbii saamu'el dubbateen, Saa'ol sodaatee yennuma san akkuma hojjaa ifiitiin lafatti jige. Guyyaa sanii fi halkan san mara waan tokkolle hin nyaanneeyyu; tanaaf hunna dhabe. \v 21 Dubartittiin gara Saa'olii dhuttee, akka inni guddoo bararaqe yennaa dhaggite, «Kunoo, ani tajaajiltuun teeti si'iif ajajameera. Lubbuu tiyya harkatti qabadhee waan ati natti hinte muummesseera. \v 22 Amma maganne'e, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himu dhage'i; nyaattee jabeenna dhaggattee akka deentuuf sagalee si'iif hin qopheessa» jetteen. \p \v 23 Inni, «Hin nyaadhu» jedhee didate. Te'uu malee tajaajiltooti isaa dubartittii woliin guddoo waan isa kadhataneef, dubbii isaanii dhage'ee, lafaa ka'ee taqee irra tee'e. \v 24 Dubartittiin jibicha cooma mana keessaa waan qadduuf, ariiti'iin qaltee, bullaa fuutee sukkuuntee daabboo uukoo hin qanne bilcheessite. \v 25 Achiin duuba Saa'olii fi tajaajiltoota isaatiif dhikeessitee, isaanille nyaatane. Achiin duuba isaan halkanuma san ka'anee deemane. \c 29 \s1 Filisxeemoti Daawiti Mormatte \p \v 1 Filisxeemoti loltoota ifii mara Afeqitti wolitti qabatane. Israa'elootille madda dhooqa Yizre'elii keessaa biratti qubatane. \v 2 Bulchitooti Filisxeemotaa loltoota ifii garee dhibba dhibbaa fi kuma kumaan te'anee duulane; Daawitii fi namooti isaalle Akiishi woliin duuba isaaniitiin isaan gula duulane. \v 3 Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa kun maan asii hujan?» jedhanee gaafatane. \p Akiishi deebisee, «Kun Daawiti, tajaajilaa Saa'olii, ka mooticha Israa'eliitii motii? Inni na bira haga dhufee woggaa irra dabareera; anille guyyaa inni natti galee jalqabee haga adhaatitti yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedheen. \v 4 Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo Akiishitti aaranee, «Nama kana addee qara isaaf kennitetti deebisii ergi. Inni yennaa lolaa garagalee diina akka nutti hin teene, akka inni nu woliin duulu hin godhin. Inni mataa namoota kanaa kutee adoo hin geessin goottaa ifii woliin attam araaramuu dande'a ree? \v 5 Isaan geeraraa, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhaa ka faarfatane, Daawitii kanaa motii ree» jedhane. \p \v 6 Maarre Akiishi Daawiti waamee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ati nama qajeela'a. Guyyaa gara kiyya dhutteen jalqabee haga adhaa yakkaa tokkolle si irratti waan hin dhagginiif, na woliin adoo duulteetii, ani hin gammada. Te'uu malee bulchitooti ammoo si hin addanne. \v 7 Ati deebi'ii nageyaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa hin gammachiinne tokkolle hin godhin» jedheen. \p \v 8 Daawiti deebisee Akiishiin, «Ani ammoo maan godhe? Guyyaa ani gara keeti dhufeen jalqaddee haga adhaatitti ana tajaajilaa keeti irratti maan dhaggiteerta? Ani diinota goottaa kiyya mootichaa maaf loluu dhaba ree?» jedhee gaafate. \p \v 9 Akiishi deebisee, «Ati na duratti akka ergamaa Waaqaa ka komii hin qanne akka teetee hin beeka. Te'uu malee ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo, ‹Inni nu woliin gara lolaa dhaquu hin qabu› jedhaneeran. \v 10 Ati tajaajiltoota goottaa keetii ta si woliin dhufane woliin boru ganamaan ka'a'aatii, akkuma bariiteen deema'a» jedheen. \p \v 11 Maarre Daawitii fi namooti isaa gara lafa Filisxeemotaa deebi'iisaaf boruyyaa ganamaan ka'ane. Filisxeemotille gara Yizre'elii ol bayane. \c 30 \s1 Daawiti Amaaleqoota Injifate \p \v 1 Guyyaa sadeesso'oo Daawitii fi namooti isaa gara Siiqlaagii yennaa deebi'anu, Amaaleqooti gara kibba Kana'aaniitii\f + \fr 30:1 \fr*\fqa Kibba Kana'aanii: \fqa*\ft Yaadannoo Dad. 12:9 irratti kenname ilaali.\ft*\f* fi Siiqlaagitti duulanee, Siiqlaag lolanee gubaneeranuun dhaggane. \v 2 Dubartootaa fi namoota achi keessa jiranu diqqa'aa fi guddaa mara booji'ane. Isaan worra booji'ane san fudhatanee deemane malee isaan keessaa nama tokkolle hin ijjeenne. \v 3 Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Siiqlaagii yennaa dhufane, qachaan ibiddaan gubatee, niitoti isaanii, ilmaanii fi durri isaanii booji'amaneeranuun dhaggane. \v 4 Achiin duuba Daawitii fi namooti isaa, haga dadhabanutti qoonqoo ifii ol qabatanee bowane. \v 5 Niitoti Daawitii lamaanuu Yizre'elittiin Ahiino'aamii fi Abigaayil ta Naabaaliin Qarmelosichi irraa du'elle booji'amaneeraniiyyu. \p \v 6 Namooti marti ilmaanii fi durri isaanii waan booji'amaneef, gaddanee aaranee, Daawiti dhaka'aan tumiisaaf waan mari'ataneef inni guddoo yaadaan rakkate. Garuu Daawiti Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin ifi jajjabeesse. \v 7 Achiin duuba Daawiti Abiyaataarii hayyicha, ilma Ahiimelekiitiin, «Woyaa hayyumma'aa ta qomaa naa fidi» jedhe. Abiyaataarille woyaa san isaaf fide. \v 8 Daawiti, «Garee loltootaa tana hordofuu? Ani isaan hin dhaqqabaa?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Dhugumaan ati isaan dhaqqaddee boojuulle waan deebifattuuf isaan hordofi!» jedheen. \p \v 9 Maarre Daawitii fi namooti isaa ka isa woliin jiranu dhibbi jaa gara laga Besoorii dhufanee, gariin achuma turane. \v 10 Namooti dhibbi lama ammoo guddoo waan dadhabaneef, laga Besoorii gamatti bu'uu waan hin dande'iniif, Daawiti namoota dhibba afur woliin loltoota san hordofe. \v 11 Isaan diida keessatti nama biyya Gibxi'ii tokko dhagganee gara Daawitii fidane. Isaan bisaan unuu fi sagalee nyaatu isaaf kennane. \v 12 Akkasuma baqaqa bixee midhaan harru'uutii fi midhaan woyni'ii gogaa cum'aa lama isaaf kennane. Inni guyyaa sadii fi halkan sad sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne; tanaaf nyaateen duuba bayyanate. \v 13 Daawitille, «Ati ka eennuuti? Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate; \p Inni deebisee, «Ani dargaggeessa biyya Gibxi'ii, tajaajilaa Amaaleqicha tokkoo ti; ani guyyaa sadiin dura waan dhibameef, goottaan kiyya na lakkisee deeme. \v 14 Nuuti biyya Keretootaa ta gara kibbaa, kutaa biyya Yihuda'aa, biyya Kaalebii ta gara kibbaatitti duullee, Siiqlaagille ibiddaan gunneerra» jedheen. \p \v 15 Daawitille, «Gara garee loltoota sanii nu geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate. Inni deebisee, «Ati akka na hin ijjeenne yookiin harka goottaa kiyyaatitti dabarsitee akka na hin kennine Waaqa duratti naaf kakadhu. Anille gara garee loltoota sanii si hin geessa» jedheen. \v 16 Inni yennaa gara garee loltootaa Daawiti geesse, isaan biyya Filisxeemotaatii fi Yihuda'aa keessaa waan bacaa waan saamaneef, addee maratti bittinnowanee, nyaataa, unaa, gammadane. \v 17 Daawiti galgala saniin jalqabee haga galgala guyyaa itti aanuutitti isaan lolee, dargaggoota dhibba afur worra gaala irra tee'ee baqate malee, isaan keessa nami tokkolle miliqee hin baane. \v 18 Daawiti waan Amaaleqooti fudhatte mara, niitota ifiille lamaanuu deebifate. \v 19 Diqqaan yookiin Guddaan, ilmaan dhiiraa yookiin ijoolleen durraa, wonni isaan saamanee fudhatane yookiin wonni dhibiin ta Amaaleqooti fudhatane tokkolle adoo hin hafin Daawiti waan mara deebisiise. \v 20 Daawiti loon, hoole'ee fi re'ee mara deebifatee fudhatee, namooti isaa, «Kun boojuu Daawitii ti» jedhaa horii kana horii kaaniin dura oofane. \p \v 21 Achiin duuba Daawiti gara namoota dhibba lamaa worra guddoo dadhabee isa gula deemiisa dadhabanee, ka laga Besoorii biratti isa biraa hafanee deebi'ee dhaqe. Isaanille Daawitii fi namoota isa woliin jiranu qophatiisaaf bayane. Daawiti gara namoota sanii yennaa dhikaate nageya isaan fuudhe. \v 22 Namoota Daawiti gula deemanu keessaa, worri hama'aa fi worri woy hin baane tokko ammoo, «Isaan nu woliin waan hin duuliniif, tokko tokkoon isaanii dubartootaa fi ijoollee ifii fudhatanee deemanuutii malee waan nuuti boojinee fudhannee dhunne nu woliin hin qoodamanu» jedhane. \p \v 23 Daawiti ammoo deebisee, «Waawwo'o, obboleeyyan tiyya! Ka nu eegee, garee diinota keennaalle harka keennatti dabarsee ka kenne Mootii Waan Maraa ti. Waan inni nu'uuf kenne kana akkana hin godhina'a! \v 24 Waan isin jettanu kana eentu isiniif dhage'a? Qoodi worra lola dhaqeetii fi worra meya biratti hafee wol qixa. Isaan martinuu wol qixa qoodamanuu ti» jedhe. \v 25 Daawiti guyyaa saniin jalqabee haga adhaa dubbii tana Israa'elootaaf seeraa fi seerata godhe. \p \v 26 Daawiti gara Siiqlaagii yennaa dhufe, lansoota ifii jaarsolee Yihuda'aatiin, «Kunoo, kennansi kun waan diinota Mootii Waan Maraa irraa saamamee isiniif ergame» jedhe. \v 27 Inni worra Bet'eliitiif, worra kibba Yihuda'aa ka Raamootiitiif, worra Yaatiir keessa jiranuuf, \v 28 worra Aro'eriitiif, worra Siifmotiitiif, worra Eshtemo'aa keessa jiranuuf, \v 29 worra Raakaaliitiif, worra qachoota Yiraahimii'elootaa keessa jiranuuf, worra qachoota Qenootaa keessa jiranuuf, \v 30 worra Hormaatiif, worra Bor-Ashaaniitiif, worra Ataakiitiif, \v 31 worra Kebroon keessa jiranuuf, akkasuma worra addee Daawitii fi namooti isaa keessa deddeebi'e keessa jiranu maraaf erge. \c 31 \s1 Du'a Saa'oliitii Fi Du'a Ilmaan Isaa \p \v 1 Bara san Filisxeemoti Israa'eloota lolane; Israa'elooti isaan duraa baqatanee, nami bacaan lola Gaara Giilbo'aa irratti ijjeefamane. \v 2 Filisxeemoti Saa'olii fi ilmaan isaa hordofanee ari'anee, ilmaan isaa Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa ijjeesane. \v 3 Lolli Saa'ol irratti jabaatee, worri daayaan lolu dhaqqabanee akka malee isa madeessane. \v 4 Saa'ol dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'atu saniin, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee na ijjeesee akka na hin salphinne atinuu shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Dargaggeessichi isaa sun guddoo waan sodaateef isa hin ijjeenne. Maarre Saa'ol shallaagaa ifii buqqifatee irratti jige. \v 5 Dargaggeessichi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu sun akka Saa'ol du'e yennaa dhagge, innille akkuma isaa shallaagaa ifii buqqifatee irratti jigee isa woliin du'e. \v 6 Saa'ol, ilmaan isaa sadiinuu, dargaggeessichi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu fi namooti isaa martinuu guyyuma san wolumaan dhumatane. \v 7 Israa'elooti dhooqaan gamaa, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu, loltooti Israa'elii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaalle akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Filisxeemotille dhufanee qachoota san qabatane. \p \v 8 Boruyyaa ganama worri Filisxeemotaa worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, Saa'olii fi ilmaan isaa sadiinuu gaara Giilbo'aa irratti du'aneeranuun dhaggane. \v 9 Isaan mataa Saa'olii irraa muranee, meya isaa ka lolaa irraa mulqatanee, oduu gammadaa kolbaa isaaniitii fi galma waaqa dharaa ka isaaniititti akka himanuuf biyya Filisxeemotaa mara keessa ergantoota ergane. \v 10 Isaan meya woraanaa ka isaa galma waaqa dharaa ka Ashitaarotii keessa keyanee, reeffa isaa dalleya dhaka'aa ka Bet-Shaaniititti fannisane. \p \v 11 Kolbaan Yaabesh-Giil'aad keessa leetu waan worri Filisxeemotaa Saa'ol irratti godhane yennaa dhage'ane, \v 12 namooti isaanii goototi marti halkaniin gara Bet-Shaanii dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa dalleya dhaka'a ka Bet-Shaanii irraa gad buusanee, gara Yaabeshii fidanee achitti isaan gubane. \v 13 Achiin duuba lafee isaanii fuudhanee Yaabesh keessatti muka «Tamariiski» jedhamu tokko jalatti awwaalanee guyyaa torba laamane.