\id 1KI - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Moototaa \toc1 Kitaaba Moototaa Ka Qaraa \toc2 1 Moototaa \toc3 1 Mot. \mt1 Kitaaba Moototaa Ka Qaraa \imt Seensa \ip Kitaab moototaa ka qaraa, dabarsii bulchiinsa mootota Israa'elootaa ka kitaabota Saamu'elii keessatti jalqabamee jirutti aansee odeessa. Kitaab moototaa ka qaraa kutaa saditti qoodamuu dande'a. 1. Solomoon addee abbaa ifii bu'ee mootii Israa'eliitii fi Yihuda'aa akka te'ee fi marroo du'a abbaa isaa Daawitii odeessa. 2. Bulchiinsa mootummaa Solomooniitii fi hujii inni huje, keessattuu ijaarsa Galma Yerusaalem keessatti ijaarametti irra caalaa beekkama. \ip 3. Biyyi Israa'elii mootummaa kaabaatii fi kibbaatitti akka qoodantee fi dabarsii mootota dhaloota Kiristoosiitiin dura haga wodhakkaa jaarraa sagaleesso'oo sooressitee odeessa. \ip Kitaaba moototaa ka qaraatii fi ka lammeesso'oo keessatti sooressaan tokko tokkooyyuu akka addatamummaa Waaqaaf qabuun mura; guddinnii fi mijayiisi haala biyyaalle addatamummuma tanuma irratti hundootti. Karaa biraatiin waaqota dharaa waaqonfatiisii fi ajajama dhabiis sooressitootaa fi kolbaa gara badi'ii qajeelcheera. Moototi mootummaa kaabaa duudiin haga ilaallatamaan jiganeeran; dabarsiin mootota Yihuda'aa ammoo marroo namoota hamootaatii fi qajeelotaa odeessiti. \ip Kitaaba moototaa ka qaraa keessatti irra caalaa ka beekkame raagota Mootii Waan Maraa, worra jajjabaa addee Waaqaa bu'ee jecha Waaqaa dubbatu, kolbaan waaqota dharaa akka hin waaqonsinee fi Waaqaaf ajajamiisa akka hin didanne worra ifi eeggachiisu. Isaan keessaa ka beekkame Eliyaasii fi dabarsiin inni wol morkii hayyoota Ba'aalii woliin godhe (Foora 18). \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Muummee Bara Bulchiinsa Daawitii\ior 1:1—2:12\ior* \io1 Solomoon mootii te'e\ior 2:13-46\ior* \io1 Bara Bulchiinsa Solomoonii\ior 3:1—11:43\ior* \io2 Woggoota Qaraa\ior 3:1—4:34\ior* \io2 Galmi Waaqaa ijaarame\ior 5:1—8:66\ior* \io2 Woggoota Duubaa\ior 9:1—11:43\ior* \io1 Mootummaa Gargar Qoqoodante\ior 12:1—22:53\ior* \io2 Finqila Gosoota Kaabaa\ior 12:1—14:20\ior* \io2 Mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii\ior 14:21—16:34\ior* \io2 Raagicha Eliyaas\ior 17:1—19:21\ior* \io2 Ahaabii mootii Israa'elii\ior 20:1—22:40\ior* \io2 Iyoosaafixii mootii Yihuda'aatii fi Ahaazii mootii Israa'elii\ior 22:41-53\ior* \c 1 \s1 Mooticha Daawiti Bara Dullummaa Isaa \p \v 1 Mootichi Daawiti guddoo waan dulloomeef, tajaajiltooti isaa bullukkoo hedduu itti uffisanulle inni o'ifatuu hin dandeenne. \v 2 Maarre tajaajiltooti isaa, «Ee Mooticha, durra si woliin jiraattee si tajaajiltu si'iif barbaanna; isiin cinaa teeti irkattee si o'itti» jedhane. \v 3 Achiin duuba isaan lafa Israa'elii duudii keessa, durra dansittii barbaadanee, intala «Abiishaag» jedhantu takka qachaa Shuneemiititti dhagganee, mootichaaf fidane. \v 4 Isiin guddoo dansitti'i; mooticha wolille'een jiraattee isa tajaajilte; te'uu malee inni isii hin tundhe. \s1 Adoniyaan Mootii Te'iisaaf Barbaade \p \v 5 Adoniyaan ilmi Haagiiti deette, «Ani mootii te'a» jedhee ifi dhikeesse; inni garreettaa fardaan harkifamu, abbootii fardaatii fi namoota shantama ka isa dura deemanu qopheeffate. \v 6 Adoniyaan Abiishaalom irratti dhalate; inni guddoo dansicha; abbaan isaa Daawiti gaafa inni dhalateen jalqabee, «Maaf tana yookiin san goote?» jedhee akka malee isa xixee hin beeku. \v 7 Adoniyaan Yo'aabii ilma Zeruyaan deettee fi hayyicha Abiyaataar woliin mari'ate; isaanille isa qarqaariisaaf wolii galane. \v 8 Ammoo hayyichi Zaadoq, Benaayaan ilmi Yehoyaada'aa, raagichi Naataan, Shime'i, Re'iinii fi eeddoti mooticha Daawitii, yaada Adoniya'aa hin fudhanne. \p \v 9 Gaafa tokko Adoniyaan dhakaa «Zohelet\f + \fr 1:9 \fr*\fqa Sohelet: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa bofa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhamu, ka madda En-Rogeelii bira jiru biratti hoolota, korommi'ii fi dardaroota cocooma qalee ciincaa dhikeessee, obboleeyyan ifii mara, ilmaan mooticha Daawitiitii fi qondaaltota mootumma'aa ta Yihudaa keessaa mara waame. \v 10 Inni ammoo raagicha Naataan, Benaayaa, eeddota mooticha Daawitiitii fi obboleessa ifii Solomoon hin waanne. \s1 Solomoon Mootii Te'e \p \v 11 Achiin duuba Naataan Baat-Sheebaa haadha Solomooniitiin, «Daawiti goottaan keenna adoo hin beekin Adoniyaan ilmi Haagiiti deette mootii akka te'e ati hin dhageennee? \v 12 Tanaaf amma ati lubbuu teetii fi lubbuu ilma keeti Solomoonii akka hamburattu ani sitti gorsa. \v 13 Ammuma gara mooticha Daawitii dhaqiitii, ‹Ee, goottaa kiyya mooticha, ati ilmi kiyya Solomoon si'iin duuba addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u ana tajaajiltuu teetiif hin kakannee? Eegasuu Adoniyaan maaf mootii te'e ree?› jedhiin. \v 14 Adoo ati mooticha Daawiti woliin dubbatiisatti jirtuu, ani dhufee wonni ati dubbatte dhugaa akka teete hin mirkaneessa» jedhe. \p \v 15 Maarre Baat-Sheebaan gara kolloo mooticha dulloomeeru, ta durrittiin Shunamittiin Abiishaag tajaajiliisatti jirtuu seente. \v 16 Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifante; innille, «Ati maan barbaadda?» jedhee gaafate. \p \v 17 Isiin deebittee, «Ee, goottaa kiyya, ‹Ilmi keeti Solomoon naan duuba addee tiyyatti mootii hin te'a; barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jettee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin ana tajaajiltuu teetiif kakatteertaayyu. \v 18 Amma ammoo adoo ati hin beekin Adoniyaan mootii te'eera. \v 19 Inni korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, hayyicha Abiyaataarii fi ajajaa loltootaa Yo'aab waameera; tajaajilaa keeti ilma keeti Solomoon ammoo hin waanne. \v 20 Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba addee teetitti mootii ka te'u, eennu akka te'e ati akka hintuuf, kolbaan Israa'elii si eegatiisatti jirti. \v 21 Yoo ati himuu dhadde, ati goottaan kiyya mootichi duuteen duuba, anii fi ilmi kiyya Solomoon akka yakkaameyyi'iititti hin laakkowanna» jette. \p \v 22 Adoo isiin mooticha woliin dubbatiisatti jirtuu, raagichi Naataan ol seene. \v 23 Tajaajiltooti, «Raagichi Naataan dhufeera» jedhanee mootichatti himane; Naataanille mooticha dura dhaqee fuulaan lafatti gad gombifame. \v 24 Achiin duuba raagichi Naataan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba Adoniyaan addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u beessitteertaa? \v 25 Guyyaa adhaa Adoniyaan korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, ajajjoota loltootaatii fi hayyicha Abiyaataar waameera; kunoo isaan amma isa woliin nyaataa, unaa, ‹Ee mooticha Adoniya'a, bara hedduu mootom!› jedhiisatti jiran. \v 26 Ammoo ana tajaajilaa keeti, hayyicha Zaadoq, Benaayaa ilma Yehoyaada'aatii fi ilma keeti Solomoon hin waanne. \v 27 Wonni kun waan ati goottaan kiyya mootichi gootee ree? Ati nama si'iin duuba addee teetitti mootii te'u, ka barcumaa mootumma'aa keeti irralle tee'u, tajaajiltoota teetitti hin hinnee?» jedhe. \p \v 28 Achiin duuba mootichi Daawiti, «Deebitee akka dhuttu Baat-Sheebaa naaf waama'a» jedhe; maarre isiin ol seentee mooticha dura dhaabbatte. \v 29 Achiin duuba mootichi kakatee, «Maqaa Mootii Waan Maraa jiraata'aa, ka rakkoo mara jalaa na baasee, \v 30 ani, ‹Ilmi keeti Solomoon anaan duuba mootii hin te'a, barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jedhee, waan maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin si'iif kakadhe, adha hin muummessa» jedhe. \p \v 31 Achiin duuba Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifantee, «Goottaa kiyya mooticha Daawiti, jiraadhu!» jette. \p \v 32 Achiin duuba mootichi Daawiti, «Hayyicha Zaadoq, raagicha Naataanii fi Benaayaa ilma Yehoyaada'aa naaf waama'a» jedhe. Yennaa isaan mooticha dura dhufane, \v 33 mootichi isaaniin, «Tajaajiltoota tiyya woliin dhaqa'aatii, ilma kiyya Solomoon gaangee tiyya irra teessisa'aatii gara madda Giihonii geessa'a. \v 34 Achitti hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan isa muudanee mootii Israa'elii godhanuu ti. Achiin duuba tultullaa afuufaa qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Mooticha Solomoon bara hedduu mootom!› jedha'a. \v 35 Achiin duuba isin isa gara Yerusaalemii fida'aatii, inni dhufee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'ee, addee tiyyatti mootii te'ee bulchuu ti. Ani akka inni bulchaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa te'u isa filadheera» jedhe. \p \v 36 Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, deebisee mooticha Daawitiin, «Ameen! Mootiin Waan Maraa Waaqi goottaa kiyya mootichaa waan kana muummessuu ti. \v 37 Mootiin Waan Maraa akkuma si goottaa kiyya mooticha woliin jiraate, Solomoon wolille'een jiraatuu ti; barcumaa mootummaa isaalle barcumaa mootumma'aa ka si goottaa kiyya mooticha Daawitii caaluuyyuu jabeessuu ti» jedhe. \p \v 38 Maarre hayyichi Zaadoq, raagichi Naataan, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, worri mooticha eeganu Keretoototii fi Pheletoototi Solomoon gaangee Daawitii mootichaa irra teessisanee, gara madda Giihonii geessane. \v 39 Hayyichi Zaadoq gaafa zayitiin ejersaa keessa jirtu Dunkaanii Woyyittii keessaa fuudhee, Solomoon muude; achiin duuba isaan tultullaa afuufanee, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee, «Mooticha Solomoon, mootom!» jette. \v 40 Kolbaan marti Yerusaalem keessatti isa gula deemaa, suusullee afuufaa, gammada gudda'aan firinxiixanee, hogaa isaaniitiin latti tachoote. \p \v 41 Adoniya'aa fi keessummooti isa woliin jirtu marti, jila muummeffatiisatti adoo jiranuu hogaa dhage'ane. Yo'aab qoonqoo tultulla'aa yennaa dhage'e, «Hogaan qachaa keessaa kun marti maan?» jedhee gaafate. \v 42 Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu ilmi Abiyaataarii hayyichaa Yonaataan dhufe; Adoniyaan Yonaataaniin, «Ati nama dansaa waan teeteef, oduu dansaa fiddee dhufuu hin dhaddu, ol seen me!» jedhe. \p \v 43 Yonaataanille deebisee, «Ani oduu dansaa fidee hin dhunne; goottaan keenna mootichi Daawiti, Solomoon mootii godheera. \v 44 Mootichille hayyicha Zaadoq, raagicha Naataan, Benaayaa ilma Yehoyaada'aa, worra mooticha eeganu Keretootaatii fi Pheletoota akka isa bookarsanuuf ergeera; isaanille gaangee mootichaa irra isa teessisanee, \v 45 hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan madda Giihonii biratti, Solomoon muudanee mootii godhane. Achiin duuba kolbaan gammaddee ilillisaa gara qacha'aa deebitee hogisiisatti jirti; hogaan isin dhageettane kun isa. \v 46 Kana maleelle Solomoon barcumaa mootumma'aa irra tee'eera. \v 47 Tajaajiltooti mootumma'aalle gammadaaf, gara mooticha Daawitii dhuttee, ‹Waaqi keeti maqaa Solomoonii maqaa keeti caalaa ka beekkame, mootummaa isaalle mootummaa teeti caalaa ta jabaatte godhuu ti› jetteerti; mootichi Daawitille taqee ifii irratti gad gombifamee Waaqa waaqonfatiisaan, \v 48 ‹Sanyii tiyya keessaa nama addee tiyyatti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'u, Ka adha ila tiyyaan na dhaggisiise, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii leellifamuu ti!› jedheera» jedhe. \p \v 49 Achiin duuba keessumooti Adoniyaan waame marti sodaatanee ka'anee, karaa karaa bittinnowane. \v 50 Adoniyaan ammoo Solomoon sodaatee, dhaqee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate. \v 51 Achiin duuba, «Adoniyaan si sodaatee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabatee, ‹Solomoon ana tajaajilaa isaa shallaaga'aan akka hin ijjeenne adha naaf kakatuu ti› jedhiisatti jira» jedhanee Solomoonitti himane. \p \v 52 Mootichi Solomoon deebisee, «Inni nama addatamaa yoo te'u te'e, rifeensi mataa isaatuu lafa hin bu'u; hammeenni isa irratti yoo dhaggame ammoo hin du'a» jedhe. \v 53 Achiin duuba mootichi Solomoon, namoota Adooniya'atti ergee, isaanille addee ciinca'aa irraa isa gad buusane. Adoniyaan dhaqee mooticha Solomooniif gad gombifame; mootichille, «Gara mana keetii deemi» jedheen. \c 2 \s1 Gorsa Daawiti Solomooniif Kenne \p \v 1 Daawiti yennaa du'iisa geye, ilma ifii Solomoon waamee, itti gorsee, \v 2 «Yennaan ani du'u geetteerti; jabaadhu; nama shenicha te'i. \v 3 Addee ati dhaxxu maratti, wonni ati gootu duudiin akka si'iif milkoottu, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si irraa barbaadu muummessi; karaa isaa irra ideemi; akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffante, sirna, ajaja, seeraa fi seerata isaa eegadhu. \v 4 Mootiin Waan Maraa, ‹Sanyiin teeti gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin addatamumma'aan ifi eegattee fuula kiyya dura yoo deddeebite, sanyii teeti keessaa nami mootii te'ee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u hin dhabamu› jedhee waadaa naaf gale hin muummessa. \p \v 5 «Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab, ajajjoota loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ilma Yeterii Amaasaa akka ijjeese, analle waan inni godhe atinuu hin beetta; inni adoo lolli hin jiraatin, yennaa nageyaa keessa isaan ijjeesee, dhiiga isaanii qabattoo hidha ifiitii fi kophee miila ifiititti akka dibe hin beetta. \v 6 Akka qarummaa teetiititti waan godhamu'uu malte godhi malee, dulloomee nageyaan haga inni du'utti isa hin eegin. \p \v 7 «Ilmaan Baarzilaayii Giil'aadichaa, yennaa ani obboleessa keeti Abiishaalom duraa baqadhe, waan dansaa waan naa godhaneef, atille isa marari; worra qorii teeti keessaa nyaatanu wolille'een nyaatanuu ti. \p \v 8 «Kunoo, Shime'iin ilmi Geraa Beniyaamichaa ka qachaa Bahuriimii keessa le'u, yennaa ani gara Mahanaayinii dhaqe, ka akka malee na abaare si woliin jira; te'uu malee yennaa inni na qophatiisaaf gara laga Yordaanosii gad dhufe, ani, ‹Shallaaga'aan si hin ijjeesu› jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin isaaf kakadheera. \v 9 Amma ammoo ati akka nama yakkaa hin qanneetitti isa hin laakkowin; ati nama qaroo waan teeteef, waan isa gootu hin beetta; dullummaa isaa keessa isa ijjeesi» jedhe. \s1 Du'a Daawitii \p \v 10 Achiin duuba Daawiti du'ee, abbootii ifii ta durii biratti qachaa ifii Yerusaalem keessatti awwaalame. \v 11 Daawiti woggaa torba Kebroon keessatti, woggaa soddomii sad Yerusaalem keessatti, wolumatti woggaa afurtama Israa'el bulche. \v 12 Solomoon mootii te'ee barcumaa mootummaa abbaa ifii Daawitii irra tee'e; mootummaan isaalle jabaattee dhaabbatte. \s1 Du'a Adoniya'aa \p \v 13 Achiin duuba Adoniyaan ilmi Haagiiti deette gara Baat-Sheebaa haadha Solomoonii dhaqe; Baat-Sheebaalle, «Nageyaafuu dhuttee?» jettee gaafatte. \p Inni deebisee, «Eeti'i, nageyuma» jedhe. \v 14 Achiin duuba inni itti dabalee, «Ani waan sitti himadhu qaba» jedhe. \p Isiille, «Himattu ree!» jetteen. \p \v 15 Inni deebisee, «Akkuma ati beettu silaa mootummaan tiyya; Israa'elooti duudiin, ‹Isattuu mootii nu'uuf te'a› jedhanee eegataa turane; ammoo Mootiin Waan Maraa waan isaaf kenneef, dubbiin jijjiirantee, obboleessi kiyya mootii te'e. \v 16 Ammalle waan si kadhadhu tokko waan qabuuf, na hin didin» jedhe. \p Isiille, «Kadhattu ree!» jetteen. \p \v 17 Inni deebisee, «Mootichi Solomoon si hin didu, Abiishaagii Shuneemittii akka ani fuudhuuf maganne'e isatti naaf himi!» jedhe. \p \v 18 Baat-Sheebaalle, «Dansa'a! Ani mootichatti si'iif hin hima» jetteen. \p \v 19 Maarre Baat-Sheebaan waan Adoniya'aa himiisaaf gara Solomoonii mootichaa dhaxxe; mootichi ol ka'ee haadha ifii nageya fuudhiisaaf gad jedheef; achiin duuba barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, barcumaa mootumma'aa ka dhibii haadha ifiitiif akka fidanu godhee, midda ifiititti isii teessise. \v 20 Isiin mootichaan, «Ani waan diqqoo takka si kadhadha maganne'e na hin didin!» jette. \p Mootichille, «Haadha tiyya, si hin didu kadhadhu» jedheen. \p \v 21 Isiin deebittee, «Abiishaagiin Shuneemittiin, obboleessa keeti Adoniyaa heerumtuu ti» jette. \p \v 22 Mootichi Solomoon deebisee, haadha ifiitiin, «Ati Abiishaagii Shuneemittii Adoniya'aaf maaf gaafatta? Inni obboleessa kiyya angaficha waan te'eef, hayyichi Abiyaataarii fi ilmi Zeruyaan deette Yo'aab isa woliin waan jiranuuf, mootummaa tiyyalle isaaf maaf hin gaafatin ree?» jedhe. \v 23 Achiin duuba Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiin kakatee, «Adoniyaan gaaffii akkasii waan gaafateef, yoo inni du'aan hin adabamin Waaqi na ijjeesuu ti. \v 24 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka akkuma waadaa naaf galetti, barcumaa mootummaa abbaa kiyya Daawitii irra jabeessee na dhaabee, mootummaa sanyi'ii tana anaa fi sanyii tiyyaaf kennee, Adoniyaan adhuma hin ijjeefama» jedhe. \p \v 25 Maarre mootichi Solomoon, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan akka Adoniyaa ijjeesu ajaje; innille dhaqee Adoniyaa dhowee ijjeese. \s1 Ari'amiisa Abiyaataarii \p \v 26 Achiin duuba mootichi Solomoon hayyicha Abiyaataariin, «Atille nama ijjeefamu'uuf maleeyyu; ammoo Saanduqa Gondooroo Goottaa Mootii Waan Maraa ba'attee, abbaa kiyya Daawiti dura deemaa, rakkoo isa dhaqqadde duudii isa woliin waan qoodanteef ani si hin ijjeesu, gara biyya teetii Anaatoti deemi!» jedhe. \v 27 Maarre Solomoon hujii Abiyaataar hayyumma'aan Mootii Waan Maraa tajaajilu irraa isa ari'e; tanaaf jechi Mootii Waan Maraa marroo sanyii Eli'iitiif Shiilo'otti dubbate muummowe. \s1 Du'a Yo'aabii \p \v 28 Yo'aab, ka yaada Abiishaalomii didee, yaada Adoniya'aa qarqaare, oduu tana yennaa dhage'e, sodaatee gara dunkaanii Mootii Waan Maraa baqatee, gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate. \v 29 Yo'aab gara dunkaanii Mootii Waan Maraa baqatee, addee ciinca'aa bira akka jiru, mootichi Solomoon yennaa dhage'e, ilma Yehoyaada'aa Benaayaan ergee, «Dhaqiitii isa ijjeesi!» jedhe. \v 30 Maarre Benaayaan gara dunkaanii Mootii Waan Maraa dhaqee, Yo'aabiin, «Mootichi ‹Gad bayi› siin jedha» jedhe. \p Yo'aab ammoo deebisee, «Lakkii, asumatti du'a!» jedhe. \p Benaayaan gara mootichaa deebi'ee, waan Yo'aabii jedhe isatti hime. \p \v 31 Achiin duuba Mootichi Solomoon Benaaya'aan, «Akkuma Yo'aab siin jedhe, isa ijjeesiitii awwaali; akka kanaan yakkaa Yo'aab dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan nutti fide, anaa fi mana abbaa kiyya irraa qulqulleessi. \v 32 Abbaan kiyya Daawiti adoo hin beekin, Yo'aab ajajaa loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ajajaa loltoota Yihuda'aa ilma Yeterii Amaasaa, worra isa caalaa balchaa te'ane, lolee shallaaga'aan waan ijjeeseef, dhiiga inni dhangalaaseef, Mootiin Waan Maraa haluu isa hin baya. \v 33 Yo'aab namoota san ijjeesiisaan, yakkaan inni yakke mataa isaatii fi mataa sanyii isaatitti deebituu ti; Daawitii fi maatii isaatiifille, sanyii isaatii fi barcumaa mootummaa isaatiifille ammoo nageenni Mootii Waan Maraa haga bara baraa te'uu ti» jedhe. \p \v 34 Maarre ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan dhaqee Yo'aab dhowee ijjeese; Yo'aab lafa goomole'ee keessatti lafa ifiititti awwaalame. \v 35 Mootichi Solomoon, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa addee Yo'aabiititti ajajaa loltootaa godhe; hayyicha Zaadoq addee Abiyaataariititti hayyicha godhe. \s1 Du'a Shime'ii \p \v 36 Achiin duuba mootichi Solomoon Shime'itti ergee, «Ati Yerusaalem keessatti mana ijaaradhuu achi le'i malee, addee dhibii hin deemin. \v 37 Qachaa Yerusaalemii keessaa baatee, laga Qedroonii yoo gamatti buute dhugumaan akka duutu beeki; dhiiga keetiif si'umatti itti gaafatama» jedheen. \p \v 38 Shime'ille deebisee mootichaan, «Wonni ati jette dansa'a; ani tajaajilaan keeti akkuma ati goottaan kiyya mootichi jette hin godha» jedhee, qachaa Yerusaalemii keessa yennaa hedduu le'e. \p \v 39 Woggaa sadiin duuba ammoo, garboolee Shime'ii keessaa lama isa duraa baddee, gara mooticha qachaa Gaatii, ilma Ma'aka'aa Akiishitti baqatte. Shime'i garbooleen isaa Gaati akka jirtu yennaa dhage'e, \v 40 harree ifii kooraa itti qopheeffatee isaan barbaadiisaaf, gara Akiishii mooticha qachaa Gaatii dhaqee, garboolee ifii achitti dhaggee, gara mana ifii fudhatee gale. \v 41 Shime'i qachaa Yerusaalemii keessaa bayee, gara qachaa Gaatii dhaqee akka deebi'e, mootichi Solomoon yennaa dhage'e, \v 42 isatti ergee, «Addee dhibii deemiisaaf jettee, qachaa Yerusaalemii keessaa yoo baate akka duutu beeki» jedhee, maqaa Mootii Waan Maraatiin si kakachiisee, ani si ifi eeggachiisee hin jiruuyyuu? Atille, «Wonni ati jette dansa'a! Si'iifille hin ajajama» naan jetteerta. \v 43 Maarre kakuu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattee fi ajaja kiyya maaf hin eeganne ree? \v 44 Mootichille deebisee, «Yakkaa abbaa kiyya Daawiti irratti hujje duudii gadhaan keeti hin beeka; maarre amma waan hantuu ati hujjeef Mootiin Waan Maraa si hin adaba. \v 45 Ani mootichi Solomoon ammoo hin eebbifama; barcumaan mootummaa Daawitiille haga bara baraa Mootii Waan Maraa duratti jabaatee hin dhaabbata» jedhe. \p \v 46 Achiin duuba mootichi, akka Shime'i ijjeesuuf, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa ajaje; Benaayaalle dhaqee Shime'i dhowee ijjeese. Solomoonille mootummaa san harkatti galfate. \c 3 \s1 Solomoon Qarummaa Dhaggatiisaaf Daadimate \r (2 Dab. 1:3-12) \p \v 1 Solomoon intala mooticha Gibxi'ii fuudhee isa woliin firoome; inni mana mootummaa ifiitii fi Galma Mootii Waan Maraa ijaaree haga fixutti, Yerusaalemitti dalleya marsee ijaaree haga fixutti, qachaa Daawitii keessa isii keye. \v 2 Yennaa san Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramee waan hin jirreef, kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitiiyyu. \v 3 Solomoon seerata abbaa ifii Daawitiititti buliisaan, Mootii Waan Maraa jaalate; te'uu malee addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessee hixaana aarse. \p \v 4 Addeen waaqonfanna'aa ta qachaa Giibe'onii, irra caalaa barbaachittuu waan teeteef, mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta achi jirtu irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe; inni addee ciinca'aa san irratti ciincaa kuma tokko dhikeesse. \v 5 Halkan san achitti Mootiin Waan Maraa oojju'uun Solomoonitti mudhatee, «Akka si'iif kennu waan barbaaddu na gaafadhu» jedhe. \p \v 6 Solomoon deebisee, «Abbaan kiyya Daawiti tajaajilaan keeti addatamumma'aan, balchumma'aa fi qajeelumma'aan si dura waan deddeebi'eef, jaalala keeti guddaa ka bara baraa isaaf mudhitteerta; jaalala keeti guddaa ka bara baraa kana isaaf eeddee, adhalle ilma addee isaatitti barcumaa mootummaa isaa irra tee'u isaaf kenniteerta. \v 7 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani tajaajilaan keeti addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii akka te'u gooteerta; ani ammoo ijoolle'e; attam akka bulchanulle hin beeku. \v 8 Kunoo ani tajaajilaan keeti, kolbaa ati filatte bindillaa laakkowanee hin dhaqqanne odduu jira. \v 9 Tanaaf kolbaa teeti bulchiisaaf, hantu'uu fi dansaa gargar baasee akka beeku, qalbii hubanti'ii ana tajaajilaa keetiif kenni. Yoo akkas hin te'in kolbaa teeti guddoo tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe. \p \v 10 Solomoon tana waan gaafateef Mootiin Waan Maraa gammade. \v 11 Maarre Waaqi Solomooniin, «Ati ifiif bara dheeraa le'iisaaf yookiin duroomiisaaf yookiin diinoti keeti akka du'anuuf adoo hin te'in, muraa haqaa kenniisaaf qarummaa waan na gaafatteef, \v 12 ani waan ati na gaafatte siif hin godha; qarumma'aa fi hubantii nami tokkoolle tanaan qara hin qanne yookiin haganaa achille dhaggatuu hin dandeenne si'iif hin kenna. \v 13 Ammalle waan ati na hin gaafatin, durumma'aa fi ulfinna si'iif hin kenna; bara jiruu teetii moototi si'iin qixxoottu hin jiraattu. \v 14 Akkuma abbaa keeti Daawitii, karaa kiyya yoo deente, seerataa fi ajaja kiyyaaf yoo ajajante, bara keeti si'iif hin dheeressa» jedhe. \p \v 15 Achiin duuba Solomoon hirriibaa dammaqee, akka oojjuu teete hubate; inni gara Yerusaalemii dhaqee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee ciincaa dhikeessee, kennansa tokkumma'aa kenne; tajaajiltoota ifii duudiille'eef jila jilise. \s1 Solomoon Muraa Qarumma'aa mure \p \v 16 Gaafa tokko dubartooti sagaagaltooti lama gara Solomoonii mootichaa dhufanee, isa dura dhaabbatane. \v 17 Isaan lamaan keessaa takkattiin mootichaan, «Goottaa kiyya, anii fi dubartittiin tun mana tokko keessa leena; adoo isiin na woliin achi jirtuu ani ilma deye. \v 18 Ani ilma deyeen duuba, guyyaa sadeesso'ootitti isiille ilma deette; mana san keessa nu lamaan malee nami dhibiin hin jiruuyyu. \v 19 Dubartittiin tun halkan tokko annuu ifii irra waan irkatteef, annuun sun du'e. \v 20 Achiin duuba ani tajaajiltuun teeti adoo rafeeruu, isiin halkan wodhakkaa kaatee, annuu kiyya cinaa tiyyaa fuutee cinaa ifii irkittee, annuu isi'ii ka du'e cinaa tiyya irkitte. \v 21 Boruyyaa ganama ani annuu kiyya hoosifatiisaaf yennaa ka'u, isa du'eeru dhagge; barii latti itteertuun hubadhee yennaa ilaale, annuu ani deye akka hin te'in beeke» jette. \p \v 22 Dubartittiin tuun ammoo, «Lakkii! Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti» jette. Dubartittiin qaraa, «Waawwo'o! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya» jette. Maarre isaan mooticha duratti wol moromane. \p \v 23 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Dubartiin tun, ‹Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti› jetti; tuunille, ‹Lakkii! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya› waan jettuuf, \v 24 shallaagaa natti fida'a!» jedhe; isaan shallaagaa isatti fidane. \v 25 Achiin duuba inni isaaniin, «Annuu jiru addee lamatti gargar baqassa'aatii, gama tokko dubartii takka'aaf, gama kaan dubartii taaniif kenna'a» jedhee ajaje. \p \v 26 Dubartittiin annuu isi'ii lubbu'uun jiru ammoo annuu ifiitiif naatee, «Maganne'e mooticha kiyya, annuu jiru isi'iif kenni malee, hin ijjeesin» jette. Dubartittiin tuun ammoo, «Anaa fi isiille'eef hin kennin; addee lamatti gargar baqaffamuu ti» jette. \p \v 27 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Annuu jiru hin ijjeesina'a; dubartittii qaraatiif kenna'a; isiin haadha isaa ti» jedhe. \v 28 Kolbaan Israa'elii marti muraa Solomoon kenne yennaa dhageette, akka inni muraa haqaa muriisaaf Waaqa biraa qarummaa dhaggate beettee, ulfinna guddaa isaaf kennite. \c 4 \s1 Bulchitoota Solomoon File \p \v 1 Solomoon Israa'el mara irratti mootii te'ee, \v 2 bulchitooti gugurdoon inni file: \li1 Ilma Zaadoqii Azaariyaa hayyicha, \li1 \v 3 Ilmaan Shiisha'aa Eliihoreefii fi Ahiiyaan barreessitoota mana mootumma'aa, ilma Ahiiludii Yoshaafaax barreessaa dabarsi'ii, \li1 \v 4 Ilma Yehoyaada'aa Benaayaan ajajaa loltootaa, \li1 Hayyoota keessaa Zaadoqii fi Abiyaataar, \v 5 Ilma Naataanii Azaariyaa itti gaafatamaa bulchitoota lafaa, \li1 Ilma Naataanii Zaabudii hayyicha gorsaa mootichaa, \li1 \v 6 Ahiishaar itti gaafatamaa mana mootumma'aa, \li1 ilma Abda'aa Adoniiraam itti gaafatamaa worra hunnaan hujii hunnaa hujanuu ti. \p \v 7 Akkasuma Solomoon Israa'el mara irratti bulchitoota kutaa biyyaa kudhanii lama, ta mooticha fi worra mana mootichaa keessa jiru maraaf soorata dhikeessitu qabaayyu; tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a tokko soorata dhikeessuu qabaniiyyu. \v 8 Maqaan isaanille ka asii gad jiru: \li1 Ben-Huur ka kutaa biyyaa lafa koobittii Efreemii bulchu, \li1 \v 9 Ben-Deqer ka qachoota Maaqaaz, Sha'aalbiim, Bet-Shemeshii fi Eloonii-Bet-Banaan bulchu, \li1 \v 10 Ben-Hesed ka qachoota Aruboot, Sokoo fi lafa Heferii mara bulchu, \li1 \v 11 Ben-Abinaadaab ka qachoota Nafat-Doorii mara bulchu, intala Solomoonii Xaafeti ka fuudhe, \li1 \v 12 Ilma Ahiiludii Ba'anaa ka qachoota Ta'ana'aatii fi Megidoo, Bet-Shaanii cinaa Zaaretaana'aa ta Yizre'eliin jalaa, akkasuma lafa Bet-Shaanii irraa kaasee, Yaaqne'aam qaxxaamuree haga Abeel Meholaatii ka bulchu, \li1 \v 13 Ben-Geber qachoota Raamoot-Giili'aad keessaa, olloota fira ilma Minaase'ee ka Yaa'iirii ka Giil'aad keessaa, lafa Argoobii ka Baashaan keessaa, wolumatti qachoota gugurdaa jaatama ka dalleya dhaka'aatii fi karra danqaraa sibiila sageettu'uu qabu ka bulchu, \li1 \v 14 Ilma Iddoo Ahiinaadaab ka lafa Mahanaayimii bulchu, \li1 \v 15 Ahimaaz ka kutaa biyya Niftaalemii bulchu, intala Solomoonii Baasemati ka fuudhe, \li1 \v 16 Ilma Hushaayii Ba'anaa ka kutaa biyya Asheeriitii fi qachaa Aalotii bulchu, \li1 \v 17 Ilma Phaaruu Yoshaafaax ka kutaa biyya Yisaakorii bulchu, \li1 \v 18 Ilma Elaa Shime'i ka kutaa biyya Beniyaaminii bulchu, \li1 \v 19 Ilma Urii Geber ka kutaa biyya Giil'aadii lafa duri Sihooniin mootii Amoorotaatii fi mootiin Baashaanii Oog bulchaa turane bulche. \p Lafa duudii ka bulche bulchaan dhibiin tokko jiraayyu. \s1 Mootummaa Guddittii Solomoonii \p \v 20 Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii akka maansa qarqara abbaaya'aa baca'a; isaan nyaataa, unaa gammadaniiyyu. \v 21 Solomoon biyya mootummoota laga Efraaxiisiitiin jalqabee, haga lafa Filisxeemotaatii fi haga meessaa biyya Gibxi'ii duudii bulche; kolbaan biyya sanii duudiin isa gabbaraa, bara jiruu isaa duudii isa tajaajilte. \p \v 22 Sagaleen guyyaa guyya'aan mana mootummaa Solomooniitiif barbaachitu bullaa dansaa kuntaala soddoma, bullaa sharoo kuntaala jaatama, \v 23 sangoolee manatti gabbisane kudhan, sangoolee diida dheeddu diddama, hoolee dhibba tokko, kana biratti gadansa, buddannee, qorkee, lukkuu gagabboo. \p \v 24 Solomoon lafa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu, qachaa Tiifsaahii irraa haga Gaaza'aatitti jirtuu fi mootota achi keessa jirtu mara bulche; inni biyyoota ollaa ifii wolille'een nageya qabaayyu. \v 25 Bara jiruu Solomoonii kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii marti, Daan irraa haga Bersheeba'aatitti ta jirtu, muka woyni'iitii fi harru'uu ifii jalatti nageyaan leete. \p \v 26 Solomoon gola fardoo garreettaa harkittuu kuma afurtamaa fi abbootii fardo'oo kuma kudhanii lama qabaayyu. \v 27 Bulchitooti kudhanii lama tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a isaaniif qabametti, soorata mootichaa fi worra qorii mootichaa keessaa sooratanuuf barbaachisu, womaa adoo irraa hin dhidhisin dhikeessaniiyyu. \v 28 Akkasuma isaan fardoo garreettaa fardaan harkifamuutii fi fardoo dhibi'iifille garbu'uu fi hicaacee, gara addee barbaachittee dhikeessaniiyyu. \s1 Qarummaa Solomoonii \p \v 29 Waaqi qarumma'aa fi hubantii guddoo, yaada badhaa ka akka maansa qarqara abbaaya'aa ka laakkowanee hin dandeennee Solomooniif kenne. \v 30 Qarummaan Solomoonii qarummaa namoota gara aduun baatuutii fi qarummaa worra Gibxi'ii mara caalti. \v 31 Inni namoota qaroolee akka Etaanii Ezraahicha, ilmaan Maaholii Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa caalaa qaro'o; gurri isaalle biyya gosa adda addaa ta adaala isaa jirtu mara keessatti beekkame. \v 32 Solomoon mammaassa kuma sad mammaake; faaruun isaalle kuma tokkoo fi shan. \v 33 Inni marroo mukaa, muka hindheensa Libaanoniitiin jalqabee haga biqiltuu baaldo'oo ta dalleya irratti lattuu dubbateera; akkasuma marroo bineensotaa, marroo sinbirrootaa, marroo bineensota gadha'aan lafa irra lowanuutii fi marroo qurxummi'ii dubbateera. \v 34 Gosa biyya adda addaa keessaa, mootota biyya lafaa ta qarummaa Solomoonii dhage'aneeranu mara biraa, namooti qarummaa Solomoonii caqasiisaaf ergamanee dhufane. \c 5 \s1 Solomoon Galma Waaqaa Ijaariisaaf Qopheeffate \p \v 1 Hiiraam mootiin Xiiroosii Daawiti woliin yennaa mara jaala waan te'eef, akka Solomoon addee abbaa ifiititti mootii te'e yennaa dhage'e, ergantoota ifii gara isaa erge. \v 2 Solomoonille ergaa asii gad jirtu tana Hiiraamitti ergee, \v 3 «Abbaan kiyya Daawiti sababa diinota karaa maraan isatti ka'aneef, haga Mootiin Waan Maraa injifachaa isaaf kennutti, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif Galma Waaqaa ijaaruu akka hin dande'in ati hin beetta. \v 4 Amma ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa maraan nageya naaf kenneera; diinni yookiin wonni hantuun hin jirtu. \v 5 Waaqi abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ilmi keeti ka ani addee teetitti mootii godhee, barcumaa mootumma'aa irra teessisu, Galma naaf hin ijaara› jedhee dubbateera; tanaaf ani amma Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf Galma Waaqaa ijaariisaaf hedeera. \v 6 Maarre nama akka worra Sidoonii muka muruu beeku, akka nuuti hin qanne hin beetta; namoota keetiif mindaa ati jette ani hin kaffala, tajaajiltoota tiyya woliin dhaqanee, Libaanon keessaa hindheensa akka naaf muranu, namoota keeti naaf ergi» jedhe. \p \v 7 Hiiraam ergaa Solomoonii yennaa dhage'e, guddoo gammadee, «Gosa guddoo tana akka bulchu, Mootiin Waan Maraa ilma qaroo Daawitiif kenne, adha leellifamuu ti!» jedhe. \v 8 Achiin duuba Hiiraam Solomoonitti ergee, «Ergaan teeti na dhaqqaddeerti; muka hindheensaatii fi birbirsaa dhikeessiisaan waan ati barbaadde mara si'iif hin godha. \v 9 Namooti kiyya jigeessota Libaanonii gara abbaaya'aatitti harkisaa gad hin fidan; addee ati barbaadde akka si'iif gewu, wolitti hiisisee abbaayaa irra deensisee si'iif hin erga; achitti ani gargar hiikisiisee, atille hin fudhatta; atille worra mana kiyya keessa jiruuf sagalee dhikeessiisaan fedha kiyya hin guutta» jedhe. \p \v 10 Maarre Hiiraam akka kanaan muka hindheensaatii fi birbirsaa ka Solomoon barbaade mara dhikeesseef. \v 11 Solomoonille worra mana Hiiraamii keessa jiranuuf qamadii kuntaala kuma diddamaa akkasuma zayitii ejersaa qulqulluu litirii kuma dhibba afurii woggaa wogga'aan kenneef. \p \v 12 Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa galetti Solomooniif qarummaa kenne; Hiiraamii fi Solomoon wodhakkaa nageenni waan jiruuf, isaan lamaanuu wolii galane. \p \v 13 Mootichi Solomoon lafa Israa'elii mara keessaa, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu kuma soddoma file. \v 14 Adoniiraam itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu godhe; inni kuma kudhan kudhaniin addee saditti isaan qoodee, badoo bado'oon, ji'a tokko Libaanon keessa, ji'a lama mana ifii akka turanu godhe. \v 15 Solomoon ammalle biyya koobittii keessatti worra ba'aa ba'atu kuma torbaatamaa fi worra dhakaa bocu kuma saddeettama qabaayyu. \v 16 Akkasuma toowattoota hujii tanaa namoota kuma sadii fi dhibba sad qabaayyu. \v 17 Isaan ajaja mooticha Solomooniitiin, dhakaa gugurdaa gatii guddo'oo ka hundee Galma Waaqaatiif te'u, qotanee baasanee bocanee fidane. \v 18 Namooti hujii harkaa hujanu ka Solomooniitii fi Hiiraamii, namooti biyya Gebaaliille Galma Waaqaa ijaariisaaf, muka muranee, dhakaa bocanee qopheessane. \c 6 \s1 Solomoon Galma Waaqaa Ijaare \p \v 1 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baateen duuba, woggaa dhibba afurii fi saddeettamatti, Solomoon biyya Israa'elii irratti mootii te'ee, woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe. \v 2 Galmi Waaqaa ka mootichi Solomoon ijaare sun, dalla dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama, hojjaan isaa ciqilee soddoma. \v 3 Dheerinni soroo kutaa guddittii Galma Waaqaatiin duraa, akkuma badhinna Galma Waaqaa ciqilee diddama teetee, karaa Galma Waaqaatiin duraan ciqilee kudhan dheeratti. \v 4 Galmi Waaqaa sun foddaa gara keessaatiin badhattee, gara alaatiin dhiphattu qabaayyu. \v 5 Solomoon kutaa guddittii Galma Waaqaatitti maxxansee, adaala addee woyyitti'ii fi addee irra caalaa woyyitti'iititti, mana dhibii ka kolloo adda addaa qabu itti marsee ijaare. \v 6 Badhinni mana jalaa ciqilee shan, ka mana mana irratti ijaaramee ka wodhakka'aa ciqilee jaa, ka mana mana irratti ijaarame ka sadeesso'oo ciqilee torba. Muki tokkolle ijaarsa Galma Waaqaa uree akka hin seenneef, gara duubaatiin itti marsee, kaabii ijaare. \p \v 7 Dhakaan Galmi Waaqaa sun ittiin ijaarame, adduma dhakaan jirutti bocamee waan qophoweef, Galmi Waaqaa yennaa ijaaramu, qoonqoon burrisaa, ta ura'aa yookiin ta sibiila dhibi'ii hin dhage'ane. \p \v 8 Balbalti seensuma mana jalaa, Galma Waaqaa irraa gara kibbaatitti dhagganti; yaabbannoo gara mana mana irraa ka wodhakka'aatii fi ka sadeesso'ootitti ol bayanulle qaba. \v 9 Maarre mootichi Solomoon, Galma Waaqaa ijaaree fixe; heellichoo Galma sanii buusaa muka hindheensaa dalla buusee, falaxaa birbirsaatiin cufe. \v 10 Inni karaa maraan Galma Waaqaatitti marsee kolloota ijaare; hojjaan kolloota sanii ciqilee shan; kolloon sunille buusaa muka hindheensaatiin, Galma Waaqaatiin wolitti qassiifanteerti. \p \v 11 Jechi Mootii Waan Maraa gara Solomoonii dhufee, \v 12 «Akka seerata kiyyaatitti yoo deddeebite, seeraa fi ajaja kiyya yoo eegatte, Galma Waaqaa ka ati ijaariisatti jirtu kanaaf, waan abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, ani karaa keetiin hin muummessa. \v 13 Ani Israa'eloota odduu hin le'a; ani kolbaa tiyya Israa'el hin gatu» jedhe. \p \v 14 Maarre Solomoon Galma Waaqaa ijaaree fixe. \s1 Ijaarsa Keessa Galma Waaqaa \p \v 15 Inni keessa Galma Waaqaa hundee isaatiin jalqabee, haga heellicho'ootitti falaxaa muka hindheensaa itti siree, lafa keessa Galma Waaqaa falaxaa birbirsaatiin huje. \v 16 Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatiin, Addee Irra Caalaa Woyyittii addaan baasiisaaf, kolloo ciqilee diddamaa, lafa irraa kaasee haga heellicho'oo falaxaa muka hindheensaa itti sire. \v 17 Kutaan guddittiin Addee Irra Caalaa Woyyittii duratti dhaggantu ciqilee afurtama dheeratti. \v 18 Keessi Galma Waaqaa falaxaan muka hindheensaa itti gonfamee, fakkeenna buqqi'iitii fi daraaraa baqeetiin seefameera; falaxaa muka hindheensaa malee, dhakaan tokkoolle hin mudhatuuyyu. \p \v 19 Inni Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatitti, saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa keessa keyiisaaf, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa ijaare. \v 20 Addeen Irra Caalaa woyyitti'ii tun dheerinni isi'ii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee diddama, hojjaan isi'iille ciqilee diddama; inni keessa isi'ii worqii qulluu itti gonfe. Addee ciinca'aalle falaxaa muka hindheensaa itti uffise. \v 21 Solomoon keessa Galma Waaqaa worqii qulluu itti gonfee, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta worqi'iin gonfante san dura, haachaba worqi'ii diriirse. \v 22 Maarre inni keessa Galma Waaqaa duudii worqii itti gonfe; addee ciinca'aa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa keessaalle worqii itti gonfe. \p \v 23 Solomoon fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama ta dheerinni tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii, muka ejersaa irraa hujee, Addee Irra Caalaa woyyitti'ii ta gara keessaa keessa keye. \v 24 Koolli dada ol-gubba'aa ta qaraa ka gama tokkoo ciqilee shan; ka gama kaanille ciqilee shan dheerata; qaccee koola gama tokkoo irraa haga qaccee koola gama kaanii ciqilee kudhan dheerata. \v 25 Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lammeesso'oolle ciqilee kudhan dheerata; dadi ol-gubba'aa sun lamaanuu hagi isaaniitii fi akki isaanii wol fakkaatan. \v 26 Hojjaan dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokko tokkootuu ciqilee kudhan. \v 27 Solomoon koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lamaaniituu akkuma diddiriireeruun, dada ol-gubba'aa san Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa san keessa keye; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka tokkochaa dhaaba manaa ka gama tokkoo tuqa; koolli dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo dhaaba manaa ka gama kaanii tuqa; koolli isaanii dhibiin wodhakkaa Addee Irra Caalaa Woyyittii sanitti wol tuqaayyu. \v 28 Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanuu worqii itti gonfe. \p \v 29 Dhaaba Galma Waaqaa mara irratti, kolloo gara keessaatii fi gara alaa irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee boce. \v 30 Inni lafa addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi lafa Galma Waaqaa keessaalle worqii itti gonfe. \p \v 31 Balbala gara Addee Irra Caalaa woyyittii seenanu ta gara lamatti banantu, ta mikikkilaa fi gulantaa roga shanii qaddu, muka ejersaa irraa huje. \v 32 Inni balbala muka ejersaa irraa hujante lamaanuu irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi fakkii muka meexxi'ii kana irratti worqii itti gonfe. \v 33 Akkasuma inni balbala gara kutaa gudditti'ii seenanutti mikikkila roga afurii muka ejersaa irraa huje. \v 34 Inni balbala lama ta wolitti dachaafantee banantu, ta tokko tokkoon isi'iituu, saanqaa lama lama qaddu, muka hindheensaa irraa huje. \v 35 Inni balbala san irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii san irratti worqii gonfe. \p \v 36 Inni Galma Waaqaatiin duratti badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, dhakaa bocame tarree sadiin, saanqaa muka hindheensaa tarree tokkoon ijaare. \p \v 37 Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, hundeen Galma Waaqaa keyante. \v 38 Inni mootii te'ee woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, ji'a saddeetesso'oo, ka «Bul» jedhamu keessa, akkuma dur karoorri bayetti, ijaarsi Galma Waaqaa muummowe. Solomoon Galma Waaqaa woggaa torbatti ijaaree fixe. \c 7 \s1 Solomoon Mana Mootummaa Ifii Ijaarrate \p \v 1 Solomoon mana mootummaa ifii ijaaree woggaa kudhanii saditti fixe. \v 2 Inni mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu, ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa, badhinni isaa ciqilee shantamaatii fi hojjaan isaa ciqilee soddomaa ijaare; manni mootumma'aa kun utuboota hindheensaa ka tarree afuritti dhaabbatee, buusaa hindheensaa utubeeru qabaayyu. \v 3 Tarree tokko tokkoo irra utuboota kudhanii shan, wolumatti utuboota afurtamii shan qaba; utuboota kana gubba'atti heellichoo muka hindheensaa irraa hujantetti jira. \v 4 Manni kun foddaa tarree sad sadii ka fuullee wolii jiranu qaba. \v 5 Balbaltii fi foddaan martinuu mikikkiloota roga afurii qaban; foddaan tarree sad sadiin fuullee wolitti galteerti. \p \v 6 Solomoon galma utuboota heddu'uu, ta dheerinni isi'ii ciqilee shantamaa, badhinni isi'ii ciqilee soddomaa ijaare; kutaa guddittii san dura soroo utuba'aan utubanteertutti jiraayyu. \p \v 7 Solomoon galma barcumaa mootumma'aa, galma haqaa, addee tee'ee muraa kennu ijaaree, lafaa kaasee, haga heellicho'ootitti muka hindheensaatiin golle. \p \v 8 Manni isaa ka inni keessa le'u, galma haqaatiin wol fakkaata; manni kunille galma haqaa irraa gara duubaatiin jira; Solomoon haadha manaa ifii, intala mooticha Gibxi'iitiifille mana galma haqaatiin wol fakkaatu ijaare. \p \v 9 Ijaarsi kun duudiin alaa haga badhinna guddicha dalleya keessaatitti, hundee ijaarsaatiin jalqabee, haga jinjimaatii isaatitti, dhakoota gatii guddo'oo ka wol qixxee te'ee, duraa fi duubaan bocameen ijaarame. \v 10 Hundee ijaarsa kanaa, dhakoota gugurdaa gatii guddo'oo, ka dheerinni isaanii ciqilee saddeetiitii fi ka ciqilee kudhaniititti keyame. \v 11 Dhakoota gugurdaa kana irra, dhakoota wol qixxee te'ee bocamee fi buusaa hindheensaa hedduun jiran. \v 12 Badhinni guddichi dalleya keessaa, akkuma badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaatii fi soroo isaa, dalleya dhaka'aa, dhakaa bocame tarree sadii fi buusaa hindheensaa tarree tokkoon marfamee ijaarameera. \s1 Hiiraam Yerusaalem Geye \p \v 13 Mootichi Solomoon gara biyya Xiiroosii nama ergee, Hiiraam waansise. \v 14 Haati Hiiraamii haadha hiyyeessaa ti; isiin gosa Niftaalemii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii, ogeessa sageettu'uu ti. Hiiraam hujii sageettu'uu mara hujiisaan qarumma'aan, hubanti'ii fi beekkumsa gudda'aan nama guutameeru; inni gara Solomoonii mootichaa dhufee, hujii isaaf kennante mara huje. \s1 Utuboota Sageettu'uu Lama \p \v 15 Hiiraam utuboota sageettu'uu lama, ka tokko tokkoon isaatuu, hojjaan isaa ciqilee kudhanii saddeetii, furdinni isaalle ciqilee kudhanii lamaa huje. \v 16 Inni ammalle mataa utuboota lamaanii irra keyiisaaf, sageettuu baqisiisee guutuu lama ta tokko tokkoon isi'ii ciqilee shan dheerattu huje. \v 17 Guutuu mataa utubootaa irra jirtu san seesiisaaf, tokko tokkoo isi'iitiif, sageettuu irraa caccoo haachabaa torba torba huje. \v 18 Inni guutuu utubootaa seesiisaaf, sageettuu akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, haachaba sanitti naannessee tarree lamatti huje; guutuu lamaaniifuu ta wol fakkaatu huje. \p \v 19 Guutuun mataa utuboota soro'oo irra jiranu, ciqilee afur dhedheeratanee, fakkii daraara'aa qaban. \v 20 Guutuu utuboota lamaaniituu irratti, haachabatti aanee, fakkii akka qori'ii jirtu gubbaa, wonni akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, dhibbi lama tarree lamatti dirameera. \p \v 21 Hiiraam utuboota lamaan san, soroo Galma Waaqaa duratti dhaabe; utubaa gara kibbaa «Yaakiin\f + \fr 7:21 \fr*\fqa Yaakiin: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Inni hin dhaaba \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee moggaase; utubaa gara kaabaa «Bo'az\f + \fr 7:21 \fr*\fqa Bo'az: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa jabeenna isaatiin \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhee moggaase. \v 22 Guutuun utuboota san irra jirtu fakkii daraara'aatiin hujanteerti. \p Maarre hujiin utubootaa akka kanaan muummotte. \s1 Waabaa Sageettuu Irraa Hujame \p \v 23 Hiiraam sageettuu baqisiisee, waabaa bisaanii ka badhinni keessa isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, marsi bukkee isaa ciqilee soddomaa huje. \v 24 Irga afaan waaba'aatiin jala gara duubaatiin, fakkiin buqqi'ii kudhan ta sageettuu irraa hujante, ciqilee tokko tokkotti kudhan kudhaniin, tarree lama lamaan marfanteerti. \v 25 Waabaan bisaanii sun, dudda fakkii korommii kudhanii lamaa, ta sageettuu irraa hujantee, sad gara kaabaa, sad gara kibbaa, sad gara aduun baatu, sad gara aduun seentutti fuula galanee hudduu wolitti galaneeranu irra dhaabbateeraayyu. \v 26 Furdinni waabaa sanii haga ganaa harkaa ti; irgi afaan isaalle akka irga afaan muduunu'uu hujamee, fakkii daraara'aa fakkaata; waabaan kun bisaan gara litirii kuma afurtamaa qabata. \p \v 27 Hiiraam sageettuu irraa waan meya irra keyatanu, ka korboo qabu kudhan huje; tokko tokkoon isaanii dheerinni ciqilee afur, badhinni ciqilee afur, hojjaan ciqilee sad. \v 28 Akki wonni meya irra keyanu kun hujamane asii gad jira: isaan sageettuu baxxittii roga afurii ta kiphaa qajeelee dhaabbattetti qassiifante qabaniiyyu. \v 29 Sageettuu baxxittii wodhakkaa kiphaa qajeelee dhaabbate san jirtu irratti fakkiin neenqotaa, korommi'iitii fi dada ol-gubba'aa ta koola qaddutti kaafameera; kiphaa qajeelee dhaabbate san irralle'etti akkasuma godhe; fakkii neenqotaatii fi korommi'ii san gubba'aa fi jalatti fakkii daraaraa marameetitti irratti qiriixameera. \v 30 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaaniituu korboo sageettuu irraa hujante afurii fi ulee sibiila sageettu'uu ta korboon irra garagaggaltu wolitti qassiittu lama qaban; gama arfanuu irra utuboota qorii itti dhiqatanu kiphu afuritti jiraayyu; utubooti sun fakkii daraaraa maramee ka sageettuu irraa baqisiifamee hujamee qabaniiyyu. \v 31 Waan meya irra keyanu san gara keessaatiin, qoriin itti dhiqatanu sun xiyyoo ciqilee tokko dheerattu qaddi; afaan qorii itti dhiqatanu sanii koobbicha; ciqilee tokko dheerata; morma irralle'etti seesa qaba; wonni meya irra keyanu sun koobbicha adoo hin te'in, roga afur qaba. \v 32 Korboon arfanuu, sageettuu baxxittii waan meya irra keyanu san jala jirti; uleen sibiila sageettu'uu, ta korboon irra garagaggaltu, waan meya irra keyanu saniin wolitti qassiifanteerti; badhinni korboo tokko tokkootuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. \v 33 Korboon tun korboo garreettaa fardaan harkifamuu fakkaatti; uleen isi'ii, rogi afaan isi'ii, dagaleen isi'iitii fi urati uleen isi'ii keessa seenu, sageettuu irraa hujame. \v 34 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaatuu, roga arfanuu irratti waan qabatanu qaban. \v 35 Qaccee waan meya irra keyanuu irra, wonni akka qube'ee naanneffamee, taakkuu tokko ol dheeratu jira; utubootaa fi sageettuun baxxittiin isaa, mataa waan meya irra keyanuu woliin, wolitti qassiifamaneeran. \v 36 Inni utubootaa fi sageettuu baxxittii irratti, addee duwwaa jirtu mara irratti, fakkii Dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii neenqotaatii fi fakkii muka meexxi'ii, daraaraa marame woliin cinaa isaanii mara irratti qiriixee huje. \v 37 Hiiraam akka kanaan waan meya irra keyanu kudhan huje; wonni meya irra keyanu kun martinuu, addee takka'atti waan baqisiifamaneef, hagii fi akki isaanii martinuu tokkochuma. \p \v 38 Hiiraam sageettuu irraa, waan meya irra keyanu tokko tokkoofuu, qorii itti dhiqatanu kudhan, ta bisaan gara litirii dhibba saddeeti qabattu huje; badhinni qorii tokko tokkootuu ciqilee afur. \v 39 Inni waan meya irra keyanu san keessaa shan, Galma Waaqaa irraa gara kibbaa, shan gara kaabaa keye; qorii itti dhiqatanu ammoo, roga Galma Waaqaa irra kibba irraa gara baya adu'uutitti keye. \s1 Hiiraam Meya Galma Waaqaa Mara Hujee Muummesse \p \v 40 Hiiraam ammalle okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje; inni akka kanaan hujii Galma Waaqaa ta mooticha Solomooniif hujiisa jalqabe muummesse; meyi inni huje ka asii gad jiru: \v 41 Utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, waan akka haachabaa lama, ta guutuu utuboota irraa lama ittiin seesanu, \v 42 haachaba lama, guutuu akka qori'ii jirtu lama ta qaccee utuboota irraa seesiisaaf, tarree lamaan ka hujame waan akka midhaan «Rumaan» jedhamuu dhibba afur, \v 43 waan meya irra keyanu kudhan, qorii itti dhiqatanu kudhan woliin, \v 44 waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta isa jala jirtu. \p \v 45 Okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu, Hiiraam tajaajila Galma Waaqaatiif meya kana mara mooticha solomooniif, sageettuu morodante irraa huje. \v 46 Mootichi Solomoon waan kana mara dhooqa Yordaanosii keessatti, addee sibiila itti baqisiisanu ta faara irraa hujante ta Suukootii fi Zaaretaan wodhakkaa jirtu keessatti hujisiise. \v 47 Mey kun bacaa waan te'eef, mootichi Solomoon hin madaalchinne; tanaaf madaalliin sageettu'uu hagam akka te'e hin beekkanne. \p \v 48 Solomoon ammalle tajaajila Galma Waaqaatiif, meya asii gad jiru hujisiise; mey kunille addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante, xarapheessaa worqii irraa hujame ka daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu, \v 49 meya worqii qulluu irraa hujame waan issaan irra keyamu, ka addee irra caala woyyittii ta gara keessaa dura, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin keyanu, daraaraa, issa'aa fi qaraphaa ibiddaan tuqanu, \v 50 muduunuu, qaraphaa issa'aan dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa, waan ibidda irratti bobeessanu, maaxafaa balbala kolloo Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaatii fi ka kutaa guddittii Galma Waaqaa ka worqii qulluu irraa hujame huje. \p \v 51 Mootichi Solomoon hujii Galma Waaqaa mara fixeen duuba, abbaan isaa Daawiti tajaajila Galma Waaqaatiif waan addaan baase mara meetii, worqi'ii fi meya dhibii addee meya Galma Mootii Waan Maraa massanutti masse. \c 8 \s1 Saanduqa Gondooro'oo Galma Mootii Waan Maraatitti Galchane \p \v 1 Achiin duuba mootichi Solomoon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii Xiyoon keessaa akka fidanuuf, jaarsolee Israa'elii, sooressitoota gosa Israa'elii maraa fi qondaaltota fira Israa'elii Yerusaalemitti gara ifii waansise. \v 2 Namooti Israa'elii marti, yennaa jilti gose'ee jilifantu, ji'a torbeesso'oo, ka «Etaaniim» jedhamutti, mooticha Solomoon duratti wolitti qabamane. \v 3 Yennaa jaarsoleen Israa'elii duudiin wolitti qabamane, hayyooti Saanduqa Gondooro'oo san ba'atanee, \v 4 Galma Mootii Waan Maraatitti galchite; akkasuma Lewwootii fi hayyooti Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya dunkaanii keessa jiru mara fidanee, Galma Waaqaa keessa galchane. \v 5 Mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii duudiin, Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee, hoole'ee fi loon bacaa barreeffamiisa yookiin laakkowamiisa hin dandeenne, ciincaa dhikeessane. \v 6 Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo san Galma Waaqaa keessa galchitee, addee isi'iif qophoottetti, Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaa, koola dada ol-gubba'aa ta koola qaddu jala keyane. \v 7 Dadi ol-gubba'aa sun addee Saanduqa Gondooro'oo san gubba'atti koola ifii badhifatanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaraa Saanduqa Gondooro'oo san ittiin ba'atanu gollaneeran. \v 8 Danqaraan sun dhedheeraa waan te'eef, qacceen isaa nama Galma Mootii Waan Maraa keessa addee woyyittii jiru maratti hin mudhata; nama addee woyyitti'iin ala jirutti ammoo hin mudhatu; danqaraan sun haga adhaa achuma jira. \v 9 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baateen duuba, yennaa Mootiin Waan Maraa isaan woliin gondooroo gondoore, dhakaa baxxicha lama ka ajaji kudhan irratti barreeffame, ka Muuseen gaara Siina'aa gubba'atti saanduqa keessa keye malee, wonni dhibiin saanduqa san keessa hin jirtu. \p \v 10 Yennaa hayyooti addee woyyittii san keessaa gad baate, duumensi Galma Mootii Waan Maraa keessa guute. \v 11 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa keessa waan guuteef, hayyooti sababa duumensaatiif tajaajiliisa hin dandeenne. \v 12 Achiin duuba Solomoon, \q1 «Ee, Mootii Waan Maraa, \q2 ati, ‹Duumensa ciggaa dukkanowaa keessa le'a› jetteerta. \q1 \v 13 Amma ani Galma guddaa miidhagaa ka ati haga bara baraa keessa leetu, \q2 si'iif ijaareera» jedhe. \s1 Dubbii Solomoon Kolba'atti Dubbate \p \v 14 Wolde'i kolbaa Israa'elii marti adoo achi dhaabbattee jirtuu, mootichi Solomoon gara isaanii garagalee isaan eebbise. \v 15 Inni, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ka abbaa kiyya Daawitiif, waan afaan ifiitiin waadaa gale harka ifiitiin muummesse, leellifamuu ti! \v 16 Waaqi, ‹Kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa haga baaseen jalqabee, maqaan kiyya akka achitti waamamu Galmi akka itti ijaaramuuf, qachoota gosa Israa'elii keessaa tokkolle hin filanne; Daawiti ammoo kolbaa tiyya Israa'el akka bulchuuf filadheera› jedheeraayyu» jedhe. \p \v 17 Solomoon itti dabalee, «Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf, gadhaa ifii keessatti yaadateeraayyu. \v 18 Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma ijaariisaaf, gadhaa keeti keessatti yaadatiis keeti dansa'a; \v 19 te'uu malee, ilma ati uumattutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee, ati naaf hin ijaartu› jedhe. \p \v 20 «Kunoo Mootiin Waan Maraa waadaa ifii muummesseera; akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa galetti, ani addee abbaa kiyya Daawitii mootii te'ee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra te'eera; maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiifille, Galma ijaareera. \v 21 Saanduqa Gondooro'oo ta ajaji kudhan keessa jiru, ta Mootiin Waan Maraa yennaa abbootii teenna biyya Gibxi'ii keessaa baase isaan woliin gondoore saniif, Galma Waaqaa keessatti ani addee qopheesseera» jedhe. \p \v 22 Achiin duuba Solomoon wolde'a kolbaa Israa'elii duudii duratti, addee ciinca'aa dura dhaabbatee, harka ifii gara ol-gubba'aa diriirsee, \v 23 «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii! Ol-gubba'atti yookiin lafa irratti Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti worra gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf gondooroo teeti hin eedda; jaalala keeti ka bara baraa isaaniif hin mudhitta. \v 24 Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte eeddeerta; waan dur afaan keetiin waadaa galte san, adha kunoo harka keetiin muummessiteerta. \v 25 Ammalle ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii! Tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif, ‹Akkuma ati fuula kiyya duratti deddeebite, ilmaan teetille waan gootu maraan fuula kiyya dura yoo deddeebite, sanyii teeti keessaa nami barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u fuula kiyya duraa hin dhabamu› jettee waadaa galte san muummessiif. \v 26 Ammalle ee Waaqa Israa'elii, tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte san muummessi. \p \v 27 «Ee Waaqa, ati dhugumaan lafa irra leetaa ree? Ol-gubbaan, ol-gubbaan ol-gubbootaalle si ba'atuu hin dandeettu. Galmi ani ijaare kun fa'a, dhugumaan si ba'atuu hin dande'u. \v 28 Te'uu malee, Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti, adha si duratti daadimadhu naaf caqasi. \v 29 Daadimata ani tajaajilaan keeti addee tanatti si daadimadhu akka dhageettu, ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma ati, ‹Maqaan kiyya keessatti hin waamama› jettee ilaaltuu ti. \v 30 Daadimata anii fi kolbaan teeti Israa'el, gara addee tanaa garagallee daadimannu nuu dhage'i; ol-gubbaa irraa nuu dhage'iitii, nuu araarami. \p \v 31 «Nami tokko nama irratti yakkaa hujee, akka yakkaamessa hin te'in gara addee ciinca'aa ta Galma kana keessaa dhufee, yoo kakate, \v 32 ati ol-gubbaa irraa dhage'iitii tajaajiltoota teetiif muraa kenni. Yakkaamessa akka yakkaa isaatitti adabi; ka yakkaa hin qanne bilisa baasi. \p \v 33 «Kolbaan teeti Israa'el waan cubbuu hujjeef, diinaan yennaa injifatante, gara keeti deebitee, maqaa keeti yoo waammatte, Galma Waaqaa kana keessatti fuula keeti duratti yoo si daadimatte, \v 34 ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'i; cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa abbootii isaanii ta duriitiif kennitetti, isaan deebisi. \p \v 35 «Kolbaan teeti waan si yakkiteef, yennaa ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa dhabu, ati waan isaan rakkitteef yakkaa ifii irraa yoo deebi'ane, gara Galma kanaa garagalanee maqaa keeti yoo waammatane, \v 36 ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'i; cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araarami. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif kennite irratti bokkeya roobisiisi. \p \v 37 «Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti dhufu, yennaa gugguufaan yookiin shantoon, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachoota isaanii mara keessatti isaan marsu, yennaa balaan yookiin dhibeen isaan irra dhaqqaddu, \v 38 kolbaa teeti Israa'el keessaa eennulle rakkinna gadhaa ifii beekee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee yoo daadimatee gaafate, \v 39 ol-gubbaa addee leetoo teetii irraa isaaf dhage'iitii araarami; qarqaarille'e. Waan gadhaa namaa keessa jiru, ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni. \v 40 Achiin duuba kolbaan teeti lafa ati abbootii teenna ta duriitiif kennite keessa, bara leetu mara si hin sodaatti. \p \v 41 «Nami ormi, ka kolbaa teeti Israa'el hin te'in, marroo gurra keetii dhage'ee lafa fagoo irraa hin dhufa; \v 42 inni marroo maqaa keeti gudda'aa, irree teeti jaddu'uulle dhage'ee dhufee, gara Galma kanaa garagalee yennaa daadimatu, \v 43 ol-gubbaa addee leetoo teetii rraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti, akkuma kolbaa teeti Israa'elii, maqaa keeti beettee, akka si sodaattu, Galmi ani ijaare kunille, maqaa keetiin akka waamamu akka beettu, waan nami ormi sun si gaafatu mara isaaf godhi. \p \v 44 «Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf, gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaxxu, gara qachaa ati filatteetii fi Galma ani maqaa keetiif ijaare kanatti garagaltee yennaa daadimattu, \v 45 ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii isaaniif muummessi. \p \v 46 «Nami yakkaa hin hunye tokkolle waan hin jirreef, kolbaan teeti yennaa si yakkite, ati isaanitti mufattee, diinota isaan booji'ee lafa fagoo yookiin dhikoo isaan geessutti, dabarsitee yennaa kennitu, \v 47 isaan lafa diinota isaanii ta itti booji'amane san keessatti, yaada gadhaa ifii jijjiiranee, cubbuu ifii irraa deebi'anee, ‹Nuuti cubbuu hunyeerra; dokonkorreerra; waan hantuulle hunyeerra› jedhanee yoo si gaafatane, \v 48 lafa diinota isaan booji'ee san keessa adoo jiranuu, gadhaa ifii tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaanii ta duriitiif kennitetti, gara qachaa ati filatteetii fi gara Galma ani maqaa keetiif ijaaree kanatti, garagalanee yoo si daadimatane, \v 49 ol-gubbaa addee leetoo teetii irraa, daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii isaaniif muummessi. \v 50 Cubbuu isaaniitii fi yakkaa isaan si irratti hujane isaaniif araarami; diinoti isaaniille akka isaaniif mararanu godhi. \v 51 Isaan kolbaa teeti ta ati biyya Gibxi'ii ta akka addee ibiddaa ta sibiila itti baqsiisanuu san keessaa baatte. \p \v 52 «Yennaa ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'el, si gaafannu gara keenna ilaali; yennaa kolbaan teeti gara keeti iyyitu isaaniif dhage'i. \v 53 Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati abbootii teenna ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baatte, karaa tajaajilaa keeti Muuse'eetiin akkuma dubbate, gosa biyya adda addaa mara keessaa, kolbaa teeti akka te'anuuf isaan fooyatteerta» jedhe. \s1 Solomoon Wolde'a Eebbise \p \v 54 Solomoon addee ciinca'aa duratti jilbiiffatee, harka ifii diriirsee gara Mootii Waan Maraa daadimataa fi gaaffii ifii fixateen duuba ol ka'ee, \v 55 qoonqoo ifii ol qabatee, wolde'a Israa'elii mara eebbisee, \p \v 56 «Akkuma waadaa galetti, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eliif lafa kenne leellifamuu ti. Waadaa dansaa inni karaa tajaajilaa ifii Muuse'eetiin gale mara keessaa tokkolle adoo hin muummowin hin hanne. \v 57 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna abbootii teenna ta durii woliin akkuma jiraate, nu wolille'een jiraatuu ti; inni nu hin lakkisin; nu hin gatinille'e. \v 58 Ajaja, seerataa fi seera inni abbootii teenna ta duriitiif kenne mara akka eegannuu fi karaa isaa mara irra akka deddeebinuuf, qalbii teenna gara ifii deebisuu ti. \v 59 Ana tajaajilaa isaatii fi kolbaa isaa Israa'eliif, guyyaa guyya'aan wonni barbaachittu marti akka nuu teetuuf, gaaffiin tiyya ta ani halkanii fi guyyaa Mootii Waan Maraa duratti gaafadhu, Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura dhikaattuu ti. \v 60 Achiin duuba kolbaan lafa irraa marti Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirre hin beetti. \v 61 Isin kolbaan isaa akkuma adha godhiisatti jirtanu, seerata isaatiin deddeebi'aa, ajajoota isaa eegataa, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf, ka addatantane te'a'a» jedhe. \s1 Eebba Galma Waaqaa \p \v 62 Achiin duuba mootichi Solomoonii fi Israa'elooti isa woliin jiranu marti, Mootii Waan Maraa duratti ciincaa dhikeessane. \v 63 Solomoon korommii kuma diddamii lama, hoolee kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama, kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse; akka kanaan mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti Galma Waaqaa eebbisane. \v 64 Addeen ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante, ta Mootii Waan Maraa duraa, ciincaa, kennansa midhaaniitii fi cooma kennansa tokkumma'aa, qabatiisaaf akka malee diqqoo waan teeteef, guyyuma san mootichi Solomoon kolloo wodhakka'aa, ta badhinna dalleya keessaa ta Galma Mootii Waan Maraatiin dura jirtu, addaa baasee achitti ciincaa, kennansa midhaaniitii fi cooma kennansa tokkumma'aa dhikeesse. \p \v 65 Maarre mootichi Solomoonii fi Israa'elooti, wolde'i guddaan kolbaa seensuma Haamaatii irraa haga laga Gibxi'iititti wolitti qabante mara woliin, Galma Waaqaa keessatti guyyaa torba torba, itti dabalanee guyyaa torba, wolumatti guyyaa kudha afur, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa duratti, jila gose'ee jilifatane. \v 66 Guyyaa itti aanu Solomoon kolbaa ifi irraa geegesse; isaanille isa eebbisanee, waan dansaa Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Daawitii fi kolbaa ifii Israa'eliifille godhe maraaf, gammadaa ilillisaa gara mana ifii galane. \c 9 \s1 Mootiin Waan Maraa Ammalle Solomoonitti Mudhate \p \v 1 Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree, waan hujuu barbaade mara yennaa fixe, \v 2 Mootiin Waan Maraa akkuma dur Giibe'onitti isatti mudhate, ammalle itti mudhate. \v 3 Inni isaan, «Ani daadimataa fi gaaffii ati na gaafatte dhage'eera; Galma haga bara baraa maqaan kiyya akka itti waamamuuf, ati ijaarte kana woyyoonseera; ani yennaa mara gara isaa hin ilaala; waan isaalle hin yaada. \v 4 Akkuma abbaa keeti Daawitii, atille qajeelumma'aa fi addatamumma'aan, fuula kiyya dura yoo deddeebite, waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte, \v 5 akkuma ani dur, ‹Sanyii teeti keessaa, nami barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u hin dhabamu› jedhee, abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, barcumaa mootummaa teetii, Israa'el irratti haga bara baraa hin jabeessa. \p \v 6 «Ammoo ati yookiin sanyiin teeti na hordofiisa irraa deebitanee, ajajootaa fi seerataa ani isinii kenne eegatuu diddanee, dhaxxanee waaqota dhibii tajaajiltanee yoo waaqonfattane, \v 7 ani Israa'eloota lafa isaaniif kenne keessaa hin ari'a; Galma maqaan kiyya akka itti waamamuuf woyyoonse kanalle hin lakkisa; Israa'el kolbaa mara oddu'utti waan mammaassaatii fi waan kollaa hin teeti. \v 8 Galmi amma guddoo maadeffamu kun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; worri karaa san dabaru marti maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti fide?› jedhaa itti hin murgan. \v 9 Isaan ifumaafuu deebisanee, ‹Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase san lakkisanee, waaqota dhibii, waaqonfatanee waan tajaajilaneef, Mootiin Waan Maraa badii tana itti fide› hin jedhan» jedhe. \v 10 Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii woggaa diddamatti ijaaree fixe. \v 11 Mootiin Xiiroosii Hiiraam muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi worqii, haga Solomoon barbaade mara waan isaa kenneeruuf, mootichi Solomoon qachoota diddama Galiilaa keessa jiranu, Hiiraamiif kenne. \v 12 Te'uu malee mootichi Hiiraam, qachoota Solomoon isaaf kenne ilaaliisaaf yennaa dhaqe, qachoota sanitti hin gammanne. \v 13 Tanaaf inni Solomooniin, «Obboleessa kiyya! Ati qachoota attamii naaf kennite?» jedhee gaafate; qachoota sanille «Lafa Kabulii» jedhee moggaase; qachooti sun haga adhaalle maqaa kanaan waamaman. \v 14 Mootiin Xiiroosii Hiiraam, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, Solomooniif ergeeraayyu. \s1 Hujii Solomoon Huje Ta Dhibii \p \v 15 Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii akka ijaaranuuf kaabii, «Miiloo» jedhantu akka guutanuuf, dalleya Yerusaalemii, dalleya qachaa Hazoorii, Megidootii fi Gezerii ijaarsisiisaaf, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu itti bobbaase. \v 16 Mootichi biyya Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gezerii lolee qabate; inni qachaa san gubee, Kana'aanota achi keessa le'anu fixee, qachaa san intala ifii ta mootichi Solomoon fuudheef gicaa kenne. \v 17 Solomoon qachaa Gezerii deebisee ijaare; inni ammalle qachaa Bet-Horoonii gara jalaa, \v 18 qachaa goomolee Yihuda'aa keessaa Ba'aalaatii fi Taamaarii, \v 19 akkasuma qachoota midhaan isaa itti kuusanu, qachoota garreettoti isaa ka fardaan harkifamanuu fi fardoon isaa itti galanu, waan ijaariisaaf barbaade mara Yerusaalem keessatti, Libaanonii fi lafa ifii bulchuu mara keessatti ijaarsise. \v 20 Worra Israa'eloota hin te'in Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota achitti hafane mara, \v 21 worra Israa'elooti sanyii isaanii balleessuu dadhabanee, lafa san keessatti hafane mara, haga adhaa Solomoon garboolee hujii hunnaa isaaf hujanu godhate. \v 22 Namoota Israa'elii ammoo loltoota, qondaaltota mootumma'aa, qondaaltota ifii, ajajjoota shantamaa, ajajjoota loltoota garreettaa fardaan harkifamuutii fi ajajjoota abbootii fardaa godhate malee, Israa'eloota keessaa eennulle garba hin godhane. \p \v 23 Solomoon itti gaafatantoota hojjattootaa, namoota dhibba shanii fi shantama qabaayyu. \p \v 24 Solomoon haadha manaa ifii intala mooticha Gibxi'ii, qachaa Daawitii keessaa baasee, mana mootummaa ifii ka isi'iif ijaarsisetti galcheen duuba kaabii, «Miiloo» jedhantu guuchisiise. \p \v 25 Solomoon wogga'atti yennaa sad kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hixaana woliin, fuula Mootii Waan Maraa duratti, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraatiif ijaare irratti dhikeesse; akka kanaan Galma Mootii Waan Maraa ijaaree fixe. \p \v 26 Mootichi Solomoon ammalle biyya Edoomii keessatti, qachaa Eziyon-Geberii ka qarqara abbaayaa diintu'uu, ka qachaa Elootii bira jirutti hoboloota gugurdoo hujisiise. \v 27 Mootiin Xiiroosii Hiiraam tajaajiltoota ifii, ta hoboloo guddittii oofanu, worra haala abbaaya'aa beekanu, tajaajiltoota Solomoonii woliin hoboloo keessa akka tajaajilanu erge. \v 28 Isaanille hoboloo gudditti'iin biyya Ofiirii dhaqanee, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu fidanee, mooticha Solomooniif kennane. \c 10 \s1 Mootittiin Biyya Sheeba'aa Solomoon Ilaaliisaaf dhutte \p \v 1 Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomooniitii fi maqaa Mootii Waan Maraa woliin tokkummaa inni qabu dhageettee, gaaffii jajjaddu'uun haga isa ilaaliisaaf, gara Yerusaalemii dhutte. \v 2 Isiin bookarsitoota hedduu woliin uddowaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feetee, Yerusaalem yennaa geette, gara mooticha Solomoonii dhaxxee, waan qalbii ifii keessaa qaddu mara isa gaafatte. \v 3 Mootichi Solomoonille gaaffii isiin gaafatte mara deebise; wonni inni isi'iif deebisiisa dadhabe takkaalle hin jirtu. \v 4 Mootittiin biyya Sheeba'aa, qarummaa Solomoonii mara, mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhaggite, \v 5 sagalee qorii isaa, akka qondaaltoti isaa itti teettu, akka itti tajaajiltooti isaa woyaa uffattu, worra waan unanu isaaf dhikeessuu fi ciincaa inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhikeesse yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte. \v 6 Isiin mooticha Solomooniin, «Oduun marroo hujii teetiitii fi qarummaa teetii, ta ani biyya tiyyatti dhage'e dhuga'a! \v 7 Ammoo haga as dhufee ila tiyyaan dhaggutti, waan natti himane mara hin dhugeeffanneeyyu; dhugumaan gamisa isi'iituu natti hin hinne; ati ta ani dhage'e caalaa, qarumma'aa fi durummaa guddoo qadda. \v 8 Namooti keeti attam attam hiree dansaa qaban! Qondaaltoti teeti ta yennaa mara si dura dhaabbattee, qarummaa teeti dhageettu attam attam hiree dansaa qaban! \v 9 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ka sitti gammadee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra si teessise leellifamuu ti; Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jaalala bara baraa waan qabuuf, haqaa fi balchummaa akka hujjuuf, mootii si godheera» jette. \p \v 10 Achiin duuba isiin kennansa fidde mara, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, uddowa'aa fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa, mooticha Solomooniif kennite; eega san mootichi Solomoon uddowaa bacaa, ka haga mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf kennitee, dhaggatee hin beeku. \p \v 11 Hobolooti gugurdoon Hiiraamii, ta biyya Ofiiriitii worqii fidde, muka sandali'ii heddu'uu fi dhakaa gatii guddo'oo isaaf fiddeertiiyyu. \v 12 Solomoon muka sandali'ii kana irraa, waan Galma Mootii Waan Maraatii fi waan mana mootumma'aa, faarfattootaafille kiraaraa guddichaa fi maseenqoo hujisiise; eega bara sanii muki sandali'ii, ka hagana bacatu biyya Israa'eliititti ijjumaa ergamee yookiin dhaggamee hin beeku. \p \v 13 Mootichi Solomoon mootittii biyya Sheeba'aatiif kennansa isi'iif kenne irratti dabalee, waan isiin halchitee isa gaafatte mara isi'iif kenne; achiin duuba isiin bookarsitoota ifii woliin gara biyya ifii deebite. \s1 Durummaa Solomoonii \p \v 14 Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti, worqii gara kiiloogiraama kuma diddamii sad dhaggataayyu. \v 15 Tana maleelle qaraxa daldaltootaatii fi daldala irraa, mootota biyya Arabaa mara irraa dhaggamuu fi gibira bulchitooti kutaa biyya Israa'elii isaaf kennanu dhaggataayyu. \p \v 16 Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaatiin itti gonfanteerti. \v 17 Akkasuma wontee didiqqoo dhibba sad worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama lamaatiin itti gonfanteerti; mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye. \p \v 18 Inni ammalle barcumaa mootumma'aa guddaa tokko, ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe. \v 19 Barcumaan mootumma'aa, yaabbannoo jaa qabaayyu; mataan irkoo barcumaa mootumma'aa sun gara duubaa korbateera; middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qaba; cinaa waan harka irra keyatanu san lamaaniituu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera. \v 20 Qaccee yaabbannoo tokko tokkootuu san irra, gara lamaaniinuu fakkiin neenqotaa tokko tokko, wolumatti fakkiin neenqotaa kudhanii lama dhaabbatteerti; barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa biyya tamii keessalle'etti hujamee hin beeku. \p \v 21 Bara mooticha Solomoonii meetiin gatii guddoo waan hin qanneef, mey inni itti unuu fi mey mana mootumma'aa ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru marti, worqii qulluu irraa hujame malee, mey meetii irraa hujame tokkolle hin jiru. \v 22 Mootichi Solomoon hoboloota gugurdoo daldalaa ta biyya Tarshiishii, ta hoboloota Hiiraamii woliin daldalaaf abbaayaa irra deddeebitu qabaayyu; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, qalame'ee fi jaldeessa isaaf fidan. \p \v 23 Mootichi Solomoon durumma'aa fi qarumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu. \v 24 Namooti biyya lafaa duudiin, qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, gara isaa dhufiisa barbaadaniiyyu. \v 25 Worri gara isaa dhufu marti, wogguma wogga'aan kennansa meya meeti'iitii fi worqi'ii, woyaa, meya woraanaa, uddowaa, fardo'oo fi gaangee fidaniiyyu. \p \v 26 Solomoon garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo wolitti qabate; inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba afur, abbootii fardo'oo kuma kudha lama qabaayyu; isaan keessaa garii qachoota garreettoti fardaan harkifamanu le'anu keessa, garii addee ifii le'u Yerusaalem keessa keye. \v 27 Bara mootummaa ifii meetii akkuma dhakaa addee maratti dhaggamuu, muka hindheensaalle akkuma muki harru'uu lafa kooba jalaa keessatti bacatuu godhe. \v 28 Mootichi Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti isaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa fardoo bitanee fiddaniiyyu. \v 29 Isaan garreettaa fardaan harkifamu tokko tokko meetii dhibba jaan, farda tokko tokko meetii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitanee fidanee, mootota Heetotaatii fi Sooriya'aatitti dabarsanee gurguraniiyyu. \c 11 \s1 Mootichi Solomoon Waaqa Irraa Fagaataa Deeme \p \v 1 Mootichi Solomoon dubartoota biyya ormaa hedduu jaalate; inni intala mooticha Gibxi'ii maleelle, durra worra Mo'aabii, durra worra Amoonii, durra worra Edoomii, durra worra Sidooniitii fi Heetii fuudhe. \v 2 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Durra gosa biyya adda addaa yoo fuutane, isaan dhugumaan gadhaa keessan gara waaqota ifii waan deebisanuuf, durra teessan ilmaan isaanii hin heerumsiisina'a; ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a» jedhee itti seereeraayyu; Solomoon ammoo, guddoo isaan jaalate. \v 3 Solomoon durra maatii moototaa keessaa niitota dhibba torbaa fi gursumeeyyii dhibba sad qabaayyu; isaan akka inni Waaqa irraa fagaatu godhane. \v 4 Yennaa inni dulloome, niitoti isaa akka inni waaqota dhibii waaqonfatu godhane; Solomoon akka abbaa ifii Daawitii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii gadhaa tokkochaan hin waaqonfanne. \v 5 Inni waaqa dharaa diqachiisaa worra Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuu fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamu waaqonfate. \v 6 Solomoon fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje malee, akka abbaa ifii Daawitii, addatamumma'aan Mootii Waan Maraa hin hordonne. \v 7 Inni waaqa dharaa jibbisiisaa worra Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa jibbisiisaa worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf, addee waaqonfanna'aa gaara qachaa Yerusaalemii irraa, gara aduun baatu jiru irratti ijaarsise. \v 8 Inni niitota ifii ta waaqota ifiitiif hixaana aarsituu fi ciincaa dhikeessitu, ta biyya ormaatii fuudhe maraafille akkasuma huje. \p \v 9 Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka yennaa lama isatti mudhate irraa waan fagaateef, Mootiin Waan Maraa Solomoonitti aare. \v 10 Solomoon waaqota dhibii akka hin waaqonfanne, Mootiin Waan Maraa isa ajajeeraayyu; inni ammoo waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje hin eeganne. \v 11 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Solomooniin, «Eega tana gootee, gondooroo na woliin gondoorattee fi seerata kiyya ka ani si ajaje eegatuu eega dhadde, mootummaa teeti si irraa fuudhee, tajaajiltoota teeti keessaa nama tokkoof hin kenna. \v 12 Te'uu malee, ani bara ilma keetii keessa mootummaa teeti isa irraa fuudha malee, abbaa keeti Daawitiif jedhee, bara jiruu teetii keessa tana hin godhu. \v 13 Tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii ka filadheef jedhee, gosa tokko ilma keetiif hin kenna malee, mootummaa san guutumatti ilma keeti irraa hin fudhadhu» jedhe. \s1 Diinota Solomoonii \p \v 14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa maatii mootota Edoomii keessaa diina, «Hadaad» jedhamu tokko, Solomoon irratti kaase. \v 15 Daawiti worra Edoomii lolee biyya isaanii yennaa qabate, ajajaan loltoota isaa Yo'aab, Israa'eloota du'ane awwaaliisaaf ol bayee, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeese. \v 16 Yo'aabii fi Israa'elooti marti, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeesanee haga fixanutti ji'a jaa achi turane. \v 17 Bara san Hadaad ilma diqqa'a; inni tajaajiltoota abbaa ifii gamisa woliin, gara biyya Gibxi'ii baqate. \v 18 Isaan biyya Miidiyaanii irraa ka'anee, biyya gara biyya Phaara'aa dhaqane; achiin duuba biyya Phaara'aa keessaa namoota fudhatanee, gara Fara'oonii mooticha Gibxi'ii dhaqane; mootichille mana, sagale'ee fi lafa Hadaadiif kenne. \v 19 Hadaad fuula mootichaa duratti fudhatama waan dhaggateef, mootichi obboleettii niitii ifii, «Taahafenes» ta jedhantu isa heerumsiise. \v 20 Isiin Hadaadiif ilma, «Genubaat» jedhamu deette; Taahafenes mana mooticha Gibxi'iititti isa gudditte; innille ijoollee mootichaa woliin le'e. \p \v 21 Hadaad adoo biyya Gibxi'ii jiruu, mootichi Daawiti akka du'e, ajajaan loltoota isaa Yo'aabille akka du'e yennaa dhage'e, mooticha Gibxi'iitiin, «Gara biyya tiyyaa akka deebi'u, naaf eeyyam» jedhee gaafate. \p \v 22 Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Na biraa maan dhaddee, gara biyya teetii deebi'uu barbaadda?» jedhee isa gaafate? \p Hadaad deebisee mootichaan, «Womaa hin dhanne; ammoo deemuu barbaada, gara biyya tiyyaa akka deemu naaf eeyyam» jedhe. \p \v 23 Ammalle Mootiin Waan Maraa diina dhibii ilma Eliyaada'aa Rezon, ka goottaa ifii Hadaad-Ezer mooticha Zoba'aa jalaa baqate, Solomoon irratti kaase. \v 24 Yennaa Daawiti loltoota Zoba'aa fixe, Rezon namoota wolitti qabatee, sooressaa finqiltootaa te'e; inni namoota ifii woliin Damaasqoo dhaqee qubate; isaanille achitti mootii isa godhatane. \v 25 Rezon rakkoo Hadaad Israa'el irratti fide irratti dabalee, bara Solomoonii mara diina Israa'elii te'e; maarre Rezon Sooriyaa irratti mootii te'ee, Israa'el jibbe. \s1 Yerobi'aam Solomoon Irratti Finqila Kaase \p \v 26 Ilmi Nebaatii Yerobi'aamille, Solomoon irratti finqila kaase; inni tajaajiltoota Solomoonii keessaa tokko ka te'e, sanyii Efreem keessaa, nama qachaa Zeredaarii ti; maqaan haadha isaa Zeruwa'a. Isiin haadha hiyyeessaa ti. \v 27 Solomoon kaabii, «Miiloo\f + \fr 11:27 \fr*\fqa Miiloo: \fqa*\ft Lafa boollittii qachaa Yerusaalemii irraa karaa aduun baatu jirtu.\ft*\f*» jedhantu guutee, dalleya qachaa abbaa ifii Daawitii ka caccabe, deebisee waan ijaarsiseef, Yerobi'aam mooticha Solomoon irratti, finqila kaase. \v 28 Yerobi'aam nama dandeettii guddoo qabu; dargaggeessi kun hujii akka dansaa akka huju, Solomoon yennaa dhagge, gosa Yoseefii keessaa worra hunnaan hujii hunnaa hujanu irratti itti gaafatamaa godhe. \v 29 Gaafa tokko Yerobi'aam, qachaa Yerusaalemii keessaa bayee adoo deemuu, nami qachaa Shiilo'oo raagichi Ahiiyaan, ka woyaa haareya uffateeru, karaa irratti isa dhagge; isaan lamaanuu qacha'aan ala qofi adoo jiranuu, \v 30 Ahiiyaan woyaa haareya uffateeru san ifi irraa fuudhee, addee kudhanii lamatti gargar cicciree, \v 31 Yerobi'aamiin, «Ati citaa kudhan ifiif fudhadhu; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani mootummaa Solomoon irraa fuudhee, cicciree gosa kudhan si'iif hin kenna; \v 32 tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii, ka ani qachootaa gosa Israa'elii mara keessaa filadheef jedhee, gosa tokko Solomooniif hin hambura. \v 33 Inni na lakkisee, waaqa dharaa ta worra Sidoonii Ashitaaroti, waaqa dharaa ka worra Mo'aabii Kemoshii fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa Moleek waan waaqonfateef, ani tana hin godha; inni akka Daawitii abbaa ifii karaa kiyya irra hin ideenne; fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hin hunye; seerataa fi ajaja kiyya hin eeganne. \v 34 Te'uu malee tajaajilaa kiyya ka ani filadhe, ka ajajaa fi seerata kiyya eegate Daawitiif jedhee, guutumatti Solomoon irraa mootummaa hin fuudhu; bara jiruu ifii mara akka inni bulchu hin godha. \v 35 Ammoo ilma Solomoonii irraa mootummaa fuudhee, gosa kudhan si'iif hin kenna. \v 36 Te'uu malee, maqaan kiyya akka ittiin waamamuuf qachaa filadhe Yerusaalem keessatti, sanyii tajaajilaa kiyya Daawitii keessaa, nami tokko yennaa mara barcumaa mootummaa isaa irraa, fuula kiyya duraa akka hin dhabanneef, ani ilma isaatiif gosa tokko hin kenna. \v 37 Ani fuudhee, mootii Israa'elii si hin godha; kutaa biyya jaalattee mara hin bulchita. \v 38 Akkuma tajaajilaan kiyya Daawiti godhe, atille waan ani si ajaje mara yoo goote, karaa kiyya irra yoo ideente, seerataa fi ajaja kiyya eegattee, waan sirrii te'e fuula kiyya duratti yoo goote, ani si woliin hin jiraadha; akkuma mootummaa Daawitii jabeesse, mootummaa sanyii teetille hin jabeessa; Israa'elille si'iif hin kenna. \v 39 Sababa cubbuu Solomooniitiif sanyii Daawitii hin adaba; ammoo haga bara baraatii moti› jedha» jedhe. \p \v 40 Tanaaf Solomoon Yerobi'aam ijjeesiisaaf wodhaane; Yerobi'aam ammoo gara mooticha biyya Gibxi'ii Shiishaaqii baqatee, haga Solomoon du'utti achi ture. \s1 Du'a Solomoonii \p \v 41 Wonni dhibiin ta Solomoon bara mootummaa ifii huje, qarummaan isaa martinuu, kitaabaa dabarsii Solomoonii keessatti barreeffanteerti. \v 42 Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama, kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'e. \v 43 Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee abbaa ifii Solomooniititti mootii te'e. \c 12 \s1 Israa'elooti Gara Kaabaa Rehobiyaam Irratti Kaate \p \v 1 Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaxxeef, Rehobiyaamille achi dhaqe. \v 2 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe\f + \fr 12:2 \fr*\fqa Deebi'ee dhufe: \fqa*\ft Barreeffam Woyyichi Ibrootaa ka durii gariin \ft*\fqa achumatti hafe\fqa*\ft jedha.\ft*\f*. \v 3 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee, \v 4 «Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane. \p \v 5 Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedhe. Maarre kolbaan deente. \p \v 6 Achiin duuba mootichi Rehobiyaam, jaarsolee abbaan isaa Solomoon yennaa jiru, Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate. \p \v 7 Isaan deebisanee, «Ati adha kolbaa tanaaf tajaajilaa teetee, yoo isaaniif tajaajilte, gaaffii isaaniitiif deebii dansaa yoo kennite, isaan yennaa mara tajaajiltoota teeti hin te'an» jedhane. \p \v 8 Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate. \v 9 Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate. \p \v 10 Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi maandhich kiyya, hidha abbaa kiyyaa caala furdata. \v 11 Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhi» jedhane. \p \v 12 Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane. \v 13 Mootichi Rehobiyaam gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne. \v 14 Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka qaajjibbu'uu qara qadduun isin hin dhaana» jedhe. \v 15 Wonni Mootiin Waan Maraa karaa nama qachaa Shiilo'oo raagicha Ahiiyaatiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dur dubbate, muummowuu waan qadduuf, mootichi waan kolbaan jette hin dhageenne. \p \v 16 Mootichi isaaniif dhage'uu akka dide, Israa'elooti marti yennaa hubatane, mootichaan, «Nuuti Daawiti woliin qooda maan qanna? Ilma Iseyii Daawiti woliin dhaala maan qanna? Ee kolbaa Israa'elii, gara mana keessanii deebi'a'a! Ee sanyii Daawitii, ati kolbaa teeti bulfadhu!» jedhane. \p Maarre Israa'elooti gara mana ifii deebi'ane. \v 17 Rehobiyaam ammoo Israa'eloota qachoota Yihuda'aa keessa le'anu bulche. \p \v 18 Achiin duuba mootichi Rehobiyaam, Adoniiraamii itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu gara Israa'eloota erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Mootichi Rehobiyaam ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii baqate. \p \v 19 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa mana mootummaa Daawitii irratti, akkuma finqila kaasanetti hafane. \p \v 20 Israa'elooti marti Yerobi'aam akka deebi'e yennaa dhage'ane, gara wolde'a ifii waansisanee, Israa'eloota mara irratti mootii isa godhane. Sanyii Daawitiitiif addatamaa te'ee worri hafe gosa Yihuda'aa qofa. \s1 Raaga Shemaa'iyaan Raage \p \v 21 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa deebi'e, Israa'eloota gara kaabaa jiranu lolanee, gara mootummaa isaa akka isaaf deebisanu, fira Yihuda'aatii fi Beniyaaminii mara keessaa, loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate. \v 22 Ammoo jechi Waaqaa gara Shemaa'iyaa nama Waaqaa\f + \fr 12:22 \fr*\fqa Nama Waaqaa: \fqa*\ft Raagicha jechu'u.\ft*\f* dhufee, \v 23 «Mootii Yihuda'aa Rehobiyaamii ilma Solomooniitiin, fira Yihuda'aatii fi Beniyaamiitiin, worra hafe maralle'een, \v 24 Mootiin Waan Maraa, ‹Wonni te'e kun fedha kiyyaan waan teeteef, Israa'eloota obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Isin martinuu gara mana keessanii deebia'a'a› jedhi» jedheen. Maarre isaan martinuu jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje gara mana ifii deebi'ane. \s1 Yerobi'aam Fakkii Jabbi'ii Worqii Irraa Huje \p \v 25 Achiin duuba mootichi Yerobi'aam biyya koobittii Efreemii keessatti qachaa Sheekemiititti dalleya dhaka'aa ijaaree yennaa diqqoo achi ture; achille'ee ka'ee qachaa Pheeni'eliille'etti dalleya dhaka'aa ijaare. \v 26 Inni gadhaa ifii keessatti, «Amma mootummaan sanyii Daawitiitiif waan deebitu fakkaatti; \v 27 kolbaan tun Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaa dhikeessiisaaf, gara Yerusaalemii yoo ol baate, gadhaan isaanii gara goottaa isaanii mootii Yihuda'aa Rehobiyaamii hin deebi'a; isaan na ijjeesanee, gara mootii Yihuda'aa gara Rehobiyaamii hin deebi'an» jedhee yaade. \p \v 28 Mootichi waan kana irratti mari'ateen duuba, fakkii jabbi'ii lama worqii irraa hujisiisee kolba'aan, «Ee Israa'el, waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii ol bayiisi akka malee ulfaatti; waaqoti keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baasane isaan kana» jedhe. \v 29 Fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujisiise san, takkattii Bet'el keessatti, taan Daan keessatti dhaabe. \v 30 Kolbaan fakkii jabbi'ii san waaqonfatiisaaf Bet'el, haga Daaniille waan dhaxxeef, tun cubbuu itti teete. \v 31 Akkasuma Yerobi'aam addee waaqonfanna'aa irratti galma ijaaree, gosa Lewwi'ii te'uu dhabanulle kolbaa mara keessaa, hayyoota worra Lewwoota hin te'in file. \p \v 32 Yerobi'aam akkuma jila biyya Yihuda'aatitti jilifatanuu, ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, jila akka jilifatanu murteessee, addee ciinca'aa irratti ciincaa dhikeesse; inni fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujisiise ta Bet'el keessa dhaabe saniif, ciincaa dhikeesse. Inni addee waaqonfanna'aa ta Bet'el keessatti ijaare san keessalle hayyoota tajaajiltu keye. \v 33 Inni ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'oo, addee ciinca'aa ta Bet'el keessatti ijaarsise irratti, ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe; achitti guyyaa ifii filate sanitti Israa'elooti jila akka jilifatanu murteessee, hixaana aarsiisaaf gara addee ciinca'aa san ol baye. \c 13 \s1 Nama Waaqaa Ka Yihuda'aa Dhufe \p \v 1 Yerobi'aam hixaana aarsiisaaf addee ciinca'aa bira adoo dhaabbateeruu, nami Waaqaa tokko, ajaja Mootii Waan Maraatiin, biyya Yihuda'aa irraa gara Bet'elii dhufe. \v 2 Inni ajaja Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa mormee, qoonqoo guddo'oon, «Addee ciinca'aa! Addee ciinca'aa! Mootiin Waan Maraa si'iin, ‹Kunoo, sanyii Daawitii keessaa ilmi maqaan isaa: Yosiyaas jedhamu hin dhalata; inni hayyoota addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessanu, si irratti hin ciincessa; lafeen namootaa si irratti hin gubanti› jedha» jedhe. \v 3 Guyyuma san nami Waaqaa sun, beessisa kennee, «Addeen ciinca'aa tun gargar hin dhooti; daadhaan irra jirulle hin jiga. Kun beessisa Mootiin Waan Maraa kenne» jedhe. \p \v 4 Mootichi Yerobi'aam waan nami Waaqaa sun, addee ciinca'aa ta Bet'el keessaa mormee, qoonqoo guddo'oon dubbate yennaa dhage'e, addee ciinca'aa san irraa, harka ifii nama Waaqaa sanitti diriirsee, «Namicha kana qaba'a!» jedhe. Harki mootichaa ka inni itti diriirse sun ammoo, sooree waan gogeef, duubatti deebifatuu hin dandeenne. \v 5 Akkuma nami Waaqaa sun, jecha Mootii Waan Maraatiin beessisa kenne, addeen ciinca'aa sun gargar dhootee, daadhaan irra jirulle jige. \v 6 Mootichi Yerobi'aam nama Waaqaa saniin, «Maganne'e, harki kiyya fayyee, addee duriititti akka naa deebi'u, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti naaf daadimadhu!» jedhee kadhate. \p Maarre nami Waaqaa sun Mootii Waan Maraa daadimate; harki mootichaalle fayyee, akka dur jirutti deebi'e. \v 7 Achiin duuba mootichi nama Waaqaatiin, «Na woliin gara manaa koyiitii areerradhu; kennansalle si'iif hin kenna» jedhe. \p \v 8 Nami Waaqaa ammoo deebisee mootichaan, «Gamisa qabeenna keetii yoo naaf kennitelle, ani si woliin hin deemu; addee tanatti sagalee hin nyaadhu; bisaanille hin unu. \v 9 Sagalee akka hin nyaanne, bisaan akka hin unne, karaa dhufe sanille deebi'ee akka hin galle, Mootiin Waan Maraa na ajajeera» jedhe. \v 10 Tanaaf inni karaa dhibi'iin deebi'ee deeme malee, karaa gara Bet'elii dhufe san hin deebine. \p \v 11 Yennaa san jaarsi raagichi Bet'el keessa le'u tokko jiraayyu; ilmaan isaa dhuttee, waan nami Waaqaa guyyaa san Bet'el keessatti godhee fi waan inni mooticha Yerobi'aamitti dubbate mara isatti hinte. \v 12 Abbaan isaanii, «Namichi sun karaa kam deeme?» jedhee gaafate; ilmaan isaalle, karaa nami Waaqaa ka Yihudaa irraa dhufe sun deeme, isatti mudhitte. \v 13 Achiin duuba inni ilmaan ifiitiin, «Harree tiyyatti kooraa naa fe'a'a\f + \fr 13:13 \fr*\ft Kooraa naa fe'a'a: \ft*\ft Reroo naa rera'a worri jedhulle jira.\ft*\f*!» jedhe; isaan harree sanitti kooraa isaaf fe'ane; innille irra tee'ee, \v 14 nama Waaqaa san hordofee, qilxaa jala tee'eeruun dhaggee, «Nami Waaqaa ka biyya Yihuda'aatii dhufe si'ii?» jedhee isa gaafate. \p Inni deebisee, «Eeti'i, ana» jedhe. \p \v 15 Jaarsi raagichi sun nama Waaqaa saniin, «Ana woliin gara manaa koyiitii, areerradhu» jedhe. \p \v 16 Nami Waaqaa sun ammoo, «Ani si woliin gara mana keetii deebi'ee deemuu, addee tanatti sagalee si woliin nyaatuu, bisaanille unuu hin dande'u. \v 17 Achitti sagalee akka hin nyaanne, bisaan akka hin unne, karaa dhufe sanille deebi'ee akka hin galle, Mootiin Waan Maraa na ajajeera» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba jaarsi raagichi sun sobee, nama Waaqaatiin, «Anille akkuma keeti raagicha; ergamaan tokko ajaja Mootii Waan Maraatiin, ‹Nami Waaqaa kun sagalee akka nyaatuu fi bisaan akka unu, deebisii gara mana keetii fudhadhuu gali› naan jedheera» jedhe. \v 19 Maarre nami Waaqaa sun isa woliin deebi'ee, mana isaatitti sagalee nyaatee, bisaan une. \v 20 Adoo isaan nyaatiisatti jiranuu, jechi Mootii Waan Maraa gara jaarsa raagichaa isa deebisee fide sanii dhufe. \v 21 Jaarsi raagichi sun, nama Waaqaa ka biyya Yihudaa irraa dhufe saniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Sababa ati jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamuu diddee, ajaja ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje eegatuu diddee, \v 22 addee dhaxxee sagalee akka hin nyaanne, bisaanille akka hin unne dhooggantetti, sagalee nyaattee, bisaanille waan unteef, reeffi keeti addee awwaalaa ta abbootiin teeti ta durii itti awwaalantetti hin awwaalamu!› jedha» jedhee qoonqoo guddo'oon dubbate. \p \v 23 Nami Waaqaa sun sagalee nyaatee, bisaan uneen duuba, jaarsi raagichi deebisee isa fide sun harre'etti kooraa isaaf fe'e. \v 24 Nami Waaqaa sun adoo deemiisatti jiruu, neenqi karaa irratti dhaggee isa ijjeese; reeffi isaalle karaa irratti albifamee, harree sanii fi neenqille achi dhaabbateeraayyu. \v 25 Namooti karaa san dabaranu tokko, reeffa karaa irratti albifameeruu fi neenqa isa bira dhaabbateeru san dhagganee, dhaqanee namoota qachaa jaarsi raagichi keessa le'utti odeessane. \p \v 26 Raagichi karaa irraa waamee isa deebise fide sun, waan kana yennaa dhage'e, «Inni nama Waaqaa ka jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamuu dide waan te'eef, Mootiin Waan Maraa akkuma isa ifi eeggachiise, neenqa caccassee isa ijjeesutti, dabarsee isa kenne» jedhe. \v 27 Achiin duuba raagichi ilmaan ifiitiin, «Harre'etti kooraa naa fe'a'a» jedhe; isaanille kooraa san isaaf fe'ane. \v 28 Raagichi ka'ee yennaa dhaqe, reeffi nama Waaqaa sun karaa irratti albifamee, harre'ee fi neenqi reeffa san bira dhaabbataneeranuun dhagge. Neenqi sun reeffa san hin nyaanne; harree sanille hin caccassine. \v 29 Maarre jaarsi raagichi sun, reeffa fuudhee harre'etti fe'ee, bowanee akka isa awwaalanu, gara qachaa Bet'elii fide. \v 30 Achiin duuba reeffa nama du'ee san, addee awwaalaa ta ifii qopheeffate keessa keyee, «Aanne'e, obboleessa kiyya!» jedhaa bowaneef. \v 31 Isa awwaalaneen duuba jaarsi raagichi ilmaan ifiitiin, «Gaafa ani du'u, addee awwaalaa ta nami Waaqaa keessatti awwaalame tana keessatti na awwaala'a; lafee tiyyalle lafee isaa bira keya'a. \v 32 Ergaan nami Waaqaa sun, ajaja Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa ta Bet'elii irratti, addee waaqonfanna'aa ta qachaa Samaariya'aa mara keessaa irratti morme, dhugumaan hin muummotti» jedhe. \s1 Cubbuu Yerobi'aamii Ta Balaa Fidde \p \v 33 Eega tun teeteeyyuu, mootichi Yerobi'aam ittuma dabalee gosuma mara keessa, worra addee waaqonfanna'aatiif hayyoota te'uu barbaadu adda baasee, addee waaqonfanna'aatiif, hayyoota filate malee, hujii hantuu ifii irraa hin deebine. \v 34 Cubbuu tanatti sanyii Yerobi'aamii gara jinnanaatii fi gara lafa irraa ijjumaa badiisaa geesse. \c 14 \s1 Du'a Ilma Yerobi'aamii \p \v 1 Bara san ilmi Yerobi'aamii Abiiyaan dhibame. \v 2 Mootichi Yerobi'aam haadha manaa ifiitiin, «Ka'iitii, haadha manaa tiyya akka teete nami tokkolle akka si hin beennetti uffadhuutii, gara addee raagichi Ahiiyaan, ka kolbaa tana irratti akka ani mootii te'u natti hime jiruu, Shiiloo dhaqi. \v 3 Yennaa dhaxxu daabboo xaltaa kudhan, bixee zayitii dibante diqqoo isi'iitii fi damma okkotee tokko qabadhuutii gara isaa dhaqi. Inni waan ilmi keenna te'uuf jiru si'itti hin hima» jedhe. \p \v 4 Maarre haati manaa Yerobi'aamiille akkuma inni jedhe gootee, gara qachaa Shiilo'oo gara mana Ahiiya'aa dhaxxe. Ahiiyaan waan dulloomeeruuf ilti isaa dhaggiisa dadhaddeertiiyyu. \v 5 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Kunoo, haati manaa Yerobi'aamii, ilmi isi'ii waan dhibameeruuf, marroo isaa si gaafatiisaaf dhufaarti. Ati, ‹Akkas, akkas› jedhiitii deebii isi'iif kenni. \p «Isiin nama dhibii ifi fakkeessitee, gara keeti hin dhutti» jedhee raagicha Ahiiya'atti hime. \v 6 Raagichi Ahiiyaan ammoo, ijjata isi'ii balbala irratti yennaa dhage'e, «Haadha manaa Yerobi'aamii, ol seen! Ati maaf nama dhibii ifi fakkeessita? Ani oduu badduu sitti himiisaaf ergameera. \v 7 Dhaqiitii waan Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii jedhu, Yerobi'aamitti himi! Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani odduu kolba'aatii si filee, kolbaa tiyya Israa'el irratti sooressa si godhe. \v 8 Ani mootummaa sanyii Daawitii irraa fuudhee si'iif kenne; ati ammoo akka tajaajilaa kiyya Daawitii, ka ajaja kiyya eegatee, gadhaa tokkochaan na hordofee, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujee hin teene. \v 9 Ati sibiila baqsiifame irraa waaqota dhibii, waaqota dharaa hujisiittee, na aarsitee mootota si'iin duraa caalaa, waan hantuu hujjee, dudda natti galte. \v 10 Tanaaf ani maatii Yerobi'aamii irratti badii hin fida; maatii isaa ka garba te'e yookiin ka garba hin te'in, ilmaan dhiiraa ta isaa mara Israa'el keessaa hin balleessa; akkuma nami kosii gubee balleessu, anille maatii Yerobi'aamii hin balleessa. \v 11 Maatii isaa worra qachaa keessatti du'u mara sareen hin nyaatti; worra qacha'aan alatti du'u allaattiin hin nyaatti; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha» jedhe. \p \v 12 Achiin duuba Ahiiyaan haadha manaa Yerobi'aamiitiin, «Ati gara mana keetii deebi'i; akkuma ati qachaa seenteen ilmi keeti hin du'a. \v 13 Israa'elooti marti isaaf bowanee, isa hin awwaalan; maatii Yerobi'aamii keessaa, nami Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii itti gammade, isa qofa waan te'eef, isa qofatti awwaala dansaa dhaggata. \v 14 Mootiin Waan Maraa mootii haareya Israa'el irratti mootii te'ee, adhuma maatii Yerobi'aamii ijjumaa balleessu hin mootonsa; Tun ammuma hin teeti. \v 15 Israa'elooti utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu hujanee, Mootii Waan Maraa waan aarsaneef, inni isaan adabee akka shonbooqqoo bisaan keessaa isaan hin raasa; lafa dansaa abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessalle'ee isaan ari'ee, laga Efraaxiisiitiin gamatti isaan hin bittinneessa. \v 16 Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka huju waan godheef, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii hin lakkisa» jedhe. \p \v 17 Haati manaa Yerobi'aamii kaatee, gara qachaa Tiirza'aa deebite; akkuma isiin gulantaa balbalaa irra geetteen, ilmi isi'ii du'e. \v 18 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii raagicha Ahiiya'aatiin dubbate, Israa'elooti marti bowanee, isa awwaalane. \p \v 19 Wonni dhibiin ta mootichi Yerobi'aam huje, attam akka lolee fi akka bulche, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 20 Yerobi'aam mootii te'ee woggaa diddamii lama bulcheen duuba du'e; addee isaatitti ilmi isaa Naadaab mootii te'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Rehobiyaam \p \v 21 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam biyya Yihuda'aatitti mootii yennaa te'e, nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni qachaa Yerusaalemii ka Mootiin Waan Maraa maqaan isaa akka itti waamamuuf, qachoota gosa Israa'elii mara keessaa filate keessa tee'ee, woggaa kudha torba bulche; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti. \p \v 22 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; isaan cubbuu hujane saniin, abbootii ifii ta durii caalaa aarii Mootii Waan Maraa ta hinaaffa'aa kakkaasane. \v 23 Isaan koobota dhedheertuu mara irratti addee waaqonfanna'aa, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, gaaddisa muka banqaaqa'aa mara jalalle'etti hujatane. \v 24 Lafa san keessa galmi dhiirti keessatti wol bukkoonsituuyyuu jira. Isaan akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baasee, waan Mootii Waan Maraa diqachiisu\f + \fr 14:24 \fr*\fqa Diqachiisu: \fqa*\ft Akka malee jibbisiisu jechu'u.\ft*\f* bacaa hujane. \p \v 25 Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi biyya Gibxi'ii Shiishaaq qachaa Yerusaalemii lole. \v 26 Inni qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessa jiru mara, wontee mootichi Solomoon worqii irraa hujisiise maralle fudhate. \v 27 Maarre mootichi Rehobiyaam, addee wontee worqi'ii san, wontee sageettu'uu hujisiisee, ajajjoota eeddota seensuma dalleya mana mootumma'aa eeganutti kenne. \v 28 Yennaa mootichi gara Galma Waaqaa dhufu mara, eeddoti wontee san fudhatanee qabatan; achiin duuba wontee san, gara kolloo eeddotaatitti deebisan. \p \v 29 Wonni dhibiin ta mootichi Rehobiyaam huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 30 Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara ifii mara wol lolaa turane. \v 31 Rehobiyaam du'ee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii ifiititti awwaalame; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti. Ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e. \c 15 \s1 Mootii Yihuda'aa Abiiyaa \p \v 1 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. \v 2 Mootichi Abiiyaan Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti. \v 3 Mootichi Abiiyaan cubbuu abbaan isaa dur huje mara huje; inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif hin addatanne. \v 4 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa Daawitiif jedhee, qachaa Yerusaalemii jabeessee, ilma isaan duuba barcumaa mootummaa isaa irra tee'u, Abiiya'aaf kenniisaan akka issa'aatitti addii isaaf kenne muummesse. \v 5 Daawiti cubbuu Uriiyaa Heeticha irratti huje malee, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hujeera; bara jiruu ifii mara ajaja Mootii Waan Maraa eegateera. \v 6 Bara jiruu Abiiya'aa mara Rehobiyaamii fi Yerobi'aam wodhakkaa lolli jiraayyu. \v 7 Wonni dhibiin ta mootichi Abiiyaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wol lolaa turane. \p \v 8 Abiiyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Aasaan mootii te'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Aasaa \p \v 9 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. \v 10 Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche; maqaan akkoo isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti. \v 11 Aasaan akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. \v 12 Mootichi Aasaan addee dhiirti itti wol bukkoonsitu lafa san keessaa balleesse; waaqota dharaa ka abbootiin isaa hujjelle mara balleesse. \v 13 Akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedroonii keessatti gube. \v 14 Aasaan addee waaqonfanna'aa mara balleessuu dhabulle, haga bara jiruu ifii mara, Mootii Waan Maraatiif addatameera. \v 15 Inni meya adda addaa ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf woyyoonse, meeti'ii fi worqii mara fidee, Galma Waaqaa keessa keye. \p \v 16 Mootiin Yihuda'aa Aasaanii fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan, bara mootummaa isaanii mara wol lolaa turane. \v 17 Mootiin Israa'elii Baa'ishaan biyya Yihuda'aa lolee, eennulle gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaare. \v 18 Maarre mootichi Aasaan, meeti'ii fi worqii Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa keessatti hatte mara fuudhee, qondaaltota ifiititti kennee, gara mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaadii ilma Xaabriimoonii, akaakoo Heziyoonii ka qachaa Damaasqo'oo keessa jiruu ergee, \v 19 «Akkuma abbaan kiyyaa fi abbaan keeti wolii galtee godhatane, anii fi atille wolii galtee godhannuu ti. Kunoo ani kennansa meeti'iitii fi worqi'ii si'iif ergeera; amma mootichi Israa'elii Baa'ishaan, akka na irraa deebi'u, wolii galtee isa woliin godhatte san diigi» jedhe. \p \v 20 Mootichi Ben-Hadaad mooticha Aasaan woliin wolii galee, ajajjoota loltootaa gara qachoota Israa'elii akka duulanu godhe; isaanille Iiyon, Daan, Abeel-bet-ma'akaa, Kenerootii fi Niftaalemille mara qabatane. \p \v 21 Mootichi Israa'elii Baa'ishaan tana yennaa dhage'e, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu lakkisee, gara qachaa Tiirza'aa deebi'e. \p \v 22 Achiin duuba mootichi Aasaan, namoota biyya Yihuda'aa maratti lassii dabarse; isaan keessaa nami tokkolle adoo hin hafin dhufanee, dhaka'aa fi muka mootichi Baa'ishaan qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsisaa ture san fuudhanee deemane. Mootichi Aasaan dhaka'aa fi muka saniin, lafa Beniyaamin keessatti qachaa Geba'aatii fi Miispha'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsise. \p \v 23 Wonni dhibiin ta mootichi Aasaan huje marti, milkayiis isaatii fi qachaan inni ijaarsise, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Inni yennaa dulloome ammoo, dhukkuba miilaatiin qabame. \v 24 Aasaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Yoshaafaax addee isaatitti mootii te'e. \s1 Mootii Israa'elii Naadaab \p \v 25 Mootichi Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Naadaab mootii Israa'el te'ee, woggaa lama bulche. \v 26 Inni akkuma abbaa ifii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe. \p \v 27 Naadaabii fi Israa'elooti marti qachaa Filisxeemotaa Giibetoon marsanee adoo jiranuu, gosa Yisaakorii keessaa ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, Naadaab irratti mala dhowee, isa ijjeese. \v 28 Maarre Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, Baa'ishaan Naadaab ijjeesee, addee isaatitti mootii Israa'elii te'e. \v 29 Inni akkuma mootii te'een, maatii Yerobi'aamii mara ijjeesee fixe; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii, raagicha Ahiiyaa nama qachaa Shiilo'ootiin dubbate, inni maatii Yerobi'aamii tokkolle adoo hin hamburin mara isaanii fixe. \v 30 Tunille sababa Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarseef teete. \p \v 31 Wonni dhibiin ta mootichi Naadaab huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 32 Mootiin Yihuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan bara mootummaa ifii mara wol lolaa turane. \s1 Mootii Israa'elii Baa'ishaa \p \v 33 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, qachaa Tiirza'aa keessatti mootii te'ee, woggaa diddamii afur bulche. \v 34 Baa'ishaan akkuma Yerobi'aamii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe. \c 16 \p \v 1 Jechi Mootii Waan Maraa gara Yehuu raagicha ilma Haanaanii dhufee marroo mooticha Baa'isha'aa dubbatee, \v 2 «Ani bukuu keessaa si kaasee, sooressa kolbaa tiyya Israa'elii si godheera; ati ammoo akka Yerobi'aamii cubbuu hujjee, kolbaan tiyyalle cubbuu hujjee, cubbuu ifiitiin akka na aarsitu gooteerta. \v 3 Tanaaf ani akkuma maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii balleesse, si'ii fi maatii teeti hin balleessa. \v 4 Maatii teeti keessaa worra qachaa keessatti du'u mara, sareen hin nyaatti; worra qacha'aan alatti du'u mara, allaatiin hin nyaatti» jedhe. \p \v 5 Wonni dhibiin ta mootichi Baa'ishaan huje martii fi milkayiis isaa, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 6 Mootichi Baa'ishaan du'ee, qachaa Tiirza'aa keessatti awwaalame; ilmi isaa Elaan addee isaatitti mootii te'e. \p \v 7 Mootichi Baa'ishaan, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, akkuma maatii Yerobi'aamii waan hantuu huje saniin Mootii Waan Maraa aarsee, maatii Yerobi'aamiille ijjeesee waan fixeef, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagicha Yehuu ilma Haannaaniitiin isaa fi maatii isaa irratti dhufe. \s1 Mootii Israa'elii Elaa \p \v 8 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii jayeesso'ootitti, ilmi Baa'ishaa Elaan Israa'el irratti mootii te'ee, qachaa Tiiza'aa keessa tee'ee, woggaa lama bulche. \v 9 Qondaaltota isaa keessaa tokko ka, «Ziimri» jedhamu, ajajaan gamisa garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu, isa irratti mala dhowe. Yennaa san mootichi Elaan qachaa Tiirza'aa keessatti, mana Aarza'aa ka itti gaafatamaa mana mootumma'aa keessatti unee machoweeraayyu. \v 10 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri mana seenee Elaa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. \p \v 11 Ziimri mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa irra akkuma tee'een, maatii Baa'ishaa mara ijjeesee fixe; inni fira yookiin jaalota isaa keessaa dhiira tokkolle adoo hin hamburin fixe. \v 12 Maarre Ziimri akkuma jechi Mootii Waan Maraa, karaa raagicha Yehuutiin marroo mooticha Baa'isha'aa dubbate, maatii Baa'ishaa mara balleesse. \v 13 Baa'ishaa fi ilmi isaa Elaan waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan cubbuu hujanee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhanee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii waan aarsaneef, tun teete. \v 14 Wonni dhibiin ta mootichi Elaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \s1 Mootii Israa'elii Ziimri \p \v 15 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee, guyyaa torba callaa bulche; yennaa san loltooti Israa'elii, qachaa worra Filisxeemotaa, Giibetoon marsitee achi qubatteerti. \v 16 Loltooti Israa'eloota ta addee quttumaa jirtu, Ziimri mala dhowee mooticha akka ijjeese yennaa dhageette, guyyuma san, addee quttumaa san keessatti ajajaa ifii Omiri Israa'el irratti mootii godhane. \v 17 Achiin duuba Omiri, loltoota ifii mara woliin qachaa Giibetoonii lakkisee, dhaqee qachaa Tiirza'aa marse. \v 18 Ziimri qachaan akka qabame yennaa dhagge, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aa qabu san ol seenee, mana mootumma'aa san ifi irratti gubee, ibidda saniin du'e. \v 19 Inni akkuma Yerobi'aamii fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju waan godheef tun teete. \v 20 Wonni dhibiin ta mootichi Ziimri hujee fi finqilli inni kaase, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \s1 Mootii Israa'elii Omiri \p \v 21 Achiin duuba kolbaan Israa'elii addee lamatti qoodante; kolbaan gamisi ilma Giinatii Tiibnii mootii godhatiisa barbaadde; worri gamisi Omiri mootii godhatiisa barbaade. \v 22 Kolbaan Omiri hordotte ammoo, kolbaa ilma Giinatii Tiibnii hordotte injifatte; maarre Tiibni du'ee, Omiri mootii te'e. \v 23 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa soddomii tokkeesso'ootitti, Omiri mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii lama bulche; woggoota tana keessaa woggoota jaa qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee bulche. \v 24 Inni kooba Shamroonii meetii kuma jaan namicha, «Shemeri» jedhamu irraa bitatee, qachaa irratti ijaaree, qachaa san maqaa Shemerii ka abbaa kooba san gurgureetiin, «Samaariyaa» jedhee moggaase. \p \v 25 Omiri mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 26 Inni akkuma Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka aarsanu godhe san mara huje. \v 27 Wonni dhibiin ta mootichi Omiri huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 28 Omiri du'ee qachaa Samaariya'aatitti awwaalame; ilmi isaa Ahaab addee isaatitti mootii te'e. \s1 Mootii Israa'elii Ahaab \p \v 29 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Omirii Ahaab Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii lama Israa'el bulche. \v 30 Ilmi Omirii Ahaab mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 31 Inni cubbuu mootichi ilmi Nebaatii Yerobi'aam huje akka waan kaso'ootitti ilaalee, ifille'eef cubbuma san huje; itti dabaleelle intala Etba'aalii mooticha Sidoonii Iizaabel fuudhee, waaqa dharaa Ba'aal tajaajiliisaa fi waaqonfatiisa jalqabe. \v 32 Inni Samaariyaa keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif galma ijaaree, achi keessatti addee ciinca'aa huje. \v 33 Inni ammalle utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujee, mootota Israa'elii ta isaan qaraa mara caalaa cubbuu hujee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarse. \v 34 Bara Ahaabii keessa, nami qachaa Bet'elii Hii'el qachaa Yeriko'oo deebisee ijaare. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Iyaasuu ilma Nuniitiin dubbate, guyyaa Hii'el hundee qachaa Yeriko'oo dhaabe, ilmi angafichi isaa Abiiram du'e; guyyaa inni karra qachaa sanii baase, ilmi isaa maandhich Seguub du'e. \c 17 \s1 Eliyaas Oolaan Akka Dhufaaru Hime \p \v 1 Eliyaas ka biyya Giil'aadii keessa Tishibee keessa le'u, mooticha Ahaabiin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa Israa'elii ka ani tajaajiluu, jecha kiyyaan malee, woggoota dhufanu keessa fixeensi lafa irratti hin dhaggamu yookiin bokkeenni hin roobu» jedhe. \p \v 2 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, \v 3 «Addee tanaa ka'ii karaa aduun baatu dhaqiitii, dhooqa Keriitii ka Yordaanos irraa karaa aduun baatu jirutti dhokadhu. \v 4 Dhooqa san keessaa bisaan hin unta; achitti sagaleelle akka sii fidu harraaqessa ajajeera» jedhe. \p \v 5 Maarre Eliyaas akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje, gara dhooqa Keriitii ka laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiru dhaqee achi ture. \v 6 Harraaqessi daabbo'oo fi foon ganamaa fi galgala isaaf fidaayyu; inni bisaanille laga san keessaa unaayyu. \v 7 Bokkeenni lafa irraa waan dhabameef, yennaa diqqo'oon duuba lagi sun goge. \s1 Eliyaasii Fi Haadha Hiyyeessaa Ta Qachaa Saraaphta'aa \p \v 8 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, \v 9 «Ka'ii, gara qachaa Saraaphta'aa ka biyya Sidoonii keessa jiruu dhaqii achi le'i. Haati hiyyeessaa ta achi leetu takka, akka sii areertu ani ajajeera» jedhe. \v 10 Maarre Eliyaas gara qachaa Saraaphta'aa dhaqee, karra qacha'aa bira yennaa geye, haadha hiyyeessaa ta haasumee qocattu takka dhaggee, isii waamee, «Maganne'e bisaan unu naa fidi» jedheen. \v 11 Isiin bisaan isaaf fidiisaaf dhaqiisatti adoo jirtuu, inni isii waamee, «Maganne'e daabboo diqqoo isi'iille naa fidi» jedhe. \p \v 12 Isiin deebittee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraata'aa, ani bullaa ooboo tokko ta okkotee keessa jirtuu fi zayitii ejersaa cingoo okkotee keessa jirtu malee, daabboo ijjumaa hin qabu. Ani haasumee qocadhee gara mana kiyyaa deebi'ee, ifii fi mucaa kiyyaaf sagalee bilcheessiisaaf as dhufe; achiin duuba beelaan duuna» jetteen. \p \v 13 Eliyaas isi'iin, «Hin sodaatin; gara manaa dhaqiitii akkuma jette godhi; dursiitii bullaa diqqoo qaddu san irraa, bixee diqqoo bilcheesiitii naa fidi; achiin duuba ifii fi ilma keetiif bilcheessi. \v 14 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Haga ani lafa irratti bokkeya roobisiisutti, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumattu› jedha» jedhe. \p \v 15 Isiin dhaxxee akkuma Eliyaas jedhe goote; maarre isi'ii fi maatiin isi'ii, Eliyaasille sagalee guyyaa hedduu isaaniif geettu dhaggatane. \v 16 Waaqi karaa Eliyaasiitiin akkuma waadaa gale, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumanne. \p \v 17 Guyyaa diqqa'aan duuba ilmi haadha hiyyeessa sun dhibame; dhibeen waan itti hammaatteef dhuma irratti du'e. \v 18 Isiin Eliyaasiin, «Ee nama Waaqaa ani maan si godhe? Ati cubbuu tiyya Waaqa qaabachiittee, ilma kiyya ijjeesiisaaf as dhuttee?» jettee gaafatte. \p \v 19 Eliyaas deebisee, «Ilma keeti natti kenni» jedhee harka isi'ii irraa fuudhee, gara mana mana irratti ijaarramee geessee, taqee ifii irratti irkise. \v 20 Achiin duuba Eliyaas qoonqoo guddo'oon, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, haadha hiyyeessaa ta ani bira turu tana, ilmi isi'ii akka du'u godhiisaan, waan hantuu akkasii maaf isii irratti fidde?» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye. \v 21 Achiin duuba inni ilma san irratti yennaa sad itti gombifamee, «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, maganne'e lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu godhi» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye. \v 22 Mootiin Waan Maraa iyya Eliyaasii dhage'ee, mucaalle lubbuun itti deebitee fayye. \p \v 23 Eliyaas mana mana irratti ijaarame irraa mucaa gad buusee, «Kunoo, mucaa keeti lubbuun itti deebiteerti» jedhee haadha isaatitti isa kenne. \p \v 24 Achiin duuba isiin, Eliyaasiin, «Ati nama Waaqaa akka teetee fi jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dhugaa akka te'e beekeera» jetteen. \c 18 \s1 Eliyaasii Fi Raagota Ba'aalii \p \v 1 Yennaa heddu'uun duuba, woggaa sadeesso'oo keessa, jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, «Dhaqiitii mooticha Ahaabitti mudhadhu; anille lafa irratti bokkeya hin roobisiisa» jedhe. \v 2 Maarre Eliyaas akkuma ajajame gara Ahaabii dhaqe. \p Yennaa san Samaariyaa keessatti beelti hammaatteertiiyyu. \v 3 Maarre mootichi Ahaab itti gaafatamaa mana mootummaa isaa Obaadiyaa waansise; Obaadiyaan nama guddoo Mootii Waan Maraa sodaatu. \v 4 Iizaabel yennaa raagota Mootii Waan Maraa ijjeesisaa turte, Obaadiyaan raagota dhibba tokko fuudhee, shantama shantamaan addee lamatti qoodee, goda dhaka'aa lama keessatti dhossee, sagale'ee fi bisaan isaaniif dhikeessaayyu. \v 5 Mootichi Ahaab, Obaadiya'aan, «Ka'iitii, biyya keessa gara madda bisaanii maraa fi laga maraa dhaqi; dedha fardoon, gaangotii fi horiin keenna akka hin duune marra dhagganna fa'a te'a» jedhe. \v 6 Maarre Ahaabii fi Obaadiyaan biyya keessa deemanu qoqoodamanee, Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan karaa dhibii deemane. \p \v 7 Obaadiyaan adoo deemiisatti jiruu Eliyaasiin wol dhagge; inni Eliyaas akka te'e hubatee, fuula ifiitiin lafatti gad gombifamee, «Ati dhugumaan, goottaa kiyya Eliyaasii?» jedhee gaafate. \p \v 8 Eliyaas deebise, «Eeti'i ana; dhaqiitii, ‹Eliyaas as jira› jedhii goottaa keetitti himi» jedhe. \p \v 9 Obaadiyaan deebisee Eliyaasiin, «Ani maan yakkinaan, mootichi Ahaab ana tajaajilaa keeti akka ijjeesuuf, harka isaatitti dabarsitee na kennita? \v 10 Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa keetii, goottaan kiyya si barbaadiisaaf, kolbaan yookiin mootummaan inni nama itti hin ergin tokkolle hin jirtu; kolbaan yookiin mootummaan, ‹Inni as hin jiru› yennaa jettu, akka ati achi hin jirre mirkaneeffatiisaaf, isaan kakachiisaayyu. \v 11 Amma ammoo ati akka ani gara goottaa kiyyaa dhaqee, ‹Eliyaas as jira› jedhee itti himu barbaaddaa ree? \v 12 Ani yennaa si biraa deemu, ayyaanni Mootii Waan Maraa eessa akka si geessu waan hin beenneef, ani dhaqee isatti himee, inni yoo si dhagguu dhabe, na hin ijjeesa; ani tajaajilaan keeti ijoollummaa tiyyaan jalqabee Mootii Waan Maraa hin sodaadha. \v 13 Iizaabel yennaa raagota Mootii Waan Maraa ijjeesisiitte, waan ani godhe, ati goottaan kiyya hin dhageennee? Ani raagota Mootii Waan Maraa dhibba tokko, shantama shantamaan addee lamatti qoodee, goda dhaka'aa lama keessatti dhossee, sagale'ee fi bisaan isaaniif kenne. \v 14 Ati amma ani gara goottaa kiyyaa dhaqee, ‹Eliyaas as jira› jedhee akka itti himu barbaaddaa ree? Yoo ani tana godhe inni na hin ijjeesa» jedhe. \v 15 Eliyaas deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa waan mara dadee, ka ani tajaajiluu, dhugumaan ani adha mooticha Ahaabitti hin mudhadha» jedhe. \p \v 16 Maarre Obaadiyaan dhaqee addee Eliyaas jiru mooticha Ahaabitti hime; Ahaabille ka'ee Eliyaasiin wol dhaggiisaaf deeme. \v 17 Ahaab yennaa Eliyaas dhagge, «Ka Israa'el rakkisu ada si'ii?» jedhe. \p \v 18 Eliyaas deebisee, «Ajaja Mootii Waan Maraa lakkittanee, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan, Israa'el irratti rakkoo ka fidde si'ii fi maatii abbaa keetiiti malee, anaa moti. \v 19 Amma nama ergiitii kolbaa Israa'elii mara, raagota Ba'aalii dhibba afurii fi shantama, raagota waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu dhibba afur worra qorii Iizaabelii keessaa nyaatanu, gaara Qarmelosii irratti wolitti naaf qabi» jedhe. \p \v 20 Tanaaf Ahaab Israa'eloota maratti nama ergee, raagota san gaara Qarmelosii irratti wolitti qabe. \v 21 Eliyaas kolbaa dura dhikaatee, «Haga yoomii yaada lamaan daaxxan? Mootiin Waan Maraa Waaqa yoo te'e isa hordofa'a Yookiin Ba'aal Waaqa yoo te'e isa hordofa'a!» jedhe. Kolbaan ammoo waan tokkolle hin deebinne. \v 22 Achiin duuba Eliyaas kolba'aan, «Raagota Mootii Waan Maraa keessaa nami hafe na qofa; Ba'aal ammoo raagota dhibba afurii fi shantama qaba. \v 23 Korommii lama nu'uuf dhikeessa'a; raagoti Ba'aalii korma tokko filatanee qalanuu ti; foon isaalle kukkutanee qoraanirra naqanuu ti; ammoo ibidda itti hin gabbisin; anille korma lammeesso'oo qalee qopheessee qoraanirra naqa; ammoo ibidda itti hin gabbisu. \v 24 Achiin duuba raagoti Ba'aalii gara waaqa ifii daadimatanuu ti; anille gara Mootii Waan Maraa kiyyaa hin daadimadha; waaqi ibiddaan deebii kennu, inni Waaqa dhuga'aa ti» jedhe. \p Kolbaan marti, «Wonni ati jette dansa'a» jette. \p \v 25 Achiin duuba Eliyaas raagota Ba'aaliitiin, «Isin hedduu waan teetaneef, korma tokko filadha'aatii, dursa'a qala'aa qopheessa'a; achiin duuba maqaa waaqa keessanii waammadha'a; ammoo ibidda itti hin gabbisina'a» jedhe. \p \v 26 Maarre korma isaaniif kenname san qalanee qopheessanee, ganamaa haga saatii jaatitti waaqa Ba'aalii waammatane; isaan, «Ba'aal nuu dhage'i» jedhaa iyyane; adaala addee ciinca'aa ta ijaarane sanii cinaa maraa sirbane malee, deebiin hin jirtu; ka isaaniif deebii kennelle hin jiru. \p \v 27 Guyyaa saatii jaatti Eliyaas, «Dhugumaan inni waaqaa motii ree! Takki yaadiisatti jira; yookiin huji'itti itti bacateera; yookiin karaa deemeera yookiin rafeera fa te'a, isa dammassiisaaf qoonqoo teessan ol qabadha'aatii iyya'a!» jedhee isaanitti murge. \v 28 Maarre raagoti dharaa qoonqoo ifii ol qabatanee iyyanee, akkuma aadaa isaanii dhiigi isaanii haga jigutti, shallaaga'aa fi ebo'oon nafa ifi mammadeessane. \v 29 Isaan guyyaa saatii jaan duuba, haga ciincaa galgalaatitti raaga carraaqane; ammoo deebiin hin jirtu; ka deebii isaaniif kenne, ka isaan caqaselle hin jiru. \p \v 30 Achiin duuba Eliyaas kolbaa maraan, «Gara kiyya kowa'a!» jedhe; isaanille gara isaa dhufane. Innille addee Mootii Waan Maraatiif ciincaa itti dhikeessanu ta diigante deebisee ijaare. \v 31 Inni laakkossa gosa ilmaan Yaaqoobii kudhanii lamaatiin, dhakoota kudhanii lama fuudhe; Yaaqoobiin kun ka Mootiin Waan Maraa, «Maqaan keeti Israa'el te'a» jedhee moggaase. \v 32 Inni dhakaa kanaan maqaa Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa ijaare; addee ciinca'aa sanitti marsee boolla bisaan litirii gara kudhanii afur qabattu qote. \v 33 Inni addee ciinca'aa san irra qoraan naqee, foon korma qalamee san kukkutee qoraanirra naqe; achiin duuba, «Okkotee afuritti bisaan guuta'aatii, ciinca'aa fi qoraan san irratti dhangalaasa'a!» jedhe. Isaanille akkasuma godhane. \v 34 Inni, «Lammeessoo itti dhangalaasa'a!» jedheen. Isaanille akkasuma godhane. Inni, «Sadeessoo itti dhangalaasa'a» jedhee ajaje; isaanille sadeessoo itti dhangalaasane. \v 35 Bisaan adaala addee ciinca'aa san maratti gad yaa'ee, boolla addee ciinca'aa san guute. \p \v 36 Yennaa ciincaa galgalaa, raagichi Eliyaas gara addee ciinca'aa dhikaatee, «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii, ati Waaqa Israa'elii akka teete, anille tajaajilaa keeti akka te'e, waan kana mara ajaja keetiin akka godhe, adha akka beekkamu godhi. \v 37 Kolbaan tun akka ati Mootii Waan Maraa Waaqa teete, qalbii isaaniille gara ifii deebisiisatti ka jiru si akka teete akka beettu, naa dhage'i; ee, Mootii Waan Maraa deebii naa kenni» jedhe. \p \v 38 Achiin duuba ibiddi Mootii Waan Maraa bu'ee, ciincaa, qoraan, dhakootaa fi biyyee san nyaatee, bisaan boolla keessaalle arraabe. \v 39 Kolbaan marti tana yennaa dhaggite, fuulaan lafatti gad gombifantee, qoonqoo guddo'oon, «Mootiin Waan Maraa kun Waaqa; Mootiin Waan Maraa kun Waaqa» jette. \p \v 40 Achiin duuba Eliyaas, «Raagota Ba'aalii qaba'a! Isaan keessaa nami tokkolle hin bayin!» jedhee isaan ajaje. Kolbaan isaan mara qadde; Eliyaasille isaan mara gara dhooqa Qiisonii geessee, achitti isaan fixe. \s1 Barri Oola'aa Hobba'e \p \v 41 Achiin duuba Eliyaas mooticha Ahaabiin, «Gikkeessi bokkeya hama'aa waan jiruuf, ol bayiitii nyaadhu; unille'e» jedhe. \v 42 Maarre Ahaab nyaatee uniisaaf ol baye; Eliyaas ammoo gara qaccee gaara Qarmelosii ol bayee, jilba ifii lamaan wodhakka'atti gara lafaa gad jedhe. \v 43 Inni tajaajilaa ifiitiin, «Dhaqiitii gara fuullee abbaaya'aa ilaali!» jedhe. \p Tajaajilaan isaalle dhaqee ilaalee, «Wonni tokkolle achi hin jiru» jedhe. Achiin duuba Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Yennaa torba ammalle deebi'ii dhaqi» jedheen. \v 44 Tajaajilaan isaa yennaa torbeesso'ootitti, «Duumensi diqqaan harka namaa hin caalle, abbaayaa irraa ol ka'uun dhagge» jedhe. \p Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Gara Ahaabii mootichaa dhaqiitii, ‹Adoo bokkeenni si hin kutin, garreettaa keeti ka fardaan harkifamu irra tee'iitii gara mana keeti gad bu'i› jedhii itti himi» jedhee ajaje. \p \v 45 Yennuma san gubbaan duumensaan gurraachotte, bubbeen bubbittee, bokkeenni hamaan bu'e. Mootichi Ahaabille garreettaa fardaan harkifamu irra tee'ee gara Yizre'elii deeme. \v 46 Hunni Mootii Waan Maraa Eliyaas irratti buute; inni woyaa ifii ol caccaffatee hidhatti sikkatee, haga seensuma Yizre'elii Ahaabiin dura rukkise. \c 19 \s1 Eliyaas Gara Gaara Siina'aa Baqate \p \v 1 Mootichi Ahaab waan Eliyaas godhe mara, raagota Ba'aalii maralle attam akka inni shallaaga'aan ijjeese, haadha manaa ifii Iizaabelitti hime. \v 2 Maarre Iizaabel gara Eliyaasii nama ergitee, «Akkuma ati raagota Ba'aalii ijjeette, boru yennaa tanatti yoo ani si hin ijjeesin, waaqoti na ijjeesanuu ti!» jette. \v 3 Eliyaas sodaatee lubbuu ifii hamburatiisaaf baqate; inni biyya Yihuda'aa keessa Bersheebaa yennaa geye, tajaajiltoota ifii achitti lakkisee, \v 4 guyyaa tokko guutuu goomolee keessa deemeen duuba, gaaddisa muka ittachaa jala tee'ee, «Ani abbootii tiyya ta durii waan hin caalleef, amma na hin geettii, Waaqa kiyya na ijjeesi!» jedhee daadimate. \p \v 5 Achiin duuba inni muka ittachaa san jala irkatee adoo rafee jiruu, ergamaan Waaqaa tokko isa tuqee, «Ka'iitii, nyaadhu» jedhe. \v 6 Eliyaas dammaqee adaala ifii yennaa ilaale, bixee daabbo'oo ta dhakaa o'u irratti bilchaattee fi okkotee bisaanii takka mataa ifii duratti dhagge. Inni nyaatee uneen duuba deebi'ee rafe. \v 7 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammalle deebi'ee dhufee, isa tuqee, «Karaa fagoo waan deentuuf, ka'iitii nyaadhu!» jedheen. \v 8 Maarre Eliyaas ka'ee, nyaatee une; hunna sagalee saniitiin, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama haga Siinaa gaara Waaqaa deeme. \v 9 Inni akkuma achi geyeen goda takka seenee bule. \p Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jedhee gaafate. \p \v 10 Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe. \v 11 Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Ani achiin waan dabaruuf, goda keessaa bayiitii gaara gubbaa na dura dhaabbadhu!» jedhe. Achiin duuba qilleensi jabaan hunnaamessi Mootii Waan Maraa duratti gaara dhodhoosee, rassaa butuche; Mootiin Waan Maraa ammoo qilleensa san keessa hin jiruuyyu; qilleensaan duuba latti tachoote; Mootiin Waan Maraa ammoo tacho'a lafaa san keessa hin jiruuyyu. \v 12 Tacho'a lafaatiin duuba ibiddi dhufe; Mootiin Waan Maraa ammoo ibidda san keessa hin jiruuyyu. Ibiddaan duuba qoonqoon akka hasaassa'aa dhage'ante. \p \v 13 Eliyaas qoonqoo akka hasaassa'aa yennaa dhage'e, woyaa fuula ifiititti hagooggatee, bayee afaan godaa dura dhaabbate. Achiin duuba qoonqoon takka, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jetteen. \p \v 14 Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe. \v 15 Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Karuma dhutte deebi'iitii, gara goomolee Damaasqo'oo deemi; yennaa achi geette Sooriyaa irratti mootii akka te'u Hazaa'el muudi. \v 16 Israa'el irratti mootii akka te'u, ilma Niimshaayii Yehuu muudi. Addee teetitti raagicha akka te'u, nama biyya Abeel Mehola'aa ilma Shaafaaxii Elsaa'i muudi. \v 17 Nama shallaagaa Hazaa'elii jalaa miliqe mara, Yehuun hin ijjeesa; nama shallaagaa Yehu'uu jalaa miliqe mara, Elsaa'i hin ijjeesa. \v 18 Te'uu malee ani worra jilbiiffatanee Ba'aaliif hin sagadin, afaan ifiitille'een ka fakkii Ba'aalii hin sunqatin, namoota kuma torba Israa'elii keessatti hin hambura» jedhe. \s1 Waammamiisa Elsaa'ii \p \v 19 Maarre Eliyaas achii ka'ee yennaa deemu, ilmi Shaafaaxii Elsaa'i qotiyyoo ximmaadii kudhanii tokkoon qochisiisaa, ifiif ammoo ximmaadii kudhanii lammeesso'ootiin qotiisatti jiruun dhagge. Eliyaas isa bira yennaa geye, woyaa ifii darbatee Elsaa'i irra buuse. \v 20 Achiin duuba Elsaa'i qotiyyoo lakkisee, gara Eliyaasii rukkisee, «Abbaa kiyyaa fi haadha tiyya sunqadhee, nageya itti dhaamee deebi'ee akka si hordofu naa eeyyam» jedhe. \p Eliyaas deebisee, «Tole; ani si hin dhooggu deemi» jedhe. \p \v 21 Maarre Elsaa'i isa biraa deebi'ee deemee qotiyyoo lama qale; inni meya qotiyyo'oo ka ittiin qotu san bobeessee, foon san iffeelee kolba'aaf kenne; isaanille nyaatane. Achiin duuba Elsaa'i ka'ee, Eliyaas hordofee qarqaaraa isaa te'e. \c 20 \s1 Mootiin Sooriya'aa Ben-Hadaad Samaariyaa Lole \p \v 1 Mootiin Sooriya'aa Ben-Hadaad loltoota ifii mara wolitti qabate; inni mootota soddomii lama fardoo isaaniitii fi garreettaa isaanii ka fardaan harkifamu woliin ol bayee, qachaa Samaariya'aa marsee lole. \v 2 Inni gara qacha'aa namoota ergee, mootii Israa'elii Ahaabiin, «Mootichi Ben-Hadaad, \v 3 ‹Meetiin teetii fi worqiin teeti, niitotii fi ijoolleen teeti shashaggooleen tiyya jedha› jedha'aatii itti hima'a» jedhe. \p \v 4 Mootichi Israa'elii deebisee, «Ee, goottaa kiyya mooticha! Akkuma ati jette anii fi wonni ani qabu marti teeti» jedhe. \p \v 5 Worri ergame sun gara Ahaabii deebi'ee dhufee, «Mootichi Ben-Hadaad, ‹Ani meeti'ii fi worqii teeti, niitotaa fi ijoollee teeti akka naaf kennitu sitti ergeeraayyu. \v 6 Te'uu malee boru yennaa tanatti, mana mootumma'aa keetii fi mana qondaaltota teetii keessa barbaadanee, waan isaanitti tolu mara akka fidanu tajaajiltoota tiyya hin erga› jedha» jedhanee itti himane. \p \v 7 Mootiin Israa'elii Ahaab jaarsolee lafa sanii mara waamee, «Nami kun niitotaa fi ijoollee tiyya, meeti'ii fi worqii tiyya fudhatiisaaf namoota natti erginaan anille hin didanne; inni attam akka rakkinna fidiisaaf barbaadaaru dhagga'a» jedhe. \p \v 8 Jaarsole'ee fi kolbaan marti deebisanee, «Waan inni siin jedhu hin dhage'in yookiin isaaf hin eeyyamin» jedhaneen. \p \v 9 Maarre mootichi Ahaab namoota Ben-Hadaad biraa ergamanee dhufaneen, «Goottaa kiyya mootichaan, ‹Ani tajaajilaan keeti waan ati qara na gaafatte mara hin muummessa; gaaffii teeti ta lammeesso'oo tana ammoo hin muummessu jedheera› jedha'aatii hima'a» jedhe. \p Namooti ergamanelle deebi'anee deebii Ahaab kenne Ben-Hadaaditti himane. \v 10 Ben-Hadadille, «Biyyeen Samaariya'aa namoota na woliin jiranu ooboo tokko tokkolle'een yoo geette, waaqoti na ijjeesanuu ti» jedhe. \p \v 11 Mootichi Israa'elii Ahaabii deebisee, «Mooticha Ben-Haadaadiin, ‹Loltuun dhuga'aa lolee galee ifi jaja malee, adoo lola dhaqiisatti jiruu ifi hin jaju› jedha'aatii itti hima'a» jedhe. \v 12 Mootichi Ben-Hadaad, mootota dhibii woliin dunkaanii keessa tee'ee uniisatti adoo jiruu, ergaa Ahaab erge dhage'e; inni namoota ifii qachaa loliisaaf akka qopheeffatanu ajaje; isaanille loliisaaf qopheeffatane. \p \v 13 Yennuma san raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Loltoota Ben-Hadaadii bindillaa tana dhaggitaa? Kunoo, ani adha harka keetitti dabarsee isaan hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedhe. \p \v 14 Mootichi Ahaab, «Eentu isaan injifata ree?» jedhee gaafate. \p Raagichi deebisee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Qondaaltoti dargaggooti ajjajooti kutaa biyyaa isaan hin injifatan› jedha» jedheen. \p Mootichi Ahaabille, «Eentu lola kana jalqaba ree?» jedhee gaafate. \p Raagichi deebisee, «Sittuu jalqaba» jedheen. \p \v 15 Maarre mootichi Ahaab qondaaltota dargaggoota ajajjoota kutaa biyyaa dhibba lamaa fi soddomii lama waame; achiin duuba loltoota Israa'elii kuma torba wolitti qabe. \p \v 16 Mootichi Ben-Hadaadii fi mootota soddomii lama worra isa woliin jiru woliin dunkaanii ifii keessatti unanee machowanee adoo jiranuu, saatii jaatti loltooti Israa'elii lolaaf bayane. \v 17 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun dursitee baate; namooti Ben-Hadaad akka dooyanuuf erge, «Loltooti Samaariya'aa bayanee dhufiisatti jiran» jedhanee himane. \v 18 Ben-Hadaadille, «Dhufiis isaanii nageyaaf yookiin lolaaf yoo te'elle, lubbu'uun adoo jiranuu qaba'aa fida'a» jedhee ajaje. \p \v 19 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun, loltoota Israa'elii sooressanee lolaaf bayanee, \v 20 tokko tokkoon isaaniituu diinaa isaanitti dhufe ijjeesane; worri Sooriya'aa baqate; Israa'elootille isaan ari'uu jalqabane; Ben-Hadaad ammoo farda ifii irraa tee'ee, abbootii fardo'oo gamisa woliin dheetee baye. \v 21 Mootichi Ahaab duulee fardo'oo fi garreettaa fardaan harkifamu booji'ee worra Sooriya'aa akka malee fixe. \v 22 Achiin duuba raagichi gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootichi Sooriya'aa furmaata dhufu deebi'ee waan si loluuf, loltoota teeti jabeeffadhu; maan akka godhuu qaddulle beeki» jedhe. \s1 Lola Sooriya'aa Ka Lammeesso'oo \p \v 23 Yennuma san qondaaltoti mooticha Sooriya'aa, isatti gorsanee, «Waaqoti Israa'elii waaqota koobotaa ti; Israa'elooti tanaaf nu injifatan; lafa dirre'etti adoo isaan lollee ammoo hin injifanna. \v 24 Amma akkana godhi: mootota tana mara baallii isaanii irraa kaasiitii, qondaaltota loltootaa addee isaaniititti muudi. \v 25 Loltoota, fardo'oo fi garreettota fardaan harkifamanu haga tanaan qara si duraa dhumatanee bacatanu qopheessi; achiin duuba Israa'eloota dirre'etti lollee hin injifanna» jedhe. Inni isaaniin wolii galee, akkuma isaan jedhane godhe. \p \v 26 Tanaaf, furmaata itti aanu Ben-hadaad loltoota ifii wolitti qabatee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Afeqii dhaqe. \v 27 Israa'elootille isaanitti duuliisaaf galaa fudhatanee, wolitti qabamanee bayanee, fuullee isaaniititti addee qabatane; loltooti Israa'elii loltoota Sooriya'aa ta biyya keessa guutteertu biratti, akka re'ee karra didiqqoo lamaa ti. \p \v 28 Raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Sooriya'aa: Mootiin Waan Maraa waaqa koobotaa ti malee, waaqa dhooqotaatii moti waan naan jedhaneef ani loltoota isaanii bindillaa harka keetitti dabarsee hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedheen. \p \v 29 Worri Sooriya'aatii fi Israa'elootaa fuula wolitti galanee qubatanee haga guyyaa torbaa turane; guyyaa torbeesso'oo lola jalqabane; guyyaa tokkotti Israa'elooti loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma dhibba tokko fixane. \v 30 Worri hafe gara qachaa Afeqii baqate; achitti dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa isaan irratti jigee, namoota kuma diddamii torba fixe. \p Ben-Hadaad gara qacha'aa baqatee, kolloo mana tokkoo ta gara keessaa keessatti dhokate. \v 31 Qondaaltoti isaa gara isaa dhaqanee, «Moototi Israa'elii worra nama mararu akka te'ane dhageenneerra. Tanaaf woyaa gaddaa hidha keennatti, wodaroo mataa keennatti marannee, gara mootii Israa'elii dhandhuu ti; inni si hin ijjeesu fa'a ta'a» jedhane. \v 32 Maarre isaan woyaa gaddaa hidha ifiititti, wodaroo mataa ifiititti maratanee, gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhaqanee, «Tajaajilaan keeti Ben-hadaad, ‹Maganne'ee na hin ijjeesin› siin jedha» jedhane. \p Mootichille deebisee, «Inni haga ammaa hin jiraa? Yoona inni obboleessa kiyya» jedhe. \v 33 Qondaaltoti Ben-hadaadii, Ahaab irraa beessisa mararti'ii eegatiisatti waan jiranuuf, yennuma san, «Eeti'i; Ben-hadaad obboleessuma keeti!» jedhane. \p Achiin duuba mootichi Ahaab, «Dhaqa'aatii Ben-hadaad fida'a» jedhee isaan ajaje; yennaa Ben-hadaad bayee gara mootichaa dhufe, mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra teessise. \p \v 34 Ben-hadaad, Ahaabiin, «Qachoota abbaan kiyya abbaa keeti irraa fudhate, ani si'iif hin deebisa; akkuma abbaan kiyya qachaa Samaariya'aa keessatti godhe, atille qachaa Damaasqo'oo keessatti addee dikko'oo hin qabaatta» jedhe. \p Ahaab deebisee, «Yoona wol gondoorree gad si hin lakkisa» jedheen; maarre inni isa woliin wol gondooranee gad isa lakkise. \s1 Raagichi Tokko Ahaabitti Yakkaa Mure \p \v 35 Raagota keessaa tokko ajaja Mootii Waan Maraatiin raagicha akka ifiitiin, «Na dhowi» jedhe; inni ammoo dide. \v 36 Tanaaf raagichi sun, «Waan ati Mootii Waan Maraatiif hin ajajaminiif, akkuma na biraa deenteen neenqi si hin ijjeesa» jedheen; akkuma namichi raagicha biraa deemeen neenqi itti dhufee isa ijjeese. \p \v 37 Achiin duuba raagichi gara nama dhibi'ii dhaqee, «Maganne'e, na dhowi» jedheen; nami sunille isa dhowee madeesse. \v 38 Achiin duuba raagichi sun eennummaa ifii dhoffatiisaaf, haga ilaatitti hagooggatee, irga kara'aa dhaabbattee, mooticha Israa'elii Ahaab eege. \v 39 Mootichi achiin dabariisatti adoo jiruu raagichi isa waamee, «Ani tajaajilaan keeti lola hamaa keessa adoo jiruu, nami tokko, nama booji'ame tokko gara kiyya fidee, ‹Namicha kana eegi! Yoo inni si harkaa miliqe, addee isaa ati hin ijjeefanta yookiin meetii kiiloogiraamii soddomii afur hin kaffalta› anaan jedhe. \v 40 Ani tajaajilaan keeti huji'iin adoo asii fi achi fajjifameeru namichi miliqe» jedhe. \p Mootichille, «Waan sitti muramu atinuu dubbatteerta; akkasuma sitti hin murama» jedheen. \p \v 41 Achiin duuba raagichi woyaa hagooggateeru ila ifii irraa ariifatee fudhate; mootichille akka inni raagota keessaa tokko te'e beeke. \v 42 Raagichi sun mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Nama ani ijjeefamuu ti jedhe, waan gad lakkitteef, addee isaa ati hin ijjeefanta; addee kolbaa isaa kolbaan teeti hin ijjeefanti› jedha» jedhe. \p \v 43 Mootichi Israa'elii sun aaree bilinjaayee gara mana mootummaa ifii ka qachaa Samaariya'aa keessaa dhaqe. \c 21 \s1 Oorruu Naabotii Ta Muka Woyni'ii \p \v 1 Wonni kun teeteen duuba, wonni itti aanee te'e kana: Nami Naaboti jedhamu tokko jiraayyu; inni Yizre'el keessatti mana mootumma'aa ka Ahaabii biraa oorruu muka woyni'ii takka qabaayyu. \v 2 Gaafa tokko mootichi Ahaab Naabotiin, «Oorruun teeti ta muka woyni'ii mana mootumma'aa kiyyatti waan dhikaattuuf, biqiltuu adda addaa akka itti dhaabadhu naaf kenni! Addee isi'ii buusee oorruu isii caalu sii kenna yookiin, gurguratiisa yoo barbaadde waan isiin baachu siif hin kaffala» jedhe. \p \v 3 Naaboti ammoo deebisee, «Oorruu abbootii tiyya ta durii irraa dhaale tana sii kenniisa irraa Mootiin Waan Mara na oolchuu ti» jedhe. \p \v 4 Nama qachaa Yizre'elii, Naaboti, «Oorruu abbootii tiyya irraa dhaale siif hin kennu» waan jedheef, Ahaab aaree bilinjaayee, gara mana ifii gale; fuula ifiille gara dhaaba manaa deebifatee taqee irra irkate; sagaleelle nyaatiisa dide. \v 5 Haati manaa isaa Iizaabel gara isaa ol seentee, «Ati maaf akkas bilinjoottee, sagalee nyaatiisa didde?» jettee isa gaafatte. \p \v 6 Ahaabille deebisee, ani, «Nama qachaa Yizre'elii Naabotiin, ‹Oorruu teeti ta muka woyni'ii natti gurgur, yookiin yoo barbaadde oorruu dhibii si'iif hin kenna› jedhee gaafannaan, inni ammoo, ‹Ani oorruu tiyya ta woyni'ii siif hin kennu› waan naan jedheef aare» jedheen. \p \v 7 Haati manaa isaa Iizaabel deebittee, «Ati mootii Israa'elii teetee, akkas teetaa? Ani oorruu muka woyni'ii ta Naabotii nama qachaa Yizre'elii akka ati fudhattu hin godha; ka'iitii midhaan nyaadhuu gammadi!» jetteen. \p \v 8 Achiin duuba isiin maqaa Ahaabiitiin xalayaa barreessitee, chaappaa isaa itti dhoottee gara jaarsole'ee fi qondaaltota qachaa Naabotii keessa isa woliin le'anuu ergite. \v 9 Xalayaan isiin barreessite sun, «Laama guyyaa tokkoo lassa'a. Kolbaa wolitti qaba'aatii, odduu isaaniititti Naaboti addee ulfinnaa teessisa'a; \v 10 dhugaa baatota dharaa lama, ‹Ka Waaqaa fi mootii arrasseera› jedhanee dhugaa isa irratti bayanu isa dura dhaabbachiisa'a. Achiin duuba Naaboti qachaa keessaa baasa'aatii dhaka'aan tuma'aa ijjeesa'a» ka jedhu. \p \v 11 Maarre namooti qachaa Naabotii keessaa, jaarsole'ee fi qondaaltoti achi le'anu, akkuma Iizaabel xalayaa keessatti ajajje godhane. \v 12 Isaan laama guyyaa tokkoo lassane; kolbaa wolitti qabanee, odduu isaaniititti Naaboti addee ulfinnaa teessisane. \v 13 Achiin duuba dhugaa baatoti dharaa lama dhuttee isa dura teettee, «Naaboti Waaqaa fi mooticha arrasseera» jettee kolbaa duratti dhugaa isa irratti baate; maarre isaan qachaa keessaa isa baasanee, dhaka'aan tumanee ijjeesane. \v 14 Achiin duuba isaan, «Naaboti dhaka'aan tumamee du'eera» jedhanee gara Iizaabelii ergane. \p \v 15 Iizaabel akka Naaboti dhaka'aan tumanee du'e akkuma dhageetteen, Ahaabiin, «Naaboti du'eera; amma dhaqiitii oorruu muka woyni'ii ta Naabotii nama qachaa Yizre'elii ka inni siif gurguruu dide san fudhadhu» jetteen. \v 16 Ahaab nami qachaa Yizre'elii Naaboti akka du'e yennaa dhage'e, yoosuma oorruu muka woyni'ii ta isaa fudhatiisaaf dhaqe. \p \v 17 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii Tishbeetichaa dhufee, \v 18 «Gara Ahaabii mooticha Samaariya'aa dhaqi; inni oorruu muka woyni'ii ta Naabotii ta fudhatiisaaf dhaqe san keessa jira; \v 19 Ahaabiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ati Naaboti ijjeetteerta; karra isaalle fudhatiisaaf teetaa? Sareen dhiiga Naabotii addee arraaddetti dhiiga keetille hin arraaddi jedha› jedhiitii itti himi» jedhe. \p \v 20 Ahaab Eliyaas dhaggee, «Diina kiyya, na dhaggiteerta!» jedheen. \p Eliyaasille, deebisee, «Ee, si dhaggeera; Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu godhiisaaf ifi gurgurteerta; \v 21 tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ani badii sitti hin fida; Israa'el keessaa sanyii teeti hin balleessa; si'ii fi dhiira maatii teeti keessaa mara garbicha yookiin garbicha ka hin te'inille hin fixa. \v 22 Ati tutuxxee waan na aarsiteef, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju waan gooteef, ani maatii teeti akka maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatiitii fi akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiyaa hin godha› siin jedha. \v 23 Marroo Iizaabeliille, Mootiin Waan Maraa, ‹Dalleya dhaka'aa ka qachaa Yizre'elii keessatti sareen reeffa isi'ii hin nyaatti. \v 24 Worra Ahaabii keessaa nama qachaa keessatti du'u sareen hin nyaatti; nama qacha'aan alatti du'u allaattiin hin nyaatti› jedha» jedhe. \p \v 25 Akka Ahaab haadha manaa ifii Iilzaabeliin tirtiffamee, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee ifi gurgure, nami akka isaa ijjumaa hin jiru. \v 26 Akkuma worra Amoorotaa, ka Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baasee, Ahaabille waaqota dharaa waaqonsiisaan waan battii huje. \p \v 27 Ahaab dubbii tana yennaa dhage'e, woyaa ifii tarsaasee, woyaa gaddaa uffatee laame. Inni woyaa gaddaa uffatee rafa; yennaa deemulle guddoo gaddee mataa buusee deema. \p \v 28 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii Tishbeetichaa dhufee, \v 29 «Ahaab na duratti attam akka ifi gad qabe dhaggiteertaa? Inni na duratti waan ifi gad qabeef, ‹Ani balaa isatti hin fida› jedhe san, bara isaa keessatti isatti hin fidu; bara ilma isaa keessatti ammoo maatii isaa irratti hin fida» jedhe. \c 22 \s1 Raagichi Miikiyaas Ahaab Ifi Eeggachiise \r (2 Dab. 18:2-27) \p \v 1 Sooriya'aa fi Israa'el wodhakkaa woggaa sadiif lolli hin jiruuyyu; \v 2 woggaa sadeesso'ootitti ammoo mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaab ilaaliisaaf dhaqe. \p \v 3 Mootiin Israa'elii Ahaab qondaaltota ifiitiin, «Raamoot-Giili'aad teenna adoo teeteertuu, harka mootii Sooriya'aatii deebifatiisaaf, nuuti waan tokkolle akka hin godhin hin beettanii motii?» jedhe. \v 4 Maarre Ahaab Yoshaafaaxiin, «Raamoot-Giili'aad loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti» jedhe. \v 5 Yoshaafaax ammalle, mootii Israa'elii Ahaabiin, «Dursiitii fedha Mootii Waan Maraa gaafadhu» jedhe. \p \v 6 Tanaaf Ahaab raagota gara nama dhibba afurii wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aaditti hin duula moo hin lakkisa?» jedhee isaan gaafate. \p Isaanille, «Dhaqiitii loli; Goottaalle harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhanee deebisane. \p \v 7 Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti gaafannu ka dhibiin as hin jiruu?» jedhee gaafate. \p \v 8 Ahaabille, «Raagichi dhibiin ka karaa isaatiin fedha Mootii Waan Maraa nuuti gaafannu, ilmi Imla'aa Miikiyaas hin jira; ammoo inni yennaa mara hantuu malee, waan dansaa ijjumaa naaf raagee waan hin beenneef, ani isa hin jibba» jedhee deebise. \p Yoshaafaax deebisee, «Mooticha, ati akkas dubbatiisaaf hin malle» jedhe. \p \v 9 Achiin duuba Ahaab qondaaltota mana mootumma'aa keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Imla'aa Miikiyaas dafii fidi» jedhe ajaje. \p \v 10 Yennaa kana mootichi Israa'elii Ahaab fi mootichi Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ifii uffatanee, seensuma karra qachaa Samaariya'a dura eeddummee keessa raagota mootota duratti raaga dubbatiisatti jirtu woliin tee'aneeraniiyyu. \v 11 Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan gaafota sibiila irraa hujee Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Gaafota kanaan haga isaan badanutti worra Sooriya'aa hin woraanta› jedha» jedhe. \v 12 Raagoti martinuu akkasuma, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan isaan kennuuf, hin injifattaa, dhaqiitii, Raamoot-Giili'aad loli» jette. \p \v 13 Namichi Miikiyaas waamiisaaf ergamee dhaqe, Miikiyaasiin, «Kunoo, raagoti martinuu mootichi Ahaab akka injifatu raagiisatti jiran; atille akkuma isaanii waan dansaa raagiif» jedhe. \v 14 Miikiyaas ammoo, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa isatti hima» jedheen. \p \v 15 Miikiyaas yennaa gara Ahaabii mootichaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas! Mootichi Yoshaafaaxii fi ani Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo hin lakkinna?» jedhee gaafate. \p Miikiyaasille, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan kennuuf, hin injifattaa, itti duuli» jedheen. \p \v 16 Ahaab ammoo, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka ati natti hin hinne, yennaa meeqa si kakachiisa?» jedheen. \p \v 17 Achiin duuba Miikiyaas, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolee tissee hin qannee, kooba irratti bittinnowaneeranuun dhagge. Mootiin Waan Maraa, ‹Namooti kun sooressa hin qabanu; tanaaf tokko tokkoon isaanii nageyaan gara mana ifii deebi'anuu ti› jedheera» jedhee deebise. \p \v 18 Mootichi Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Inni marroo tiyyaaf hantuu malee, waan dansaa ijjumaa akka raaga hin dubbanne ani sitti hin hinnee?» jedheen. \p \v 19 Miikiyaas itti dabalee, «Tanaaf waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'i! Mootiin Waan Maraa barcumaa mootummaa ifii ka ol-gubba'a irra tee'ee, ergantooti isaa martinuu middaa fi bitaa isaa dhaabbataneeranuun dhagge. \v 20 Mootiin Waan Maraa, ‹Ahaab gara Raamoot-Giili'aadii dhaqee achitti akka ijjeefamu eentu isa dokonkorsuu dande'a?› jedhe. Ergantoota Mootii Waan Maraa keessaa tokko waan tokko, kuun waan dhibii dubbate; \v 21 dhuma irratti, ayyaanni tokko dhufee Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin dokonkorsa› jedhe. \v 22 Mootiin Waan Maraalle, ‹Attam gootee dokonkorsita?› jedhe gaafate. Ayyaanni sun deebisee, ‹Ani dhaqee afaan raagota Ahaabii mara keessatti ayyaana soba dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraa, ‹Dhaqiitii dokonkorsi; si'iif hin milkootti› jedhe. \v 23 Tanaaf Mootiin Waan Maraa ayyaana sobaa afaan raagota teetii keessa keyee, badiille akka sitti dhuttu murteesse» jedhee dubbii ifii buufate. \v 24 Achiin duuba Zedeqiiyaan ilmi Kine'aanaa gara Miikiyaasii dhaqee, isa kabalee, «Karaa kamiin ayyaanni Mootii Waan Maraa ana irra dabaree sitti dubbatte?» jedhee gaafate. \p \v 25 Miikiyaas deebisee, «Gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedhe. \p \v 26 Achiin duuba mootichi Ahaab qondaaltota ifii keessaa tokko ajajee, «Miikiyaas qabiitii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessi! \v 27 Isaan isa hidhanee, haga ani nageyaan deebi'utti daabbo'oo fi bisaan malee waan tokkolle akka itti hin kennine itti himi» jedhe. \p \v 28 Miikiyaas deebisee, «Ati nageyaan yoo deebite Mootiin Waan Maraa karaa kiyyaan hin dubbanne jechu'u! Isin kolbaan marti dubbii tiyya tana qalbeeffadha'a!» jedhe. \s1 Du'a Ahaabii \r (2 Dab. 18:28-34) \p \v 29 Maarre mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax qachaa gara Raamoot-Giili'aadii dhaqane. \v 30 Mootiin Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedheen. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule. \p \v 31 Mootiin Sooriya'aa ammoo ajajjoota loltoota ifii ta garreettaa fardaan harkifamuu soddomii lama ajajee, «Mooticha Israa'elii malee, diqqa'aa fi guddaa tokkolle hin lolina'a» jedhe. \v 32 Isaan mooticha Yoshaafaax yennaa dhaggane, «Dhugumaa kun mooticha Israa'elii ti» jedhanee isa loliisaaf gara itti galane. Yoshaafaax yennaa iyye ammoo, \v 33 ajajjooti loltoota garreettaa fardaan harkifamuu akka inni mooticha Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisane. \v 34 Isaan keessaa namichi tokko guubee ifii duuchi-balleessii darbatee, wodhakkaa uffanni sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru lamaan wol qabateeruun isa woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba garagalfadhuutii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje. \p \v 35 Gaafa san lolli o'ee, mootichi Ahaab gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; dhiigi madaa isaa irraa garreettaa keessatti gad lola'ee, inni galgaluma san du'e. \v 36 Aduun seeniisatti jirtuun, «Nami martinuu gara biyya biyya ifii, gara qachaa qachaa ifii deebi'ee deemuu ti!» ajaji jedhu quttuma loltoota Israa'elii keessatti dhage'ame. \p \v 37 Maarre mootichi Ahaab du'ee, reeffa isaa gara qachaa Samaariya'aa fidanee awwaalane. \v 38 Garreettaa isaa ka fardaan harkifamulle baleessa Samaariya'aa ka sagaagaltooti itti dhiqatutti dhiqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate dhiiga isaa sareen arraadde. \p \v 39 Wonni dhibiin ta mootichi Ahaab bara mootummaa ifii godhe, wonni inni huje marti, manni isaa ka mootumma'aa ka inni ilka arbaatiin seesee ijaaree fi qachooti inni ijaare marti kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. \v 40 Maarre mootichi Ahaab du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Ahaaziyaan mootii te'e. \s1 Mootii Yihuda'aa Yoshaafaax \r (2 Dab. 20:31—21:1) \p \v 41 Ahaab mootii Israa'elii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Aasa'aa Yoshaafaax mootii Yihuda'aa te'e. \v 42 Yoshaafaax yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Azuba'a; isiin intala Shilhii ti. \v 43 Yoshaafaax akkuma abbaa ifii Aasa'aa huje malee, karaa isaa irraa hin gorre; te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa ciincessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. \v 44 Yoshaafaax mootii Israa'elii wolille'een nageyaan le'e. \p \v 45 Wonni dhibiin ta mootichi Yoshaafaax bara mootummaa ifii huje, milkayiis isaa ta lolaa kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. \v 46 Inni kolloo galma waaqota dharaa keessaa ta dhiirti keessatti wol bukkoonsitu, ta bara bulchiinsa abbaa isaa Aasa'aatuu jirtu lafa san keessaa balleesse. \p \v 47 Bara san biyyi Edoomii mootii hin qaddu; nama mootiin Yihuda'aa addee ifii buusetti bulchaayyu. \p \v 48 Mootichi Yoshaafaax biyya Ofiiriitii worqii akka fidanuuf hoboloota gugurdoo daldalaa ta akka hoboloota Tarshiishii huje; hobolooti sun ammoo Eziyon-Geberitti waan caccabaneef dhaquu hin dandeenne. \v 49 Achiin duuba mootiin Israa'elii, ilmi Ahaabii Ahaaziyaan, Yoshaafaaxiin «Namooti kiyya namoota keeti woliin hoboloo gudditti'iin deemanuu ti» jedhe; Yoshaafaax ammoo didate. \p \v 50 Mootichi Yoshaafaax du'ee, qachaa Daawitii addee abbootiin isaa ta durii awwaalamanetti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e. \s1 Mootii Israa'elii Ahaaziyaa \p \v 51 Mootichi Yihuda'aa Yoshaafaax mootii te'ee woggaa kudhanii torbeesso'ootitti, ilmi Ahaabii Ahaaziyaan mootii Israa'elii te'e; inni Samaariyaa keessa tee'ee woggaa lama Israa'el bulche. \v 52 Inni hujii abbaa ifiitii fi haadha ifii, hujii Yerobi'aamii ilma Nebaatii ka Israa'elooti akka cubbuu hujju godheelle, gula waan deemeef, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. \v 53 Inni akkuma abbaa ifii, waaqa dharaa Ba'aal tajaajilee waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii tuttuqee aarse.