\id 1PE - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Ergaa Pheexroosii \toc1 Ergaa Pheexroos Erge Ta qaraa \toc2 1 Ergaa Pheexroosii \toc3 1 Phex. \mt1 Ergaa Pheexroos Erge \mt2 Ta qaraa \imt Seensa \ip Ergaan Pheexroosii ta qaraa Kiristaanota ergaa tana keessatti, «Kolbaa Waaqaaf fowante» jedhamanu, ka biyya Asiyaa diqqittii gara kaabaa keessatti bittinnowaneef barreeffante. Yaadi guddaan ergaa tanaa, worra isii dubbifatu ka sababa dhugeeffanna'aatiif miidha'aa fi rakkoon irra geette jajjabeessiisa. Barreessaan Oduu Gammadaa ta Yesuus Kiristoosii, ta du'a isaa, du'aa ka'a isaatii fi waadaa deebi'ee dhufiisa isaa hintu akka qaabatanu godhiisaan isaan jajjabeessa. Inni akka isaan fakkeenna jireenna Yesuus Kiristoosii ilaaliisaan, rakkoo ossataan fudhatanu yaadachiisa; kanumatti aansee, rakkinni qulqullinna dhugeeffannaa isaanii akka haga ilaaluu fi «Guyyaa Yesuus Kiristoos mudhatu» gatii isaaniif malte akka fudhatanu hubachiisa. \ip Barreessaan rakkinna keessatti isaan jajjabeessiisa biratti, worri Kiristoos hordofu akka le'uu maletti akka le'anu worra dubbifatu yaadachiisa. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-2\ior* \io1 Yaadannoo fayyisiisa Waaqaa\ior 1:3-12\ior* \io1 Woyyumma'aan le'iisaaf gorsa kenname\ior 1:13—2:10\ior* \io1 Yennaa rakko'oo waan Kiristaana irraa eeggatamu\ior 2:11—4:19\ior* \io1 Ifi gad qabiisaa fi tajaajila Kiristaanaa\ior 5:1-11\ior* \io1 Yaada buufataa\ior 5:1-11\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Pheexroosii ergamaa Yesuus Kiristoosii irraa: \p Worra Waaqaa fowantane ka biyya jirtanuu baatanee kutaa biyya Phonxoosiititti, Galaatiya'aatitti, Qaphadooqiya'aatitti, Asiya'aatii fi Bitaaniya'aatitti bittinnoottanee jirtanu, \v 2 ka akkuma Waaqi Abbaan duraanuu karoorfatetti filantanee, Yesuus Kiristoosiif ajajamiisaa fi dhiiga isaatiin qulqulloomiisaaf Ayyaana Woyyichaan woyyoontaneef: \p Badhaadhii fi nageenni isiniif fakkanu. \s1 Addii Jiraattuu \p \v 3 Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te'u! Inni marartii ifii guddo'oon du'a keessaa ka'iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera. \v 4 Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubba'atti isiniif qopheesseera. \v 5 Kun isin worra karaa dhugeeffannaa fayyinna bara muumme'eetitti mudhatuuf qophowee jiruuf, hunna Waaqaatiin eegantanee jirtanuuf te'a. \v 6 Amma yennaa gabaaddu'uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada'a. \v 7 Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannaan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo'oo, ta dhuga'aa te'uu isi'ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan. \v 8 Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda'aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan. \v 9 Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna'aan eeggattanu fudhattan. \p \v 10 Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna'aa fi qu'annaa godhaneeran. \v 11 Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane. \v 12 Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran. \s1 Woyyumma'aan Le'uu \p \v 13 Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheessa'a; worra ifi qabatu te'a'a; addii teessan guutuma guutu'utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha'a. \v 14 Akka ijoollee ajajantuu te'aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hordofina'a. \v 15 Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te'e, isinille waan gootanu duudi'iin woyyuu te'a'a. \v 16 Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te'eef isinille woyyuu te'a'a» jedha. \p \v 17 Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru «Abbaa» jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a. \v 18 Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woy hin baane, waan badu ka akka meeti'iin\f + \fr 1:18\fr*\fqa Meeti'iin: \fqa*\ft Birrii sibiilaatiin\ft*\f* yookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan. \v 19 Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo'oo, ka akka dhiiga korbeessa komi'ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan. \v 20 Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan fowamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhifame. \v 21 Isin karaa isaatiin, Waaqa isa du'a keessaa kaasee ulfinna isaa kenne dhugeeffattane; maarre tanaaf dhugeeffanna'aa fi addiin teessan Waaqatti godhattane. \p \v 22 Isin dhuga'aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga'aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa'aa wol jaaladha'a. \v 23 Isin karaa jecha Waaqaa jiraata'aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te'in sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan. \v 24 Sababille Barreeffam Woyyichi \q1 «Nami foon uffate duudiin akka marraa ti; \q2 ulfinni isaalle akka daraaraa badda'aa ti; \q2 marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a. \q1 \v 25 Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le'a. \m Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana» hin jedha. \c 2 \s1 Dhakaa Jiraata'aa Fi Kolbaa Woyyittii \p \v 1 Yoona hammeenna duudii, maltummaa duudii, kijibummaa, hinaaffa'aa fi hamii duudii irraa ifi fageessa'a. \v 2 Akkuma daa'immaan reef dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin\f + \fr 2:2\fr*\fqa Aanan Ayyaantichi hin caamolamin: \fqa*\ft Barumsa Ayyaanticha qullicha\ft*\f* dharra'a'a. \v 3 Isin akka Goottaan arjaa te'e waan beettaneertanuuf tana hin gootan. \p \v 4 Maarre gara dhakaa jiraata'aa, gara Goottaa Yesuusii dhikaadha'a; Inni dhakaa namaan tuffatamee Waaqaan filatamee gatii guddoo qabu. \v 5 Isin hayyoota woyyuu te'uuf, ciincaa ayyaanaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa duratti fudhatama qabu dhikeessiisaaf, akka dhakaa jiraata'aa ijaarsa galma ayyaanaatiif te'a'a. \v 6 Barreeffam Woyyichi, \q1 «Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo'oo \q2 qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba; \q2 nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu» jedha. \m \v 7 Isin worra dhugeeffattanuuf dhakaan kun dhakaa gatii guddo'ooti; worra hin dhugeeffanneef ammoo, \q1 «Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, \q2 dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e» jedha. \m \v 8 Akkasuma Barreeffami Woyyichi dhibiin, \q1 «Dhakaan nama gufachiisu, \q2 rassaa nama jissu hin te'a» jedha. \m Isaan Jecha Waaqaatiif waan ajajamuu dhabaneef hin gufatan. Kun duraanuu waan isaaniif yaadameeru. \p \v 9 Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti'ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame. \v 10 Tanaan qara isin kolbaa Waaqaatii moti; amma ammoo kolbaa isaa ti; tanaan qara isin marartii Waaqaa hin dhagganne, amma ammoo marartii isaa dhaggattaneertan. \s1 Tajaajiltoota Waaqaa \p \v 11 Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha. \v 12 Worri Yihudoota hin te'in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka'atti amala dansa'aan le'a'a. \p \v 13 Gootta'aaf jedha'aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka baallii ol aantuu qabuuf, \v 14 yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama'a. \v 15 Sababille Waaqi akka isin waan dansaa hujaa, haasowa worra gowwoole'ee afaan qabachiittanu barbaada. \v 16 Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te'aatii le'aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu'uu hin godhatina'a. \v 17 Nama duudii ulfeessa'a; dhugeeffattoota jaaladha'a; Waaqa sodaadha'a; mootii ulfeessa'a. \s1 Fakkeenna Rakkoo Kiristoosii \p \v 18 Isin worri garbooleen goottota teessaniif ulfinnaan ajajama'a; goottota dansa'aa fi qajeelota calla'aaf adoo hin te'in, hamaaleyyi'iifille ulfinnaan ajajama'a. \v 19 Waaqaaf jettanee, rakkoo sababa malee isin dhaqqaddu yoo ossitane, inni isin hin eebbisa. \v 20 Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa. \v 21 Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te'e. \v 22 Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane. \v 23 Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne. \v 24 Akka nuuti cubbu'uuf duunee balchumma'aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba'ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan. \v 25 Isin akka hoolee karaa irraa baddee joonjaa turtane; amma ammoo gara tisse'ee fi eegaa lubbuu teessanii deebitaneertan. \c 3 \s1 Haadhotii Manaatii Fi Abbootii Manaa \p \v 1 Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji'amanee dhugeeffatan fa'a te'a, isaaniif ajajama'a. \v 2 Sababille isaan qulqullumma'aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan. \v 3 Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te'in. \v 4 Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti. \v 5 Bara durii haadhotiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seefatteerti. \v 6 Isaan akkuma Saaraan Abrahaamiin, «Goottaa kiyya» jedhaa ajajanteef ajajamane. Isinille amma dansaa godhaa waan tokkolle yoo sodaatuu dhaddane ijoollee isi'ii ti. \p \v 7 Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu'uu isi'iif beeka'aatii woliin le'a'a; ulfinna isaaniif kenna'a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru'uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te'aa hin jiraattu. \s1 Dansaa Hujiisaan Rakkoo Fudhatuu \p \v 8 Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala'a; woliif dhiiga'a; akka obboleeyyanii wol jaaladha'a; arjoole'ee fi worra ifi gad qabu te'a'a. \v 9 Eebbisa'a malee, hammeenna hammeennaan, arraba arrabaan hin deebisina'a; sababille isin waan akkasii kana godhiisaan eebba akka dhaaltanuuf waammantane. \v 10 Barreeffam Woyyichi, \q1 «Nami jiruu barbaaduu fi \q2 bara dansaa dhagguu fedhu, \q2 arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa, \q2 hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti. \q1 \v 11 Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti. \q2 Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille'e. \q1 \v 12 Ilti Gootta'aa gara worra balchootaa ilaalti; \q2 gurri isaalle daadimata isaanii hin dhage'a; \q2 worra hantuu godhutti ammoo nyaara guura» jedha. \p \v 13 Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu? \v 14 Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina'a; hin raafaminaalle'e. \v 15 Kiristoos ammoo akka Gootta'aatitti adda baasa'aatii ulfeessa'a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te'a'a. \v 16 Ammoo deebiin teessan qajeelumma'aa fi kabajja'aan teetuu ti. Ka Kiristoosii waan teetaneef, amala dansaa keessan worri hammeessee dubbatu hantuu dubbataneen akka qaanowanu wodanaa dansaa qabaadha'a. \v 17 Yoo fedha Waaqaa te'e, hantuu hujiisaan rakkinna fudhatu'uu mannaa, waan dansaa hujaa rakkinna fudhatuu woyya. \v 18 Kiristoos gara Waaqaa nu dhikeessiisaaf jedhee, adoo balchaa te'ee jiruu, nu worra balchummaa hin qanneef sababa cubbuu teennaatiif, yennaa maraaf yennaa takkatuu du'e. Inni fooniin du'ee ayyaanaan ammoo jiraataa te'e. \v 19 Inni Ayyaanuma saniin dhaqee ayyaanota\f + \fr 3:19\fr*\fqa Ayyaanota: \fqa*\ft Lubbuu\ft*\f* mana hidhaa keessa jiranuuf lallabe. \v 20 Ayyaanoti mana hidha'aa keessa jiranu sun, bara Nohi hoboloo guddittii ijaarrate adoo Waaqi ossataan isaan eegiisatti jiruu worra ajajama didane. Worri bisaan badi'ii irraa hafe, nama saddeet ka hoboloo guddittii keessa seene qofa. \v 21 Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te'in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du'aa fi ka'a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa. \v 22 Kiristoos amma gara ol gubba'aa dhaqee maddii midda Waaqa Abba'aatitti tee'eera; ergantooti Waaqaa, worri baallii qabuu fi hunnooti, baallii isaa jala jiran. \c 4 \s1 Akka Fedha Waaqaa Le'uu \p \v 1 Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha'a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera. \v 2 Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba. \v 3 Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya. \v 4 Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan. \v 5 Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du'etti muriisaaf qophoweef, deebii mataa ifii hin kennan. \v 6 Tanaaf Oduun Gammadaa worra du'anelle'eef lallabante; akka kanaan akkuma nama maratti murante nafa isaaniititti hin muranti; ayyaanaan ammoo akka Waaqi jiraatutti jiraatan. \p \v 7 Muummeen waan maraa dhikaatteerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a. \p \v 8 Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha'a. \v 9 Adoo hin gungumin keessummummaa wol fudhadha'a. \v 10 Akka toowataa addatamaa kennansa Waaqaa ka adda addaa hujii irra oolchu tokkoo, tokko tokkoon keessan kennansa adda addaa ka Waaqa irraa fudhataneen wol tajaajila'a. \v 11 Nami lallabu akka Jecha Waaqaatitti lallabuu ti; ka tajaajilu hunna Waaqi isaaf kenneen tajaajiluu ti; maarre Waaqi waan duudi'iin karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateeffama. Isaaf ulfinnii fi hunni baraa haga bara baraatitti te'u! Ameen. \s1 Yennaa Rakko'oo Ossatuu \p \v 12 Obboleeyyan tiyya! Rakkoon jadduun ta akka ibiddaa guddu haga isin ilaaliisaaf yoo isin dhaqqadde, wonni teetee hin beenne akka isin irra dhaqqaddeetitti hin baaseffatina'a. \v 13 Addee akkasii yennaa Kiristoos ulfinna ifiitiin mudhatu gammadi keessan guddaa akka te'u, rakkoo isaa worra qoodamu waan teetaneef gammada'a. \v 14 Maqaa Kiristoosiitiif yoo arraffantane, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Waaqaa waan isin irratti foorfatuuf isin worra badhaadhe. \v 15 Isin keessaa nami rakkoo fudhatu tokko, nama ijjeesee yookiin hatee yookiin yakkee yookiin waan isa hin galchine keessa galiisaan rakkoo hin fudhatin. \v 16 Kiristaana waan te'eef nami rakkinna fudhatu yoo jiraate, marroo maqaa Kiristoosiitiif Waaqa galateeffatuu ti malee, hin fokkifatin. \p \v 17 Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, muummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te'itti ree? \v 18 Barreeffam Woyyichi, \q1 «Nami balchaanuu eega rakko'oon fayyu teete, \q2 nami Waaqa malee jiraatuu fi \q2 cubbamaan attam te'uu jira ree?» jedha. \m \v 19 Maarre worri akka fedha Waaqaatitti rakkatu, ifi Abbaa dadaa addatama'atti magannee kennatee, waan dansaa ittuma hujuu ti. \c 5 \s1 Gorsa Worra Kolbaa Waaqaa Bulchuuf Kenname \p \v 1 Ani akkuma isaanii jaarsi wolde'a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde'a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa. \v 2 Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te'in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa'a; bu'aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te'in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te'uu ti. \v 3 Akkasuma hoolee saniif fakkeenna te'iisaan malee, hoolee tika keessan jala jirtu irratti goottomiisaan hin te'in. \v 4 Yennaa tisseen guddaan mudhatu, kallacha ulfinnaa ka ijjumaa hin banne hin fudhattan. \p \v 5 Akkasuma isin dargaggooti jaarsole'eef ajajama'a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya'aa uffadha'aatii wol tajaajila'a. Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna» jedha. \v 6 Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba'a. \v 7 Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata'a. \p \v 8 Gumeeffadha'a; dammaqa'a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama. \v 9 Obboleeyyan teessan ta biyya lafaa duudii keessa jirtu, rakkoo akkasii akka fudhatu beeka'aatii, dhugeeffanna'atti jabaadha'aatii Seexana morma'a. \v 10 Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa. \v 11 Hunni bara baraa haga bara baraa isaaf teetu! Ameen. \s1 Nageya Muumme'ee \p \v 12 Ani karaa Silwaanosii akka dhugeeffataa addatama'aatitti laakkowuutiin ergaa gabaadduu tana isiniif barreesseera; ani isin gorsiisaa fi kun badhaadha Waaqaa dhugicha akka te'e dhugaa bayiisaaf jedhee barreesse. Badhaadha Waaqaa kanatti jabaadha'aa dhaabbadha'a. \p \v 13 Wolde'i kiristaanaa ka biyya Baabilonii keessa jiru, ka akkuma keessan filame nageya isinii dhaama; ilmi kiyya Maarqoosille nageya isinii dhaama. \v 14 Jaalala kiristaanumma'aatiin wol sunqataa nageya wol fuudha'a. \p Nageenni isin worra ka Kiristoosii teetane maraaf te'u.