\id 1JN - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Ergaa Yohaannisii \toc1 Ergaa Yohaannis Erge Ta Qaraa \toc2 1 Ergaa Yohaannisii \toc3 1 Yoh. \mt1 Ergaa Yohaannis Erge \mt2 Ta Qaraa \imt Seensa \ip Ergaan Yohaannisii ta qaraa yaada jajjaba lama qaddi. Isaanille worri dubbifatu Waaqaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin tokkummaa akka qabaatu jajjabeessiisaa fi tokkummaa tana balleessiisaaf ka dande'u barumsa dharaa irraa akka fagaatanu ifi eegachisiisa. Yennaa san barumsi dharaa ka burqu biyya lafaa tana woliin qunnamtii godhamuun waan te'eef Ilmi Waaqaa Yesuus ijjumaa nama te'iisaaf yookiin amala namumma'aa qabaatiisaaf hin dande'u ka jedhu. Barsiisoti sun «Fayyinna jechuun le'ii biyya lafaatiif yaaduu irraa bilisa bayiisa» jedhan; kana wolille'een, «Amala dansumma'aa fi nama dhibi'iif jaalala mudhisuun fayyinna woliin ijjumaa qunnamtii hin qabu» jedhan. \ip Barreessaan barumsa kana mormiisaan Yesuus Kiristoos nama guutu'u, worri Yesuusitti dhugeessuu fi worri Waaqa jaalatu maraa wol wolille jaalachuu qaba jedhee gorseera. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-4\ior* \io1 Ifaa fi Dukkana\ior 1:5—2:29\ior* \io1 Ijoollee Waaqaatii fi Ijoollee Durriisaa\ior 3:1-24\ior* \io1 Dhuga'aa fi Dhara\ior 4:1-6\ior* \io1 Dirqama Jaalalaa\ior 4:7-21\ior* \io1 Dhugeeffannaa Injifattu\ior 5:1-21\ior* \c 1 \s1 Jecha Jiru'uu \p \v 1 Marroo jecha jiru'uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina.\x - \xo 1:1 \xo*\xt Yoh. 1:1\xt*\x* \v 2 Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna. \v 3 Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin. \v 4 Gammadi keenna guutuu akka te'uuf tana barreessina. \s1 Waaqi Ifa \p \v 5 Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana. \v 6 Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu. \v 7 Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.\x - \xo 1:7 \xo*\xt Yoh. 13:34\xt*\x* \v 8 Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu. \v 9 Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaa\f + \fr 1:9\fr*\fqa Qajeelaa: \fqa*\ft Sirrii\ft*\f* waan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa. \v 10 Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru. \c 2 \s1 Kiristoos Wobii Keenna \p \v 1 Ijoollee, akka isin cubbuu hin hunyeef tana isiniif barreessa; eennulle cubbuu yoo huje ammoo, wobii Abbaa biraa qanna; innille Yesuus Kiristoosii balchicha.\x - \xo 2:1 \xo*\xt Yoh. 1:12\xt*\x* \v 2 Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi'iif malee, cubbuu teenna calla'aaf moti. \v 3 Yoo ajaja isaatiif ajajanne, Waaqa beekiisa keenna hin beenna. \v 4 Nami, «Ani isa beeka» jedhaa, ajaja isaatiif hin ajajanne dharaamessa; dhugaalle isa keessa hin jirtu. \v 5 Nami jecha Waaqaatiif ajajamu ammoo, jaalaltiin inni Waaqaaf qabu guutu'u. Isaan jiraatuu keenna tanaan beenna. \v 6 Nami «Waaqaan jiraadha» jedhu, akka Yesuus le'e le'uu qaba. \s1 Ajaja Haareya \p \v 7 Jaalota tiyya! Ani ka isiniif barreessaaru, ajajuma dullacha dur jalqabaa jalqaddanee isin qaddanu san malee, ajaja haareyaa moti. Ajaji dullachi jechuma isin dhageettane. \v 8 Te'uu malee, dukkanti dabariisatti, ifi dhugichi ifiisatti waan jiruuf, Kiristoosii fi isin biratti dhugaa ka te'e, ajaja haareya isiniif barreessa. \v 9 Nami, «Ani ifa keessa jira» jedhaa obboleessa ifii jibbu, ammalle dukkanuma keessa jira. \v 10 Nami obboleessa ifii jaalatu ifa keessa le'a; wonni nama gufachiisulle isa keessa hin jiru. \v 11 Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le'a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku. \p \v 12 Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa. \v 13 Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessa\f + \fr 2:13\fr*\fqa Hamaalessa: \fqa*\ft Seexana\ft*\f* waan injifattaneef isiniif barreessa. \v 14 Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa. \s1 Biyya Lafaa Hin Jaalatina'a \p \v 15 Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina'a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba'aa isa keessa hin jirtu. \v 16 Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun\f + \fr 2:16\fr*\fqa Kooruun: \fqa*\ft Baleeluun\ft*\f*, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu. \v 17 Biyyi lafaatii fi halchaan isi'ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muummessu ammoo haga bara baraa le'a. \s1 Ka Kiristoos Mormu Irraa Ifi Eegadha'a \p \v 18 Ijoolle! Saatiin tun ta muumme'ee ti. Ka Kiristoos mormu akka dhufu kanaan duraa dhageettaneertan; ammumaayyuu worri Kiristoos mormu hedduun dhufeera. Maarre akka saatiin muumme'ee geette nuuti tanaan beenna. \v 19 Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te'anee sila nu'uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te'uu dhabuu isaanii mudhisane. \v 20 Isin ammoo Kiristoos Ayyaana Woyyichaan muudeera; waan maraa isin martinuu hin beettan. \v 21 Isin dhugaa beekuu dhaddaneef adoo hin te'in, dhuga'aa fi dhugaa keessaa dharti akka hin baane waan beettanuuf isiniif barreessa. \v 22 Yesuus Masiihii moti jedhee ka mormatu malee, dharaamessi eennu ree? Ka Abba'aa fi Ilma mormatu kun mormattuu Kiristoosii ti. \v 23 Nami Ilma mormatu Abbaa hin fudhatu; nami Ilma dhugeessu Abbaalle hin dhugeessa. \p \v 24 Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa jiraattuu ti! Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa yoo jiraatte, isinille Ilmaa fi Abba'aan hin jiraattan. \v 25 Addiin inni nu'uuf kenne tun jiruu bara baraa ti. \p \v 26 Marroo worra isin dokonkorsuutiif, ani tana isiniif barreessa. \v 27 Ayyaanni\f + \fr 2:27\fr*\fqa Ayyaanni: \fqa*\ft Muudaan\ft*\f* isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga'a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha'a! \p \v 28 Yoona, ijoolle! Yennaa Kiristoos mudhatu sodaa malee akka jiraannuu fi guyyaa dhufa isaa akka hin fokkifanne isaan jiraadha'a! \v 29 Akka inni balchaa te'e yoo beettane, nami balchummaa huju maraa ilma Waaqaa akka te'e hin beettan. \c 3 \s1 Ijoollee Waaqaa \p \v 1 Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala'a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu. \v 2 Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu\f + \fr 3:2\fr*\fqa Deebi'ee dhufu: \fqa*\ft Mudhatu\ft*\f* akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. \v 3 Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa. \p \v 4 Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka. \v 5 Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan. \v 6 Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne. \p \v 7 Ijoolle! Eennulle me isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a. \v 8 Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate. \v 9 Nami Waaqa irraa dhalate adabi\f + \fr 3:9\fr*\fqa Adabi: \fqa*\ft Kitaab Giriikii «Sanyii» jedha; akkas jechuulle hunna jiruu kennitu jechu'u\ft*\f* Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u. \v 10 Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaalanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman. \s1 Wol Jaaladha'a \p \v 11 Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana. \v 12 Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeese. \p \v 13 Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a! \v 14 Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du'a keessatti hafa. \v 15 Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeese; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan. \v 16 Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. \v 17 Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree? \v 18 Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaalannuu ti. \s1 Waaqa Duratti Ifi-addii Nuuti Qannu \p \v 19 Nuuti ka dhuga'aa te'uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi'iin dhikaatu'uuf akka dandeennu tanaan beenna. \v 20 Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka. \v 21 Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna. \p \v 22 Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna. \v 23 Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaalannu.\x - \xo 3:23 \xo*\xt Yoh. 13:34; 15:12; 17\xt*\x* \v 24 Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna. \c 4 \s1 Ayyaana Dhugaamessaa Fi Ayyaana Dharaamessa \p \v 1 Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina'a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa'aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a. \v 2 Ayyaana Waaqaa kanaan beettan: Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugeessu maraa ka Waaqaa ti; \v 3 ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira. \p \v 4 Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan. \v 5 Raagoti dharaameyyiin ka biyya lafaa waan te'aneef, waan biyya lafaa dubbatan, biyyi lafaalle isaan dhageetti. \v 6 Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna. \s1 Waaqi Jaalala \p \v 7 Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa'a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka. \v 8 Waaqi jaalala waan te'eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku. \v 9 Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu'uuf mudhise. \v 10 Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma'aa akka te'uuf erge. \v 11 Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna. \v 12 Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaalanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalaltiin isaalle nu keessatti guutuu teeti.\x - \xo 4:12 \xo*\xt Yoh. 1:18\xt*\x* \p \v 13 Inni Ayyaana ifii irraa waan nu'uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna. \v 14 Abbaan Ilma ifii Fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge nuuti dhaggineerra, dhugaalle hin baana. \v 15 Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata. \v 16 Nuuti jaalala Waaqi nu'uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra. \p Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata. \p \v 17 Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le'e waan leeneef guyyaa mura'aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalaltiin Waaqaa nu keessatti guutanteerti. \v 18 Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu'uu moti. \v 19 Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna. \v 20 Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande'u. \v 21 Nami Waaqa jaalatu, obboleessa ifiille jaalatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu'uuf kenneera. \c 5 \s1 Biyya Lafaa Injifatiisa \p \v 1 Yesuus Masiihii akka te'e nami dhugeeffatu maraa ilma Waaqaa ti; nami Abbaa jaalatu, ilma isaalle hin jaalata. \v 2 Waaqa yennaa jaalannuu fi ajaja isaatiif ajajannu, ijoollee Waaqaa jaalachuu keenna tanaan beenna. \v 3 Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata'aa moti.\x - \xo 5:3 \xo*\xt Yoh. 14:15\xt*\x* \v 4 Sababille nami Ilma Waaqaa te'e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna. \v 5 Eentu biyya lafaa injifatuu dande'a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nama dhugeeffatu calla'atti biyya lafaa injifatuu dande'a. \s1 Worra Yesuus Kiristoosiif Dhugaa Bayane \p \v 6 Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya. \v 7 Dhugaa baatoti sad jiran; \v 8 isaanille Ayyaana, bisaanii fi dhiiga; isaan sadiin kun wolii galan. \v 9 Nuuti dhugaa baya namaa hin dhugeeffanna; dhugaa bayiisi Waaqaa ammoo, tana caalti. Dhugaan Waaqaa tun ta inni Ilma ifiitiif dhugaa baye. \v 10 Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera. \v 11 Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu'uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti.\x - \xo 5:11 \xo*\xt Yoh. 3:36\xt*\x* \v 12 Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu. \s1 Jiruu Bara Baraa \p \v 13 Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattanu, jiruu bara baraa akka qaddanu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa. \v 14 Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage'a. \v 15 Waan isa gaafannu mara akka inni nu'uu dhage'u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna. \p \v 16 Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuu ti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu. \v 17 Balleessaan marti cubbu'u; ammoo cubbuun du'a [bara baraatitti] nama hin geessine jirti. \p \v 18 Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf hamaalessi isaan miidhu'uuf hin dande'u. \v 19 Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna. \v 20 Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dhugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana. \p \v 21 Ijoollee tiyya, waaqota dharaameyyii irraa ifi eeggadha'a!