\id 1CH - Guji Bible \ide UTF-8 \h 1 Dabarsi'ii \toc1 Kitaaba Dabarsi'ii Ka Qaraa \toc2 1 Dabarsi'i \toc3 1 Dab. \mt1 Kitaaba Dabarsi'ii Ka Qaraa \imt Seensa \ip Kitaaboti dabarsi'ii waan kitaabota Saamu'eliitii fi kitaabota Moototaa keessatti barreeffameeru, haala adda te'een itti deebi'anee himan. Kitaabota dabarsi'ii keessatti mootummaa moototaa ta Israa'elii ilaalchisee yaada gugurdaa lamatti barreeffameera. 1. Mootummaa Israa'eliitii fi mootummaa Yihuda'aa balaan itti bu'ulle, Waaqi waadaa kolbaa ifiitiif gale eegaa akka turee fi karaa kolbaa Yihudaa keessa leetuutiin karoora kolbaa ifiitiif qabu hujii irra akka oolche mudhisa. Barreessaan tana mirkaneessiisaaf hujii gugurdoo Daawitii fi Solomoon hujane, haareffama Iyoosaafix, Hisqiyaasii fi Yosiyaas godhanee fi kolbaa jabaattee Waaqaaf addatante irratti xiyyeeffata. 2. Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaatitti Waaqa waaqonfatiis attam akka jalqabame, keessattuu aadaan dhugeeffanna'aa ta waaqonfatiisaa ta dhaaba hayyootaatii fi Lewwootaa attam akka ijaarante hubachiisa. Galma Waaqaa ka ijaare Solomoon te'ulle, hundee Galma Waaqaatii fi aadaa dhugeeffanna'aa ta waaqonfatiisaa ka hundeesse Daawiti akka te'e hima. \iot Haadhoo Dubbi'ii \io1 Sanyii Addaamii ta haga mooticha Saa'olii\ior 1:9—9:44\ior* \io1 Du'a Saa'olii\ior 10:1-14\ior* \io1 Bulchiinsa Daawitii\ior 11:1—29:30\ior* \io2 Rakko'oo fi Hujii\ior 11:1—22:1\ior* \io2 Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa\ior 22:2—29:30\ior* \c 1 \s1 Hidda Dhalootaa Addaamiitii Kaasee Haga Abrahaamii \r (Dad. 5:1-32; 10:1-32; 11:10-26) \s2 Haga Ilmaan Nohii \p \v 1 Addaam abbaa Sheetii ti; Sheet abbaa Enoshii ti; \v 2 Enoshi abbaa Qaayinaanii ti; Qayinaan abbaa Mahalalelii ti; Mahalalel abbaa Yaaredii ti; \v 3 Yaared abbaa Heenookii ti; Heenokii abbaa Matusaalaa ti; Matusaalaan abbaa Laamekii ti; \v 4 Laamekii abbaa Nohii ti; Nohi: Seemi, Kaamii fi Yaafet uumate. \s2 Yaafetoota \p \v 5 Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas. \v 6 Ilmaan Gomerii: Ashkenaas, Riifaatii fi Togaarma'a. \v 7 Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim. \s2 Kaamota \p \v 8 Ilmaan Kaamii: Kuushi, Misraayiim, Fuxii fi Kana'aan. \v 9 Ilmaan Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa fi Sabteka'a. Ilmaan Ra'imaa: Sheebaa fi Dedaan. \v 10 Kuushi, Niimrod uumate; Niimrod biyya lafaa keessatti loltuu jabaa qaraa te'e. \v 11 Misraayiim Ludiim, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim, \v 12 Fatrusiim, Kasluhiim abbaa worra Filisxeemotaatii fi Kaftoriim uumate. \v 13 Kana'aan Sidoon uumate; Sidoon ilma isaa angaficha; itti aansee Heet, \v 14 Yibus, Amooro, Girgaasho, \v 15 Hiiwo, Arqo, Siino, \v 16 Arwaado, Simaaroo fi Kamaato uumate. \s2 Seemota \p \v 17 Ilmaan Seemii: Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram. Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Meshek. \v 18 Arfaaksaad Shalaa uumate; Shalaan Ebeer uumate. \v 19 Ebeer ilmaan lama uumate; bara inni dhalate kolbaan biyya lafaa waan qoqoodanteef, maqaan ilma angafichaa, «Feleg\f + \fr 1:19 \fr*\fqa Feleg: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa qoqoodamiisa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhame; maqaan obboleessa isaalle Yoqxaan. \v 20 Yoqxaan Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa, \v 21 Hadoraam, Uzaal, Diqilaa, \v 22 Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa, \v 23 Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab uumate; isaan kun marti ilmaan Yoqxa'aa ti. \p \v 24 Hiddi dhaloota Seemii irraa haga Abraamii ka asii gad jiru: Seem, Arfaaksaad, Shalaa, \v 25 Ebeer, Feleg, Re'uu, \v 26 Seruug, Naahor, Taaraa fi \v 27 Abraam, ka duuba irra «Abrahaam» jedhame. \s1 Ilmaan Abrahaamii \r (Dad. 25:12-16) \p \v 28 Ilmaan Abrahaam: Yisihaqii fi Ishimaa'el. \s2 Sanyii Aggaarii \p \v 29 Sanyiin isaanii ta asii gad jirtu: ilmi Ishimaa'elii angafichi Nabaayoo ti; achiin duuba Qedaar, Adbi'el, Miibsaam, \v 30 Miishimaa, Dumaa, Maasaa, Hadaad, Temaa, \v 31 Yetuur, Nafiishii fi Qedima'a; isaan kun ilmaan Ishimaa'elii ti. \s2 Sanyii Qexuuraa \p \v 32 Ilmaan Abrahaamii ta Qexuuraan gursumeettiin isaaf deette: Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwa'a. Ilmaan Yokshaanii: Sheeba'aa fi Dedaan. \v 33 Ilmaan Miidiyaanii, Efaa, Efer, Henok, Abiida'aa fi Elda'aa. Isaan kun marti sanyii Qexuura'aa ti. \s1 Sanyii Saara'aa \r (Dad. 36:1-19) \p \v 34 Abrahaam, Yisihaq uumate; ilmaan Yisihaqii, Esaawuu fi Yaaqoob; Yaaqoobiin kun ka duuba irra, «Israa'el» jedhame. \s2 Ilmaan Esaawu'uu \p \v 35 Ilmaan Esaawu'uu: Eliifaaz, Rewu'el, Ye'ush, Yaa'alamii fi Qoraahi. \v 36 Ilmaan Eliifaazii: Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataam, Qenaz; Tiimnaa irraa Amaaleqi uumate. \v 37 Ilmaan Rewu'elii: Naahaat, Zeraa, Shama'aa fi Miiza'a. \s1 Kolbaa Jalqaba Edoom Keessa Qubatte \r (Dad. 36:20-30) \p \v 38 Ilmaan Se'iirii: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, Diishon, Ezerii fi Diishaan. \v 39 Ilmaan Loxaanii: Hoorii fi Hemaam; obboleettiin Loxaanii Tiimna'a. \v 40 Ilmaan Shobaalii: Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam. Ilmaan Zibe'onii: Ayyaa fi Aanna'a. \v 41 Ilmi Aanna'aa Diishon. Ilmaan Diishonii: Hemdaan, Eshibaan, Yitraanii fi Keraan. \v 42 Ilmaan Ezerii: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan. \s1 Mootota Lafa Edoomii \r (Dad. 36:31-43) \p \v 43 Kolbaa Israa'elii irratti mootiin tokkolle mootii te'ee adoo hin bulchiniin dura, moototi lafa Edoomii irratti mootii te'anee bulchane ka asii gad jiranu: Ilma Be'orii Belaa, ka maqaan qachaa isaa, «Diinhaabaa» jedhame. \v 44 Yennaa Bel'aan du'e, ilmi Yobaabii Zeraan nami qachaa Bozra'aa addee isaatitti mootii te'ee bulche. \v 45 Yennaa Yobaab du'e, Hushaam nami lafa Temaanaa addee isaatitti mootii te'e. \v 46 Yennaa Hushaam du'e, ilmi Bedadii Hadaad ka lafa Mo'aabiititti worra Miidiyaanii injifate addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa, «Awiit» jedhama. \v 47 Yennaa Hadaad du'e, nami biyya Masreqaa Samlaan addee isaatitti mootii te'ee bulche. \v 48 Yennaa Samlaan du'e, nami biyya Rehobotii ka laga Efraaxiisii biraa Shaawul addee isaatitti mootii te'ee bulche. \v 49 Yennaa Shaawul du'e, ilmi Akborii Ba'aal-Hanaan addee isaatitti mootii te'ee bulche. \v 50 Yennaa Ba'aal-Hanaan du'e, Hadaad addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa Phaayi; maqaan haadha manaa isaa Mahexaabel; isiin intala Maxiredii akkoo Mezahabii ti. \v 51 Hadaadille du'e. \p Worri lafa Edoomiititti sooreyyii gosaa te'ane: Tiimnaa, Alwaa, Yetet, \v 52 Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon, \v 53 Qenaz, Temaan, Miibzaar, \v 54 Magdii'elii fi Iraam. Isaan kun sooreyyii gosa Edoomii ti. \c 2 \s1 Ilmaan Israa'elii \p \v 1 Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamee, ka asii gad jiranu: Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon, \v 2 Daan, Yoseef, Beniyaamin, Niftaalem, Gaadii fi Asheer. \s1 Yihudaa \p \v 3 Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaanii fi Shela'a. Isaan sadiin kana, dubartii biyya Kana'aanii ta, «Baat-Shuwaa» jedhantu irraa uumate; ilmi Yihuda'aa angafichi Eer Mootii Waan Maraa duratti nama hamaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa isa ijjeese. \v 4 Taamaar haati manaa ta ilma isaa ammoo Faaresii fi Zaaraa isaaf deette; Yihudaan wolumatti ilmaan shan qabaayyu. \v 5 Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul. \v 6 Ilmaan Zaara'aa: Ziimri, Etaan, Hemaan, Kalkoolii fi Darda'a. Isaan wolumatti nama shan. \v 7 Ilmi Karmii: Akaan ka waan ijjumaa balleeffamu'uu male hatee fudhatiisaan, Israa'el irratti rakkinna fide. \p \v 8 Ilmi Etaaniille Azaariya'a. \s1 Hidda Dhaloota Maatii Mooticha Daawitii \p \v 9 Ilmaan Hezron uumate: Yeraami'el, Raamii fi Kaaleb. \v 10 Raam Aminaadaab uumate; Aminaadaabille sooressa kolbaa Yihuda'aa Nahasoon uumate. \v 11 Nahasoon Salmoon uumate: Salmoon Bo'az uumate. \v 12 Bo'az Obed uumate; Obed Isey uumate. \p \v 13 Isey ilmaan torba uumate; angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shimi'aa, \v 14 ka arfeesso'oo Nataani'el, ka shaneesso'oo Raadaayi, \v 15 ka jayeesso'oo Ozeem, ka torbeesso'oo Daawiti. \v 16 Obboleeyyan isaanii ta durraa Zeruya'aa fi Abigaayil. \p Ilmaan Zeruya'aa sadiin: Abiishaayi, Yo'aabii fi Asaa'el. \v 17 Abigaayil Amaasaa deette; abbaan isaa «Yeter» ka jedhamu nama sanyii Ishimaa'elii ti. \s1 Sanyii Kaalebii Ilma Hezronii \p \v 18 Ilmi Hezronii Kaaleb haadha manaa ifii Azuba'aa fi Yerii'ot irraa ilmaan uumate; ilmaan Azubaan isaaf deette: Yesher, Shobaabii fi Ardoon. \v 19 Azubaan duuteen duuba, Kaaleb Efraat fuudhe; isiin ilma maqaan isaa, «Huur» jedhame isaaf deette. \v 20 Huur, Ur uumate; Ur, Bazaali'el uumate. \p \v 21 Achiin duuba Hezron yennaa woggaa jaatama guute, intala Maakiirii abbaa Giil'aadii fuudhee, isiin ilma maqaan isaa, «Seguub» jedhame isaaf deette. \v 22 Seguubille Yaa'iir uumate; Yaa'iir lafa Giil'aadii keessaa qachoota diddamii sad qabaayyu. \v 23 Geshuurii fi Aaram ammoo Hawoot-Yaa'iir, Qenaatii fi olloota adaala isi'ii woliin qachoota jaatama irraa fudhatane. Isaan kun martinuu ka sanyii Maakiirii abbaa Giil'aadii ti. \v 24 Hezron Kaaleb-Efraata'atti du'een duuba, haati manaa isaa Abiiyaan ilma isaa Ashuur abbaa biyya Teqo'aa isaaf deette. \s1 Sanyii Yeraami'elii Ilma Hezronii \p \v 25 Ilmi angafichi Hezronii Yeraami'el ilmaan jaa qabaayyu; ilmi isaa angafichi Raam; ka isatti aananu Bunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiiya'a. \v 26 Yeraami'el haadha manaa dhibii ta, «Ataaraa» jedhantu qabaayyu; isiin haadha Onaamii ti. \v 27 Ilmaan Raamii ka ilma angaficha Yeraami'elii: Maa'aaz, Yaamiinii fi Eker. \v 28 Ilmaan Onaamii: Shaamaayii fi Yaada'a. Ilmaan Shaamaayii: Naadaabii fi Abiishur. \v 29 Maqaan haadha manaa Abiishurii Abiihaayil. Isiin Ahibaanii fi Moliid isaaf deette. \v 30 Ilmaan Naadaabii: Seleedii fi Aphaayim. Seleed ijoollee adoo hin uumatin du'e. \v 31 Aphaayim Yishii uumate. Yishiin Sheshaanin uumate. Sheshaan Ahilaayin uumate. \v 32 Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaayii: Yeterii fi Yonaataan. Yeter ijoollee adoo hin uumatin du'e. \v 33 Ilmaan Yonaataanii: Pheletii fi Zaaza'a. Isaan kun sanyii Yeraami'elii ti. \p \v 34 Sheshaan ijoollee durraa qofa qaba malee, ilmaan hin qabu; garuu nama biyya Gibxi'ii ka maqaan isaa, «Yarhaa» jedhamu garbicha tokko qabaayyu. \v 35 Maarre Sheshaan intala ifii garbicha ifii Yarhaa heerumsiise; isiin Ataayin isaaf deette. \v 36 Aataayi, Naataan uumate. Naataan Zaabaad uumate. \v 37 Zaabaad, Eflaali uumate. Eflaal, Obed uumate. \v 38 Obed, Yehuu uumate. Yehuun, Azaariyaa uumate. \v 39 Azaariyaan, Helez uumate. Helez, El'aasaa uumate. \v 40 El'aasaan, Siismaay uumate. Siismaay, Shaalum uumate. \v 41 Shaalum, Yeqaamiyaa uumate. Yeqaamiyaan, Eliishaamaa uumate. \s1 Sanyii Kaalebii Ta Dhibii \p \v 42 Ilma angaficha Kaalebii, obboleessa Yeraami'elii, maqaan isaa Mesha'a. Meshaan, Ziif uumate. Ziif, Mareshaa uumate. Mareshaan, Kebroon uumate. \v 43 Ilmaan Kebroonii: Qoraahi, Taaphuwaa, Reqemii fi Shema'a. \v 44 Shemaan, Raaham uumate. Raaham, Yorqe'aam uumate. Reqem, Shaamaay uumate. \v 45 Shaamaay, Maa'on uumate. Maa'on, Betzuur uumate. \p \v 46 Kaaleb gursumeettii, «Efaa» jedhantu takka qabaayyu. Isiin Haaraan, Moza'aa fi Gaazez isaaf deette. Haaraanille ilma, «Gaazez» jedhamu uumate. \p \v 47 Ilmaan Yaahidaayii: Regem, Yotaam, Geshaan, Phelet, Efa'aa fi Sha'aaf. \v 48 Gursumeettiin Kaalebii ta dhibiin ta «Ma'aan» jedhantu: Sheberii fi Tirhaanaa isaaf deette. \v 49 Isiin dhuma irratti ilmaan lama: Abbaa qachaa Madmaanaatii Sha'aaf fi abbaa qachaa Makbenaatii fi Giibe'aa Shewaa isaaf deette. Kaaleb intala, «Aksaa» jedhantulle qabaayyu. \v 50 Isaan kun sanyiin Kaalebii ti. \p Kaaleb haadha manaa ifii Efraataa irraa ilma isi'ii angaficha Huur uumate. Ilmaan Huurii keessaa Shobaal, Kiriiyat-Ya'ariim uumate. \v 51 Salmoon, Betlihem uumate; Haareef, Betgaader uumate. \v 52 Sanyiin Shobaalii abbaa Kiriiyat-Ya'ariimii: Haro'ehiti, gamisa gosa Menuhoototaa ti \v 53 Gosi Kiriiyat-Ya'ariimii keessa leetu: Yetroota, Phutoota, Shumaatotaa fi Miishirota; Zoraatotaa fi Eshtaaloti gosuma worra kanaa ti. \p \v 54 Sanyiin Salma'aa: Betlihem, Netofaatota, Atrot-Bet-Yo'aab, gamisa gosa Maanaheetotaa, Zoraatotaa, \v 55 gosa barreessitootaa worra qachaa Yaabezii keessa le'u: Tiraasitoota, Shime'aatotaa fi Sukaatota; isaan kun Qenoota worra Hemaatii ka gosa Rekaabii ti. \c 3 \s1 Sanyii Mooticha Daawitii \p \v 1 Ilmaan Daawiti yennaa Kebroon keessa jiru uumate, ta asii gad jirtu: ilmi angafichi Amnoon, ka Ahiino'aamii Yizre'elittii irraa uumate; ka lammeesso'oo Daani'el, ka Abigaayilii Karmelittii irraa uumate. \v 2 Ka sadeesso'oo Abiishaalom, ka inni Ma'akaa intala Talmaayii mooticha Geshuurii irraa uumate; ka arfeesso'oo Adoniya'a; ka inni Haagiiti irraa uumate; \v 3 ka shaneesso'oo Shefaaxiya'a; ka inni Abiixaal irraa uumate; ka jayeesso'oo Yitre'aam; ka inni haadha mana ifii Eglaa irraa uumate. \v 4 Isaan jaan kun addee inni keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a jaa bulchetti Kebroon keessatti isaaf dhalatane. \p Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii sad bulche. \v 5 Ilmaan inni Yerusaalem keessatti uumate ka asii gad jiranu: Shime'aa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon; isaan arfan kana intala Amii'elii Baat-Sheebaa irraa uumate. \v 6 Inni ilmaan dhibiille Yiibhaar, Eliishuwaa, Eliifaalet, \v 7 Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa, \v 8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex, wolumatti ilmaan sagal qabaayyu. \v 9 Ilmaan gursumeeyyi'ii adoo hin laakkowamin, isaan kun marti ilmaan Daawitii ti; obboleettiin isaaniille Taamaar. \s1 Mootota Yihuda'aa \p \v 10 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam; ilmi Rehobiyaamii Abiiya'a; ilmi Abiiya'aa Aasa'a; ilmi Aasa'aa Yoshaafaax; ilmi Yoshaafaaxii, \v 11 Yoraam; ilmi Yoraamii Ahaaziya'a; ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas; \v 12 ilmi Yo'aasii Amaasiya'a; ilmi Amaasiya'aa Azaariya'a; ilmi Azaariya'aa Yotaam; \v 13 ilmi Yotaamii Ahaazi; ilmi Ahaazii Hisqiyaasi; ilmi Hisqiyaasii Minaase'e; \v 14 ilmi Minaase'ee Amooni; ilmi Amoonii Yosiyaas. \v 15 Ilmaan Yosiyaasii angafichi Yohaannaan; ka lammeesso'oo Yehoyaaqiim; ka sadeesso'oo Zedeqiiya'a; ka arfeesso'oo Shaalum. \v 16 Ilmaan Yehoyaaqiimii: Yehoyaakiinii fi Zedeqiiya'a. \s1 Sanyii Yehoyaakiinii Mootichaa \p \v 17 Ilmaan Yehoyaakiinii mootichaa ka worri Baabilonii booji'e She'altii'el, \v 18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaama'aa fi Nedaabiya'a. \v 19 Ilmaan Phedaaya'aa: Zarubaabelii fi Shime'i; ilmaan Zarubaabelii: Meshulaamii fi Hanaaniya'a; obboleettiin isaaniille Shelomiit. \v 20 Inni ilmaan dhibiille shan qaba; isaanille: Hashubaa, Ohel, Berekiiyaa, Hasadiya'aa fi Yushaab-Hesed. \v 21 Ilmaan Hanaaniya'aa: Phelaatiya'aa fi Yeshaa'iya'a; Yeshaa'iyaan Refaayaa uumate; Refaayaan Arnaan uumate; Arnaan Obaadiyaa uumate; Obaadiyaan Shekaaniyaa uumate. \v 22 Ilmi Shekaaniya'aa Shemaa'iya'a. Ilmaan Shemaa'iya'aa: Haxushi, Yigaal, Baariihaa, Na'ariiya'aa fi Shaafaax; isaan wolumatti jaa. \v 23 Ilmaan Na'ariiya'a: Elyo'enaayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan wolumatti sad. \v 24 Ilmaan Elyo'enaayi: Hodaawiyaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yohaannaan, Delaaya'aa fi Anaani; isaan wolumatti torba. \c 4 \s1 Sanyii Yihuda'aa \p \v 1 Ilmaan Yihuda'aa: Faares, Hezron, Karmi, Huurii fi Shobaal. \v 2 Ilmi Shobaalii Re'aayaan Yaahaat uumate; Yaahaat Ahumaayii fi Lahadi uumate; isaan kun fira Zoraatotaa ti. \v 3 Ilmaan Etaamii: Yizre'el, Yishma'aa fi Yidbaash; maqaan obboleettii isaanii Hazelelphon. \v 4 Phenu'el Gidoor uumate; Ezer Hushaa uumate. Isaan kun ilmaan ilma angaficha Efraata'aa, abbaa qachaa Betlihemii ka te'e, sanyii Huurii ti. \p \v 5 Ashuur abbaan Teqo'aa, niitii lama Hela'aa fi Na'araa qaba. \v 6 Na'araan Ahuzaam, Hefer, Teyimenii fi Haa'ashtaar isaaf deette. Isaan kun ilmaan Na'araa ti. \v 7 Ilmaan Hela'aa: Zeret, Yezohaarii fi Etnaan. \p \v 8 Koz abbaa Anubiitii fi Zobeba'aa ti; abbaa fira sanyii Aariihelii ilma Harumii ti. \p \v 9 Yaabez obboleeyyan ifii caalaa nama ulfinna qabu. Haati isaa, «Ani ciniinsuu jaddu'uun isa deyeera» jedhiisaan, maqaa isaa, «Yaabez» jette. \v 10 Yaabez, «Maganne'ee, na eebbisi; lafa badhoolle naa kenni. Harki keeti na woliin jiraatuu ti; akka isiin farra natti hin finne waan hantuu irraa na eegi» jedhee, Waaqa Israa'elii gaafate. Waaqille waan inni gaafate isaaf kenne. \p \v 11 Obboleessi Shuka'aa Keluub, abbaa Eshtoonii Maakiir uumate. \v 12 Eshtoon ilmaan sad: Betraafaa, Phaaseha'aa fi Tehiinaa uumate. Tehiinaan abbaa Ir-naahaashii ti. Isaan worra qachaa Reka'aa keessa le'e. \p \v 13 Qenazii ilmaan lama: Otnii'elii fi Seraayaa uumate. Otnii'elille ilmaan lama: Katatii fi Me'onotaayi uumate. \v 14 Me'onotaayi, Ofraa uumate. Seraayaan, abbaa qachaa «Geharaashim\f + \fr 4:14 \fr*\fqa Geharaashim: \fqa*\fqa Afaan Ibrootaatiin \fqa*\ft Dhooqa worri hujii harkaa beeku keessa le'u \ft*\ft jechu'u. \ft*\f*» jedhamuu, ka worri hujii harkaa huju keessa le'u, Yo'aab uumate; Yo'aab Geharaashimi uumate; isaan kun worra hujii harkaa beeku waan te'aneef maqaa kanaan waamane. \p \v 15 Ilmi Yofune'ee Kaaleb ilmaan sad: Iiruu, Ela'aa fi Naa'aam uumate. Elaan Qenaz uumate. \p \v 16 Yihaleli'el ilmaan afur: Ziif, Ziifaa, Tiiriiya'aa fi Asaare'el uumate. \p \v 17 Izraan ilmaan afur: Yeter, Mered, Eferii fi Yaalon uumate. Isaan kun ilmaan Betiyaa intala mooticha Gibxi'ii ta Mered fuudhee ti; isiin ulfoottee Miiryaam, Shaamaayii fi Iishiba abbaa Eshtemo'aa isaaf deette. \v 18 Niitiin isaa Yihudittiin: Abbaa Gedoorii Yered, Abbaa Sokoo Heber, Abbaa Zaano'aa Yekutii'el isaaf deette. Isaan kun ilmaan intalti Fara'oonii Biitiyaan ta Mered fuudhe deette. \p \v 19 Ilmaa niitii Hodiiyaa ta obboleettii Nahaamii Qeyilaa abbaa Gaarimiitii fi Eshtemo'aa Ma'akichaa ti. \v 20 Ilmaan Shimoonii: Amnoon, Riinaa, Benhaanaanii fi Tiilon; ilmaan Yishii: Zoheetii fi Ben-Zoheeti. \v 21 Ilmaan Shelaa ilma Yihuda'aa: Abbaa Lekaa Eer, abbaa Maresha'aa La'aada'aa fi worra woyaa quncee talba'aa dansaa irraa hujante ta qachaa Bet-Ashbe'aatii keessatti hujuu, \v 22 Yoqiim, namoota qachaa Kozeba'aa, Yo'aasii fi Saaraaf ka Mo'aab bulche, Yaashub Lehem fa'a. [Barreeffam kun ka durii ti.] \v 23 Isaan kun worra faara dhowu ka qachaa Nexaayimiitii fi Gedera'aa keessa le'u. Isaan achi le'anee mooticha tajaajilane. \s1 Sanyii Shimi'oonii \p \v 24 Ilmaan Shimi'oonii: Nemu'el, Yaamiin, Yaariib, Zera'aa fi Shaawul. \v 25 Shaawul Shaalum uumate; Shaalum Miibsaam uumate; Miibsaam Miishimaa uumate. \v 26 Sanyii Mishma'aa: Miishimaan Hamu'el uumate; Hamu'el Zaakur uumate; Zaakur Shime'i uumate. \v 27 Shime'i ilmaan kudhanii jaa fi ijoollee durraa jaa uumate; obboleeyyan isaa ijoollee hedduu hin uumanne; firri isaanii martinuu akka kolbaa Yihuda'aa hin horre. \p \v 28 Qachooti sanyiin Shime'ii keessa le'ane: Bersheebaa, Molaadaa, Hazarshuwaal, \v 29 Bilhaa, Ezem, Tolaad, \v 30 Betu'el, Hormaa, Siiqlaag, \v 31 Bet-Markaboot, Hazaarsusiim, Bet-Bire'ii fi Sha'araayiim; haga bara Daawiti mootii te'ee bulchetti isaan qachoota kana keessa le'ane. \v 32 Ollooti isaanii shan ka adaala qachoota kanaa jiranu: Etaam, Aayin, Rimoon, Tokkeenii fi Ashaan, \v 33 haga qachaa Ba'aalaatiititti ollooti dhibiille hin jiran. Qachooti kun addee isaan keessa qubatanee fi addee isaan galmee hidda dhaloota ifii itti maffatane. \p \v 34 Sooressitooti abbootii fira isaanii: Meshobaab, Yaamlek, ilma Yosha'aa Amaasiyaa, \v 35 Yo'el, abuuboo Yoshiibiyaa, akaakoo Seraayaa ilma Asii'elii Yehuu, \v 36 Elyo'enaayi, Ya'aqobaa, Yishohaayaa, Ashaayaa, Adii'el, Yesiimii'el, Benaayaa, \v 37 ilma Shiifii Ziizaa, Ziiza ka Aalonii, Aalon ka Yedaa'iya'aa, Yedaa'iyaan ka Shiimrii, Shiimri ka Shemaa'iyaa ti. \v 38 Worri maqaan isaanii dhowame kun fira isaanii keessatti worra qondaaltota te'ane; sanyiin fira isaanii guddoo horte. \v 39 Isaan horii ifiitiif marra barbaadatiisaaf, dhooqa san karaa aduun baatu haga seensuma Gedoorii ideemanee, \v 40 achitti horii ifiitiif marra bisilee dansaa dhaggatane; latti sun lafa akka malee badhoo sarmaa fi nageya qaddu; sanyiin Kaamii dur achi qubatteertiiyyu. \p \v 41 Worri maqaan isaanii barreeffame kun bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eeru dhufanee, sanyii Kaamii lolanee dunkaanii isaanii diiganee balleessanee, worra Me'unootaa ka achi jiranulle ijjumaa balleessane; tunille haga adhaatitti beekkanteerti; isaan horii ifiitiif marra achitti waan dhaggataneef, addee kolbaa saniititti qubatane. \v 42 Sanyii Shimi'oonii keessaa gariin namooti dhibbi shan, ilmaan Yishii: Phelaatiyaa, Ne'aariyaa, Refaayaa fi Uzii'el fa'a sooreyyii godhatanee biyya koobittii Se'iirii qabatane. \v 43 Amaaleqoota miliqanee hafanelle ijjeesanee, haga adha achi le'ane. \c 5 \s1 Sanyii Ruubenii \p \v 1 Sanyiin Ruubenii ilma angaficha Israa'elii isaan kana: Ruuben ilma angaficha; ammoo waan inni gursumeettii abbbaa ifii takka woliin rafee rifanoo abbaa ifii batteeseef, angafummaan isaa ijoollee Yoseefii obboleessa isaatiif kennante; tanaaf hiddi dhaloota isaa akka angafummaa isaatitti hin barreeffanne. \v 2 Yihudaan obboleeyyan ifii caalaa jabaa te'ee, bulchaan sanyii isaa keessaa dhufulle, angafummaan Yoseefiif kennante. \v 3 Ilmaan Ruubenii ilma angaficha Israa'elii: Henok, Faluu, Hezronii fi Karmi. \p \v 4 Ilmaan Yo'elii: Shemaa'iyaa, Googi, Shime'i, \v 5 Miikaa, Re'aayaa, Ba'aal, \v 6 Be'era ka mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser booji'ee ideeme. Be'eraan sooressa fira Ruubenii ti. \p \v 7 Hiddi dhaloota maatii isaa gosuma gosaan galmeeffamaneeran; isaan kunille bulchaa isaanii Yeyi'el, Zakaariyaas, \v 8 abuuboo Yo'elii akaakoo Shema'aa ilma Aazaazii Bela'a. Isaan kun lafa adaala qachaa Aro'eriitii jalqabanee karaa kaabaatiin haga Nebootii fi haga Ba'aal-Me'oniititti qubatane. \v 9 Horiin isaanii lafa Giil'aadii keessatti waan horeef, isaan karaa aduun baatu, seensuma lafa goomole'eetii haga laga Efraaxiisii qabatane. \p \v 10 Bara Saa'ol mootii te'eeru, isaan fira Hagaarii lolanee injifatanee, addee isaan le'anu lafa Giil'aadii karaa aduun baatu mara qabatane. \s1 Sanyii Gaadii \p \v 11 Sanyiin Gaadii lafa fuullee isaanii haga Saalka'aatitti lafa Baashaanii keessa leete. \v 12 Bulchaan guddaan Yo'el; ka lammeesso'oo Shaafaam; achiin duuba Yaanaayii fi Shaafaaxille Baashaan keessa le'ane. \v 13 Obboleeyyan isaanii akka maatii isaaniititti: Mikaa'el, Meshulaam, Sheebaa, Yoraay, Yaakaan, Zii'aa fi Ebeer; isaan wolumatti torba. \v 14 Isaan kun Sanyii Abiihaayilii ti: Abiihaayil ka Huurii, Huur ka Yaarokaa, Yaaroka ka Giil'aadii, Giil'aad ka Mikaa'elii, Mikaa'el ka Yeshiishaayii, Yeshiishaay ka Yaakedoo, Yaakedo ka Buusii ti. \v 15 Akaakoon Gunii, ilmi Abdi'elii Ahi, sooressa maatii isaanii ti. \v 16 Isaan lafa Giil'aadii keessa, Baashaan keessaa fi qachoota isi'ii keessa, lafa horii tiffatanu Shaaronii haga qaccee isi'ii mara keessa le'ane. \v 17 Isaan kun martinuu bara Yotaam mootii Yihuda'aa te'eeruu fi bara Yerobi'aam mootii Israa'elii te'eerutti kitaaba dabarsii hidda dhalootaa keessatti barreeffamane. \s1 Loltoota Gosa Karaa Aduun Baatuu \p \v 18 Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee, loltoota worra wonte'een, shallaaga'aa fi guube'een loliisaaf akka dansaa leenjifamane, kuma afurtamii afurii fi dhibba torbaa fi jaatama qaban. \v 19 Isaan gosa Hagaarii, gosa Yetuurii, gosa Naafiishiitii fi gosa Nodaabii dhaqanee lolane. \v 20 Isaan Waaqatti addatanee, isa daadimatanee, qarqaarsa yennaa isa gaafatane, inni isaaniif dhage'ee, Hagaarotaa fi worra isaan woliin jiru harka isaaniititti dabarsee kenne. \v 21 Isaan horii Hagaarotaa gaalota kuma shantama, hoolee kuma dhibba lamaa fi kuma shantama, harree kuma lamaa fi namoota kuma dhibba tokko booji'anee fudhatane. \v 22 Lolli sun fedha Waaqaatiin waan te'eef, namooti hedduun ijjeefamane; worri injifatee lafa san qabate, haga bara ifiifuu booji'amaneetitti lafuma san keessa le'ane. \s1 Kolbaa Gosa Minaase'ee Ta Karaa Aduun Baatuu \p \v 23 Kolbaan gamisa gosa Minaase'ee bacaan ta karaa aduun baatuu, Baashaanii haga Ba'aal-Hermoonii, haga Seniiriitii fi haga gaara Hermooniititti qubatanee le'ane. \v 24 Sooreyyiin gosa isaanii: Efer, Yishe'ii, Elii'el, Azrii'el, Ermiyaas, Hodaawiya'aa fi Yaadii'el. Isaan kun loltoota gootota, namoota beekkamanee fi sooressitoota gosa isaanii ti. \v 25 Te'uu malee isaan Waaqa abbootii ifiititti addatiisa lakkisanee, waaqota kolbaa lafa sanii ta Waaqi fuula isaanii duraa balleessee waaqonfatane. \v 26 Maarre Waaqi Israa'elii, mooticha Asoorii Phul ka, «Tiiglaat-Phileeser» jedhamu isaanitti kaasee, inni fira Ruubenii, fira Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee booji'ee, gara Kalaa, gara Kaaborii, gara Haaraatii fi gara laga Gozaanii lafa haga adhaa isaan keessa jiranu isaan geesse. \c 6 \s1 Sanyii Lewwi'ii \p \v 1 Ilmaan Lewwi'ii: Gershoon, Qehaatii fi Meraar. \v 2 Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el. \p \v 3 Ijoolleen Amraamii: Aaron, Muuse'ee fi Miiryaam. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar. \p \v 4 Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate; \v 5 Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate; \v 6 Uzi Zeraayaa uumate; Zeraayaan Meraayoot uumate; \v 7 Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate; \v 8 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate; \v 9 Ahimaaz Azaariyaa uumate; Azaariyaan Yohaannaa uumate; \v 10 Yohaannaan Azaariyaa uumate; Azaariyaan kun ka hayyicha te'ee, Galma Waaqaa ka Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajile. \v 11 Azaariyaan Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate; \v 12 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Shaalum uumate; \v 13 Shaalum Hilqiiyaa uumate; Hilqiiyaan Azaariyaa uumate; \v 14 Azaariyaan Seraayaa uumate; Seraayaan Yozaadaaq uumate; \v 15 Yennaa Mootiin Waan Maraa, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii harka Nebukadnezaariititti akka booji'antu godhe, Yozaadaaqille isaan woliin booji'amee deeme. \p \v 16 Ilmaan Lewwi'ii: Gershoom, Qehaatii fi Meraar. \v 17 Maqaan ilmaan Gershoomii: Liibnii fi Shime'i. \v 18 Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el. \p \v 19 Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Firri Lewwootaa akka fira abbootii isaaniititti ka asii gad jiranu. \v 20 Fira Gershoomii: Gershoom Liibni uumate; Liibni Yaahaat uumate; Yaahaat Ziimaa uumate; \v 21 Ziimaan Yo'aa uumate; Yo'aan Iddo uumate; Iddo Zeraa uumate; Zeraan Ye'ateraayi uumate. \p \v 22 Sanyii Qehaatii: Qehaat, Aminaadaab uumate; Aminaadaab, Qoraahi uumate; Qoraahi, Asiir uumate; \v 23 Asiir, Elqaanaa uumate; Elqaanaan, Ebiyaasaaf uumate; Ebiyaasaaf, Asiir uumate; \v 24 Asiir, Tahaat uumate; Tahaat, Urii'el uumate; Urii'el, Uziyaa uumate; Uziyaan, Shaawul uumate. \p \v 25 Ilmaan Elqaanaa Amaasaayii fi Ahiimoot. \v 26 Ahiimoot Elqaanaa uumate; Elqaanaan Sofaayi uumate; Sofaayi Naahaat uumate; \v 27 Naahaat El'aab uumate; El'aab Yerohaam uumate; Yerohaam Elqaanaa uumate. \v 28 Ilmaan Saamu'elii, angafichi Yo'el, ka lammeesso'oo Abiiya'a. \p \v 29 Meraar Maahil uumate; Maahil Liibni uumate; Liibni Shime'i uumate; Shime'i Uzaa uumate; \v 30 Uzaan Shime'aa uumate; Shime'aan Hagiiyaa uumate; Hagiiyaan Asaayaa uumate. \s1 Faarsitoota Galma Waaqaa \p \v 31 Saanduqi Gondooro'oo Galma Waaqaatitti galeen duuba, namooti mootichi Daawiti Galma Waaqaa keessatti itti gaafatantoota faarsitootaa akka te'anu godhe asii gad jiran. \v 32 Isaan haga bara Solomoon Yerusaalemitti Galma Waaqaa ijaareetitti, akkuma ajaja isaaniif kennameetitti, balbala Dunkaanii Woldeenna'aa duratti faaru'uun tajaajilane. \p \v 33 Namooti ilmaan ifii woliin tajaajilane asii gad jiran: Fira Qehaatii keessaa, faarfataa Hemaan; inni ilma Yo'elii ti; Yo'el ka Saamu'elii, \v 34 Saamu'el ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yerohaamii, Yerohaam ka Elii'elii, Elii'el ka To'aa, \v 35 To'a ka Zuufii, Zuuf ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Mahaatii, Mahaat ka Amaasaayii, \v 36 Amaasaayi ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yo'elii, Yo'el ka Azaariya'aa, Azaariyaan ka Sefaaniya'aa, \v 37 Sefaaniyaan ka Tahaatii, Tahaat ka Asiirii, Asiir ka Ebiyaasaafii, Ebiyaasaaf ka Qoraahii, \v 38 Qoraahi ka Yizhaarii, Yizhaar ka Qehaatii, Qehaat ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Israa'elii\f + \fr 6:38 \fr*\fqa Israa'el: \fqa*\ft Dur maqaan isaa Yaaqoob.\ft*\f* ti. \p \v 39 Obboleessi isaa Asaaf, gara midda isaatiin dhaabbatee tajaajilaayyu. Asaaf ilma Berekiiya'aa ti; Berekiiyaan ka Shime'aa, \v 40 Shime'aan ka Mikaa'elii, Mikaa'el ka Ba'aseya'aa, Ba'aseya'aan ka Malkiiya'aa, \v 41 Malkiiyaan ka Etnii, Etni ka Zera'aa, Zeraan ka Adaaya'aa, \v 42 Adaayaan ka Eyitaanii, Eyitaan ka Ziima'aa, Ziimaan ka Shime'ii, \v 43 Shime'i ka Yaahaatii, Yaahaat ka Gershoomii, Geshoom ka Lewwi'ii ti. \p \v 44 Fira Meraarii keessaa worri gara bita'aatiin isaan woliin jiru: Etaanii ilma Qiishii ti. Qiish ka Abdii, Abdi ka Maluukii, \v 45 Maluuk ka Hashabiiya'aa, Hashabiiyaan ka Amaasiya'aa, Amaasiyaan ka Hilqiiya'aa, \v 46 Hiiqiiyaan ka Amzii, Amzi ka Baanii, Baan ka Shaamerii, \v 47 Shaamer ka Maahilii, Maahil ka Mushii, Mushi ka Meraarii, Meraar ka Lewwi'ii ti. \p \v 48 Lewwooti dhibiin, dunkaanii dhugaa bayaa ta Galma Waaqaa keessa hujii dhibii mara akka hujanu ramadamane. \s1 Sanyii Aaronii \p \v 49 Tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen akkuma ajajetti Aaronii fi sanyiin isaa, Israa'eliif gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, hujii Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti hujantu maraaf, kennansa addee ciinca'aa irratti gubamuu fi kennansa addee hixaanni itti aarfamu irratti dhikaatuufille itti gaafatantoota te'ane. \v 50 Hiddi dhaloota sanyii Aaronii ta asii gad jirtu: Aaron Ele'azaar uumate; Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate; \v 51 Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate; Uzi Zeraayaa uumate; \v 52 Zeraayaan Meraayoot uumate; Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate; \v 53 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate. \s1 Lafa Lewwooti Qubatane \p \v 54 Hixaan qaraa, sanyii Aaronii keessaa fira Qehaatiitiif waan bu'eef, latti isaaniif kennante ta asii gad jirtu: \v 55 Kutaa lafa fira Yihuda'aa keessaa qachaan Kebrooniitii fi latti tikaa ta adaala qachaa Kebroonii marti isaaniif kennante. \v 56 Latti ficha'aa ta adaala qachaa Kebrooniitii fi ollaan adaala qachaa Kebroonii ilma Yofune'ee Kaalebiif kennante. \v 57 Sanyiin Aaronii akka itti baqatanuuf qachooti isaaniif kenname: Kebroon, Liibnaa, Yaatiir, Eshtemo'aa, \v 58 Hiilen, Deebir, \v 59 Aashaanii fi Bet-Shemeshi lafa tikaa ta adaala isaanii woliin. \v 60 Qooda lafa fira Beniyaaminii keessalle'ee qachooti: Gebaa, Alemetii fi Anaatoti lafa tikaa ta adaala isaanii woliin isaaniif kennamane. Qachooti fira isaanii wolumatti qachoota kudhanii sad. \v 61 Fira Qehaatii worra hafeefille, qooda lafa gamisa fira Minaase'ee keessaa qachooti kudhan kennamaneef. \p \v 62 Fira Gershoomiitiif akka maatii maatii isaaniititti, kutaa lafa fira Yisaakorii, lafa fira Asheerii, lafa fira Niftaalemii keessaa, lafa gamisa fira Minaase'ee ta Baashaan keessaa keessalle'ee, qachooti kudhanii sad kennamaneef. \v 63 Fira Meraariitiifille akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, lafa Gaadiitii fi lafa Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennamaneef. \v 64 Akka kanaan kolbaan Israa'elii qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii jirtu Lewwootaaf kennane. \v 65 Qachoota gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa ka maqaan dhowame kana hixaa buusiisaan isaaniif kennane. \p \v 66 Fira Qehaatii keessaa gariin, kutaa lafa gosa Efreem keessaa qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii fudhataneeraniiyyu. \v 67 Isaan lafa koobittii Efreemii keessaa qachoota nami nama ijjeese itti baqatu Sheekem, Gezer, \v 68 Yaaqmi'aam, Bet-Horoon, \v 69 Ayalon, Gaat-Rimoon, lafa tikaa ta adaala isaanii mara woliin isaaniif kennamane. \p \v 70 Lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa, qachaa Aaneriitii fi qachaa Biile'aamii, lafa tikaa ta adaala qachoota sanii woliin fira Qehaatii worra hafeef kennane. \v 71 Gosi Gershoomii, kutaa lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa qachoota: Golaan ka Baashaan keessaatii fi Eshtaarot lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. \v 72 Lafa gosa Yisaakorii keessalle'ee qachoota; Qedeesh, Daaberaat, \v 73 Raamootii fi Aanem, lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. \v 74 Lafa gosa Asheerii keessaa qachoota: Maashaal, Abdoon, \v 75 Huqooqii fi Rehoob lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. \v 76 Lafa fira Niftaalemii keessalle'ee qachoota: Qedeeshii ka Galiilaa keessaa, Haamonii fi Kiriiyat-Aayim lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. \p \v 77 Gosi Meraarii worri hafe, lafa gosa Zebuloonii keessaa qachoota: Rimoonii fi, Taabor lafa tikaa ta adaala isaanii woliin, \v 78 laga Yordaanosiitiin gamaa, Yerikoo irraa karaa aduun baatuun, lafa gosa Ruubenii keessaa, qachoota goomolee keessaa Bezer, Yaahizaa, \v 79 Qedemootii fi Mefaat lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. \v 80 Lafa gosa Gaadii ka Giil'aad keessatti dhaggamanu keessalle'ee qachoota: Raamoot, Mahanaayim, \v 81 Heshiboonii fi Yaazer lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. \c 7 \s1 Sanyii Yisaakorii \p \v 1 Ilmaan Yisaakorii afur: Tolaa, Phuwaa, Yaashubii fi Shimroon. \v 2 Ilmaan Tola'aa: Uzii, Refaayaa, Yerii'el, Yaahimaay, Yibsaamii fi Shemu'el; isaan loltoota gootota sooressitoota gosa maatii Tolaa ti. Bara mootummaa Daawitii keessa sanyiin isaanii kuma diddamii lamaa fi dhibba jaa. \v 3 Ilmi Uzii, Yizraahiya'a. Ilmaan Yizraahiya'aa: Mikaa'el, Obaadiyaa, Yo'elii fi Yishiiya'a; isaan shanan kun martinuu sooreyyi'i. \v 4 Isaan niitolee heddu'uu fi ilmaan hedduu waan qabanuuf, akka galmee hidda dhaloota maatii isaaniititti loltoota lolaaf qophowane, kuma soddomii jaa qabaniiyyu. \p \v 5 Gosa Yisaakorii mara keessaa akka barreeffama hidda dhaloota maatii isaaniititti loltooti jajjabi kuma saddeettamii torba. \v 6 Ilmaan Beniyaaminii sad: Belaa, Bekerii fi Yedii'el. \v 7 Ilmaan Belaa: Ezboon, Uzii, Uzii'el, Yeremootii fi Iiri; isaan shanan kun martinuu sooreyyii maatii abbaa isaanii ti; isaan akka galmee hidda dhaloota isaaniititti loltoota kuma diddamii lamaa fi soddomii afuri. \p \v 8 Ilmaan Bekerii: Zemiiraa, Yo'aas, Elii'ezer, Elyo'enaayi, Omiri, Yeremoot, Abiiyaa, Anaatotii fi Alaameti; isaan kun martinuu ilmaan Bekerii ti. \v 9 Akka galmee hidda dhaloota isaaniititti sooressitooti maatii abbaa isaanii, loltoota jajjaba kuma diddamaa fi dhibba lama. \p \v 10 Ilmi Yedii'elii Bilhaan. Ilmaan Bilhaanii: Ye'ush, Beniyaamin, Ehud, Kennaanaa, Zetaan, Tarshiishii fi Ahiishaahar. \v 11 Ilmaan Yedii'elii tun martinuu sooreyyii maatii abbootii ifii ti; sanyii isaanii keessaa loltooti jajjabi lolaaf qophowane kuma kudhanii torbaa fi dhibba lama. \v 12 Worri Shuphiimiitii fi Huphiimii sanyii Iirii ti; worri Hushiimii sanyii Aheerii ti. \s1 Sanyii Niftaalemii \p \v 13 Ilmaan Niftaalemii: Yaahize'el, Guni, Yezerii fi Shaalum; Niftaalemiin kun ka Bilhaan deette. \s1 Sanyii Minaase'ee \p \v 14 Ilmaan Minaase'ee: Asrii'elii fi Maakiir ka gursumeettittii biyya Sooriya'aa irraa uumate; Maakiir Giil'aad uumate. \v 15 Maakiir worra Huphiimiitii fi Shuphiimii keessaa niitii fuudhe; maqaan obboleettii isaa Ma'aka'a; ilmaan Maakiirii keessaa tokko Zelofehaad; inni ijoollee durraa qofa uumate. \p \v 16 Niitiin Maakiirii Ma'akaan ilma isaaf deettee, maqaa isaa «Pheresh» jette; maqaan obboleessa isaa Sheresh. Pheresh Ulaamii fi Raaqem uumate. \v 17 Ulaam Bedaan uumate; isaan kun sanyii Giil'aadii ilma Maakiirii, Maakiirii ilma Minaase'ee ti. \v 18 Obboleettiin Giil'aadii Hamoleket ilmaan sad: Ishood, Abii'ezerii fi Maahilaa deette. \p \v 19 Ilmaan Shemiida'aa: Ahiiyaan, Sheekem, Liikihii fi Aniiyaam. \s1 Sanyii Efreemii \p \v 20 Sanyiin Efreemii: Efreem, Shutelaa uumate; Shutelaan, Bered uumate; Bered, Tahaat uumate; Tahaat, El'aadaa uumate; El'aadaan, Tahaat uumate; \v 21 Tahaat Zaabaadii fi Shutelaa uumate. Ezerii fi El'aad horii worra biyya Gaatii hatiisaaf yennaa gad bu'ane worri biyya sanii isaan ijjeese. \v 22 Abbaan isaanii Efreem guyyaa hedduu isaaniif gadde; worri isaa dhufee isa jajjabeesse. \v 23 Achiin duuba Efreem haadha manaa ifii woliin rafee, isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Rakkinni maatii isaa waan dhaqqabeef, «Berii'aa» jedhee maqaa isa baase. \p \v 24 Maqaan intala isaa Sera'a; isiin qachaa Bet-Horoonii ka jalaatii fi ka gubba'aa, qachaa Uzen-Seraalle ijaarsitte. \v 25 Efreem, Refaan uumate; Refaan, Resheef uumate; Resheef, Telaan uumate; Telaan Tahaan uumate; \v 26 Tahaan La'adaan uumate; La'aadaan Amiihud uumate; Amiihud, Eliishaamaa uumate; \v 27 Eliishaamaan, Nun uumate; Nun, Iyaasuu uumate. \v 28 Lafaa fi qachoota sanyiin Efreemii keessa leete: qachaa Bet'eliitii fi olloota adaala isaa; karaa aduun baatuun qachaa Na'araanii; karaa aduun seentuun qachaa Gezeriitii fi olloota adaala isaa; qachaa Sheekemiitii fi olloota adaala isaa; qachaa Ayya'aatii fi olloota adaala isaa ti. \p \v 29 Karaa meessaa sanyii Minaase'eelle'een qachaa Bet-Shaanii, qachaa Ta'ana'aatii, qachaa Megidootii fi qachaa Doorii olloota adaala isaanii jiranu woliin. Sanyiin Yoseefii ilma Israa'elii qachoota kana keessa le'ane. \s1 Sanyii Asheerii \p \v 30 Ilmaan Asheerii: Yiimnaa, Yishwii fi Berii'a; obboleettiin isaaniille Sera'a. \p \v 31 Ilmaan Berii'aa: Heberii fi Malkii'el; Malkii'el Biirzaawiiti uumate. \p \v 32 Heber ilmaan sad Yaafilet, Shomer, Hotaamii fi obboleettii isaanii Shuwaa uumate. \p \v 33 Ilmaan Yaafiletii: Phaasaak, Biimhaalii fi Ashiwaati. \p \v 34 Ilmaan Shomerii: Ahi, Rohigaa, Yehubaa fi Aaram. \p \v 35 Ilmaan obboleessa isaa Helemii: Zofaa, Yiimnaa, Sheleshii fi Aamaal. \p \v 36 Ilmaan Zofaa: Suwaa, Harnefer, Shuwaal, Berii, Yiimraa, \v 37 Bezer, Hood, Shamaa, Shiilshaa, Yitraanii fi Be'era'a. \p \v 38 Ilmaan Yeterii: Yofunee, Fiisphaa fi Era'a. \p \v 39 Ilmaan Ulaa: Araa, Hanii'elii fi Riiziiya'a. \p \v 40 Isaan kun martinuu sanyii Asheerii keessaa sooressitoota maati'ii, loltoota jajjaboo filamane, sooressitoota qondaaltota isaanii ti. Worri lolaaf qophowane, akka galmee hidda dhaloota isaaniititti, dhiira kuma diddamii jaa. \c 8 \s1 Sanyii Beniyaaminii \p \v 1 Beniyaamin ilma angaficha Belaa, ka lammeesso'oo Ashbel, ka sadeesso'oo Ahiiraa, \v 2 ka arfeesso'oo Nohaa, ka shaneesso'oo Raafaa uumate. \v 3 Ilmaan Bel'aa: Adaar, Geraa, Abiihud, \v 4 Abiishuwaa, Na'amaan, Aho'aa, \v 5 Geraa, Shefufaanii fi Huraam. \p \v 6 Sanyiin Ehudii sooressitooti maati'ii, ka Gebaa keessa le'ane, ka booji'amanee gara Manahaa fudhatamane: \v 7 Na'amaan, Ahiiyaa fi Gera'a. Geraan kun ka yennaa booju'uu san isaan sooresse; inni Uzaa fi Ahiihud uumate. \v 8 Shaharaayaam niitolee ifii Hushiimii fi Ba'araa lakkiseen duuba, biyya Mo'aabii keessatti ilmaan uumate. \v 9 Niitii ifii Hodeesh irraa: Yobaab, Ziibiyaa, Meshaa, Maalkaam, \v 10 Ye'uz, Saakiyaa fi Miirmaa uumate; isaan martinuu sooreyyii maatii isaanii ti. \p \v 11 Ammalle niitii ifii Hushiim irraa: ilmaan Abiitubii fi Elphaa'al uumate. \p \v 12 Ilmaan Elphaa'alii: Ebeer, Miishaamii fi Shemed. Shemediin kun ka qachaa Onootii fi Lodii olloota adaala isaanii jiranulle ijaare. \p \v 13 Berii'aa fi Shemaan, sooressitoota maatii qachaa Ayalonii keessa le'anuu ti; isaan worra qachaa Gaatii keessa le'anu ari'anee baasane. \v 14 Ahiiyon, Shaashaaq, Yeremoot, \v 15 Zebaadiyaan, Araad, Ader, \v 16 Mikaa'el, Yiispha'aa fi Yohaan ilmaan Berii'aa ti. \p \v 17 Zebaadiyaa, Meshulaam, Hiizeqi, Heber, \v 18 Yiishmeraayi, Yiizlii'aa fi Yobaab ilmaan Elphaa'alii ti. \p \v 19 Yaaqiim, Ziikri, Zabdi, \v 20 Elii'enaayi, Ziiletaay, Elii'el, \v 21 Adaayaa, Beraaya'aa fi Shiimraat ilmaan Shime'ii ti. \p \v 22 Yiishphaan, Ebeer, Elii'el, \v 23 Abdoon, Ziikri, Haanaan, \v 24 Hanaaniyaan, Elaam, Antotiiya, \v 25 Yefdeya'aa fi Phenu'el ilmaan Shaashaaqii ti. \p \v 26 Shamsheraayi, Shehariiya, Ataaliyaa, \v 27 Yaa'areshiiya, Eliya'aa fi Ziikri ilmaan Yerohaamii ti. \p \v 28 Isaan kun akka hidda dhaloota isaaniititti sooressitoota maati'ii te'anee barreeffamanee, Yerusaalem keessa le'ane. \p \v 29 Yeyi'el abbaa Giibe'onii ka qachaa Giibe'onii ijaaree keessa le'e; maqaan niitii isaa Ma'aka'a. \v 30 Ilmi isaa angafichi Abdoon; itti aananee Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab, \v 31 Gedoor, Ahiiyoo, Zaakerii \v 32 fi abbaa Shime'aa Miiklot. Isaan kunille fuullee fira ifii Yerusaalem keessa le'ane. \p \v 33 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saa'olii ti; Saa'ol: Yonaataan, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aal uumate. \v 34 Yonaataan Meriib-Ba'aal uumate; Meriib-Ba'aal Miikaa uumate. \p \v 35 Ilmaan Miika'aa: Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz. \v 36 Ahaaz, Yeho'adaa uumate; Yeho'aadaan Aalemet, Azmaawetii fi Ziimrii uumate; Ziimri, Mozaa uumate. \v 37 Mozaan, Biine'aa uumate; Biine'aan, Raafaa uumate; Raafaan, El'aasaa uumate; El'aasaan, Azeel uumate. \v 38 Azeel ilmaan jaa: Azriiqaam, Bokeruu, Ishimaa'el, She'ariyaa, Obaadiya'aa fi Haanaan uumate; isaan kun martinuu ilmaan Azeelii ti. \v 39 Ilmaan Obboleessa isaa Asheeqii: angafichi Ulaam, ka lammeesso'oo Ye'ush, ka sadeesso'oo Eliifelex. \v 40 Ilmaan Ulaamii loltoota jajjaboo, worra guube'een lolu. Isaan ilmaan heddu'uu fi ilmaan ilmaa isaanii hedduu wolumatti dhibba tokkoo fi shantama qaban. Isaan kun martinuu sanyii Beniyaaminii ti. \c 9 \s1 Kolbaa Israa'elii Ta Boojuu Irraa Deebite \p \v 1 Maarre kolbaan Israa'elii marti akka hidda dhaloota isaaniititti kitaaba mootota Israa'elii keessatti barreeffamane. \p Kolbaan Yihuda'aa sababa addatamiisa dhabiisa ifiitiif booji'antee gara biyya Baabilonii fudhatante. \v 2 Worri qara gara lafa ifiitii fi qachoota ifiititti deebi'ee qubate, Israa'eloota garii, hayyoota, Lewwootaa fi tajaajiltoota Galma Waaqaa ti. \v 3 Sanyii Yihuda'aa, sanyii Beniyaaminii, sanyii Efreemiitii fi sanyii Minaase'ee keessaa worri Yerusaalem keessa le'ane asii gad jiran: \p \v 4 Sanyii Faaresii ilma Yihuda'aa keessaa Utaayii ilma Amiihudii ti. Amiihudii ka Omirii, Omir ka Iimrii, Iimrii ka Baanii ti. \v 5 Sanyii Shiiloonii keessaa: Ilma isaa angaficha Asaayaa fi ilmaan isaa ti. \v 6 Sanyii Zeraa keessaa: Yewu'el. Kolbaan Yihuda'aa namoota dhibba jaa fi sagaltama. \p \v 7 Sanyii Beniyaaminii keessaa: Sa'aaluu ilma Meshulaamii ti. Meshulaam ka Hodaawiyaa, Hodaawiya ka Hasenu'aa ti. \v 8 Ilma Yerohaamii Yiibneyaa, akaakoo Miikrii, ilma Uzii Elaa, abuuboo Yiibniya'aa, akaakoo Rewu'elii, ilma Shefaaxiya'aa Meshulaam. \v 9 Kolbaan Beniyaaminii akka hidda dhaloota isaaniititti dhibba sagalii fi shantamii jaa. Isaan kun marti sooressitoota maatii ifii ti. \p \v 10 Hayyoota keessaa: Yedaa'iyaa, Yoyaariib, Yaakiin, \v 11 ilma Hilqiiya'aa Azaariya'a. Azaariyaan ka Meshulaamii, Meshulaam ka Zaadoqii, Zaadoq ka Meraayootii, Meraayoot ka Ahiixubii ti. Ahiixub itti gaafatamaa hujii Galma Waaqaa keessaa ti. \v 12 Adaayaan ilma Yerohaamii ti. Yerohaam ka Phashihurii, Phashihur ka Malkiiya'aa ti. Ma'aasayaan ilma Adii'elii ti. Adii'el ka Yaahizera'aa, Yaahiizera ka Meshulaamii, Meshulaam ka Meshiilemii, Meshiilem ka Iimerii ti. \p \v 13 Hayyooti sooressitooti maatii isaanii kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jaatama; isaan kun worra jajjaba hujii Galma Waaqaa keessaa hujuu dande'u. \p \v 14 Lewwoota keessaa: ilma Hashubii Shemaa'iya'a. Hashub ka Azriiqaamii, Azriiqaam ka Hashabiiya'aa ti. \v 15 Baqbaqar, Heresh, Gaalaal, ilma Miika'aa Mataaniya'a. Miikaan ka Ziikrii, Ziikri ka Asaafii ti. \v 16 Obaadiyaa ilma Shemaa'iyaa ti. Shemaa'iya ka Gaalaalii, Gaalaal ka Yedutuu ti. Berekiiyaa ilma Aasa'aa ti. Aasaan ka Elqaana'aa ti. Elqaanaan ka olloota Netofaatotaa keessa le'e. \p \v 17 Eeddoti karraa: Shaalum, Aquub, Talmoon, Ahimaanii fi fira isaanii ti; Shaalum sooressaa isaanii ti. \v 18 Isaan haga adhaa karra karaa aduun baatuu ta mootichi ittiin ol seenutti ramadamaneeran; isaan eeddota quttuma Lewwootaa ti. \p \v 19 Abuuboon Qoree akaakoon Ebiyaasaafii ilmi Qoree Shaalumii fi firooti abbaa isaa Qoraahoti, akkuma abbootiin isaanii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa eegiisaaf itti gaafatantoota te'ane, isaanille hujii Galma Waaqaa keessaatitti itti gaafatantoota. \v 20 Ilmi Ele'azaarii Fiinehaas dur itti gaafatamaa eeddota karraa ti; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jiraayyu. \p \v 21 Seensuma karra Dunkaanii Woldeenna'aa ka eegu ilma Meshelemiya'aa Zakaariyaas. \p \v 22 Worri seensuma karra Galma Waaqaa eegiisaaf filame, wolumatti dhibba lamaa fi kudhanii lama. Isaan akka hidda dhaloota isaaniititti olloota ifii keessatti barreeffamane. Isaan kun akka isaan karra eeganu worra Daawitii fi raagichi Saamu'el ramadane. \v 23 Isaanii fi sanyiin isaanii itti gaafatantoota karra Galma Waaqaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa ti. \v 24 Worri karra eegu maddii arfaniinuu karaa aduun baatuun, karaa aduun seentuun, kaabaa fi kibbaan jiraniiyyu. \v 25 Worri fira isaanii ka ollaa isaanii keessa jiranu yennaa yenna'aan dhufanee guyyaa torbaaf isaan woliin eeganiiyyu. \v 26 Sooreyyiin Lewwootaa arfan eeddoti karraa, kolloota Galma Waaqaatii fi addee mey Galma Waaqaa itti maffamu addatamumma'aan eeganiiyyu. \v 27 Galma Waaqaa eegiisaaf, ganama ganamalle karra baniisaaf, itti gaafatamummaa furtu'uu waan qabanuuf, isaan adaala Galma Waaqaa bulaniiyyu. \p \v 28 Lewwooti gariin itti gaafatantoota meya Galma Waaqaa keessaa ti; isaan meya yennaa itti fayyadamanu laakkowanee baasanee yennaa galchanulle laakkowanee massan. \v 29 Lewwooti kuun meya gara garaa, meya woyyicha mara, bullaa qamadi'ii dansaa, daadhii woyni'ii, zayitii, hixaanaa fi uddowaa adda addaa irratti itti gaafatantoota te'ane. \v 30 Hayyoota keessaa gariin ammoo, uddowaa wolitti makiisaaf itti gaafatantoota te'ane. \v 31 Lewwoota keessaa Matiitiyaan ilmi angafichi Shaalumii firri Qoraahii addatamaa waan te'eef, itti gaafatamaa daabboo kennansaaf bilcheessanuu ti. \v 32 Fira isaanii fira Qehaatii keessaa gariin, Sanbata Sanbata daabboo xarapheessaa irra keyantu qopheessiisaaf itti gaafatantoota te'ane. \p \v 33 Worra Lewwootaa keessaa sooressitooti maati'ii, faarsitooti, halkanii fi guyyaalle waan tajaajilanuuf, hujii dhibii irraa bilisa te'anee, kolloota Galma Waaqaa keessa le'an. \p \v 34 Isaan kun martinuu, akka hidda dhaloota isaaniititti sooreyyii maatii Lewwi'ii, ka Yerusaalem keessa le'ane. \s1 Hidda Dhaloota Saa'olii Mootichaa \p \v 35 Abbaan Giibe'onii Yeyi'el qachaa «Giibe'on» jedhamu ijaaree achuma le'e; maqaan niitii isaa Ma'aka'a. \v 36 Ilmi isaa angafichi Abdoon; ka itti aananu Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab, \v 37 Gedoor, Ahiiyoo, Zakaariyaasii fi Miiklot. \v 38 Miiklot, Shime'aa uumate. Isaanille fira ifii bira Yerusaalem keessa le'ane. \p \v 39 Neer, Qiish uumate; Qiish, Saa'ol uumate; Saa'ol: Yonaataan, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aal uumate. \v 40 Yonaataan, Meriib-Ba'aal uumate; Meriib-Ba'aal, Miikaa uumate. \v 41 Ilmaan Miika'aa: Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz. \v 42 Ahaaz, Yaaraa uumate; Yaaraan: Alemet, Azmaawetii fi Ziimri uumate; Ziimri Mozaa uumate. \v 43 Mozaan, Biine'aa uumate; Biine'aan, Refaayaa uumate; Refaayaan, El'aasaa uumate; El'aasaan, Azeel uumate; \v 44 Azeel ilmaan jaa qaba; maqaan isaanii: Azriiqaam, Bokeruu, Ishimaa'el, She'ariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kun ilmaan Azeelii ti. \c 10 \s1 Du'a Saa'olii Mootichaa \r (1 Sam. 31:1-13) \p \v 1 Bara san worri Filisxeemotaa Israa'eloota lolane; Israa'elootille isaan duraa adoo baqatanuu, bacaan isaanii gaara Giilbo'aa irratti ijjeefamane. \v 2 Worri Filisxeemotaa Saa'olii fi ilmaan isaa ari'anee, ilmaan isaa sad Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa ijjeesane. \v 3 Lolli kun Saa'ol irratti jabaate; worri daayaan lolu yennaa isa dhaggane, daayaan isa madeessane. \v 4 Saa'ol namicha meya lolaa ka isaa ba'atuun, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee akka natti hin taphanne, ati shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun ammoo, guddoo waan sodaateef, tana hin goone. Tanaaf, Saa'ol shallaagaa ifii fudhatee, isa irratti ifi dire. \v 5 Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun, Saa'ol akka du'e yennaa dhagge, innille shallaagaa ifii irratti ifi diree du'e. \v 6 Akka kanaan Saa'ol du'e; isaa fi ilmaan isaa sadiinuu, maatiin isaa marti woluma gula dhumatane. \v 7 Israa'elooti dhooqa san keessa jiranu, loltooti isaanii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Worri Filisxeemotaa dhufanee qachoota san qabatane. \p \v 8 Boruyyaa worri Filisxeemotaa, worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa gaara Giilbo'aa irratti dhaggane. \v 9 Isaan woyaa Saa'ol irraa mulqatanee, mataa isaa muranee, meya lolaa isaa fudhatanee, oduu dansaa tana waaqotaa fi kolbaa ifiititti akka himanuuf, lafa Filisxeemotaa mara keessa namoota ergane. \v 10 Isaan meya lolaa ka isaa galma waaqota ifii keessa keyanee, mataa isaa galma waaqa ifii ka Daagonii keessatti fannisane. \v 11 Namooti qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessaa ammoo, waan worri Filisxeemotaa Saa'ol irratti godhane mara yennaa dhage'ane, \v 12 loltooti isaanii jajjaboon dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa fuudhanee, gara Yaabeshii fidane; lafee isaanii qilxaa jalatti awwaalanee, guyyaa torba laamane. \p \v 13 Saa'ol Mootii Waan Maraatiif addatamiisa waan dhabeef du'e; inni worra ekeraa dubbisu irraa gorsa gaafate malee, jecha Mootii Waan Maraatiif hin ajajanne. \v 14 Inni Mootii Waan Maraa hin gaafanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa isa ijjeesee, mootummaa isaa ilma Iseyii Daawititti dabarsee kenne. \c 11 \s1 Daawiti Mootii Israa'elii Te'e \r (2 Sam. 5:1-10) \p \v 1 Achiin duuba Israa'elooti martinuu Kebroonitti Daawiti biratti wolitti qabamanee, «Kunoo, nuuti foon keetii fi dhiiga keeti. \v 2 Dur yennaa Saa'ol mootii te'ee jiruuyyuu, ka Israa'eloota duulchisee galchu si'i. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iin, ‹Ati kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa kolbaa tiyya Israa'elii hin teeta› jedheera» jedhaneen. \v 3 Jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti mooticha Daawiti bira yennaa dhufane, inni fuula Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo gondoorate. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Saamu'eliitiin dubbatetti, isaan akka Daawiti Israa'el irratti mootii te'u muudane. \p \v 4 Mootichi Daawitii fi Israa'elooti marti gara qachaa Yerusaalemii ka «Yibus» jedhamuu duulane. Worri Yibusootaa ka achi keessa le'u, \v 5 Daawitiin, «Ati as hin seentu» jedhane. Daawiti ammoo, kushee Xiyoonii qabate; kusheen sun, «Qachaa Daawitii» jedhantee beekkante. \v 6 Daawiti, «Nami dursee Yibusoota lolu sooressa loltootaa ajajaa woraanaa hin te'a» jedhe. Yo'aab ka Zeruyaan deette dursee dhaqee isaan lolee, ajajaa te'e. \v 7 Achiin duuba Daawiti kushee san keessa le'e; tanaaf isiin, «Qachaa Daawitii» jedhante. \v 8 Inni kaabii, «Miiloo» jedhantuu kaasee, kushee sanitti naannessee qachaa ijaare; Yo'aabille qachaa hafe deebisee haaresse. \v 9 Mootiin Waan Maraa ka waan mara dade isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa ideeme. \s1 Loltoota Daawitii Gootota \r (2 Sam. 23:8-39) \p \v 10 Isaan kun Loltoota Daawitii keessaa gootota, kolbaa Israa'elii mara woliin akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa galetti, akka Daawiti mootii te'u, mootummaan isaalle akka jabaattu worra mootummaa isaa keessatti isa qarqaare. \v 11 Laakkossi loltoota gootota Daawitii ka asii gad jiru: Ka qaraa Yaashobi'aam ka fira Hakmonii sooressa gootota sadii ti; inni lola tokko keessatti eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeese. \v 12 Gootota sad keessaa ka isatti aanu, fira Ahohii ilma Dodoo Ele'azaar. \v 13 Yennaa worri Filisxeemotaa lolaaf Phasdamiimitti wolitti qabamane, inni Daawiti woliin achi jiraayyu; addee fichaa garbuun bacaan keessa jiruutitti, Israa'elooti worra Filisxeemotaa duraa baqatane. \v 14 Daawitii fi Ele'azaar fichaa san keessatti waan addee qabataneeranuuf, worra Filisxeemotaa lolane; Mootiin Waan Maraa injifachaa guddoo isaaniif kenne. \p \v 15 Loltoota worra Filisxeemotaa keessaa gariin, dhooqa Refaa'iimii keessatti kushee qabatanee adoo jiranuu, sooreyyii loltoota Daawitii soddoma keessaa sad, Daawiti bira gara rassaa goda Adulaamii bira jiruu dhaqane. \v 16 Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; loltooti Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiraniiyyu. \v 17 Daawiti bisaan dheebotee, «Boolla bisaanii ta karra Betlihem bira jirtu keessaa, bisaan ani unu eennutti woraabee naa fida laati!» jedhe. \v 18 Achiin duuba loltooti goototi sadiin sun, loltoota worra Filisxeemotaa keessa dabaranee, boolla karra Betlihemii bira jirtu san keessaa bisaan woraabanee, Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansaa godhee Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee, \v 19 «Akka ani bisaan kana hin unne Waaqi narraa fageessuu ti! Bisaan kana uniis akka ani dhiiga namoota lubbuu ifii gurguratanee, bisaan kana fidanee unaneetii motii ree?» jedhe. Tanaaf inni bisaan san hin unne. Namooti goototi sadiin sun wonni godhane tana. \v 20 Obboleessi Yo'aabii Abiishaayi sooressa loltoota gootota sadiin sanii ti; inni eboo ifii fudhatee namoota dhibba sad ijjeesee, akka loltoota gootota sadiin sanii gurra dhaggate. \v 21 Inni loltoota sadiin san keessaa tokko te'uu dhabulle, isaan caalaa ulfinna guddaa dhaggatee ajajaa isaanii te'e. \p \v 22 Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee neenqa tokkolle ijjeeseera. \v 23 Inni nama biyya Gibxi'ii ka ciqilee shan dheeratu tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun, eboo somey isi'ii muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu itti maru fakkaattu qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese. \v 24 Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate. \v 25 Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawiti worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate. \v 26 Loltooti goototi ka asii gad jiranu: obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa, \v 27 nama biyya Harorii Shaamoot, nama biyya Phelonii Helez, \v 28 nama biyya Teqo'aa ilma Iiqishii Iiraa, nama biyya Anaatotii Abii'ezer, \v 29 nama biyya Hushii Siibekaayi, nama biyya Ahohii Iilaayi, \v 30 nama biyya Netofii Maharaay, nama biyya Netofii ilma Ba'anaa Heled, \v 31 sanyii Beniyaamii keessaa nama biyya Giibe'aatii ilma Riibaayii Iitaayi, nama biyya Phiiraatonii Benaayaa, \v 32 nama biyya dhooqa Ga'aashii keessaa Huraayi, nama biyya Aarbataahii Abii'el, \v 33 nama biyya Baharumii Azmaawet, nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa, \v 34 ilmaan Haashemii nama biyya Giizonii, nama biyya Haraarii ilma Shaagee Yonaataan, \v 35 nama biyya Haraarii ilma Saakaarii Ahii'aam, ilma Urii Eliifaal, \v 36 nama biyya Mekeraatii Hefer, nama biyya Phelonii Ahiiyaa, \v 37 nama biyya Qarmelosii Hezro, ilma Ezbaayii Na'araayi, \v 38 obboleessa Naataanii Yo'el, ilma Hagrii Miibhaar, \v 39 nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii ka meya lolaa Yo'aabii ba'atu, ka Zeruyaan deette Naharaayi, \v 40 nama biyya Yaatiirii Iiraa, nama biyya Yaatiirii Gaareb, \v 41 nama biyya Heetii Uriiyaa, ilma Ahilaayii Zaabaad, \v 42 ilma Shiizaa nama biyya Ruubenii ka gosa Ruubeniitii fi loltoota soddoma isa woliin jirtuuf sooressa te'e Adiinaa, \v 43 ilma Ma'akaa Haanaan, nama biyya Miitaanii Yoshaafaax, \v 44 nama biyya Ashteraatii Uziyaa, ilmaan Hotaamii nama biyya Aro'erii Shaamaa'ii fi Yeyi'el, \v 45 ilmaan Shiimrii nama biyya Tiizaahii Yediyaa'elii fi obboleessa isaa Yohaa, \v 46 nama biyya Mahawaatii Elii'el, ilmaan Elnaa'aamii Yeriibaayii fi Yoshaabiyaa, nama biyya Mo'aabii Iitmaa, \v 47 Elii'el, Obedii fi nama biyya Mezoobii Ya'aasi'el. \c 12 \s1 Loltoota Daawititti Dabalamane \p \v 1 Daawiti ilma Qiishii Saa'ol duraa dhokatee Siiqlaag keessa adoo jiruu, loltoota gootota duula keessatti isa qarqaarane keessaa ka gara isaa dhufane, ka asii gad jiranu: \v 2 Isaan worra guube'ee ka daaya harka middaatii fi bita'aatiin darbatiisa, dhakaalle qolaansiisa dande'u, gosa Beniyaamii keessaa fira Saa'olii ti; \v 3 Sooressitooti isaanii Ahii'ezerii fi Yo'aas; isaan lamaanuu ilmaan Shema'aa nama biyya Giibe'aatii ti; ilmaan Azmaweeyezii'elii fi Phelex, Beraakaa, nama biyya Anaatotii Yehuu, \v 4 nama biyya Giibe'onii Yishmaa'iyaa ka odduu loltoota soddomaatitti gooticha sooressa isaanii te'e; Ermiyaas, Yahaazi'el, Yohaannaan, nama biyya Gederaatii Yozaabaad, \v 5 Eluzaayi, Yeremoot, Belaayaa, Shemaariyaa, nama biyya Haruufii Shefaaxiyaa, \v 6 Elqaanaa, Yeshiiyaa, Azaarel, Yo'ezerii fi nama biyya Qoraahii Yaashaabe'aam, \v 7 nama biyya Gedoorii keessaa ilmaan Yerohaamii Yo'elaa fi Zebaadiya'a. \p \v 8 Daawiti kushee goomolee keessaa keessa adoo jiruu gosa Gaadii keessaa loltooti goototi gara isaa dhufane; isaan worra wonte'ee fi woraana qabatiisa beekanu, ka fuulli isaanii akka fuula neenqaa sodaachisuu fi ariitiin isaaniille akka buddannee gaara irraa ti. \v 9 Sooressitooti isaanii tokkeessoon Ezer, lammeessoon Obaadiyaa, sadeessoon Eliiyaab, \v 10 arfeessoon Miishimana'a, shaneessoon Ermiyaas, \v 11 jayeessoon Aataayi, torbeessoon Elii'el, \v 12 saddeetessoon Yohaanna'a, sagaleessoon Elzaabaad, \v 13 kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Maakbaanaay. \p \v 14 Isaan kun ajajjoota loltoota gosa Gaadii ti; isaan keessaa ajajaan diqqaan akka ajajaa loltoota dhibbaa ti; ajajaan guddaan akka ajajaa loltoota kumaa ti. \v 15 Isaan ji'a qaraa keessa, yennaa lagi Yordaanosii guute, gamatti bu'anee worra Yordaanos irraa karaa aduun baatuu fi karaa aduun seentu dhooqa keessa le'u mara ari'ane. \p \v 16 Gosa Beniyaaminiitii fi gosa Yihuda'aa keessaa namooti gariin gara kushee isaa Daawiti bira dhufane. \v 17 Daawiti isaan qophatiisaaf gara isaanii gad bayee isaaniin, «Isin nageyaaf, na qarqaariisaafille gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane, isin fudhatiisaaf qophoweera. Adoo ani dokonkora tokko hin qabaatin, isin diina kiyyatti dabarsitanee na kenniisaaf gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane ammoo, Waaqi abbootii teennaa isin dhagguu ti; isinille'etti muruu ti» jedhe. \p \v 18 Achiin duuba ayyaanni Waaqaa ajajaa loltoota soddomaa Amaasaayi irratti bu'ee, \q1 «Ee Daawiti, nuuti keeti; \q2 Ee ilma Iseyii nuuti si woliin jirra; \q2 Waaqi waan si qarqaaruuf \q2 nageenni siif te'u! \q2 worra si qarqaaruufille \q2 nageenni te'uu ti» jedheen. \b \m Maarre Daawiti isaan fudhatee, sooressitoota loltoota ifii godhate. \p \v 19 Daawiti worra Filisxeemotaa woliin Saa'olii mooticha loliisaaf yennaa dhaqe, gosa Minaase'ee keessaa gariin finqilanee loltoota Daawitiititti makamane; te'uu malee Daawitii fi namooti isaa worra Filisxeemotaa hin qarqaarre; sababille sooressitooti Filisxeemotaa, «Daawiti, nu fixee gara goottaa ifii Saa'olii deebi'a» jedhanee waan sodaataneef, mari'atanee akka inni achii deemu godhane. \v 20 Yennaa Daawiti gara Siiqlaagii dhaqe gosa Minaase'ee keessaa, ajajjooti kumaa: Adiinaa, Yozaabaad, Yediyaa'el, Mikaa'el, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziiletaay finqilanee gara isaa galane. \v 21 Isaan kun marti loltoota gootota waan te'aneef, loltoota isaa keessalle'etti ajajjoota waan te'aneef, worra Daawititti duule loliisaan isa qarqaarane. \v 22 Loltooti Daawitii akka loltoota Waaqaa haga bacatanutti, namooti isa qarqaarsiisaaf guyyuma guyya'aan gara isaa dhufane. \s1 Worri dhibiin Kebroonitti Gara Daawitii Dhufane \p \v 23 Akkuma Mootiin Waan Maraa Daawitiif waadaa galetti, laakkossi loltoota lolaaf hidhatanee, mootummaa Saa'olii mootichaa gara isaa deebisiisaaf, Kebroonitti gara Daawitii worri dhufe ka asii gad jiru: \p \v 24 Wonte'ee fi eboo qabatanee lolaaf worri qophowane, namooti Yihuda'aa loltoota kuma jaa fi dhibba saddeeti. \p \v 25 Gosa Shimi'oonii keessaa loltooti goototi lolaaf qophowane, namoota kuma torbaa fi dhibba tokko. \p \v 26 Gosa Lewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaa. \v 27 Akkasuma fira Aaronii keessaa Yehoyaadaa sooressaa isaanii woliin nama kuma sadii fi dhibba torba. \v 28 Dargaggeessa goota Zaadoqii fi maatii abbaa isaa keessaa ajajjooti diddamii lama. \v 29 Fira Saa'olii keessaa namooti Beniyaamii kum sad, isaan keessaa gariin irra caalaan haga bara saniititti Saa'oliif addatamane. \p \v 30 Namoota Efreemii keessaa, loltooti goototi fira abbaa ifii keessatti beekkamane kuma diddamaa fi dhibba saddeeti. \p \v 31 Namoota gamisa gosa Minaase'ee keessaa, ka maqaan isaanii galmeeffamee, Daawiti mootii godhatiisaaf dhufane, namoota kuma kudha saddeeti. \p \v 32 Sanyii Yisaakorii keessaa, worri bara hubatane, waan Israa'el maltelle worri beekane, fira isaanii worra ajaja isaanii jala jiranu mara woliin sooreyyiin dhibba lama. \p \v 33 Namoota Zebuloonii keessaa, loltooti meya lolaa maraan leenjifamanee lolaaf qophowane, ka gadhaa tokkochaan Daawiti qarqaariisaaf dhufane, namoota kuma shantama. \p \v 34 Sanyii Niftaalemii keessaa ajajjooti kuma tokko; isaan wolille'een worri wonte'ee fi eboo qabatu nama kuma soddomii torba. \p \v 35 Sanyii Daanii keessaa ka lolaaf qophowane, namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaa. \p \v 36 Sanyii Asheerii keessaa ka lolaaf leenjifamanee duulaaf qophowane kuma afurtama. \p \v 37 Worra laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu keessaa, namooti Ruubenii, namooti Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee ka meya lolaa mara hidhatane, nama kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama. \p \v 38 Loltooti lolaaf qophootte tun martinuu gadhaa tokkochaan, Daawiti Israa'el irratti mootii godhatiisaaf gara Kebroonii dhufane. Namooti Israa'elii worri hafane martille, Daawiti mootii godhatiisaaf yaadi isaanii akkuma san tokko te'e. \p \v 39 Namooti kun waan firri isaanii isaaniif qopheessane nyaataa, unaa guyyaa sad Daawiti bira turane. \v 40 Israa'el keessatti yennaa gammadaa waan teeteef, namooti adaala isaanii jiranulle, lafa fagoo Yisaakor irraa, Zebuloonii fi Niftaalem irraa sagalee harreelle'etti, gaalotatti, gaangole'ee fi sangootatti fe'anee bullaa, bixee harru'uu, bixee midhaan woyni'ii, daadhii woyni'iitii fi zayitii bacaa fe'anee fidane. Sangootaa fi hooleelle fidanee dhufane. \c 13 \s1 Kiriiyat-Ya'ariim Irraa Saanduqa Gondooro'oo Fidane \p \v 1 Daawitiin mootichi ajajjoota ifii ta kumaatii fi ta dhibbaa, sooreyyii ifii mara woliin mari'ate. \v 2 Achiin duuba Daawiti gumii Israa'elootaa maraan, «Wonni kun yoo isinitti dansaa fakkaatte, fedhii Mootii Waan Maraa Waaqa keennaalle yoo teete, obboleeyyan teenna ta hatte, worri lafa Israa'elii keessa jiranu, hayyootaa fi Lewwooti qachoota ifii keessaa fi lafa tikaa ta ifii keessa jiranu marti, dhufanee akka nu woliin wolitti qabamanu namoota isaanitti ergina. \v 3 Kowa'a, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ta bara mootummaa Saa'olii hin barbaadin, dhandhee fidanna» jedhe. \v 4 Wonni sun marti isaan maratti sirrii teetee waan mudhatteef, kolbaan sun marti tana godhiisaaf wolii galte. \p \v 5 Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa Kiriiyat-Ya'ariimii fidiisaaf, Israa'eloota laga Shiihorii ka Gibxii keessaatii jalqabee, haga seensuma Haamaatii jiranu mara wolitti qabe. \v 6 Daawitii fi Israa'elooti marti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqa Mootii Waan Maraa ta maqaa isaatiin waamante, ta dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan odduu barcuma'aa irra keyante san fidiisaaf, gara qachaa Ba'aalaa, ka Yihudaa keessaa ka «Kiriiyat-Ya'ariimii» jedhamutti ol bayane. \v 7 Isaan Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa mana Abinaadaabiitii fuudhanee, garreettaa haareya irra keyanee fidane. Uzaanii fi Ahiiyon garreettaa harkifamu san oofane. \v 8 Daawitii fi Israa'elooti marti hunna ifii maraan Waaqa duratti weeddu'uun, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuu fi tultulla'aan jilifatane. \p \v 9 Eeddummee Kiidonii yennaa geyane qotiyyooti garreettaa harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san qabiisaaf itti hiixate. \v 10 Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san harka ifiitiin waan tuqeef, Mootiin Waan Maraa isatti aaree isa dhowe. Maarre inni achuma Waaqa duratti du'e. \v 11 Aariin Mootii Waan Maraa waan Uzaa cassiteef, Daawiti aare. Addeen sun haga adhaatitti «Pherez-Uzaa\f + \fr 13:11 \fr*\fqa Pherez-Uzaa: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa cannana Uza'aa \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhanti. \p \v 12 Daawiti gaafasii jalqabee Waaqa sodaatee, «Ani attamiin Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa tana fudhadhee galuu dande'a ree?» jedhe. \v 13 Tanaaf, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo san gara qachaa ifii fudhatee galiisa lakkisee, gara mana Obed-Edoomii nama qachaa Gaatii geesse. \v 14 Saanduqi Gondooro'oo ta Waaqaa, ji'a sad maatii Obed-Edoomii woliin mana isaa keessa turte. Mootiin Waan Maraalle maatii Obed-Edoomiitii fi waan inni qabu mara eebbise. \c 14 \s1 Mana Daawitiitii Fi Maatii Isaa \p \v 1 Mooticha Daawitiif mana mootumma'aa akka ijaaranuuf, mootichi Xiiroosii Hiiraam namoota mana dhaka'aan ijaaranuu fi namoota muka bociisa beekanu, muka hindheensaa woliin isaaf erge. \v 2 Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke. \p \v 3 Daawiti Yerusaalem keessatti dubartii ede'ee fuudhee, ilmaanii fi ijoollee durraa ede'ee uumate. \v 4 Maqaan ijoollee inni Yerusaalemitti uumatee: Shamu'aa, Shobaab, Naataan, Solomoon, \v 5 Yiibhaar, Eliishuwaa, Elphaalex, \v 6 Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa, \v 7 Eliishaamaa, Ba'aal-Yaadaa fi Eliifelex. \s1 Daawiti Worra Filisxeemotaa Injifate \p \v 8 Daawiti biyya Israa'elii irratti mootii akka te'e worri Filisxeemotaa yennaa dhage'e, marti isaaniituu isa qabiisaaf ol bayane; Daawitille isaan loliisaaf duula itti baye. \v 9 Worri Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii geyanee saamiisa jalqabane. \v 10 Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate. \p Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ee, duuli, ani harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhe. \p \v 11 Maarre Daawiti namoota ifii woliin gara Ba'aal Pheraaziimii ol bayee, worra Filisxeemotaa lolanee injifatane. Inni, «Akka lolaan bisaanii ededa caccassu, Waaqi harka kiyya irratti diinota kiyya caccasse» jedhe. Tana irratti maqaan addee saniille, «Ba'aal-Pheraaziim\f + \fr 14:11 \fr*\fqa Ba'aal-Pheraaziim: \fqa*\ft Afaan Ibrootaatiin \ft*\fqa Mootiin Waan Maraa caccassuu ti \fqa*\ft jechu'u.\ft*\f*» jedhamee moggaafame. \v 12 Worri Filisxeemotaa waaqota ifii ka dharaa achitti lakkisanee baqatane; Daawiti akka isaan gubamanuuf ajaja baase. \p \v 13 Worri Filisxeemotaa ammalle deebi'anee dhooqa san saamiisa jalqabane. \v 14 Daawiti ammalle Waaqa gaafate; Waaqille deebisee, «Marfadhuutii muka harru'uu biraan isaan loli malee, fuula duraan itti ol hin bayin. \v 15 Qoonqoo geerarsaa qaccee muka harru'uu gubba'atti yennaa dhageette, ani loltoota Filisxeemotaa injifatiisaaf si'iin dura waan bayuuf, isaan loliisaaf dhaqi» jedheen. \v 16 Daawiti akkuma Waaqi isa ajaje godhee, namoota ifii woliin, Giibe'onii jalqabee haga Gezeriititti loltoota worra Filisxeemotaa ari'e. \v 17 Gurri Daawitii lafa maratti dhage'ame; Mootiin Waan Maraalle gosi biyyi adda addaa akka isa sodaattu godhe. \c 15 \s1 Saanduqa Gondooro'oo Gara Yerusaalemii Geessane \p \v 1 Daawiti qachaa ifii keessatti mana ijaarrateen duuba, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif addee qopheessee, dunkaanii dhaabeef. \v 2 Achiin duuba Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa akka ba'atanuuf, haga bara baraa isa akka tajaajilanu, Lewwoota waan filateef, isaan malee nami tokkolle Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hin ba'atu» jedhe. \v 3 Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san, gara addee inni isi'iif qopheessee akka fidanuuf Israa'eloota mara Yerusaalemitti wolitti qabe. \v 4 Inni sanyii Aaroniitii fi Lewwootalle wolitti qabe. \v 5 Worri inni wolitti qabe, sanyii Qehaatii keessaa sooressa Urii'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi diddama, \v 6 sanyii Meraarii keessaa sooressa Asaaya'aa fi firoota isaa nama dhibba lamaa fi diddama, \v 7 sanyii Gershoomii keessaa sooressa Yo'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi soddoma, \v 8 sanyii Eliizaafaanii keessaa sooressa Shemaa'iyaa fi firoota isaa nama dhibba lama, \v 9 sanyii Kebroonii keessaa sooressa Elii'elii fi firoota isaa nama saddeettama, \v 10 sanyii Uzii'elii keessaa sooressa Aminaadaabii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi kudhanii lama. \p \v 11 Achiin duuba Daawiti hayyoota lama Zaadoqii fi Abiyaataar, akkasuma Lewwoota jaa Urii'el, Asaayaa, Yo'el, Shemaa'iyaa, Elii'elii fi Aminaadaab waamee, \v 12 «Isin sooressitoota maatii Lewwootaa ti. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, gara addee ani isi'iif qopheessee fidiisaaf, ifii fi fira keessanille woyyoonsa'a. \v 13 Yennaa qaraa isin Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo hin ba'anne; nuutille akka ajaja isaatitti isa hin barbaanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna aarii ifii nu irratti bobeesse» jedhee dubbate. \v 14 Maarre hayyootii fi Lewwooti, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii fidiisaaf, ifi woyyoonsane. \v 15 Muuseen akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma ajaje, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa san danqara'aan gurmuu ifii irratti ba'atane. \p \v 16 Daawiti itti dabalee sooressitooti Lewwootaa, namoota meya faaru'uutiin, maseenqo'oon, kiraara guddichaan, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, faaruu nama gammachiittu akka faarfatanu fira ifii keessaa akka filanu ajaje. \v 17 Maarre worri Lewwootaa ilma Yo'elii Hemaan, fira isaa keessaa ilma Berekiiya'aa Asaafii fi ilma Qushaaya'aa Etaan filatane. \v 18 Isaan wolille'een sadarkaa lammeesso'ootitti fira isaanii ka filamane Zakaariyaas, Ya'aasi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Unii, Eliiyaab, Benaayaa, Ma'aseyaa, Matiitiyaa, Eliifelehuu, Miiqneyaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el worra karra eegu godhane. \v 19 Worri faarfatu Hemaan, Asaafii fi Etaan worra sibiila sageettu'uu wolitti dhowanee qilillisiisan. \v 20 Zakaariyaas, Azii'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Uniin, Eliiyaab, Ma'aseyaanii fi Benaayaan, maseenqoo akka qoonqoo dubartootaa ta ol qabataneetitti dhowan. \v 21 Matiitiyaan, Eliifelehuun, Miiqneyaan, Obed-Edoom, Yeyi'elii fi Azaziiyaan kiraara guddicha dhowan. \v 22 Qayinaaniin Lewwichi sooressa faarsitootaa itti gaafatamaa faaru'uu ti; inni beekkicha faaru'uu ti. \p \v 23 Berekiiyaanii fi Elqaanaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti. \v 24 Hayyooti Shebaniyaan, Yoshaafaax, Nataani'el, Amaasaayi, Zakaariyaas, Benaayaanii fi Elii'ezer Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan. Obed-Edoomii fi Yehiiyaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti. \p \v 25 Maarre Daawiti, jaarsoleen Israa'eliitii fi ajajjooti kumaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomiitii fidiisaaf gammada gudda'aan dhaqane. \v 26 Waaqi Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'atane san waan qarqaareef, isaan korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ciincaa dhikeessane. \v 27 Daawiti gaafas akkuma Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuu, akka faarsitootaatii fi akka Qayinaanii itti gaafatamaa faarsitootaa, woyaa quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffateeraayyu; itti dabaleelle woyaa dirata qomaa ta quncee talba'aa irraa hujate uffateeraayyu. \v 28 Maarre Israa'elooti marti ilillisaa, gaafa korbeeyyii hoole'eetii fi tultullaa afuufaa, sibiila wolitti dhowaa qilillisiisaa, kiraara guddichaa fi maseenqoo dhowaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidane. \v 29 Yennaa Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qachaa Daawitii gale, intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin gad ilaaltee, mootichi Daawiti firinxiixee sirbuun yennaa dhaggite, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte. \c 16 \p \v 1 Isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabeef keessa keyane; achiin duuba kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessane. \v 2 Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessee fixeen duuba, maqaa Mootii Waan Maraatiin kolbaa eebbise. \v 3 Inni Israa'eloota tokko tokkoof dhiiraa fi dubarti'iif, xaltaa daabbo'oo tokko tokko, foon gumaa tokko tokko, bixee midhaan woyni'ii tokko tokko hireef. \p \v 4 Daawiti Lewwoota keessaa worra garii ka Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tajaajilanuu fi ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gaafatanu, ka galateeffatanuu fi leellifatanu file. \v 5 Sooressi isaanii Asaaf, itti aanaan Zakaariyaas; worri maseenqo'oo fi kiraara guddicha dhowanu Yeyi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el; Asaaf sibiila wolitti dhowee qilillisiisa. \v 6 Hayyooti Benaayaanii fi Yahaazi'el yennaa mara, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan. \s1 Faaruu Daawitii Ta Galataa \p \v 7 Guyyaa san faaruun galataa ta Mootii Waan Maraa ta Daawiti qara Lewwootii fi Asaaf akka faarfatanu itti kenne ta asii gad jirtu: \q1 \v 8 Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; \q2 maqaa isaa waammadha'a; \q2 Waan inni godhelle \q2 odduu gosa biyya adda addaatitti beessisa'a. \q1 \v 9 Isa faarfadha'a; isa leellifadha'a \q2 hujii isaa ta maade'ee hima'a. \q1 \v 10 Maqaa isaa woyyichaan bondhoora'a; \q2 worri Mootii Waan Maraa barbaadu \q2 firinxiixuu ti. \q1 \v 11 Mootii Waan Maraatii fi \q2 hunna isaa barbaada'a; \q2 Yennaa mara fuula isaa barbaadadha'a! \q1 \v 12 Hujii maade'ee ta inni huje, \q2 baasa isaatii fi \q2 muraa inni kennelle qaabadha'a. \q1 \v 13 Ee, isin sanyiin Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaa, \q2 isin sanyii Israa'elii, \q2 ta Waaqaaf filatantane, \q1 \v 14 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna; \q2 muraan isaa lafa mara hin dhaqqaddi. \q2 \v 15 Inni Gondooroo ifii haga bara baraa, \q2 ajaja ifiille haga dhaloota kumaa hin yaadata. \q1 \v 16 Gondooroo Abrahaam woliin gondoorate, \q2 kakuu Yisihaqiif waadaa gale hin eegata. \q1 \v 17 Tun Yaaqoobiif seerata jabaa, \q2 Israa'eliifille Gondooroo bara baraa \q2 akka teetuuf godhe. \b \q1 \v 18 Inni, «Qooda dhaala sanyii teetii akka teetuuf, \q2 lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe. \b \q1 \v 19 Yennaa san laakkossi isaanii hin bacanne, \q2 isaan nama diqqaa lafa sanitti alagaa te'e. \q1 \v 20 Gosa biyya tokkoo irraa \q2 gara gosa biyya tokkootitti, \q2 mootummaa tokko irraa \q2 gara mootummaa tokkootitti daaqane. \q1 \v 21 Inni nami tokkolle \q2 akka isaan cunqursu hin lakkinne; \q2 inni isaaniif jedhee moototaayyuu xixee, \q1 \v 22 «Worra ani muude hin tuqina'a; \q2 raagota tiyyalle hin miidhina'a» jedhe. \b \q1 \v 23 Biyyi lafaa martinuu \q2 Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a; \q2 fayyisuu isaalle guyyuma guyya'aan odeessa'a. \q1 \v 24 Gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna isaa, \q2 kolbaa mara oddu'utti \q2 hujii baasa isaa ta baasaa lassa'a. \b \q1 \v 25 Mootiin Waan Mara guddaa waan te'eef \q2 guddoo leellifamuu qaba; \q2 waaqota mara caalaa sodaatamuu qaba. \q1 \v 26 Waaqoti gosa biyya adda addaa marti \q2 waaqota dharaa ti; \q2 Mootiin Waan Maraa ammoo \q2 ka ol-gubbaa dade. \b \q1 \v 27 Ulfinnaa fi arnyi fuula isaa dura \q2 jabeennii fi gammadi addee bultoo isaa jiran. \q1 \v 28 Ee, isin firri gosa biyya adda addaa \q2 Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 ulfinnaa fi jabeenna isaalle leellisa'a. \q1 \v 29 Ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; \q2 kennansa fida'aatii isa dura dhikaadha'a. \q1 Ulfinna woyyummaa isaatiif, \q2 Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a. \q2 \v 30 Lafa mara isa duratti sheephisa'a; \q2 Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatteerti; \q2 isiin ijjumaa hin tachootu. \q1 \v 31 Ol-gubbaan gammadduu ti; \q2 lattille firinxiixxuu ti. \q2 Kolbaan gosa biyya adda addaa oddu'utti, \q2 «Mootiin Waan Maraa mowe» jettuu ti. \q1 \v 32 Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti \q2 shookkisanuu ti; \q2 ficha'aa fi wonni isa keessaa marti \q2 firinxiixanuu ti. \q1 \v 33 Mootiin Waan Maraa \q2 biyya lafaa irratti muriisaaf waan dhufuuf, \q2 mukooti gongoma'aa gammadaa \q2 isa duratti faarsanuu ti. \b \q1 \v 34 Maganne'e, Mootiin Waan Maraa \q2 dansaa waan te'eef, \q2 jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te'eef, \q2 isa galateessa'a. \q1 \v 35 Isin, «Nuuti maqaa keeti woyyicha \q2 akka galateeffannuuf, \q2 ulfinna keeti akka leellifannuuf, \q2 ee, Waaqa fayyisaa keenna, \q2 ati gosa biyya adda addaa harkaa nu baasiitii, \q2 wolitti nu qabi» jedhaalle'e. \q1 \v 36 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii \q2 haga bara baraa leellifamuu ti. \p Achiin duuba kolbaan marti, «Ameen! \q2 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti» jette. \p \v 37 Asaafii fi Lewwooti akka isaa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti, guyyuma guyya'aan akka tajaajilanu, Daawiti achitti isaan lakkise. \v 38 Akkasuma ammalle Obed-Edoomii fi Lewwooti akka isaa namooti jaatamii saddeeti, ilmi Yedutuu Obed-Edoomii fi Hosaah karra akka eeganuuf achitti isaan lakkise. \p \v 39 Zaadoqii Hayyichaa fi hayyoota akka isaa, Dunkaanii Woldeenna'aa ta Mootii Waan Maraa ta addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessa jirtu duratti, \v 40 guyyaa mara ganamaa fi galgala, akkuma seera Mootiin Waan Maraa Israa'eliif kenne keessatti barreeffametti, addee ciinca'aa irratti kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanuuf, Daawiti achitti isaan lakkise. \v 41 Isaan wolille'een Hemaan, Yedutuu fi worri dhibiin hafe ka filame, «Jaalalli Mootii Waan Maraa ka bara baraa ti» jedhaa faarsulle woliin jiraniiyyu. \v 42 Hemaanii fi Yedutuun itti gaafatantoota meya ittiin Waaqa faarfatanuu, ka tultulla'aatii fi sibiila wolitti dhowanee qilillisiisanuu te'ane. Ilmaan Yedutuu eeddota karra dalleyaa te'ane. \p \v 43 Achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii galte; Daawitille maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii dhaqe. \c 17 \s1 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Daawiti Woliin Godhate \p \v 1 Daawiti mana mootummaa ifii keessa qubateen duuba, inni raagicha Naataaniin, «Kunoo, ani mana muka hindheensaatiin ijaarame keessa le'a; Saanduqi Gondooro'oo Mootii Waan Maraa ammoo dunkaanii jala jira» jedhe. \p \v 2 Naataanille deebisee Daawitiin, «Waaqi si woliin waan jiruuf, waan gadhaan keeti yaade mara godhi» jedhe. \p \v 3 Halkanuma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee, \v 4 «Dhaqiitii tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: mana ani keessa le'u ka naaf ijaaru si'ii moti. \v 5 Ani bara Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baaseen jalqabee haga ammaatitti, dunkaanii takkaa irraa gara dunkaanii taaniititti, addee quttumaa takka irraa gara addee quttumaa taanitti deeme malee, mana keessa hin leene. \v 6 Israa'eloota mara woliin lafa dhaqe maratti, abbootii mura'aa ta Israa'elii worra ani kolbaa tiyya akka eeganuuf ajaje keessaa tokkolle'een: muka hindheensaatiin maaf mana naa ijaaruu didde? jedhee beekaa? \p \v 7 « ‹Tanaaf, amma ati garbicha kiyya Daawitiin: Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, adoo ati hoolee tissituu tika keessaa si fudhadhe. \v 8 Lafa ati dhaxxe maratti si woliin jiraayyu; diinota keeti maralle fuula keeti duraa balleesse. Ammalle akka maqaa namoota gugurdaa biyya lafaa keessaa akka maqaa tokkochaa maqaa keeti hin godha. \v 9 Kolbaa tiyya Israa'eliif addee hin kenna; isaan hin sarbamanu; biyya ifii keessa hin le'an. Haganaa achi namooti hamooleen akka yennaa durii san isaan hin cunqursanu. \v 10 Yennaa ani abbootii mura'aa kolbaa tiyya Israa'eliif kaaseen jalqabanee, ka isaan cunqursane, deebi'ane isaan hin cunqursanu; diinolee teeti mara gad hin deebisa. Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teetii jabeessee akka dhaabu ani sitti hima. \v 11 Barri keeti geyee duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa. \v 12 Inni mana naaf hin ijaara; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa. \v 13 Ani abbaa isaa hin te'a; inni ilma kiyya hin te'a. Mooticha si'iin duraa irraa jaalala kiyya ka bara baraa akka kaase, ilma keeti irraa jaalala kiyya ka bara baraa hin kaasu. \v 14 Inni kolbaa tiyya irratti, mootummaa tiyya irralle'etti bara baraan jabaatee akka dhaabbatu hin godha; barcumaan mootummaa isaalle bara baraan jabaatee hin jiraata› jedhi» jedhe. \p \v 15 Naataan dubbii mudhi'ii tana mara Daawititti hime. \s1 Daadimata Daawitii \p \v 16 Achiin duuba Daawitiin mootichi ol seenee Mootii Waan Maraa dura tee'ee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati as ka na geessitte, anii fi maatiin tiyya eennu? \v 17 Ee Waaqa, tun si duratti akka hin geennee laakkottee, sanyiin tajaajilaa keetii gara duraa maan te'uu akka jirtu dubbatteerta. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati akka waan ani nama mara caalaa ulfinna qabuutitti na ilaalteerta. \v 18 Ati ana tajaajilaa keeti hin beetta; marroo ulfinna ati ana tajaajilaa keetiif kenniteef tana caalaa maan jechuu dande'a ree? \v 19 Ee Mootii Waan Maraa, tajaajilaa keetiif jettee akka fedha keetiititti, waan guddoo tana gooteerta; waadaa guddaa kana maralle beessitteerta. \v 20 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma nuuti gurra keennaan dhageenne ka akka keetii tokkolle hin jiru; si malee Waaqi dhibiin hin jiru. \v 21 Kolbaan ati teeti godhatiisaaf wodatte kolbaa Israa'elii malee, kolbaan dhibiin hin jirtu; kolbaa teeti ta Gibxi'ii baatte tana duraa gosa biyya adda addaa ariitee baattee, hujii teeti guddo'oo fi sodaachittu'uun maqaa keeti akka beekkamu goote. \v 22 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa Israa'elii haga bara baraa teeti godhattee, Waaqa isaanii teete. \p \v 23 «Ammalle, ee Mootii Waan Maraa, marroo ana tajaajilaa keetiitii fi marroo sanyii tiyyaatiifille waadaan galte haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti; akkuma dubbatte tolchi. \v 24 Guddinni maqaa keetii kunille haga bara baraa akka beekkamu waadaan ati galte kun jabaatee dhaabbatuu ti. Yennaa san namooti, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii dhugumaan Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan. Sanyiin ana tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti. \v 25 Ee Waaqa kiyya, ati sanyii ana tajaajilaa keetii haga bara baraa jabaattee akka dhaabbattu, mudhi'iin waan natti dubbatteef, ani tajaajilaan keeti gara keeti daadimatiisaaf, jajjabeenna dhaggadheera. \v 26 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa; ati ana tajaajilaa keetiif waadaa dansaa kana galteerta. \v 27 Ati sanyii ana tajaajilaa keetii, haga bara baraa fuula keeti duratti eebbisiisaaf jaalatteerta. Ee Mootii Waan Maraa, ati waan isii eebbitteef, isiin haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe. \c 18 \s1 Daawiti Diina Ifii Injifate \p \v 1 Achiin duuba mootichi Daawiti worra Filisxeemotaa lolee injifatee, qachaa Gaatiitii fi olloota adaala isaa harka worra Filisxeemotaatii baase. \v 2 Daawiti Mo'aabotalle injifatee, isaan tajaajiltoota isaa te'anee, gibiralle isaaf fidane. \p \v 3 Daawiti itti dabalee lafa laga Efraaxiisii bira jirtu lolee harkatti galfatiisaaf yennaa dhaqe, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer haga qachaa Haamaatii dhaqee lole. \v 4 Daawiti garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardo'oo ka isaa kuma torbaa fi loltoota isaa ta miilaa kuma diddama booji'e. Inni fardoolee garreettaa harkittu dhibba tokko qofa hamburee, fardoolee hafane kaan mogolee kukkutee naaffise. \p \v 5 Namooti Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa le'anu, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti lolee isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese. \v 6 Achiin duuba inni lafa isaanii keessatti quttuma loltootaa dhaabee, worri Sooriya'aa isaan bulanee gibira isaaf geessane. Mootiin Waan Maraa addee dhaqe maratti injifannoo Daawitiif kenne. \v 7 Daawiti wontee worqi'ii ta qondaaltoti Hadaad-Ezerii qabattu fudhatee, gara Yerusaalemii geesse. \v 8 Inni ammalle qachoota Hadaad-Ezerii ka, «Xibhaatii fi Chuun» jedhamanu keessaa sageettuu bacaa fudhate. Mootichi Solomoon sageettuu saniin waabaa bisaanii, utubootaa fi meya sageettu'uu ka adda addaa huje. \p \v 9 Mootichi Haamaatii To'i, akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mooticha Zoba'aa mara injifate yennaa dhage'e, \v 10 ilma ifii Hadoraam akka dhaqee Daawitii mooticha nageya fuudhee, «Baga gammadde» jedhuuf gara Daawitii mootichaa erge; To'i yennaa hedduu Hadaad-Ezeriin wol loleeraayyu. Hadoraamille kennansa meya adda addaa ka worqii irraa, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame isaaf geesse. \p \v 11 Daawitiin mootichi meya kanalle akkuma yennaa meeti'iitii fi worqii kolbaa Edoomii, kolbaa Mo'aabii, kolbaa Amoonii, kolbaa Filisxeemotaatii fi Amaaleqii booji'ee fudhate godhe, Mootii Waan Maraatiif adda baase. \p \v 12 Abiishaayiin Zeruyaan deette dhooqa sooddaa keessatti namoota Edoomii kuma kudhanii saddeeti ijjeese. \v 13 Daawiti quttuma loltootaa Edoom keessatti dhaabe; worri Edoomiille martinuu isa gabbarane. Mootiin Waan Maraa lafa Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne. \s1 Qondaaltota Daawitii \p \v 14 Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa ifii maraaf muraa haqaa kennee, haqaan bulche. \v 15 Yo'aabiin Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa ti; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax itti gaafatamaa mana galme'ee ti. \v 16 Ilmi Ahiixubii Zaadoq fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota te'ane; Shaafshaan ammoo barreessaa mana mootumma'aa te'e. \v 17 Ilmi Yehoyaadaa Benaayaan itti gaafatamaa kutaa loltoota mooticha eeganuu ti; ilmaan Daawitii hujii mootummaa isaa keessatti addee ol-aantuu qabaniiyyu. \c 19 \s1 Daawiti Worra Amoonotaatii fi Sooriya'aa Injifate \p \v 1 Yennaa diqqo'oon duuba mootichi Amoonotaa Nahaashi duunaan, ilmi isaa addee isaatitti mootii te'e. \v 2 Daawiti, «Abbaan Hanuunii Nahaashi waan dansaa waan naa godheef, anille ilma isaa Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee, sababa du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanuuf namoota itti erge. \p Namooti Daawiti erge sun Hanuun jajjabeessiisaaf gara biyya Amoonii yennaa dhufane, \v 3 qondaaltoti Amoonotaa mooticha Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiisaan abbaa keetiif ulfinna kennaara seetaa? Namooti isaa biyya qorqoranee, mootummaa teeti garagalchiisaaf, lafa dooyiisaaf dhufanee motii ree?» jedhane. \v 4 Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee, areeda irraa haadee, woyaa isaanii mudaamuddi'itti irraa muree isaan ari'e. \p \v 5 Namooti dhaqanee marroo namoota sanii Daawititti yennaa himane, namooti ergamane sun guddoo waan qaanowaneeranuuf, haga areedi isaanii latee guddatutti Yerikoo akka turanuu fi achiin duuba akka deebi'anu namoota isaanitti erge. \p \v 6 Hanuunii fi worri Amoonotaa akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane Aaram Naharaayim, Aaram Ma'akaa fi Zobaa irraa garreettaa fardaan harkifamuu fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu kireeffatiisaaf meetii gara kiiloogiraama kuma soddomii afurii ergane. \v 7 Isaan meetii saniin garreettaa fardaan harkifamu kuma soddomii lamaa fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu, akkasuma mooticha Ma'aka'aa fi loltoota isaa kireeffatane; isaan dhufanee Medebaa bira qubatane; worri Amoonotaa ammoo, qachoota ifii keessaa bayanee wolitti qabamanee lolaaf qophowane. \p \v 8 Daawiti tana dhage'ee, Yo'aabii fi loltoota gootota mara erge. \v 9 Worri Amoonotaa gad itti bayanee seensuma qacha'aa duratti lolaaf qophowane; moototi isaan qarqaariisaaf dhufanelle qofuu diida keessatti addee qabatane. \p \v 10 Yo'aab duraa fi duuba isaatiin woraanni akka isa marseeru yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee, worra Aaramii akka lolanuuf erge. \v 11 Worra hafane obboleessi isaa Abiishaayi akka ajaju godhe; isaan Amoonota loliisaaf qophowane. \v 12 Yo'aab, «Worri Aaramii yoo natti jabaate, ati na qarqaarta; worri Amoonotaa yoo sitti jabaate ammoo ani si qarqaara. \v 13 Jabaadha'a! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiifille jabaannee lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin huja» jedhe. \p \v 14 Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isaa worra Aaramii loliisaaf duulane; worri Aaramii isaan duraa baqatane. \v 15 Worri Aaramii akka baqatane worri Amoonotaa yennaa dhage'ane, isaanille obboleessa Yo'aabii Abiishaayi duraa baqatanee, gara qachaa ifii deebi'anee seenane. Achiin duuba Ya'aab gara Yerusaalemii deebi'e. \p \v 16 Worri Aaramii Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, namoota erganee worra Aaramii ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu waammatane; Ajajaan loltoota Hadaad-Ezerii Shofaak isaan sooresse. \p \v 17 Daawiti tana yennaa dhage'e, loltoota Israa'elii mara wolitti qabatee Yordaanosiin gamatti bu'ee, gara isaanii dhaqee loltoota ifii fuullee isaaniititti lolaaf qopheesse; Worri Aaramii isa lolane. \v 18 Te'uu malee, worri Aaramii Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti worra Aaramii ka garreettaa fardaan harkifamu oofanu kuma torba, loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese. Inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese. \p \v 19 Worri Hadaad-Ezer jala jiranu Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, Daawiti araara gaafatanee isaan bulane. Yennaa sanii jalqabanee worri Aaramii Amoonota qarqaariisatti hin deebine. \c 20 \s1 Daawiti Qachaa Raabaa Qabate \p \v 1 Ji'a furmaataa yennaa moototi duultu, Yo'aab loltoota fuudhee deeme. Inni lafa Amoonotaa balleessee, gara qachaa Raabaalle dhaqee marsee, lolee balleesse. Daawiti ammoo, qachaa Yerusaalemii keessatti hafe. \v 2 Daawiti kallacha waaqa dharaa Miilkomii ka worqii dhakaa gatii guddo'ootiin hujame, ka gara kiiloogiraama soddomii afurii fudhatee, mataa ifii irra keyate. Inni boojuu bacaa qachaa san keessaa fudhate. \v 3 Namoota qachaa san keessa jiranu gad baasee magaazi'iin, qotto'oo fi agara'aan akka hujanu godhe; Daawiti waan kana worra qachaa Amoonotaa keessa le'anu mara hujisiiseen duuba, loltoota ifii mara woliin gara Yerusaalemii deebi'e. \v 4 Achiin duuba Israa'elooti worra Filisxeemotaa woliin Gezeritti wol lolane. Yennaa san nami lafa Hushaa Siibekaayi sanyii Refaa'otaa keessaa namicha, «Siiphaayi» jedhamu tokko ijjeese; Worri Filisxeemotaalle injifatamane. \p \v 5 Ammalle lola worra Filisxeemotaa woliin wol lolane ka dhibii keessatti, ilmi Yaa'iirii Elhaanaan, obboleessa Goliyaadii Gaatichaa ka, «Laahim» jedhamu ka eboo somey isi'ii haga muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu san itti maruu geettu qabu ijjeese. \v 6 Akkasuma lola Gaatii ka dhibii keessatti nama akka malee furdatu, ka sanyii Refaa'otaa te'e, ka harka ifii tokko tokkoo fi miilla ifii tokko tokkooyyuu irraa quba jaa jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu. \p \v 7 Yennaa inni Israa'elootatti murge, ilmi Shime'ee Yonaataan obboleessi Daawitii isa ijjeese. \p \v 8 Isaan kun worra sanyii Refaa'ota ka Gaati keessaa, ka Daawitii fi loltooti isaa ijjeesane. \c 21 \s1 Daawiti Loltoota Laakkossiise \p \v 1 Seexanni kolbaa Israa'elii irratti ka'ee, Daawiti akka isaan laakkowu kakkaase. \v 2 Maarre Daawiti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaatiin, «Ani laakkossa namoota kiyyaa akka beeku Bersheeba'aa haga Daaniititti Israa'eloota laakkowa'aatii, kowa'aa natti hima'a» jedhe. \p \v 3 Yo'aab ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii dachaa dhibba baceessuu ti. Ee goottaa kiyya, ee mootii kiyya, isaan martinuu tajaajiltoota si goottaa kiyyaatii motii ree? Ati maaf isaan laakkowuu barbaadde? Maaf waan yakkaa te'ee isaanitti laakkowamu itti fidda?» jedhe. \v 4 Te'uu malee ajaji mootichaa Yo'aabitti waan jabaateef, Yo'aab biraa bayee, biyya Israa'elii mara keessa deemeen duuba Yerusaalemitti deebi'ee, \v 5 laakkossa kolba'aa Daawititti hime. Isaan kun Israa'el keessatti loltooti shallaaga'aan loltu miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokko, akkasuma Yihudaa keessatti loltooti shallaaga'aan loltu kuma dhibba afurii fi kuma torbaatamatti jiraayyu. \v 6 Te'uu malee, ajaji mootichaa Yo'aabitti waan hin toliniif, inni gosa Lewwi'iitii fi gosa Beniyaaminii hin laakkonne. \v 7 Waaqi ammoo ajaja kanatti waan hin gammadiniif, Israa'eloota adabe. \p \v 8 Achiin duuba Daawiti Waaqaan, «Ani gowwumma'aan cubbuu guddoo akkasii waan godheef, cubbuu ana tajaajilaa keetii akka araarantuuf, si gaafadha» jedhe. \v 9 Mootiin Waan Maraa, Gaadii mudhii Daawitiif dhaggutti dubbatee, \v 10 «Dhaqiitii Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani filannoo sad si'iif hin kenna; isaan keessaa ka ani sitti fidu tokko filadhu siin jedha› jedhiin» jedhe. \p \v 11 Maarre Gaadi gara Daawitii dhaqee, «Mootiin Waan Maraa si'iin, ‹Tokko keessaa filadhu; \v 12 beela woggaa sadiif sitti fiduu yookiin ji'a sadiif diina keeti biyya teeti keessa deemee kolbaa teeti balleessu yookiin ergamaan kiyya guyyaa sadiif shallaaga'aan yookiin bala'aan lafa Israa'elii mara keessaa namoota akka fixu filadhu› siin jedha. Amma ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhuutii natti himi» jedhe. \p \v 13 Daawiti Gaadiin, «Ani muddama hamaa keessa jira. Marartiin Mootii Waan Maraa guddoo waan teeteef, harka Mootii Waan Maraatiin adabamuu naaf woyya malee, harka namootaatitti akka na hin lakkinneef, isa hin daadimadha» jedhe. \p \v 14 Maarre Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti balaa buusee, namooti kum torbaatam dhumatane. \v 15 Waaqi Yerusaalem balleessiisaaf ergamaa ifii erge; ergamaan sun ammoo adoo balleessiisatti jiruu, Mootiin Waan Maraa badii qacha'aa san dhaggee gaddeefii, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu. \v 16 Daawiti ol ilaalee, ergamaa Mootii Waan Maraa ka shallaagaa buqqifamee Yerusaalem irratti ol fudhatame harkatti qabatee, wodhakkaa ol-gubba'aatii fi lafaa dhaabbateeru tokko dhagge. Achiin duuba Daawitii fi jaarsoleen woyaa gaddaa uffatanee adda ifiitiin lafatti gad gombifamane. \p \v 17 Daawitiin mootichi Waaqaan, «Kolbaa akka laakkowanu ka ajaje anaa motii ree? Ka cubbuu hujee, dokonkore ana. Isaan worra akka hoole'ee ti; isaan maan godhane ree? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, adabbiin teeti anaa fi maatii tiyya irratti teetuu ti malee, kolbaa teeti irratti balaa hin buusin» jedhe. \s1 Daawiti Addee Ciinca'aa Ijaare \p \v 18 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Dhaqiitii Daawitiin, ‹Ka'ii ol bayiitii eeddummee Ornaa Yibusichaa keessatti, addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaar› jedhi» jedhee Gaadi ajaje. \v 19 Maarre Daawiti dubbii Gaadi maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbateef ajajamee, ka'ee ol-baye. \v 20 Ornaan eeddumme'etti qamadii dhowiisatti adoo jiru, garagalee ergamaa Waaqaa dhagge; ilmaan isaa ta isa woliin jirtulle dhokatte. \v 21 Achiin duuba Daawiti gara Ornaa dhufe; Orna yennaa Daawiti dhagge eeddummee san keessaa bayee, Daawiti duratti lafatti gad gombifame. \v 22 Daawiti Ornaan, «Balaan kun kolbaa tana irra akka hin buuneef, addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif akka irratti ijaaru, eeddummee teeti gatii guutu'utti natti gurguradhu» jedhe. \p \v 23 Orna deebisee Daawitiin, «Fudhadhu goottaa kiyya, waan feete godhadhu. Kennansa gubamuuf, korommiin tiyya kunoo ti, qoraaniif ulee midhaan ittiin dhowanu, kennaa midhaaniitiif qamadii, ani kana mara hin kenna» jedhe. \p \v 24 Mootichi Daawiti ammoo deebisee Ornaan, «Waawwo'o; ani gatii guutu'uun si irraa bitadha malee, waan keeti yookiin waan gatii itti hin baasin Mootii Waan Maraatiif kennansa gubamu hin dhikeessu» jedhe. \v 25 Maarre Daawiti gatii eeddumme'ee beesee worqi'ii dhibba jaa Ornaaf kenne. \v 26 Daawiti eeddummee san keessatti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessee Mootii Waan Maraa waammate; Mootiin Waan Maraalle ol-gubbaa irraa addee ciinca'aa irratti ibiddaan deebii isaaf kenne. \p \v 27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa ergamaa san ajaje; ergamaan sun shallaagaa ifii gonofa'atti deebifate. \v 28 Yennaa san Daawiti eeddummee Ornaa Yibusichaa keessatti Mootiin Waan Maraa deebii akka isaaf kenne yennaa dhagge, achitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. \v 29 Yennaa san dunkaaniin Mootii Waan Maraa ta Muuseen goomolee keessatti hujee fi addeen ciinca'aa ta kennansa gubamuu, addee waaqonfanna'aa ta gaara Giibe'onii irraa keessa jiraniiyyu. \v 30 Daawiti ammoo shallaagaa ergamaa Mootii Waan Maraa waan sodaateef, achi dhaqee Waaqa gaafatiisa hin dandeenne. \c 22 \p \v 1 Achiin duuba Daawiti, «Galmi Mootii Waan Maraa ka Waaqaa as hin te'a; addeen kennansa gubamu Israa'el itti dhikeessitulle as hin teeti» jedhe. \s1 Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa \p \v 2 Maarre Daawiti alagaa lafa Israa'elii keessa le'anu mara akka wolitti qabamanu ajaje; worra wolitti qabamane san keessaa ijaarsa Galma Waaqaatiif namoota dhakaa bocanee qopheessanu file. \v 3 Inni sibiila bacaa ka misimaaraa, ka saanqaa karraatii fi ka maaxafa'aa, akkasuma sageettuu bacaa hagana hin jedhanne qopheessee, \v 4 muka hindheensaalle ka laakkossi isaa hagana hin jedhanne, ka worri Xiiroosiitii fi Sidoonii gara isaa fide qopheesse. \v 5 Daawiti, «Ilmi kiyya Solomoon dargaggeessa; muuxannoolle hin qabu; Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramu miidhagaa, gosa biyya adda addaa duralle'etti beekkama'aa fi lafa maratti ka ulfinna qabu te'uu qaba. Tanaaf, ani waan barbaachisu hin qopheessa» jedhe. Maarre Daawiti du'a ifiitiin dura waan ijaarsaaf barbaachisu bacaa qopheesse. \p \v 6 Achiin duuba ilma ifii Solomoon waamee, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka ijaaru ajaje. \v 7 Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Ilma kiyya, ani maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaatiif Galma ijaariisaaf yaadeeraayyu. \v 8 Ammoo jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, ‹Ati duula bacaa duultee, fuula kiyya duratti lafa irratti dhiiga namoota heddu'uu waan dhangalaatteef, ati maqaa kiyyaaf Galma hin ijaartu. \v 9 Kunoo, ilma nageyaatii fi fooraa si'iif hin kenna. Ani diinota adaala isaa jiranu mara irraa isa hin foorfachiisa. Bara mootummaa isaa keessa ani nageyaa fi foora kolbaa Israa'eliitiif waan kennuuf, maqaan isaa Solomoon hin jedhama. \v 10 Inni maqaa kiyyaaf Galma hin ijaara. Inni ilma naaf hin te'a; anille abbaa isaaf hin te'a; barcumaa mootummaa isaalle Israa'el keessatti haga bara baraa hin jabeessa› jedhe. \p \v 11 «Amma, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Galma isaa akka ijaartuuf akkuma dubbatetti, inni sii muummessuu ti. \v 12 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa Israa'elii irratti yennaa mootii si godhu, akka ajaja isaatitti akka ati isaan bulchituuf, innummaan qarumma'aa fi hubantii si'iif kennuu ti. \v 13 Ati seerata fi seera, Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kolbaa Israa'elii ajaje jabeessitee yoo eegatte, wonni ati hujju marti siif hin teeti. Jabaadhuu, jajjabaadhu. Hin sodaatin; hin nayinille'e. \v 14 Ani ijaarsa Galma Mootii Waan Maraatiif rakkinna gudda'aan worqii kiiloogiraama miliyoonii sadii fi kuma dhibba afurii fi shantama, sageettuu kiiloogiraama kuma soddomii afurii fi dhibba shanii fi sibiila dhibii ka kiiloogiraam isaa hagana hin jedhanne, akkasuma mukaa fi dhakaalle qopheesseera. Atille itti ede'i. \v 15 Ati hojjattoota bacaa: ka dhakaa bocanu, ka dhakaa muranu, ka muka bocanu qadda; akkasuma ogeeyyii hujii gara garaa \v 16 ka hujii worqi'ii, meeti'iitii fi sageettu'uu bacaa qadda. Amma ka'iitii huji! Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti» jedhe. \p \v 17 Daawiti ammalle sooreyyiin Israa'elii marti ilma isaa Solomoon akka qarqaartu ajajee, \v 18 «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin jiraa motii ree? Inni karaa maraan isin foorfachiisee motii ree? Inni worra biyya tana keessa le'anu harka kiyyatti dabarsee waan kenneef, isaan Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaatiin bulan. \v 19 Amma gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan barbaada'a. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi meya tajaajila Waaqaatiif adda baafame mara, gara Galma maqaa ka Mootii Waan Maraatiif ijaaramee fiddanee keessa akka keettanuuf, Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqaa ijaara'a» jedhe. \c 23 \s1 Lewwoota \p \v 1 Daawiti bara hedduu le'ee yennaa dulloome, ilma ifii Solomoon Israa'el irratti mootii godhe. \v 2 Inni sooressitoota Israa'elii mara, hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee, \v 3 dhiira Lewwootaa ta woggaa soddomaa olii laakkossiisee, wolumatti laakkossi isaanii kuma soddomii saddeeti te'e. \v 4 Daawiti, «Isaan san keessaa namooti kum diddamii afur hujii Galma Mootii Waan Maraa hujisiisanu ti; namooti kum jaa qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'anu ti; \v 5 namooti kum afur karra eeganuu ti; namooti kum afur meya ani akka ittiin leellifatanuuf qopheesseen Mootii Waan Maraa leellifatanuu ti» jedhe. \p \v 6 Daawiti Lewwoota akka ilmaan Lewwi'ii Gershoo, Qehaatii fi Meraariititti, addee saditti gargar hire. \p \v 7 Gershoon ilmaan lama La'adaanii fi Shime'ii qabaayyu. \v 8 Ilmaan La'adaanii sadiin angafichi Yehii'el, Zetaamii fi Yo'el. \v 9 Ilmaan Shime'ii sadiin Shelomoot, Hazii'elii fi Kaaraan; isaan sooreyyii maatii La'adaanii ti. \v 10 Ilmaan Shime'ii arfan Yaahaat, Ziinaa, Ye'ushii fi Berii'a. \v 11 Yaahaat angaficha, Ziinaan ka isatti aanu. Ye'ushii fi Berii'a ammoo, ijoollee hedduu waan hin qanneef akka maatii tokkootitti laakkowamane. \p \v 12 Ilmaan Qehaatii afur: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el. \v 13 Ilmaan Amraamii: Aaronii fi Muuse'e. Aaronii fi sanyiin isaa waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisaaf, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf, isa tajaajiliisaaf, maqaa isaatiin namoota haga bara baraa eebbisiisaaf adda baafamane. \v 14 Ilmaan Muusee nama Waaqaa, akka gosa Lewwi'iititti laakkowamane. \v 15 Ilmaan Muuse'ee Gershoomii fi Elii'ezer. \v 16 Ilmaan Gershoomii keessaa angafichi Shebu'el. \v 17 Ilmi Elii'ezerii angafichi Rehaabiya'a; Elii'ezer ilmaan dhibii hin qabu; Rehaabiyaan ammoo ilmaan hedduu qaba. \p \v 18 Ilmaan Yizhaarii keessaa angafichi Shelomiit. \v 19 Ilmaan Kebroonii: Angafichi Yeriiya'a; lammeessoon Amaariya'a; sadeessoon Yahaazi'el; arfeessoon Yeqaamii'aam. \v 20 Ilmaan Uzii'elii: angafichi Miika'a; lammeessoon Yishiiya'a. \p \v 21 Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Ilmaan Maahilii: Ele'azaarii fi Qiish. \v 22 Ele'azaar durra malee ilmaan adoo hin uumatin du'e; durra san ilmaan Qiishii ta obboleessa isaatittuu fuudhe. \v 23 Ilmaan Mushii sadiin: Maahil, Ederii fi Yeremoot. \p \v 24 Isaan kun marti gosa Lewwi'ii worra akka maatii maatii isaaniititti, akka sooressitoota maati'ii te'anee adduma addaan barreeffamane; isaan keessaa nami woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaa olii hujii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujamu keessaa worra qooda qabaate. \p \v 25 Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii kolbaa ifiitiif foora kenneera; inni haga bara baraa Yerusaalem keessa le'a. \v 26 Lewwooti haganaa achi Dunkaanii Woyyittii yookiin meya achi keessatti tajaajila kennu ba'atuu hin barbaachisu» jedhe. \v 27 Akkuma Daawiti muummee irratti dubbate, ilmaan Lewwootaa ta woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaan olii laakkowamane. \p \v 28 Hujiin Lewwootaa badhinna Galma Mootii Waan Maraatii fi kolloo Galma Mootii Waan Maraa eegaa, meya woyyicha mara qulqulleessiisa, sanyii Aaronii ta Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltu qarqaariisa. \v 29 Ammalle hujiin isaanii daabboo Waaqaaf woyyoontu\f + \fr 23:29 \fr*\fqa Daabboo Waaqaaf woyyoontu: \fqa*\ft Daabboon tun akka seera bara saniititti ta Waaqaaf xarapheessaarra keyanu\ft*\f*, bullaa kennansa midhaanii, daabboo uukoo hin qannelle zayiti'iin sukkuumiisaa fi bilcheessiisaan, kennansa zayiti'iin wolitti makiisaan, safariisaa fi mikiisaan\f + \fr 23:29 \fr*\fqa Mikiisaan: \fqa*\ft Hagam akka dheerattu yookiin gabaabbattu meesha'aan ilaaliisa\ft*\f* qarqaariisa. \v 30 Isaan ammalle ganama maraa fi galgala mara dhaabbatanee Mootii Waan Maraa galateeffataa, leellifataa, \v 31 guyyaa Sanbataa mara, baatii ji'aatitti, guyyaa jila beekkamaneetitti, yennaa kennansi gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, akkuma ajajamane laakkossi isaanii adoo hin dhidhatin yennaa mara Mootii Waan Maraa duratti tajaajilaaraniiyyu. \v 32 Akkasitti Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa san keessa waan hujiisaaf itti gaafatamanu muummessan. Isaan hujii firri isaanii ilmaan Aaronii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujanu qarqaarane. \c 24 \s1 Hayyootaaf Ramaddiin Huji'ii Kennante \p \v 1 Sanyiin Aaronii akka kanatti ramadamane. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar. \v 2 Naadaabii fi Abiihuun ammoo ijoollee adoo hin uumatin, adoo abbaan isaanii hin du'in du'ane; Ele'azaarii fi Itaamaar hayyoota te'anee tajaajilane. \v 3 Qarqaarsa Zaadoqii sanyii Ele'azaariitii fi Ahiimelekii sanyii Itaamaariitiin, akka hujii isaaniititti, Daawiti sanyii Aaronii adda baase. \v 4 Maatii Ele'azaarii keessatti dhiirti sooreyyiin dhiira sooreyyii maatii Itaamaarii keessaa caaltee dhaggantee jennaan, akka asii gadiititti ramadamane: Sooreyyiin maatii Ele'azaarii kudhanii jaa; ta maatii Itaamaarii saddeeti. \v 5 Maatiin Ele'azaariitii fi maatiin Itaamaarii qondaaltota Dunkaanii Woyyitti'iitii fi qondaaltota Waaqaa waan te'aneef, hixaa buusiisaan ramaddiin huji'ii isaaniif kennante. \p \v 6 Barreessaan Lewwootaa ilmi Nataani'elii Shemaa'iyaan Lewwichi mootichaa fi qondaaltota, hayyicha Zaadoq, ilma Ahiimelekii Abiyaataar, sooreyyii hayyootaatii fi Lewwootaa duratti, maqaa maatii Ele'azaariitii fi maatii Itaamaarii badoo bado'oon akka hixaa isaaniititti barreesse. \p \v 7 Hixaan qaraa Yehoyaariibiif, ka lammeesso'oo Yedaa'iya'aaf, \v 8 ka sadeesso'oo Haariimiif, ka arfeesso'oo Se'oriimiif, \v 9 ka shaneesso'oo Malkiiyaaf, ka jayeesso'oo Miiyaamiiniif, \v 10 ka torbeesso'oo Haqoziif, ka saddeetesso'oo Abiiyaaf, \v 11 ka sagaleesso'oo Yeshu'aaf, ka kudhaneesso'oo Shekaaniya'aaf, \v 12 ka kudhanii tokkeesso'oo Eliyaashiibiif, ka kudhanii lammeesso'oo Yaaqiimiif, \v 13 ka kudhanii sadeesso'oo Huphaadhaaf, ka kudha arfeesso'oo Yeshebi'aabiif, \v 14 ka kudhanii shaneesso'oo Bilgaaf, ka kudhanii jayeesso'oo Iimeriif, \v 15 ka kudhanii torbeesso'oo Heziiriif, ka kudha saddeetesso'oo Haphiizeziif, \v 16 ka kudhanii sagaleesso'oo Phetaayaaf, ka diddameesso'oo Yihesqeliif, \v 17 ka diddamii tokkeesso'oo Yaakiiniif, ka diddamii lammeesso'oo Gaamuliif, \v 18 ka diddamii sadeesso'oo Delaayaaf, ka diddamii arfeesso'oo Ma'aaziyaaf bu'e. \p \v 19 Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii isa ajajetti, akka abbaan abbootii isaanii ta durii Aaron tarreessetti, yennaa Galma Mootii Waan Maraa keessa seenanu seerati hujii isaaniif kenname kana. \s1 Lewwootaa Dhibii \p \v 20 Sanyiin Lewwi'ii dhibiin ta asii gad jirtu: Sanyii Amraamii keessaa Shubaa'el; Sanyii Shubaa'elii keessaa Yedaa'iya'a. \p \v 21 Sanyii Rehaabiya'aa keessaa angaficha Yishiiya'a. \v 22 Yizhaarota keessaa Shelomoot; sanyii Shelomootii keessaa Yaahaat. \p \v 23 Ilmaan Kebroonii: Sooressi Yeriiyaa, ka lammeesso'oo Amaariyaa, ka sadeesso'oo Yahaazi'el, ka arfeesso'oo Yeqaamii'aam. \v 24 Ilmi Uzii'elii Miika'a; ilmaan Miikaa keessaa Shaamiir. \p \v 25 Yishiiyaan obboleessa Miika'aa ti; ilmaan Yishiiyaa keessaa Zakaariyaas. \p \v 26 Ilmaan Meraarii Maahilii fi Mushi; Benoon ilma Ya'aziiyaa ti. \v 27 Sanyii Meraarii keessaa ilmaan Ya'aziiyaa: Shohaam, Zaakurii fi Ibri. \v 28 Maahil Ele'azaar uumate; Ele'azaar ilmaan hin uumanne. \v 29 Sanyii Qiishii keessaa, ilma Qiishii Yeraami'el. \v 30 Ilmaan Mushii: Maahil, Ederii fi Yeremoot; isaan kun sanyii Lewwootaa worra akka maatii maatii abbootii isaaniititti sooreyyii te'ane. \v 31 Isaanille akkuma fira ifii sanyii Aaronii addee mootichi Daawiti, Zaadoqii fi Ahiimelek, sooressitooti hayyootaatii fi Lewwooti jiranutti, sooreyyiin maati'ii tokko tokkoon isaaniituu gudda'aa haga diqqa'aatitti woluma qixxee hujii hujii ifiititti ramadamiisaaf hixaa buufatane. \c 25 \s1 Faarsitoota Galma Waaqaa \p \v 1 Daawitiin mootichi ajajjoota loltootaa woliin sanyii Lewwootaa keessaa ilmaan Asaafii, ilmaan Hemaaniitii fi ilmaan Yedutuu keessaa namoota kiraaraan, kiraara guddichaa fi sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun qarqaaramanee waan Waaqi isaanitti mudhisu faaru'uun dhageessisanu filee adda baase. Maqaan namoota hujii tanaaf filamanee asii gad jira: \p \v 2 Ilmaan Asaafii keessaa: Zaakur, Yoseef, Nataaniya'aa fi Asari'ela'a; isaan harka Asaafii jala jiran; Asaaf harka Daawitii mootichaa jala jira. \p \v 3 Ilmaan Yedutuu keessaa: Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaa'iyaa, Shime'ii, Hashabiiya'aa fi Matiitiya'a; isaan jaan kun harka abbaa ifii Yedutuu jala jiran; abbaan isaanii kiraaraan Mootii Waan Maraa galateeffatiisaan, leellisiisalle'een waan inni isatti mudhise dhageessise. \p \v 4 Ilmaan Hemaanii keessaa: Bukiiyaa, Mataaniyaa, Uzii'el, Shebu'el, Yeremoot, Hanaaniyaa, Haanaan, Elii'aataa, Gidaalti, Romamtii-Ezer, Yoshbaqaashaa, Malootii, Hotiirii fi Mahaazi'oot. \v 5 Isaan kun marti ilmaan Hemaanii ka mootichaaf mudhii dhagguu ti; Waaqi ulfinna guddaa Hemaaniif kenniisaaf, akkuma waadaa galetti, ilmaan kudhanii afurii fi durra sad isaaf kenne. \v 6 Namooti kun marti akka ajaja abbootii ifiititti Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, kiraara guddichaa fi maseenqo'oon tajaajilane. Asaaf, Yedutuu fi Hemaan ajaja mootichaa jala jiraniiyyu. \p \v 7 Fira isaanii woliin namooti meya faaru'uutiin Mootii Waan Maraa faarfatiisa leenji'ane, wolumatti namoota dhibba lamaa fi saddeettamii saddeeti. \p \v 8 Isaan ramaddii hujii ifii beekiisaaf jaarsa yookiin ijoollee, barsiisaa yookiin barataa adoo hin jedhin, marti isaanii woluma qixxee hixaa buufatane. \p \v 9 Hixaan qaraa maatii Asaafii keessaa Yoseefiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, ka lammeesso'oo Gidaaliya'aaf, fira isaatii fi ilmaan isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 10 ka sadeesso'oo Zakuriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 11 ka arfeesso'oo Izriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 12 ka shaneesso'oo Nataaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 13 ka jayeesso'oo Bukiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 14 ka torbeesso'oo Yeshari'ela'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 15 ka saddeetesso'oo Yeshaa'iya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 16 ka sagaleesso'oo Mataniiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 17 ka kudhaneesso'oo Shime'iif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 18 ka kudhanii tokkeesso'oo Azaari'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 19 ka kudha lammeesso'oo Hashabiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 20 ka kudhanii sadeesso'oo Shubaa'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 21 ka kudhanii arfeesso'oo Matiitiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 22 ka kudhanii shaneesso'oo Yeremootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 23 ka kudha jayeesso'oo Hanaaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 24 ka kudhanii torbeesso'oo Yoshbaqaasha'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 25 ka kudhanii saddeetesso'oo Hanaaniif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 26 ka kudhanii sagaleesso'oo Malootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 27 ka diddameesso'oo Eliyaata'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 28 ka diddamii tokkeesso'oo Hotiiriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 29 ka diddamii lammeesso'oo Gidaaltiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 30 ka diddamii sadeesso'oo Mahaazi'ootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, \v 31 ka diddamii arfeesso'oo Romamtii-Ezeriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf bu'e. \c 26 \s1 Eeddota Karra Galma Waaqaa \p \v 1 Worri karra Galma Waaqaa eeguu ka asii gad jiru: Fira Qoraahotaa, ilmaan Asaafii keessaa tokko Meshelemiyaa ilma Qoree ti. \p \v 2 Meshelemiyaan ilmaan torba uumate; angafichi Zakaariyaas; lammeessoon Yidiiya'el, sadeessoon Zabaadiyaa, arfeessoon Yatnii'el, \v 3 shaneessoon Elaam, jayeessoon Yihohaanaan, torbeessoon Elyo'enaayi. \p \v 4 Obed-Edoomille ilmaan uumate: Angafichi Shemaa'iyaa, lammeessoon Yihozaabaad, sadeessoon Yo'aa, arfeessoon Saakaar, shaneessoon Nataani'el, \v 5 jayeessoon Amii'el, torbeessoon Yisaakor, saddeetessoon Phe'ultaayi. Kanaan Waaqi isa eebbise. \p \v 6 Ilmi angafichi Obed-Edoomii Shemaa'iyaalle ilmaan jaa uumate; isaan dandeettii guddoo waan qabanuuf, sooreyyii maatii abbootii ifii te'ane. \v 7 Ilmaan Shemaa'iyaa: Otnii, Refaa'el, Obed, Elzaabaad, Eliihuu fi Semaakiya'a; obboleeyyan Elzaabaadii Eliihuunii fi Semaakiyaan dhiira gootota te'ane. \v 8 Isaan marti sanyii Obed-Edoomii ti; isaan, ilmaan isaaniitii fi firri isaanii marti worra dandeettii huji'ii qabu; sanyiin isaa wolumatti namoota jaatamii lama. \v 9 Meshelaam ilmaanii fi fira dandeettii qabanu namoota kudhanii saddeeti qabaayyu. \v 10 Sanyii Meraarii keessaa, Hosaah ilmaan afur uumate; isaan keessaa Shiimri sooressa; inni angafa te'uu dhabulle, abbaan isaa akka inni sooressa te'u godhe. \v 11 Lammeessoon Hilqiiyaa, sadeessoon Xabaliyaa, arfeessoon Zakaariyaas; ilmaan Hosaahiitii fi firri isaa wolumatti namoota kudhanii sad. \p \v 12 Eeddoti karraa tun akkuma Lewwoota dhibii Galma Mootii Waan Maraa keessa hujanuu, sooreyyii ifii jalatti ramadamanee, hujii Galma Mootii Waan Maraa hujiisaaf badoo qabaniiyyu. \v 13 Jaarsa, ijoollee adoo hin jedhin akka maatii abbootii ifiititti, karra tam akka eeganuuf hixaa buufatane. \v 14 Hixaan karra karaa aduun baatuu Shelemiif bu'e. Achiin duuba hixaan karra gara kaabaa ilma isaa ka namatti gorsiisa beeku Zakaariyaasiif, \v 15 hixaan karra kibbaa Obed-Edoomiif, hixaan mana meyaa ilmaan isaatiif, \v 16 hixaan karra gara aduun seentuutii fi karra Sheleketii ta karaa ol bayanu irraa, Shuphiimii fi Hosaahiif bu'e. Eeddotille badoo bado'oon eegane. \v 17 Guyyaa guyya'aan karra karaa aduun baatuu Lewwooti jaa, karra gara kaabaa Lewwooti afur, karra gara kibbaa Lewwooti afur, karra mana meyaa tokko tokko Lewwooti lama lama, \v 18 karaa gara badhinna dalleya keessaa gara aduun seentuu irratti Lewwooti afur, badhinna dalleya keessaa ka karaa aduun seentuu sanille Lewwoota lamatti eegaayyu. \v 19 Sanyii Qoraahiitii fi Meraarii keessaa eeddota karraa worri te'ane isaan kana. \s1 Hujii Galma Waaqaa Ta Dhibii \p \v 20 Lewwoota dhibii keessaa Akiyaan itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaatii fi mana meya kennaa Waaqaaf adda baafamee ti. \v 21 Fira Gershoonii, ilmaan La'adaanii keessaa ka maatii La'adaanii irratti sooressa te'e Yehii'el, \v 22 Ilmaan Yehii'elii: Zetaamii fi obboleessi isaa Yo'el itti gaafatantoota qabeenna Galma Waaqaa ti. \v 23 Sanyii Amraamii, sanyii Yizhaarii, sanyii Kebrooniitii fi sanyii Uzii'elii keessaa namooti hujii tanatti hirmaataneeraniiyyu. \p \v 24 Sanyii Gershoomii ilma Muuse'ee keessaa Shubaa'el, itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaa te'e. \v 25 Inni karaa obboleessa Gershoomii Elii'ezeriitiin Shelomootiif fira aantii isaa ti; Elii'ezer Rehaabiyaa uumate; Rehaabiyaan Yeshaa'iyaa uumate; Yishaa'iyaan Yoraam uumate; Yoraam Ziikri uumate; Ziikri Shelomoot uumate. \v 26 Shelomootii fi firri isaa meya Daawitiin mootichi, sooreyyiin maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi ajajjooti hunna woraanaa dhibiin kennansa Waaqaaf adda baye mara irratti itti gaafatantoota. \v 27 Isaan meya yennaa duulaa saamame irraa, Galma Waaqaa haaressiisaaf adda baasane. \v 28 Meyi tajaajila Galma Waaqaatiif adda baafamee fi kennansi Saamu'eliin mudhii dhagguu fi ilmi Qiishii Saa'ol, ilmi Neerii Abneerii fi Yo'aab ka Zeruyaan deette fa'a fidane, Shelomootii fi fira isaatitti itti gaafatantoota itti te'ane. \s1 Hujii Lewwoota Dhibi'ii \p \v 29 Sanyii Yizhaarii keessaa Qayinaanii fi ilmaan isaa, hujii Galma Waaqaatiin alaatitti kolbaa Israa'elii irratti qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'ane. \p \v 30 Sanyii Kebroonii keessaa Hashabiiyaa fi firri isaa namooti kum tokkoo fi dhibbi torbaa, hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun seentu jirtu irratti itti gaafatamumma'aan ramadamane. \v 31 Akka hidda dhaloota maatii isaaniititti sanyii Kebroonii keessaa, Yeriiyaan sooressa te'e. Daawiti mootii te'ee woggaa afurtameesso'ootitti yennaa galmeen qorqoramee sanyii Kebroonii keessaa loltooti goototi biyya Giil'aadii qachaa Yaazer keessatti dhaggamane. \v 32 Yeriiyaan firoota dandeettii qabanuu fi sooreyyii maati'ii ka te'ane namoota kuma lamaa fi dhibba torba qabaayyu; mootichi Daawiti akka isaan kutaa biyya Ruubenii, kutaa biyya Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee keessatti hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa hujanu itti gaafatantoota godhe. \c 27 \s1 Loltooti Kutaa Kuta'atti Qoodante \p \v 1 Israa'elooti sooressitoota maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaa, qondaaltoti isaan gurmeessanulle kutaa woraanaa keessatti mootummaa kanaaf tajaajilane; kutaan woraanaa tokko tokkoon isaatuu namoota kuma diddamii afur ifi keessaa qabu kun woggaa keessatti ji'a tokko tokko hujatiisaaf, kutaan haarenni yennaa dhufu ka hujate ammoo hin galaayyu; tarreen isaanii asii gad jiran: \p \v 2 Ilmi Zabdii'elii Yaashobi'aam, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a qaraa yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 3 Inni sanyii Faaresii ti; ajjajjoota kutaa loltoota ji'a qaraa maraafuu sooressi isa. \v 4 Dodaayi sanyiin Ahohii, ji'a lammeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a lammeesso'oo yoo te'u, Miiklotille itti aanaa ajajaa kutaa loltoota sanii ti; namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 5 Hayyichi sooressi ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, ji'a arfeesso'ootitti ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a sadeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 6 Benaayaan gootota soddoma keessaa goota jaba'a. Ilmi isaa Amiizaabaad, ajajaa kutaa loltoota abbaa ifii ti. \v 7 Arfeessoon, obboleessi Yo'aabii Asaahel, ji'a arfeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a arfeesso'oo yoo te'u, ilmi isaa Zebaadiyaan addee isaa bu'e; namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 8 Nami Yizraahii Shaamhut, ji'a shaneesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a shaneesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 9 Jayeessoon, ilmi Iqeshii nami Teqo'aa Liraan, ji'a jayeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka jayeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 10 Torbeessoon, sanyiin Efreemii nami Phelonii Helez, ji'a torbeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a torbeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 11 Saddeetessoon, maatiin Zera'aa ka sanyii Hushaa Siibekaayi, ji'a saddeetesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a saddeetesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 12 Sagaleessoon, nami Anaatotii sanyiin Beniyaaminii Abii'ezer, ji'a sagaleesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a sagaleesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 13 Kudhaneessoon, maatiin Zera'aa nami Netofa'aa Maharaay, ji'a kudhaneesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a kudhaneesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 14 Kudhanii tokkeessoon, nami Phiiraatonii Benaayaan sanyiin Efreemii, ji'a kudhanii tokkeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a kudhanii tokkeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. \v 15 Kudhanii lammeessoon, nami Netofa'aa sanyiin Otnii'elii Heldaayi, ji'a kudhanii lammeesso'ootitti, ajajaa loltootaa ka ji'a kudhanii lammeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessa kuma diddamii afur. \s1 Sooressitoota Gosa Israa'elii \p \v 16 Sooressitooti gosoota Israa'elii ka asii gad jiranu: gosa Ruubenii ka sooressu ilma Ziikrii Elii'ezer; gosa Shimi'oon ka sooressu, ilma Ma'akaa Shefaaxiya'a. \p \v 17 Gosa Lewwi'ii ka sooressu, ilma Qemu'elii Hashabiiya'a; maatii Aaronii ka sooressu, Zaadoq. \v 18 Gosa Yihuda'aa ka sooressu, obboleessa Daawitii Eliihu'u; gosa Yisaakorii ka sooressu, ilma Mikaa'elii Omiri. \p \v 19 Gosa Zebuloonii ka sooressu, ilma Obaadiya'aa Yishmaa'iya'a; gosa Niftaalemii ka sooressu, ilma Azrii'elii Yeremoot. \p \v 20 Gosa Efreemii ka sooressu, ilma Azaziya'aa Hoshe'a'a; gamisa gosa Minaase'ee ka sooressu, ilma Phedaaya'aa Yo'el. \p \v 21 Gamisa gosa Minaase'ee ka Giil'aadi keessaa ka sooressu, ilma Zakaariyaasii Iddo; gosa Beniyaaminii ka sooressu, ilma Abneerii Ya'aasi'el. \p \v 22 Gosa Daanii ka sooressu, ilma Yerohaamii Azaareli; isaan kun worra sooressitoota gosoota Israa'elii te'e. \p \v 23 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa Israa'elii akka urjoota ol-gubba'aa hin baceessa» jedhee waadaa waan galeef, Daawiti namoota woggaa diddamaa gadii hin laakkonne. \v 24 Yo'aab ka Zeruyaan deette namoota laakkowiisa jalqabee, ammoo laakkowee hin muummessine; laakkowamiisa kolba'aa kanaaf aariin Waaqaa kolbaa Israa'elii irratti waan bobeetteef, laakkossi kolba'aa kitaaba dabarsii mooticha Daawitii keessatti hin barreeffanne. \s1 Itti Gaafatantoota Qabeenna Mootichaa \p \v 25 Ilmi Adii'elii Azmaaweti, itti gaafatamaa qabeenna mana mootumma'aa ti; ilmi Uziya'aa Yonaataan, itti gaafatamaa qabeenna biyya keessaa, qabeenna qachoota keessaa, qabeenna ollaa keessaatii fi xelleephoo keessaa ti. \p \v 26 Ilmi Keluubii Ezri itti gaafatamaa hujii fichaa qonnaa ti. \p \v 27 Nami qachaa Raamaatii Shime'i itti gaafatamaa fichaa muka woyni'ii ti; Zabdiin nami Shiifmii itti gaafatamaa cunfaa midhaan woyni'ii ka fichaa muka woyni'ii keessatti kuufamuu ti. \p \v 28 Ba'aal-Hanaan nami Gederii itti gaafatamaa mukoota ejersaatii fi mukoota harru'uu kooba karaa seensa adu'uutiin jalaa ti; Yo'aas itti gaafatamaa kuusaa zayitii ejersaa ti. \p \v 29 Nami Shaaronii Shiitraay, itti gaafatamaa loon Shaaron keessa tikatanuu ti; ilmi Adlaayimii Shaafaax itti gaafatamaa loon dhooqa keessa tikatanuu ti. \v 30 Obiiliin Ishimaa'elichi itti gaafatamaa gaalaa ti; nami Meronootii Yedaa'iyaan, itti gaafatamaa harreele'ee ti. \p \v 31 Nami Hagirii Yaaziiz, itti gaafatamaa hoolotaa ti; isaan martinuu itti gaafatantoota qabeenna Daawitii mootichaa ti. \v 32 Abbaa diqqaan Daawitii mootichaa Yonaataan, ka namatti gorsu, nama hubata'aa fi beeka'a. Yehii'el ilmi Hakmonii ilmaan mootichaa guddisaa ture. \v 33 Ahiitofel gorsaa mootichaa ti; Hushaayi nami kolbaa Arkii lansa mootichaa ti. \v 34 Ahiitofelitti aanee ilmi Benaayaatii Yehoyaadaan, isatti aanee Abiyaataar addee fudhatane. Yo'aab ajajaa loltoota mootichaa te'e. \c 28 \s1 Daawiti Galma Waaqaa Ijaariisaaf Qajeelfama Baase \p \v 1 Mootichi Daawiti qondaaltota kolbaa Israa'elii mara sooressitoota gosaa, ajajjoota kutaa loltootaa, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, itti gaafatantoota qabeenna maraa, itti gaafatantoota loon mootichaatii fi ilmaan isaa, qondaaltota mana mootumma'aatii fi loltoota gootota Yerusaalemitti wolitti waame. \p \v 2 Achiin duuba mootichi Daawiti ka'ee dhaabatee, «Obboleeyyan tiyya, kolbaa tiyya, na dhage'a'a. Ani mana Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa keessa tee'u, miilli Waaqa keennaa ka keessa ijjatu ijaariisaaf yaadadhee, ijaariisaafille qophii godhadheera. \v 3 Waaqi ammoo anaan, ‹Ati nama woraanaa, ka dhiiga dhangalaaseeru waan teeteef, ati Maqaa kiyyaaf mana hin ijaartu› jedhe. \v 4 Te'uu malee Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani kolbaa Israa'elii haga bara baraa bulchuuf, maatii abbaa kiyyaa duudii keessaa na fileera. Gosa Yihuda'aa sooressitoota akka te'anuuf, sanyii Yihuda'aa keessalle'ee maatii abbaa kiyyaa filatee, ilmaan abbaa kiyyaa keessalle'ee akka ani kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'uuf natti gammadeera. \v 5 Mootiin Waan Maraa ilmaan hedduu naa kenneera; ilmaan tiyya mara keessalle'ee barcumaa mootumma'aa ka mootummaa Mootii Waan Maraa irra tee'ee, kolbaa Israa'elii mara akka bulchuuf ilma kiyya Solomoon filateera. \v 6 Mootiin Waan Maraa anaan, ‹Ilmi keeti Solomoon ilma kiyya akka naaf te'u, ani abbaa akka isaaf te'u waan filadheef, inni mana kiyyaa fi badhinna mura'aa kiyya naaf hin ijaara. \v 7 Inni akkuma amma godhu kana, ajajaa fi seera kiyya jabeessee yoo eege, ani mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa› jedhe. \p \v 8 «Maarre amma ani lafa dansaa tana akka dhaaltanuu fi ijoollee teessaniifille dhaala bara baraa akka gootanuuf, ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka dansaa akka eegattanuuf, kolbaa Israa'elii mara, wolde'a Waaqaa duratti, Waaqa keenna ka nu dhage'uu fi ka nu dhaggu duratti isin ajaja. \p \v 9 «Atille Solomoon, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa gadhaa nama maraa qorqoree waan ilaaluuf, yaada namaatii fi karoora namaa waan beekuuf, Waaqa abbaa keetii beekiitii, gadhaa tokkochaa fi qalbii fedhii qadduun isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde, isa hin dhaggita; ati yoo isa lakkitte innille haga bara baraa si hin lakkisa. \v 10 Kunoo, addee woyyittii Galma Waaqaa akka ijaartuuf, Mootiin Waan Maraa si filateera; atille jabaadhuutii hujadhu» jedhe. \p \v 11 Achiin duuba Daawiti fakkii karoora ijaarsaa ta soroo Galma Waaqaa, ta kutaa badhoo mana keessaa, ta kutaa meya gatii guddo'oo keessa keyanuu, kolloota mana mana irraa, kolloota gara keessaa ta addee araarri cubbuu kolba'aa itti kennamuu ilma ifii Solomoonitti kenne. \v 12 Inni fakkii karoora badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa, kolloota Galma sanitti naanneffamanee ijaaranuu mara, kolloota qabeenna Galma Waaqaatii fi waan Waaqaaf adda baye keessa keyanu akka qalbii isaa keessaa qabutti ilma ifiititti kenne. \v 13 Inni ammalle ramaddii hayyootaatii fi Lewwootaa maan akka hujanu, hujiin tajaajila Galma Mootii Waan Maraa keessaa marti attam akka hujantu, meen achi keessa ittiin hujanu kam akka te'e isatti hime. \v 14 Meya worqii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujiisaaf barbaachisuuf, haga worqii isaa, meya meetii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujatiisaaf barbaachisuufille haga meetii isaa, \v 15 akkuma tajaajila waan issaan irra keyamuutitti, waan issaa irra keyanu ka worqii irraa hujamee fi issaa isaa ka worqii irraa hujame haga worqii isaa, waan issaan irra keyamu ka meetii irraa hujamee fi issaa isaa ka meetii irraa hujame haga meetii isaa, \v 16 xarapheessaa daabboo Waaqaaf woyyoontu irra keyanu tokko tokkoo isaatiif, haga worqii isaa, xarapheessaa meetii irraa hujamuuf, haga meetii isaa, \v 17 filaa fooniitiif, qori'iif, muduunu'uuf, worqii qulluu; qorii boollitti'iifille tokko tokkoofuu haga worqii isi'ii, qorii meeti'iitiifille tokko tokkoofuu haga meetii isi'ii, \v 18 addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamuuf, worqii baqisiifante, akkasuma fakkii karooraa ta ifii garreettaa harkifamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka worqii irraa hujamee, koollii isaanii Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa irra gonboobeeru san itti kenne. \v 19 Daawiti, «Karoorri kun martinuu Mootiin Waan Maraa na qajeelchee barreeffame; inni na qarqaaree waan karoora kana keessa jiru mara hubadhe» jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Jabaadhu, jajjabaadhuutii huji. Waaqi kiyya, Mootiin Waan Maraa Waaqi si woliin waan jiruuf, hin sodaatin, hin nayinille'e. Haga hujiin Galma Waaqaa tun hobbaatutti inni si hin lakkisu yookiin si hin gatu. \v 21 Kunoo, hayyootii fi Lewwooti hujii Galma Waaqaa maraaf ramadamanee qophowaneeran; worri hujii harkaatiin ogeeyyii te'ane, hujiisaafille fedhii ka qabanu marti si hin qarqaaran. Qondaaltotii fi kolbaan marti waan ati ajajje mara hin fudhatan» jedhe. \c 29 \s1 Kennansa Ijaarsa Galma Waaqaatiif Kenname \p \v 1 Achiin duuba mootichi Daawiti gumii san maraan, «Ilmi kiyya Solomoon ka Waaqi filate kun mucaa diqqa'a; muuxannoolle hin qabu. Manni guddaan ijaaramu kun Mootii Waan Maraa Waaqaaf ijaarama malee, namaafii moti; tanaaf hujiin isaa tun hujii guddo'o. \v 2 Kunoo, ani haga hunna tiyyaatitti, Galma Waaqa kiyyaa ijaariisaaf meya worqii irraa hujamuuf worqii, meya meetii irraa hujamuuf meetii, meya sageettuu irraa hujamuuf sageettuu, meya sibiila irraa hujamuuf sibiila, meya muka irraa hujamuuf muka, akkasuma dhakaa Sardoniikiille, dhakaa gatii guddo'oo ka tarree galchanee ittiin mana miidhassanu, dhakaa gurraacha calalaqaa, dhakaa gatii guddo'oo ka bifa adda addaatii fi dhakaa adii calalaqaa baceessee qopheesseera. Isaan kana mara baceessee wolitti qabeera. \v 3 Kana maleelle, ani jaalaltii hujii Galma Waaqaa waan qabuuf, waan qara Galma Waaqaa kanaaf qopheesse irratti dabalee, qabeenna kiyya keessaa worqi'ii fi meetii hin kenna: \v 4 Dalleya Galma Waaqaa midhassiisaaf worqii Ofiirii gara kiiloogiraama kuma dhibbaatii fi meetii gara kiiloogiraama kuma dhibba lamaa fi kuma afurtamaa, \v 5 meya ogeessoti hujanu maraaf, ka worqi'iin hujamuuf worqii, ka meetii irraa hujamuuf meetii hin kenna. Maarre adha fedha ifiitiin ka Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsu eennu ree?» jedhe. \p \v 6 Achiin duuba sooreyyiin maati'ii, qondaaltoti gosa Israa'elii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi itti gaafatantooti hujii mootichaa fedha ifiitiin kennansa kennane. \v 7 Ijaarsa Galma Waaqaatiif worqii gara kiiloogiraama kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatama caaltu, meetii gara kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi kuma afurtama caaltu, sageettuu gara kiiloogiraama kuma dhibba jaa fi kuma diddamaa kenniisaaf murteessane. Sibiila gara kiiloogiraama miliyoona sadii fi kuma dhibba afurii fi kuma shantama. \v 8 Worri dhakaa gatii guddo'oo qabanu, ka qabeenna Galma Waaqaa eegu Yehii'elii Geshoonichatti kennane. \s1 Daawiti Waaqa Leellise \p \v 9 Sooressitooti isaanii fedha ifiitiin, gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatiif waan kenniteef, kolbaan gammadde. Mootichi Daawitille guddoo gammade. \v 10 Mootichi Daawiti achitti kolbaa mara duratti Mootii Waan Maraa leellisee, «Waaqa abbaa keenna Israa'elii haga bara baraa leellifami. \v 11 Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a; hunnaamessalle'e. Ulfinni, baalli'ii fi arnyi keeti. Wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jirtu marti teeti; ati mooticha waan maraan olii ti. \v 12 Durumma'aa fi ulfinni marti si biraa dhufan. Ati jabeennaa fi hunna teetiin waan mara bulchita. Ati nama mara gudda'aa fi jabaa tolchuu hin dandeetta. \v 13 Amma, Waaqa keenna, si galateeffanna; maqaa keeti ulfaataa hin leellifanna. \p \v 14 «Nuuti fedha keennaan akkas akka kenninu ka nu dandeessitte ani eennu? Kolbaan tiyyalle eennu? Wonni marti kennansa si biraa nuuf dhufe; waanuma duruu keeti te'e qofa deebinnee siif kennine. \v 15 Nuuti si duratti akkuma abbootii teenna ta durii akka alaga'aatii fi akka keessumma'aa ti. Barri keenna lafa irratti akka gaaddisaa ti; du'a jalaa miliquu hin dandeennu. \v 16 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna, ulfinna Maqaa keeti woyyichaatiif Galma ijaariisaaf, meyaa fi horiin bacaan nuuti sii kennine marti si biraa nuu dhufane; wonni kun martinuu teeti. \v 17 Waaqa kiyya, ati gadhaa namaa akka qorqortuu fi yaada qajeela'atti akka ati gammaddu ani hin beeka. Tanaaf, ani waan kana maraayyuu fedha kiyyaan, yaada qajeela'aan kenneera; kolbaan teeti ta asitti dachaateertulle fedha ifiitiin kennansa sii kenniisaaf attam akka gammadelle ani dhaggeera. \v 18 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teenna ta durii ka Abrahaamii, ka Yisihaqii, ka Israa'elii yaada kolbaan teeti sii kennite kana haga bara baraa gadhaa isaanii keessatti isaaniif eegi; akka si'iif addatamanulle godhi. \v 19 Ilmi kiyya Solomoon ajaja, seeraa fi seerata keeti eegatee, waan ani qophii godheen Galma ijaariisa akka dande'u fedhii guutuu isaaf kenni» jedhe. \p \v 20 Achiin duuba Daawiti kolbaa san duudi'iin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keessan leellisa'a!» jedhe. Kolbaan sun duudiin Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii leellifatte; isaan gad jedhanee, Mootii Waan Maraatii fi mootichaafille ulfinna kennane. \s1 Solomoon Mootii Te'e \p \v 21 Boruyyaa isaan ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane; kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif korommii kuma tokko, korbeeyyii hoole'ee kuma tokko, buruusoo korbeeyyii hoole'ee kuma tokko kennansa unto'oo woliin, ciincaan bacaan marroo kolbaa Israa'elii maraatiif dhikaate. \v 22 Gaafa san isaan gammada gudda'aan Mootii Waan Maraa duratti nyaatanee unane. \p Achiin duuba isaan ilma Daawitii Solomoon akka inni mootii te'u yennaa lammeesso'oo Mootii Waan Maraa duratti muudane; Zaadoqille akka hayyuu te'u muudane. \v 23 Achiin duuba Solomoon addee abbaa ifii Daawitiititti, barcumaa Mootii Waan Maraa irra tee'e. Wonni marti isaaf teetee, kolbaan Israa'elii martille isaaf ajajante. \v 24 Sooressitootii fi dhiirti goototi marti, ilmaan Daawitii mootichaa martille, akka isaaf ajajamanu Solomoonii mootichaaf mirkaneessane. \v 25 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii mara biratti Solomoon, nama guddoo beekkamaa akka te'u godhee, arnya mootumma'aa ka mootota isaan qara Israa'el irratti mootii te'ane irra ijjumaa hin jirre, isaaf kenne. \s1 Du'a Daawitii \p \v 26 Ilmi Iseyii Daawiti kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'e. \v 27 Inni Kebroon keessa tee'ee woggaa torba, Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii sad, wolumatti inni woggaa afurtama Israa'el bulche. \v 28 Achiin duuba inni durumma'aa fi ulfinna dhaggatee, bara hedduu le'ee, dulloomee du'e. Ilmi isaa Solomoon addee isaatitti mootii te'e. \v 29 Wonni mootichi Daawiti bara mootummaa ifii keessa huje, jalqabaa haga dhumaatitti, kitaaba dabarsi'ii ka Saamu'elii mudhii dhagguu, kitaaba dabarsi'ii ka Naataanii raagichaatii fi kitaaba dabarsi'ii ka Gaadii mudhii dhagguu keessatti dhaggama. \v 30 Barreeffama san keessatti marroon mootummaa isaa, marroon gootummaa isaa, wonni isa irra dhaqqabe, wonni kolbaa Israa'elii irra dhaqqabe, wonni mootummoota biyya lafaa ta dhibii irralle dhaqqabe martinuu barreeffameera.