\id 1CO - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Worra Qorontoosii \toc1 Ergaa Phawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ta Qaraa \toc2 1 Worra Qorontoosii \toc3 1 Qor. \mt2 Ergaa Phawuloos \mt1 Gara Worra Qorontoosii Erge \mt2 Ta Qaraa \imt Seensa \ip Ergaan Phawuloos gara Worra Qorontoosii erge ta qaraa wolde'a kiristaanaa ka Phawuloos lafa Qorontoosiititti ijaare keessatti dhugeeffannaa'aa fi jiruu kiristaanaa irratti rakkoo kaateef fala kenniisaaf ta barreeffante. Yennaa san Qorontoos qachaa Giriikii ka addunyaa maraati; lafa Akaayaa jedhantu ta bulchiinsa Rooma'aa jala jirtuufille qachaa guddicha. Qachaan kun guddinna daldalaatiin, guddinna aada'aatiin, amala badaa babadhatiisatti jiruu fi bacatiisa dhugeeffanna'aatiin ka beekkame. \ip Ergamaan keessattuu marroo gargar bayiisaa fi jireenna amala bada'aa ka wolde'a kiristaanaa keessa jiruu, marroo sagaagalaa fi fuudhaa heerumaa, marroo yaada wodana'aa, marroo seera wolde'a kiristaanaa, marroo kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi du'aa ka'iisaa irratti xiyyeeffata. Inni hubantii guddo'oon, deebii Oduun Gammadaa gaaffii tanaaf kennitu mudhisa. \ip Foorri kudha sadeesso'oo ka kennansa Waaqi kolbaa ifiitiif kenne keessaa jaalalli ka caalu akka te'e mudhisu, kitaaba kana keessatti addee akka malee beekkante akka teeteetitti yaadatama. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Seensa\ior 1:1-9\ior* \io1 Gargar bayiisa wolde'a kiristaanaa keessatti ka'e\ior 1:10—4:21\ior* \io1 Sagaagalumma'aa fi Wol Himatiisa\ior 5:1—6:1\ior* \io1 Fuudhaa fi Heeruma Kiristaanaa\ior 7:1-40\ior* \io1 Kiristaanotaa fi worra Kiristaanota hin te'in\ior 8:1—11:1\ior* \io1 Le'ii wolde'a Kiristaanaatii fi waaqonfannaa\ior 11:2—14:40\ior* \io1 Du'aa ka'iisa Kiristoosiitii fi kiristaanaa\ior 15:1-58\ior* \io1 Kennansa Kiristaanota lafa Yihuda'aatiif dhikaate\ior 16:1-4\ior* \io1 Haajaa isaatii fi yaada buufataa\ior 16:5-24\ior* \c 1 \p \v 1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii akka te'uuf waamamee fi obboleessa keenna Sostenees irraa: \p \v 2 Wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa ka qachaa Qorontoosii keessa jiruuf, worra Yesuus Kiristoosiin woyyoontanee fi ka isaa te'iisaaf\f + \fr 1:2\fr*\fqa Ka isaa te'iisaaf: \fqa*\ft Isaa fooyamiisaaf\ft*\f* waamantane, akkasuma isaanii fi nu'uuf Goottaa ka te'e, worra maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii addee gara garaatitti waammattanu maraaf: \p \v 3 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. \s1 Waaqa Galateeffachuu \p \v 4 Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha. \v 5 Isin Kiristoosiin waan maraan waan dubbattanuu fi beekkumsaan duroontaneertan. \v 6 Wonni nuuti marroo Kiristoosiitiif dhugaa baane, isin biratti hidda horattee jabaatteerti. \v 7 Tanaaf mudhatiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii adoo eeggattanuu, Kennansi Ayyaanaa tokkolle isin irraa hin dhidhanne. \v 8 Haga guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiititti worra komii hin qanne teetanee akka jiraattanu, inni jabaattanee akka jiraattanu isin tolcha. \v 9 Ilma isaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoos woliin, tokkummaa akka qabaattanu ka isin waame Waaqi addatama'a. \s1 Gargar Bayiisa Wolde'a Kiristaanaa Keessa Jiru \p \v 10 Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa. \v 11 Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee natti himaneeran. \v 12 Kunille isin tokkoon tokkoon keessan, «Ani ka Phawuloosii ti»; ka dhibiin, «Ani ka Apholoosii ti»; kuun, «Ani ka Pheexroosii ti»; ka biraa, «Ani ka Kiristoosii ti» jettan. \v 13 Kiristoos gargar qoodameeraa ree? Fannoo irratti isiniif ka du'e Phawuloosii? Yookiin isin maqaa Phawuloosiitiin cuuphantanee? \p \v 14 Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha. \v 15 Tanaaf nami tokkolle, «Maqaa Phawuloosiitiin cuuphantaneertan» jedhiisa hin dande'u. \v 16 Ee, ani Isxifaanosii fi maatii isaalle cuupheera; kana malee nama dhibii ka cuupheeru hin qaabadhu. \v 17 Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf na hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammadaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti. \s1 Kiristoos Hunnaa fi Qarummaa Waaqaa ti \p \v 18 Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunna Waaqaa ti. \v 19 Barreeffama Woyyicha keessatti, \q1 «Ani qarummaa worra qaroole'ee hin balleessa; \q2 beekkumsa beekkole'eelle gatii hin dhoogga» jedha. \m \v 20 Maarre qaroon meet? Beekaan guddaan hore eessa jira? Ka waan lafa tanaa qorqoru hore meet? Waaqi qarummaa lafa tanaa gowwummaa tolchee hin jiruu? \p \v 21 Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beenne waan godheef, barsiisa akka gowwumma'aatitti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffatu fayyisiisaaf fedhii Waaqaa te'eera. \v 22 Yihudooti bilbaasa dhagguu fedhan, Giriikootille qarummaa barbaadan. \v 23 Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu'uu, worra Yihudoota hin te'iniifille gowwumma'a. \v 24 Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti. \v 25 Wonni gowwummaa Waaqaa fakkaattu qarummaa namaa hin caalti; wonni dadhabbii Waaqaa fakkaattulle hunna nama hin caalti. \p \v 26 Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatitti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti. \v 27 Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu fowate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu fowate. \v 28 Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilaallamu akka hin jirre godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittuu hin laakkowanne fowate. \v 29 Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe. \v 30 Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe. \v 31 Maarre Barreeffam Woyyichi, «Ka ifi jaju Gootta'aan ifi jajuu ti» jedha. \c 2 \s1 Marroo Kiristoosii Fannifamee Barsiisuu \p \v 1 Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota gugurda'aa fi qarumma'aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne. \v 2 Ani haga isin bira ture Yesuus Kiristoosii fannoo irratti fannifame malee, waan dhibii waan tokkolle beekuu dhabiisaaf murteeffadheera. \v 3 Ani dadhabaa te'ee, soda'aan akka malee rorommaa gara keessan dhufe. \v 4 Haasonni kiyyaa fi lallabi kiyya ayyaanaa fi hunna Waaqaa mudhisiisaan malee, jechoota qarummaa namaatiinii moti. \v 5 Dhugeeffannaan teessan qarummaa namaa irratti adoo hin te'in hunna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe. \s1 Qarummaa Waaqaa \p \v 6 Teetuu malee worra ayyaanaan bilchaateef jecha qarumma'aatiin barsiinna. Qarummaan tun ammoo ta biyya lafaa yookiin muummee irratti ta badu qarummaa bulchitoota lafa tanaatii moti. \v 7 Nuuti ammoo biyyi lafaa adoo hin dadamin duratti ulfinna keennaaf qarummaa Waaqi qopheessee fi dhossaa isi'ii ta dhokattee turte dubbanna. \v 8 Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. Adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu. \v 9 Teetuu malee Barreeffam Woyyichi, \q1 «Waan ilti namaa hin dhaggin, \q2 Waan gurri namaa hin dhage'in, \q2 Waan gadhaan namaa hin yaadatin \q2 Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha. \m \v 10 Waaqi ammoo karaa ayyaana ifiitiin dhossaa ifii nutti mudhiseera. Ayyaanni Waaqaa waan duudii, dhossaa Waaqaa ta gadi fago'ootuu hin qorqora. \v 11 Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru. \v 12 Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne. \p \v 13 Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole'eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti. \v 14 Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkaattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te'eef hubatiisaaf hin dande'u. \v 15 Nami Ayyaana Waaqa qabu waan duudii qorqora; inni ammoo ifiif eennulle'een hin qorqoramu. \v 16 Barreeffam Woyyichi, \q1 «Yaada Gootta'aa ka beeku eennu? \q2 Ka gorsa isaa kennu eennu?» jedha. \m Nuuti ammoo, qalbii Kiristoosii qanna. \c 3 \s1 Gargar Bayiisa Wolde'a kiristaanaa Keessatti Ka'e \p \v 1 Obboleeyyan tiyya, ani yennaa isin barsiise akka worra yaada foonii gula deemuutii fi Kiristoosiin daa'immaaniititti malee, akka ayyaantole'eetittii moti. \v 2 Isin sagalee jadduu nyaatiisa waan hin geyiniif, aanan isin areere malee sagalee jajjadduu moti. Ammaan tanalle sagalee jajjadduu nyaatiisa hin geenne. \v 3 Isin haga ammaa akka worra biyya lafaa worra fedhii foonii gula deemu; isin waan wol hinaattanuu fi wol mormitanuuf, worra fedhii foonii gula deemuu motii ree? Akka yaada namaatitti leetanii motii ree? \v 4 Isin keessaa tokko, «Ani ka Phawuloosii ti;» ka dhibiille, «Ani ka Apholoosii ti» yennaa jedhu, isin akka worra biyya lafaa te'uu keessanii motii ree? \p \v 5 Inni Apholoos eennu? Phawuloosille eennu? Nuuti akka Goottaan hujii ifii nutti kennetti, tajaajiltoota akka isin dhugeeffattanu goone. \v 6 Ani midhaan dhaabe, Apholoos bisaan obaase, ka guddise ammoo Waaqa. \v 7 Tanaaf Waaqa isa guddise malee, ka dhaabe yookiin ka bisaan obaase womaayyuu moti. \v 8 Ka dhaabee fi ka bisaan obaase wol qixa. Namuu akkuma hujii ifiititti gatii ifii fudhata. \v 9 Nuuti tajaajiltoota wolqabannee Waaqaaf hujaarru; isin ficha'aa fi ijaarsa Waaqaa ti. \p \v 10 Akka badhaadha Waaqi naa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba. \v 11 Hundee yennaa tokko hundootte malee, eennulle hundee dhibii hundeessiisa hin dande'u. Hundeen tunille Yesuus Kiristoos. \v 12 Nami hundee tana irratti worqi'iin, meeti'iin\f + \fr 3:12\fr*\fqa Meeti'iin: \fqa*\ft Birrii sibiilaatiin\ft*\f*, dhakaa gatii guddo'ootiin, mukaan, buuyyo'oon yookiin huuraan ka ijaaru yoo jiraate, \v 13 guyyaan mura'aa ka hujiin nama tokko tokkootuu ifatti baatu hin dhufa; guyyaa san hujiin nama tokko tokkootuu ta attamii akka teete ibiddaan haga ilaalantee mudhatti. \v 14 Hujiin namichi mana ijaaru hundee san irratti huje, ibiddaan haga ilaallatantee adoo hin gubatin yoo hatte inni gatii ifii hin fudhata. \v 15 Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya. \p \v 16 Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu? \v 17 Nami galma Waaqaa yoo diige, Waaqi isa hin diiga. Sababille galmi Waaqaa woyyicha, galmi kunille isinuma. \p \v 18 Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te'iisaaf akka gowwa'aa ifi laakkowuu ti. \v 19 Qarummaan biyya lafa tanaa fuula Waaqaa duratti gowwumma'a. Kunille Barreeffam Woyyichi, «Waaqi qaroolee qarummaa isaaniitiinuu isaan qaba» jedha; \v 20 Barreeffam Woyyichi dhibiille, «Goottaan yaadi worra qaroolee ka woy hin baane akka te'e hin beeka» jedha. \v 21 Tanaaf wonni marti teessan waan teeteef eennulle namaan ifi hin jajin. \v 22 Maarre Phawuloosille teenaan, Apholoosille teenaan, Pheexroosille teenaan, biyya lafaalle teenaan, jireennalle teenaan, du'alle teenaan, waan ammaalle teenaan, waan hegeriille teenaan wonni duudiin keessan. \v 23 Isin ammoo ka Kiristoosii ti; Kiristoosille ka Waaqaa ti. \c 4 \s1 Ergantoota Kiristoosii \p \v 1 Namooti akka tajaajiltoota Kiristoosiititti worra dhossaa Waaqaa mudhisiisaaf itti gaafatamummaan itti kennante akka teenetti nu laakkowuu qaban. \v 2 Itti gaafatantooti goottaa isaaniitiif addatamuu qaban. \v 3 Isin yookiin nami dhibiin akka ulaagaa\f + \fr 4:3\fr*\fqa Ulaagaa: \fqa*\ft Seera ittiin dandeettii yookiin geyee nama tokkoo madaalanu yookiin ilaalanu\ft*\f* namaatitti yoo natti mure naaf womaa moti; aninuu ifi irratti muriisa hin dande'u. \v 4 Wodanaa kiyyaan waan ifi komadhu hin qabu, wonni kun ammoo dhugumaan akka ani qulluu\f + \fr 4:4\fr*\fqa Qulluu: \fqa*\ft Nama yakkaa hin qanne\ft*\f* te'e hin mirkaneessitu. Ka na irratti muru Gootta'a. \v 5 Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle'etti hin murina'a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata. \p \v 6 Obboleeyyan tiyya, isiniif jedhee tana duudii Apholoosii fi ifii kiyyatti fakkeessee dubbadheera. Hiikkaan Jecha, «Waan barreeffame irra hin tarina'a jedhu» akka nu'u irraa barattanuuf ani tana godhe. Tanaaf eennulle nama tokkoon ifi jajee, nama dhibii tuffatuu hin qabu. \v 7 Ati worra dhibii maaniin caalta? Waan ati qaddu duudii ka si'ii kenne Waaqaa motii? Maarre yoo isa irraa fudhattee jiraatte, akka kennaa hin te'iniititti maaf ifi jajja? \p \v 8 Isin qaata waan barbaaddanu mara dhaggattane! Isin qaata duroontane! Nu'u malee isin qaata mootontane. Nuuti isin woliin akka mootonnu, adoo dhugumaan mootontane hin jaaladha. \v 9 Waaqi, nu'u ergantoota akka worra du'a itti muranee gara itti ijjeefamanu geeffamanuu, worra gadee waan nu godhe seya. Tanaaf biyya lafaa irratti ergantoota Waaqaatii fi fuula namaa duratti akka waan daaw'ii teenee mudhanna. \v 10 Nuuti Kiristoosiif jennee gowwoolee teeneerra; isin ammoo Kiristoosiin qaro'o; nuuti dadhaboole'e, isin ammoo jajjaba. Nuuti ulfinna dhanneerra, isin ammoo ulfeeffantaneertan. \v 11 Haga ammaan tanaalle nuuti beelotaa, dheebotaa, daaraa, dikamaa, mana dhannee rakkataa, \v 12 harka keennaan hujaa dadhabaarra. Yennaa nu abaaranu, nuuti hin eebbinna; yennaa nu miidhanu, nuuti hin ossina; \v 13 yennaa nu arrassanu, nuuti waan dansaa deebinnaaf. Haga ammaan tanaalle nuuti kosi'ii fi caffaa biyya lafa ti. \p \v 14 Ani akka ijoollee tiyya jaalatanteetitti isin gorsiisaaf malee, isin qaanessiisaaf tana barreessiisatti hin jiru. \v 15 Isin Kiristoosiin abbootii guddisaa kuma kudhan yoo qabaatanelle, Abbaa tokko callaa qaddan. Ani Oduu Gammadaa barsiisee karaa Kiristoosiitiin abbaa keessan te'eera. \v 16 Tanaaf fakkeenna kiyya akka fudhattanu isin kadhadha.\x - \xo 4:16 \xo*\xt 1 Qor. 11:1; Filp. 3:17\xt*\x* \v 17 Sababa kanaaf ani ilma jaalatamaa kiyya, ka Kiristoosiin addatame Ximootewoos gara keessan erga. Inni karaa jiru'uu ka Kiristoosiin dhaggadhe, kama ani wolde'oota kiristaanaa addee maratti barsiisu isin yaadachiisa. \p \v 18 Isin keessaa gariin waan ani dhufee isin dhaggaa hin jirre seyanee, guddoo kooraneeran. \v 19 Yoo fedha Waaqaa teete ammoo, ani dhikoo tanattuu gara keessan dhufee, worri koorameeyyiin kun waan dubbatanu callaa adoo hin te'in hunna isaanille beekuu fedha. \v 20 Sababille Mootummaan Waaqaa waan dubbi'ii adoo hin te'in hunna Waaqaa ti. \v 21 Kam feetan? Ulee fudhadhee isinitti dhufa moo, yookiin ayyaana jaalalaatii fi qajeelumma'aatiin isinitti dhufa? \c 5 \s1 Sagaagalummaa Wolde'a Kiristaanaa Keessatti Te'e \p \v 1 Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttuu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii akka niiti'ii godhateeru jira. \v 2 Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu teessaniin baasa'a. \v 3 Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutitti te'ee nama waan farra akkasii huje irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera. \v 4 Yennaa isin maqaa Goottaa Yesuusiitiin wolitti dachaatanu anille hunna Goottaa Yesuusiitiin ayyaanaan odduu teessan waan jiruuf, \v 5 nafi namicha kanaa akka baduuf harka Seexanaatitti dabarsa'a isa kenna'a; guyyaa Goottaan Yesuus dhufu lubbuun\f + \fr 5:5\fr*\fqa Lubbuun: \fqa*\ft Ayyaanni\ft*\f* nama kanaa akka fayyituuf tana gootan. \p \v 6 Tanaaf ifi jajuun keessan dansa'aa moti. Uukoon diqqoon bukoo guddoo akka bukeessitu hin beettanuu?\x - \xo 5:6 \xo*\xt Gal. 5:9\xt*\x* \v 7 Akkuma amma jirtanutti akka bukoo haareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera. \v 8 Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeenna qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina. \p \v 9 Sagaagaltoota woliin tokkummaa hin qabaatina'a jedhee Xalayaa kanaan duraa keessatti ani isiniif barreesseera. \v 10 Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu. \v 11 Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a. \p \v 12 Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessa hin jiretti muriis hujii tiyyaa ree? Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessan keessa jirutti isin muruu hin dandeettanuu ree? \v 13 Worra ala jirutti ka muru Waaqa. Barreeffam Woyyichi, «Nama hamaa wodhakkaa teessaniin baasa'a» jedha. \c 6 \s1 Wol Himannaa Wolde'a Kiristaanaa Odduu Jiru Balleessuu \p \v 1 Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi'iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura'aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree? \p \v 2 Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru'uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan? \v 3 Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree? \v 4 Eegasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde'a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree? \v 5 Akka isin fokkifattanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu? \v 6 Isin keessaa ammoo dhugeeffataan tokko ka dhibi'iin wol dhabee gara Kora Mura'aa ka worra hin dhugeeffatinii geessuu qabaa? \p \v 7 Isin wol himattanee falmatiisinuu jigiisa keessan mudhitti. Addee san adoo isin yakkantanee hin woyyuu? Akkasuma adoo saamantanee woyyaa motii? \v 8 Isin ammoo kiristaana obboleeyyan teessanuuyyuu yakkitanee saamaartan. \v 9 Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina'a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, \v 10 yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu. \v 11 Isin keessaa gariin worra akkanaa turtane. Isin ammoo maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitii fi Ayyaana Waaqa keennaatiin cubbuu dhiqattanee, kolbaa Waaqaa teetanee balchoontaneertan. \s1 Nafa Ifii Ulfinna Waaqaatiif Oolchuu \p \v 12 Nami tokko «Wonni marti naaf eeyyatanteerti» jedhuu dande'a. Wonni marti ammoo bu'aa qaddi jechu'uu moti. Wonni marti naa eeyyatanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te'ee hin bitamu.\x - \xo 6:12 \xo*\xt 1 Qor. 10:23\xt*\x* \v 13 Nami dhibiin, «Sagaleen gadha'aaf, gadhaalle sagale'eef» jedhuu dande'a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu'uuf, Goottaalle nafa kunuunsu'uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu. \v 14 Waaqi Goottaa du'aa kaaseera; innille hunna ifiitiin du'aa nu hin kaasa. \p \v 15 Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te'e hin beettanuu? Maarre ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu'uu godhuu qabaa? Ijjumaa te'uu hin qabu! \v 16 Nami dubartii sagaagaltitti'iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi'iitiin tokko akka te'e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te'an» jedha. \v 17 Nami Gootta'atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te'a. \p \v 18 Sagaagalummaa irraa fagaadha'a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja. \v 19 Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te'e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti.\x - \xo 6:19 \xo*\xt 1 Qor. 3:16; 2 Qor. 6:16\xt*\x* \v 20 Waaqi gati'iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa'a. \c 7 \s1 Gaaffii Marroo Fuudhaa fi Heeruma Kiristaanaa \p \v 1 Marroo gaaffii gara kiyya barreessitanee dhiirti dubartii adoo fuudhuu dhaddee dansa'a. \v 2 Sagaagala irraa ifi eegatiisaaf ammoo, dhiirti tokko tokkoonuu niitii ifii qabaattuu ti; dubartiin tokko tokkoonuu dhirsa ifii qabaattuu ti. \v 3 Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma'aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma'aa hin dhooggatin. \v 4 Niitiin nafa ifii irratti baallii hin qaddu; nafa isi'ii irratti baallii ka qabu dhirsa isi'ii ti. Akkasuma dhirsille nafa ifii irratti baallii hin qabu; nafa isaa irratti baallii ta qaddu niitii isaa ti. \v 5 Akka jabaattanee daadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma'aa wol hin dhooggatin. Sababa kanaan ka ka'e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi'a'a. \p \v 6 Ani isiniif eeyyamiisaaf malee, isin ajajiisaafii moti. \v 7 Nami duudiin akkuma kiyya adoo niitii fuudhuu dhabe hin fedhaayyu. Waaqi ammoo nama tokko tokkoofuu kennaa adda addaa kenneera. Tokkoof kennaa tokko, kaaniif kennaa dhibii kenneera. \p \v 8 Amma worri hin fuudhinii fi hin heerumin, akkasuma haadhotiin hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee adoo jiraatane dansa'a. \v 9 Ifi qabatiisa\f + \fr 7:9\fr*\fqa Ifi qabatiisa: \fqa*\ft Toowatiisa\ft*\f* yoo dadhabane ammoo, addee halchaa fooniitiin gubatanu fuudhuu woyya. \p \v 10 Worra fuudheef ajaja kennu qaba; ajaji kunille ka Gootta'aa ti malee kiyyaa moti. Dubartiin heerumte dhirsa ifii irraa gargar hin bayin; \v 11 yoo baate ammoo, adoo hin heerumin qofuu leetuu ti; yookiin dhirsa ifii woliin araarantuu ti. Akkasuma dhirsille niitii ifii hin lakkisin.\x - \xo 7:11 \xo*\xt Mat. 5:32; 19:9; Mar. 10:11-12; Luq. 16:18\xt*\x* \p \v 12 Worra dhibi'iin ammoo Goottaa adoo hin te'in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le'iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin. \v 13 Dubartiin dhugeeffatte takkalle dhirsa hin dhugeeffatin yoo qabaattee inni isii woliin le'iisa jaalate, isiin isa hin lakkisin. \v 14 Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te'uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te'uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti. \v 15 Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame. \v 16 Ati dubartii tana, dhirsa dhugeeffataa hin te'in keeti, takki fayyittuu beettaa? Atille namicha kana, niitii dhugeeffattuu hin te'in teeti, takki fayyittuu beettaa? \s1 Akka Waaqi Waametti Jiraatuu \p \v 17 Tokko tokkoon keessan akkuma kennansa Goottaan isinii kennee fi akkuma yennaa Waaqi isin waame jirtanutti jiraadha'a. Kun seera ani wolde'a kiristaanaa duudii keessatti barsiisu. \v 18 Nami haqanqabaa qabateen duuba yoo Waaqaan waamame, akka haqanqabaa qabatee hin jirree hin te'in; yoo haqanqabaa qabatee hin jiraatin Waaqaan waamamee jiraate haqanqabaa qabatiisaa hin barbaadin. \v 19 Wonni guddoon ajaja Waaqaa eegatiisa malee, haqanqabaa qabatiis yookiin qabatuu dhabiis womaayyuu moti. \v 20 Nami tokko tokkoonuu akka yennaa Waaqi isa waame jirutti le'uu qaba. \v 21 Yennaa Waaqi si waame garbummaa jala turtee? Yoo teetelle womaa moti. Carraa bilisa bayiisaa yoo dhaggatte ammoo si irra hin tarin. \v 22 Nami adoo garba te'eeruu Gootta'aan waamame, Gootta'aan bilisummaa dhaggateera; akkasuma nami adoo bilisa te'eeruu waamame Kiristoosiif garbicha. \v 23 Waaqi gati'iin waan isin bitateef, garboota namaa hin te'ina'a. \v 24 Obboleeyyan tiyya! Nami tokko tokkonuu yennaa waamame akka jirutti Waaqa woliin jiraatuu ti. \s1 Worra Hin Fuudhinii fi Hin Heerumin \p \v 25 Amma marroo worra hin fuudhinii fi hin heerumin jiranuu, Goottaan ajaja naaf hin kennine. Ani ammoo, akka nama marartii Gootta'aa dhaggatee addatamaa te'eetitti, yaada kiyya isinitti kenna. \p \v 26 Yennaan amma keessa jirru rakkittuu waan iteeteef, nami akkuma jirutti adoo le'e dansaa natti fakkaatti. \v 27 Yoo niitii fuutee jiraatte isii lakkisiisaa hin barbaadin, Yoo fuutee hin jirre ammoo fuudhiisaa hin barbaadin. \v 28 Yoo fuute ammoo, cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti; akkasuma durrittiin takka yoo heerumte cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti. Te'uu malee worri fuudhuu fi heerumu biyya lafaa tana irratti rakkoo le'ii hedduu qabaatan; ani ammoo, rakkinna kana jalaa akka baatanuuf jedhee isin gorsa. \p \v 29 Obboleeyyan tiyya! Wonni ani isiniin jedhu barri gabaabbateera; yoona worri niitii qabu akka niitii hin qannee te'ee le'uu ti. \v 30 Worri gaddu akka hin gaddineetitti, worri gammadu akka hin gammanneetitti le'uu ti; worri meya bitatu akka womaa hin qannee te'uu ti. \v 31 Worri karra biyya lafaatitti fayyadamu akka womaa hin fayyadannee te'ee le'uu ti. Sababille biyyi lafaa tun hin tarti. \p \v 32 Ani akka isin yaaddoo malee leetanu fedha. Nami hin fuudhin waan ittiin Goottaa gammachiisu waan barbaaduuf, yaadi isaa hujii Gootta'aa irratti xiyyeeffata. \v 33 Nami fuudhe ammoo, niitii ifii gammachiisiisaa waan barbaaduuf, yaadi isaa waan biyya lafaatiif haajama. \v 34 Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta'aa te'iisa waan barbaadduuf, yaadi isi'ii hujii Gootta'aatiif haajama; dubartiin heerumte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti. \p \v 35 Ani akka isiniif toltuuf tana jedhe malee, isin hidhiisaaf moti. Isin waan sirrii te'ee fi waan male hujaa, gadhaa tokkoon tajaajila Gootta'aatiif akka ifi kennitanu fedha. \p \v 36 Nami tokko durra kadhateeru woliin wonni godhiisatti jiru sirrii yoo itti hin fakkaatin, ganni isi'iille dabariisa yoo geyee jiraate, woli fuudhiisi isaaniille yoo sirrii itti fakkaatte akkuma fedhe san yoo fuudhe cubbuu itti hin teetu. \v 37 Nami tokko ammoo, gadhaa kutatee, wonni isa dirqansiisu yoo hin jiraatin, halchaa ifiille toowatiisa dande'ee, durrittii kadhateeru san fuudhuu dhabiisaaf yoo murteeffate dansaa godhe. \v 38 Maarre nami fuudhu dansaa godha; ka hin fuune ammoo san caalaa dansaa godha. \p \v 39 Haati manaa haga abbaan manaa isi'ii lubbu'uun jiru seera fuudhaa fi heerumaatiin hidhanteerti; yoo dhirsi irraa du'e ammoo, nama ifii feete heerumiisaaf isiin bilisa. Teetuu malee nami isiin heerumtu sun dhugeeffataa te'uu qaba. \v 40 Akka yaada kiyyaatitti adoo hin heerumin yoo teette, irra caalaa gammadaan leeti. Anille Ayyaana Waaqaa qaba jedhee heda. \c 8 \s1 Horii Waaqota Dharaatiif Qalame \p \v 1 Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii na gaafattane ilaalchisee: \p Nuuti marti beekkumsa akka qannu hin beenna. Beekkumsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa. \v 2 Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku'uu maleeyyuu hin beenne. \v 3 Nami Waaqa jaalatu ammoo Waaqaan ka beekkame te'a. \p \v 4 Maarre, marroo horii waaqota dharaatiif qalame nyaatiisaa yoo teete, waaqi dharaa dhugumaan jireenna akka hin qanne, akkasuma Waaqa tokkocha malee ka dhibiin akka hin jirre hin beenna. \v 5 Adoo Waaqa hin te'in waaqota jedhamanee, waaqotii fi goottoti waamamanu hedduun ol-gubba'aa fi lafa irra jiran yoo jedhamanelle, \v 6 nu'uuf ammoo Waaqa tokkocha calla'atti jira. Inni Waaqa Abbaa wonni duuchiin isaan dadantee fi nuutille isaaf jiraannu; akkasuma Goottaan, Yesuus Kiristoos calla'a. Inni ka wonni duudiin karaa isaatiin dadantee fi ka nuuti karaa isaatiin jiraannu. \p \v 7 Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te'eef hin battowan. \v 8 Sagaleen gara Waaqaa nu hin dhiyeessitu; yoo nyaatuu dhanne womaa nu irraa hin dhidhatu; yoo nyaannelle womaa nu'uuf hin ede'amu. \p \v 9 Bilisummaan teessan tun ammoo, worra dhugeeffanna'aan hin jabaatiniif gufuu akka hin teene ifi eegadha'a. \v 10 Ani beekkumsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te'e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkaachuu? \v 11 Maarre nami dhugeeffanna'aan hin jabaatin, obboleessa keeti ka te'e, ka Kiristoos du'eef sababa beekkumsa keetiitiin bada. \v 12 Karaa kanaan kiristaana dhibii yakkiisaa fi wodanaa isaanii dadhaba madeessiisaan Kiristoos yakkitan. \v 13 Tanaaf wonni ani nyaadhu obboleessa kiyya ta gufaachiittu yoo teete, isa akka hin gufachiinneef jedhee ijjumaa foon hin nyaadhu. \c 9 \s1 Mirga Ergantootaa \p \v 1 Ani nama bilisummaa qabuu motii? Ani ergama'aa motii? Ani Goottaa keenna Yesuus hin dhagginee? Isin Gootta'aan bu'aa hujii tiyyaatii motii? \v 2 Ergamaa te'uun kiyya worra dhibii biratti fudhatama dhabulle, ani isiniif ergama'a. Sababille, Gootta'atti waan dhugeeffattaneef isinuu beessisa ergamaa te'iisa kiyyaa ti. \p \v 3 Worra na busheeshuuf ani deebii qaba: \v 4 waan nyaannuu fi waan unnu dhaggatiisaaf mirga hin qannuu ree? \v 5 Akka Ergantoota dhibi'ii, akka obboleeyyan Gootta'aatii fi akka Pheexroosii, nuutille niitii dhugeeffatte ifi faana fudhannee woliin deemiisaaf mirga hin qannuu? \v 6 Yookiin anaa fi Baarnaabaas calla'attuu waan le'ii teennaatiif hujatuu qannaa? \v 7 Nami loltuu te'ee mindaa malee beesee ifiitiin tajaajilu eennu? Nami muka woyni'ii dhaabee midhaan isi'ii hin nyaanne eennu? Nami horii tissaa aanan hin unne eennu? \p \v 8 Ani akka yaada namaa callaa kana jedhaaraa? Seerri Muuse'eetuu akkana hin jedhuu? \v 9 Seera Muuse'ee keessatti, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin» ka jedhu barreeffameera. Amma Waaqi marroo qotiyyo'ootiif haajamee tana jedhee? \v 10 Waaqi marroo teennaafii motii tana jedhe ree? Nami lafa qotuu fi nami midhaan dhowu qooda midhaanii dhaggadha jedhee akkuma addii godhatu, dhugumaan wonni kun marroo teennaaf barreeffante. \v 11 Nuuti waan jireenna ayyaanaatiif barbaachisu isinii facaannee, waan jireenna fooniitiif barbaachisu isin irraa yoo haammanne waan guddo'oo ree?\x - \xo 9:11 \xo*\xt Rom. 15:27\xt*\x* \v 12 Worri dhibiinuu waan akkasii isin irraa dhaggatiisaaf mirga ka qabanu yoo teete, nuuti mirga kana caalu attam qabaatuu dhanna ree? Nuuti ammoo mirga kanatti hin fayyadanne. Oduu Gammadaa ta Kiristoosiitiif gufuu akka hin teeneef, nuuti waan mara ossanne. \v 13 Worri Galma Waaqaa keessa tajaajilu sagalee ifii Galma Waaqaa keessaa akka dhaggatuu fi worri addee ciinca'aatitti ciincaa dhikeessu qooda ciinca'aa akka dhaggatu hin beettanuu ree? \v 14 Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le'anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera.\x - \xo 9:14 \xo*\xt Mat. 10:10; Luq. 10:7\xt*\x* \p \v 15 Ani ammoo mirga kana keessaa tokkolle'etti hin fayyadanne; kana ka barreessaarulle akka tana naa gootanuufii moti. Waan ani ittiin ifi jaju nami gatii dhassiisu'uu mannaa du'u naa woyya. \v 16 Ani Oduu Gammadaa waan odeesseef ifi jajuu hin qabu. Kana godhuun naaf dirqama; Oduu Gammadaa yoo lallabuu dhabe naaf aanne'e! \v 17 Fedha kiyyaan tana yoo godhe, gatii hin dhaggadha; fedha kiyya malee yoo godhe ammoo, hujii Waaqa biraa hadara'aan natti kennante muummesse jechu'u. \v 18 Gatiin dadhabbii tiyyaa maan ree? Gatiin dadhabbii tiyyaa mirga ifii qabu adoo itti hin fayyadamin, mindaa malee akkanumaan Oduu Gammadaa lallabu'u. \p \v 19 Ani nama bilisa malee, nama tokkolle'eef garbaa moti; ammoo haga dande'ame worra hedduu fayyisiisaaf garba ifi godheera. \v 20 Yihudoota fayyisiisaaf Yihudoota biratti akka Yihudootaa te'e. Ani seeraan jala jiraatuu dhabulle, worra seeraan jala jiru biratti akka nama seeraan jala jiruu te'e. \v 21 Ani Seera Waaqaa ka qabuu fi Seera Kiristoosiitiin jala jiraadhulle, worra Yihudoota hin te'in ka seera hin qanne fayyisiisaaf akka nama seera hin qannee te'e. \v 22 Worra dhugeeffanna'aan dadhabaa te'e fayyisiisaaf, akka worra dadhaba'aa te'e. Worra garii fayyisiisaaf nama duudii woliin waan duudii te'e. \p \v 23 Ani eebba Wongeelaa qoodamiisaaf, Wongeelaaf jedhee tana duudii godha. \v 24 Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa'a. \v 25 Worri doggommo'oof qophowu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona. \v 26 Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu'uun dhowuu nama toluma aggatuu moti. \v 27 Worra dhibi'iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi'iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha. \c 10 \s1 Waaqota Dharaa Hin Waaqonfatina'a \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Akka abbootii teenna duumensi isaaniin gubbaa jiraatee sooressee fi akka isaan martinuu abbaayaa diintuu keessa qaxxaamurane isin qaabachiisuu fedha. \v 2 Isaan duudiin hordofattoota Muuse'ee te'iisaaf duumensaa fi Abbaayaa guddoo tanatti cuuphamane. \v 3 Isaan martinuu sagalee ayyaanaa ta wol fakkaattu nyaatane. \v 4 Isaan martinuu unii ayyaanaa ta wol fakkaattu unaneeran. Uniin isaan unanelle rassaa ayyaanticha isaan hordofiisatti jiru irraa maddite; rassaan sunille kiristoos. \v 5 Teetuu malee, Waaqi isaan keessaa worra heddu'utti waan hin gammadiniif reeffi isaanii goomolee keessatti bittinnowee hafe. \p \v 6 Isaan waan hantuu akka halchane, nuutille waan hantuu akka hin halchine wonni kun nu'uuf fakkeenna nu ifi eeggachiisu te'eera. \v 7 Akkuma Barreeffam Woyyichi, «Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate» jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a. \v 8 Isaan keessaa worri gariin sagaagalee nami kum diddamii sad guyyaa tokkotti akkuma dhumate, nuutille sagaagaluu hin qannu. \v 9 Isaan keessaa gariin Goottaa haga ilaalane akkuma bofaan ijjeefamane, nuutille Goottaa haga ilaaluu hin qannu. \v 10 Isaan keessaa gariin gungumanee, ergamaa Waaqaa ka balleessuun akkuma badane isinille hin gungumina'a. \p \v 11 Wonni kun duudiin nu'uuf fakkeenna akka teetuuf isaan dhaqqadde; nu worra bara muumme'ee keessa jirruuf ammoo, ifi eeggannoo akka teetuuf barreeffante. \p \v 12 Tanaaf nami ani dhaabbadheera jedhee yaadatu, akka hin jinne ifi eegatuu ti. \v 13 Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa. \p \v 14 Maarre jaalota tiyya! Waaqota dharaa waaqonfatiisa irraa fagaadha'a. \v 15 Ani isin worra hubatu waan teetaneef dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu mura'a. \v 16 Muduunuu yennaa Irbaata Gootta'aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii?\f + \fr 10:16\fr*\ft Hiikkaan gariin: «Dhiiga Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree? Daabboon nuuti irraa caffannee nyaannu foon Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree?» jedha.\ft*\f*\x - \xo 10:16 \xo*\xt Mat. 26:26-28; Mar. 14:22-24; Luq. 22:19-20\xt*\x* \v 17 Daabboon takkaan waan jirtuuf, nuuti hedduu teenulle, duudiin keenna daabboo takkaa irraa waan qoodannuuf nuuti nafa tokkocha. \p \v 18 Me kolbaa Israa'elii ilaala'a; worri waan ciinca'aaf dhikaatu nyaatu, tajaajila addee ciinca'aa qoodamiisatti hin jiruu ree? \v 19 Eegasuu, ciincaan waaqota dharaatiif dhiyaatu, yookiin waaqoti dharaatuu bu'aa qaban jechuu kiyyaa ree? \v 20 Waawwoo! Worri waaqota dharaa waaqonsu durriisaaf ciincaa dhikeessa malee, Waaqaafii moti. Akka isin durriisota woliin jaalontanuufille ani hin barbaadu. \v 21 Isin muduunuu Gootta'aa keessaa unaa, muduunuu durriisotaa keessalle'ee unuu hin dandeettanu; isin qorii Gootta'aa keessaa nyaataa, qorii durriisotaa keessalle'ee nyaatuu hin dandeettanu. \v 22 Yookiin nuuti Goottaa hinaassisaarraa ree? Nuuti isa caalaa jajjabaa ree? \p \v 23 «Wonni marti eeyyatanteerti» jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu\f + \fr 10:23\fr*\fqa Hin jabeessitu: \fqa*\ft Hin ijaartu\ft*\f*.\x - \xo 10:23 \xo*\xt 1 Qor. 6:12\xt*\x* \v 24 Nami tokko tokkonuu bu'aa mataa ifii callaa barbaaduu adoo hin te'in, bu'aa worra dhibi'iitille'eef yaaduu ti. \p \v 25 Mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii, foon dikko'otti gurguramu duudii nyaadha'a. \v 26 Sababille akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Lafaa fi wonni isii irra jiru duudiin ka Gootta'aa ti». \p \v 27 Nami hin dhugeeffatin tokko areerti'iif yoo isin waame, isinille dhaqiisaaf yoo murteeffattane, waan isin duratti dhiyaate, mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii nyaadha'a. \v 28 Ammoo nami tokko, «Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru» jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a. \v 29 Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti. \p Eegasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree? \v 30 Ani Waaqa galateeffataa yoo nyaadhe, waan ittiin Waaqa galateeffadhuuf maaf komatama? \p \v 31 Maarre yennaa nyaattanulle te'e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha'a. \v 32 Worra Yihudootaa yookiin worra Yihudoota hin te'in yookiin wolde'a Kiristaana Waaqaa hin gufachiisina'a. \v 33 Ani nami duudiin akka fayyuuf bu'aa worra dhibi'ii malee, bu'aa mataa kiyyaa adoo hin barbaadin, waan huju maraan nama akkuma gammachiisu isinille akkasuma godha'a. \c 11 \p \v 1 Akkuma ani Kiristoos fakkaadhu isinille na fakkaadha'a.\x - \xo 11:1 \xo*\xt 1 Qor. 4:16; Filp. 3:17\xt*\x* \s1 Waaqonfannaa Malte \p \v 2 Waan duudi'iin yennaa maraa na qaabataa, barsiisa ani isin barsiise waan qabattaneef isin leellifadha. \v 3 Ammoo Kiristoos mataa dhiiraa, dhiirti mataa dubarti'ii, Waaqille mataa Kiristoosii akka te'e akka beettanu barbaada. \v 4 Dhiirti hagooggattee daadimattu yookiin raaga dubbattu ifi salphitti. \v 5 Akkasuma dubartiin mataa ifii hin hagooggatin daadimattu yookiin raaga dubbattu, dhiira dubartii irratti baallii qaddu salphitti. Dubartiin mataa ifii hin hagooggatin, akka mataa haadatteetitti laakkowanti. \v 6 Dubartiin mataa ifii ta hin hagoogganne yoo teete, rifeensa mataa ifii murattuu ti; rifeensa mata'aa muratiis yookiin haadatiis ka isii salphisu yoo te'e ammoo, mataa ifii hagooggattuu ti. \v 7 Dhiirti bifa Waaqaatii fi ulfinna Waaqaa ta mudhittu waan teeteef, mataa ifii hin hagooggatin. Dubartiin ammoo ulfinna dhiiraa mudhitti. \v 8 Sababille dubarti'ittuu dhiira irraa dhaggame malee, dhiirti dubartii irraa hin dhagganne. \v 9 Akkasuma dubarti'ittuu dhiiraaf dadante malee, dhiirti dubarti'iif hin dadanne. \v 10 Marroo kanaa fi sababa ergantoota Waaqaatiif, dubartiin hagoogguu beessisa baalli'ii teete san hagooggatuu ti. \v 11 Jireenna Gootta'aan qannuun dubartiin dhiira malee hin jiraattu; dhiirtille dubartii malee hin jiraattu. \v 12 Akkuma dubartiin dhiira irraa dhaggante, dhiirtille dubartii irraa dhalatte; wonni duudiin ammoo Waaqa irraa dhagganti. \p \v 13 Me isinuu mura'a; dubartiin adoo mataa ifii hin hagooggatin wolde'a kiristaanaa keessatti Waaqa daadimatuun waan malee? \v 14 Dhiirti rifeensa mataa ifii dheereffachuun salphinna akka te'e, aadaan le'ii namaatuu isin hin barsiittuu? \v 15 Dubartiin ammoo rifeensa dheeraa yoo qabaatte, isi'iif ulfinnaa motii ree? Rifeensi isi'iille akka ittiin ifi gollattuuf kenname. \v 16 Nama yaada kanaan moromuu barbaaduuf ammoo, nuuti yookiin wolde'ooti kiristaanaa ka Waaqaa, aadaa dhibii hin qannu. \s1 Irbaata Gootta'aa \r (Mat. 26:26-29; Mar. 14:22-25; Luq. 22:14-20) \p \v 17 Yennaa waaqonfanna'aaf wolitti qabantanu, dansaa caalaa hantuu waan gootanuuf, barsiisa amma isinii kennuun isin hin leellifadhu. \v 18 Waan duudi'iin dura, wolde'i kiristaanaa keessan yennaa wolitti qabamu, gargar bayiisi odduu teessan akka jiru dhage'eera; wonni ani dhage'elle gamis dhugaa akka te'e hin dhugeeffadha. \v 19 Isin keessaa worri dhugaa irra jiru fowamee akka beekkamu, odduu teessanitti gargar bayiisi jiraatuu qaba. \v 20 Yennaa wolitti qabantanu Irbaati isin nyaattanu ka Gootta'aatii moti. \v 21 Sababille yennaa nyaattanu namuu kuun kaan adoo hin eegin qofuu nyaata. Akka kanaan kuun hin beelowa, ka dhibiin hin machowa. \v 22 Isin mana itti nyaattanuu fi untanu hin qaddanuu? Yookiin wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa hin tuffattanii? Yookiin worra woy hin qanne qaanessitanii? Ani maan isiniin jedhu ree? Marroo waan kanaatiif isin leellifadhaa ree? Ani ijjumaa isin hin leellifadhu. \p \v 23 Barsiisi ani Goottaa irraa fudhadhee isiniif dabarsee kenne kana: Goottaan Yesuus halkan dabarfamee kenname xaltaa daabbo'oo fuudhee, \v 24 Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif te'u; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe. \v 25 Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe. \p \v 26 Isin yennaa xaltaa daabbo'oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi'ee dhufutti du'a isaa lalladdan. \v 27 Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta'aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta'aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta'aa waan salphiseef itti gaafatama. \v 28 Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba. \v 29 Eennulle foon Gootta'aa maan akka te'e adoo hin hubatin, foon Gootta'aa yoo nyaate, muduunuu Gootta'aalle yoo une yakkaamessa ifi godha\f + \fr 11:29\fr*\fqa Yakkaamessa ifi godha: \fqa*\ft Yookiin muraa ifi irratti fida\ft*\f*. \v 30 Sababa kanaaf isin keessaa worri hedduun dadhabee, worri hedduun dhibamee, worri gariille du'e. \v 31 Adoo dursinee ifi qorqorree\f + \fr 11:31\fr*\fqa Ifi qorqoree: \fqa*\ft Yookiin ifitti murree\ft*\f* jiraanne, sila Waaqa duratti yakkaameyyii hin teenu\f + \fr 11:31\fr*\fqa Yakkaameyyii hin teenu: \fqa*\ft Yookiin nu'utti hin murantuuyyu\ft*\f*. \v 32 Ammoo biyya lafaa woliin akka nu'utti hin muranne, Goottaan ammuma nu'utti muree nu adaba. \p \v 33 Tanaaf obboleeyyan tiyya! Irbaata Gootta'aatiif yennaa wolitti qabantanu wol eega'a. \v 34 Wolitti qabamuun keessan yakkaa ifitti mursiisiisaaf\f + \fr 11:34\fr*\fqa Yakkaa ifitti mursiisiisaaf: \fqa*\ft Yookiin mura'aaf\ft*\f* akka hin teene, nami isin keessaa beelaye yoo jiraate mana ifiititti nyaatuu ti. Marroo waan dhibi'ii ani yennaa achi dhufu, qajeelfama isinii kenna. \c 12 \s1 Kennansa Ayyaana Woyyichaa \p \v 1 Obboleeyyan tiyya! Amma marroo kennansa Ayyaana Woyyichaa akka beettanu barbaada. \v 2 Isin duri yennaa Waaqatti hin dhugeeffatin, karaa irraa gortanee gara waaqota dharaa ka dubbatiisa hin dandeennee, oofamaa akka turtane hin beettan. \v 3 Tanaaf nami Ayyaana Waaqaatiin sooreffamee, Yesuus abaaru hin jiru; akkasuma Ayyaana Woyyichaan yoo sooreffame malee eennulle, «Yesuus Gootta'a» ka jedhu akka hin jirre akka beettanu barbaada. \p \v 4 Kennansi adda addaa jira; Ayyaanni Woyyichi ammoo tokkochuma. \v 5 Tajaajilli adda addaa jira; Goottaan ammoo tokkochuma. \v 6 Hujiin adda addaa jirti; waan mara nama duudii keessatti ka huju Waaqa tokkochuma. \v 7 Kennansi Ayyaanaa ka nama duudii keessatti mudhatu, bu'aa nama duudi'iitiif kenname. \v 8 Ayyaanni Woyyichi tokkoof dandeettii qaroomaan dubbatiisaa hin kenna; ka dhibi'iif Ayyaanni sunuu dandeettii beekkumsaan dubbatiisaa hin kenna. \v 9 Tokkoof Ayyaanni sunuu dhugeeffannaa hin kenna; ka dhibi'iif kennansa dhibee irraa fayyisiisaa hin kenna. \v 10 Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi'iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama'aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi'iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatiin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna. \v 11 Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna. \s1 Nafi Tokko Qooda Adda Addaa Qaba \p \v 12 Nafi tokkochi qooda\f + \fr 12:12\fr*\fqa Qooda: \fqa*\ft Mitikaa\ft*\f* adda addaa qaba; nafi tokkochi qooda hedduu qaba. Akkasuma Kiristoosille akka nafa tokkocha qooda hedduu qabuu ti.\x - \xo 12:12 \xo*\xt Rom. 12:4-5\xt*\x* \v 13 Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu'uuf kennameera. \p \v 14 Nafi qooda hedduu irraa hujame malee, qooda tokko callaa irraa hin hujanne. \v 15 Miilli harkaan, «Ani harka waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu. \v 16 Gurrille, «Ani ila waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu. \v 17 Nafi duudiin adoo ila te'e, sila maaniin woy dhage'a? Nafi duudiin adoo gurra te'e, sila maaniin foolee fuudha? \v 18 Waaqi ammoo, qooda nafa duudi'ii adda addaan akka ifii barbaadetti, addee addee isaatitti qopheesse. \v 19 Qoodi nafaa duudiin, qooda nafaa tokko callaa yoo te'e, nafi eessa jiraata laati? \v 20 Kanaaf akka amma jirutti, qoodi nafaa heddu'u; nafi ammoo tokkocha. \p \v 21 Maarre ilti harkaan, «Ati naaf hin barbaachittu» yookiin mataan miilaan, «Ati naaf hin barbaachittu» jechuu hin dande'u. \v 22 Qooda nafaa keessaa irra caalaa dadhabaa fakkaatanee ka mudhatanuuyyuu, guddoo barbaachisan; \v 23 qooda nafa keennaa keessaa ka ulfinna diqqaa qabanu fakkaatanee nu'utti mudhatanuuf, caalchinnee ulfinna kennina; qooda nafa keennaa ka fokkisiisanu fakkaatanee ka nu'utti mudhatanuuf ammoo, caalchinnee kabajjaa kenninee hin eeganna. \v 24 Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera. \v 25 Qooda nafaa wodhakkaa garaa garummaan adoo hin jiraatin, akka woliif yaadatanuuf inni tana godhe. \v 26 Qooda nafaa keessaa tokko yoo rakkate, ka hafanelle isa woliin rakkatan; isaan keessaa tokko ulfinna yoo dhaggate, ka hafanelle isuma san woliin gammadan. \p \v 27 Amma isin duudiin nafa Kiristoosii ti; tokko tokkoon keessanuu qooda nafa isaa ti. \v 28 Waaqi wolde'a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeessoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera. \v 29 Duudiinuu ergantootaa ree? Duudiinuu raagotaa ree? Duudiinuu barsiisotaa ree? Duudiinuu bilbaasa hujanii ree? \v 30 Duudiinuu kennaa dhibamaa fayyisiisaa qabanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan dubbatanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan ka dubbatame hiikuu dande'anii ree? \v 31 Isin ammoo kennaa caaltu dhaggatiisaaf jabaadha'a. \p Anille karaa duudii irra caalu isinitti hin mudhisa. \c 13 \s1 Jaalala Dhugicha \p \v 1 Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille'een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti. \v 2 Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkumsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde'ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.\x - \xo 13:2 \xo*\xt Mat. 17:20; 21:21; Mar. 11:23\xt*\x* \v 3 Waan qabu mara hiyyeeyyi'iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf\f + \fr 13:3\fr*\ft Woraabbiin durii durii gariin, «Ifi jajiisaaf» jedhan\ft*\f* dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu. \p \v 4 Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja'a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. \v 5 Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu'aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. \v 6 Jaalalli dhuga'atti malee, hammeennatti hin gammadu. \v 7 Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata. \p \v 8 Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; beekkumsalle yoo te'e, hin hafa. \v 9 Sababille wonni nuuti beennu gamisa; raagi nuuti dubbannulle gamisa. \v 10 Wonni mijuu teete yennaa dhuttu, wonni gamisa teete hin baddi. \p \v 11 Ani yennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadhe; akka ijoolle'ee yaadadhe; akka ijoolle'ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma'aa lakkiseera. \v 12 Wonni amma nuuti dhagginu akka daaw'itii keessatti caararra'aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi na beekutti, beekkumsa guutuu hin qabaadha. \p \v 13 Yoona dhugeeffannaan, addi'ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala. \c 14 \s1 Kennaa Raagaatii Fi Afaan Haareyaan Dubbatiisaa \p \v 1 Jaalala hordofa'a; kennaa Ayyaana Woyyichaa, keessattuu raaga dubbatiisaa akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a. \v 2 Nami afaan haareeyaan dubbatu, waan inni dubbatu ka beeku waan hin jirreef, Waaqatti dubbata malee namootatti hin dubbatu; inni hunna Ayyaana Woyyichaatiin dhossaa dhuga'aa dubbata. \v 3 Nami raaga dubbatu, namoota ijaariisaaf, jabeessiisaa fi jajjabeessiisaa dubbata. \v 4 Nami afaan haareyaan dubbatu mataa ifii callaa ijaara; ka raaga dubbatu ammoo wolde'a kiristaanaa ijaara. \p \v 5 Isin duudiin afaan haareyaan akka dubbattanu hin jaaladha; ammoo san caalaa kennaa raaga dubbatiisaa akka qabaattanu jaaladha. Waan afaan haareyaan dubbatame san, akka wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu nami tokko yoo hiike malee, nama afaan haareyaan dubbatu caalaa ka raaga dubbatutti caala. \v 6 Maarre obboleeyyan tiyya! Ani mudhii yookiin beekkumsa yookiin raaga yookiin barsiisa tokko adoo hin dubbatin, afaan haareya calla'aan dubbataa gara keessan yoo dhufe, maan isinii baya? \p \v 7 Suusullee yookiin kiraara meya lubbuu hin qanne irrattuu, qoonqoon afuufantu yookiin dhowantu sun qoonqoo adda addaa yoo hin qabaatin, qoonqoon isaan dhageessisanu ta attamii akka teete attamiin beekkanti ree? \v 8 Tultullaan afuufamee, qoonqoon isaalle qulloottee yoo beekkamuu dhadde, eennuttuu lolaaf qophowa ree? \v 9 Akkasuma, wonni isin afaan haareyaan dubbattanu ka hin beekkanne yoo te'e, nami waan isin dubbattane attamiin beekuu dande'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanuu teetan. \v 10 Biyya lafaa irratti afaan hedduun adda addaa jira; isaan keessaa hiikkaa ka dhabe hin jiru. \v 11 Ani hiikkaa afaan dubbatamuu san yoo beekuu dhabe ammoo, nama dubbatu biratti orma te'a; innille orma natti te'a. \v 12 Maarre isin kennaa Ayyaana Woyyichaa dhaggatiisaaf eega dharraatane, waan duuchii caalaa kennaa wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a. \p \v 13 Tanaaf nami afaan haareyaan dubbatu, waan dubbate san hiikuu akka dande'u daadimatuu qaba. \v 14 Ani afaan haareyaan\f + \fr 14:14\fr*\fqa Afaan haareyaan: \fqa*\ft Afaan hin beekkanneen\ft*\f* yoo daadimadhe, ayyaanni kiyya hin daadimata; qalbiin tiyya ammoo womaa hin hujju. \v 15 Maan godhuu qaba? Ani ayyaana kiyyaan hin daadimadha; qalbii tiyyaalle'een ammoo hin daadimadha; ayyaanaan hin faarsa; qalbii tiyyalle'een ammoo hin faarsa. \v 16 Ati ayyaana keetiin yoo Waaqa galateeffattu, nami wonni ati jettu haareya itti teetee, hiikkaa dubbi'ii hin beekin, daadimannaa galataa ta ati dhikeessitutti, «Attam Ameen» jechuu dande'a ree? \v 17 Daadimannaan galataa ta ati dhikeessite dansaa teetulle, nami dhibiin ammoo ittiin hin jabaatu. \p \v 18 Ani isin duudii caalaa afaan haareyaan waan dubbadhuuf, Waaqa galateeffadha. \v 19 Te'uu malee wolde'a kiristaanaa keessatti, afaan hin beekkanneen jecha kuma kudhan dubbachuu irra, namoota dhibii barsiisiisaaf, jecha shan afaan beekkamuun dubbatuu jaaladha. \p \v 20 Obboleeyyan tiyya! Waan hantu'uuf daa'immaan te'a'a; yaada keessaniin ammoo worra guddatane te'aa malee, daa'immaan hin te'ina'a. \v 21 Barreeffama Woyyicha keessatti, \q1 «‹Ani karaa namoota afaan haareya dubbatanuutii fi \q2 karaa namoota afaan ormaa dubbatanuutiin, \q2 kolbaa tanatti hin dubbadha; \q2 tun teetulle kolbaan tiyya ana hin dhageettu› jedha \q2 Goottaan» jedhantee barreenfanteerti. \p \v 22 Tanaaf afaan haareyaan dubbachuun beessisa worra hin dhugeeffanneef kenname malee, worra dhugeeffateef ka kennamee moti; raagi ammoo worra dhugeeffateef malee, worra hin dhugeeffanneefii moti. \p \v 23 Maarre wolde'i kiristaanaa marti wolitti qabamee, nami marti afaan haareyaan yoo dubbate, namooti hiikkaa dubbii sanii hin beenne yookiin worri hin dhugeeffatin yoo ol seenane isiniin, «Worri kun maraateera» hin jedhanuu ree? \v 24 Ammoo isin martinuu adoo raaga dubbatiisatti jirtanuu, nami hin dhugeeffatin yookiin nami dubbiin tun isaaf hin galle yoo ol seene, waan dhage'een cubbuu ifii hubata. Akkasuma dubbii dhage'u duudi'iin isatti muranti. \v 25 Dhossaan gadhaa isaa keessa jirtulle ifatti hin baati; innille addaan lafatti jigee, «Dhugumaan Waaqi odduu teessan jira» jedhaa Waaqaaf sagada. \s1 Seera Waaqonfannaa Wolde'a Kiristaanaa \p \v 26 Obboleeyyan tiyya! Yoona maan jenna ree? Yennaa wolitti qabantanu isin keessaa tokko faarsiisa, tokko barsiisiisa, tokko mudhii, tokko afaan haareyaan dubbatiisa, tokko waan dubbatame hiikiisa hin qabaata. Wonni kun duudiin ammoo, wolde'a kiristaanaa ijaariisaaf te'uu ti. \v 27 Worri afaan haareyaan dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo heddate sad callaan, badoo bado'oon dubbatuu ti; nami tokko ammoo waan dubbatame san hiikuu ti. \v 28 Nami hiiku yoo jiraatuu dhabe, ka afaan haareyaan dubbatu sun, ifii fi Waaqa calla'atti dubbatuu malee, wolde'a kiristaanaa keessatti cadhisuu ti. \v 29 Raagoti lama yookiin sad te'anee dubbatanuu ti; worri dhibiin ammoo waan isaan jedhane qorqoruu ti. \v 30 Worra tee'ane keessaa nama dhibi'iif mudhiin yoo kennanteef ammoo, ka duraan dubbatiisatti jiru sun cadhisuu ti. \v 31 Nami duudiin akka baratuu fi jajjabaatu, tokko tokkoon keessan badoo bado'oon raaga dubbatuu dandeettan. \v 32 Ayyaanni raagotaa raagotaaf hin ajajama. \v 33 Sababille Waaqi Waaqa nageyaa ti malee, ka hoga'aatii moti. \p Akkuma wolde'a kiristaanaa duudii keessatti te'u, \v 34 dubartooti wolde'a Kiristaanaa keessatti cadhittuu ti. Akkuma Seerri Muuse'ee jedhutti, dubartooti akka ajajantu malee, akka dubbattuuf hin eeyyamanne. \v 35 Wonni tokko tokko ka isaan beekiisaa barbaadanu yoo jiraatte, abbuma manaa ifii manatti gaafatanuu ti; dubartiin takka wolde'a Kiristaanaa keessatti dubbachuun fokko'o. \p \v 36 Jechi Waaqaa isin irraa dhufee? Yookiin isin qofa geyee? \v 37 Nami tokko ani raaga'a yookiin kennaa ayyaanaa qaba ka jedhu yoo jiraate, ajaji ani barreesse kun ka Gootta'aa akka te'e beekuu ti. \v 38 Nami tana hin beenne ammoo, inninuu hin beekkamu. \p \v 39 Tanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbatiisaaf jabaadha'aa barbaada'a; afaan haareyaan dubbatiisalle hin dhooggina'a. \v 40 Wonni duudiin ammoo, karaa qajeela'aa fi seeraan te'uu ti. \c 15 \s1 Du'aa Ka'iisa Kiristoosii \p \v 1 Amma obboleeyyan tiyya! Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabeeruun fudhattanee, itti jabaattanee dhaabbattane, isin qaabachiisuu fedha. \v 2 Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabe jabeessitanee yoo qabattane, ittiin hin fayyitan; yoo san te'uu dhadde ammoo, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu. \p \v 3 Ani waan ifiif fudhadhe ka waan duudii caalu isinii dabarseera; wonni ani isinii dabarselle: akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreenfante Kiristoos cubbuu teennaaf du'ee, \v 4 awwaalamee, akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffantetti, guyyaa sadiin duuba du'aa ka'eera ta jettu. \v 5 Inni Pheexroositti mudhattee, achiin duuba barattoota ifii kudhanii lamatti mudhate.\x - \xo 15:5 \xo*\xt Mat. 28:16-17; Mar. 16:14; Luq. 24:34,36; Yoh. 20:19\xt*\x* \v 6 Saniin duuba hordofattoota ifii ka dhibba shaniin ol te'anutti yennaa tokkotti mudhate; hedduun isaanii haga ammaa hin jiran; gariin ammoo du'aneeran. \v 7 Yaaqoobitti mudhateen duuba ammoo, ergantoota maratti mudhate. \p \v 8 Muummee irratti ana nama akka sadheessaa te'elle'etti mudhate.\x - \xo 15:8 \xo*\xt HuE. 8:3\xt*\x* \v 9 Ani ergantoota duudii keessaa diqqa'a; wolde'a Kiristaanaa ka Waaqaa irralle'etti waan miidhaa geessiseeruuf ergamaa jedhamiisaaf nama te'uu moti. \v 10 Amma ammoo badhaadha Waaqaatiin akka amma te'e kana te'ee dhaggama; badhaadhi inni naaf kennelle akkanumaan hin hanne. Ani ergantoota taan caalaa dadhabee hujeera; tana ka huje badhaadha Waaqaa ka na woliin jiru malee, anaa moti. \v 11 Maarre analle te'e isaan, woma kana lallanna; isinille waanuma kana dhugeeffattane. \s1 Du'aa Ka'iisa Worra Du'ee \p \v 12 Kiristoos du'aa akka ka'e eega lallabame, isin keessaa worri gariin attamiin du'aa ka'iis worra du'ee hin jiru jedhan ree? \v 13 Du'aa ka'iis worra du'ee yoo hin jiraatin, Kiristoosille du'aa hin kaane jechu'u. \v 14 Kiristoosille yoo du'aa ka'ee hin jirre teete, lallabi keenna gatii hin qabu; dhugeeffannaan teessanille gatii hin qaddu jechu'u. \v 15 Waaqi, Kiristoos du'aa kaaseera jennee, dhugaa bayiisa keennaan dhugaa baatota Waaqaa, dharaameyyii teenee dhagganneerra. Worri du'e dhugumaan du'aa ka hin kaane yoo te'e, Waaqi ammoo Kiristoos du'aa hin kaanne jechu'u. \v 16 Sababille worri du'e ka hin kaafanne yoo te'e, Kiristoosille du'aa ka'ee hin jiru. \v 17 Kiristoos yoo du'aa kaafamee hin jirre teete, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu; haga ammaan tanaalle cubbu'uun jirtan. \v 18 Yoo akkana teete worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e badeera jechu'u. \v 19 Jiruu biyya lafaa tana calla'aaf Kiristoositti yoo addannee jiraanne, namoota duudii caalaa ka nayuu qabanuuf nu'u. \p \v 20 Kiristoos ammoo dhugumaan du'aa ka'ee, worra du'eef angafa te'ee du'aa ka'a isaanille mirkaneesse. \v 21 Duuti karaa nama tokkootiin akkuma dhutte, du'aa ka'iis worra du'eelle karaa nama tokkootiin dhutte. \v 22 Nami marti akkuma Addaamiin du'u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata. \v 23 Tun tokko tokkoofuu badoo badoo'oonuu teeti; Kiristoos du'aa ka'ee angafa akkuma te'e, worri ka Kiristoosii te'anelle, yennaa inni dhufu du'aa hin ka'an. \v 24 Achiin duuba Kiristoos bulchitoota, worra baallii qabuu fi hunna qabu balleessee, mootummaa Waaqa Abba'atti yennaa kennu, muummeen biyya lafaa hin teeti. \v 25 Waaqi diinota isaa mara miila isaa jala haga keyutti, Kiristoos mowuu qaba. \v 26 Diinni injifatamee muummee irratti badu du'a. \v 27 Barreeffam Woyyichi, «Waaqi waan mara miila isaatiin jala godheera» jedha. «Waan duudii miila isaatiin jala godheera» yennaa jedhu, Waaqi waan duudii miila Kiristoosiitiin jala godhe, ifiif ammoo miila jala akka hin galiin ifa. \v 28 Wonni duudiin baallii Kiristoosiitiin jala teeteen duuba, Ilminuu Waaqa waan duudii isaan jala godhe jala ifi godha; Waaqille waan mara guutumatti hin bulcha. \p \v 29 Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, namooti marroo worra du'eetiif jedhanee cuuphamanu bu'aan isaanii maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, kolbaan tun maaf addee isaanii cuuphanti ree? \v 30 Nuutille maaf yennaa mara balaa keessa ifi galchina ree? \v 31 Obboleeyyan tiyya! Guyyaa guyya'aanuu duuti na dhaqqaddi. Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isiniin waan ifi jajuuf, ani tana isinitti hima. \v 32 Akka yaada namaa qofaan, Efesoon keessatti bineensaan wol loluun kiyya bu'aan maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, «Boru waan duunuuf, kowa'a hin nyaanna, hin unna» akkuma jedhante te'uu isi'ii ti. \p \v 33 Hin gowwoomina'a. «Hari'aan badduun amala dansaa balleessiti». \v 34 Gara qalbii teessanii deebi'a'a. Cubbuulle hin hujina'a. Isin keessaa worri gariin ka Waaqa hin beenne jira. Ani isin qaanessiisaaf tana dubbadha. \s1 Nafa Du'aa Ka'e \p \v 35 Nami tokko, «Worri du'e attamiin ka'a? Yennaa du'aa ka'anu nafa attamii qabaatan ree?» jedhee gaafata fa'a. \v 36 Ati gowwa'a! Midhaan ati facaattu yoo du'e\f + \fr 15:36\fr*\fqa Du'e: \fqa*\ft Shame\ft*\f* malee, mudhee jiruu hin qabaatu. \v 37 Sanyiin qamadi'ii yookiin midhaan dhibiin ka ati facaattu, sanyuma qofa malee, nafa midhaanii ka latu sanii moti. \v 38 Waaqi ammoo akka jaalatetti nafa hin kennaaf; tokko tokkoofille akkuma gosa sanyi'iititti nafa hin kennaaf. \p \v 39 Foon marti tokkoo moti; foon namaa gosa tokko; foon bineensaa ka dhibi'i; ka sinbirrootaa ka dhibi'i; ka qurxummi'iille ka dhibi'i. \p \v 40 Nafi worra ol-gubba'aa jira; nafi worra lafaalle jira. Teetuu malee ulfinni nafa worra ol-gubba'aa gosa tokko; ulfinni nafa worra lafaalle gosa dhibi'i. \p \v 41 Ulfinni adu'uu gosa tokko; ulfinni ji'aa ka dhibi'i; ulfinni urjootaalle gosa dhibi'i; urjiin takka ulfinna urjii dhibi'ii irraa adda te'e qaddi. \p \v 42 Ka'iis worra du'eelle akkasuma te'a. Nafi du'ee awwaalamee badu, nafa jiraataa hin banne te'ee ka'a. \v 43 Nafi salphinnaan awwaalame, ulfinnaan hin ka'a; nafi dadhabaan awwaalame, hunnaamessa te'ee hin ka'a. \v 44 Nafa foonii te'ee ka awwaalame nafa ayyaanticha te'ee hin ka'a. Maarre nafi foonii eega jiraate, nafi ayyaantichille jira. \v 45 Barreeffam woyyichi, «Nami qaraa Addaam foon jiruu qabu te'e» jedha; Addaamiin duuba ammoo, Ayyaana jiruu kennu te'e. \v 46 Ka dura dhufe nafa fooniiti malee, nafa ayyaantichaa moti. Nafi ayyaantichi nafa foonii saniin duuba dhufe. \v 47 Nami duraa Addaam lafa irraa waan dadameef, nama biyya lafaati; namichi lammeesso'oo ol-gubbaa irraa dhufe. \v 48 Worra lafaa ka te'ane, namicha lafa irraa dadame fakkaatan; worra ol-gubba'aa ka te'ane nama ol-gubba'aa dhufe fakkaatan. \v 49 Nafa nama lafa irraa dadamee akkuma fakkaannu, akkasuma nafa nama ol-gubba'aalle hin fakkaanna. \p \v 50 Obboleeyyan tiyya! Nami foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqaa dhaaluu akka hin dandeenne, yookiin nafi du'aan badu nafa jiraataa hin banne akka hin dhaalle isinitti hima. \p \v 51 Ani dhossaa takka isinitti hima. Nuuti maraa hin jijjiiranna malee hin duunu. \v 52 Tultullaan muumme'ee yennaa afuufamu, nuuti akka lipheettii ilaa takkumaan hin jijjiiranna. Tultullaan hin afuufama; worri du'e ka hin banne te'ee hin ka'a; nuutille hin jijjiiranna.\x - \xo 15:52 \xo*\xt 1 Tas. 4:15-17\xt*\x* \v 53 Nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune uffatuu qaba. \v 54 Maarre nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune yennaa uffatu, Barreeffam woyyichi, «Duuti injifacha'aan liqinfante»; \v 55 akkasuma, \q1 «Du'a! Injifannaan teeti meet? \q2 Du'a! Hunni ati namaan miitu meet?» \m jedhu hin muummowa. \v 56 Hunni ilkattii du'aa cubbu'u; hunni cubbu'uulle seera. \v 57 Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu'uu kennuuf galanni te'u! \p \v 58 Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a. \c 16 \s1 Qarqaarsa Kolbaa Waaqaatiif Guurame \p \v 1 Amma marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ilaalchisee, waan ani wolde'a kiristaana Galaatiya'aatii hime, isinille godha'a.\x - \xo 16:1 \xo*\xt Rom. 15:25-26\xt*\x* \v 2 Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti. \v 3 Ani yennaa dhufu, worra isin filattaneef xalayaa geegessa'aa kennee, kennansa isin kennitane gara Yerusaalemii akka geessanuuf hin erga. \v 4 Akka ani dhaquuf barbaachisaa yoo teete ammoo, isaan na woliin hin dhaqan. \s1 Karoora Phawuloosii \p \v 5 Ani karaa Meqedooniya'aatiin dhaqiisaaf waan hedeef, biyya Meqedooniya'aa keessa tareen duuba, gara keessan hin dhufa. \v 6 Qarqaarsa addee ani dhaqu maraaf naa te'u akka naaf gootanu, ani isin bira hin tura fa'a te'a. Ani ganna guutuulle isin bira turuu dande'a fa'a. \v 7 Amma yennaa taru isin dubbisuu hin barbaadu; yoo Goottaan jedhe, yennaa diqqoo dheertuu isin bira akka turu hin addadha. \p \v 8 Haga guyyaa jila Phenxeqosxe'eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura. \v 9 Balbalti badhoon bu'aa qabeettiin naaf bananteerti. Worri ana mormu ammoo heddu'u. \p \v 10 Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee'u akka gootanu hubadha'a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta'aa hujaara.\x - \xo 16:10 \xo*\xt 1 Qor. 4:17\xt*\x* \v 11 Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi'u isa gargaara'a. Deebi'iisa isaa obboleeyyan woliin eegiisatti jirra. \p \v 12 Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te'uu malee yoo itti tolte hin dhufa. \s1 Gorsaa Fi Nageya Muumme'ee \p \v 13 Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a. \v 14 Waan hujjanu mara jaalalaan huja'a. \p \v 15 Obboleeyyan tiyya! Isxifaanosii fi maatiin isaa lafa Akaayya'aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te'anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan.\x - \xo 16:15 \xo*\xt 1 Qor. 1:16\xt*\x* \v 16 Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha'a. \p \v 17 Dhutti Isxifaanosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiitteerti. Sababille waan isin na woliin as hin jiraatiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran. \v 18 Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha'a. \p \v 19 Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman.\x - \xo 16:19 \xo*\xt HuE. 18:2\xt*\x* \v 20 Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman. \p Sunqata woyyichaan nageya wol fuudha'a. \p \v 21 Nageya kana ani Phawuloos harkuma kiyyaan isinii barreesse. \p \v 22 Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te'uu ti! Goottaa keenna koottu!\f + \fr 16:22\fr*\fqa Goottaa keenna koottu: \fqa*\ft Afaan Aramaykiitiin, «Maaranaataa» jedhama\ft*\f* \p \v 23 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu. \p \v 24 Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen.